-
Sii’oliifi Hedees Jechuun Maal Jechuudha?Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
-
-
KUTAA DABALATAA
Sii’oliifi Hedees Jechuun Maal Jechuudha?
MACAAFNI QULQULLUUN afaan jalqaba ittiin barreeffameen, jecha afaan Ibrootaatiin Shii’ol jedhuufi isaa wajjin hiika tokko kan qabu jecha afaan Giriikiitiin hedees jedhamutti al 70 gargaarameera. Jechoonni lamaan kun jechoota du’aa wajjin wal qabatanidha. Hiikni Macaafa Qulqulluu tokko tokko jechoota kanaan “awwaalcha,” “bakka gubannaa,” ykn “boolla” jedhanii hiikaniiru. Haata’u malee, afaan baay’een jechoota afaan Ibrootaafi afaan Giriikii sirriitti dabarsuu hin danda’an. Hiikni jechoota kanaa inni sirriin maalidha? Caqasoota Macaafa Qulqulluu garagaraa keessatti akkamitti akka ibsaman mee haa ilaallu.
Lallabni 9:10, akka hiik bara 1899tti akkas jedha: “Harkikee argachuu waan danda’u gochuudhaaf dammaqxee godhi. Hojiiniif yaadni ogummaaniif beekumnis ati gara itti deemtu sii’ol keessatti in argamu’oo.” Kana jechuun Sii’ol bakka nama du’aan nurraa adda ba’e itti awwallu ykn bakka awwaalcha nama tokkoo argisiisa jechuudhaa? Akkas miti. Macaafni Qulqulluun bakka awwaalchaa tokko ibsuuf afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin jechoota shii’oliifi hedees jedhamaniin utuu hin ta’in jechoota garabiraadhaan gargaarama. (Uumama 23:7-9; Maatewos 28:1) Kana malees, Macaafni Qulqulluun bakka awwaalchaa maatiin ykn namoonni baay’een itti awwaalaman ibsuuf jecha “sii’ol” jedhuun hin gargaaramu.—Uumama 49:30, 31.
Jechi “Sii’ol” jedhu maal argisiisaree? Sagaleen Waaqayyo akka dubbatutti, jechi “Sii’ol,” ykn “Hedees” jedhu bakka awwaalchaa guddaa namoonni baay’een bakka tokkotti itti awwaalaman caalaa kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, akka hiika Macaafa Qulqulluu bara 1899tti Isaayaas 5:14 “Kanaafis, Sii’ol garaasaa bal’isee, afaansaas qixxee malee bane” jechuudhaan dubbata. Sii’ol namoota du’aniifi lakkoofsisaanii hangana hin jedhamne akka liqimse godhamee yoo ibsamellee, yoomiyyuu kan quufu hin fakkaatu. (Fakkeenya 30:15, 16, 1899) Bakka awwaalchaa namoota muraasa qofa qabachuu danda’urraa haala adda ta’een, ‘Sii’ol in quufu, 1899.’ (Fakkeenya 27:20) Sii’ol yoomiyyuu hin guutu. Daangaas hin qabu. Kanaafuu, Sii’ol ykn Hedees kallattiidhaan naannoo tokko kan argisiisu utuu hin ta’in bakka awwaalcha ilmaan namootaa hundi yeroo du’an itti boqotanidha.
Barumsi Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uu ilaalchisee kennu “Sii’ol” ykn “Hedees” maal jechuu akka ta’e caalaatti hubachuuf nu gargaara. Macaafni Qulqulluun Sii’oliifi Hedeesiin abdii du’aa ka’uu wajjin wal qabsiisee ibsa.a (Iyoob 14:13; Hojii Ergamootaa 2:31) Kana malee, Sagaleen Waaqayyoo namoota Yihowaa tajaajilaa turan qofa utuu hin ta’in, namoonni baay’een utuu Yihowaa hin tajaajilin du’anis Sii’ol ykn Hedees keessa akka jiran ibsa. (Uumama 37:35, NW; Faarfannaa 55:15, 1899) Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun “Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru” dubbata.—Hojii Ergamootaa 24:15.
a Karaa garabiraammoo namoonni du’aa ka’uuf abdii hin qabne Sii’ol ykn Hedees keessa utuu hin ta’in, “Gahaannam” keessa akka jiran ibsameera. (Maatewos 5:30, 1899; Mat 10:28, 1899; Mat 23:33, 1899) Gahaannamis akkuma Sii’oliifi akka Hedees bakka murtaa’e tokko kan argisiisu miti.
-
-
Guyyaan Firdii Maalidha?Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
-
-
KUTAA DABALATAA
Guyyaan Firdii Maalidha?
GUYYAA Firdii yeroo jedhamu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Namoonni baay’een Guyyaa Firdiitti lubbuun biliyoonaan lakkaa’amu tokko tokkoon teessoo Waaqayyoo duratti dhihaata jedhanii yaadu. Boodas namoota hundumaarratti firdiin ni faradama. Namoonni tokko tokko gara samii dhaqanii jannata kan galan yeroo ta’u, warri kaanimmoo dhiphina bara baraatu itti faradama jedhu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun yeroo kana ilaalchisee yaada kanarraa adda ta’e dubbata. Akka Sagaleen Waaqayyoo ibsutti, guyyaan firdii yeroo nama sodaachisu utuu hin ta’in yeroo abdiidhaan eegamuufi haarominni itti raawwatamudha.
Yohannis Guyyaa Firdii ilaalchisee Mul’ata 20:11, 12rratti akkas jedha: “Kana booddees teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taa’e nan arge; laftii fi waaqni fuula isaa duraa in baqatan, iddoonis isaaniif hin argamne. Warra du’anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du’an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, ykn [akka hiika Macaafa Qulqulluu hiika bara 1899tti ‘warri du’anis faradamanii macaafota keessatti akkuma caafamee ture akka hojiisaaniitti’] akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.” Abbaan firdii caqasa kanarratti ibsame eenyudha?
-