LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • Yesus dhuma sirna kanaa ilaalchisee dubbate caqasuudhaan: “Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan” jedheera. (Maatewos 24:36) Jechoonni kun Yesus Waaqayyo isa Wanta Hundumaa Danda’u akka hin taane kan mirkaneessan akkamitti?

      Yesus Abbaan Ilma caalaa akka beeku dubbateera. Yesus Waaqayyo isa Wanta Hundumaa Danda’u utuu ta’ee wanta Abbaansaa beeku hundaa beekuu qaba ture. Kanaafuu, Abbaafi Ilmi qixxee ta’uu hin danda’an. Haata’u malee, ammayyuu namoonni tokko tokko ‘Yesus amala lama qaba ture. Asirratti kan dubbate yeroo nama turettidha’ jedhu. Haata’u malee, utuma jechisaanii kun dhugaa ta’eellee, hafuurri qulqulluunoo maalidha? Hafuurri qulqulluun akka Waaqayyo Abbaa erga ta’ee, Yesus hafuurri qulqulluun wanta Abbaan beeku beeka jedhee kan hin dubbanne maaliifi?

      Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kee yeroo itti fuftutti, caqasawwan Macaafa Qulqulluu barumsa kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban baay’ee argatta. Yaadni argattu kunis, waa’ee Abbaa, waa’ee Ilmaafi waa’ee hafuura qulqulluu dhugaansaa maal akka ta’e caalaatti siif mirkaneessu.​—Faarfannaa 90:2; Hojii Ergamootaa 7:55; Qolosaayis 1:15.

  • Kiristiyaanonni Dhugaa, Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • KUTAA DABALATAA

      Kiristiyaanonni Dhugaa, Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?

      NAMOONNI miliyoonaan lakkaa’aman fannoodhaaf jaalala guddaa qabaachuusaaniirrayyuu, ulfina guddaa kennu. Za Insaaykilooppidiyaa Biriitaanikaan fannoon “mallattoo amantii Kiristiyaanaatti” jechuudhaan dubbateera. Haata’u malee, Kiristiyaanonni dhugaan waaqeffannaa isaaniitiif fannoo hin gargaaraman. Maaliifi?

      Sababiinsaanii inni guddaan Yesus Kiristos fannoorratti waan hin duuneefidha. Jechi afaan Giriikiitiin istaawuroos jedhamu “fannoo” jedhamee hiikama. Jechi kun kallattiidhaan yeroo hiikamu “muka solooloo” jechuudha. Kitaabni Za Kompaaniyen Baayibil jedhamu akkas jechuudhaan ibseera: Jechi “[Istaawuroos] jedhamu gonkumaa mukoota arfii lamaan wal qaxxamuran hin argisiisu . . . [Kakuu Haaraa] afaan Giriikiitiin barreeffame keessatti odeeffannoon mukoota lama argisiisu hin argamu.”

      Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu baay’een wanta Yesus irratti du’e argisiisuuf jecha garabiraadhaan gargaaramaniiru. Jechi kunis jecha zaayiloon jedhamudha. (Hojii Ergamootaa 5:30; 10:39; 13:29; Galaatiyaa 3:13; 1 Phexros 2:24) Gabaabaadhumatti jechi kun “laaxaa [utubaa]” ykn “ulee, bokkuu, ykn muka” jechuudha.

      Kitaabni (Fannoofi Fannifamuu) Daas Kirooyitis unduu dii Kirooyisigung jedhamuufi nama Hermaan Fuldaa jedhamuun qophaa’ee, yeroo baay’ee namoota du’aan adabuuf sababii muka solooloodhaan itti gargaaraman akkas jechuudhaan ibseera: “Namoonni bakka namoonni jiranitti akka ajjeefamaniif itti faradametti mukti baay’inaan hin argamu ture. Kanaafuu mukti tokko lafa keessa akka dhaabamu godhama ture. Yeroo baay’ee, namoonni seeraa ala ta’an harkisaanii ol miillisaaniimmoo gad harkifamee hidhama ykn mismaaraan rukutama.”

      Haata’u malee, ragaan caalaatti amansiisaa ta’e kan argamu Sagalee Waaqayyoo keessattidha. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta’uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, ‘Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha.’” (Galaatiyaa 3:13) Asirratti Phaawulos kan caqase Keessa Deebii 21:22, 23, yeroo ta’u, caqasni kunimmoo kan dubbatu waa’ee muka solooloo malee waa’ee fannoo akka hin taane ifaadha. Adabni akkasiimmoo nama sana ‘kan abaarame’ waan isa taasisuuf, Kiristiyaanonni fakkiiwwan Kiristos mukarratti fannifamuusaa argisiisaniin manasaanii miidhagsuunsaanii sirrii miti.

      Kiristos erga du’ee booda waggoota 300 as turanitti, namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan, fannoo waaqeffannaadhaaf akka gargaaramaa turan odeeffannoon argisiisu hin jiru. Haata’u malee, jaarraa arfaffaatti mootii saboota waaqa tolfamaa waaqeffatanii kan ture Qosxanxinoos amantiisaa jijjiiruudhaan miseensa Kiristiyaanota gantootaa ta’uudhaan fannoon mallattoo Kiristiyaanaa akka ta’u godhe. Kaayyoon Qosxanxinoos maaliyyuu yoo ta’e, fannoon Yesus Kiristoosii wajjin walitti dhufeenya tokkoyyuu hin qabu ture. Kanaa mannaa fannoon namoota waaqa tolfamaa waaqeffatanirraa kan maddedha. Niwuu Kaatolik Insaaykilooppiidiyaan akkas jechuudhaan amaneera: “Fannoon utuu Kiristiyaanummaan hin hundeeffaminis ta’e aadaawwan Kiristiyaanummaa ala ta’an keessa waan turedha.” Barruulee maddisaanii amanamoo ta’an garabiraanis, fannoon uumama waaqeffachuufi waaqeffannaa sirna hormaataa namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii wajjin akka walitti dhufeenya qabu ibsu.

      Mallattoon namoota waaqa tolfamaa waaqeffatanii kun kan babal’ate maaliifiree? Namoonni waaqolii tolfaman waaqeffatan salphaadhumatti “Kiristiyaanummaa” akka fudhatan gochuuf utuu hin ta’in hin hafu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun mallattoowwan namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii waaqeffachuu ni balaaleffata.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi