GAAFFII 3
Macaafa Qulqulluu kan barreesse eenyudha?
“Museen dubbii Waaqayyo dubbate hundumaa caafe.”
“Daaniʼel siree isaa irra ciisee utuu jiruu abjuu arge, mulʼannis mataa isaa keessa in dhufe; kana booddees abjuu sana caafee mataa mataa isaa himuutti kaʼe.”
“Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.”
“Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf . . . dhimma in baasa.”
“Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.”