-
Walgaʼii Keenyarraa Faayidaa Akkamii Argatta?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 5
Walgaʼii Keenyarraa Faayidaa Akkamii Argatta?
Arjantiinaa
Seeraa Liyoon
Beeljiyam
Maaleeshiyaa
Namoonni hedduun jajjabina hafuuraa ykn wantoota jireenyasaanii keessatti gaaffii isaanitti uumaniif deebii waan hin arganneef sirna amantiirratti argamuu dhiisaniiru. Erga akkas taʼee, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuu qabdaa? Achi dhaquun keehoo maal siif argamsiisa?
Namoota jaalala qabaniifi warra kaaniif yaadan gidduutti argamuudhaan gammachuu argatta. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa gumii kan qindeessaniifi Waaqayyoon waaqeffachuuf kan walgaʼan, Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuufi wal jajjabeessuuf ture. (Ibroota 10:24, 25) Bakka jaalalli jirutti waan walgaʼaniif, michoota dhugaa, jechuunis namoota hidhata amantiisaanii taʼan gidduu akka jiran isaanitti dhagaʼama ture. (2 Tasaloniiqee 1:3; 3 Yohannis 14) Nuyis fakkeenyasaanii waan hordofnuuf, akkumasaanii gammachuu arganna.
Faayidaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun argamsiisu hubatta. Akkuma bara duriitti ture, yeroo ammaattis dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen walgaʼiirratti argamu. Barsiisonni gaʼumsa qaban, Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii seera buʼuuraa achi keessatti argamu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaaru. (Keessa Deebii 31:12; Nahimiyaa 8:8) Hundi keenya kutaa maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhihaaturratti kan hirmaannuufi kan faarfannu siʼa taʼu, kunis abdii qabnu ibsuuf carraa nuu bana.—Ibroota 10:23.
Amantii Waaqayyorratti qabdu jabeeffachuudhaan eebba argamu hubatta. Phaawulos ergamaan gumiiwwan barasaatti turan keessaa isa tokkoon, “Ani . . . isin arguu[n] yaada. Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf” jedheera. (Roomaa 1:11, 12) Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuun, amantii keenya nuuf jabeessa; murtoo seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimnee jiraachuuf goones nuu cimsa.
Walgaʼii gumii yeroo ittaanu goonurratti argamtee wantoota kana ofuma keetii ilaaluudhaan akka mirkaneessitu si jajjabeessina. Miira hoʼaadhaan si simanna. Walgaʼii godhamurratti kaffaltiin hin gaafatamu; qodaan qarshiin ittiin sassaabamus hin naanneffamu.
Walgaʼiin keenya fakkeenya warra kamii hordofuudhaan geggeeffama?
Walgaʼiirratti argamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
-
-
Obboloota Keenyaa Wajjin Walgaʼuudhaan FayyadamuuYeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 6
Obboloota Keenyaa Wajjin Walgaʼuudhaan Fayyadamuu
Maadaagaaskaar
Noorweey
Libaanon
Xaaliyaanii
Bosona ykn qilleensa cimaa keessa kunnee deemuudhaan, yeroo hundumaa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamna. Dhugaa Baatonni Yihowaa buʼaa baʼiin jireenyaa kan isaan mudatuufi hojii oolanii kan dadhaban taʼus, namoota hidhata amantiisaanii taʼanii wajjin walgaʼuuf carraaqqii akkasii kan godhan maaliifi?
Jireenya keenyaaf barbaachisaadha. Phaawulos, ‘Tuttuqnee yaada walii in kaasna’ jechuudhaan namoota gumii Kiristiyaanaa keessatti argamaniif barreesseera. (Ibroota 10:24) Yaanni kun “xiyyeeffannaa waliif kennuu,” jechuunis sirriitti wal beekuu argisiisa. Kanaaf wanti Phaawulos dubbate walii keenyaaf akka yaannu kan nu jajjabeessudha. Maatii Kiristiyaanaa tokkoo wajjin wal beekuun keenya rakkina nu mudachaa jiru akkamitti akka moʼan baruudhaan, nutis rakkina sana moʼuuf nu gargaara.
Michooma cimaa uumuuf nu gargaara. Obboloonni keenya warri walgaʼiirratti waliin hirmaannu, namoota halaalatti beeknu utuu hin taʼin michoota dhugaa kan nuuf taʼanidha. Walgaʼiidhaan alattis, yeroo gaarii waliin dabarsina. Michummaan akkasii faayidaa maalii qaba? Walii keenyaaf iddoo guddaa kennuu barachuuf nu gargaara; jaalala obboloota keenyaaf qabnus nuu cimsa. Kanaaf, rakkinni yeroo isaan mudatu, michooma cimaa waan qabnuuf battalumaan isaan gargaaruuf kakaana. (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Miseensota gumii keessa jiran hundaa wajjin michoomuudhaan, ‘qixxeetti walii keenyaaf akka yaannu’ argisiisna.—1 Qorontos 12:25, 26.
Namoota fedha Waaqayyoo raawwachaa jiran keessaa michoota akka filattu si jajjabeessina. Michoota akkasiimmoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa argachuu dandeessa. Kanaaf, wanti tokkoyyuu nu wajjin michoomuurraa akka si dhowwu hin heyyamin.
Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin walgaʼiirratti argamuun kan nu fayyadu akkamitti?
Gumii keenyarratti yoom argamuuf yaadda?
-