LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Hagayya ful. 7
  • Yesuus Obboleessa Keetiifis Duʼeera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Obboleessa Keetiifis Duʼeera
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tokkummaa Gumiitiif Gumaacha Godhi
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Yaada Kiristos Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Warra Xixinnoo Kana” hin Gufachiisinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Hagayya ful. 7
Yesuus duuka buutota isaa yeroo barsiisu

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yesuus Obboleessa Keetiifis Duʼeera

Yesuus namoota cubbamoota taʼaniif jireenya isaa aarsaa godheera. (Rom 5:8) Yesuus lubbuu isaa nuuf jecha aarsaa gochuudhaan jaalala nutti argisiise dhuunfaatti akka dinqisiifannu homaa hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko Yesuus obboleessa keenyaafis akka duʼe of yaadachiisuu qabna. Obboloota keenya akkuma keenya muudaa qabaniif jaalala akka Kiristoos argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, namoota akkaataan guddinaa isaanii kan keenya irra adda taʼe dabalatee obboloota garagaraa wajjin michoomuu ni dandeenya. (Rom 15:7; 2Qor 6:12, 13) Lammaffaa, wanta warra kaan mufachiisuu dandaʼu dubbachuu ykn gochuu irraa of qusachuu dandeenya. (Rom 14:13-15) Sadaffaa, namni tokko yoo balleessaa nu irratti raawwate dafnee dhiifama gochuufii dandeenya. (Luq 17:3, 4; 23:34) Karaawwan kanaan fakkeenya Yesuus hordofuuf kan carraaqnu yoo taʼe, Yihowaan gumiin keenya nagaa fi tokkummaa akka qabaatu gochuudhaan nu eebbisuu isaa itti fufa.

VIIDIYOO CAALAATTI BAREEDDUU TAʼUU! JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Miikiin gumii haaraatti yeroo simatamtu

    Miikiin gumii ishii ilaalchisee jalqaba irratti maaltu ishiitti dhagaʼame?

  • Miikiin wanta obboloonni gumii keessa jiran kaan godhaniin mufate jirti

    Wanti ilaalchi ishii akka jijjiiramu godhe maali dha?

  • Yesuus ergamoonni isaa kan rafan taʼus gaarummaa isaanitti argisiiseera

    Ilaalcha ishii jijjiiruuf fakkeenyi Yesuus kan ishii gargaare akkamitti? (Mar 14:38)

  • Miikiin mucaan xinnoon tokko akka tasaa ishiitti buʼuudhaan wanta dhugaa turte yeroo uffata ishii irratti gadi naqu ni kolfite

    Fakkeenyi 19:11 obboloota keenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

IRRATTI XIINXALUUF:

Balleessaa salphaa na irratti raawwatame kamfaan callisee bira darbuu qaba?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi