LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 14 ful. 163-172
  • Bara Dullumaatti Wal Gargaaranii Jiraachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bara Dullumaatti Wal Gargaaranii Jiraachuu
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YEROO IJOOLLEEN OF DANDA’ANII MANAA BA’AN HAALA UUMAMU DANDA’ANII JIRAACHUU
  • WALITTI DHUFEENYA HIRYAA GAA’ELAA KEESSANII WAJJIN QABDAN HAAROMSAA
  • IJOOLLEE IJOOLLEE KEESSANIITTI GAMMADAA
  • HAALA KEESSAN UMRII KEESSANII WAJJIN WAL SIMSIISAA
  • GADDA DUUTI HIRIYAA GAA’ELAA KEESSANII ISINIRRAAN GA’U MO’UU
  • BARA DULLUMAATTIS WAAQAYYO BIRATTI GATII GUDDAA QABDU
  • Maatiin Keessan Gara Fuulduraatiif Haala Amansiisaa Akka Qabaatu Godhaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Yihowaan Maanguddoota Isa Tajaajilaniif Garaadhaa Ni Yaada
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Maanguddootaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 14 ful. 163-172

BOQONNAA KUDHA AFUR

Bara Dullumaatti Wal Gargaaranii Jiraachuu

1, 2. (a) Yeroo dulloomaa deemnu jijjiirama akkamiitu dhufa? (b) Namoonni Waaqayyoo bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti turan dulluma keessa gammachuu kan argatan akkamitti?

YEROO dulloomaa deemnu jijjiirama baay’eetu nurratti mul’ata. Qaamni keenya dadhabuunsaa humna nu dhabsiisa. Daawwitiidhaan yommuu of ilaallu fuulli keenya shuntuuruusaafi rifeensi mataa keenyaa suuta suutaan addaachaa, akkasumas haphachaa akka jiru argina. Wantoota tokko tokko yaadachuu dadhabuun keenya nu dhiphisa ta’a. Ijoolleen keenya yeroo fuudhan ykn heeruman, akkasumas yeroo ijoollee godhatan firoota haaraa arganna. Namoonni tokko tokko yeroo soorama ba’an haalli jireenyasaanii ni jijjiirama.

2 Dhugaadha, umriin adeemuunsaa baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a. (Lallaba 12:1-8) Ta’uyyuu, tajaajiltoota Waaqayyoo bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti turan yaadadhaa. Dhumarratti kan du’an ta’uyyuu, ogummaafi hubannaa dulluma keessa gammachuu guddaa isaaniif argamsiise argachuu danda’aniiru. (Uumama 25:8; 35:29; Iyoob 12:12; 42:17) Hamma dullumaatti gammachuudhaan waliin jiraachuu kan danda’an akkamitti? Seera bu’uuraa yeroo har’aa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu wajjin haala wal simuun jiraachuusaaniitiin akka ta’e beekamaadha.—Faarfannaa 119:105; 2 Ximotewos 3:16, 17.

3. Phaawulos dhiirotaafi dubartoota dulloomaniif gorsa maal jedhu kenneera?

3 Phaawulos ergamaan xalayaa Tiitosiif barreesserratti, akkas jechuudhaan namoota dulloomaniif qajeelfama gaarii kenneera: “Maanguddoonni warri dhiirri warra dhugaatiitti of hin ganne, warra ulfina nama irraa qaban, warra of qaban, amantiidhaa fi jaalalatti obsattis warra seelkoo hin qabne haa ta’an! Akkasuma immoo dubartoonni dullooman amala warra akka qulqullootaatti fudhatamanii haa argisiisan! Wanta gaarii ta’e haa barsiisan malee, maqaa namaa balleessuun, dhugaatiidhaaf garboota ta’uun isaan irra hin jiru.” (Tiitoos 2:2, 3) Gorsa kana hojiirra oolchuun keessan, rakkoowwan dulluma keessa isinirra ga’an mo’uuf isin gargaaruu danda’a.

