LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Manni Kitaabaa Galma Mootummaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 27

      Manni Kitaabaa Galma Mootummaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti?

      Obboleessa Mana kitaabaa Galma Mootummaatti fayyadamaa jiru

      Israaʼel

      Dhugaa Baatuun tokko qorannoo akka godhu dargaggeessa tokko yommuu gargaaru

      Rippuubliikii Cheek

      Intala kitaaba faarfannaa isheerratti maqaashee barreessaa jirtu

      Beeniin

      Obboleessa Waachtaawar laayibirarii fayyadamaa jiru

      Odoola Keeyimaan

      Beekumsa Macaafa Qulqulluukee guddifachuuf qorannoo gochuu barbaaddaa? Waaʼee caqasa, nama, bakka ykn wanta Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame tokkoo baruuf hawwii qabdaa? Yookiin dhimmoota dhuunfaa tokko tokkorratti Macaafni Qulqulluun akka si gargaaru barbaaddaa? Taanaan mana kitaabaa Galma Mootummaa jirutti fayyadami.

      Meeshaalee qorannoo gochuuf fayyadan argachuuf nu gargaara. Barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan hundumaa afaan ittiin dubbattuun argachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, barreeffamoota dhihootti maxxanfaman mana kitaabaa Galma Mootummaatti argachuu dandeenya. Akkasumas Macaafa Qulqulluu hiikaa addaddaa, galmee jechootaa gaarii taʼaniifi meeshaalee qorannoo gochuuf gargaaran kan biraas qabateera. Walgaʼii duraafi booda, mana kitaabichaatti fayyadamuu dandeessa. Manni kitaabichaa kompiitara qaba taanaan, Waachtaawar Laayibirarii qabaachuu dandaʼa. Waachtaawar Laayibirariin faayila kompiitaraa barreeffamoota keenya hedduu qabate siʼa taʼu, mataduree, jechaafi caqasa addaddaa waan qabuuf qorannaa gochuuf salphaa kan taʼedha.

      Barattoota Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaatiif faaayidaa guddaa kenna. Yeroo kutaa keetiif qophooftu mana kitaabaa Galma Mootummaa jirutti akka gaariitti fayyadamuu dandeessa. Ilaaltuun ol aanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa mana kitaabaa kana itti gaafatamummaadhaan hordofa. Barreeffamoonni dhiheenyatti baʼan achi jiraachuusaaniifi sirriitti kaaʼamuusaanii mirkaneessa. Odeeffannoo barbaadde akkamitti argachuu akka dandeessu inni ykn namni si qayyabachiisu sitti himuu dandaʼa. Barreeffama mana kitaabichaa Galma Mootummaatii fuudhanii baʼuun garuu hin dandaʼamu. Akkasumas yommuu dubbisnu kitaabota sirriitti qabuu qabna; irratti barreessuus hin qabnu.

      Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyoon baruuf’ “akka nama qabeenya dhokfamee jiru qoratuutti” qorannoo gadi fageenya qabu gochuu akka qabnu ibsa. (Fakkeenya 2:1-5) Manni kitaabaa Galma Mootummaa qorannoo akkasii gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

      • Mana kitaabaa Galma Mootummaa keessa meeshaalee qorannoo gochuuf gargaaran akkamiitu jiru?

      • Mana kitaabaa kanatti sirriitti fayyadamuu akka dandeessuuf eenyufaatu si gargaaruu dandaʼa?

      CAALAATTI BARADHU

      Mana kitaabaa dhuunfaa qabaachuu barbaannaan, nama kutaa barreeffamaatii hojjetu gaafadhu. Jalqaba barreeffama kamfaa qabaachuu akka qabdu namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu sitti himuu dandaʼa.

  • Weebsaayitii Keenyarraa Maaltu Argamuu Dandaʼa?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 28

      Weebsaayitii Keenyarraa Maaltu Argamuu Dandaʼa?

      Dubartii laap toopiisheetiin qorannoo gochaa jirtu

      Faransaay

      Maatii kompiitaraan fayyadamaa jiran

      Poolaandi

      Dubartii viidiyoo afaan mallattoo Intarneetii irraa ilaalaa jirtu

      Raashiyaa

      Yesus duuka buutotasaatiin, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!” jedhee ture. (Maatewos 5:16) Kana raawwachuufis, Intarneetii dabalatee teknoolojii ammayyaatti fayyadamaa jirra. Waaʼeen amantiifi sochii Dhugaa Baatota Yihowaa teessoo Weebsaayitii jw.org jedhamurratti argama. Weebsaayitii kanarratti maalfaatu argama?

