-
Walgaʼii Gurguddaarratti Kan Argamnu Maaliifi?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 11
Walgaʼii Gurguddaarratti Kan Argamnu Maaliifi?
Meeksikoo
Jarman
Bootiswaanaa
Nikaaraaguwaa
Xaaliyaanii
Namoonni kun akkas kan gammadan maaliifi? Walgaʼii keenya tokkorratti hirmaachaa waan jiraniifidha. Akkuma tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii waggaatti al sadii akka walgaʼan ajajamanii turan, nuyis yeroo itti walgaʼii gurguddaa goonu hawwiidhaan eegganna. (Keessa Deebii 16:16) Waggaatti walgaʼii sadii jechuunis, waggaatti siʼa lama walgaʼii aanaa guyyaa tokkoo, akkasumas walgaʼii naannoo guyyaa sadii goona. Walgaʼiiwwan kanarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
Obbolummaa Kiristiyaanaa keenya nuuf cimsu. Akkuma Israaʼeloonni ‘walgaʼii keessatti’ Yihowaa faarsuudhaan gammadan, nutis yeroo adda taʼan kanatti isa waaqeffachuun nu gammachiisa. (Faarfannaa 26:12; 111:1) Walgaʼiiwwan kun Dhugaa Baatota gumii kan biraa jiran ykn biyya kan biraatii dhufanii wajjin wal baruufi yeroo gaarii dabarsuuf carraa nuu banu. Saʼaatii laaqanaatti, bakka walgaʼichaatti nyaata waliin nyaachuun, walgaʼicharraa gammachuu akka argannuuf gumaacha guddaa godha. (Hojii Ergamootaa 2:42) Walgaʼiiwwan kanarratti jaalala “obbolummaa amantootaa” addunyaa maratti tokko nu godhe arguu dandeenya.—1 Phexros 2:17.
Guddina hafuuraa gochuuf nu gargaaru. Israaʼeloonni wanta Caaffata Qulqullaaʼoorraa ‘dubbifamee’ isaaniif ibsame “waan hubataniif” faayidaa argatanii turan. (Nahimiyaa 8:8, 12) Nutis barumsa Macaafa Qulqulluu walgaʼiiwwan kanarraa argannu ni dinqisiifanna. Sagantaansaa hundi caqasa Macaafa Qulqulluu tokko tokkorratti kan hundaaʼedha. Haasaan, simpooziyemiiniifi hojiin argisiisni dhihaatan, fedha Waaqayyoo akkamitti jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu akka dandeenyu nu barsiisu. Muuxannoo obboloonni keenya yeroo rakkisaa haala gaariitiin moʼan dubbatan yommuu dhageenyu ni jajjabaanna. Walgaʼii naannoorratti, diraamaan uffata namoota bara durii uffachuudhaan dhihaatu seenaansaa akka nuuf dhugoomu kan godhu taʼuusaarrayyuu, barumsa hojiirra ooluu dandaʼu nuuf dabarsa. Walgaʼii gurguddaa hundarratti, namoonni Waaqayyoof of murteessuusaanii argisiisuu barbaadan ni cuuphamu.
Walgaʼii gurguddaan yeroo nama gammachiisu kan taʼe maaliifi?
Walgaʼii gurguddaarratti argamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
-
-
Hojiin Lallabaa Keenya Kan Gurmeeffame Akkamitti?Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
-
-
BARUMSA 12
Hojiin Lallabaa Keenya Kan Gurmeeffame Akkamitti?
Ispeen
Belaarus
Hoongi Koongi
Peeruu
Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedhee ture. (Maatewos 24:14) Haataʼu malee, hojiin lallabaa kun addunyaa maratti raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya Yesus yeroo lafarra ture raawwate hordofuudhaanidha.—Luqaas 8:1.
Namoota manasaanii dhaqnee haasofsiisuuf yaalii goona. Yesus manaa gara manaatti deemanii misiraachoo akka lallabaniif bartootasaa leenjiseera. (Maatewos 10:11-13; Hojii Ergamootaa 5:42; 20:20) Namoonni jaarraa tokkoffaatti wangeela lallabaa turan bakki itti lallabuu qaban isaanitti himamee ture. (Maatewos 10:5, 6; 2 Qorontos 10:13) Yeroo harʼaas, hojiin lallabaa keenya akka gaariitti kan gurmeeffame siʼa taʼu, gumiin hundi naannoo tajaajilaa isaaf kenname qaba. Kunis ajaja Yesus ‘wangeelicha namootatti akka lallabnuufi [“guutummaatti,” NW] akka dhugaa baanu’ nuu kenne raawwachuuf nu gargaara.—Hojii Ergamootaa 10:42.
Bakka namoonni argaman hundumaatti isaan haasofsiisuuf carraaqna. Yesus bakka namoonni hedduun argaman, jechuunis qarqara galaanaa ykn boolla namoonni bishaan keessaa waraabbatan biratti lallabuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. (Maarqos 4:1; Yohannis 4:5-15) Nutis bakka hundaatti jechuunis karaarratti, naannoo daldalaatti, bakka konkolaataan dhaabatutti ykn bilbilaan waaʼee Macaafa Qulqulluu namoota haasofsiisna. Carraa arganne hundatti fayyadamuudhaanis ollaawwan, namoota nu wajjin hojjetan, nu wajjin barataniifi firoota keenyaaf ni lallabna. Carraaqqiin kun hundi namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti argaman misiraachoo “fayyisuu isaa” dhagaʼuu akka dandaʼan godheera.—Faarfanna 96:2.
Namni misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo itti himuu barbaadduufi misiraachoon kun jireenyasaarratti jijjiirama fida jettee yaaddu jiraa? Abdii kana ofuma keetii qabattee hin taaʼin. Kanaa mannaa wanta baratte battalumaan namootatti himi.
“Wangeelli mootummaa” lallabamuu qabu maalidha?
Dhugaa Baatonni Yihowaa mala Yesus lallabaaf itti fayyadame kan hordofan akkamitti?
-