YEROO IJOOLLEEN OF DANDA’ANII MANAA BA’AN HAALA UUMAMU DANDA’ANII JIRAACHUU

4, 5. Yeroo ijoolleen manaa ba’an warra baay’eetti maaltu itti dhaga’ama? Warri tokko tokko haalasaa danda’anii jiraachuu kan danda’an akkamitti?

4 Gahee raawwachuu qabdanirratti jijjiirama gochuun haala keessan sirreessuu gaafata. Yeroo ijoolleen ga’eessota ta’an manaa ba’anii gaa’ela godhatan, kun dhugaa ta’uunsaa ni mirkanaa’a. Warri baay’een dulloomaa akka jiran kan hubatan yeroo kun ta’uttidha. Warri yeroo baay’ee ijoolleensaanii ga’eessota ta’uusaaniitti kan gammadan ta’uyyuu, ijoolleen keenya of danda’anii akka jiraatan isaan qopheessuuf waan dandeenyu hunda goonerramoo hin goone inni jedhu isaan yaaddessa. Maatii keessaa ijoolleesaanii dhabuun isaan gaddisiisa.

5 Warri, erga ijoolleensaanii of danda’anii manaa ba’anii boodayyuu waa’eesaanii yaadda’uu akka hin dhiisne beekamaadha. Haati tokko akkas jetteetti: “Fayyaa ta’uusaanii beekuuf yeroo hundumaa sagaleesaanii dhaga’uu utuun danda’ee baay’een gammada.” Abbaan ijoollee tokkommoo akkas jedheera: “Yeroon itti intalli keenya manaa baate baay’ee ulfaataa ture. Yeroo hunda waan hundumaa waliin waan hojjennuuf, maatii keenya keessaa wanti guddaan akka hir’ate natti dhaga’ama ture.” Warri kun miira ijoolleensaanii isaanirraa fagaachuusaaniitiin itti dhaga’ame kan mo’an akkamitti? Yeroo baay’ee kana gochuu kan danda’an, namoota kaaniif yaaduufi isaan gargaaruudhaani.

6. Walitti dhufeenya maatiitiif ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu gargaara?

6 Yommuu ijoolleen gaa’ela godhatan gaheen warraa ni jijjiirama. Uumamni 2:24 akkas jedha: “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.” Warri, seera bu’uuraa Waaqayyo waa’ee mataa maatiifi waa’ee seera qabaachuutiif baase hubachuunsaanii, waan hundumaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan isaan gargaara.—1 Qorontos 11:3; 14:33, 40.

7. Abbaan tokko ijoolleensaa heerumanii isa dhiisanii erga deemanii booda, ilaalcha gaarii akkamii guddifate?

7 Ijoolleensaanii lamaan heerumanii ennaa manaa ba’an, haatiifi abbaan tokko jireenyisaanii gatii akka hin qabne isaanitti dhaga’amee ture. Jalqabarratti, abbichi soddootasaatti muufatee ture. Haata’u malee, seera bu’uuraa waa’ee mataa maatii dubbaturratti waan xiinxaleef, amma maatiiwwansaaniitiif itti gaafatamummaa kan qaban abbootii manaa ijoolleesaa ta’uusaanii hubate. Kanaafis yommuu ijoolleensaa gorsa isa gaafatan, abbootiin manaasaanii maal akka yaadan erga isaan gaafatee booda hamma danda’e isaan gargaaruuf yaala. Amma soddaawwansaa akka michuutti kan isa ilaalan ta’uusaarrayyuu, gorsa inni isaanii kennu gammachuudhaan fudhatu.

8, 9. Warri tokko tokko, jijjiirama ijoolleensaanii of danda’anii manaa ba’uusaaniitiin dhufe amananii kan fudhatan akkamitti?