      Deebii Macaafni Qulqulluun Gaaffiiwwan yeroo baayʼee kaʼaniifi kennu qabatee jira. Weebsaayitii keenyarraa gaaffii barbaachisoo namoonni yeroo baayʼee gaafatan tokko tokkoof deebii argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, weebsaayitii keenya irraa tiraaktiin Rakkinni ni Badaa? fi Namoonni Duʼan Deebiʼanii Jiraachuu ni Dandaʼuu? jedhamu afaan 600 oliin argama. Akkasumas Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan 130 oliin, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu dabalatee, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran hedduu, Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dhiheenyatti maxxanfaman argachuu dandeessa. Barreeffamoota kana keessaa baayʼeensaanii weebsaayitiidhuma sanarratti kan dubbifaman siʼa taʼu, kaanimmoo meeshaalee, sagalee, MP3, ‘PDF’ ykn ‘EPUB’ taphachiisanitti daawun lood godhamuu dandaʼu. Nama fedhii qabuufi afaansaatiin barreeffama argachuu barbaaduufis weebsaayitii kanarraa maxxansuufii dandeessa. Barreeffamoota afaan mallattoo hedduu viidiyoodhaan qophaaʼanis weebsaayitii kanarraa argachuun ni dandaʼama. Dubbisa Macaafa Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼe, diraamaa Macaafa Qulqulluufi muuziqaa gaarii yeroo boqonnaa keetti dhaggeeffachuu dandeessus daawunlood godhachuu dandeessa.

      Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa odeeffannoo sirrii qabatee jira. Oduufi viidiyoo waaʼee hojii keenya dhihootti hojjetamanii ibsu, dhimmoota Dhugaa Baatota Yihowaa ilaallatan addeessan, obboloota balaan irra gaʼe gargaaruuf carraaqqii goone ibsan argachuun ni dandaʼama. Beeksisa waaʼee walgaʼii gurguddaa fuulduratti goonu ibsuufi teessoo waajjiroota damee keenyaas argachuu dandeessa.

      Wantoota kanatti fayyadamuudhaan hamma handaara lafaatti dhugaan akka ifu gochaa jirra. Antaarkitiikaa dabalatee namoonni ardii hundarra jiran qophii kanarraa fayyadamaa jiru. Waaqayyo ulfina akka argatuuf, ‘Dubbiin gooftaa [Yihowaa] iddoo baayʼee akka gaʼu’ ni kadhanna.—2 Tasaloniiqee 3:1.

      • Weebsaayitiin jw.org jedhamu, namoonni baayʼeen dhugaa Macaafa Qulqulluu akka baran gargaaraa kan jiru akkamitti?

      • Weebsaayitii keenyarraa waaʼee maalii ilaaluu barbaadda?

      HUBACHIISA

      Mormitoonni tokko tokko, Weebsaayitii waaʼee jaarmiyaa keenyaa waan sobaa dubbatu qopheessaniiru. Kaayyoonsaanii namoonni Yihowaa akka hin tajaajille gochuudha. Weebsaayitoota kanarraa fagaachuu qabna.—Faarfannaa 1:1; 26:4; Roomaa 16:17.

  • Fedha Yihowaa Raawwachuu Ni Barbaaddaa?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • Fedha Yihowaa Raawwachuu Ni Barbaaddaa?

      Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa, waaʼee hojii keenyaafi waaʼee jaarmiyaa keenyaa baruuf, yeroo fudhattee birooshura kana waan dubbisteef si galateeffanna. Yeroo harʼaa fedha Yihowaa raawwachaa kan jiran nu taʼuu keenya addaan baastee baruuf si gargaareera jennee abdanna. Waaʼee Waaqayyoo barachuukee akka itti fuftu, wanta barachaa jirtu maatiikeefi hiriyoota keetti akka himtuufi yeroo hundumaa walgaʼii Kiristiyaanaa keenyarratti nuu wajjin akka walitti qabamtu si jajjabeessina.—Ibroota 10:23-25.

      Waaʼee Yihowaa gadi fageenyaan yommuu barachaa deemtu, jaalala guddaa akka inni siif qabu hubachaa deemta. Kunimmoo atis jaalala isaaf qabdu argisiisuuf wanta sii dandaʼame hunda gochuuf akka kakaatu si godha. (1 Yohannis 4:8-10, 19) Haataʼu malee jireenyakee keessatti jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Abboommiisaa eeguunkee hunda caalaa kan si fayyadu maaliifi? Nuu wajjin taatee fedha Waaqayyoo raawwachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Atiifi maatiinkee ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguudhaan jireenya barabaraa’ argachuu akka dandeessaniif, namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu deebii gaaffiiwwan kanaarratti sii wajjin mariʼachuun isa gammachiisa.—Yihudaa 21.

      Karaa dhugaarra deddeebiʼuudhaan guddina argisiisuukee itti fufuu akka dandeessuuf kitaaba armaan gadi jiru akka qayyabattu si afeerra.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi