Bitaa: Obboleettii kolportarii taateefi Kooriyaatti lallabaa jirtu, bara 1931; Mirga: Yeroo ammaatti Kooriyaatti afaan mallattootiin yommuu lallabamu
KUTAA 2
Mootummicha Lallabuu—Misiraachicha Addunyaa Maratti Babalʼisuu
GUYYAA hojiin hin jirre tokko ganamaan kaatanii tajaajila baʼuuf qophooftaniittu haa jennu! Haataʼu malee akka dadhabdan waan isinitti dhagaʼameef, yeroo muraasaaf ni mamtu. Ganama sana boqochuun keessan gaarii akka taʼe isinitti dhagaʼama! Taʼus, Yihowaan humna akka isiniif kennu erga kadhattanii booda tajaajila baʼuuf murteessitu. Obboleettii maanguddoo amanamtuu taatee tokko wajjin kan ramadamtan siʼa taʼu, jabinniifi gaarummaan obboleettii kanaas garaa keessan tuqa. Ergaa dhugaa kana manaa gara manaatti yommuu labsitan, obboloonni keessan addunyaa maratti argamanis ergaadhuma kana labsaa akka jiran, barreeffamoota isin itti fayyadamaa jirtanitti akka fayyadamaniifi leenjiidhuma isin fudhattan akka fudhatan yaaddu. Yeroo manatti deebitan humni keessan akka haareffame isinitti dhagaʼama. Yeroo kanatti tajaajila baʼuu keessanitti baayʼee gammaddu!
Yeroo ammaatti tajaajilli, Mootummaa Waaqayyoo keessatti hojii iddoo guddaan kennamuufidha. Yesus, guyyoota gara dhumaatti hojiin lallabaa addunyaa maratti akka geggeeffamu dursee dubbateera. (Mat. 24:14) Raajiin inni dubbate kun raawwiisaa kan argate akkamitti? Kutaa kana keessatti tajaajila keenyaaf namoonni akkamii, malli akkamiifi meeshaaleen akkamii akka barbaachisan, akkasumas tajaajilli kun Mootummaan Waaqayyoo namoota addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaaʼamaniif akka dhugoomu gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe ilaalla.