LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be ful. 4-ful. 8 key. 1
  • Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitti Baga Nagaan Dhufte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitti Baga Nagaan Dhufte
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Guutummaatti Faayidaa Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be ful. 4-ful. 8 key. 1
Fakkii fuula 5⁠rra jiru

Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitti Baga Nagaan Dhufte

ADDUNYAA maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi biyyoota 200 ol taʼan keessatti argaman, torban torbaniin Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa faayidaa argachaa jiru. Namoota kana keessaa tokko tokko haaraa yommuu taʼan, kaanimmoo waggoota hedduudhaaf mana barumsaa kanarratti hirmaachaa turaniiru. Barumsi kun gumiiwwan kuma hedduudhaan lakkaaʼaman keessatti kennama. Bakka kamiyyuu yoo jiraatte, barumsa kana argachuu dandeessa. Namoonni umrii, sanyiifi sadarkaa barumsaa garagaraa qaban hundi, kaffaltii malee barumsa tiʼookraasii kanarraa faayidaa argachaa jiru.

Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii kun bara 1943⁠tti yommuu jalqabame, kaayyoo mana barumsichaa ilaalchisee yaanni akkas jedhu kennamee ture: ‘Dhiironni “amanamoo” taʼan, jechuunis warri Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii isarratti amantii qabaachuusaanii argisiisan, “warra kaan barsiisuuf qophaaʼoo akka taʼan,” akkasumas waaʼee abdiisaanii akka lallabaniifi karaa buʼa qabeessa taʼeen akka hidhatan isaan gargaaruuf yaadamee kan qophaaʼedha.’ (Koorsii Tajaajila Tiʼookraasii ful. 4) Harʼas, kaayyoon Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii hin jijjiiramne.

Hundi keenya dandeettii dubbachuu Waaqayyo nuu kennetti fayyadamnee, wanta hundarra caalu akkamii raawwachuu dandeenya? Macaafni Qulqulluun, “Wanti hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu!” jedha. (Far. 150:6) Kana yoo goone, garaa Abbaa keenya isa samii ciibsuu dandeenya. Kunimmoo gaarummaafi jaalala inni nutti argisiiseef galata qabnu karaa itti argisiisnu keessaa tokkodha. Phaawulos, “Utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhiʼeessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa baʼuu dha” jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeessuunsaa sirriidha. (Ibr. 13:15) Kennaa Waaqayyo biraa argatte kanatti fayyadamtee, caalaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen isa jajachuuf waan si gargaaruuf, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitti baga nagaan dhufte jennee si simanna.

Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii keessatti dandeettii sabaaf dubbisuu, dubbachuufi barsiisuutiif xiyyeeffannaa guddaan kan kennamu yoo taʼeyyuu, faayidaan mana barumsaa kanarraa argamu kana qofadha jechuu miti. Mana barumsaa kanarratti yommuu hirmaattu, dubbisuu, dhaggeeffachuu, yaadachuu, qayyabachuu, qorannaa gochuu, gadi fageenyaan irratti yaaduufi qindeessuu, namootaa wajjin mariʼachuu, gaaffiidhaaf deebii kennuufi yaada ofii barreeffamaan ibsuu ilaalchisee dandeettiikee guddifachuu dandeessa. Yaadawwan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii keessatti qayyabannaadhaaf, yaada kennuufi kutaa dhiheessuuf itti gargaaramnu, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼanidha. Dhugaa gati jabeessa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu kanaan sammuukee yommuu guuttu, ilaalchi Waaqayyoo maal akka taʼe hubachuu dandeessa. Kunimmoo guutummaa jireenya keenyaatti faayidaa nuuf argamsiisa! Jaarraa 20maffaatti barsiisaa yunivarsiitii kan taʼan Wiiliyaam Liyoon Feelpis, faayidaa Dubbiin Waaqayyoo qabu ilaalchisee akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Namni tokko Macaafa Qulqulluu akka gaariitti kan beeku yoo taʼe nama baratedha jedhamuu dandaʼa. . . . Nama beekumsa Macaafa Qulqulluu utuu hin qabaatin kolleejjiidhaa eebbifame mannaa, namni beekumsa Macaafa Qulqulluu qabaatee kolleejjiidhaa hin eebbifamne akka caalu nan amana.”

