AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Ulaagaa Yihowaan Naamusaaf Baase Eegaa
Yihowaan namootaaf ulaagaa naamusaa baaseera. Fakkeenyaaf, gaaʼela kan hundeesse dhiirrii fi dubartiin tokko yeroo hundaaf akka walii wajjin jiraataniif akka taʼe labseera. (Mat 19:4-6, 9) Ejja akkamii iyyuu ni balaaleffata. (1Qo 6:9, 10) Sabni isaa namoota kaan irraa adda akka taʼaniif, akkaataa uffannaa fi itti of miidhagsanii wajjin haala wal qabateenis qajeelfama kenneera.—Kes 22:5; 1Xi 2:9, 10.
Addunyaa yeroo harʼaatti argamu keessatti namoonni hedduun ulaagaa Yihowaan baaseef hin ajajaman. (Rom 1:18-32) Ilaalchi namoonni hedduun qaban akkaataa uffannaa, akkaataa itti of miidhagsanii fi amala isaanii irratti dhiibbaa akka geessisu heyyamu. Namoonni hedduun gocha yeellaasisaa raawwatanitti ni boonu, namoota ulaagaa isaan irraa adda taʼeen jiraatan immoo ni ceephaʼu.—1Ph 4:3, 4.
Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, ulaagaa naamusaa Waaqayyo baase kutannoodhaan eeguu qabna. (Rom 12:9) Akkamitti? Wanta isa biratti fudhatama qabu malaan beeksisuu qabna. Haa taʼu malee, nutis ulaagaa ol aanaa taʼe jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, uffata yommuu filannuu fi akkaataa itti of miidhagsinu ilaalchisee akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Filannaan koo ulaagaa Yihowaa moo ulaagaa addunyaa akkan hordofu argisiisa? Uffannaan koo fi akkaataan itti of miidhagsu Kiristiyaana Waaqayyoon sodaatu taʼuu koo argisiisaa?’ Sagantaa ykn fiilmii tokko ilaaluuf yommuu filannu akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Sagantaan kun Yihowaa biratti fudhatama qabaa? Ulaagaa naamusaa eenyuu jajjabeessa? Bohaartiin ani filadhe ejjennoo ani gama naamusaatiin qabu kan na jalaa laaffisu dhaa? (Far 101:3) Miseensota maatii koo ykn namoota kaan kan gufachiisu taʼuu dandaʼaa?’—1Qo 10:31-33.
Ulaagaa naamusaa Yihowaa eeguun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kiristoos Yesuus sabootaa fi hammina dhiheenyatti barbadeessa. (His 9:4-7) Kan oolan warra fedha Waaqayyoo raawwatan qofa dha. (1Yo 2:15-17) Kanaafuu, namoonni amala keenya isa gaarii ilaalan Waaqayyoon akka kabajaniif ulaagaawwan naamusaa Yihowaa haa eegnu.—1Ph 2:11, 12.
Uffannaan koo fi akkaataan itti of miidhagsu ulaagaa naamusaa akkamii akkan hordofu argisiisa?
VIIDIYOO MICHUU YIHOWAA TAʼI—DHIIRA TOKKOO FI DUBARTII TOKKO, JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII IRRATTI MARIʼADHAA:
Ulaagaa Yihowaa wajjin walsimanii jiraachuun ogummaa kan taʼe maaliifi?
Warri, xinnummaa isaaniitii kaasanii ulaagaawwan naamusaa Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuu kan qaban maaliifi?
Dargaggoonnis taʼan gurguddoonni namoonni gaarummaa Yihowaa irraa akka fayyadaman gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?