LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • igw ful. 4-ful. 5
  • Gaaffii 2: Waaʼee Waaqayyoo barachuu kan dandeessu akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii 2: Waaʼee Waaqayyoo barachuu kan dandeessu akkamitti?
  • Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
Dubbii Waaqayyoorraa Barachuu
igw ful. 4-ful. 5

GAAFFII 2

Waaʼee Waaqayyoo barachuu kan dandeessu akkamitti?

“Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!”

Iyaasuu 1:8

“Namoonni sun macaafa seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii in ibsaniif; jarris kana irratti seericha hubachuu in dandaʼan.”

Nahimiyaa 8:8

“Namni akka gorsa warra jalʼootaatti hin deddeebine . . . gammachuu qaba! Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada. . . . Wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.”

Faarfannaa 1:1-3

“Filiphosis konkolaataa sanatti fiigee, namichi macaafa raajicha Isaayaas utuu dubbisuu dhagaʼe, ‘Waan dubbisuutti jirtu kana in hubattaa?’ jedhee isa gaafate. Namichi immoo, ‘Utuu namni anaaf hin ibsin, attamittan hubachuu dandaʼa?’ jedhee deebise.”

Hojii Ergamootaa 8:30, 31

“Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa, waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in dandaʼa; kanaafis waan itti qabatan hin qaban.”

Roomaa 1:20

“Hojiin kee hundinuu yaada koo keessa jira, waaʼee wanta ati hojjettees nan yaada.”

Faarfannaa 77:12

“Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! . . . Walitti qabamuu keenya hin dhiifnu.”

Ibroota 10:24, 25

“Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hirʼate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf.”

Yaaqoob 1:5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi