Faarfannaa 44
Hojii Makaraarratti Gammachuudhaan Hirmaachuu
1. Guyyoota dhumaa keessa jirraa,
Mirga guddaas arganneerraa.
Ergamoonni midhaan sassaabu;
Qooda qabna hojicharraa.
Hojicha dursee jalqabuudhaan
Kiristos fakkeenya ta’aa.
Gammachuudhaan irratti bobbaanaa
Kun mirga hin argamnedha.
2. Yihowaafi nama jaallachuun
Saffisuudhaaf nu gargaaraa.
Atattamaan lallabuu qabnaa,
Badiisichi dhihaateeraa.
Waaqayyo wajjin waan hojjennuuf
Gammachuu guddaa argannaa.
Badhaasa hunda caalu eeggannaa,
Hojicharratti jabaannaa.
(Dabalataan Mat. 24:13; 1 Qor. 3:9; 2 Xim. 4:2 ilaali.)