-
Deebii Yihowaan Namoota Garaadhaa Isa Kadhataniif KennuMasaraa Eegumsaa—2008 | Onkoloolessa 15
-
-
17. Gara fuulduraatti ilmaan namootaa carraa isa kam dhabu? Yeroo dhihootti faarfannaa isa kam yaadanna?
17 Waraanni kun ammayyuu akka hin dhaabanne beekna. Misiraachoo kanammoo namoota nu mormaniifillee lallabuu keenya itti fufna. (Mat. 24:14, 21) Haata’u malee, carraan mormitoonni qalbii geddaratanii fayyina akka argatan isaanii baname, yeroo dhihoo booda hin argamu. Maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee eegamuunsaa, fayyina namootaa caalaa barbaachisaadha. (Hisqi’el 38:23 dubbisi.) Yommuu saboonni hundi tokkummaadhaan saba Waaqayyoo balleessuuf carraaqqii godhan, faarfatichi, “Haa yeellaasifaman, bara baraan lafa lixan haa dhaban! Qaana’aniis haa balleeffaman!” jedhee faarfachuusaa ni yaadanna.—Far. 83:17.
18, 19. (a) Namoota olaantummaa Yihowaa mormuuf kutatanii ka’an maaltu eeggata? (b) Yeroon Yihowaan olaantummaasaa itti mirkaneessu dhihaachuunsaa maal akka gootu si kakaasa?
18 Namoonni olaantummaa Yihowaa mormuuf murteessan, yeroon itti qaana’an ni dhufa. Dubbiin Waaqayyoo, ‘warri wangeela gooftaa keenyaaf abboomamuu’ didanii Armaagedoonitti adabaman, ‘badiisni barabaraa’ akka isaanirra ga’u dubbata. (2 Tas. 1:7-9) Namoonni kun baduunsaaniifi warri dhugaadhaan Yihowaa waaqeffatanimmoo badiisarraa ooluunsaanii, Yihowaa qofti Waaqa dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. Addunyaa haaraa keessatti, injifannoo guddaan kun hin irraanfatamu. ‘Qajeelonniifi jal’oonni du’aa ka’an’ gocha Yihowaa isa guddaa ni baratu. (HoE. 24:15) Addunyaa haaraa keessatti olaantummaa Yihowaa kabajanii jiraachuun faayidaa kan qabu ta’uusaatiif ragaa quubsaa argatu. Isaan keessaa namoonni garaa qulqulluu qaban, Yihowaan Waaqa dhugaa isa tokkicha ta’uusaa dafanii hubatu.
-
-
“Dhugumayyuu Kun Maqaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalaa Qulqulluufi Guddaa Ta’edha”Masaraa Eegumsaa—2008 | Onkoloolessa 15
-
-
“Dhugumayyuu Kun Maqaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalaa Qulqulluufi Guddaa Ta’edha”
Nikoolaas inni nama mandara Kiyusaa ta’e, jecha kana kan dubbate haasawaa bara 1430tti dhiheesserrattidha.a Namni kun waa’ee wantoota hedduu beekuu kan barbaadu yommuu ta’u, afaan Giriikii, afaan Ibrootaa, falaasama, barumsa amantii, herregaafi waa’ee urjii qorateera. Umriisaa waggaa 22tti doktoora seera mana sagadaa Kaatolikii ta’eera. Bara 1448ttimmoo qeesii aangoo guddaa qabu ta’e.
Nikoolaas, gara waggoota 550 dura dhaabbata maanguddoonni itti kunuunsaman Kuus keesatti hundeessee ture. Yeroo ammaatti magaalaan kun, Barnikaastil Kuus kan jedhamtu yommuu ta’u, Jarman keessa magaalaa Boonirraa gara kibbaatti kiiloomeetira 130rratti argamti. Manni kitaabaa Kiyusaa inni barreeffamoota durii harkaan qophaa’an 310 qabate yeroo ammaatti kan argamu gamoo kana keessattidha. Barreeffamoota kana keessaa tokko, Koodeeks Kuusaanas 220 kan jedhamuufi haasawaa Nikoolaas bara 1430 dhiheesse kan qabatedha. Nikoolaas, haasawaa mataduree Iin piriinsiippiyoo eraat veerbam (Sagalichi Jalqaba Waan Hundumaa Dura Ture) jedhuun dhiheesserratti, maqaa Yihowaa isa afaan Laatiniitiin Iehoua (I’oowaa) jedhutti fayyadameera.b Barreeffama kanarratti fuulli 56 maqaa Waaqayyoo ilaalchisuudhaan akkas jedha: “Maqaan kun kan Waaqayyo ofiif moggaasedha. Maqichi, Teetiraagiraamaatan, jechuunis qubeewwan afurirraa kan ijaaramedha. . . . Dhugumayyuu kun maqaa Waaqayyoo isa hunda caalaa qulqulluufi guddaa ta’edha.” Yaanni Nikoolaas dubbate kun, maqaan Waaqayyoo Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa bara durii keessatti kan argamu ta’uusaa wajjin wal sima.—Bau. 6:3, NW.
Koodeeksiin naannoo jalqaba jaarraa 15ffaatti qophaa’e kun, barreeffamoota durii Teetiraagiraamaataniin “I’oowaa” jedhamee itti hiikame keessaa tokkodha. Barreeffamni kun, maqaa Waaqayyoo maqaawwan “Yihowaa” jedhuu wajjin wal fakkaataniin barreessuun, akkaataa barreeffamaa jaarraawwan hedduudhaaf itti hojjetamaa ture akka ta’e kan argisiisudha.
-