8 Namoonni reefuu wal fuudhan wanta Macaafni Qulqulluun dhowwu tokkollee yoo gochuu baatanis wanta warrisaanii gaariidha jedhan tokko yoo gochuu baatanhoo? Haatiifi abbaan ijoolleensaanii gaa’ela godhatan tokko akkas jechuudhaan ibsaniiru: “Yeroo hundumaa ilaalcha Yihowaan wanta tokkoof qabu akka hubatan isaan gargaarra; haata’u malee murtoo isaan godhanii wajjin walii galuu yoo baanneyyuu murtoosaanii fudhannee isaan deeggerra, akkasumas isaan jajjabeessina.”

9 Biyyoota Eeshiyaa tokko tokkotti, haadhotiin tokko tokko keessattuu ilmaansaanii of danda’anii manaa ba’uusaanii amanuun isaanitti ulfaata. Haata’u malee, seera Kiristiyaanummaafi seera mataa maatii ilaalchisee ba’eef kabaja yoo qabaatan, walitti bu’iinsi haadhotii manaa ijoolleesaanii wajjin uumamu akka hir’atu ni hubatu. Dubartiin Kiristiyaanni tokko, ilmaanshee of danda’anii manaa ba’uunsaanii “gammachuu guddaa” akka argamsiiseef dubbatteetti. Maatii bulchuuf dandeettii qabaachuusaanii arguun ishee gammachiiseera. Kunimmoo isheenis ta’e abbaan manaashee, ba’aa qaamaanis ta’e sammuudhaan yeroo dulloomaa deemanitti isaanitti ulfaatu isaaniif salphisa.

WALITTI DHUFEENYA HIRYAA GAA’ELAA KEESSANII WAJJIN QABDAN HAAROMSAA

Fakkii fuula 166rra jiru

Yommuu dulloomtan wal jaallachuu keessan waliif mirkaneessaa

10, 11. Gorsa Caaffata Qulqullaa’aarra jiru kamtu namoonni rakkina dulluma keessa isaanirra ga’u akka mo’an gargaara?

10 Namoonni gara dullumaatti yommuu deeman wanta addaddaa raawwatu. Dhiironni baay’een dargaggeessa fakkaachuuf jecha akkaataa uffannaasanii jijjiiru. Dubartoonni hedduunimmoo jijjiiramni laguunsaanii dhaabachuusaatiin isaanitti dhufu isaan yaaddessa. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni umrii ga’eessummaarra darban dargaggoota ykn shamarran saala faallaa kolomsuudhaan hiriyoonni gaa’elaasaanii akka mufataniifi akka hinaafan godhu. Dhiironni dulloomoon nama Waaqayyoo ta’an garuu, “warra of qaban” ta’uudhaan fedhii dogoggoraa ofirraa ittisu. (1 Phexros 4:7) Dubartoonni muuxannoo qabanis, abbootii manaasaanii waan jaallataniifi Yihowaa gammachiisuu waan barbaadaniif gaa’elasaanii jabeessuuf carraaqu.

11 Lemu’el Mootichi hafuura qulqulluutiin geggeeffamuudhaan “haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu,” ishee abbaa manaasheetiif ‘bara jereenya ishee hundumaatti wanta gaarii malee wanta hamaa isa irratti hin hojjenne’ jajuudhaan barreesseera. Abbaan manaa Kiristiyaanni tokko, carraaqqii haati manaasaa jeequmsa miiraa dulluma keessa isheetti dhaga’amu mo’uuf gootu dinqisiifachuu hin dhiisu. Jaalalli isheedhaaf qabu ‘ishee jajachuuf’ isa kakaasa.—Fakkeenya 31:10, 12, 28.

12. Hiriyoonni gaa’elaa umriinsaanii dabalaa yommuu dhufu walitti dhufeenyasaanii jabeessaa kan adeeman akkamitti?

12 Waggoota ijoollee guddisuudhaan qabamtanitti, lamaan keessaniyyuu wanta ijoollee keessaniif barbaachisu guutuuf jecha gammachuudhaan fedhii mataa keessanii duubatti dhiistanii turtan. Erga of danda’anii manaa ba’anii booda garuu, xiyyeeffannaa keessan gara jireenya gaa’ela keessaniitti deebisuu qabdu. Abbaan manaa tokko akkas jedheera: “Ijoolleen durbaa keenya erga manaa ba’anii booda, akka haaraatti haadha manaa koo wajjin xiyyeeffannaa walii kennuu jalqabne.” Abbaan manaa kan biraanimmoo akkas jedhe: “Tokkoon tokkoon keenya waa’ee fayyaa walii yaanna; akkasumas sochii jabina qaamaa gochuun barbaachisaa ta’uusaa wal yaadachiisna.” Kophummaan akka isaanitti hin dhaga’amneefimmoo inniifi haati manaasaa miseensota gumiisaanii akka gaariitti ni keessumsiisu. Eeyyee, namoota kaaniif waan gaarii gochuun eebba argamsiisa. Caalaattimmoo Yihowaa gammachiisa.—Filiphisiiyus 2:4; Ibroota 13:2, 16.

13. Ifatti waliin haasa’uufi amanamummaan, hiriyoota gaa’elaa dullooman gidduutti gahee akkamii qaba?

13 Yeroon itti hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin hin haasofne akka baay’atu hin godhinaa. Ifatti waliin haasa’aa. (Fakkeenya 17:27) Abbaan manaa tokko, “Wal jaallachuufi walii yaaduudhaan xiyyeeffannaa walii kennina” jedheera. Haati manaasaas akkas jechuudhaan kanarratti walii galteetti: “Yeroo dulloomaa deemnutti, waliin taanee shaayii dhuguu, waliin haasa’uufi wal gargaaruu amaleeffanneerra.” Ifatti haasa’uufi dhugaasaa dubbachuun keessan, dhiibbaa Seexanni inni diina gaa’elaa ta’e isinirra geessisu fashaleessuuf jabina akka argattaniifi walitti dhufeenya isin gidduu jiru akka cimsitan isin gargaaruu danda’a.

IJOOLLEE IJOOLLEE KEESSANIITTI GAMMADAA

14. Ximotewos Kiristiyaana ta’ee akka guddatuuf akkoonsaa gahee akkamii raawwatteetti?

14 Ijoolleen ijoollee maanguddootaaf “gonfoo dha.” (Fakkeenya 17:6) Ijoollee ijoollee ofii wajjin ta’uun dhugumaan kan nama gammachiisuufi kan nama haaromsudha. Macaafni Qulqulluun, waa’ee Lo’is, ishee intalashee Ewuniiqee wajjin ta’uudhaan ilma intalashee kan ta’e Ximotewos waa’ee amantaashee barsiisaa turtee dubbata. Mucaa xinnoon kun ijoollummaasaatii kaasee haatisaafi akkoonsaa dhugaa Macaafa Qulqulluutiif bakka guddaa akka kennan beeka ture.—2 Ximotewos 1:5; 3:14, 15.

15. Akkoofi akaakayyuun, ijoollee ijoolleesaanii ilaalchisee gahee guddaa akkamii raawwachuu danda’u? Ta’uyyuu maal gochuu hin qaban?

15 Kanaafuu warri ijoollee ijoollee qaban karaa kanaan gahee guddaa raawwachuu danda’u. Isin warri akkoofi akaakayyuu taatan, beekumsa waa’ee Yihowaa qabdan ijoollee keessan barsiistaniittu. Dhaloota kan biraatiifis kana gochuu ni dandeessu! Ijoollee xixinnoo baay’een, seenaa Macaafa Qulqulluu akkoofi akaakayyuunsaanii itti himan dhaggeeffachuun isaan gammachiisa. Kana jechuun itti gaafatamummaa abbootiin dhugaa Macaafa Qulqulluu irra deddeebi’anii ijoolleesaanii barsiisuuf qaban ni fudhattu jechuu miti. (Keessa Deebii 6:7) Kanaa mannaa itti gaafatamummaasaanii kanaaf deggersa gootu. Kadhannaan keessan akkuma faarfatichi akkas jedhe haa ta’u: “Irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo ta’e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!”—Faarfannaa 71:18; 78:5, 6.

16. Akkoofi akaakayyuun maatii keessatti rakkina uumuurraa fagaachuu kan danda’an akkamitti?

16 Kan nama gaddisiisummoo, akkoofi akaakayyuun tokko tokko ijoollee ijoolleesaanii garmalee qanansiisuusaaniitiin kan ka’e, ijoolleesaanii warra gurguddaa wajjin walii galuu dadhabu. Haata’u malee gaarummaan ijoollee ijoollee keessaniitti argisiistan, dhimmawwan warrasaaniitti himuu sodaatan tokko tokko isinitti himuun salphaa akka isaaniif ta’u godha. Yeroo tokko tokko ijoollee xixinnoon kun, akkoofi akaakayyuunsaanii warri isaan qanansiisan isaanirra goruudhaan warrasaanii akka isaanirraa dhowwan abdatu. Yeroo kanatti maal gochuu qabdu? Malaan fayyadamuudhaan ijoolleen ijoollee keessanii warrasaanii wajjin ifatti akka waliin haasa’an jajjabeessaa. Kana gochuunsaanii Yihowaa akka gammachiisu ibsaafii. (Efesoon 6:1-3) Yoo barbaachisaa ta’es akkoofi akaakayyuun, rakkoo ijoollee ijoolleesaanii warra ijoolleetti dursanii himuudhaan, warriifi ijoolleen akka waliin mari’atan gochuu danda’u. Wanta umrii dheeraa dabarsitan keessatti barattan ijoollee ijoollee keessanitti ifatti himaa. Amanamummaadhaaniifi dhoksaa malee dubbachuun keessan isaan fayyaduu danda’a.

HAALA KEESSAN UMRII KEESSANII WAJJIN WAL SIMSIISAA

17. Kiristiyaanonni dullooman murtoo faarfatichaa isa kam hordofuu qabu?

17 Yeroo dulloomaa deemtanitti, akka sanaan duraatti hojjechuu ykn wanta feetan hunda gochuu akka hin dandeenye hubattu. Namni tokko jijjiirama dullumni fidu fudhachuufi mo’uu kan danda’u akkamitti? Keessa keessanitti akka dargaggeessa waggaa 30⁠tti isinitti dhaga’ama ta’a; daawwitiidhaan yommuu of ilaaltan garuu dhugaansaa akkas miti. Ta’uyyuu abdii hin kutatinaa. Faarfatichi, “Bara dullumaatti ana hin gatin, yeroo humni koo dhumus ana hin dhiisin!” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. Murtoo akka faarfatichaa qabaachuuf kutadhaa. Inni, “Ittuma fufeen si eeggadha, isa ani ittiin si jajadhu hundumaas ittan caalchisa” jedhee ture.—Faarfannaa 71:9, 14.

18. Kiristiyaanni ogeessi tokko yeroo soorama itti ba’utti karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuu kan danda’u akkamitti?

18 Obboloonni baay’een, soorama ba’uudhaan hojii mootummaa yeroo dhaaban caalaatti Yihowaa jajachuuf dursanii qophaa’aniiru. Obboleessi soorama ba’e tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Yeroo intallikoo barumsa xumurtu maal akkan godhu dursee karoora baafadheen ture. Hojii lallabaatiin tajaajilaa yeroo guutuu ta’uuf murteesseen ture. Guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf walaba akkan ta’utti, dhaabbata daldalaakoo nan gurgure. Waaqayyo qajeelfama akka naa kennu nan kadhadhe.” Umrii soorama itti baatanirra ga’aa kan jirtan yoo ta’e, wanta Uumaan keenya Inni Guddaan, “Yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata” jechuudhaan dubbateen jajjabaachuu dandeessu.—Isaayaas 46:4.

19. Warra dulloomaniif gorsa akkamiitu kenname?

19 Soorama yeroo ba’an haala ofii mijeessuun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Phaawulos ergamaan maanguddoonni dhiira ta’an akkaataa jireenyasaaniitiin “kan of eeggatan, 1899” akka ta’an gorseera. Kunis, fedhii jireenya qananii jiraachuuf qaban guutummaatti to’achuu gaafata. Erga soorama baatanii booda, isa duraa caalaa hojii guyyaa guyyaadhaan raawwattan amaleeffachuufi of adabuun isin barbaachisa. Hojiidhaan qabamaa; “itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!” (1 Qorontos 15:58) Warra kaan gargaaruu akka dandeessanitti sochii keessan guddisaa. (2 Qorontos 6:13) Kiristiyaanonni baay’een hamma haalli umriisaanii isaaniif heyyametti hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan kana godhu. Yeroo dulloomaa deemtanitti, “amantaadhaa fi jaalalatti obsattis warra seelkoo hin qabne” ta’aa.—Tiitoos 2:2.

GADDA DUUTI HIRIYAA GAA’ELAA KEESSANII ISINIRRAAN GA’U MO’UU

20, 21. (a) Sirna ammaa kana keessatti, wanti haadha manaafi abbaa manaa gargar baasuunsaa hin oolle maalidha? (b) Haannaan nama abbaan manaa ykn haati manaa jalaa du’eef fakkeenya gaarii kan taatu akkamitti?

20 Sirna amma jiru kana keessatti, hiriyoonni gaa’elaa du’aan addaan ba’uunsaanii kan nama gaddisiisu ta’uyyuu waan hin oolledha. Hiriyoonni gaa’elaa gaddi irra ga’e, namni jaallatan sun yeroo ammaatti rafee akka jiru kan beekan ta’uusaaniirrayyuu, lammata akka isaan argatan ni amanu. (Yohannis 11:11, 25) Ta’uyyuu du’aan isaan dhabuunsaanii baay’ee isaan gaddisiisa. Inni lubbuudhaan jiru gadda kana mo’uu kan danda’u akkamitti?a

21 Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko maal akka godhan yaadachuun isin gargaara. Haannaan heerumtee waggaa torba qofa erga turtee booda abbaan manaashee irraa du’e; seenaanshee umriinshee waggaa 84 akka ture nutti hima. Yeroo abbaan manaashee du’e baay’ee gadditee akka turte homaa hin shakkinu. Gadda kana akkamitti mooteree? Mana qulqullummaa keessatti halkaniifi guyyaa Yihowaa tajaajilti turte. (Luqaas 2:36-38) Haannaan garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluunshee, gaddaafi kophummaa abbaa manaashee dhabuudhaan isheerra ga’e mo’uuf akka ishee gargaare homaa hin shakkisiisu.

22. Dubartoonni abbaan manaa irraa du’eefi dhiironni haati manaa jalaa duute tokko tokko miira kophummaa kan mo’an akkamitti?

