LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kr boq. 12 ful. 133-147
  • ‘Waaqa Nagaa Kennu’ Tajaajiluuf Gurmaaʼuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Waaqa Nagaa Kennu’ Tajaajiluuf Gurmaaʼuu
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Nagaan Geggeessaa Keessan Akka Taʼu Nan Godha’
  • Akkaataa Kiristos Gumii Itti Geggeessu
  • ‘Karra Hoolotaatiif Fakkeenya Taʼuu’
  • Yeroo Harʼaa Jaarsoliin Gumii Karra Hoolota Waaqayyoo Kan Tiksan Akkamitti?
  • Fooyyaʼiinsi Gama Geggeessuutiin Godhame Tokkummaa Saba Waaqayyoo Cimseera
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Tiksitoota Kan Taatan Fakkeenya Tiksitoota Hunda Caalanii Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Gumiin Kiristiyaanaa kan Gurmaaʼe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Jaarsoliin Gumicha Kan Gargaaran Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
kr boq. 12 ful. 133-147

BOQONNAA 12

‘Waaqa Nagaa Kennu’ Tajaajiluuf Gurma⁠a⁠ʼuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Yihowaan sabasaa irraa jalaan akka gurmeessu ilaalla

1, 2. Amajjii 1895⁠tti Zaayansi Waach Taawor irratti jijjiiramni akkamii godhamee ture? Obboloonnihoo jijjiirama kanaaf deebii akkamii kennan?

JOON BOONEET inni Barataa Macaafa Qulqulluu hinaaffaa qabu taʼe, barruu Zaayansi Waach Taawor, Amajjii 1895 yommuu argatetti, wanti inni achirratti arge baayʼee isa gammachiisee ture. Barruun sun qola haaraa furdaa taʼe kan qabu taʼuusaarrayyuu, mana ibsaa qabu, dambalii galaanaarra dhaabatee jiruufi ifnisaa samii dukkanaaʼaa taʼetti ol ifaa jiru kan argisiisu ture. Mataduree barruu kanaa “Qola Haaraa Barruu Keenyaa” jedhu jalatti, beeksisni waaʼee bifa haaraa barruu kanaa ibsu baʼee ture.

2 Obboleessi keenya Booneet haalli kun baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, “MASARAAN EEGUMSAA keenya bifa akkasii qabaachuunsaa baayʼee na gammachiiseera” jechuudhaan obboleessa keenya Raasiliif xalayaa barreesseera. Barataan Macaafa Qulqulluu kan biraan Joon Biraawun jedhamus qola barruu kanaa ilaalchisee, “Baayʼee kan nama hawwatudha. Masaraan sun dambaliin galaanaa asiif achi utuu isa raasuu jabaatee dhaabachuunsaa, buʼuurrisaa cimaa akka taʼe argisiisa” jechuudhaan barreesseera. Jijjiiramni waggaa sana keessa qola barruurratti godhame, jijjiirama isa jalqabaa malee isa xumuraa hin turre. Jiʼa Sadaasaarratti obboloonni ammas jijjiirama kan biraa argan. Kan nama ajaaʼibsiisu garuu, ammas fakkii dambalii galaanaa argisiisu qaba ture.

3, 4. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1895⁠rratti rakkinni uumame akkamii ibsamee ture? Jijjiirama guddaa akkamiitu beeksifame?

3 Mataduree balʼaan Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1895⁠rratti baʼe, yaada rakkina uumame tokko furu qabatee ture. Rakkinni sun nagaa jaarmiyaa Barattoota Macaafa Qulqulluu kan booressu ture. Gumii keessatti eenyu geggeessaa taʼuu akka qabu ilaalchisee mormiin obboloota gidduutti uumamu ittuma caalaa deemee ture. Matadureen barruu sanarratti baʼe, obboloonni hafuura dorgommii tokkummaasaanii diigu gidduusaaniitii balleessuuf maal gochuu akka qaban kan hubachiise yommuu taʼu, jaarmiyichas markabatti fakkeesseera. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban jaarmiyaa markabatti fakkeeffame kana dambalii galaanaarraa oolchuu akka dadhaban haqaan dubbateera. Kanaaf maaltu godhamuu qaba ture?

4 Matadureen sun, namni markaba oofu tokko, namoonni hojii lubbu baraarsaa hojjetan markaba sanarra jiraachuusaaniifi dambaliin yoo kaʼe tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachuuf qophaaʼuusaanii mirkaneeffachuu akka qabu ibseera. Obboloonni jaarmiyaa sana geggeessanis gumiin hundi haalawwan akka dambalii galaanaa taʼanirraa of eeguuf qophaaʼuusaanii mirkaneeffachuu qabu turan. Kana gochuufimmoo, jijjiirama guddaa gochuun akka isaan barbaachisu ibseera. Yeruma sanaa jalqabee, ‘kaampaanii ykn gumii hunda keessatti, jaarsoliin filatamanii olaantummaadhaan hoolota achi keessa jiran akka geggeessan’ ajajee ture.—HoE. 20:28.

5. a) Qophiin jaarsolii gumii ilaalchisee godhame qophii yeroosaatti godhamedha kan jennu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

5 Jaarsolii gumii wajjin haala wal qabateen qophiin yeroo sanatti godhame, akkaataa gumiin itti geggeeffamu hundeessuurratti buʼuura gaarii taʼeera. Kunis obboloonni keenya rakkina guddaa yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti isaan mudate keessa jabaatanii akka darban isaan gargaareera. Waggoota kurnan ittaanan keessatti, sirreeffamni dabalataa gama jaarmiyaatiin godhame, sabni Waaqayyoo Yihowaa tajaajiluuf akka gaariitti hidhatanii akka kaʼan godheera. Macaafni Qulqulluun waaʼee jijjiirama kanaa dursee dubbateeraa? Isinoo jijjiirama gama jaarmiyaatiin godhameefi ijaan argitan qabduu? Jijjiirama godhamerraa faayidaa akkamii argattan?

‘Nagaan Geggeessaa Keessan Akka Taʼu Nan Godha’

6, 7. (a) Isaayaas 60:17 hiika akkamii qaba? (b) Yaanni “geggeessaa” fi “hojii raawwachiisaa” jedhu maal argisiisa?

6 Boqonnaa 9⁠ffaarratti akkuma ilaalle, Isaayaas, Yihowaan lakkoofsi sabasaa akka dabalu gochuudhaan akka isaan eebbisu raajii dubbateera. (Isa. 60:22) Haataʼu malee, Yihowaan wanta kana caaluyyuu akka hojjetu abdii kenneera. Akkas jedheera: “Qooda sibiila boorrajjii, warqee, qooda sibiilaa, meetii, qooda mukaa, sibiila boorrajjii, qooda dhagaas, sibiila nan fida; nagaa geggeessaa kee, qajeelummaas hojii raawwachiisaa kee godhee sirratti nan muuda.” (Isa. 60:17, NW) Raajiin kun hiika akkamii qaba? Yeroo harʼaatti nuuf kan hojjetuhoo akkamitti?

Meeshaaleen sun gadheerraa gara gaariitti utuu hin taʼin, gaariirraa gara isa caalaatti gaarii taʼetti jijjiiraman

7 Raajiin Isaayaas dubbate, meeshaan tokko meeshaa kan biraatiin akka bakka buufamu ibseera. Haataʼu malee, meeshaaleen sun gadheerraa gara gaariitti utuu hin taʼin, gaariirraa gara isa caalaatti gaarii taʼetti akka jijjiiraman hubadhaa. Sibiilli boorrajjii gara warqeetti jijjiiramuunsaa guddinni akka godhamu kan argisiisudha. Kanaaf Yihowaan yaada kanatti fayyadamuudhaan, haalli sabnisaa keessa jiran irraa jalaan fooyyaʼaa akka deemu ibseera. Raajiin kun jijjiiramni akkamii akka godhamu ibsa? Yihowaan jechoota, “geggeessaa” fi “hojii raawwachiisaa” jedhanitti fayyadamuunsaa irraa jalaan guddinni kan godhamu akkaataa sabnisaa itti kunuunfamaniifi itti gurmaaʼanirratti akka taʼe kan argisiisudha.

8. ((a) Fooyyaʼiinsa raajii Isaayaasirratti caqasame kan fide eenyudha? (b) Fooyyaʼiinsa kanarraa faayidaa akkamii arganna? (Saanduqa “Sirreeffama Isaaf Kenname Gad Of Deebisee Fudhateera” jedhus ilaali.)

8 Gama jaarmiyaatiin guddinni akkasii akka jiraatu kan godhu eenyudha? Yihowaan, ‘Warqeefi meetii nan fida,’ akkasumas ‘Nagaan geggeessaakee akka taʼu nan godha’ jedheera. Dhugumayyuu, gumii keessattis taʼe jaarmiyaa keessatti fooyyaʼiinsi akka jiraatu gochuu kan dandaʼu nama utuu hin taʼin Yihowaadha. Yesus Mootii erga taʼee kaasee, Yihowaan fooyyaʼiinsa kana gochaa kan jiru Ilmasaa kanatti fayyadameeti. Jijjiirama godhamaa jirurraa faayidaa akkamii arganna? Caqasichi fooyyaʼiinsi akkasii godhamuunsaa “nagaa” fi “qajeelummaa” akka argamsiisu dubbata. Qajeelfama Waaqayyoo fudhachuudhaan sirreeffama barbaachisu ennaa goonu, nagaan gidduu keenyatti kan buufatu taʼuusaarrayyuu jaalalli qajeelinaaf qabnu, Yihowaa isa Phaawulos ergamaan ‘Waaqayyo isa nagaa kennu’ jechuudhaan waaʼeesaa dubbate tajaajiluuf nu kakaasa.—Filp. 4:9.

9. Sabriifi tokkummaa gumii keessa jiruuf buʼuurri inni sirriin maalidha? Maaliif?

9 Phaawulos waaʼee Yihowaa ennaa ibsu itti dabaluudhaan, “Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti” jedheera. (1 Qor. 14:33) Phaawulos asirratti, sabrii dhabuu sabrii qabaachuu wajjin utuu hin taʼin nagaa wajjin walbira qabeera. Maaliif? Mee yaada kana qalbeeffadhaa: Bakka sabriin jiru hunda nagaan jira jechuun hin dandaʼamu. Fakkeenyaaf, gareen loltootaa tokko sabriidhaan toora galee deemuu dandaʼa. Kan isaan deeman garuu nagaadhaaf utuu hin taʼin waraanaafidha. Qindoominni sabrii qabu, nagaa hin qabu taanaan battalumatti ykn yeroo booda diigamuu dandaʼa. Nagaan Waaqayyo kennu garuu, sabrii yoomiyyuu hin diigamne kan argamsiisudha. Kanaaf, jaarmiyaa keenya kan geggeessuufi kan fooyyessu ‘Waaqa nagaa kennuu’ taʼuusaatti baayʼee galateeffanna! (Rom. 15:33) Nagaan Waaqayyo kennu sabrii faayida qabeessa taʼe kan uumu taʼuusaarrayyuu, tokkummaan baayʼee jaallannu gumii addunyaa maratti argamu keessa akka jiraatu godha.—Far. 29:11.

10. (a) Waggoota jalqabaa Bartoonni Macaafa Qulqulluu itti gurmaaʼanitti jaarmiyaa keenya keessatti fooyyaʼiinsa akkamiitu godhame? (Saanduqa “Akkaataan Hojiin Itti Geggeeffamu Kan Fooyyaʼe Akkamitti?” jedhu ilaali.) (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

10 Saanduqni “Akkaataan Hojiin Itti Geggeeffamu Kan Fooyyaʼe Akkamitti?” jedhu, jaarmiyaan keenya waggoota jalqabaa sochii itti eegaletti jijjiirama akkamii akka godheefi faayidaa akkamii akka argamsiise ibsa. Taʼus, Yihowaan yeroo dhihoodhaa asitti Mootii keenyatti fayyadamee, jijjiirama sibiila warqeedhaan bakka buusuu wajjin wal fakkaatu akkamii raawwate? Ilaaltota olaanaa ilaalchisee sirreeffamni godhame kun, gumiiwwan addunyaa maratti argaman keessatti nagaafi tokkummaan akka jiraatu kan godhe akkamitti? Kunoo dhuunfaadhaan ‘Waaqa nagaa kennu’ tajaajiluuf kan isin kakaase akkamitti?

Akkaataa Kiristos Gumii Itti Geggeessu

11. (a) Macaafa Qulqulluu gad fageenyaan qoruun hubannaa qabnurratti sirreeffama akkamii gochuuf nu gargaareera? (b) Obboloonni qaama olaanaa taʼuudhaan tajaajilan maal gochuuf murteessanii turan?

11 Bara 1964 hanga 1971⁠tti qaamni olaanaan, karaa gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa itti hojjechaa ture dabalatee matadureewwan hedduu hubachuuf Macaafa Qulqulluurratti gad fageenyaan qorannoo godhee ture.a Gumiin jaarraa jalqabaa geggeeffamaa kan ture jaarsa gumii ykn ilaaltuu olaanaa tokkoon utuu hin taʼin, qaama jaarsoliitiin akka taʼe qorannoo godhan kanarraa hubataniiru. (Filiphisiiyus 1:1; 1 Ximotewos 4:14 dubbisi.) Qaamni olaanaan dhimma kana erga qoranii booda, akkaataa jaarmiyaan Yihowaa hojiisaa itti raawwatu ilaalchisee Yesus inni Mootiisaanii taʼe jijjiirama isaan gama jaarmiyaatiin godhanirratti isaan geggeessaa akka jiru waan hubataniif, qajeelfama inni isaaniif kennu hojiirra oolchuuf murteessan. Kanaaf battaluma sanatti sirreeffama barbaachisaa taʼe gochuudhaan, jaarsolii gumii ilaalchisee qophiin godhamu kamiyyuu Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu akka taʼu godhan. Sirreeffamawwan jalqaba bara 1970⁠nii keessa godhaman tokko tokko kamfaʼi?

SIRREEFFAMA ISAAF KENNAME GAD OF DEEBISEE FUDHATEERA

MASARAAN EEGUMSAA Ebla 1, 1916⁠tti afaan Fiinlaandiitiin qophaaʼe, xalayaa obboleessi keenya Raasil, obboleessa keenya Kaarloo Harteevaa dabalatee obboloota muraasa Iskaandineeviyaa keessatti argamaniif barreesse qabatee ture. Obboleessi keenya Raasil, “Hundi keessan, gara dhugaatti deebiʼuudhaan hojii hojjetamuu qaburratti akka xiyyeeffattan isin jajjabeessina” jechuudhaan isaaniif barreessee ture. Akkas jechuudhaan kan barreesse maaliif ture?

Kaarloo Harteevaa

Kaarloo Harteevaa

Obboleessi keenya Harteevaan inni bara 1882⁠tti dhalate, Barattoota Macaafa Qulqulluu Fiinlaandi keessa turan keessaa isa tokkodha. Ebla 1910⁠tti kan cuuphame siʼa taʼu, bara 1912⁠tti, bona keessa, obboleessi keenya Raasil Masaraa Eegumsaa afaan Fiinlaandiitiin akka qopheessuuf mirga kenneefii ture. Waraanni Addunyaa Tokkoffaan hamma eegalutti wanti hundi akka gaariitti hojjetamaa ture. Obboleessi keenya Harteevaan Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 1914⁠rratti, “Haalli dinagdee rakkisaa taʼuusaatiin kan kaʼe, . . . waggaa kana keessa baayʼinni fuula Masaraa Eegumsaa akkuma isa duraa taʼa jennee hin eegnu” jechuudhaan barreessee ture. Haataʼu malee, bara 1915⁠tti, rakkina dinagdee uumame hambisuuf jecha, obboleessi keenya Harteevaafi obboloonni kaan dhaabbata Araaraat jedhamuufi maqaa kanatti fayyadamee barruu maxxansu hundeessan.

Obboleessi keenya Harteevaan dhaabbataafi barruu haaraa kanarratti ennaa xiyyeeffatu, obboleessi kan biraanimmoo gulaalaa Masaraa Eegumsaa afaan Fiinlaandi taʼee tajaajiluu jalqabe. Barruun Araaraat matadureewwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan qabatee kan baʼu taʼus, waaʼee qoricha aadaafi waaʼee afaan haaraa afaanota Awurooppaa kaanirraa walitti makamee uumamees ni ibsa ture. Sana booda utuu baayʼee hin turin barruun haaraan kun obboloonni barumsa dhugaarraa akka jalʼatan gochuu jalqabe. Yeroo kanatti obboleessi keenya Raasil, nageenya hafuuraasaaniif yaaduudhaan, obboleessi keenya Harteevaafi obboloonni kaan ‘gara dhugaatti akka deebiʼan’ isaan gaafate.

Yeroo kanatti obboleessi keenya Harteevaan maal godhe? Xalayaa obboleessi keenya Raasil isaaf barreesse deebii isaaf kennee wajjin barruu Araaraat irratti baase. Obboleessi keenya Harteevaan gochasaatiif dhiifama kan gaafate siʼa taʼu, “Rakkina uumame kana sirreessuu nan dandaʼa yoon taʼe, wantan dandaʼu hunda gochuun barbaada” jechuudhaan dubbateera. Sana booda utuma baayʼee hin turin obboleessi keenya Harteevaan maxxansa xumuraa barruu Araaraat irratti, namoonni akka burjaajaʼan gochuusaatiif dhiifama erga gaafatee booda, itti dabaluudhaan, “dhugaa amma arganne ilaalchisee hamman dandaʼutti of eeggannoo gochuufan yaala” jedheera. Jaarsolii gumii of tuulaniifi bara sanatti turanirraa haala adda taʼeen, obboleessi keenya Harteevaan sirreeffama isaaf kenname gad of deebisee fudhateera.

Yeroo booda, obboleessi keenya Harteevaan gulaalaa barruu Masaraa Eegumsaa afaan Fiinlaandiitiin qophaaʼuufi ilaaltuu olaanaa waajjira damee taʼee akka tajaajilu muudame. Hamma bara 1950⁠tti hojii kana hojjechaa tureera. Jireenyasaa isa lafarraa bara 1957⁠tti kan xumure siʼa taʼu, Yihowaafis taʼe dhugaadhaaf amanamaa taʼee jiraateera. Dhugumayyuu, namoonni gad of deebisuudhaan sirreeffama Yesus inni Mootiisaanii taʼe isaaniif kennu fudhatan, kan qulleeffaman siʼa taʼu eebba Yihowaas ni argatu.

12. (a) Qaama olaanaa wajjin haala wal qabateen sirreeffama akkamiitu godhame? (b) Qaamni Olaanaan yeroo harʼaa jiru kan gurmaaʼe akkamitti akka taʼe ibsi. (Saanduqa “Karaa Qaamni Olaanaan Hojii Mootummichaa Itti Raawwatu” jedhuufi fuula 146⁠rratti argamu ilaali.)

12 Sirreeffamni jalqabaa qaama olaanaa kan ilaallatu ture. Gareen Kiristiyaanota dibamoo qabate sun geggeessitoota jaarmiyaa Waach Taawor Baayibil eend Tiraakti Soosaayitii, boord oov daayireektarsi jedhaman torba of keessaa qaba ture. Haataʼu malee bara 1971⁠tti, lakkoofsi miseensota qaama olaanaa 7 ture gara 11⁠tti kan guddatte siʼa taʼu, sana booda maqaa boord oov daayireektarsi jedhamuun hin waamamne. Miseensonni qaama olaanaa kun hundi qixxee akka taʼanitti kan wal ilaalan siʼa taʼu, duraa duuba maqaasaaniitiin waggaa waggaadhaan dura taaʼaa taʼanii tajaajiluu eegalan.

13. (a) Waggaa 40 gidduutti sirreeffama akkamiitu godhame? (b) Qaamni Olaanaan bara 1972⁠tti maal godhe?

13 Sirreeffamni ittaansuudhaan godhamemmoo gumii hunda kan tuqu ture. Karaa kamiin? Bara 1932 hanga 1972⁠tti, olaantummaadhaan gumii kan geggeessu obboleessa tokko qofa ture. Hanga bara 1936⁠tti, obboleessi gumii keessatti olaantummaadhaan tajaajilu kun daayireektara tajaajilaa jedhama ture. Sana booda, maqaansaa tajaajilaa kaampaanii, ittaansuudhaan tajaajilaa gumii, dhumarrattis ilaaltuu olaanaa gumii jedhamee waamamuu jalqabe. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban kun nageenya hafuuraa obbolootasaanii hinaaffaadhaan eegu turan. Yeroo baayʼee ilaaltuun olaanaa gumii, murtoo gumicha ilaallatu tajaajiltoota gumii kaan utuu hin mariisisin ofumasaatii murteessa ture. Haataʼu malee bara 1972⁠tti, Qaamni Olaanaan jijjiirama guddaa gochuuf qophaaʼe. Jijjiiramni kun maalfaa dabalata ture?

14. (a) Qophiin haaraan Onkoloolessa 1, 1972⁠tti hojiirra oole kamidha? (b) Qindeessaan qaama jaarsolii gorsa Filiphisiiyus 2:3⁠rratti argamu hojiirra kan oolchu akkamitti?

14 Gumii keessatti obboleessi tokko qofti ilaaltuu olaanaa gumii taʼee tajaajiluu mannaa, obboloonni gaʼumsa qaban kaaniis karaa tiʼookraasiitiin jaarsolii gumii taʼanii akka filataman godhame. Hundisaanii walitti qaama jaarsolii jedhamu; gumiisaaniis olaantummaadhaan geggeessu. Qophiin kun hojiirra ooluu kan jalqabe Onkoloolessa 1, 1972⁠tti ture. Yeroo harʼaa qindeessaan qaama jaarsolii, jaarsolii hunda keessaa akka isa guddaatti utuu hin taʼin ‘akka isa xinnaatti of ilaala.’ (Luq. 9:48) Obboloonni gad of deebisan kun obbolummaa addunyaa maraatiif eebba guddaadha!—Filp. 2:3.

Mootiin keenya, duuka buutotasaatiif yeroo barbaachisaa taʼetti tiksitoota barbaachisan ogummaadhaan qopheesseera

15. (a) Qaama jaarsolii ilaalchisee qophiin godhame gumiidhaaf faayidaa akkamii argamsiise? (b) Mootiin keenya ogummaadhaan akka hojjetu wanti argisiisu maalidha?

15 Itti gaafatamummaa gumii keessaa miseensota qaama jaarsolii hundaaf hiruudhaanis sirreeffamni godhameera. Faayidaa qophiin kun argamsiise keessaa sadansaanii haa ilaallu: Tokkoffaa, qophiin kun jaarsoliin, gumii keessatti itti gaafatamummaa akkamiiyyuu yoo qabaatan Kiristos mataa gumii akka taʼe akka yaadatan isaan hubachiiseera. (Efe. 5:23) Lammaffaa, Fakkeenyi 11:14 (NW) akka ibsutti, “gorsituun baayʼachuun milkaaʼina argamsiisa.” Jaarsoliin gumii fayyaa hafuuraa gumiichaarratti yommuu mariʼatanitti, yaada walii fudhachuunsaanii, murtoo seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimurra gaʼuuf isaan gargaara. (Fak. 27:17) Yihowaan murtoo akkasii kan eebbisu siʼa taʼu, kunimmoo milkaaʼina argamsiisa. Sadaffaa, gumii keessa jaarsoliin gumii hedduun jiraachuunsaanii, gumii geggeessuufi hojii tikaarratti gama jaarmiyaatiin guddinni barbaachisaa taʼe akka argamu godha. (Isa. 60:3-5) Baayʼinni gumii bara 1971⁠tti addunyaa maratti 27,000 ture, bara 2013⁠tti gara 113,000 olitti guddateera. Kunimmoo Mootiin keenya, duuka buutotasaatiif yeroo barbaachisaa taʼetti tiksitoota barbaachisan ogummaadhaan akka qopheessu kan argisiisudha.—Mik. 5:5.

AKKAATAAN HOJIIN ITTI GEGGEEFFAMU KAN FOOYYAʼE AKKAMITTI?

  • 1881—Raasil, Barattoota Macaafa Qulqulluu naannoo tokko keessa jiraatan gidduu wal qunnamtiin akka jiraatuuf, obboloonni yeroo hunda walgaʼii godhatan eessatti akka godhatan waajjira Masaraa Eegumsaatti akka beeksisan gaafate.

  • 1895—Gumiin hundi obboloota jaarsolii gumii taʼuu dandaʼan gumiisaanii keessaa akka filatan gaafataman.

  • 1919—Waajjirri damee gumii hunda keessatti daayireektara tajaajilaa muude. Itti gaafatamummaan daayireektaraa hojii lallabaa qindeessuufi obboloonni tajaajila dirreerratti akka hirmaatan jajjabeessuu kan dabalatu ture. Jaarsoliin gumii tokko tokko daayireektarri tajaajilaa jiraachuusaa hin barbaanne turan.

  • 1932—Gumiin jaarsolii gumii filachuu dhiise. Kanaa mannaa gumiin, koree tajaajilaa obboloota hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaataniifi maqaasaanii isa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuu wajjin haala walsimuun jiraatan of keessatti qabate filachuu jalqabe. Isaan keessaa tokko, daayireektara tajaajilaa akka taʼuuf gumiin yaada kan dhiheessu siʼa taʼu, kan muudu garuu waajjira damee ture.

  • 1937—Obboloonni miseensota tuuta sonaan baayʼee taʼan, obboloota dibamoo wajjin koree tajaajilaa keessaa hojjechuu jalqaban.

  • 1938—Tajaajiltoonni gumii hundi karaa tiʼookraasiitiin akka muudaman murteeffame. Kunis karaa dimookraatawaa taʼeen obboloota filachuun akka hafu godheera.

Guddina jaarmiyaa keessatti irraa jalaan argame caalaatti beekuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamu fuula 204-235 ilaali. (Ingiliffa)

Obboloonni Bara 1920tti filannoo jaarsoolii gumii waggaa waggaadhaan godhamu irratti yeroo  filatan

“Jaarsa gumii kan filannu harka mirgaa ol kaasuudhaan ture. Achiis, obboleessi tokko gidduu deemee obboloota harka ol kaasan lakkaaʼa.”—Obboleettii keenya Roos Swiingil ishee Chiikaagoo, Iliinooyis, Yuunaayitid Isteetis turte

‘Karra Hoolotaatiif Fakkeenya Taʼuu’

16. (a) Jaarsoliin gumii itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Barattoonni Macaafa Qulqulluu gorsa Yesus ‘hoolotasaa akka tiksaniif’ isaanii kenne akkamitti ilaalu turan?

16 Jalqabumaa kaasee jaarsoliin gumii yeroo Barattoonni Macaafa Qulqulluu gurmaaʼanitti turan, amantoonni tajaajiltoota Waaqayyoo taʼanii akka itti fufan gargaaruuf itti gaafatamummaa akka qaban hubatanii turan. (Galaatiyaa 6:10 dubbisi.) Bara 1908⁠tti, matadureen Masaraa Eegumsaarratti baʼe tokko yaada Yesus, “Ilmoolee koo tiksi” jechuudhaan dubbate caqasee ture. (Yoh. 21:15-17) Achiis matadureen kun jaarsolii gumiitiif yaada akkas jedhu kennee ture: “Karra hoolotaa wajjin haala wal qabateen hojii Gooftaan nutti kenneef dursa kennuu, akkasumas mirga duuka buutota Gooftaa sooruufi kunuunsuuf arganneef bakka guddaa kennuu qabna.” Bara 1925⁠tti, ammas Masaraan Eegumsaa jaarsolii gumiitiif yaada, “Waldaan Waaqayyoo kanuma Waaqayyooti, . . . warri itti gaafatamummaa qabanis obbolootasaanii akka tajaajilan ni godha” jedhu kennuudhaan jaarsa taʼanii tajaajiluun mirga guddaa akka taʼe isaan yaadachiiseera.

17. Jaarsoliin gumii tiksitoota gaʼumsa qaban akka taʼaniif gargaarsi akkamii isaaniif godhameera?

17 Jaarmiyaan Yihowaa, jaarsoliin gumii dandeettii tiksuusaanii ‘sibiilarraa gara meetiitti akka jijjiiran’ kan gargaare akkamitti? Kana kan godhe leenjii isaaniif kennuudhaan ture. Bara 1959⁠tti, jaarsolii gumiitiif Manni Barumsaa Tajaajila Mootummaa ni qophaaʼe. Kutaa dhihaate keessaa tokko mataduree “Dhuunfaatti Xiyyeeffannaa Kennuu” jedhu qaba ture. Barumsa kanarratti obboloonni itti gaafatamummaa qaban ‘sagantaa baafachuudhaan babalʼistoota manasaaniitti dhaqanii akka daawwatan’ jajjabeeffamaniiru. Akkasumas, daawwannaa nama jajjabeessu gochuu kan dandaʼan karaawwan kamiin akka taʼe barataniiru. Bara 1966⁠tti, Manni Barumsaa Tajaajila Mootummaa fooyyeffamee qophaaʼe. Yeroo kanatti matadureen “Barbaachisummaa Hojii Tikaa” jedhu itti dabalamee ture. Kaayyoon barumsi kun itti dhihaatu inni guddaan maal ture? Obboloonni itti gaafatamummaa qaban “karra hoolota Waaqayyoo yommuu kunuunsanitti, maatiis taʼe tajaajilasaanii dagachuu akka hin qabne” gorfamanii turan. Waggoota dhihoodhaa asitti, manneen barnootaa hedduun jaarsolii gumiitiif qophaaʼaniiru. Jaarmiyaan Yihowaa haala itti fufiinsa qabuun leenjii akkasii kennuunsaa buʼaa akkamii argamsiise? Yeroo harʼaa, gumiin Kiristiyaanaa jaarsolii gumii gaʼumsa qabaniifi karaa hafuuraa hojii tikaa raawwatan kuma hedduutti lakkaaʼaman qabaachuu dandaʼeera.

Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa Fiilippiinsitti geggeeffame, bara 1966

Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa Fiilippiinsitti geggeeffame, bara 1966

18. (a) Jaarsolii gumiidhaaf itti gaafatamummaa cimaa akkamiitu kenname? (b) Yihowaafi Yesus jaarsolii gumii jabaatanii hojjetan kan jaallatan maaliifi?

18 Yihowaan, Yesus isa Mootii keenya taʼetti fayyadamuudhaan jaarsolii gumii kan muude hojii cimaa akka raawwataniifidha. Hojiin kun maalidha? Yeroo baayʼee sodaachisaa taʼe kana keessatti hoolota Waaqayyoo geggeessuudha. (Efe. 4:11, 12; 2 Xim. 3:1) Jaarsoliin gumii gorsa, “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, . . . jaalalaan, . . . [akkasumas] hoolota karra sanaaf fakkeenya taʼuudhaan eegaa” jechuudhaan isaaniif kennameef abboomamuudhaan jabaatanii waan hojjetaniif Yihowaafi Yesus baayʼee isaan jaallatu. (1 Phe. 5:2, 3) Karaa jaarsoliin karra hoolota Waaqayyootiif fakkeenya itti taʼaniifi nagaafi gammachuu gumichaatiif gumaacha guddaa itti godhan keessaa lama haa ilaallu.

“BAAYʼEE AJAAʼIBSIIFAMNE”

HIRIYOONNI gaaʼelaa misiyoonota taʼan, gumii Eeshiyaa keessatti argamuufi guddina utuu hin argisiisin waggoota hedduu dabarse tokkotti ramadaman. Hiriyoonni gaaʼelaa kun, obboloonni naannoo sanaa jaalala qabeeyyii taʼanis qajeelfama jaarmiyaan baasu akka hin hordofne hubatan. Kanaaf, babalʼistootaa wajjin sirriitti erga walitti dhihaatanii booda, obboleessi misiyoonii taʼe sun, haalli gumii naannoo sanaa suuta suuta haala sabni Yihowaa addunyaa maratti argamu itti geggeeffamuu wajjin tokko akka taʼu gochuu jalqabe. Yeroo kanatti buʼaa akkamiitu argame? Waggaa lama gidduutti, lakkoofsi namoota walgaʼiirratti argamanii harka lamaan kan dabaleefi obboloonni haaraan tajaajilarratti hirmaachuu kan jalqaban siʼa taʼu, 20 ol kan taʼan cuuphamaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa sun akkas jedhaniiru: “Baayʼee ajaaʼibsiifamne. Yihowaan baayʼee nu eebbiseera! Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa baase hojiirra oolchuun buʼaa akkamii akka argamsiise arguun, obboloota gumichaa hundaaf gammachuu guddaa argamsiiseera.”

Yeroo Harʼaa Jaarsoliin Gumii Karra Hoolota Waaqayyoo Kan Tiksan Akkamitti?

19. Jaarsolii gumii nu faana tajaajila baʼan ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼama?

19 Tokkoffaa, jaarsoliin gumii miseensota gumii wajjin tokkummaadhaan hojjetu. Luqaas inni barreessaa Wangeelaa taʼe waaʼee Yesus akkas jechuudhaan barreesseera: “Mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture; bartoonni isaa kudha lamaanis isaa wajjin turan.” (Luq. 8:1) Akkuma Yesus bartootasaa wajjin lallabaa ture, jaarsoliin gumii fakkeenya taʼanis, obbolootasaanii wajjin tajaajilarratti hirmaatu. Akkas gochuunsaanii hafuurri gumii keessatti mulʼatu gaarii akka taʼu akka godhu ni hubatu. Miseensonni gumii jaarsolii akkasiitiif ilaalcha akkamii qabu? Obboleettiin Jaaniin jedhamtuufi xumura umrii waggoota 80⁠nii keessatti argamtu, “Jaarsa gumii tokkoo wajjin tajaajila baʼuun, isaa wajjin haasaʼuufi caalaatti isa baruuf carraa naa bana” jetteetti. Obboleessi Isteevan jedhamuufi walakkeessa waggoota 30⁠nii keessatti argamummoo, “Jaarsi gumii tokko manaa gara manaatti yommuu na faana tajaajilu, na gargaaruu akka barbaadu natti dhagaʼama. Gargaarsa akkasii argachuunkoo gammachuu guddaa naaf argamsiisa” jedheera.

Tiksee, hoolaa isaa baddee fi kophaa jirtu, halkan bokkaa qilleensa cimaa qabu keessatti yeroo argatu

Akkuma tikseen tokko hoolaa badde barbaadu, jaarsoliin gumiis namoota gumiirraa fagaatan barbaaduuf carraaqqii cimaa godhu

20, 21. Jaarsoliin gumii fakkeenya tiksee Yesus fakkeenyaan ibsee hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya kenni. (Saanduqa “Daawwannaa Torban Torbaniin Godhamuufi Buʼaa Argamsiise” jedhus ilaali.)

20 Lammaffaa, Jaarmiyaan Yihowaa, jaarsoliin gumii obboloota gumiirraa fagaataniif xiyyeeffannaa akka kennan leenjiseera. (Ibr. 12:12) Jaarsoliin gumii namoota karaa hafuuraa dadhaban akkasii gargaaruu kan qaban maaliifi? Gargaaruu kan qabanoo akkamitti? Fakkeenyi Yesus tiksee tokkoofi hoolaa badde tokko ilaalchisee dubbate gaaffiiwwan kanaaf deebii nuu kenna. (Luqaas 15:4-7 dubbisi.) Tikseen fakkeenya kanarratti caqasame, hoolaan tokko akka jalaa badde ennaa hubatetti, akka waan ishee qofa qabuu, hamma argatutti barbaadeera. Yeroo harʼaa jaarsoliin gumii fakkeenya tiksee kanaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Akkuma hoolaan badde sun tiksee sanaaf gatii guddaa qabdu, namoonni saba Waaqayyoorraa fagaatanis jaarsolii gumii biratti iddoo guddaa qabu. Jaarsoliin gumii namoota karaa hafuuraa dadhaban kana akka hoolaa gatii hin qabneetti utuu hin taʼin akka hoolaa baddeetti ilaalu. Hunda caalaammoo, akkuma tikseen sun ‘hoolaa badde sana hamma argatutti barbaadu,’ jaarsoliin gumiis dursa fudhachuudhaan namoota karaa hafuuraa dadhaban barbaadanii gargaarsa godhuuf.

21 Tikseen fakkeenya sanarratti ibsame hoolaa badde sana yommuu argatu maal godha? Suuta jedhee ol ishee fuudhuudhaan ‘gurmuusaarratti baatee’ lafa hoolonni kaan jiranitti geessa. Haaluma wal fakkaatuun, yaanni jaarsi gumii tokko jaalalaan kakaʼee nama karaa hafuuraa dadhabe tokkoof kennu, namni sun gara gumiitti akka deebiʼu gochuu dandaʼa. Haalli obboleessa keenya Viiktar isa Afriikaa keessa jiraatuufi gumiirraa fagaatee ture mudates kanaa wajjin kan wal fakkaatudha. Viiktar, “Waggaa saddeetiif gumiirraa fagaadhee ennaan turetti, jaarsoliin gumii na gargaaruuf yaalii cimaa godhanii turan” jedheera. Hunda caalaa garuu wanti isa tuqe maalidha? Akkas jechuudhaan ibseera: “Gaaf tokko, jaarsi gumii Joon jedhamuufi naa wajjin Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti hirmaatee ture, yeroo naaf ramaduudhaan dhufee kan na daawwate siʼa taʼu, suuraawwan yeroo mana barumsaa sanarratti hirmaanne kaane tokko tokko natti argisiise. Suuraawwan kun waan hedduu waan na yaadachiisaniif gammachuu yeroon Yihowaa tajaajilaa ture qabun hawwuu jalqabe.” Joon dhaqee isa gaafatee utuma baayʼee hin turin, Viiktar gara gumiitti deebiʼeera. Yeroo harʼaa deebiʼee qajeelchaa taʼuudhaan tajaajilaa jira. Dhugumayyuu, jaarsoliin gumii jaalala qabeeyyii taʼan gammachuu keenyaaf gumaacha guddaa godhu.—2 Qor. 1:24.b

Jaarsoliin lama maanguddoo gumii irraa fagaate tokkoo yeroo gaafachaa jiran

DAAWWANNAA TORBAN TORBANIIN GODHAMUUFI BUʼAA ARGAMSIISE

JAARSOLIIN gumii Yuunaayitid Isteetis keessatti argaman, fedhii hoolota badan gargaaruuf qabaniin kakaʼuudhaan, obboloota karra hoolotaarraa fagaatan gargaaruuf tarkaanfii fudhataniiru. Obboloonni 30 taʼaniifi waggoota kurnan dura Yihowaa tajaajiluu dhaaban ammayyuu naannoo tajaajilaasaanii keessa akka jiran hubatan. Isaan keessaa baayʼeensaanii dulloomanii turan.

Jaarsi gumii Alfireedoo jedhamu, maqaa namoota kanaa barreeffachuudhaan dhaqee isaan daawwachuu jalqabe. Obboleessi kun, “Yeroo hunda Jimaata ganama mana obboloota karaa hafuuraa dadhabanii nan dhaqan ture” jechuudhaan dubbateera. Obboloonni sun akka seenu ennaa isa afeeran, Alfireedoon miira hoʼaadhaan isaan haasofsiisuudhaan maree gaarii isaanii wajjin gochuuf yaala. Hojii gaarii isaan Mootummaa Yihowaatiif jecha raawwatan gumichi akka hin irraanfanne obboleessa ykn obboleettii karaa hafuuraa dadhaban sanatti hima. Alfireedoon akkas jedheera: “Obboleessi dulloome tokko, bara 1976⁠tti jiʼa yeroo dhumaatiif tajaajilarratti hirmaate keessatti saʼaatii meeqa akka tajaajileefi barruulee meeqa akka raabse ennaan itti himu imimmaantu ijisaa guute.” Achiis Alfireedoon, obboloota dhaqee daawwatu hundaaf Luqaas 15:4-7, 10 erga dubbisee booda, “Hoolaan bade tokko gara gumiitti ennaa deebiʼu maaltu kan taʼu sitti fakkaata? Yihowaan, Yesusiifi ergamoonni yommuu gammadan sitti haa mulʼatu!” isaaniin jedha.

Waggoota lamaan darban keessatti, Alfireedoon obboloota karaa hafuuraa dadhaban gargaaruuf carraaqqii godheera. Maarree obsaan carraaqqii akkasii gochuunsaa buʼaa argamsiiseeraa? Obboloonni lama gara gumiitti akka deebiʼan gargaaruudhaan gammachuu argateera. Dilbata yeroo hunda walgaʼiirratti ni argamu. Alfireedoon seeqaa, “Yeroo isaan dhufanii Galma Mootummaa seenaan, animmoo dabareekoon booʼe” jedheera. Itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Obboloonni tajaajila dhaabanii turan kun walgaʼiirratti argamuu kan jalqaban taʼus, yeroon deemee itti isaan daawwadhu hawwiidhaan akka eeggatan waan natti himaniif, ammayyuu Jimaata Jimaata dhaqeen isaan gaafadha; anis guyyaa kana hawwiidhaanan eeggadha!”

Fooyyaʼiinsi Gama Geggeessuutiin Godhame Tokkummaa Saba Waaqayyoo Cimseera

22. Qajeelinaafi nagaan, tokkummaa gumii kan cimsan akkamitti? (Saanduqa “Baayʼee Ajaaʼibsiifamne” jedhus ilaali.)

22 Akkuma jalqabarratti ilaalle, Yihowaan qajeelummaafi nagaan sabasaa gidduutti akka babalʼatu dursee dubbateera. (Isa. 60:17) Amaloonni kun lamaan tokkummaan gumii akka cimu kan godhanidha. Karaawwan kamiin? Akkuma qajeelummaa, Yihowaanis “Waaqayyo isa tokkicha.” (Kes. 6:4) Seerri inni qajeelummaadhaaf baase gumii biyya tokkotti argamuu gara isa kaaniitti garaagara miti. Seerri buʼuuraa wanta sirrii taʼeefi hin taane ilaalchisee inni baase “waldoota [gumiiwwan] warra Waaqayyoof qulqullaaʼan hundumaa keessatti” tokkumadha. (1 Qor. 14:33) Kanaaf, gumiin tokko guddachuu kan dandaʼu seera buʼuuraa Waaqayyo baase hojiirra yoo oolche qofadha. Nagaa wajjin haala wal qabateenimmoo, Mootiin keenya gumii keessatti nagaa akka qabaannu qofa utuu hin taʼin, ‘nagaa akka buusnus’ ni barbaada. (Mat. 5:9) Kanaafuu, “wanta nagaaf taʼu” barbaanna. Garaagarummaa gidduu keenyaatti uumamuuf furmaata kennuuf dursa fudhanna. (Rom. 14:19) Karaa kanaan, nagaafi tokkummaa gumii keenyaa eegna.—Isa. 60:18.

