Matadureewwan Maree Gochuuf Gargaaran
1. Abbootii Durii Waaqeffachuu
A. Abbootii durii waaqeffachuun faayidaa hin qabu
Abbootiin durii duʼaniiru, waan tokkoyyuu hin dhagaʼan. Lal 9:5, 10
Abbootiin durii waaqeffatamuu hin qaban. Rom 5:12, 14; 1Xim 2:14
Waaqayyo waaqeffannaa akkasii ni dhowwa. Bau 34:14; Mat 4:10
B. Namootaaf ulfina kennuun dandaʼamus, waaqeffatamuu kan qabu garuu Waaqayyo qofadha
Dargaggoonni maanguddootaaf ulfina kennuu qabu. 1Xim 5:1, 2, 17; Efe 6:1-3
Waaqeffatamuu kan qabu garuu Waaqayyo qofadha. HoE 10:25, 26; Mul 22:8, 9
2. Armaagedoon
A. Waraana Waaqayyo hammeenya balleessuuf godhudha
Saboonni gara Armaagedoonitti walitti qabamu. Mul 16:14, 16
Waaqayyo, Ilmasaafi ergamootasaatti fayyadamee isaan lola. 2Tas 1:6-9; Mul 19:11-16
Badiisa kanarraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Sef 2:2, 3; Mul 7:14
B. Tarkaanfiin kun jaalala Waaqayyoo wajjin wal hin faallessu
Biyyi lafaa garmalee mancaʼeera. 2Xim 3:1-5
Waaqayyo obsa qabeessa taʼus qajeelummaansaa tarkaanfii akka fudhatu isa dirqisiisa. 2Phe 3:9, 15; Luq 18:7, 8
Qajeelinni akka dagaaguuf hammeenyi balleeffamuu qaba. Fak 21:18; Mul 11:18
3. Cuuphaa
A. Ulaagaa Kiristiyaanni tokko guutuu qabudha
Yesus fakkeenya nuu kaaʼeera. Mat 3:13-15; Ibr 10:7
Mallattoo of ganuu ykn Waaqayyoof of murteessuu keenya argisiisudha. Mat 16:24; 1Phe 3:21
Cuuphamuu kan qaban namoota umrii barachuu dandaʼanirratti argaman qofadha. Mat 28:19, 20; HoE 2:41
Cuuphaa sirriin, guutummaatti bishaan keessa seenuudha. HoE 8:38, 39; Yoh 3:23
B. Cubbuu dhiqee namarraa hin baasu
Yesus kan cuuphame cubbuu ofirraa dhiquuf hin turre. 1Phe 2:22; 3:18
Cubbuurraa kan nama qulqulleessu dhiiga Yesusidha. 1Yoh 1:7
4. Macaafa Qulqulluu
A. Dubbiin Waaqayyoo geggeessaa hafuuraatiin barreeffame
Namoonni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamanii barreessan. 2Phe 1:20, 21
Raajii kan qabatedha: Dan 8:5, 6, 20-22; Luq 21:5, 6, 20-22; Isa 45:1-4
Guutummaan Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin kan barreeffameefi faayidaa kan qabudha. 2Xim 3:16, 17; Rom 15:4
B. Qajeelfama bara keenyaaf taʼu qabateera
Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiif dantaa dhabuun gara duʼaatti geessa. Rom 1:28-32
Ogummaan namootaa, isa bakka buʼuu hin dandaʼu. 1Qor 1:21, 25; 1Xim 6:20
Diina cimaa ofirraa ittisuu dandaʼa. Efe 6:11, 12, 17
Namoonni daandii qajeelaarra akka deeman gargaara. Far 119:105; 2Phe 1:19; Fak 3:5, 6
C. Namoota hundaaf kan barreeffamedha
Macaafni Qulqulluun barreeffamuu kan jalqabe naannoo Bahaattidha. Bau 17:14; 24:12, 16; 34:27
Waaqayyoo kan barreessise warra Awurooppaatiif qofa miti. Rom 10:11-13; Gal 3:28
Waaqayyo namoota hunda ni simata. HoE 10:34, 35; Rom 5:18; Mul 7:9, 10
5. Dhiiga
A. Dhiiga fudhachuun, qulqullina dhiigaa wajjin wal faallessa
Dhiigni qulqulluufi lubbuu akka taʼe Nohitti himamee ture. Uma 9:4, 16
Kakuun Seerichaa dhiiga nyaachuu ni dhowwa ture. Lew 17:14; 7:26, 27
Kiristiyaanonnis dhiigarraa akka fagaatan ajajamaniiru. HoE 15:28, 29; 21:25
B. Yaanni lubbuu oolchuufidha jedhu, seera Waaqayyoo cabsuuf sababii hin taʼu
Abboomamuun aarsaa dhiheessuurra ni caala. 1Sam 15:22; Mar 12:33
Lubbuu ofii seera Waaqayyoorra caalchifachuun duʼa geessisa. Mar 8:35, 36
6. Duraa Duuba Yeroo
A. Barri warra Saba Waaqayyoo Hin Taʼinii (Dh.K.B.) bara 1914tti xumurame
Toorri hidda moototaa, Dh.K.D. bara 607tti raawwatame. His 21:25-27
Mootummichi deebiʼee hundaaʼuuf “barri torba” darbuu qaba. Dan 4:32, 16, 17
Torba = 2 × bara 3 1/2, ykn 2 × guyyaa 1,260. Mul 12:6, 14; 11:2, 3
Guyyaan tokko akka waggaa tokkootti yoo yaadame. [Waggaa 2,520 taʼa] His 4:6; Lak 14:34
Hanga Mootummichi deebiʼee hundaaʼutti baroonni itti fufan jiru. Luq 21:24; Dan 7:13, 14
7. Waldaa
A. Waldaan hafuuradha; kan hundaaʼes Kiristosirrattidha
Waaqayyo mana qulqullummaa harki namaa ijaare keessa hin jiraatu. HoE 17:24, 25; 7:48
Waldaan dhugaa, mana qulqullummaa hafuuraa isa dhagoota jiraatoodhaan ijaaramedha. 1Phe 2:5, 6
Hundeen dhagaa golee qajeelchu Kiristosidha; ergamoonnisaammoo, hundee dhagaa warra lammaffaadha. Efe 2:20
Waaqayyo hafuuraafi dhugaadhaan waaqeffatamuu qaba. Yoh 4:24
B. Waldaan kan hundeeffame Phexrosirratti miti
Yesus, waldaan Phexrosirratti hundaaʼa hin jenne. Mat 16:18
“Kattaan guddichi,” Yesus akka taʼe ibsameera. 1Qor 10:4
Phexros, Yesus dhagaa mataa golee qajeelchu akka taʼe ibseera. 1Phe 2:4, 6-8; HoE 4:8-12
8. Uumama
A. Yaanni uumamuudhaan argamne jedhu saayinsii dhugaa wajjin walsima; barumsa jijjiirama tirannaammoo fudhatama dhabsiisa
Saayinsiin akkaataa duraa duuba uumamaa wajjin walsima. Uma 1:11, 12, 21, 24, 25
Seerri Waaqayyoo, waaʼee “qomoo” ibsu dhugaa taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Uma 1:11, 12; Yaq 3:12
B. Guyyoonni uumamaa guyyoota saʼaatii 24 qaban miti
Jechi “Guyyaa” jedhu bara tokko kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Uma 2:4
Waaqayyo biratti, guyyaan bara dheeraa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Far 90:4; 2Phe 3:8
9. Fannoo
A. Yesus muka solooloo yakkamtoonni fannifamanirratti fannifame; kunis arrabsoo argisiisa
Yesus kan fannifame muka solooloorratti ykn utubaarratti ture. HoE 5:30; 10:39; Gal 3:13
Kiristiyaanonni arrabsoo dandaʼuudhaan muka fannoo baachuu qabu. Mat 10:38; Luq 9:23
B. Waaqeffatamuu hin qabu
Muka Yesus itti fannifametti fayyadamuun akka tuffiitti ilaalama. Ibr 6:6; Mat 27:41, 42
Waaqeffannaadhaaf fannootti fayyadamuun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu wajjin tokkodha. Bau 20:4, 5; Er 10:3-5
Yesus hafuuradha; amma fannifamee hin jiru. 1Xim 3:16; 1Phe 3:18
10. Duʼa
A. Sababii duuti itti dhufe
Jalqabarratti namni mudaa kan hin qabne ture; abdii jireenya barabaraaf jiraachuus qaba ture. Uma 1:28, 31
Abboomamuu diduun firdii duʼaa geessise. Uma 2:16, 17; 3:17, 19
Cubbuufi duuti ilmaan Addaam hundaatti darbeera. Rom 5:12
B. Haala namoonni duʼan keessatti argaman
Addaam, ofumasaatii lubbuu ture malee lubbuun isaaf hin kennamne. Uma 2:7, hiika bara 1899; 1Qor 15:45, hiika bara 1899
Kan duʼu nama isa lubbuu taʼe sanadha. His 18:4; Isa 53:12; Iyo 11:20
Namoonni duʼan hin dhagaʼan; homaas hin beekan. Lal 9:5, 10; Far 146:3, 4
Warri duʼan obbaafataniiru; yeroo itti duʼaa kaafaman eeggatu. Yoh 11:11-14, 23-26; HoE 7:60
C. Warra duʼanii wajjin dubbachuun hin dandaʼamu
Warri duʼan hafuuratti jijjiiramuudhaan Waaqayyoo wajjin hin jiraatan. Far 115:17; Isa 38:18
Namoota duʼanii wajjin dubbachuuf carraaqqii akka hin goone dhowwamneerra. Isa 8:19; Lew 19:31
Eker dubbistoonni namoota duʼanii wajjin wal argina jedhaniifi namoonni hooda dubbatan balaaleffatamaniiru. Kes 18:10-12; Gal 5:19-21
11. Seexana, Hafuurota Hamoo
A. Seexanni qaama hafuuraa qaba
Inni qaama hafuuraati malee hammeenya nama keessa jiru miti. 2Xim 2:26
Seexanni akkuma ergamoota Waaqayyoo qaama mataasaa qaba. Mat 4:1, 11; Iyo 1:6
Fedhiin dogoggoraa keessasaatti akka uumamu gochuudhaan, Seexana of godhe. Yaq 1:13-15
B. Seexanni qaama ijaan hin argamneefi biyya lafaa seerratudha
Biyya lafaa isa toʼannaasaa jala jiruuf waaqaa taʼeera. 2Qor 4:4; 1Yoh 5:19; Mul 12:9
Falmiin kaʼe hanga deebii argatutti akka jiraatu isaaf heyyamameera. Bau 9:16; Yoh 12:31
Iddoo lafa jalaa sana keessatti ni hidhama; boodammoo ni balleeffama. Mul 20:2, 3, 10
C. Hafuuronni hamoon, ergamoota Waaqayyorratti kaʼanidha
Bishaan Badiisaa dura Seexanaa wajjin hiriiran. Uma 6:1, 2; 1Phe 3:19, 20
Iddoosaaniirraa gadi buufamaniiru, ifa hafuuraa kamirraayyuu addaan kutamaniiru. 2Phe 2:4; Yih 6
Waaqayyorratti lola kaasu; namootas ni hacuucu. Luq 8:27-29; Mul 16:13, 14
Seexanaa wajjin balleeffamu. Mat 25:41; Luq 8:31; Mul 20:2, 3, 10
12. Lafa
A. Kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu
Ilmaan namootaa mudaa hin qabneef lafa kanarratti Jannanni qophaaʼee ture. Uma 1:28; 2:8-15
Kaayyoon Waaqayyoo utuu hin raawwatamin hin hafu. Isa 55:11; 46:10, 11
Lafti namoota naga qabeeyyiifi mudaa hin qabneen guutamti. Far 72:7; Isa 45:18; 9:6,7
Karaa Mootummichaa, lafti deebitee Jannata taati. Mat 6:9, 10; Mul 21:3-5
B. Matumaa hin baddu, onas hin taatu
Lafti kun barabaraaf jiraatti. Lal 1:4; Far 104:5
Bara Nohitti kan bade namoota malee lafa hin turre. 2Phe 3:5-7; Uma 7:23
Wanti yeroo sanatti raawwatame bara keenyattis badiisarraa ooluun akka dandaʼamu argisiisa. Mat 24:37-39
Hamoonni ni badu; ‘tuutni sonaan baayʼeen’ badiisarraa ni oolu. 2Tas 1:6-9; Mul 7:9, 14
13. Raajota Sobduu
A. Raajonni sobduun akka kaʼan dubbatameera; bara ergamoota Yesusittis jiru turan
Karaa itti raajota sobduu beekuun dandaʼamu. Kes 18:20-22; Luq 6:26
Akka dhufan dursee dubbatameera; ija hojiisaaniitiin beekamu. Mat 24:23-26; 7:15-23
14. Dinqiidhaan Fayyisuu, Afaan Hin Beekamneen Dubbachuu
A. Fayyinni hafuuraa faayidaa barabaraa argamsiisa
Karaa hafuuraa dhukkubsachuun badiisa geessisa. Isa 1:4-6; 6:10; Hos 4:6
Wanti hunda caalaa barbaachisu fayyina hafuuraa fiduudha. Yoh 6:63; Luq 4:18
Cubbuu balleessa; gammachuufi jireenya argamsiisa. Yaq 5:19, 20; Mul 7:14-17
B. Mootummaan Waaqayyoo fayyina qaamaa barabaraa argamsiisa
Yesus namoota dhukkubsatan fayyiseera; waaʼee eebba Mootummichaas lallabeera. Mat 4:23
Fayyina barabaraa kan argamsiisu Mootummicha isa abdachiifamedha. Mat 6:10; Isa 9:7
Duutillee ni balleeffama. 1Qor 15:25, 26; Mul 21:4; 20:14
C. Dinqiidhaan fayyisuun bara kanatti raawwatamu deggersa Waaqayyoo hin qabu
Bartoonni dinqiidhaan of hin fayyisne. 2Qor 12:7-9; 1Xim 5:23
Kennaan dinqiidhaan fayyisuu, bara ergamoota Kiristos booda dhaabateera. 1Qor 13:8-11
Dinqiidhaan fayyisuun deggersa Waaqayyoo qabaachuusaatiif ragaan hin jiru. Mat 7:22, 23; 2Tas 2:9-11
D. Afaan hin beekamneen dubbachuun yeroodhaaf qofa kenname
Mallattoo qofa ture; Kiristiyaanonni kennaa kanarra caalu barbaaduu qabu turan. 1Qor 14:22; 12:30, 31
Kennaan raajii dubbachuu akka hafu dursee dubbatamee ture. 1Qor 13:8-10
Dinqii raawwachuun deggersa Waaqayyoo qabaachuu hin mirkaneessu. Mat 7:22, 23; 24:24
15. Samii
A. Gara samii kan dhaqan namoota 144,000 qofadha
Namoonni Kiristosii wajjin mootota taʼan lakkoofsisaanii kan murtaaʼedha. Mul 5:9, 10; 20:4
Yesus isa jalqabaati; isa booda warri kaan filatamaniiru. Qol 1:18; 1Phe 2:21
Namoonni hedduun kaan lafarra jiraatu. Far 72:8; Mul 21:3, 4
Namoonni 144,000 mirga addaa warra kaaniif hin kennamne argatu. Mul 14:1, 3; 7:4, 9
16. Siiʼol (Hediis)
A. Bakka ibiddaan itti gubatan miti
Iyoob inni dhiphina keessa ture, achi dhaquudhaaf kadhannaa dhiheessee ture. Iyo 14:13, hiika bara 1899
Bakka sochiin itti hin godhamnedha. Far 6:5; Lal 9:10; Isa 38:18, 19
Yesus awwaala ykn siiʼol keessaa kaafameera. HoE 2:27, 31, 32, hiika bara 1899; Far 16:10 hiika bara 1899
Siiʼol namoota duʼan kaan erga kennee booda ni balleeffama. Mul 20:13, 14, NW
B. Ibiddi fakkeenya dhabamsiifamuu argisiisa
Duʼaan balleeffamuun ibiddatti fakkeeffameera. Mat 25:41, 46; 13:30
Namoonni hamoon qalbii hin jijjiirranne akka waan ibiddaan balleeffamanii barabaraaf badu. Ibr 10:26, 27
‘Dhiphinni’ ibiddaa Seexanarra gaʼu, duʼa barabaraa argisiisa. Mul 20:10,14,15
C. Seenaan waaʼee namicha sooressaafi Alaazaar ibsu dhiphinni barabaraa akka jiru hin mirkaneessu
Akkuma jechi bukkee Abrahaam jedhu kallattiidhaan hin fudhatamne, jechi ibidda jedhus kallattiidhaan fudhatamuu hin qabu. Luq 16:22-24
Abrahaam biratti fudhatama argachuun dukkanaa wajjin walbira qabamee ibsameera. Mat 8:11, 12
Badiisni Baabilonirra gaʼu, ibiddaan dhiphachuu akka taʼetti ibsameera. Mul 18:8-10, 21
17. Guyyaa Ayyaanaa, Guyyaa Dhalootaa
A. Kiristiyaanonni durii Guyyaa Dhalootaafi Ayyaana Qillee hin kabajne
Namoota Waaqa dhugaa hin waaqeffannetu ayyaaneffate. Uma 40:20; Mat 14:6
Ayyaaneffatamuu kan qabu guyyaa Yesus itti duʼedha. Luq 22:19, 20; 1Qor 11:25, 26
Amalli albaadhummaa guyyaa ayyaanaatti mulʼatu sirrii miti. Rom 13:13; Gal 5:21; 1Phe 4:3
18. Fakkiiwwan
A. Waaqeffannaadhaaf, fakkiiwwaniifi wantoota bifa garaagaraa qabanitti fayyadamuun Waaqayyoon salphisuudha
Fakkiitti fayyadamanii Waaqayyoon ibsuun hin dandaʼamu. 1Yoh 4:12; Isa 40:18; 46:5; HoE 17:29
Kiristiyaanonni fakkiiwwan waaqeffachuurraa akka fagaatan dhowwamaniiru. 1Qor 10:14; 1Yoh 5:21
Waaqayyo hafuuraafi dhugaadhaan waaqeffatamuu qaba. Yoh 4:24
B. Israaʼeloonni waaqolii tolfamoo waaqeffachuunsaanii badiisa isaanitti fideera
Yihudoonni waaqayyolii tolfamoo akka hin waaqeffanne dhowwamaniiru. Bau 20:4, 5
Dhagaʼuufi dubbachuu hin dandaʼan; warri isaan tolchanis akkumasaanii taʼu. Far 115:4-8
Kiyyoo isaanitti taʼaniiru; badiisas isaanitti fidaniiru. Far 106:36, 40-42; Er 22:8, 9
C. Waaqeffannaa ‘hirʼuu’ akka dhiheessinu nu hin heyyamamu
Waaqayyo, waaqeffannaa “hirʼuu” akka isaaf dhiheessinu hin heyyamu. Isa 42:8
‘Kadhata namaa kan dhagaʼu’ Waaqayyo qofadha. Far 65:1, 2
19. Amantii Walitti Makuu
A. Amantii walitti makuun Waaqayyo biratti fudhatama hin qabu
Karaansaa tokkichaafi dhiphoodha; kan argatanis muraasadha. Efe 4:4-6; Mat 7:13, 14
Barumsi sobaa mancaʼina akka geessisu akeekkachiisni kennameera. Mat 16:6, 12; Gal 5:9
Amantii sobaarraa gargar akka baanu ajajamneerra. 2Xim 3:5; 2Qor 6:14-17; Mul 18:4
B. Yaanni, “Amantiin hundi wanta gaarii qaba” jedhu dhugaa miti
Namoonni tokko tokko hinaaffaa qabaataniyyuu, hinaaffaansaanii fedha Waaqayyoo wajjin wal hin simu. Rom 10:2, 3
Wanti gadheen wanta gaarii hunda ni mancaasa. 1Qor 5:6; Mat 7:15-17
Barsiisonni sobduun badiisa geessisu. 2Phe 2:1; Mat 12:30; 15:14
Waaqeffannaa qulqulluun, Yihowaa qofa waaqeffachuu gaafata. Kes 6:5, 14, 15
20. Yihowaa
A. Maqaa Waaqayyoo
Jechi “Waaqa” jedhu maqaa walii galaa kan argisiisudha; Gooftaan keenya maqaa dhuunfaa qaba. 1Qor 8:5, 6
Maqaansaa qulqulluu taʼee akka eegamu kadhanna. Mat 6:9, 10
Maqaan Waaqayyoo Yihowaadha; Macaafa Qulqulluu Ingiliffaa: Far 83:18; Bau 6:2, 3; 3:15; Isa 42:8; akkasumas galmeewwan jechootaa
Yesus maqaa Waaqayyoo beeksiseera. Yoh 17:6, 26; 5:43; 12:12, 13, 28
B. Waaqayyo jiraachuusaa
Waaqayyoon ijaan arganii jiraachuun hin dandaʼamu. Bau 33:20; Yoh 1:18; 1Yoh 4:12
Amanuuf Waaqayyoon arguun barbaachisaa miti. Ibr 11:1; Rom 8:24,25; 10:17
Waaqayyo jiraachuusaa waan inni uumerraa hubachuun ni dandaʼama. Rom 1:20; Far 19:1, 2
Raajiiwwan raawwatamuunsaanii, Waaqayyo jiraachuusaa mirkaneessu. Isa 46:8-11
C. Amalawwan Waaqayyoo
Waaqayyo jaalala. 1Yoh 4:8, 16; Bau 34:6; 2Qor 13:11; Mik 7:18
Ogummaansaa guddaadha. Iyo 12:13; Rom 11:33; 1Qor 2:7
Karaansaa qajeelaadha. Kes 32:4; Far 37:28
