Faarfannaa 43
Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!
1. Dammaqi jabaadhu cimi,
Duubatti hin jedhiinii.
Mo’icha guddaa argattaa,
Matumaa hin laafiini.
Ajaja Yesuus ni hordofnnaa,
Hojii keenyaan ni argisiisnaa.
(WALLEE)
Dammaqi jabaadhutii cimi!
Matumaa hin laafiini!
2. Dammaqi of hin gatiini,
Ajajamuuf qophaa’ii.
Ajaja garbichi Yesus,
Sii dabarsu dhaga’i.
Gorsa jaarsolii hin tuffatin,
Tiksee hoolotasaatii isaan.
(WALLEE)
Dammaqi jabaadhutii cimi!
Matumaa hin laafiini!
3. Dammaqnee misiraachichaaf,
Tokkummaadhaan falminaa.
Diinonni nu mormaniyyuu,
Hanga dhumaa labsinaa.
Tokkummaadhaan isa faarfannaa.
Guyyichi dhihaachuusaa beeknaa.
(WALLEE)
Dammaqi jabaadhutii cimi!
Matumaa hin laafiini!
(Dabalataan Mat. 24:13; Ibr. 13:7, 17; 1 Phe. 5:8 ilaali.)