-
Walgaʼiin Keenya Akkamitti Geggeeffama?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 7
Walgaʼiin Keenya Akkamitti Geggeeffama?
Niiwu Ziilaandi
Jaappaan
Ugaandaa
Lutuwaaniyaa
Walgaʼiin Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa, sirna amantii tokko raawwachuudhaan utuu hin taʼin, faarfannaa, kadhannaa, Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisuufi irratti mariʼachuudhaan geggeeffama ture. (1 Qorontos 14:26) Walgaʼii keenyarrattis wantootuma akkasii argita.
Barumsi kennamu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼeefi hojiirra ooluu kan dandaʼudha. Dhuma torbaniitti, gumiin hundi haasaa sabaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe daqiiqaa 30f dhihaatu dhaggeeffachuuf walgaʼu. Haasaan kun Caaffanni Qulqullaaʼoon jireenya keenyaafi yeroo keessa jiraannuu wajjin kan wal qabatan akkamitti akka taʼe ibsa. Hundi keenya Macaafa Qulqulluu keenya baasnee akka hordofnu jajjabeeffamna. Haasaa kana booda, saʼaatii tokkoof Qayyabannaan “Masaraa Eegumsaa” ni geggeeffama; miseensonni gumiis maree mataduree maxxansa qayyabannaa Masaraa Eegumsaa tokkorratti godhamurratti hirmaatu. Mareen kun, qajeelfama Macaafa Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuuf nu gargaara. Gumiiwwan keenya 110,000 taʼaniifi addunyaa maratti argaman hundis matadureedhuma kana qayyabatu.
Dandeettii barsiisuuf qabnu fooyyeffachuuf gargaarsa arganna. Walgaʼiiwwan gumii torban gidduutti goonu irratti sagantaa kutaa sadi qabuu fi mata duree Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jedhamu qabu irratti hirmaachuuf walitti qabamna. Walgaʼiin kun Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jiʼa jiʼaan baʼu irratti kan hundaaʼe dha. Kutaan walgaʼii kanaa inni jalqabaa Beekumsa Dubbii Waaqayyoo Irraa Argamu jedhamu kutaa Kitaaba Qulqulluu gumichi dursee dubbisee wajjin caalaatti wal baruuf nu gargaara. Achiis kutaan Tajaajilaaf Of Qopheessi jedhuu fi hojiin argisiisa dabalatu namoota kaanii wajjin akkamitti Kitaaba Qulqulluu mariʼachuu akka dandeenyu ibsa. Obboleessi gorsa kennu gorsa dandeettii dubbisuu fi dubbachuu barattootaa fooyyessuuf gargaaru kennaaf. (1 Ximotewos 4:13) Kutaan inni xumuraa Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu jedhamu immoo, dhugaawwan buʼuuraa jireenya keenya keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu kan ibsudha. Kunis gaaffii fi deebii beekumsa Kitaaba Qulqulluu keenya akka guddifannu nu gargaaru kan dabalatu dha.
Walgaʼii keenyarratti yeroo argamtu, qulqullinni barumsa Macaafa Qulqulluu ati dhaggeeffattuu akka si dinqisiisu homaa hin shakkisiisu.—Isaayaas 54:13.
Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti maal dhaggeeffachuuf eeguu dandeessa?
Yeroo ittaanutti walgaʼii keenya torbanii keessaa isa kamirratti argamuuf murteessiteetta?
-
-
Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 8
Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?
Aayislaandi
Meeksikoo
Giinii Bisaawu
Filippiinsi
Fakkiiwwan birooshura kanarra jiranirraa, Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiisaaniirratti yeroo argaman akka gaariitti akka uffatan argitee? Akkaataa uffannaafi filannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akkasii kan kenninu maaliifi?
Waaqayyoof ulfina akka kenninu argisiisuuf. Waaqayyo wanta bakkeedhaan mulʼatu qofa akka hin ilaalle beekamaadha. (1 Saamuʼel 16:7) Haataʼu malee, yommuu Yihowaa waaqeffachuuf wal geenyu, fedhiin keenya inni guddaan isaafis taʼe namoota hidhata amantii keenyaa taʼaniif ulfina akka qabnu kan argisiisudha. Abbaa firdii tokko duratti murtoodhaaf yoo dhihaanne, aangoosaatiif jecha uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akka kenninu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, akkaataan nuti gumiirratti itti uffannu, Yihowaa isa ‘Abbaa firdii’ taʼeefi iddoo itti isa waaqeffannuuf bakka guddaa akka kenninu argisiisa.—Uumama 18:25.
Faayidaa seerri buʼuuraa ittiin jiraannu qabu argisiisuuf. Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni “maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” akka uffatan jajjabeessa. (1 Ximotewos 2:9, 10) “Maal naan jedhuudhaan” uffachuu jechuun, uffata qullaa argisiisu, fedhii saalqunnamtii kakaasu ykn xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisu uffachuu dhiisuu jechuudha. “Of qabuudhaan” kan jedhummoo uffata ija namaati tolu ykn gara dhabaa hin taane filachuuf nu gargaara. Seerri buʼuuraa kun filannoowwan dhuunfaa hedduu kan qabatedha. Afaaniin dubbachuun utuu nu hin barbaachisin, uffannaan keenya inni bareedaafi gaariin, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” gochuudhaan namoonni ‘Waaqayyoof ulfina akka kennan’ gochuu dandaʼa. (Tiitoos 2:10; 1 Phexros 2:12) Walgaʼiiwwaniif akka gaariitti uffachuudhaan, namoonni waaqeffannaa Yihowaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan gochuu dandeenya.
Uffannaankee walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurraa akka si hambisu hin heyyamin. Uffati keenya gatii guddaadhaan kan bitame taʼuu baatus, walgaʼichaaf kan malu, qulqulluufi kan namatti tolu taʼuu qaba.
Akkaataan uffannaa keenyaa waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akkamii qaba?
Seerri buʼurraa uffannaafi filannaaf akka qajeelfamaatti nu gargaaru isa kamidha?
-