Bitaa: Obboleettiin Alaabaamaa, Yunaayitid Isteetis jiraattu tokko, haasaa obboleessi keenya Raazarfordi dhuma bara 1930niitti dhiheesseefi kaasseettiidhaan waraabame yommuu dhageessistu; Mirga: Siwiizarlaandi
KUTAA 1
Dhugaa Mootummichaa—Nyaata Hafuuraa Raabsuu
NAMNI Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan tokko caqasa isaaf dubbistan waan hubateef gammachuudhaan fuullisaa ifa. Achiis suuta jedhee, “Macaafni Qulqulluun lafti kun Jannata taatee isheerra jiraachuu akka dandeenyu barsiisa naan jechaa jirtaa?” isiniin jedha. Obboleessi isinii wajjin tajaajilummoo, akka seequu taʼee “Maarree wanta Macaafni Qulqulluun jedhu argite mitii?” jedhee isa gaafata. Baratichis dinqisiifannaadhaan mataasaa asiif achi raasee, “Hamma yoonaatti barumsa akkasii utuun hin dhagaʼin turuunkoo baayʼee nama dhiba!” jedha. Namni kun torban muraasa dura maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuusaa yommuu barates miirri akkasii itti dhagaʼamee akka ture yaadattu.
Muuxannoon akkasii isin mudatee beekaa? Tajaajiltoota Yihowaa hedduu haalli akkasii mudatee beeka. Wantoonni xixinnoo taʼan kennaa guddaa nuu kenname, jechuunis dhugaa ilaalchisee beekumsa arganne akka gaariitti nu yaadachiisuu dandaʼu. Mee isinis kennaa kana akkamitti akka argattan yaadaa! Kutaa kana keessatti gaaffii kana qorra. Akkaataan sabni Waaqayyoo irraa jalaan karaa hafuuraa hubannaa argachaa itti adeeman, Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan akka jiru ragaa qabatamaa taʼa. Mootii Mootummaa kanaa kan taʼe Yesus Kiristos, gara jaarraa tokkootiif, sabni Waaqayyoo dhugaa akka baratan gochuuf ciminaan hojjechaa tureera.