22 Dubartiin umriinshee waggaa 72 ta’eefi waggaa kudhan dura abbaan manaashee irraa du’e tokko akkas jetteetti: “Rakkoonkoo inni guddaan naman haasofsiisu of biraa dhabuu ture. Abbaan manaakoo akka gaariitti nama dhaggeeffata ture. Waa’ee gumiifi hirmaannaa tajaailarratti qabnu ilaalchisee waliin haasofna turre.” Dubartiin abbaan manaa irraa du’e kan biraanimmoo akkas jetti: “Yeroon darbaa ennaa deemu gaddi salphachaa deemuyyuu, caalaatti garuu namni tokko yeroo qabutti fayyadamee wantoota tokko tokko hojjechuunsaa gaddasaa irraanfachuuf akka gargaaru natti dhaga’ama. Warra kaan gargaaruuf haala mijaa’aa qabdu.” Namni umriinsaa waggaa 67 ta’eefi haati manaa jalaa duute tokkos, “Karaan gaariin gadda mo’uuf gargaaru warra kaan jajjabeessuuf of dhiheessuudha” jechuudhaan yaada kanarratti walii gala.

BARA DULLUMAATTIS WAAQAYYO BIRATTI GATII GUDDAA QABDU

23, 24. Macaafni Qulqulluun namoota dulloomaniif, keessumaammoo warra hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhabaniif jajjabina guddaa akkamii kenna?

23 Duuti hiriyaa gaa’elaa jaallattan isin jalaa fudhatuyyuu, Yihowaan yeroo hundumaa amanamaadha. Daawiti Mootichi bara durii akkas jechuudhaan faarfateera: “Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.”—Faarfannaa 27:4.

24 Phaawulos ergamaan, “Warra abbaan manaa irraa du’e, dhugumaanis gargaartuu hin qabnetti ulfina argisiisi!” jechuudhaan gorseera. (1 Ximotewos 5:3) Gorsi qajeelfama kanaa gaditti argamu, dubartoota abbaan manaa irraa du’eefi isaaniif ta’uuf, akkasumas fira dhihoo hin qabaanneef gumiin gargaarsa gochuu akka qabu argisiisa. Ta’uyyuu, yaanni “ulfina argisiisi” jedhu bakka guddaa isaaniif kennuus kan dabalatudha. Dubartoonni abbaan manaa irraa du’eefi dhiironni haati manaa jalaa duute, Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabaniifi inni akka isaan gargaaru beekuunsaanii jajjabina guddaa isaaniif hin argamsiisuu?—Yaaqoob 1:27.

25. Warri dullooman galma kan biraa akkamii baafachuu danda’u?

25 Dubbiin Waaqayyoo inni geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame, “ulfinni maanguddootaa . . . harrii isaanii ti” jedha. “Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti.” (Fakkeenya 16:31; 20:29) Egaa, warri gaa’ela qabdanis ta’e hiriyaa gaa’elaa du’aan dhabdan, jireenya keessan keessatti tajaajila Yihowaatiif dursa kennuu keessan itti fufaa. Yoo akkas gootan yeroo ammaatti Waaqayyo biratti maqaa gaarii qabaattu; addunyaa dhibee dullumaarraa walaba ta’e keessattimmoo jireenya barabaraa argattu.—Faarfannaa 37:3-5; Isaayaas 65:20.

a Dhimma kana ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, birooshura Namni Jaallattan Yeroo Du’u jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali.

SEERAWWAN BU’UURAA MACAAFA QULQULLUU KUN, HIRIYOONNI GAA’ELAA YOMMUU DULLOOMAA ADEEMANITTI KAN ISAAN GARGAARAN AKKAMITTI?

Ijoolleen ijoollee akkoofi akaakayyuusaaniitiif “gonfoo dha.”—Fakkeenya 17:6.

Dullumni Yihowaa tajaajiluuf carraa dabalataa argamsiisuu danda’a.—Faarfannaa 71:9, 14.

Namoonni dullooman “kan of eeggatan” akka ta’an gorfamaniiru.—Tiitoos 2:2, 1899.

Warri hiriyaa gaa’elaasaanii du’aan dhaban baay’ee gaddaniyyuu, Macaafa Qulqulluurraa jajjabina argachuu danda’u.—Yohannis 11:11, 25.

Maanguddoonni amanamoo ta’an Yihowaa biratti bakka guddaa qabu.—Fakkeenya 16:31.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi