-
Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa KenneeraMasaraa Eegumsaa—2009 | Ebla 15
-
-
8. Namoota yeroo har’aatti gorsa kennaniif Eliihuun fakkeenya gaarii akkamii ta’a?
8 Eliihuunis, namoota Iyoobiin gaafachuu dhufan keessaa tokko ture. Eliihuun yommuu Iyoobiifi michoonnisaa sadan wal falman, jalqaba callisee dhaggeeffateera. Eliihuun arfansaaniirrayyuu umriidhaan xinnoo ta’us, ogummaa guddaa akka qabu argisiiseera. Haala warra kaanirraa adda ta’een, Iyoobiin maqaasaatiin waamuudhaan akka isaaf yaadu argisiiseera. Eliihuun qajeelummaasaatiif Iyoobiin galateeffateera. Haata’u malee, Iyoob qajeelummaa ofiisaarratti garmalee akka xiyyeeffates dubbateera. Achiis, Eliihuun amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluun yoomiyyuu kan nama kiisu ta’uusaa mirkaneesseeraaf. (Iyoob 36:1, 11 dubbisi.) Namoota yeroo har’aatti gorsa kennuun isaan barbaachisuuf fakkeenya gaarii ta’a mitii! Eliihuun obsa argisiiseera, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffateera, bakka barbaachisaa ta’etti galateeffateera, akkasumas gorsa nama jajjabeessu kenneera.—Iyo. 32:6; 33:32.
9. Yihowaan Iyoobiin kan gargaare akkamitti?
9 Dhumarratti, Iyoob yommuu Yihowaan isa haasofsiise haalli adda ta’e isa mudate! Seenaansaa, “Waaqayyo bubbee sana keessaa Iyoobitti dubbate” jedha. Yihowaan walitti aansee gaaffii isa gaafachuudhaan, Iyoob ilaalchasaa dogoggora ta’e akka sirreessu jabeessee itti himee gaarummaadhaan isa gargaareera. Iyoob, “Kunoo, ani salphadheera, . . . of tuffadhee, awwaaraa fi daaraa keessa taa’ee, yaada garaa koo nan geddaradha” jechuudhaan gorsa Yihowaan kenneef fedhiidhaan fudhateera. Yihowaan, Iyoobitti erga dubbatee booda, michoonni Iyoob sadan wanta ‘qajeelaa’ ta’e waan hin dubbanneef isaanitti aaruusaa ibse. Iyoobis isaaniif kadhatee ture. “Waaqayyo kana booddee kadhata Iyoob in dhaga’e. Iyoob firoota [“michoota,” hiika bara 1899] isaatiif Waaqayyoon erga kadhatee booddee, Waaqayyo qabeenya isaa iddootti in deebiseef; wanti inni qaba tures dachaa lama hamma ta’utti itti in dabalameef.”—Iyo. 38:1; 40:4; 42:6-10.
Yihowaa Hangam Jaallanna?
10. Yihowaan himata Seexanaa tuffatee kan hin dhiisne ykn kan isa hin balleessine maaliifi?
10 Yihowaan, Uumaa uumama cufaa, uumama hundaarratti Olaantummaa qabudha. Himata sobaa Seexanni dhiheesse tuffatee kan hin dhiisne maaliifi? Waaqayyo gaaffii ka’eef deebii kennuuf, Seexana tuffatanii dhiisuus ta’e isa balleessuun furmaata akka hin argamsiisne beeka ture. Diiyaabilos, Iyoob inni Yihowaaf amanamaa ta’e, utuu qabeenyasaa dhabee isaaf amanamaa hin ta’u jedhee isa himateera. Iyoob garuu qorumsi isarra ga’uyyuu amanamaa ta’eera. Achiis Seexanni, namni kamiyyuu utuu qaamasaarra miidhaan ga’ee Waaqayyoon ni gana jedhe. Iyoob dhukkubsatus, amanamummaasaa hin hir’isne. Kanaaf, Iyoob cubbuu kan dhaale ta’uyyuu, amanamaa ta’uudhaan Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneesseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo kaanoo?
11. Yesus gaaffii Seexanni kaaseef deebii quubsaa kan kenne akkamitti?
11 Tajaajiltoonni Waaqayyoo kaanis, Seexanni wanta fedhe isaanitti fiduyyuu amanamoo ta’uudhaan, dhuunfaasaaniitti himanni diina hamaa kanaa soba ta’uusaa mirkaneessuu danda’u. Yesus gara lafaa dhufee gaaffii Seexanni kaaseef deebii quubsaa kenneera. Yesus akkuma abbaa keenya isa jalqabaa Addaam, nama cubbuurraa walaba ta’e ture. Yesus hamma du’aatti amanamaa ta’uunsaa, Seexanni sobduu ta’uusaafi himanni inni dhiheessu soba ta’uusaa guutummaatti mirkaneesseera.—Mul. 12:10.
12. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi dhuunfaatti carraafi itti gaafatamummaa maalii qabu?
12 Ta’us, Seexanni tajaajiltoota Yihowaa qoruusaa itti fufeera. Tokkoon tokkoon keenya amanamoo ta’uudhaan Yihowaa kan tajaajillu ofittummaadhaan utuu hin ta’in, jaalalaan kakaanee ta’uusaa argisiisuuf carraafi itti gaafatamummaa qabna. Itti gaafatamummaa kanaaf ilaalcha akkamii qabna? Yihowaaf amanamoo ta’uu akka mirga guddaatti ilaalla. Yihowaan qorumsa nurra ga’u danda’uuf humna akka nuu kennuufi akkuma Iyoob humna keenyaa ol akka hin qoramne akka nu gargaaru beekuun keenyas nu jajjabeessa.—1 Qor. 10:13.
Seexanni Diina Hamaafi Gantuudha
13. Macaafni Iyoob waa’ee Seexanaa ibsa dabalataa akkamii kenna?
13 Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti, mormii Seexanni Yihowaarratti kaase ilaalchisee ibsa hedduu kan argannu si’a ta’u, macaafa Mul’ataa keessatti, olaantummaan Yihowaa akka mirkaneeffamuufi Seexanni barabaraaf akka balleeffamu dubbisna. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaas, Yihowaa arrabsuufi ilmaan namootaa karaarraa jal’isuurratti ga’ee Seexanni qabu bal’inaan ni ibsu. Macaafni Iyoob hammeenya Seexanaa ilaalchisee beekumsa dabalataa nuu kenna. Seexanni walga’ii samiirratti godhamerratti kan argame Yihowaa faarfachuuf hin turre. Kanaa mannaa, ilaalchaafi kaayyoo hamaa qaba ture. Iyoobiin himatee isa qoruuf heyyama erga argatee booda, “Seexanni fuula Waaqayyoo duraa in adeeme.”—Iyo. 1:12; 2:7.
14. Seexanni Iyoobiif ilaalcha akkamii qaba ture?
14 Kanaaf, macaafni Iyoob Seexanni diina namootaa isa gara jabeessa akka ta’e ibsa. Walga’iiwwan Iyoob 1:6fi Iyoob 2:1rratti samiirratti akka godhaman ibsaman gidduutti yeroon hammisaa hin beekamne kan darbe si’a ta’u, yeroo kanatti Iyoobirra qorumsi cimaan ga’eera. Iyoob amanamaa waan ta’eef Yihowaan Seexanaan akkas jechuu danda’eera: “Ofumaa [Iyoob] irratti ka’ee akkan isa balleessuuf ati ana toosifteetta; inni garuu amma iyyuu qajeelummaadhuma isaatti jabaatee jira.” Seexanni garuu himanni Iyoobirratti dhiheesse soba ta’uusaa amanuu hin barbaanne. Kanaa mannaa, Iyoob karaa kan biraatiin akka qoramu gaafate. Kanaaf, Diiyaabilos yeroo Iyoob sooressa tures ta’e yeroo hiyyeessa turetti isa qoreera. Seexanni namoota hiyyeessa ta’aniifis ta’e namoota rakkinni irra ga’eef akka hin gaddine beekamaadha. Inni namoota amanamoo ta’an hin jaallatu. (Iyo. 2:3-5) Haata’u malee, Iyoob amanamaa ta’uunsaa Seexanni sobduu akka ta’e mirkaneesseera.
15. Gantoota yeroo har’aa jiraniifi Seexana wanti wal fakkeessu maalidha?
15 Seexanni uumama keessaa gantuu isa jalqabaati. Gantoonni yeroo ammaa jiranis amaluma Diiyaabilos argisiisu. Sammuunsaanii, ilaalcha gadhee namoota gumii keessa jiraniif, jaarsolii Kiristiyaanaatiif ykn Qaama Olaanaadhaaf qabaniin manca’eera. Gantoonni tokko tokko maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadamuu ni mormu. Waa’ee Yihowaa barachuu ykn isa tajaajiluu hin barbaadan. Akkuma abbaasaanii Seexanaa, kaayyoon gantootaa namoota amanamoo ta’an miidhuudha. (Yoh. 8:44) Kanaaf, tajaajiltoonni Yihowaa guutummaatti isaanirraa fagaachuunsaanii barbaachisaadha!—2 Yoh. 10, 11.
Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera
16. Iyoob Yihowaaf ilaalcha akkamii qaba ture?
16 Iyoob maqaa Yihowaatti fayyadameera, akkasumas jajateera. Ijoolleensaa akka dhuman dhaga’ee yeroo gaddettillee, Waaqayyoon hin hadheessine. Iyoob rakkina kan isarra geessise Waaqayyo akka ta’e dogoggoraan dubbatus, maqaa Yihowaatiif ulfina kenneera. Yeroo booda Iyoob, “Kunoo, Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha, waan hamaa irraa goruunis hubannaa dha” jechuudhaan mammaakeera.—Iyo. 28:28.
17. Iyoob amanamummaasaa akka eegu kan isa gargaare maalidha?
17 Wanti Iyoob amanamummaasaa akka eegu isa gargaare maalidha? Rakkinni utuu isarra hin ga’in dura Yihowaa wajjin hariiroo gaarii uumee akka ture beekamaadha. Iyoob, Seexanni Yihowaarratti mormii kaasuusaa akka beeku ragaa qabaachuu baannus, amanamaa ta’uuf garaa kutatee akka ture beekna. “Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi’u” jedheera. (Iyo. 27:5) Iyoob hariiroo cimaa akkasii uumuu kan danda’e akkamitti? Iyoob michooma Waaqayyo firootasaa fagoo kan ta’an Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob wajjin qabu dhaga’ee akka tureefi kanaafis bakka guddaa akka kenne hin shakkisiisu. Iyoob uumama ilaaluudhaan, amalawwan Yihowaa baay’ee beekuu danda’eera.—Iyoob 12:7-9, 13, 16 dubbisi.
18. (a) Iyoob nama Yihowaaf bule ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (b) Fakkeenya Iyoob isa gaarii karaawwan kamiini hordofuu dandeenya?
18 Wanti Iyoob barate Yihowaa gammachiisuuf fedhii akka qabaatu godheera. Miseensonni maatiikoo Waaqayyoon gaddisiisaniiru ykn “isa arrabsaniiru ta’a” jedhee yaaduudhaan, yeroo hundumaa aarsaa dhiheessa ture. (Iyo. 1:5) Yeroo qorumsi cimaan irra ga’ettillee, Iyoob waa’ee Yihowaa waan gaarii dubbata ture. (Iyo. 10:12) Fakkeenya gaarii nuuf ta’a! Nuyis waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa yeroo hundumaa beekumsa sirrii argachuu qabna. Sochiiwwan hafuuraa akka qayyabachuu, walga’iiwwanirratti argamuu, kadhannaa dhiheessuufi hojii lallabaarratti hirmaachuu jiran amaleeffachuu qabna. Kana malees, maqaan Yihowaa akka beekamuuf waan nuu danda’ame hunda ni goona. Akkuma amanamummaan Iyoob garaa Yihowaa ciibse, amanamummaan tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aas garaa Yihowaa ni ciibsa. Dhimma kana ilaalchisee mataduree ittaanurratti mari’anna.
Ni Yaadattaa?
• Seexanni Iyoobirratti kan xiyyeeffate maaliifi?
• Iyoobirra qorumsawwan akkamiitu ga’e? Innoo maaltu isatti dhaga’ame?
• Akkuma Iyoob amanamummaa keenya eeguuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
• Macaafa Iyoobirraa waa’ee Seexanaa maal baranna?
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Seenaan Iyoob gaaffii olaantummaa Waaqayyoorratti ka’eef xiyyeeffannaa guddaa akka kenninu nu godha
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Amanamummaankee haalawwan akkamii keessatti qoramuu danda’a?
-
-
Amanamaa Ta’uunkee Garaa Yihowaa CiibsaMasaraa Eegumsaa—2009 | Ebla 15
-
-
Amanamaa Ta’uunkee Garaa Yihowaa Ciibsa
“Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!”—FAK. 27:11.
1, 2. (a) Macaafni Iyoob himata Seexanni kaase isa kam ibsa? (b) Bara Iyoob boodas, Seexanni Yihowaa arrabsuusaa akka itti fufe kan argisiisu maalidha?
YIHOWAAN, amanamummaan Iyoob isa tajaajilaasaa ta’ee Seexanaan akka qoramu heyyamee ture. Kanaan kan ka’es, Iyoob horiisaa, ijoolleesaafi fayyaasaa dhabeera. Seexanni amanamummaa Iyoobirratti yeroo gaaffii kaase, Iyoobiin qofa yaada qabatee hin turre. Seexanni, “Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan falmeera. Himanni kun, Iyoobiin qofa kan ilaalatu hin turre. Erga inni du’ee yeroo dheeraa boodallee, Seexanni amanamummaa ilmaan namootaarratti gaaffii kaasuusaa itti fufeera.—Iyo. 2:4.
2 Erga Iyoobirra qorumsi ga’ee waggaa 600 booda, Yihowaan Solomoon hafuuraan geggeeffamee, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” jedhee akka barreessu isa kakaaseera. (Fak. 27:11) Yeroo sanattis Seexanni Yihowaa falmaa akka ture ifadha. Yohaannis ergamaan, Seexanni bara 1914 erga Mootummaan Waaqayyoo hundeeffamee yeroo muraasa booda, samiirraa yommuu gad darbatamu tajaajiltoota Waaqayyoo utuu hadheessu mul’ataan argee ture. Eeyyee, guyyoota gara dhumaa sirna biyya lafaa hamaa ta’e keessa yeroo jiraannu kanattis, Seexanni amanamummaa tajaajiltoota Waaqayyoo qoraa jira!—Mul. 12:10.
3. Macaafa Iyoobirraa barumsawwan gaggaarii akkamii argachuu dandeenya?
3 Mee barumsa barbaachisaa macaafa Iyoobirraa argannu sadii hubadhaa. Tokkoffaa, qorumsawwan Iyoobirra ga’an, diinni ilmaan namootaafi maddi mormii saba Waaqayyoorra ga’uu eenyu akka ta’e argisiisu. Diinni kun Seexana isa Diiyaabilos jedhamedha. Lammaffaa, qorumsi akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuun amanamummaa keenya eeguuf nu gargaara. Sadaffaa, yeroo rakkoon nu mudatuufi karaa ta’e tokkoon qoramnu, Waaqayyo akkuma Iyoobiin gargaare nuunis nu gargaara. Yeroo har’aa Yihowaan, karaa Dubbiisaa, karaa jaarmiyaasaafi hafuurasaa nu gargaara.
Yeroo Hundumaa Diinni Keessan Eenyu Akka Ta’e Yaadadhaa
4. Haalawwan biyya lafaa yeroo amma jiraniif kan itti gaafatamu eenyu?
4 Namoonni baay’een Seexanni jiraachuusaa hin amanan. Kanaaf, haalli addunyaa isaan yaaddessus, maddisaa Seexana isa Diiyaabilos jedhame ta’uusaa hin hubatan. Rakkoowwan ilmaan namootaarra ga’an hedduuf kan itti gaafatamu, isaanuma akka ta’an beekamaadha. Warra keenya jalqabaa kan ta’an Addaamiifi Hewwaan, Uumaasaaniirraa addaan ba’anii ofiin of bulchuuf filatan. Kanaaf, yeroo sanaa kaasee dhaloonni sana booda jiru karaa sirrii hin taanerra adeemuu jalqabe. Ta’us, Hewwaan Waaqayyorratti akka hammaattu kan ishee gowwoomse Diiyaabilosidha. Inni ilmaan namootaa cubbamoo ta’aniifi du’a dhaalan gidduutti sirna biyya lafaa to’annaasaa jala jiru kana babal’iseera. Seexanni “waaqayyicha bara si’anaa kana[a]” waan ta’eef, ilmaan namootaa amala akkasaa, jechuunis of bokoksuu, ofittummaa, hinaaffaa, sassata, gowwoomsaafi hammeenya argisiisu. (2 Qor. 4:4; 1 Xim. 2:14; 3:6; Yaaqoob 3:14, 15 dubbisi.) Amalawwan akkasii walitti bu’iinsi siyaasaafi amantii akka uumamu, akkasumas jibbi, malaammaltummaaniifi hammacamni, rakkinni ilmaan namootaa ittuma caalaa akka adeemu taasise akka jiraatu godhaniiru.
5. Beekumsa guddaa arganneen maal gochuu barbaanna?
5 Tajaajiltoota Yihowaa ta’uu keenyaan beekumsa guddaa arganneerra! Eeyyee, haalawwan biyya lafaa caalaatti manca’aa akka adeeman kan godhu eenyu akka ta’e hubanneera. Kanaaf, tajaajilarratti hirmaachuudhaan namoonni kaanis diinni keenya inni guddaan eenyu akka ta’e akka beekan gargaaruuf hin kakaanuu? Yihowaa isa Waaqa dhugaa ta’e cina dhaabachuu keenyaan, akkasumas Yihowaan Seexanaafi rakkina ilmaan namootaa hunda akkamitti akka balleessu namoota kaanitti himuu keenyatti hin gammannuu?
6, 7. (a) Ari’atama tajaajiltoota Yihowaarra ga’uuf kan itti gaafatamu eenyu? (b) Fakkeenya Eliihuu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Seexanni wantoota nama gaddisiisan hedduu addunyaarratti fideef qofa utuu hin ta’in, saba Waaqayyoo mormuusaattis itti gaafatama. Nu qoruuf kutatee ka’eera. Yesus Kiristos, Phexros ergamaadhaan, “Simoon, Simoon, Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera” jedhee ture. (Luq. 22:31) Haaluma wal fakkaatuun, Yesus duukaa kan buunu hundi karaa tokkoon ykn karaa biraatiin qorumsi nurra ga’a. Phexros, Diiyaabilosiin ‘leenca yeroo beela’u aadaa naanna’uufi nama liqimsuu barbaadutti’ fakkeesseera. Phaawulosis, “Karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira” jedheera.—1 Phe. 5:8; 2 Xim. 3:12.
7 Obboloota keenyarra rakkinni cimaan yeroo ga’u, diinni keenya inni guddaan eenyu akka ta’e akka beeknu gocha keenyaan argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Isaanirraa fagaachuu mannaa, akkuma Eliihuu isa michuu Iyoob isa dhugaa turee gochuun nu barbaachisa. Wal’aansoo Seexana isa diina hunda keenyaa ta’e wajjin godhaniin obboloota keenya ni gargaarra. (Fak. 3:27; 1 Tas. 5:25) Kaayyoon keenya, carraaqqii barbaachisu hundaa goonee namoonni hidhata amantii keenyaa ta’an, amanamummaasaanii eeguudhaan garaa Yihowaa akka ciibsan gargaaruudha.
-