Faarfannaa 1
Amalawwan Yihowaa
1. Yihowaan qaba humna guddaa,
Madda jireenyaafii ifa hundaa.
Uumamni ibse humnakee aaddaa;
Ni caala guyyichi guddaan.
2. Ati firdiin kee kan qajeelee.
Abboommiinkees hundatti kan tolee.
Dubbiikeetti namni garagalee
Ogummaankee isaaf gale.
3. Jaalallikee mudaa hin qabuu.
Gatii sii deebisuun hin yaadamuu.
Ulfinniif maqaankee hin tuqamuu,
Yoomiyyuu ol haa qabamu.
(Dabalataan Far. 36:9; 145:6-13; Yaq. 1:17 ilaali.)