-
Dhugaan Macaafa Qulqulluu Deebiʼee Kan Argame Akkamitti?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 3
Dhugaan Macaafa Qulqulluu Deebiʼee Kan Argame Akkamitti?
Barattoota Macaafa Qulqulluu, baroota 1870tti
Maxxansa Masaraa Eegumsaa isa jalqabaa, bara 1879
Masaraa eegumsaa is yeroo harʼaa
Macaafni Qulqulluun Kiristos erga duʼee booda, barsiisonni sobduun Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa gidduudhaa kaʼanii dhugaa Macaafa Qulqulluu akka mancaasan raajii dubbatee ture. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Raajiin kun yeroo booda sirriitti raawwatameera. Barumsa Yesus yaada amantii sobaa wajjin waan waliin makaniif Kiristiyaanummaan sobaa ni babalʼate. (2 Ximotewos 4:3, 4) Yeroo harʼaa wanta Macaafni Qulqulluun dhugumaan barsiisu ilaalchisee hubannaa sirrii akka qabnu mirknaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
Yeroon Yihowaan dhugaa itti beeksisu gaʼee ture. Yihowaan, ‘bara isa dhumaatti, beekumsi dhugaan akka baayʼatu’ raajii dubbateera. (Daaniʼel 12:4, NW) Bara 1870tti gareen namoota muraasa dhugaa barbaadan qabate tokko, barumsi manneen sagadaa hedduun Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe akka hin taane hubate. Kanaaf, namoonni kun barumsa Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa barbaaduu kan jalqaban siʼa taʼu, Yihowaanis hubannaa hafuuraa akka argatan gochuudhaan isaan eebbiseera.
Namoonni garaa qajeelaa qaban of eeggannoodhaan Macaafa Qulqulluu qoran. Barattoonni Macaafa Qulqulluu garaa qajeelaa qabaniifi kanaan dura jiraatan, mala qayyabannaa hanga harʼaatti itti fayyadamaa jirru hordofaa turan. Macaafa Qulqulluu mataduree matadureedhaan irratti mariʼatu turan. Kutaan Macaafa Qulqulluu ulfaataa taʼe tokko yommuu isaan mudatu, yaada kana hubachuuf caqasoota garabiraa ilaalu turan. Caqasoonni sun kan walsiman taʼuusaanii erga amananii booda dhumarratti yaada xumuraa irra gaʼan ni galmeessu turan. Mala Macaafni Qulqulluun ofumasaatii akka of ibsu godhu kanatti fayyadamanii, waaʼee maqaa Waaqayyoofi Mootummaasaa, kaayyoo inni ilmaan namootaafi lafaaf qabu, namoonni duʼan haala akkamii keessatti akka argaman, akkasumas abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee dhugaasaa deebisanii argataniiru. Qorannaan isaan godhan amantii sobaafi gochasaarraa walaba isaan baaseera.—Yohannis 8:31, 32.
Bara 1879tti Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroon dhugaan balʼinaan akka beekamu itti godhamu akka gaʼe hubatanii turan. Kanaaf bara sanatti barreeffama yeroo ammaa itti fayyadamaa jirru, jechuunis Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu maxxansuu jalqaban. Yeroo ammaa dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota biyyoota 240 ol taʼan keessa jiraniifi afaan 750 oliin labsaa jirra. Beekumsi dhugaan kanaan dura matumaa haala akkasiitiin baayʼatee hin beeku!
Kiristos erga duʼee booda dhugaan Macaafa Qulqulluu maal taʼe?
Dubbii Waaqayyoo keessaa dhugaa deebisnee argachuuf kan nu dandeessise maalidha?
-
-
Hiika Addunyaa Haaraa Kan Maxxansine Maaliifi?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 4
Hiika Addunyaa Haaraa Kan Maxxansine Maaliifi?
Koongoo (Kinshaasaa)
Ruwaandaa
Ciccitaa barreeffama Siimaʼaakas, isa
Faarfannaa 69:31rratti maqaa Waaqayyoo
qabate, Dhaloota Kiristos Booda
Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoota kurnan hedduutti lakkaaʼamaniif Macaafa Qulqulluu hiika garaagaraatti fayyadamaa, maxxansaafi raabsaa turaniiru. Haataʼu malee yeroo booda, hiika haaraa namoonni hundi waaʼee ‘dhugaa’ Waaqayyo ‘beekumsa’ sirrii akka argatan godhu qopheessuun barbaachisaa akka taʼe hubanne. (1 Ximotewos 2:3, 4) Kanaaf, bara 1950tti Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan ammayyaatiin qophaaʼe gar tokkoosaa maxxansuu jalqabne. Macaafni kun amanamummaadhaan afaan 130 oliin sirriitti hiikameera.
Macaafni Qulqulluun salphaatti hubatamuu dandaʼu barbaachisee ture. Afaanonni yeroodhaa gara yerootti guddachaa waan deemaniif, jechoonni hiikawwan hedduun qabatan, kan namaa hin galle ykn hubachuuf kan nama rakkisan turan. Akkasumas, barreeffamoonni durii caalaatti sirrii taʼaniifi harkaan qophaaʼan, hiikinisaanii warra jalqabaatti dhihaatan argamuunsaanii Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaa, Aramaayikiifi Giriikiitiin qophaaʼan caalaatti hubachuuf gargaaran argamanii turan.
Hiikni Dubbii Waaqayyootiif amanamaa taʼe barbaachisee ture. Namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan, isa Waaqayyo geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffamu godhe fooyyessuu mannaa yaada barreeffamni inni jalqabaa qabateef amanamaa taʼuu qabu. Haataʼu malee, namoonni Caaffata Qulqullaaʼoo hiikan hedduun iddoo baayʼeetti maqaa Yihowaa jedhu hin galchine.
Macaafni Qulqulluun Abbaa Barroo kitaabichaatiif ulfina kennu barbaachisee ture. (2 Saamuʼel 23:2) Akkuma fakkii armaan gadiirratti mulʼatu, Hiika Addunyaa Haaraa keessatti maqaan Yihowaa jedhu iddoo gara 7,000 Macaafa Qulqulluu durii harkaan barreeffame keessa argamu hundatti deebiʼee akka galu godhameera. (Faarfannaa 83:18, NW) Macaafni Qulqulluun kun waggoota dheeraaf qorannaan irratti godhamee kan qophaaʼeefi yaada Waaqayyoo sirriitti kan dabarsu waan taʼeef macaafa kana dubbisuun nama gammachiisa. Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan keetiin qophaaʼe qabaattus qabaachuu baattus, Dubbii Yihowaa guyyaa guyyaadhaan akka dubbistu si jajjabeessina.—Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:2, 3.
Hiikni Macaafa Qulqulluu haaraan akka barbaachisu kan murteessine maaliifi?
Namni fedha Waaqayyoo barachuu barbaadu kamiyyuu guyyaa guyyaadhaan maal gochuunsaa gaariidha?
-