-
Yesus Kiristos—Masiihii Isa AbdachiifameMacaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
-
-
Miikiyaas kan jedhamu raajii garabiraanimmoo, mucaan kun yeroo booda akka geggeessaa ta’uufi “mandara Betlihem-Efraataa” keessatti akka dhalatu raajii dubbatee ture. (Miikiyaas 5:2) Yeroo Yesus dhalatetti, Israa’el keessa magaalaawwan Betlihem jedhamanii waamaman lama turan. Magaalaan Betlihem isheen tokko karaa kaaba naannoo Naazireetitti kan argamtu yeroo taatu, Betlihem isheen kaanimmoo biyya Yihudaa keessatti naannoo Yerusaalemitti argamti turte. Betlihem isheen naannoo Yerusaalemitti argamtu dur Efraataa jedhamtee waamamti turte. Akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti Yesus magaalaa kanatti dhalate!—Maatewos 2:1.
Raajiin Macaafa Qulqulluu garabiraanimmoo, Ilmi Waaqayyoo “biyya Gibxii keessaa” akka waamamu raajiidhaan dubbatamee ture. Yesus ijoollummaasaatti gara biyya Gibxiitti geeffamee ture. Herodis erga du’ee booda biyya Giibxiitii waan deebi’eef raajiin kun sirriitti raawwiisaa argateera.—Hose’aa 11:1; Maatewos 2:15.
Gabatee fuula 200rratti mataduree “Raajii” jedhu jalatti caqasawwan argaman geggeessituu dibame ilaalchisee, yaada bal’aa qabataniiru. Caqasawwan kana mataduree “Raawwii” jedhu jalatti argamanii wajjin waliin ilaali. Kana gochuunkee amantii Sagalee Waaqayyoorratti qabdu caalaatti siif jabeessa.
Caqasawwan kana yeroo qortu, raajiiwwan kun kan barreeffaman Yesus utuu hin dhalatin waggoota dheeraa dura ta’uusaanii qalbeeffadhu. Yesus, ‘Waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf jira’ jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 24:44) Macaafa Qulqulluu keerraa mirkaneeffachuu akka dandeessutti, wantoonni raajiiwwan keessatti ibsaman hundi sirriitti raawwiisaanii argataniiru!
-
-
Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
-
-
KUTAA DABALATAA
Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?
NAMOONNI barumsa Sillaaseetti amanan, Abbaan, Ilmiifi Hafuurri Qulqulluun sadansaanii Waaqayyodha jedhu. Qaamonni sadan kun qixxeedha; waan hundumaa kan danda’anidha; akkasumas jalqaba hin qaban jedhamee dubbatama. Akka barumsa Sillaaseetti, Abbaan Waaqadha, Ilmi Waaqadha, Hafuurri Qulqulluunis Waaqadha, haata’u malee, Waaqayyo tokko qofadha.
Namoonni Sillaaseetti amanan baay’een waa’ee barumsa kanaa sirriitti ibsuu akka hin dandeenye ni amanu. Haata’u malee, barumsi kun barumsa Macaafa Qulqulluu akka ta’e isaanitti dhaga’ama ta’a. Jechi “Sillaasee” jedhu gonkumaa akka Macaafa Qulqulluu keessatti hin argamne hubatamuu qaba. Haata’u malee, yaadni waa’ee Sillaasee ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti ni argamaa? Deebii gaaffii kanaa argachuuf mee jalqaba namoonni barumsa kanatti amanan barumsa Sillaaseetiif ragaa dhiheessuuf caqasa isaan akka ragaatti dhiheessan tokko haa ilaallu.
“SAGALICHI OFII ISAA WAAQAYYO TURE”
Yohannis 1:1 akkas jedha: “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture.” Yohannis “Sagalichi” Yesus ta’uusaa boqonnaadhuma kanarratti ifatti argisiiseera. (Yohannis 1:14) Namoonni tokko tokko Sagalichi Waaqayyo jedhamee waan waamameef Abbaafi Ilmi Waaqa tokko ta’uu qabu jedhanii yaadu.
Kutaan Macaafa Qulqulluu kun jalqaba kan barreeffame afaan Giriikiitiin ta’uusaa yaadadhu. Yeroo boodammoo namoonni Macaafa Qulqulluu afaan garabiraatti hiikan kutaawwan Macaafa Qulqulluu kana gara afaansaaniitti jijjiiran. Haata’u malee namoonni Macaafa Qulqulluu afaan garabiraatti hiikan baay’een “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” jedhanii hin hiikne. Maaliifi? Beekumsa Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiitiin barreeffame ilaalchisee beekumsa qabanirratti hundaa’uudhaan jecha “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture” jedhu haala kanarraa adda ta’een hiikamuu akka qabu hubataniiru. Akkamitti hiikamuu qabaree? Fakkeenyonni muraasni kanaa gaditti dhihaataniiru: “Sagalichi waaqa ture.” (Za Niwuu Teestaamant iin aan Impruuvd Varshin) “Sagaleen Waaqayyoo wajjin ture, akkasumas amala isaa wajjin wal fakkaatu qaba ture.” (Za Tiraansileetars Niwuu Teestaamant) Hiika Macaafota Qulqulluu kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Sagaleen ofumasaatii Waaqayyo miti.a Kanaa mannaa, Sagaleen kun uumamawwan Yihowaa keessaa iddoo guddaa qabuun kan ka’e “waaqa” jedhamee waamameera. Asirratti jechi “waaqa” jedhu “jabaa” jechuudha.
RAGAAWWAN DABALATAA ILAALI
Namoonni baay’een Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiitiin barreeffame hin beekan. Erga akkas ta’ee wanta Yohannis jechuu barbaade akkamitti beekuu dandeenyaree? Fakkeenya kana ilaali: Barsiisaan tokko waa’ee mataduree tokkoo barattootasaatiif ibsa. Boodas, barattoonni kun mataduree kana karaa adda addaa hubatan. Barattoonni kun garaagarummaa gidduusaaniitti uumame akkamitti hiikuu danda’u? Barsiisaansaanii
-