LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 8/15 ful. 23-27
  • Namoota Akkamii Ta’uu Akka Qabdan Itti Yaadaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Akkamii Ta’uu Akka Qabdan Itti Yaadaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • SEEXANNI NAMOOTA KAN GOWWOOMSU AKKAMITTI?
  • ‘HAWWII FOONII’
  • ‘HAWWII IJAA’
  • “JIREENYAAN KOORUU”
  • HARIIROO YIHOWAA WAJJIN QABNU EEGGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • Jireenyakee Keessatti Qaamni Hunda Caalu Eenyudha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Diina Keessan Beekaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Qorumsa Nurra Gaʼu Moʼuu Qabna
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 8/15 ful. 23-27

Namoota Akkamii Ta’uu Akka Qabdan Itti Yaadaa

“Amala qulqulluu qabaachuufi hojii Waaqayyoof akka bultan argisiisu hojjechuudhaan namoota akkamii ta’uu akka qabdan itti yaadaa!”—2 PHE. 3:11, NW.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf nama akkamii ta’uu qabda?

  • Seexanni namoota kan gowwoomsu akkamitti?

  • Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu eeggachuuf maal gochuu dandeessa?

1, 2. Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf ‘namoota akkamii ta’uu’ qabna?

NAMOONNI kaan ilaalcha akkamii akka nuuf qaban yaaduun keenya waanuma jirudha. Haata’u malee Kiristiyaanota waan taaneef, ilaalchi Yihowaan nuuf qabu caalaatti nu yaaddessuu hin qabnuu? Yihowaan uumama cufa keessatti qaama hunda caalu ta’uusaarrayyuu, ‘burqaa jireenyaati.’—Far. 36:9.

2 Phexros, akka ilaalcha Yihowaatti namoota akkamii ta’uu akka qabnu yommuu ibsu, ‘amala qulqulluu akka qabaannuufi hojii Waaqayyoof akka bulle argisiisu’ akka hojjennu nu jajjabeesseera. (2 Phexros 3:11 dubbisi.) Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, “amala” qulqulluu qabaachuu jechuunis, gocha keenyaan, sammuun keenyaan, akkasumas karaa hafuuraa qulqulluu ta’uu qabna. Kana malees, Waaqayyoof ulfina kennuufi amanamummaadhaan isatti maxxanuudhaan ‘hojii Waaqayyoof akka bulle argisiisu’ hojjechuun keenya barbaachisaadha. Kanaaf Yihowaa duratti fudhatama argachuun, gocha keenya qofa utuu hin ta’in keessa namummaa keenyaas kan dabalatudha. Yihowaan ‘garaa namaa waan qoruuf’ amala qulqulluu qabaachuu, akkasumas guutummaatti kan isaaf bulle ta’uufi dhiisuu keenya beeka.—1 Sen. 29:17.

3. Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu ilaalchisee gaaffiiwwan kam qorra?

3 Seexanni, Waaqayyo duratti fudhatama akka argannu hin barbaadu. Kanaafis, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuuf wanta isaaf danda’ame hunda godha. Seexanni karaarraa nu maqsuufi Waaqa keenyarraa nu fageessuuf, sobaafi gowwoomsaatti fayyadamuurraa dubbatti hin jedhu. (Yoh. 8:44; 2 Qor. 11:13-15) Kanaaf, ‘Seexanni namoota kan gowwoomsu akkamitti? Hariiroon Yihowaa wajjin qabu eeggachuuf maal gochuun danda’a?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

SEEXANNI NAMOOTA KAN GOWWOOMSU AKKAMITTI?

4. Seexanni hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu balleessuuf maalirratti xiyyeeffata? Maaliif?

4 Yaaqoob, “Tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 1:14, 15) Seexanni hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu balleessuuf, madda fedhii keenyaa kan ta’e garaa keenyarratti xiyyeeffata.

5, 6. (a) Seexanni kiyyoosaa keessa nu galchuuf maalitti fayyadama? (b) Seexanni fedhii garaa keenyaa mancaasuuf wantoota nama hawwatan akkamiitti fayyadama? Wantoota kanatti fayyadamuurratti muuxannoo akkamii qaba?

5 Seexanni garaa keenya mancaasuuf maalitti fayyadama? Macaafni Qulqulluun, ‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira’ jedha. (1 Yoh. 5:19) Miini waraanaa Seexanni itti fayyadamu, ‘wantoota biyya lafaa keessa jiranis’ ni dabalata. (1 Yohannis 2:15, 16 dubbisi.) Seexanni waggoota kumaan lakkaa’amaniif, wantoota naannoo keenya jiran akka isaaf ta’utti mijeeffachaa tureera. Nutis biyya lafaa keessa waan jiraannuuf, malawwansaa warra haxxummaarratti hundaa’anirraa of eeggachuu qabna.—Yoh. 17:15.

6 Seexanni malawwan fedhii garaa keenyaa mancaasuuf qophaa’anitti fayyadama. Yohaannis ergamaan malawwan Seexanni namoota gowwoomsuuf itti fayyadamu sadii caqaseera, isaanis: (1) ‘hawwii foonii,’ (2) ‘hawwii ijaafi’ (3) ‘jireenyaan kooruudha.’ Seexanni lafa onaatti Yesusiin qoruuf wantoota kanatti fayyadameera. Seexanni kiyyoowwan kanatti fayyadamuurratti muuxannoo waggoota hedduu waan qabuuf, akkaataa dhiheenyaasaa akka fedhii namaatti jijijjiiruudhaan akka gaariitti itti fayyadama. Gama kanaan of eeggachuuf maal gochuu akka qabnu qoruu keenya dura, Seexanni mala kanatti fayyadamuudhaan Hewwaaniin akkamitti akka gowwoomseefi Ilma Waaqayyoorratti garuu utuu hin milkaa’in akka hafe haa ilaallu.

‘HAWWII FOONII’

Hewwaan akka kuftu kan godhe ‘hawwii foonii’ ture (Keeyyata 7 ilaali)

7. Seexanni Hewwaaniin qoruuf ‘hawwii ijaatti’ kan fayyadame akkamitti?

7 Namoonni lubbuudhaan jiraachuuf nyaachuun isaan barbaachisa. Uumaan keenya lafti nyaata hedduu akka argamsiistu godhee uume. Seexanni fedha Waaqayyoo raawwachuurraa duubatti akka jennu gochuuf fedhii uumamaa nyaataaf qabnutti fayyadamuu danda’a. Mala kana Hewwaanirratti akkamitti akka fayyadame haa ilaallu. (Uumama 3:1-6 dubbisi.) Seexanni, Hewwaan guyyaa ija ‘muka hamaaf gaarii ittiin beekan’ nyaattutti akka Waaqayyoo akka taatuufi akka hin duune isheetti himee ture. (Uma. 2:9) Seexanni kana gochuudhaan Hewwaan lubbuudhaan jiraachuuf dirqama Waaqayyoof abboomamuun akka ishee hin barbaachisne malaan itti hime. Kun garuu soba guddaa ture! Hewwaan yaada kana erga dhageessee booda filannaa lama qabdi turte: Yaada kana fudhachuu diduu ykn irratti xiinxaluushee itti fufuudhaan fedhiin ija mukaa sanaaf qabdu akka guddatu gochuu dandeessi turte. Hewwaan mukeetii bakka dhaabaa sana keessa jiran hunda argachuu kan dandeessu ta’us, muka isa dhaaba sana walakkaa jiru ilaalchisee wanta Seexanni isheetti himerratti xiinxaluushee itti fufuudhaan, “ija isaa irraa kutattee in nyaatte.” Seexanni kana gochuudhaan wanta Waaqayyo ishee dhowweef keessasheetti fedhiin akka uumamu godheera.

Yesus wanti tokkoyyuu xiyyeeffannaasaa akka jalaa fudhatu hin heyyamne (Keeyyata 8 ilaali)

8. Seexanni ‘hawwii fooniitti’ fayyadamee Yesusiin gowwoomsu kan yaale akkamitti? Qorumsi kun utuu hin milkaa’in kan hafe maaliifi?

8 Seexanni yeroo Yesusiin lafa onaa keessatti qores maluma akkasiitti fayyadameera. Yesus guyyaa 40fi halkan 40 erga soomee booda, Seexanni fedhii Yesus nyaachuuf qabutti fayyadamuuf yaalii godheera. Seexanni, Yesusiin “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagaa kanaan buddeena ta’i jedhiitii abboomi!” jedheen. (Luq. 4:1-3) Yeroo kanatti Yesus filannaa lama qaba ture: Fedhii nyaachuuf qabu guuttachuuf humna dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamuu dhiisuu ykn itti fayyadamuu filachuu danda’a ture. Yesus humna akkasii fedhii ofittummaa guuttachuuf itti fayyadamuu akka hin qabne beeka ture. Beela’ee kan ture ta’us, beela ba’uunsaa, hariiroo Yihowaa wajjin qabu eegee jiraachuu akka isatti hin caalle argisiiseera. Kanaan kan ka’es, “Caaffata qulqullaa’aa keessatti, ‘Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu’ kan jedhu caafameera” jechuudhaan deebii kenneera.—Luq. 4:4.

‘HAWWII IJAA’

9. Jechi ‘hawwii ijaa’ jedhu maal argisiisa? Seexanni Hewwaan hawwii akkasii akka qabaattu kan godhe akkamitti?

9 Yohaannis ‘hawwiin ijaas’ nama gowwoomsuu akka danda’u caqaseera. Jechi kun namni tokko wanta tokko ilaaluu qofaan wanta sana hawwuu akka danda’u argisiisa. Seexanni, Hewwaaniin ‘iji keessan ni banama’ jechuudhaan hawwii akkasii akka qabaattu ishee kakaaseera. Hewwaan ija mukaa sana ilaaluushee yommuu itti fuftu, iji mukaa dhowwame sun caalaatti kan nama hawwatu ta’ee itti mul’ate. Hewwaan mukichi, “ija namaatti kan tolu” akka ta’e itti dhaga’ame.

10. Seexanni Yesusiin qoruuf ‘hawwii ijaatti’ kan fayyadame akkamitti? Yesusoo deebii akkamii kenne?

10 Seexanni hawwii kanaan Yesusiin kan qorehoo akkamitti? Seexanni “hamma liphsuu ijaatti mootummoota biyya lafaa guutummaatti isatti [Yesusitti] argisiise. Achumaan immoo, ‘Kana hundumaa irratti aboo siif nan kenna, ulfina isaaniis siif nan dabala’” jedheen. (Luq. 4:5, 6) Yesus mootummoota kana hunda ijasaatiin battala kanatti arguu waan hin dandeenyeef, Seexanni ulfina mootummoota kanaa mul’ataan isatti argisiisuunsaa qalbii Yesus akka hawwatu itti dhaga’amee ta’uu danda’a. Seexanni qaanii tokko malee, “Jilbeenfattee yoo anaaf sagadde hundinuu kan kee in ta’a” jedheen. (Luq. 4:7) Haata’u malee, Yesus matumaa nama wanta Seexanni jedhe godhu hin turre. “‘Waaqayyo gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi, isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jedhee battaluma sanatti deebii kenneera.—Luq. 4:8.

“JIREENYAAN KOORUU”

11. Hewwaan Seexanaan kan gowwoomfamte akkamitti?

11 Yohaannis, “jireenyaan kooruun” wantoota biyya lafaa keessaa tokko akka ta’e caqaseera. Addaamiifi Hewwaan yeroo sanatti lafarra kan turan qofaasaanii waan ta’eef, ‘jireenyaan akka kooran’ namoota kaan duratti argisiisuu hin danda’an turan. Haata’u malee, koora akka qaban argisiisaniiru. Seexanni Hewwaaniin kan qore, Waaqayyo wanta baay’ee gaarii ta’e tokko akka ishee dhowwate malaan itti himuudhaan ture. Seexanni Hewwaan ‘ija mukicha hamaafi gaarii ittiin beekan’ yommuu nyaattu, ‘hamaafi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyo akka taatu’ isheetti hime. (Uma. 2:17; 3:5) Seexanni yeroo kanatti, Hewwaan Yihowaadhaaf abboomamuun akka ishee hin barbaachisne itti hime. Hewwaan soba kana akka fudhattu kan ishee godhe koora akka ta’e haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Akka hin duune amanuudhaan ija mukaa dhowwame sana nyaatte. Hewwaan baay’ee dogoggortee akka turte beekamaadha.

12. Karaan Seexanni Yesusiin qoruuf itti yaale kan biraan maal ture? Yesus deebii kan kenne akkamitti?

12 Hewwaanirraa haala addaa ta’een, Yesus amala gad of deebisuu argisiisuudhaan fakkeenya guddaa ta’eera. Seexanni karaa garabiraa isa qoruuf kan yaale ta’us, Yesus gocha of argisiisuu Waaqayyoon akka qoru isa godhu raawwachuullee hin yaanne. Kana utuu godhee koora akka qabu kan argisiisu ture. Kanaa mannaa Yesus, “‘Waaqayyoon gooftaa kee gar-malee hin eeggatin’ jedhameera” jechuudhaan deebii ifaafi sirrii ta’e isaaf kenneera.—Luqaas 4:9-12 dubbisi.

HARIIROO YIHOWAA WAJJIN QABNU EEGGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

13, 14. Seexanni yeroo har’aatti gowwoomsaa tokko tokkotti akkamitti akka fayyadamu ibsi.

13 Yeroo har’aattis, Seexanni mala Hewwaaniifi Yesusiin gowwoomsuuf itti fayyadamee wajjin wal fakkaatanitti fayyadama. Seexanni addunyaa to’annaasaa jala jirutti fayyadamee amalli addaggummaa, akkasumas garmalee nyaachuufi dhuguun akka babal’atu gochuudhaan ‘hawwii foonii’ kakaasuuf yaalii godha. Keessumaa poornoogiraafii karaa Intarneetii dhihaatutti fayyadamee, xiyyeefannaa nama of eeggataa hin taane tokkoo harkisuudhaan ‘hawwii ijaa’ akka qabaatu gochuu danda’a. Kana malees namoonni “jireenyaan kooruu” barbaadan, qabeenya kuufachuu, aboofi beekamummaa qabaachuuf qoramuudhaan kooraaf saaxilamuu danda’u.

Haalawwan kana keessatti seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kamfaatu gara sammuukeetti dhufa? (Keeyyata 13, 14 ilaali)

14 ‘Wantoonni biyya lafaa’ nyaata namni qurxummii qabu tokko gowwoomsuuf itti fayyadamuu wajjin wal fakkaata. Wantoonni kun kan nama hawwatan ta’anis, akka waan nyaata kiyyoorra kaa’ameeti. Seexanni namoonni wanta seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu raawwachuuf fedhii akka qabaatan gochuuf wantoota baramaa ta’anitti fayyadama. Haata’u malee, qorumsawwan dhokataa ta’an akkasii, fedhii keenya kakaasuufi garaa keenya mancaasuuf kan qophaa’anidha. Akkasumas, fedha Waaqayyoo caalaa fedhiifi gammachuu keenya dursuu qabna jennee akka amannu gochuuf kan qophaa’anidha. Wantoonni akkasii nu gowwoomsuu ni danda’uu?

15. Qorumsa Seexanaa mo’uurratti fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Hewwaan qorumsa Seexanaatiif kan mo’amte ta’us, Yesus garuu qorumsa kana akka gaariitti mo’eera. Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluurraa caqasuudhaan, “kan jedhu caafameera” ykn ‘akkas jedha’ jedhee deebii kenna ture. Macaafa Qulqulluu dhimminee qayyabachuun keenya, akka gaariitti macaafichaa wajjin wal baruufi yommuu qorumsi nu mudatu caqasoota ilaalcha sirrii akka qabaannu nu godhan yaadachuuf nu gargaara. (Far. 1:1, 2) Namoota Waaqayyoof amanamoo ta’aniifi seenaansaanii Macaafa Qulqulluu keessatti argamu yaadachuun keenya fakkeenyasaanii hordofuuf nu gargaara. (Rom. 15:4) Yihowaadhaaf sodaa sirrii qabaachuun, akkasumas wanta inni jaallatu jaallachuufi wanta inni jibbu jibbuun keenya nu eega.—Far. 97:10.

16, 17. ‘Dandeettiin yaaduu’ keenya nama akkamii ta’uu keenyarratti dhiibbaa akkamii gochuu danda’a?

16 Phaawulos ilaalcha biyya lafaa utuu hin ta’in, ilaalcha Waaqayyoo qabaachuuf, “dandeettii yaaduu,” [NW] keenyaatti akka fayyadamnu nu gorseera. (Rom. 12:1, 2) Wanta yaannu to’achuun keenyas barbaachisaa ta’uusaa yommuu ibsu, “Waanuma ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu hundumaa diignee, yaada namootaa Kristosiif abboomsisuudhaaf in boojina” jedheera. (2 Qor. 10:5) Wanti yaannu eenyummaa keenyarratti dhiibbaa guddaa waan geessisuuf, wantoota nama ijaaran ‘yaaduu’ keenya itti fufuu qabna.—Filp. 4:8.

17 Wanta dogoggora ta’e kan yaannuufi fedhii dogoggoraa kan qabnu yoo ta’e, qulqulluu taana jennee eeguu akka hin dandeenye beekamaadha. Kanaaf, ‘garaa qulqulluudhaan’ Yihowaa jaallachuu qabna. (1 Xim. 1:5) Ta’us, garaan keenya haxxee waan ta’eef, ‘wantoonni biyya lafaa’ hangam dhiibbaa nurratti gochaa akka jiran hubachuu dhiisuu dandeenya. (Er. 17:9) Kanaaf, ‘amantiitti qabamnee jirra yoo ta’e’ wanta Macaafa Qulqulluurraa barannerratti hundoofnee haqaan ‘of ilaaluufi of qoruu’ hin qabnuu?—2 Qor. 13:5.

18, 19. Namoota Yihowaa duratti fudhatama argatan ta’uuf murteessuu kan qabnu maaliifi?

18 ‘Wantoota biyya lafaa’ mo’uuf wanti nu gargaaru gara biraanimmoo, gorsa Yohaannis hafuuraan geggeeffamee, “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhee barreesse yaadachuu keenyadha. (1 Yoh. 2:17) Sirni Seexanaa kan itti fufuufi amansiisaa fakkaata. Ta’us gaaf tokko baduunsaa hin oolu. Wanti biyyi lafaa inni to’annaa Seexanaa jala jiru kennu kamiyyuu kan itti hin fufne ta’uusaa yaadachuun keenya, gowwoomsaa Seexanaatiif akka hin mo’amne nu gargaara.

19 Phexros, “Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu. Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal in gad dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuus ho’a ibiddaatiin in baqa” jechuudhaan namoota Waaqayyo duratti fudhatama argatan akka taanu nu gorseera. (2 Phe. 3:12) Guyyaan kun dhiheenyatti kan dhufu si’a ta’u, Yihowaan kutaa addunyaa Seexanaa hunda ni balleessa. Hammasitti garuu, Seexanni akkuma Hewwaaniifi Yesusiin qore ‘wantoota biyya lafaatti’ fayyadamee nu qoruusaa itti fufa. Akka Hewwaan ta’uudhaan fedhii keenya guuttachuurratti xiyyeeffachuu hin qabnu. Kana gochuun Seexanni waaqa keenya akka ta’u gochuu wajjin tokkodha. Qorumsawwan akkasii hammamiyyuu kan nama hawwatan yoo ta’anillee, akkuma Yesus gochuufi qorumsa akkasii mo’uu qabna. Kanaaf, hundi keenya namoota Yihowaa duratti fudhatama argatan ta’uuf murtoo haa goonu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi