LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kr boq. 16 ful. 192-204
  • Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walitti Kan Qabamnu Maaliifi?
  • Walgaʼiiwwan Torbanii ‘Jaalalaafi Hojii Gaarii’ Jajjabeessan
  • Walgaʼii Baayʼee Barbaachisaa Taʼeefi Waggaatti Geggeeffamu
  • Ilaalchi Nuti Qabnu Maal Argisiisa?
  • Walgaʼiiwwan “Jaalalaa fi Hojii Gaariidhaaf Nu Kakaasan”
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Kabajaan Afeeramteetta
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
kr boq. 16 ful. 192-204

BOQONNAA 16

Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Guddina walgaʼiiwwan keenya argisiisaniifi faayidaa irraa arganne ilaalla

1. Bartoonni Yesus yommuu walitti qabamanitti gargaarsa akkamii argatan? Gargaarsi kun kan isaan barbaachise maaliifi?

YESUS duʼaa kaafamee utuma baayʼee hin turin, bartoonnisaa wal jajjabeessuuf walitti qabaman. Haataʼu malee, diinotasaanii waan sodaataniif balbalasaanii cufatanii turan. Yesus isaan gidduutti mulʼachuudhaan, “Hafuura qulqulluu fudhadhaa!” yommuu isaaniin jedhe sodaansaanii kun baayʼee dabalee ture taʼa. (Yohannis 20:19-22 dubbisi.) Yeroo booda, ammas kan walitti qabaman siʼa taʼu, yeroo kanatti Yihowaan hafuura qulqulluu isaanirratti dhangalaaseera. Sana booda hojii lallabaatiif humna guddaa argatanii akka turan hin shakkisiisu!—HoE. 2:1-7.

2. (a) Yihowaan jabina akkamii nuuf kenna? Jabinni kan nu barbaachisuhoo maaliifi? (b) Waaqeffannaan Maatii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Miiljaleefi saanduqa “Waaqeffannaa Maatii” jedhuufi fuula 197⁠rratti argamu ilaali.)

2 Haalli obboloota keenya jaarraa jalqabaa turanii wajjin wal fakkaatu nuunis nu mudata. (1 Phe. 5:9) Nu keessaa tokko tokko nama sodaanna taʼa. Kanaaf tajaajila keenyatti cimuuf jabinni Yihowaan kennu nu barbaachisa. (Efe. 6:10) Yihowaan jabina kana kan nuuf kennummoo karaa walgaʼiiti. Yeroo harʼaa torbanitti walgaʼiiwwan lama qabna. Isaanis, Haasaa Sabaafi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa, akkasumas walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaati.a Akkasumas, walgaʼiiwwan waggaa keessatti geggeeffannu afur qabna. Isaanis, walgaʼii naannoo, walgaʼiiwwan aanaa lamaafi Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesus Kiristosidha. Walgaʼiiwwan kanarratti argamuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Walgaʼiiwwan yeroo harʼaa geggeeffannu sadarkaa kanarra kan gaʼan akkamitti? Ilaalchi walgaʼiiwwan kanaaf qabnu waaʼee keenya maal ibsa?

Walitti Kan Qabamnu Maaliifi?

3, 4. Yihowaan sabasaarraa maal barbaada? Fakkeenya kenni.

3 Bara duriitii jalqabee, Yihowaan sabnisaa isa waaqeffachuuf akka walitti qabaman barbaada ture. Fakkeenyaaf, Dh.K.D. bara 1513⁠tti Yihowaan saba Israaʼeliif seera kennee ture. Seerri sunimmoo Sanbata torbanii isa Yihowaa waaqeffachuufi waaʼee seerichaa barachuuf isaan gargaaru kan dabalatu ture. (Kes. 5:12; 6:4-9) Sabni Israaʼel abboommii kana ennaa hordofan, maatiinsaanii ni jabaata, sabichis karaa hafuuraa qulqulluufi cimaa taʼee jiraata ture. Seera sana hojiirra oolchuu yommuu didanimmoo, fakkeenyaaf yeroo hunda Yihowaa waaqeffachuuf walgaʼiirratti argamuu yoo dhiisan, Waaqayyo duratti fudhatama hin argatan.—Lew. 10:11; 26:31-35; 2 Sen. 36:20, 21.

4 Mee gama kanaan fakkeenya Yesus kaaʼe haa ilaallu. Torban torbaniin gaafa guyyaa Sanbataa gara mana sagadaa ni deema ture. (Luq. 4:16) Erga Yesus duʼaa kaʼee booda, duuka buutonnisaa seera Sanbataa jala yoo jiraachuu baataniyyuu yeroo hundumaa walitti qabamu turan. (HoE. 1:6, 12-14; 2:1-4; Rom. 14:5; Qol. 2:13, 14) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, walgaʼiiwwan kanarratti kan argaman, qajeelfamaafi jajjabina argachuuf qofa utuu hin taʼin, kadhannaadhaan, yaada wal jijjiiruudhaan, akkasumas faarfannaadhaan aarsaa galataa Waaqayyoof dhiheessuuf ture.—Qol. 3:16; Ibr. 13:15.

Yesuus duʼaa erga kaʼe booda kutaa bartoonni isaa walitti qabamanii jiranitti yeroo isaanitti mulʼatu

Bartoonni Yesus wal jajjabeessuf jecha walitti qabamaa turan

5. Walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti kan argamnu maaliifi? (Saanduqa “Walgaʼii Waggaatti Geggeeffamuufi Saba Waaqayyoo Tokko Godhu” jedhuufi fuula 198⁠rratti argamus ilaali.)

5 Yeroo harʼaas, walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti yommuu argamnu, Mootummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisna, jajjabina hafuurri qulqulluun nuuf kennu arganna, akkasumas amantii qabnu ibsuudhaan namoota kaan jajjabeessina. Hunda caalaammoo, kadhannaadhaan, yaada wal jijjiiruudhaan, akkasumas faarfannaadhaan Yihowaa waaqeffanna. Walgaʼiiwwan keenya isa kan saba Israaʼeliifi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa adda yoo taʼaniyyuu faayidaansaanii tokkodha. Walgaʼiiwwan yeroo harʼaa geggeeffannu sadarkaa kanarra kan gaʼan akkamitti?

Walgaʼiiwwan Torbanii ‘Jaalalaafi Hojii Gaarii’ Jajjabeessan

6, 7. (a) Kaayyoon walgaʼiiwwan keenyaa maalidha? (b) Walgaʼiiwwan tuuta tokkorraa gara isa kaaniitti garaagarummaa akkamii qabu turan?

6 Obboleessi keenya Chaarlis Teez Raasil, dhugaa Macaafa Qulqulluurra jiru argachuuf yommuu qorannaa eegaletti, namoota kaayyoo isa kansaa wajjin wal fakkaatu qaban faana walitti qabamuunsaa barbaachisaa akka taʼe itti dhagaʼamee ture. Bara 1879⁠tti, akkas jechuudhaan barreesseera: “Namoota Piitisbargi keessatti argamanii wajjin taanee Dilbata yeroo hunda yeroo ramaduudhaan Macaafa Qulqulluu qoruuf gurmoofneerra.” Namoonni barruu Zaayansi Waach Taawor dubbisan kaanis akka walitti qabaman kan jajjabeeffaman siʼa taʼu, bara 1881⁠tti, Piitisbargi, Pensilvaaniyaa keessatti Dilbataafi Roobii walgaʼiin gumii geggeeffamaa ture. Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1895, kaayyoon walgaʼiiwwan kanaa, ‘Jaalalliifi walitti dhufeenyi gaariin Kiristiyaanota gidduu akka jiraatuufi’ carraa itti wal jajjabeessan akka argatan gochuu akka taʼe ibseera.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

7 Waggoota hedduudhaaf, akkaataan gumiin itti geggeeffamuufi hammisaa Barattoota Macaafa Qulqulluu hundaaf tokko hin turre. Fakkeenyaaf, xalayaan tuutni Yuunaayitid Isteetis keessa ture barreesseefi bara 1911⁠tti maxxanfame, “Torbanitti yoo xinnaate walgaʼiiwwan shan geggeeffanna turre” jedheera. Walgaʼiiwwan kana kan geggeeffatan, Wiixata, Roobii, Jimaataafi gaafa Dilbataammoo siʼa lama ture. Xalayaa kan biraan tuuta Afriikaa keessa turerraa ergameefi bara 1914⁠tti maxxanfamemmoo, “Jiʼatti siʼa lama walgaʼii godhanna turre, yeroo kanatti gaafa Jimaataa jalqabnee Dilbata xumurra turre” jedheera. Yeroo booda garuu, akkaataan walgaʼiin itti geggeeffamuufi isa ammaa wajjin wal fakkaatu ni hundeeffame. Mee seenaa walgaʼiiwwan kanaa haa ilaallu.

8. Matadureewwan haasaawwan sabaa duraan dhihaachaa turan tokko tokkoo maalfaʼi?

8 Haasaa Sabaa. Obboleessi keenya Raasil barruu Zaayansi Waach Taawor maxxansuu eegalee waggaa tokko booda, jechuunis bara 1880⁠tti, fakkeenya Yesus hordofuudhaan iddoo addaddaa deemee barsiisuu eegale. (Luq. 4:43) Akkas gochuudhaan Haasaa Sabaa yeroo harʼaa dhihaachaa jiruuf buʼuura kaaʼeera. Masaraan Eegumsaa, adeemsi Raasil gochaa ture maal akka fakkaatu ennaa ibsu, “‘Wantoota mootummaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaban’ ilaalchisee haasaa sabaa kennuun akka isa gammachiisu” ibseera. Bara 1911⁠tti, biyyoota hedduu keessatti gumiiwwan erga hundeeffamanii booda, guyyaa firdiifi furii ilaalchisee obboloonni haasaa sabaa dhiheessuu dandaʼan akka dhiheessaniif gara gumiiwwaniitti ni ergamu turan. Xumura haasichaarratti, torban ittaanutti haasaa sabaa kan dhiheessu eenyu akka taʼeefi matadureensaa maal akka jedhu beeksisni ni himama ture.

9. Haasaan Sabaa waggoota hedduu darbanitti kan jijjiirame akkamitti? Walgaʼii kana deggeruu kan dandeessanoo akkamitti?

9 Bara 1945⁠tti, Masaraan Eegumsaa duulli Haasaa Sabaa, haasaa Macaafa Qulqulluu kutaa saddeet qabuun dhihaatuufi waaʼee “rakkoowwan yerichaa” ibsu addunyaa maratti akka geggeeffamu addeessee ture. Waggoota kurnan hedduudhaaf, obboloonni haasaa sabaa akka dhiheessaniif ramadaman, haasaa hojjetaa amanamaan qopheesse qofa utuu hin taʼin, haasaa ofiisaaniitii qopheessanis ni dhiheessu turan. Bara 1981⁠tti garuu, obboloonni haasaa dhiheessan hundi, toorii gumiiwwaniif ergamerratti hundaaʼanii akka dhiheessan jajjabeeffaman.b Hamma bara 1990⁠tti, haasaawwan dhihaatan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu ykn hojiin argisiisa qabu turan; bara sanaa eegalee garuu qajeelfamni kan kenname siʼa taʼu, haasaan sabaa haasaadhaan qofa dhihaachuu eegale. Amajjii 2008⁠ttimmoo haasaan sabaa daqiiqaa 45f dhihaachaa ture daqiiqaa 30f akka dhihaatu godhame. Akkaataa haasaan sabaa itti dhihaaturratti sirreeffamni tokko tokko yoo godhameyyuu, haasaawwan sabaa qophii gaariin irratti godhamee dhihaatan, amantii Macaafa Qulqulluurratti qabnu nuuf cimsuufi bifa addaddaa Mootummaan Waaqayyoo qabu hubachuuf nu gargaaruusaanii itti fufaniiru. (1 Xim. 4:13, 16) Namoonni deddeebii gaaffii isaaniif gootaniifi namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane, haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan kana akka dhaggeeffatan ni afeertuu?

10-12. (a) Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa akkamitti geggeeffamaa akka ture ibsi. (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuun keenya gaariidha?

10 Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa. Bara 1922⁠tti, obboloonni piilgiriimota taʼan, jechuunis obboloonni Waach Taawor Soosaayitiin haasaa sabaa akka dhiheessaniifi hojii lallabaa olaantummaadhaan akka geggeessaniif ramade, qayyabannaa Masaraa Eegumsaa akka geggeessan yaadni isaaniif kennamee ture. Yaada isaaniif kenname kanarratti hundaaʼuudhaan torban gidduutti ykn gaafa Dilbataa Masaraa Eegumsaa ni qayyabatu turan.

Bara 1931tti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Gaanaa jiran walgaʼii irra utuu jiranii

Qayyabannaa Masaaraa Eegumsaa Gaanaa, bara 1931

11 Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15, 1932, walgaʼiin kun akkamitti geggeeffamuu akka qabu qajeelfama kennee ture. Matadureen kun, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Betʼel keessatti geggeeffamu akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, walgaʼii kana obboleessi tokko geggeessuu akka qabu caqaseera. Obboloonni sadii teessuma fuulduraarra taaʼanii dabaree dabareedhaan keeyyata dubbisu turan. Matadureewwan yeroo sana baʼaa turan gaaffii qophaaʼe waan hin qabneef, obboleessi qayyabannaa sana geggeessu, dhaggeeffattoonni gaaffii mataasaanii akka gaafatan godha. Achiis, gaaffiiwwan kaʼan sana isaanumti akka deebisan godha. Ibsi dabalataa yoo barbaachise, obboleessi qayyabannaa sana geggeessu ibsa “gabaabaafi ifa taʼe” kenna.

12 Jalqabarratti, gumiin hundi barruu qayyabachuu barbaadan akka filatan ni heyyamamaaf ture. Haataʼu malee, Masaraan Eegumsaa Ebla 15, 1933, gumiiwwan hundi barruu jiʼa sanaaf qophaaʼe qayyabachuu akka qaban ibse. Bara 1937⁠tti, Masaraan Eegumsaa gaafa Dilbataa akka qayyabatamu qajeelfamni ni kenname. Sirreeffamni dabalataa godhamee akkaataa amma qayyabachaa jirrutti akka qayyabatamu kan ibsamemmoo Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1942⁠rratti ture. Jalqabarratti, Masaraan Eegumsaa kun, gajjallaa mataduree qayyabannaarratti gaaffiin akka baʼuufi matadureen sun gaaffiiwwan kanatti fayyadamuudhaan qayyabatamuu akka qabu ibse. Ittaansuudhaan, qayyabannaan kun saʼaatii tokkoof geggeeffamuu akka qabu ibseera. Obboloonni deebii kennanis keeyyaticharraa kallattiidhaan dubbisuu mannaa “jecha mataasaaniitiin” akka ibsan jajjabeeffamaniiru. Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa, karaa hojjetaa amanamaan yeroosaatti nyaata hafuuraa itti dhiheessu keessaa isa guddaadha. (Mat. 24:45) Kanaaf, tokkoon tokkoon keenya, ‘Qayyabannaa Masaraa Eegumsaatiif torban torbaniin nan qophaaʼaa? Hamma naaf dandaʼame deebii kennuuf carraaqqii nan godhaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

13, 14. Seenaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii maal fakkaata? Walgaʼii kanaa wajjin haala wal qabateen wanti isin gammachiisu maalidha?

13 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii. Walakkeessa bara 1890⁠nii keessa, kitaabni Miileeniiyaal Daawun jedhamu erga baʼee booda, Barataan Macaafa Qulqulluu Raan jedhamuufi magaalaa Baaltiimoor, Meeriilandi, Yuunaayitid Isteetis keessa jiraachaa ture, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf walitti qabamaa akka turaniifi maqaansaas “Daawun Sarkilsi” akka jedhamu dubbateera. Jalqabarratti, walgaʼiiwwan kun taʼuuf dhiisuusaanii ilaaluuf mana dhuunfaa keessatti geggeeffamu turan. Fulbaana 1895⁠tti garuu, walgaʼiin kun magaalaawwan Yuunaayitid Isteetis hedduu keessatti geggeeffamaa ture. Kanaaf, Masaraan Eegumsaa jiʼa sana keessa baʼe namoonni dhugaa baratan hundi qayyabannaa kanarratti akka hirmaatan afeereera. Akkasumas obboleessi geggeessu sirriitti dubbisuu kan dandaʼu taʼuu akka qabu ibseera. Obboleessi kun hima tokko erga dubbisee booda yaada akka irratti kennan godha ture. Tokkoon tokkoon hima keeyyata sana keessa jiranii dubbisee erga irratti mariʼatanii booda, caqasoota achirratti argaman dubbisa. Yommuu boqonnicha xumuran, namoonni qayyabannaa sanaarratti argaman hundi barumsa boqonnicharraa argatan gabaabsanii ibsu.

14 Maqaan walgaʼii kanaa siʼa baayʼee jijjiirameera. Yeroo tokko Beriyaan Sarkilsi foor Baayibil Istadii jedhamaa kan ture siʼa taʼu, maqaa namoota Beriyaa jaarraa jalqabaatti Caaffata Qulqullaaʼoo qoraa turanirraa kan fudhatamedha. (HoE. 17:11) Yeroo booda maqaansaa Qayyabannaa Kitaabaa Gumii jedhameera. Ammammoo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii kan jedhamu siʼa taʼu, gumiin tuuta tuutaan hiramee mana dhuunfaatti walitti qabamuu mannaa, hundisaanii Galma Mootummaatti walitti qabamu. Waggoota kurnan darbaniif, kitaabonniifi birooshuroonni addaddaa, akkasumas matadureewwan Masaraa Eegumsaa tokko tokkollee walgaʼii kanarratti qayyabatamaniiru. Jalqabumaa kaasee namoonni qayyabannaa kanarratti argaman hundi yaada kennuudhaan akka irratti hirmaatan ni jajjabeeffamu turan. Walgaʼiin kun beekumsa Macaafa Qulqulluu keenya akka nuuf guddise hin shakkisiisu. Yeroo hundumaa walgaʼii kanaaf qophaaʼuudhaan hamma dandeettii keessanii hirmaannaa ni gootuu?

Warri tokko ijoollee isaanii xixinnoo lamaa wajjin yeroo waaqeffannaa maatii godhan

Sagantaa waaqeffannaa maatii torban torbaniin geggeeffattan qabduu?

WAAQEFFANNAA MAATII

GUYYOONNI gara dhumaa ennaa dhihaachaa dhufan kanatti, Jaarmiyaan Yihowaa, maatiin hundi sagantaa Macaafa Qulqulluu itti qayyabatu qabaachuu akka qabu ibsuusaa itti fufeera. (2 Xim. 3:1) Fakkeenyaaf, buukleetiin Hoom eend Happiinas jedhamuufi bara 1932⁠tti maxxanfame, “Maatiin hundi sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu qabaachuu qaba” jedheera. Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15, 1956⁠mmoo, maatiiwwan Kiristiyaanota taʼan hundi “faayidaa maatiisaanii hundaaf jecha manasaaniitti yeroo hunda Macaafa Qulqulluu qayyabachuu” akka qaban ibseera. Ittaansuudhaan, “Walgaʼiin gumii gaʼuusaa dura waliin taatanii Masaraa Eegumsaa ni qayyabattuu?” jechuudhaan gaafateera.

Bara 2009⁠tti, jaarmiyaan Yihowaa waaqeffannaan maatii hammam barbaachisaa akka taʼe waan hubateef, walgaʼiiwwan gumii torban gidduutti godhamanirratti sirreeffama godheera. Yeroo sanaa jalqabee, sagantaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii, sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiifi Walgaʼii Tajaajilaa wajjin wal faana akka taʼu godhameera. Tajaajilli Mootummaa Amajjii 2011⁠tti maxxanfame, “Sababiin sirreeffamni kun itti godhame inni tokko, maatiiwwan torban torbaniin waaqeffannaa maatiisaaniitiif galgala tokko ramadanii dandeettii hafuuraasaanii guddifachuuf carraa akka argataniifidha” jedheera. Ittaansuudhaan, maatiiwwan hundi, “yeroo kanatti utuu hin sardamin wanta maatichaaf fayyadurratti hundaaʼanii Macaafa Qulqulluurratti mariʼachuufi qayyabannaa gochuu” akka dandaʼan ibseera.c

Qophiin Waaqeffannaa Maatii baayʼee barbaachisaa kan taʼeefi dagatamuu kan hin qabne maaliifi? Jabina hafuuraa maatii qofa utuu hin taʼin jabina hafuuraa gumiis kan tuqu waan taʼeefidha. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Gumii mana xuubiirraa hojjetametti fakkeessuun ni dandaʼama. (Ibroota 3:4-6 dubbisi.)d Ciminni mana xuubiirraa hojjetamu tokkoo kan hundaaʼu wantoota ijoo taʼan lamarrattidha. Isaanis, buʼuura manichaafi jabina xuubiiwwaniirrattidha. Buʼuurri mana sanaa jabaa miti taanaan manichi salphaatti kufuu dandaʼa. Haataʼu malee, xuubiin manichi irraa ijaarame salphaatti caccaba taanaan, hundeensaa jabaa yoo taʼeyyuu manichi dafee kufuu dandaʼa. Gumiin Kiristiyaanaa buʼuura cimaa, jechuunis barumsa Kiristosirratti kan ijaaramedha. (1 Qorontos 3:10-15 dubbisi.)e Obboloonni gumii keessatti argamanimmoo tokkoon tokkoonsaanii akka xuubiiti. Waaqeffannaan Maatiimmoo, tokkoon tokkoon miseensa maatii, amantii cimaa ibidda keessa darbuu dandaʼu akka qabaatu godha. Tokkoon tokkoon miseensa maatii jabaachuunsaa maatiin akka jabaatu godha, maatiin jabaachuunsaammoo gumiin akka jabaatu godha. Sagantaa waaqeffannaa maatii torban torbaniin geggeeffattan qabduu?

c Waaqeffannaa maatiirratti barreeffamoota akkamii qayyabachuun akka dandaʼamu Tajaajila Mootummaa Amajjii 2011⁠rratti ibsameera.

d Phaawulos yaada kana kan dubbate obboloota ‘waamicha isa waaqarraa keessaa hirmaataniifidha.’ (Ibr. 3:1) Haataʼu malee gorsisaa kun akka seera buʼuuraatti Kiristiyaanota hundaaf ni hojjeta.

e Yaada Macaafa Qulqulluu kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 1999, fuula 12-14, keeyyata 15-20 (Amaariffa) ilaali. Mataduree kana dubbisuudhaan Waaqeffannaa Maatii keessanirratti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessan maalif irratti hin xiinxaltan?

15. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii kan hundeeffame maaliif ture?

15 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii. Obboleessi keenya Keerii Baarbar, inni bara 1942⁠tti waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorki keessatti tajaajilaa ture, haala yeroo sanaa yaadachuudhaan akkas jedheera: “Guraandhala 16, 1942⁠tti, Wiixata galgala obboloonni dhiiraa miseensota maatii Betʼel taʼan hundi, walgaʼii yeroo booda Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii jedhamerratti hirmaachuuf akka galmeeffaman afeeraman.” Obboleessi keenya Baarbar, yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe yommuu taʼu, manni barumsaa kun “karaa guddaa Yihowaan yeroo harʼaa sabasaa itti leenjisu” akka taʼe ibseera. Leenjiin bara 1943 eegalee mana barumsaa kanarratti kennamu, obboloonni hedduun dandeettii barsiisuusaanii akka fooyyeffatan kan gargaare siʼa taʼu, buukleetiin Koorsi in Tiʼookraatiik Ministirii jedhamu yeroo booda gumiiwwan addunyaa maratti argamaniif akka raabsamu godhameera. Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1, 1943, Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, sabni Waaqayyoo “waaʼee Mootummichaa sirriitti dhugaa baʼuuf akka of leenjisan” gargaaruuf kan qophaaʼe taʼuusaa ibseera.—2 Xim. 2:15.

16, 17. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii ogummaa barsiisuu qofa namaaf argamsiisa turee? Ibsi.

16 Obboloonni hedduun, jalqabarratti dhaggeeffattoota hedduu fuuldura dhaabatanii dubbachuun itti ulfaatee ture. Obboleessi keenya Kilaayitan Wuudwoorzi, inni abbaansaa bara 1918⁠tti obboleessa keenya Raazarfordiifi obboloota kaanii wajjin hidhamee ture, bara 1943⁠tti yeroo jalqabaatiif mana barumsaa kanarratti hirmaachuu yommuu eegale miira isatti dhagaʼamee ture ibseera. Akkas jedheera: “Haasaa dhiheessuun baayʼee natti ulfaata ture. Arrabnikoo ni xaxama, afaankoo ni goggoga, akkasumas sagaleenkoo siʼa tokko furdatee siʼa tokkommoo qalʼata ture.” Haataʼu malee dandeettiin obboleessa kanaa yeroo booda kan fooyyaʼe siʼa taʼu, haasaawwan hedduus dhiheesseera. Manni barumsaa kun dandeettii barsiisuu qofa utuu hin taʼin, gad of deebisuufi Yihowaatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe isa hubachiiseera. Obboleessi keenya Kilaayitan itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Namni haasaa dhiheessu jiraachuunsaa qofti gaʼaa akka hin taane hubadheera. Kanaa mannaa, sirriitti yoo qophaaʼeefi Yihowaatti yoo amaname, haasaa namatti toluufi barumsa irraa argatan dhiheessuu dandaʼa.”

17 Bara 1959⁠tti, obboleettonnis mana barumsaa kanarratti akka hirmaatan afeeraman. Obboleettiin Idnaa Baayuwaar jedhamtu, yeroo beeksisni walgaʼii isheen irratti hirmaatte tokkorratti itti himame yaadachuudhaan akkas jetteetti: “Obboleettonni hundi hammam akka gammadan nan yaadadha. Amma carraan obboleettonni qaban balʼateera.” Waggoota kana keessatti obboloonniifi obboleettonni hedduun, carraa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti hirmaachuufi Yihowaa irraa barachuuf argatanitti fayyadamaniiru. Yeroo ammaattis leenjii akkasii walgaʼii torban gidduutti godhamurraa argachuu keenya itti fufna.—Isaayaas 54:13 dubbisi.

18, 19. (a) Yeroo ammaatti qajeelfamni Tajaajila keenya raawwachuuf nu gargaaru kan nuu kennamu akkamitti? (b) Walgaʼiirratti kan faarfannu maaliifi? (Saanduqa “Dhugaadhaaf Faarfachuu” jedhu ilaali.)

18 Walgaʼii Tajaajilaa. Jalqaba bara 1919⁠tti, tajaajila dirree gurmeessuuf walgaʼiin addaddaa ni godhama ture. Walgaʼii kanarratti kan argaman namoota gumii keessatti argaman hunda utuu hin taʼin, obboloota barreeffamoota raabsuurratti hirmaatan qofa ture. Bara 1923 keessa, Walgaʼiin Tajaajilaa jiʼatti siʼa tokko geggeeffamaa kan ture siʼa taʼu, obboloonni gumii keessa jiran hundi irratti argamu turan. Bara 1928⁠tti, gumiiwwan hundi Walgaʼii Tajaajilaa torban torbaniin akka godhatan kan jajjabeeffaman siʼa taʼu, bara 1935⁠ttimmoo, Masaraan Eegumsaa gumiiwwan Walgaʼii Tajaajilaa godhatan hundi qajeelfama barreeffama Daayireektara (yeroo booda Infoormaant jedhamee ture; achii boodammoo Tajaajila Mootummaa jedhama ture) jedhamurratti baʼu akka hordofan itti himame. Walgaʼiin kun, yeroo dhihoodhaa asitti sagantaa dhaabbataa gumii hunda fayyadu taʼeera.

19 Yeroo harʼaa walgaʼii torban gidduutti godhannurraa qajeelfama hojii lallabaa keenya raawwachuuf nu gargaaru arganna. (Mat. 10:5-13) Barreeffama qoʼannaa walgaʼii fudhachuu jalqabdeetta yoo taʼe, barreeffamicha qayyabachuudhaan yaadawwan achirratti caqasaman tajaajilarratti itti fayyadamuuf carraaqqii ni gootaa?

Walgaʼii Baayʼee Barbaachisaa Taʼeefi Waggaatti Geggeeffamu

Gumii Kiristiyaanoota jaarraa jalqabaa Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus wagga waggaadhaan kabajamu yeroo kabajan

Kiristiyaanonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaatii kaasee, Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuuf waggaa waggaadhaan walitti qabamaa turaniiru (Keeyyata 20 ilaali)

20-22. (a) Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kan kabajnu maaliifi? (b) Ayyaana Yaadannoorratti waggaa waggaadhaan argamuun keessan faayidaa akkamii isiniif argamsiisa?

20 Yesus hamma inni deebiʼee dhufutti yaadannoo duʼasaa akka kabajan duuka buutotasaa ajajeera. Akkuma Ayyaana Faasikaa, Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesusis waggaatti siʼa tokko kabajama. (1 Qor. 11:23-26) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waggaa waggaadhaan ayyaana kanarratti ni argamu. Ayyaanni kun dibamtoonni mirga Mootummaa Waaqayyoo akka dhaalaniif isaaniif kenname isaan yaadachiisa. (Rom. 8:17) Hoolonni kan biraanimmoo, carraa Mootii Mootummaa Waaqayyootiif kabaja guddaa itti kennan akka argatan godha.—Yoh. 10:16.

21 Obboleessi keenya Raasiliifi hiriyoonnisaa, Ayyaana Irbaata Gooftaa kabajuun barbaachisaa akka taʼeefi ayyaanni kunimmoo waggaatti siʼa tokko kabajamuu akka qabu hubatanii turan. Masaraan Eegumsaa Ebla 1880 akkas jedheera: “Obboloota as magaalaa Piitisbargitti argamnu keessaa baayʼeen keenya waggoota hedduudhaaf . . . Faasikaa [Ayyaana Yaadannoo] kabajaa, maxinoofi wayinii fooniifi dhiiga Gooftaa keenyaa argisiisu nyaachaa, akkasumas dhugaa turreerra.” Achiis Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee walgaʼiiwwan gurguddaan geggeeffamaniiru. Lakkoofsi namoota walgaʼiiwwan akkasiirratti argamanii yeroo jalqabaatiif kan galmeeffame bara 1889⁠tti ture; yeroo kanatti namoonni 225 kan argaman siʼa taʼu, 22 cuuphamaniiru.

22 Yeroo harʼaa, Ayyaana Yaadannoo akka walgaʼiiwwan gurguddaatti kan hin ilaalle taʼus, hawaasa akkamii keessayyuu yoo jiraanne, namoonni Galma Mootummaatti ykn bakka kireeffannetti argamuudhaan ayyaana kana nu faana akka kabajan ni afeerra. Bara 2013⁠tti, namoonni miliyoona 19 ol taʼan Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Ayyaana kanarratti argamuu qofa utuu hin taʼin, namoonni kaan guyyaa adda taʼe kanatti nu faana ayyaanicharratti akka argaman afeeruufis mirga guddaa arganneerra! Waggaa waggaadhaan namoonni Ayyaana Yaadannoo kanarratti akka argamaniif hamma isiniif dandaʼame ni afeertuu?

Ilaalchi Nuti Qabnu Maal Argisiisa?

23. Walitti qabamuu keenya ilaalchisee maaltu isinitti dhagaʼama?

23 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan, qajeelfama akka walitti qabamaniif isaaniif kenname akka baʼaatti hin ilaalan. (Ibr. 10:24, 25; 1 Yoh. 5:3) Fakkeenyaaf Daawit Mootichi, waaqeffannaadhaaf jecha mana Yihowaa deemuu ni jaallata ture. (Far. 27:4) Keessumaa namoota Waaqayyoon jaallatanii wajjin bakka kanatti argamuun isatti tola ture. (Far. 35:18) Mee fakkeenya Yesusirrattis yaadaa! Yommuu ijoollee turettillee, mana waaqeffannaa Abbaasaa dhaquuf fedhii guddaa qaba ture.—Luq. 2:41-49.

Walgaʼiirratti argamuuf fedhii qabaachuun keenya Mootummaan Waaqayyoo hammam akka nuuf dhugoome kan argisiisudha

24. Walgaʼiirratti yommuu argamnu, carraawwan akkamii arganna?

24 Walgaʼiirratti ennaa hirmaannu, Yihowaa akka jaallannu, akkasumas obboloota keenya jajjabeessuufi Mootummaa Waaqayyootiif bitamuu kan qabnu akkamitti akka taʼe baruuf fedhii guddaa akka qabnu argisiisna. Barumsa akkasii kan argannummoo, walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaafi walgaʼiiwwan naannoorrattidha. Akkasumas, walgaʼiiwwan keenya dandeettiifi jabina hojii Mootummaan Waaqayyoo yeroo harʼaatti hojjechaa jirurratti, jechuunis namoonni bartoota Yesus Kiristos akka taʼan gochuufi isaan leenjisuurratti hirmaachuuf nu dandeessisu nuuf kennu. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Wal faana walgaʼiirratti argamuuf fedhii guddaa qabaachuun keenya Mootummaan Waaqayyoo hammam akka nuuf dhugoome akka argisiisu hin shakkisiisu. Yeroo hundumaa walgaʼii keenyaaf bakka guddaa haa kenninu!

a Walgaʼiiwwan gumii malees, obboloonni hundi qayyabannaa dhuunfaa ykn waaqeffannaa maatii akka godhatan ni jajjabeeffamu.

b Hanga bara 2013⁠tti, tooriiwwan haasaa sabaa 180 ol taʼan qophaaʼaniiru.

Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?

  • Walitti kan qabamnu maaliifi?

  • Walgaʼiiwwan addaddaa nuti geggeeffannu ilaalchisee maaltu isinitti dhagaʼama?

  • Ilaalchi gumiidhaaf qabdan waaʼee keessan maal argisiisa? Ibsi.

Obboloota walgaʼii guddaa tokko irra turanii fi Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii ol qabatanii jiran

WALGAʼII WAGGAATTI GEGGEEFFAMUUFI SABA WAAQAYYOO TOKKO GODHU

YIHOWAAN Israaʼeloonni dhiira taʼan hundi waggaatti siʼa sadii Yerusaalemitti akka walitti qabaman abboomee ture. (Bau. 23:14-17; Lew. 23:34-36) Yoseef inni abbaa buddeenaa Yesus taʼe, yeroowwan akkasiitti maatiisaa fuudhee gara Yerusaalem deemaa ture. Dhiironni Israaʼelootaa kaanis akkasuma akka godhan hin shakkisiisu. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis, walgaʼiiwwan gurguddaa godhachuuf waggaatti siʼa sadii walitti qabamu. Walgaʼiiwwan gurguddaan kanaan dura godhaman, jaarmiyaan Yihowaa inni lafarraa guyyoota gara dhumaa kanatti guddina ajaaʼibsiisaa taʼe akka argisiisu godhaniiru. Walgaʼiiwwan kana keessaa tokko tokko kaasuudhaan wantoota isaan ittiin yaadataman haa ilaallu.

  • 1919: Seedaar Pooyinti, Ohaayoo, Yuunaayitid Isteetis

    Walgaʼiin kun, walgaʼii guddaa isa jalqabaa Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda godhamedha.

    Hojiin lallabaa bifa haaraadhaan jalqabame.

    Barruun Za Gooldan Eej (yeroo ammaa Dammaqaa! jedhama) akka qophaaʼu walgaʼii kanarratti himame.

  • 1922: Seedaar Pooyinti, Ohaayoo

    Haasaa mataduree “Mootummicha” jedhu qaburratti hojii lallabaatiif xiyyeeffannaan kennamuu akka qabu himame. Yeroo kanatti sagalee guddaa, “Mootichaafi Mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa!” jedhutu dhagaʼame.

  • 1931: Kolombos, Ohaayoo

    Yeroo kanatti maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu eegalle.

  • 1935: Waashingitan, Dii.Sii.

    ‘Tuutni sonaan baayʼeen’ Mulʼata 7:9⁠rratti caqasaman barabaraaf lafarra akka jiraatan yeroo jalqabaatiif ibsame.

  • 1942: Walgaʼii Guddaa, ‘Walgaʼii Tiʼookraasii Addunyaa Haaraa’ jedhamuufi addunyaa maratti magaalota 85 keessatti geggeeffame

    Haasaan mataduree, “Nagaan Itti Fufuu Dandaʼaa?” jedhu qabu, Waraana Addunyaa Lammaffaa booda carraa balʼaan namoota Mootummaa Waaqayyootiif bulan itti sassaaban akka jiraatu ibsuudhaan raajiin Mulʼata boqonnaa 17⁠rratti ibsame ifa akka taʼu godheera.

  • 1950: Walgaʼii Guddaa, ‘Guddina Tiʼookraasii’ jedhamu

    Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii yeroo kanatti baʼe.

  • 1958: Walgaʼii Biyyoolessaa, ‘Fedha Waaqayyoo’ jedhamu

    Walgaʼiin kun walgaʼii biyyoolessaa magaalaa tokko keessatti godhaman hunda kan caalu ture; namoonni biyyoota 123 keessaa dhufaniifi 250,000 ol taʼan Niiwu Yoorkitti walitti qabamaniiru.

  • 1961: Walgaʼii Guddaa, ‘Waaqeffattoota Gurmaaʼan’ jedhamu

    Guutummaan Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa jildii tokkoon maxxanfamee baʼe.

  • 1992: Walgaʼii Guddaa, “Ibsitoota Ifaa” jedhamu

    Walgaʼiin kun walgaʼii biyyoolessaa seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti yeroo bulchiinsa Sooviyeet Yuuniyeenitti yeroo jalqabaatiif biyya Raashiyaa, magaalaa Seenti Piitisbargi keessatti geggeeffamedha.

  • 1993: Walgaʼii Guddaa, “Waaqayyorraa Barachuu” jedhamuufi Kiyeev, Yuukreenitti Geggeeffame

    Yeroo kanatti walgaʼii siʼa tokko geggeeffame qofarratti namoonni 7,402 cuuphamaniiru.

  • 2011: Walgaʼii Guddaa, “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhamu

    Fakkii Daaniʼel boqonnaa 2⁠rratti ibsame ilaalchisee hubannaan qabnu ni sirreeffame. Miilli fakkichaa inni makaa supheefi sibiilaa taʼe Angiloo Ameerikaa ishee Mootummaa Addunyaa taate kan argisiisu akka taʼeefi Mootummaan Waaqayyoo dhufee fakkii fakkeenyaan ibsame kana kan hurreessu utuma Mootummaan Angiloo Ameerikaa bulchaa jiruu akka taʼe hubanneerra.

  • 2014: Walgaʼii Guddaa, “Mootummaa Waaqayyoo Barbaachuu Keessan Itti Fufaa!” jedhamu

    Mootummaan Waaqayyoo samiirratti bulchuu erga eegalee waggaa 100 akka guute ibsame.

Yesuusii fi Bartoonni isaa waliin taʼanii Waaqayyoon faarfachaa jiru

‘DHUGAADHAAF FAARFACHUU’

SABNI Yihowaa, waaʼee Yihowaa faarfachuufi isaaf faarfachuudhaan isaaf amanamoo akka taʼan ibsu. Fakkeenyaaf, Yihowaan Galaana Diimaa biratti saba Israaʼeliin harka warra Gibxii jalaa ennaa baasetti, faarfannaa namatti tolu faarfachuudhaan galateeffannaafi dinqisiifannaa isaaf qaban ibsaniiru. (Bau. 15:1-21) Yeroo booda, faarfannaan waaqeffannaa mana qulqullummaatti Yihowaadhaaf dhihaatu keessatti iddoo akka qabaatu godhame. (1 Sen. 23:4, 5; 25:7) Jaarraa jalqabaa keessa, Yesusiifi bartoonnisaa faarfannaa galataa faarfachuudhaan miira Yihowaadhaaf qaban ibsaniiru.—Mat. 26:30; Efe. 5:19.

Yeroo Raasiliifi hiriyoonnisaa dhugaa qorachuu jalqabanittis, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu keessatti faarfannaa addaddaatti fayyadamaa turreerra. Masaraan Eegumsaa Guraandhala 15, 1896, barbaachisummaa faarfannaa yommuu ibsu, “Faarfannaan dhugaadhaaf faarfatamu, dhugaan salphaatti garaa namootaa keessa akka seenu godha” jedheera.

Qola kitaabaa Soongis oov Za Biraayid, bara 1879

1879

Qola kitaabaa Pooyemsi Endi Himensi Oof Miiliiniyaal Daawun, bara 1890

1890

Cover of the book Zion’s Glad Songs, 1900

1896

Cover of the book Zion’s Glad Songs, 1900

1900

Cover of the book Hymns of the Millennial Dawn, 1905

1905

Cover of Kingdom Hymns, 1925

1925

Cover of the book Songs of Praise to Jehovah, 1928

1928

Qola kitaaba Kiingidam Sarviis Soongi Buuk jedhamuu, bara 1944

1944

Qola kitaaba Soongis tuu Jihoovaas Pireeyis jedhamuu, bara 1950

1950

Qola kitaaba “Siingiingi endi Akkampaniingi Yuursalvis Wiith Miiyuuzik iin Yuur Haartis” jedhamuu, bara 1966

1966

Qola kitaaba Siingi Pireeyisis tuu Jihoovaa jedhamuu, bara 1984

1984

Qola Kitaaba Siingi tuu Jihoovaa jedhamuu

CURRENT

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi