LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kiristiyaanonni Dhugaa, Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • (2 Qorontos 6:14-18) Kana malees Caaffanni Qulqullaa’aan waaqolii tolfamoo kamiyyuu akka hin waaqeffanne nu dhowwa. (Ba’uu 20:4, 5; 1 Qorontos 10:14) Kanaafuu, Kiristiyaanonni dhugaan fannoo waaqeffannaadhaaf gargaaramuurraa fagaachuuf sababii ga’aa qabu.a

  • Irbaata Gooftaa—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • KUTAA DABALATAA

      Irbaata Gooftaa​—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu

      KIRISTIYAANONNI Ayyaana Yaadannoo Du’a Kiristos akka kabajan ajajamaniiru. Ayyaanni kun “Irbaata Gooftaa” jedhamees ni waamama. (1 Qorontos 11:20) Ayyaana kana wanti adda isa godhu maalidha? Kan kabajamuu qabu yoomiifi akkamitti?

      Yesus Kiristos ayyaana kana kan dhaabee, galgala Ayyaana Bira Darbuu warra Yihudootaa dhaloota Kiristos booda bara 33⁠tti kabajamerrattidha. Ayyaanni Bira Darbuu kan kabajamu waggaatti al tokko yommuu ta’u, innis ji’a Yihudoonni Niisaan jedhanii waaman guyyaa 14⁠ffaattidha. Yihudoonni guyyaa ayyaanni kun irra oolu shallaguuf ji’oota birraatti dheerinni halkaniifi guyyaa, guyyaa isa kamitti qixxee sa’aatii 12 akka qabaatu eeganii akka ayyaana kana kabajaa turan ragaawwan jiranirraa hubachuun ni danda’ama. Jiini Niisaan kan jalqabu guyyaa baatiin itti mul’achuu jalqabdu kaaseeti. Ayyaanni Bira Darbaa kan kabajamu guyyaa 14⁠ffatti erga biiftuun lixxee boodadha.

      Yesus ayyaana Bira Darbaa bartootasaa kudha lamaanii wajjin kabajee Yihudaa nama biyya Keriyot erga geggeessee booda, seera Ayyaana Irbaata Gooftaa dhaabe. Irbaanni Gooftaa kun Ayyaana Bira Darbaa warra Yihudootaa kan bakka bu’e waan ta’eef, kan ayyaaneffatamu waggaatti al tokko qofadha.

      Wangeelli Maatewos akkas jedha: “Yesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, ‘Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!’ jedhe. Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi