-
Dhugaa BarsiisaaJireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2016 | Hagayya
-
-
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dhugaa Barsiisaa
Fulbaanaa jalqabee, ittiin lixni haaraan mata duree “Dhugaa Barsiisaa” jedhu qabu Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii irratti ni baʼa. Kaayyoon keenya gaaffii fi caqasa tokkotti fayyadamnee dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko ibsuu dha.
Namni sun fedhii qabaachuu isaa yoo hubanne, barreeffama isaaf kennuudhaan ykn jw.org irraa viidiyoo itti argisiisuudhaan yeroo itti deebinee dhaqnu hawwiidhaan akka eeggatu gochuu dandeenya. Maree kanaan dura goone itti fufuuf guyyoota muraasa gidduutti deebinee dhaquuf yaaluu qabna. Ittiin lixni haaraanii fi kutaan barattootaa kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu qabxiilee ijoo dhuma boqonnaa irra jiran irratti kan hundaaʼe dha. Achi irratti gaaffiiwwanii fi caqasawwan dabalataa deddeebii gaaffii gochuuf ykn Kitaaba Qulqulluu qofatti fayyadamnee qoʼannaa geggeessuuf nu gargaaran argachuu dandeenya.
Daandiin gara jireenyaatti geessu tokko qofa dha. (Mat 7:13, 14) Kan haasofnu namoota amantii fi akkaataa guddinaa gara garaa qabanii wajjin waan taʼeef, dhugaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti isaan hawwatu fayyadamuu qabna. (1Xi 2:4) Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu ibsuuf dandeettiin qabnu yommuu guddatuu fi dandeettiin ‘dubbii dhugaa sirriitti barsiisuuf’ qabnu yommuu fooyyaʼu gammachuun keenya ni dabala, warra kaan dhugaa barsiisuu irrattis milkaaʼina arganna.—2Xi 2:15.
-
-
Duula Addaa Fulbaanatti Masaraa Eegumsaa Raabsuuf GodhamuJireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2016 | Hagayya
-
-
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Duula Addaa Fulbaanatti Masaraa Eegumsaa Raabsuuf Godhamu
Namoonni guutummaa lafaa irra jiran jajjabinni isaan barbaachisa. (Lal 4:1) Jiʼa Fulbaanaatti Masaraa Eegumsaa waaʼee jajjabinaa ibsu raabsuuf carraaqqii addaa goona. Barruu kana balʼinaan raabsuuf carraaqqii godhaa. Haa taʼu malee, isaan jajjabeessuuf kallattiidhaan isaanii wajjin dubbachuu waan barbaannuuf, barruu kana namoota manatti hin argamneef hin keenyu.
WANTA JENNU
“Hundi keenya jajjabinni nu barbaachisa. Garuu eessaa jajjabina argachuu dandeenya? [2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.] Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun Waaqayyo akkamitti jajjabina akkasii akka kennu ibsa.”
Namni sun fedhii yoo argisiisee fi barrucha yoo fudhate, . . .
VIIDIYOO MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU KAN QABNU MAALIIFI? JEDHU ITTI ARGISIISI
Achiis Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isa afeeri.
DEEBITEE DHAQUUDHAAF HAALA MIJEESSI
Gaaffii yommuu deebitee dhaqxu irratti mariʼattan tokko gaafadhu; akkana jechuu dandeessa: “Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?”
-