Wanta hunda gochuu ni dandaʼa; humnisaas hundarra ni caala. Iyo 37:23; Mul 7:12; 4:11
D. Namoonni hundi Waaqa isa dhugaa waaqeffachaa hin jiran
Karaan gaarii fakkaatu yeroo hunda sirrii taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fak 16:25; Mat 7:21
Karaan lama jiraatus, gara jireenyaatti kan geessu garuu tokkicha. Mat 7:13, 14; Kes 30:19
Waaqolii hedduun yoo jiraataniyyuu, Waaqni inni dhugaan garuu tokkicha. 1Qor 8:5, 6; Far 82:1
Jireenya argachuuf, Waaqa isa dhugaa beekuun dirqamadha. Yoh 17:3; 1Yoh 5:20
21. Dhugaa Baatota Yihowaa
A. Kaʼumsa Dhugaa Baatota Yihowaa
Yihowaan Dhugaa Baatotasaa adda baasee ibseera. Isa 43:10-12; Er 15:16
Toorri Dhugaa Baatota amanamoo Abeelirraa jalqabe. Ibr 11:4, 39; 12:1
Yesus, dhugaa baatuu isa amanamaafi isa dhugaadhaaf dhugaa baʼedha. Yoh 18:37; Mul 1:5; 3:14
22. Yesus
A. Yesus Ilma Waaqayyoofi Mootii muudamedha
Ilma Waaqayyoo isa angafadha; wantoota hunda uumuufis isatti fayyadameera. Mul 3:14; Qol 1:15-17
Dubartii irraa dhalate; ergamootaa gad taʼe. Gal 4:4; Ibr 2:9
Hafuura Waaqayyootiin dhalate; gara samiitti deebiʼe. Mat 3:16, 17
Ulfina yeroo nama taʼuusaa dura ture caalutu kennameef. Filp 2:9, 10
B. Fayyuuf Yesus Kiristositti amanuun barbaachisaadha
Kiristos Sanyii Abrahaam isa abdachiifamedha. Uma 22:18; Gal 3:16
Angafni Lubootaafi furiin isa qofadha. 1Yoh 2:1, 2; Ibr 7:25, 26; Mat 20:28
Jireenyi, Waaqayyoofi Kiristosiin beekuudhaan, akkasumas isaaniif abboomamuudhaan argama. Yoh 17:3; HoE 4:12
C. Yesusitti amanuun qofti gaʼaa miti
Amantiin hojiidhaan argisiifamuu qaba. Yaq 2:17-26; 1:22-25
Abboommiisaatiif ajajamuufi hojii inni hojjete raawwachuun barbaachisaadha. Yoh 14:12, 15; 1Yoh 2:3
Namoonni Gooftaa jedhanii isa waaman hundi Mootummaasaatti hin galan. Mat 7:21-23
23. Mootummaa
A. Mootummaan Waaqayyoo namootaaf maal godha?
Fedhi Waaqayyoo akka raawwatamu godha. Mat 6:9, 10; Far 45:6; Mul 4:11
Mootummaan kun mootiifi seera kan qabudha. Isa 9:6, 7; 2:3; Far 72:1, 8
Hammeenya balleessuudhaan guutummaa biyya lafaa bulcha. Dan 2:44; Far 72:8
Waggaa 1,000f yommuu bulchu, namoonni mudaa kan hin qabne akka taʼan godha; Jannanni deebiʼee akka hundeeffamu godha. Mul 21:2-4; 20:6
B. Diinonni Kiristos utuu lubbuudhaan jiranii bulchuu jalqaba
Kiristos erga duʼaa kaʼee booda waggoota hedduudhaaf eeguu qaba ture. Far 110:1; Ibr 10:12, 13
Aboo akka qabatuufi Seexana akka lolu ibsameera. Far 110:2; Mul 12:7-9; Luq 10:18
Mootummichi erga hundeeffamee booda, lafa kanarra rakkinatu gaʼa. Mul 12:10, 12
Rakkinni yeroo ammaatti mulʼatu Mootummicha cina dhaabachuuf yeroonsaa amma akka taʼe argisiisa. Mul 11:15-18
C. Garaa namootaa keessa kan jiruufi carraaqqii namootaatiin kan dhufu miti
Mootummichi samiirra malee lafa kanarra jira miti. 2Xim 4:18; 1Qor 15:50; Far 11:4
Garaa namootaa keessa kan jiraatu miti; Yesus kan dubbate warra Fariisotaatti ture. Luq 17:20, 21
Kutaa biyya lafaa kanaa miti. Yoh 18:36; Luq 4:5-8; Dan 2:44
Mootummoonniifi ulaagaaleen biyya lafaa ni jijjiiramu. Dan 2:44
24. Guyyoota Gara Dhumaa
A. “Dhuma biyya lafaa” jechuun maal jechuudha?
Sirni wantootaa akka badu kan argisiisudha. Mat 24:3; 2Phe 3:5-7; Mar 13:4
Badiisa hamootaa malee, dhuma biyya lafaa kan argisiisu miti. 1Yoh 2:17
Badiisicha dura dhumni barichaa dhufuu qaba. Mat 24:14
Namoonni qajeeloon ni oolu; sirni haaraanis ni dhufa. 2Phe 2:9; Mul 7:14-17
B. Mallattoowwan guyyoota gara dhumaa dammaqinaan hordofuu
Waaqayyo akka ittiin hubannuuf mallattoo nuu kenneera. 2Xim 3:1-5; 1Tas 5:1-4
Biyyi lafaa dhimma nama yaaddessu kana hubachuu dadhabeera. 2Phe 3:3, 4, 7; Mat 24:39
Waaqayyo hin seesu; akeekkachiisa kennaa jira. 2Phe 3:9
Dammaqaa taʼuufi akeekkachiisichaaf xiyyeeffannaa kennuun eebba argamsiisa. Luq 21:34-36
25. Jireenya
A. Namoonni ajajamoon jireenya barabaraa akka argatan isaaniif mirkaneeffameera
Waaqayyo inni hin sobne jireenya akka kennu waadaa galeera. Tit 1:2; Yoh 10:27, 28
Namoonni amanan jireenya barabaraa akka argatan abdachiifamaniiru. Yoh 11:25, 26
Duuti ni golgoleeffama. 1Qor 15:26; Mul 21:4; 20:14; Isa 25:8
B. Jireenyi samii namoota qaama Kiristos taʼaniif qofa kan murtaaʼedha
Miseensota kana kan filatu Waaqayyodha. Mat 20:23; 1Qor 12:18
Lafa kanarraa kan fudhataman namoota 144,000 qofadha. Mul 14:1, 4; 7:2-4; 5:9, 10
Yohannis Cuuphaanillee Mootummaa samii kanatti hin galu. Mat 11:11
C. Namoota lakkoofsisaanii hin daangeffamneefi “hoolota kan biraa” taʼaniif abdiin lafarra jiraachuu kennameera
Namoonni Yesusii wajjin samiirra jiraatan lakkoofsisaanii muraasadha. Mul 14:1, 4; 7:2-4
‘Hoolonni kan biraan’ obboloota Kiristos miti. Yoh 10:16; Mat 25:32, 40
Yeroo ammaa, namoonni hedduun badiisarraa oolanii lafarra akka jiraataniif walitti sassaabamaa jiru. Mul 7:9, 15-17
Warri kaanimmoo lafarra akka jiraataniif duʼaa kaafamu. Mul 20:12; 21:4
26. Gaaʼela
A. Tokkummaan gaaʼelaa ulfinaan qabamuu qaba
Gaaʼelli Kiristosiifi misirroosaa wajjin wal fakkeeffameera. Efe 5:22, 23
Ciisichi gaaʼelaa xureeffamuu hin qabu. Ibr 13:4
Hiriyoonni gaaʼelaa akka gargar hin baane gorfamaniiru. 1Qor 7:10-16
Buʼuurri Caaffata Qulqullaaʼoo wal hiikuudhaaf sababii taʼu poorniyaa qofadha. Mat 19:9
B. Kiristiyaanonni seera buʼuuraa matummaa ilaalchisee kenname kabajuu qabu
Abbaan manaa mataa maatii taʼuudhaan, maatiisaa jaallachuufi kunuunsuu qaba. Efe 5:23-31
Haati manaa, abbaa manaasheetiif bitamuu, isa jaallachuufi isaaf abboomamuu qabdi. 1Phe 3:1-7; Efe 5:22
Ijoolleen abboomamuu qabu. Efe 6:1-3; Qol 3:20
C. Itti gaafatamummaa warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleesaaniitiif qaban
Yeroofi xiyyeeffannaa kennuudhaan akka isaan jaallatan argisiisuu qabu. Tit 2:4
Tuttuqanii isaan aarsuu hin qaban. Qol 3:21
Wantoota hafuuraa dabalatee, wantoota isaan barbaachisaan kennuufii qabu. 2Qor 12:14; 1Xim 5:8
Akkamitti jiraachuu akka qaban isaan leenjisuu qabu. Efe 6:4; Fak 22:6, 15; 23:13, 14
D. Kiristiyaanonni hiriyaa gaaʼelaa godhachuu kan qaban Kiristiyaanota qofadha
‘Nama amane’ qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu qabu. 1Qor 7:39; Kes 7:3, 4; Nah 13:26
E. Tokkoo ol fuudhuun deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabu
Jalqabarratti kan yaadame namni tokko haadha manaa tokko qofa akka qabaatu ture. Uma 2:18, 22-25
Yesus ulaagaa kana Kiristiyaanotaaf deebiseera. Mat 19:3-9
Kiristiyaanonni jalqabaa haadha manaa tokkoo ol hin fuudhan turan. 1Qor 7:2, 12-16; Efe 5:28-31
27. Maariyaamiin Waaqeffachuu
A. Maariyaam haadha Yesus malee, “haadha Waaqayyoo miti”
Waaqayyo jalqaba hin qabu. Far 90:2; 1Xim 1:17
Maariyaam, Ilmi Waaqayyoo yeroo lafarra ture haadhasaa turte. Luq 1:35
B. Maariyaam yeroo hundaaf akka “durba” taatetti hin hafne
Yoseefitti heerumteetti. Mat 1:19, 20, 24, 25
Yesusiin malee, ijoollee garabiraas godhatteetti. Mat 13:55, 56; Luq 8:19-21
Isaan yeroo sanatti “obbolootasaa warra hafuuraa” hin turre. Yoh 7:3, 5
28. Ayyaana Yaadannoo, Qurbaana
A. Ayyaana Irbaata Gooftaa Ayyaaneffachuu
Guyyaa Ayyaana Faasiikaatti, waggaatti al tokko kabajama. Luq 22:1, 17-20; Bau 12:14
Duʼa aarsaa Yesus ittiin yaadachuuf kabajama. 1Qor 11:26; Mat 26:28
Namoota abdii gara samii dhaquu qabantu hirmaata. Luq 22:29, 30; 12:32, 37
Namni tokko abdii akkasii akka qabu akkamitti beekuu dandaʼa? Rom 8:15-17
B. Qurbaanni deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabu
Dhiifama cubbuu argachuuf, dhiigni dhangalaʼuu qaba. Ibr 9:22
Kakuu haaraa gidduu kan jiru Kiristosidha. 1Xim 2:5, 6; Yoh 14:6
Kiristos samiirra jira; lubni tokko gara lafaa akka dhufu isa gochuu hin dandaʼu. HoE 3:20, 21
Aarsaan Kiristos al takkaa, yeroo hundumaaf dhihaateera. Ibr 9:24-26; 10:11-14
29. Tajaajiltoota
A. Kiristiyaanonni hundi tajaajiltoota taʼuu qabu
Yesus tajaajilaa Waaqayyoo ture. Rom 15:8, 9; Mat 20:28
Kiristiyaanonni fakkeenyasaa hordofu. 1Phe 2:21; 1Qor 11:1
Tajaajilicha galmaan gaʼuuf lallabuun dirqamadha. 2Xim 4:2, 5; 1Qor 9:16
B. Ulaagaa tajaajiltootarraa barbaadamu
Hafuura Waaqayyoofi Dubbii Waaqayyoo beekuu qabu. 2Xim 2:15; Isa 61:1-3
Lallabarratti fakkeenya Kiristos kaaʼe hordofu. 1Phe 2:21; 2Xim 4:2, 5
Waaqayyo jaarmiyaasaa hafuurasaatiin leenjisa. Yoh 14:26; 2Qor 3:1-3
30. Mormii, Ariʼatama
A. Sababii itti Kiristiyaanotarra mormiin gaʼu
Yesus jibbameera; nurras mormiin akka gaʼu dubbateera. Yoh 15:18-20; Mat 10:22
Seera buʼuuraa sirrii taʼe cina jabinaan dhaabachuun biyya lafaa ni yeellaasisa. 1Phe 4:1, 4, 12, 13
Seexanni inni waaqayyicha bara siʼanaa taʼe Mootummicha ni morma. 2Qor 4:4; 1Phe 5:8
Kiristiyaanni hin sodaatu; Waaqayyo isa gargaara. Rom 8:38, 39; Yaq 4:8
B. Haati manaa, abbaan manaashee Waaqayyorraa adda akka ishee baasu heyyamuu hin qabdu
Dursee akeekkachiisni nuu kennameera; namoonni kaan oduu sirrii hin taane isatti himuu dandaʼu. Mat 10:34-38; HoE 28:22
Waaqayyoofi Kiristosiin ilaaluu qabdi. Yoh 6:68; 17:3
Amanamummaan isheen argisiistu isas fayyisuu dandaʼa. 1Qor 7:16; 1Phe 3:1-6
Abbaan manaa mataa maatiiti; taʼus waaqeffannaakoo hordofuu qabda jedhee ishee dirqisiisuu hin dandaʼu. 1Qor 11:3; HoE 5:29
C. Abbaan manaa, haati manaasaa akka inni Waaqayyoon hin tajaajille akka isa dhowwitu heyyamuu hin qabu
Haadha manaasaafi maatiisaa jaallachuu qaba; jireenya akka argatanis ni hawwa. 1Qor 7:16
Maatiisaatiif murtoo gochuufi wantoota isaan barbaachisan dhiheessuuf itti gaafatamummaa qaba. 1Qor 11:3; 1Xim 5:8
Waaqayyo dhiira dhugaa cina dhaabatu ni jaallata. Yaq 1:12; 5:10, 11
Nagaa buusuuf jecha waltaʼiinsa uumuun Waaqayyo biratti fudhatama nama dhabsiisa. Ibr 10:38
Maatiikee gara jireenya addunyaa haaraatti geggeessi. Mul 21:3, 4
31. Kadhannaa
A. Kadhannaawwan Waaqayyo dhagaʼu
Waaqayyo kadhannaa namootaa ni dhagaʼa. Far 145:18; 1Phe 3:12
Jalʼoonni daandiisaanii yoo jijjiiruu baatan kadhannaansaanii hin dhagaʼamu. Isa 1:15-17
Maqaa Yesusiin kadhachuu qabu. Yoh 14:13, 14; 2Qor 1:20
Kadhannaan fedha Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuu qaba. 1Yoh 5:14, 15
Amantii qabaachuun barbaachisaadha. Yaq 1:6-8
B. Akkasumaan keessa deddeebiʼuun, Maariyaamiif ykn qulqullootaaf kadhannaa dhiheessuun gatii hin qabu
Maqaa Yesusiin Waaqayyoon kadhachuu qabna. Yoh 14:6, 14; 16:23, 24
Dubbii waaʼee hin baafne keessa deddeebiʼuun kadhannaan keenya akka hin dhagaʼamne godha. Mat 6:7
32. Carraan Dursee Murteeffameera
A. Carraan namootaa dursee hin murteeffamne
Kaayyoon Waaqayyo shakkii malee ni raawwatama. Isa 55:11; Uma 1:28
Namoonni Waaqayyoon akka tajaajilan filannoon isaaniif kennameera. Yoh 3:16; Filp 2:12
33. Furii
A. Lubbuun Yesus ‘namoota baayʼeedhaaf furii’ taʼee kaffalameera
Yesus lubbuusaa furii godhee dhiheesseera. Mat 20:28
Dhiigni dhangalaʼe dhiifama cubbuu argamsiisa. Ibr 9:14, 22
Aarsaan al tokkicha dhihaate, yeroo hundumaaf tajaajila. Rom 6:10; Ibr 9:26
Faayidaan aarsaa kanaa battaluma tokkoon hin argamu; amannee fudhachuu nu barbaachisa. Yoh 3:16
B. Gatii walgitu
Addaam mudaa malee uumamee ture. Kes 32:4; Lal 7:29; Uma 1:31
Cubbuun inni raawwate, innis taʼe ilmaansaa mudaa akka qabaatan godhe. Rom 5:12, 18
Ijoolleensaa ofiisaaniitiin of fayyisuu hin dandeenye; lubbuu Addaamii wajjin walgitutu barbaachise. Far 49:7; Kes 19:21
Lubbuun Yesus inni mudaa hin qabne furii taʼe. 1Xim 2:5, 6; 1Phe 1:18, 19
34. Amantii
A. Amantiin Dhugaan tokko qofadha
Abdii tokko, amantii tokko, cuuphaa tokko. Efe 4:5, 13
Namoota bartoota akka godhuuf itti gaafatamummaan isatti kennameera. Mat 28:19; HoE 8:12; 14:21
Ija hojiisaatiin beekama. Mat 7:19, 20; Luq 6:43, 44; Yoh 15:8
Miseensotasaa gidduu jaalalliifi tokkummaan jira. Yoh 13:35; 1Qor 1:10; 1Yoh 4:20
B. Barumsi sobaa balaaleffatamuunsaa sirriidha
Yesus barumsa sobaa balaaleffateera. Mat 23:15, 23, 24; 15:4-9
Kana kan godhe namoota jaamaniif eegumsa gochuufidha. Mat 15:14
Dhugaan walaba isaan baasuudhaan bartoota Yesus akka taʼan isaan godheera. Yoh 8:31, 32
C. Amantiin keenya dogoggora taʼuusaa yoo mirkaneessine jijjiiruu qabna
Dhugaan walaba nama baasa; namoonni hedduun akka dogoggoranis ni mirkaneessa. Yoh 8:31, 32
Israaʼeloonniifi namoonni kaan amantiisaanii isa duraa dhiisaniiru. Iya 24:15; 2Mot 5:17
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ilaalchasaanii jijjiiraniiru. Gal 1:13, 14; HoE 3:17, 19
Phaawulos amantiisaa jijjiireera. HoE 26:4-6
Biyyi lafaa guutummaatti gowwoomfameera; kanaaf ilaalcha keenya jijjiiruu qabna. Mul 12:9; Rom 12:2
D. “Amantii hunda keessa wanti gaariin kan jiru” fakkaatus, kun Waaqayyo biratti fudhatama akka argatan hin mirkaneessu
Waaqeffannaadhaaf ulaagaa kan baasu Waaqayyodha. Yoh 4:23, 24; Yaq 1:27
Fedha Waaqayyoo wajjin wal hin simu taanan fudhatama hin qabu. Rom 10:2, 3
Wantoota namoonni “hojiiwwan gaarii” jedhanii yaadan, Waaqayyo duratti fudhatama dhabuu dandaʼu. Mat 7:21-23
Ija godhatuun beekama. Mat 7:20
35. Duʼaa Kaʼuu
A. Abdii warri duʼan qaban
Kan awwaala keessa jiran hundi ni kaafamu. Yoh 5:28, 29
Duʼaa kaafamuun Yesus kanaaf ragaa taʼa. 1Qor 15:20-22; HoE 17:31
Warri hafuura qulqulluurratti cubbuu raawwatan duʼaa hin kaafaman. Mat 12:31, 32
Warri amantii akka qaban argisiisan duʼaa akka kaafaman isaaniif mirkaneeffameera. Yoh 11:25
B. Samii ykn lafarra jiraachuuf duʼaa kaafamuu
Namoonni hundi sababii Addaamiin duʼu; karaa Yesus jireenya argatu. 1Qor 15:20-22; Rom 5:19
Qaamni namoonni ittiin kaafaman garaagaradha. 1Qor 15:40, 42, 44
Warri Yesusii wajjin jiraatan akkumasaa taʼu. 1Qor 15:49; Filp 3:20, 21
Warri bulchitoota hin taane, lafa kanarra jiraatu. Mul 20:4b, 5, 13; 21:3, 4
36. Deebiʼuu Kiristos
A. Deebiʼuunsaa ijaan hin argamu
Biyyi lafaa lammata akka isa hin argine bartootasaatti himeera. Yoh 14:19
Yeroo inni ol fudhatame kan argan bartootasaa qofadha; yeroo inni deebiʼuttis haallisaa kanaa wajjin wal fakkaata. HoE 1:6, 10, 11
Qaama hafuuraa ijaan hin argamne taʼee samiirra jiraata. 1Xim 6:14-16; Ibr 1:3
Aboo Mootummaa samiitiin deebiʼee dhufa. Dan 7:13, 14
B. Wantoota ijaan argamaniifi argamuusaa mulʼisan
Bartoonnisaa milikkita argamuusaa isaan hubachiisu akka isaanitti himu isa gaafatanii turan. Mat 24:3
Kiristiyaanonni argamuusaa kan “argan” ija qalbiisaniitiinidha. Efe 1:18
Mallattoowwan argamuusaa mirkaneessan baayʼeedha. Luq 21:10, 11
Diinonni, yommuu badiisni isaanirra gaʼu isa “ilaaluuf jiru.” Mul 1:7
37. Sanbata
A. Seerri Sanbataa Kiristiyaanotarratti hin hojjetu
Duuti Yesus Seericha hambiseera. Efe 2:15
Kiristiyaanonni Sanbata eeguuf dirqamni isaanirra hin jiru. Qol 2:16, 17; Rom 14:5, 10
Sanbataafi wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban kabajuusaaniitiin balaaleffatamaniiru. Gal 4:9-11; Rom 10:2-4
Amantiifi ajajamuudhaan boqonnaa Waaqayyootti galla. Ibr 4:9-11
B. Sanbata kabajuun Israaʼeloota duriirraa qofa kan barbaadamu ture
Sanbanni yeroo jalqabaatiif kan kabajame yommuu Gibxii baʼanitti ture. Bau 16:26, 27, 29, 30
Israaʼelootaaf mallattoo addaa taʼee tajaajila ture. Bau 31:16, 17; Far 147:19, 20
Seerichi Sanbata waggaatti kabajamus kan dabalatu ture. Bau 23:10, 11; Lew 25:3, 4
Sanbanni Kiristiyaanotaaf barbaachisaa miti. Rom 14:5, 10; Gal 4:9-11
C. Boqonnaan Sanbata Waaqayyoo (“torban” uumamaa guyyaa isa 7ffaadha)
Uumamni lafarraa yommuu xumuramu jalqabe. Uma 2:2, 3; Ibr 4:3-5
Boqonnaan kun yommuu Yesus lafarra turetti qofa utuu hin taʼin ammas itti fufeera. Ibr 4:6-8; Far 95:7-9, 11
Kiristiyaanonni guyyaa kanatti hojii ofittummaa raawwachuurraa ni boqotu. Ibr 4:9, 10
Mootummichi haala lafaa wajjin wal qabateen hojiisaa yommuu raawwatu boqonnaan Sanbataa ni xumurama. 1Qor 15:24, 28
38. Fayyina
A. Fayyinni Waaqayyo biraa kan argamu, karaa aarsaa furii Yesusiinidha
Jireenyi, kennaa Waaqayyo karaa Ilmasaa nuu kennudha. 1Yoh 4:9, 14; Rom 6:23
Fayyina argachuun kan dandaʼamu karaa aarsaa Yesus qofadha. HoE 4:12
‘Qalbii jijjiirrannaa yommuu duʼa jala gaʼan’ godhamuun hojii fayyina argamsiisu hojjechuun hin dandaʼamu. Yaq 2:14, 26
Fayyuuf carraaqqii guddaa gochuun barbaachisaadha. Luq 13:23, 24; 1Xim 4:10
B. Yaanni “Kan takkaa fayye yeroo hunda fayya” jedhu deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabu
Namoonni hafuura qulqulluurraa hirmaatanis kufuu dandaʼu. Ibr 6:4, 6; 1Qor 9:27
Israaʼeloonni baayʼeen biyya Gibxii baʼanii yoo oolfamaniyyuu, booda balleeffamaniiru. Yih 5
Fayyinni battaluma tokkoon kan argamu miti. Filp 2:12; 3:12-14; Mat 10:22
Namoonni duubatti jedhan jireenyisaanii inni boodaa isa duraa caalaa gadhee taʼa. 2Phe 2:20, 21
C. Yaanni “Namoonni hundi ni fayyu” jedhu deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabu
Warra tokko tokkoof qalbii diddiirrachuun kan hin dandaʼamnedha. Ibr 6:4-6
Waaqayyo duʼa warra jalʼootaatti hin gammadu. His 33:11; 18:32
Taʼus, jaalalli jalʼina callisee ilaaluu hin dandaʼu. Ibr 1:9
Hamoonni ni badu. Ibr 10:26-29; Mul 20:7-15
39. Cubbuu
A. Cubbuun maalidha?
Seera Waaqayyoofi ulaagaasaa isa mudaa hin qabne cabsuudha. 1Yoh 3:4; 5:17
Namni uumama Waaqayyoo waan taʼeef isa biratti itti gaafatamummaa qaba. Rom 14:12; 2:12-15
Seerichi, cubbuun maal akka taʼe ifa godhe; namoonni cubbuusaanii caalaatti akka hubatan gargaare. Gal 3:19; Rom 3:20
Hundinuu cubbamoota waan taʼaniif, ulaagaa Waaqayyoo isa mudaa hin qabne guutuu hin dandaʼan. Rom 3:23; Far 51:5
B. Namoonni hundi cubbuu Addaam raawwateen gidiraa kan argan maaliifi?
Addaam hundasaanii cubbuufi duʼa waan dhaalsiseefidha. Rom 5:12, 18
Waaqayyo obsuudhaan, ilmaan namootaatti araara argisiiseera. Far 103:8, 10, 14, 17
Aarsaan Yesus cubbuudhaaf araara argamsiisa. 1Yoh 2:2
Cubbuufi hojiin Seexanaa hundi haxaaʼamanii balleeffamu. 1Yoh 3:8
C. Iji mukaa dhowwame, ajajamuu diduu malee saalqunnamtii kan argisiisu miti
Ija mukaa sanattii akka hin nyaanne kan dhowwame Hewwaan uumamuushee duradha. Uma 2:17, 18
Addaamiifi Hewwaan ijoollee akka godhatan itti himameera. Uma 1:28
Ijoolleen kennaa Waaqayyoo malee, buʼaa cubbuu miti. Far 127:3-5
Hewwaan cubbuu kan raawwatte bakka abbaan manaashee hin jirrettidha; isa dursitee tarkaanfii fudhatteetti. Uma 3:6; 1Xim 2:11-14
Addaam inni mataashee ture Waaqayyorratti kaʼeera. Rom 5:12, 19
D. Hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjechuu jechuun maal jechuudha? (Mat 12:32; Mar 3:28, 29)
Cubbuun dhaalaan dhufu, kanaa wajjin tokko miti. Rom 5:8, 12, 18; 1Yoh 5:17
Namni tokko hafuura qulqulluu gaddisiisuu dandaʼa; taʼus haala kanarraa deebiʼuu ni dandaʼa. Efe 4:30; Yaq 5:19, 20
Taʼe jedhanii cubbuu barsiifata godhachuun garuu duʼa geessisa. 1Yoh 3:6-9
Waaqayyo namoota akkasiitti ni farada; hafuurasaas isaanirraa fudhata. Ibr 6:4-8
Namoota qalbii hin jijjiirranne akkasiitiif kadhannaa dhiheessuu hin qabnu. 1Yoh 5:16, 17
40. Lubbuu
A. Lubbuun maalidha?
Namni lubbuudha. Uma 2:7, hiika bara 1899; 1Qor 15:45, hiika bara 1899; Iya 11:11; HoE 27:37, hiika bara 1899
Bineensonnis lubbuudha. Lak 31:28, NW; Mul 16:3 NW; Lew 24:18, NW
Lubbuun dhiiga qaba, ni nyaata, duʼuus ni dandaʼa. Er 2:34, hiika bara 1899; 13:17 hiika bara 1899; His 18:4
Namni jireenya waan qabuuf, lubbuu qaba jechuun ni dandaʼama. Mar 8:36; Yoh 10:15
B. Garaagarummaa lubbuufi hafuura gidduu jiru
Namni jiraataa taʼe ykn uumamni lubbuudha. Yoh 10:15; Lew 17:11
Humni jireenyaa, lubbuun akka sochoʼu godhu “hafuura” jedhama. Far 146:4; 104:29
Namni tokko yommuu duʼu, humni isa jiraachisu deebiʼee toʼannaa Waaqayyoo jala gala. Lal 12:7
Humna jireenyaa, deebisee kennuu kan dandaʼu Waaqayyo qofadha. His 37:12-14
41. Hafuura, Gocha Hafuura Xuraaʼummaa
A. Hafuurri qulqulluun maalidha?
Humna Waaqayyoo isa hojiirratti argamudha malee qaama mataasaa kan qabu miti. HoE 2:2, 3, 33; Yoh 14:17
Waaqayyo hojii uumuurratti, Macaafa Qulqulluu akka barreessan kakaasuufi kkf raawwachuuf itti fayyadameera. Uma 1:2; His 11:5
Warri qaama Kiristos taʼan hafuuraan akka dhalatan godha; akkasumas isaan diba. Yoh 3:5-8; 2Qor 1:21, 22
Yeroo ammaa saba Waaqayyootiif humna kenna; ni geggeessas. Gal 5:16, 18
B. Humni lubbuun akka jiraatu godhu hafuura jedhama
Humni jireenyaa hafuuraan akka jiraatu godhame. Yaq 2:26; Iyo 27:3
Humni lubbuun akka jiraatu godhu Waaqayyo harka jira. Zak 12:1; Lal 8:8
Humni jireenyaa namootaafi bineensotaa Waaqayyo harka jira. Lal 3:19-21
Namni, hafuurasaa abdii duʼaa kaʼuu wajjin harka Waaqayyootti dabarsee kenna. Luq 23:46
C. Ekeraa dubbisuun, hojii hafuurota xuraaʼoo waan taʼeef irraa fagaachuu qabna
Dubbiin Waaqayyoo gocha hafuura xuraaʼoo ni dhowwa. Isa 8:19, 20; Lew 19:31; 20:6, 27
Hooda dubbachuun, hojii hafuurota xuraaʼoo waan taʼeef balaaleffatameera. HoE 16:16-18
Badiisatti nama geessa. Gal 5:19-21; Mul 21:8; 22:15
Waaʼee gara fuulduraa beekuuf urjii lakkaaʼuun dhowwameera. Kes 18:10-12; Er 10:2
42. Sillaasee
A. Waaqayyo Abbaan tokkodha; uumama cufarratti hunda kan caalus Isadha
Waaqayyo qaama sadii hin qabu. Kes 6:4; Mil 2:10; Mar 10:18; Rom 3:29, 30
Ilmisaa uumameera; isa dura Waaqayyo qofaasaa ture. Mul 3:14; Qol 1:15; Isa 44:6
Yeroo hunda uumama cufa kan bulchu Waaqayyodha. Filp 2:5, 6; Dan 4:35
Waaqayyo hundumaa caalaa ol ol godhamuu qaba. Filp 2:10, 11
B. Ilmi, gara lafaa dhufuusaa duras taʼe isa booda abbaasaa wajjin qixxee miti
Ilmi samiirra yommuu ture ajajamaa ture; Abbaansaa isa ergeera. Yoh 8:42; 12:49
Lafarrattis ni ajajama ture; Abbaansaa isarra ni caala. Yoh 14:28; 5:19; Ibr 5:8
Samiirratti guddaa ol qabameera; taʼus Abbaasaatiif ni bitama. Filp 2:9; 1Qor 15:28; Mat 20:23
Yihowaan mataafi Waaqa Yesusidha. 1Qor 11:3; Yoh 20:17; Mul 1:6
C. Tokkummaa Waaqayyoofi Kiristos
Yeroo hunda guutummaatti walii galu. Yoh 8:28, 29; 14:10
Tokkummaansaanii, tokkummaa abbaa manaafi haadha manaa gidduu jiruu wajjin wal fakkaata. Yoh 10:30; Mat 19:4-6
Amantoonni hundi tokkummaa akkasii qabaachuu qabu. Yoh 17:20-22; 1Qor 1:10
Karaa Kiristos, waaqeffannaa Yihowaa tokkotu barabaraaf jiraata. Yoh 4:23, 24
D. Hafuurri Waaqayyo humna hojiirratti argamudha
Humna malee qaama mataasaa dandaʼe kan qabu miti. Mat 3:16; Yoh 20:22; HoE 2:4, 17, 33
Qaama murtaaʼaa Waaqayyoofi Kiristosii wajjin samii keessa jiraatu miti. HoE 7:55, 56; Mul 7:10
Waaqayyo kaayyoosaa fiixaan baasuuf karaa barbaadeen itti fayyadama. Far 104:30; 1Qor 12:4-11
Warri Waaqayyoon tajaajilan hafuura kana ni argatu, ittiinis ni geggeeffamu. 1Qor 2:12, 13; Gal 5:16
43. Hammeenya, Rakkina Biyya Lafaarra Jiru
A. Rakkina biyya lafaarra jiruuf eenyutu itti gaafatama?
Rakkina yeroo harʼaatti argamuuf sababiinsaa bulchiinsa gadheedha. Fak 29:2; 28:28
Inni biyya lafaa bulchuu diina Waaqayyooti. 2Qor 4:4; 1Yoh 5:19; Yoh 12:31
Rakkina kan fide Diiyaabilosidha; yeroon isaaf hafe gabaabaadha. Mul 12:9, 12
Diiyaabilos ni hidhama; isa boodas nagaa guddaatu dhufa. Mul 20:1-3; 21:3, 4
B. Rakkinni akka jiraatu maaliif heyyamame?
Seexanni, uumamawwan Waaqayyo cina amanamummaadhaan hin dhaabatan jedhee falmii kaaseera. Iyo 1:11, 12
Namoonni amanamoon, amanamummaasaanii akka argisiisaniif carraan isaaniif banama. Rom 9:17; Fak 27:11
Seexanni sobduu taʼuunsaa ni mirkaneeffama; gaaffiin inni olaantummaarratti kaases deebii argata. Yoh 12:31
Namoonni amanamoon, eebba jireenya barabaraa argatu. Rom 2:6, 7; Mul 21:3-5
C. Guyyaan dhumaa dheerachuunsaa ooʼa kan argisiisudha
Akkuma bara Nohi, harʼas akeekkachiisa kennuuf yeroon ni barbaachisa. Mat 24:14, 37-39
Waaqayyo ooʼa argisiisa malee hin seesu ykn lafarra hin harkisu. 2Phe 3:9; Isa 30:18
Macaafni Qulqulluun utuu hin yaadin kiyyoodhaan akka hin qabamne nu gargaara. Luq 21:36; 1Tas 5:4
Eegumsa argachuuf, ammuma qophii Waaqayyoo barbaadaa. Isa 2:2-4; Sef 2:3
D. Rakkinni biyya lafaa karaa namootaa furmaata hin argatu
Namoonni baayʼee sodaataniiru; waan godhanis wallaalaniiru. Luq 21:10, 11; 2Xim 3:1-5
Milkaaʼina kan argatu Mootummaa Waaqayyoo malee kan namootaa miti. Dan 2:44; Mat 6:10
Lubbuudhaan jiraachuuf, ammuma Mootichaa wajjin nagaa buusaa. Far 2:9, 11, 12
44. Dhugaa Baʼuu
A. Kiristiyaanonni hundi dhugaa baʼuufi waaʼee misiraachichaa lallabuu qabu
Fudhatama argachuuf, waaʼee Yesus namoota duratti dhugaa baʼuu qabna. Mat 10:32
Dubbisaa hojiirra oolchuudhaan amantii keenya hojiidhaan argisiisuu qabna. Yaq 1:22-24; 2:24
Warri haaraanis, barsiisota taʼuu qabu. Mat 28:19, 20
Namootaaf dhugaa baʼuun fayyina argamsiisa. Rom 10:10
B. Irra deddeebiʼanii gara namootaa dhaquufi dhugaa baʼuu itti fufuun barbaachisaadha
Dhumni akka dhufu namootaaf akeekkachiisni kennamuu qaba. Mat 24:14
Ermiyaas, Yerusaalem akka balleeffamtu waggoota hedduudhaaf akeekkachiiseera. Er 25:3
Akkuma Kiristiyaanota jalqabaa, nuyis lallabuu keenya dhiisuu hin dandeenyu. HoE 4:18-20; 5:28, 29
C. Dhiiga namootaarraa walaba taʼuuf dhugaa baʼuu qabna
Dhumni dhihaachaa akka jiru akeekkachiisa kennuu qabna. His 33:7; Mat 24:14
Kana gochuu dhiisuun dhiiga namootaatti akka itti gaafatamnu godha. His 33:8, 9; 3:18, 19
Phaawulos dhiiga namootaatti itti gaafatamuurraa walaba baʼeera; guutummaatti dhugaa isaanitti himeera. HoE 20:26, 27, hiika bara 1899; 1Qor 9:16
Dhugaa baʼuun, isa dhugaa baʼuufis taʼe isa dhugaan baʼameef fayyina argamsiisa. 1Xim 4:16; 1Qor 9:22