FAARFANNAA 77
Ifa Addunyaa Dukkanaaʼaa Keessatti Ifu
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Guyyoota dukkanaa kanattʼ
Ifa argaa jirra.
Dukkanni nurraa ni darba,
Yeroonsaa gaʼeera.
(BUUSAA)
Ifa ergaan keenya,
Dukkana keessaa ifa;
Abdii namaa kenna.
Sirni kun ni darba;
Addunyaa haaraan dhufee
Fida eebba.
2. Dammaqsaa kan rafaa jiran,
Waan hin jirreef yeroon.
Isaan haa jajjabeessinu.
Hundaaf haa kadhannu.
(BUUSAA)
Ifa ergaan keenya,
Dukkana keessaa ifa;
Abdii namaa kenna.
Sirni kun ni darba;
Addunyaa haaraan dhufee
Fida eebba.
(Dabalataan, Yoh. 3:19; 8:12; Rom. 13:11, 12; 1 Phe. 2:9 ilaali.)