Faarfannaa 3
“Waaqayyo Jaalala”
1. Waaqni keenya jaalaladhaa,
‘Na fakkaadhaa’ jedheeraa.
Namootaaf Waaqa jaallachuun,
Hojii gaariif gargaaraa.
Kanaan geggeeffamtu taanaan;
Jireenyi ni argamaa.
Jaalalli Yesus Kiristos.
Karaa keenya ibsamaa.
2. Jaalalli Waaqaa ba’eessa
Nama nuu jaallachiisaa.
Yommuu kufnu nu gargaara;
Ol nu kaasa harkisaa.
Qulqulluudha hin hinaafu;
Jaalalli danda’aadhaa.
Obboloota ni jaallannaa.
Jaalala dhandhamadhaa.
3. Matumaa hin mufatinaa;
Aariirraa of qusadhaa.
Waaqayyoon abdii godhadhaa;
Abboommiisaa baradhaa:
Waaqaaf namoota jaalladhaa,
Jaalalumaaf carraaqaa.
Hundaaf qabaachuuf dhama’aa
Jaalala akka Waaqaa.
(Dabalataan Mar. 12:30, 31; 1 Qor. 12:31–13:8; 1 Yoh. 3:23 ilaali.)