23. Yeroo harʼaa tajaajiltoota Yihowaa taʼuu keenyaan faayidaa akkamii argachaa jirra?

23 Sadaasa 1895, yeroo Masaraan Eegumsaa qophii jaarsa gumii ilaalchisee godhame beeksisetti, obboloonni itti gaafatamummaa qabanis fedhiinsaanii maal akka taʼe ibsanii turan. Fedhiinsaanii maal ture? Hawwiinsaanii sirreeffamni haaraa gama jaarmiyaatiin godhame kun saba Waaqayyoo gidduutti ‘tokkummaan amantii akka jiraatu’ akka godhu kan ture siʼa taʼu, tokkummaa kana argachuufis kadhataniiru. Waggoota kana hunda boodatti deebinee yommuu ilaallu, geggeessuu wajjin haala wal qabateen sirreeffamni Yihowaan Mootii keenyatti fayyadamuudhaan irraa jalaan godhe waaqeffannaarratti tokkummaa nuti qabnu nuuf cimsuusaatti baayʼee galateeffanna. (Far. 99:4) Yeroo harʼaa “hafuura tokkoon” deddeebiʼuu, ‘faana tokkorra adeemuufi’ ‘harka wal qabannee’ ‘Waaqa nagaa kennu’ tajaajiluu dandaʼuu keenyatti baayʼee gammanna!—2 Qor. 12:18; Sefaaniyaa 3:9 dubbisi.

a Qorannaa guddaan kun ennaa godhametti buʼaan akkamii akka argame kitaaba Eeyid tuu Baayibil Aanderistaandiingi jedhamurratti ibsameera.

b Mataduree, “Jaarsoliin Gumii ‘Nu Gammachiisuuf Nu Wajjin Hojjetu’” jedhuufi Masaraa Eegumsaa, Amajjii 15, 2013, fuula 27-31⁠rra jiru ilaali.

Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?

  • Mootummichi gama jaarmiyaatiin sirreeffama akkamii fide?

  • Sirreeffamni gumii geggeessuu wajjin haala wal qabateen godhame ‘Waaqa nagaa kennu’ tajaajiluuf kan isin gargaare akkamitti?

  • Dubbiifi gocha jaarsolii gumii keessaa gammachuu keessaniif gumaacha kan godhan kamfaʼi?

  • Dhuunfaadhaan nagaafi tokkummaa gumiitiif gumaacha akkamii gochuu dandeessu?

Walgaʼii Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

KARAA QAAMNI OLAANAAN HOJII MOOTUMMICHAA ITTI RAAWWATU

QAAMNI OLAANAAN Dhugaa Baatota Yihowaa, obboloota dibamoo tajaajiltoota Yihowaa taʼan kan of keessatti qabatedha. Obboloonni kun gareedhaan ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessa’ jedhamu. Nyaata hafuuraa kan qopheessan yommuu taʼu, hojiin lallabaa addunyaa maratti geggeeffamu akka gaariitti akka raawwatamuuf qajeelfama ni kennu.—Mat. 24:14, 45-47.

Qaamni Olaanaan torban torbaniin, yeroo baayʼee gaafa Roobii walgaʼii godhata. Kunis obboloonni kun tokkummaadhaan akka hojjetan isaan gargaara. (Far. 133:1) Miseensonni Qaama Olaanaa, koreewwan addaddaa keessatti hojjetu. Hojii Mootummichaa wajjin haala wal qabateen tokkoon tokkoon koree wanta olaantummaadhaan toʼatu qaba. Itti gaafatamummaan isaan qaban armaan gaditti caqasamaniiru.

  • Obbolotaa wantoota gargaarsaaf barbaachisan qindeessaa jiran

    Koree Qindeessaa

    Obboloonni koree kana keessatti hojjetan, dhimmoota seeraa wajjin wal qabatan olaantummaadhaan kan toʼatan siʼa taʼu, waaʼee amantii keenyaa namoonni hubannoo sirrii akka qabaatan gochuuf sabqunnamtiitti fayyadamuun barbaachisaa yeroo taʼutti dhimma kana ilaalchisees ni toʼatu. Akkasumas, balaan ennaa uumamu, ariʼatamni obboloota keenyarra ennaa gaʼuufi ennaa obboloota keenya addunyaa maratti argaman balaan tasaa mudatu tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhatu.

  • Miseensota maatii Betʼel hojii garaa garaa hojjetan

    Koree Parsoneelii

    Koreen kun qophii miseensota maatii Betʼel addunyaa maratti argamaniif karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsa barbaachisaa taʼe gochuuf godhame olaantummaadhaan toʼata. Dhimmoota miseensota maatii Betʼel filachuufi akka galan heyyamuu wajjin wal qabatan olaantummaadhaan toʼata, tajaajila isaan Betʼel keessatti raawwatan ilaalchisee gaaffii kaʼuufis deebii ni kenna.

  • Miseensa maatii Betʼel barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu maxxansuu fi raabsuu irratti hojjetu tokko

    Koree Maxxansaa

    Koreen kun qophii barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan maxxansuufi raabsuuf godhame hunda olaantummaadhaan toʼata. Ijaarsa Galma Mootummaa malees, hojii ijaarsaa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti geggeeffamaniifi meeshaalee maxxansaa dabalatee, dhaabbatoota isaan itti fayyadamaniifi kansaanii taʼan hunda olaantummaadhaan toʼata. Buusiin hojii Mootummichaatiif godhamus sirriitti hojiirra akka oolu godha.

  • Obboleessa meeshaalee garaa garaa fayyadamee qorrannaa gochaa jiru

    Koree Tajaajilaa

    Obboloonni koree kana keessatti hojjetan, dhimmoota hojii lallabaa, gumii, babalʼistoota, qajeelchitoota, jaarsolii gumii, daawwattoota olaanaafi misiyoonotaa wajjin wal qabatan hunda olaantummaadhaan toʼatu. Hojii Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu hojjetu dabalatee, wantoota kan biraa hedduus olaantummaadhaan toʼatu.

  • Obboleessa waltajjii irra dhaabatee haasaa kennaa jiru

    Koree Barumsaa

    Koreen kun barumsa walgaʼii gurguddaafi walgaʼii gumiitiif qophaaʼu olaantummaadhaan toʼata. Mana Barumsaa Giilʼaad, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaafi Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa dabalatee, manneen barumsaa kaan olaantummaadhaan toʼata. Kana malees, koreen kun qophii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼiifi sagantaa oodiyoo viidiyoo ni toʼata.

  • Akaakuu barreeffamoota garaa garaa fi weebsaayitii jw.org

    Koree Barreeffamaa

    Obboloonni koree kana keessatti hojjetan, qophii nyaata hafuuraa barreeffamaanis taʼe bifa elektiroonikiitiin, obbolootaafis taʼe namoota kaaniif dhihaatu olaantummaadhaan toʼatu. Akkasumas, Weeb saayitii jaarmiyaa keenyaafi hojii hiikkaa addunyaa maratti raawwatamu olaantumaadhaan toʼatu. Gaaffiiwwan caqasootaafi yaadawwan barreeffamoota keenyarratti ibsaman ilaalchisee kaʼaniif deebii kan kennus koree kanadha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi