Faarfannaa 15
Uumamni Ulfina Yihowaa Ibsa
1. Yaa Yihowaa lubbuunkoo si beekee.
Urjoonnis ni himu ulfinakee.
Yeroo hundaa waa’eekee ni labsuu.
Dubbii malee qajeeloo barsiisuu.
Yeroo hundaa waa’eekee ni labsuu.
Dubbii malee qajeeloo barsiisuu.
2. Ji’aaf aduu urjootas uumteettaa.
Murteessite daangaa galaanotaa.
Samii bal’aan ulfinakee ibsaa.
Nu yaadachuunkee nu gammachiisaa.
Samii bal’aan ulfinakee ibsaa.
Nu yaadachuunkee nu gammachiisaa.
3. Qulqulluufi dhugaadha seerrikee.
Irraa arganna yaadachiisakee.
Hunda caalaa ogeeyyii nu godhaa.
Yoo ittiin jiraanne yeroo hundaa.
Hunda caalaa ogeeyyii nu godhaa.
Yoo ittiin jiraanne yeroo hundaa.
(Dabalataan Far. 12:6; 89:7; 144:3; Rom. 1:20 ilaali.)