Guutummaatti Faayidaa Argachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Fakkii guutuu fuula 4⁠rra jiru

Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa guutummaatti faayidaa argachuuf dhuunfaatti carraaqqii gochuu akka qabdu beekamaadha. Phaawulos ergamaan, Ximotewosiin, “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” jechuudhaan gorseera. (1 Xim. 4:15) Haataʼu malee, qophii kanarraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabda?

Torban torbaniin Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti argamuuf carraaqqii godhi. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu kanatti akka gaariitti gargaarami. Bakka duwwaa fuula jalqabaarratti argamuufi “Maqaa baratichaa” jedhurratti maqaakee barreeffadhu. Yeroo mana barumsichaarratti argamtu hundaatti kitaaba kana qabadhuu kottu. Kitaabni kun bakka barataan yaadannoo irratti qabachuu dandaʼus qaba. Qabxiiwwan barbaachisaa taʼan yommuu argattu jala muri. Qabxiiwwan gaarii mana barumsichaarraa argattu bakka yaadannoo qabachuuf dhiifamerratti barreeffachuu dandeessa.

Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti torban torbaniin geggeeffamurratti dhihaataniif yommuu qophooftu, kitaabni guddaan irraa barannu Macaafa Qulqulluu taʼuusaa hin dagatin. Dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanatti geggeeffamuuf dursa kennii qophaaʼi. Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti dhihaatan kaanis dursitee dubbisuunkee baayʼee si gargaaruu dandaʼa.

Dhaggeeffattoonni mana barumsichaarratti hirmaachuuf carraa waan argataniif, atis guutummaatti carraa kanatti fayyadami. Hirmaannaa akkasii gochuunkee, wanta dhageesse yaadachuufi hojiirra oolchuuf si gargaara.

Barattoonni hundi gumii keessatti haasaafi hojiin argisiisa dhiheessuuf carraa argatu. Carraa kanatti akka gaariitti fayyadami. Mala haasaa sii kenname fooyyessuuf carraaqqii godhi. Gorsi guddina argisiisuukee akka itti fuftu si gargaaru sii kennama. Kanaaf, gorsa sii kennamu gammachuudhaan fudhadhu. Wanta fooyyessuu qabdu ilaalchisee gorsa sii kenname kitaaba keerratti barreeffachuu dandeessa. Dadhabinni nama tokkoo abbichatti waan hin beekamneef, yaanniifi gorsi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan jaalalaan sii kennamu, guddina argisiisuuf si gargaara. Waggoota hedduudhaaf Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kan hirmaatte yoo taatellee gorsi kun si fayyaduu dandaʼa.—Fak. 1:5.

Daftee guddina argisiisuu barbaaddaa? Dhuunfaatti carraaqqii yoo goote daftee guddachuu dandeessa. Kutaawwan hunda dursii qophaaʼi. Kana gochuunkee, namni kutaan kennameef yoo hafe, kuticha dhiheessuuf carraa kan sii banu siʼa taʼu, kunimmoo caalaatti muuxannoo akka argattu si gargaara. Akkaataa warri kaan kutaasaanii itti dhiheessan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Hundi keenya barumsa walirraa arganna.

Kana malees haallikee sii heyyama taanaan, kitaaba kana dursitee qayyabachuudhaan daftee guddina argisiisuu dandeessa. Matadureewwan kanatti aansanii jiran 15 akka gaariitti erga qorattee booda, kutaawwan fuula 78 kaasee jiraniifi “Matadureewwan Dandeettii Dubbachuufi Barsiisuu Guddifachuuf Gargaaran” jedhu qayyabachuukee itti fufi. Tokkoon tokkoon mataduree erga qayyabattee booda, gilgaala dhuma mataduree sanaa jalatti argamu hojjedhu. Barumsa argatte tajaajilarratti hojjiirra oolchi. Akkas gochuunkee, dandeettii Dubbii Waaqayyoo dubbachuufi barsiisurratti qabdu sii guddisuu dandaʼa.

Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, wantoota jireenyakee keessaatti bakka guddaa kennuu qabduuf akka of qopheessitu si gargaara. Lubbuudhaan jiraachuu kan dandeenye fedha Waaqayyootiin waan taʼeef, isa jajachuun keenya kaayyoo itti uumamne akka hubanne argisiisa. Yihowaan hundumaa caalaa jajamuu qaba. (Mul. 4:11) Barumsi mana barumsichaarraa argannu, sirriitti akka yaannu, ogummaadhaan akka deddeebinuufi dhugaa dinqisiisaa Waaqayyo Dubbiisaa keessatti barreessise, karaa buʼa qabeessa taʼeen warra kaanitti himuudhaan Yihowaa jajachuuf nu gargaara.

KUTAAWWAN MANA BARUMSICHAATTI DHIHAATAN

  • Sagantaa dubbisa torbanii, qayyabannaafi qorannaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe

  • Dandeettii dubbisuu, dubbachuufi warra kaan barsiisuu guddifachuuf gargaaru

  • Maree gaaffiifi deebiidhaan dhihaaturratti hirmaachuu

  • Gumii keessatti kutaa dhiheessuuf carraa argachuu

  • Gorsa guddina argisiisuuf gargaaru

DANDEETTIIWWAN XIYYEEFFANNAAN KENNAMEEF

  • Dhaggeeffachuufi yaadachuu

  • Dubbisuu

  • Qayyabachuu

  • Qorannaa gochuu

  • Gadi fageenyaan irratti yaaduufi qindeessuu

  • Mariʼachuu

  • Gaaffiiwwaniif deebii kennuu

  • Yaada ofii barreeffamaan ibsuu

BUʼUURA BARUMSICHAA

Namootaa wajjin akka gaariitti haasaʼuun ogummaa mataasaa dandaʼedha. Namoonni hundi dandeettii kana qabu jechuun hin dandaʼamu. Kitaabonni hedduun namoonni gama kanaan fooyyaʼiinsa akka godhan gargaaruuf qophaaʼaniiru. Taʼus, qaamni Uumaa keenya isa dandeettii dubbachuu namootaaf kenne caalaa, waaʼee dubbachuufi barsiisuu beeku hin jiru. Ilmisaa inni tokkichis, sammuu namaafi dandeettii dubbachuu dabalatee, hojiiwwan uumamaa dinqisiisoo taʼan uumuurratti Hojjetaa Isa Guddaa taʼee Yihowaa wajjin hojjeteera.

Ergamoonni, achiis ilmaan namootaa erga uumamanii boodammoo, Ilmi kun Sagalee Waaqayyoo taʼee kan tajaajile siʼa taʼu, Waaqayyo qajeelfama isaanii kennuufis isatti fayyadameera. (Fak. 8:30; Yoh. 1:1-3) Ilmi Waaqayyoo kun isa yeroo booda gara lafaatti ergameefi Gooftaa Yesus Kiristos jedhamee waamamedha. Macaafni Qulqulluun waaʼeesaa ilaalchisee, “Namoonni naʼanii barsiisa isaa in dinqisiifatan” jedha. Warri isa dhaggeeffatanis, “Akka namicha kanaatti takkaa namni dubbatee hin beeku” jechuudhaan dhugaa baʼaniiru. (Mat. 7:28; Yoh. 7:46) Yesus Wangeelota keessatti al 40 ol Barsiisaa jedhamee kan waamame kanaafidha. Dandeettii dubbachuufi barsiisuu ilaalchisee wantoota hedduu isarraa barannu qabna.

Kana malees, Yihowaan fedhasaa akka raawwataniif, dhiirotaafi dubartoota haala garagaraa qabanitti akkamitti akka fayyadame seenaan ibsu Macaafa Qulqulluurratti galmeeffameera. Isaan keessaa tokko tokko ergaawwan gaggabaaboo kan barreessan taʼuyyuu, ergaawwan kun humna guddaa qabu. Baayʼeensaanii namoota hedduu duratti haasaa dhiheessuu baatanis, waaʼee Waaqayyoofi waaʼee kaayyoosaa amanamummaadhaan dhugaa baʼaniiru. Hedduunsaanii namoota akka gaariitti dubbachuu dandaʼan taʼuu baatanis, Yihowaan carraaqqiisaanii akka isaaniif eebbise beekamaadha. Namoonni kun tajaajilasaanii akkamitti akka raawwatan Macaafa Qulqulluurraa hubachuu dandeenya.—Far. 68:11.

Macaafni Qulqulluun, kitaaba haasaa ittiin baratan akka hin taane beekamaadha. Taʼus namoonni hubannaadhaan dubbisan, dandeettii dubbachuufi barsiisuu ilaalchisee barumsa gaarii irraa argachuu dandaʼu. Kitaabni Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu gama kanaan guddina gochuuf si gargaara.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi