LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 40 ful. 100-ful. 101 key. 7
  • Barumsa Dhiifama Gochuu Ilaalchisee Kenname

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Dhiifama Gochuu Ilaalchisee Kenname
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Afeerraa Bitaaniyaatti Mana Simoonitti Qophaaʼe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 40 ful. 100-ful. 101 key. 7
Yesuus keessummootaa wajjin maaddiitti dhihaatee utuu jiruu, dubartiin tokko miilla isaa jala yommuu jilbeenfattu

BOQONNAA 40

Barumsa Dhiifama Gochuu Ilaalchisee Kenname

LUQAAS 7:36-50

  • DUBARTII CUBBAMTUUN TOKKO MIILLA YESUUSITTI URGOOFTUU DIBDE

  • DHIIFAMA GOCHUUN FAKKEENYA WAAʼEE NAMA LIQII LIQEESSEE DUBBATUUN IBSAME

Namoonni wanta Yesuus dubbatuu fi hojjetuuf deebii garaa garaa kennu. Mana Galiilaatti argamu tokko keessatti haalli kun ifa taʼe. Fariisiin Simoon jedhamu Yesuusiin nyaata afeere; tarii kan akkas godhe nama dinqiiwwan hojjetu kanatti dhihaatee isa ilaaluu barbaadee taʼuu dandaʼa. Yesuus afeerraa kana ni fudhate; kanaan dura afeerraa warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin akka nyaatu isaaf dhihaate akkuma fudhate, yeroo kanattis afeerraa kana kan fudhate namoota achitti argamaniif lallabuuf carraa akka isaaf banu waan isatti dhagaʼameef taʼuu hin oolu.

Taʼus, Yesuus kabaja addaa keessummootaaf kennamu hin arganne. Karaa Phaalasxiinaa awwaara taʼe irra, kophee akka barabaasoo banaa taʼeen yeroo deemamu miilli namaa ni dafqa akkasumas ni xuraaʼa; kanaaf miilla keessummootaa bishaan diilallaan dhiquun baramaa dha. Yesuusiif garuu akkas hin goone. Akka baramettis dhungatee isa hin simanne. Yeroo nama simatanitti gaarummaadhaan kakaʼanii urgooftuu rifeensa namaatti dibuunis baramaa dha. Kanas Yesuusiif hin goone. Maarree namni kun Yesuusiin simachuu isaatti gammadeera jechuun ni dandaʼamaa?

Keessummoonni maaddiitti dhihaatanii nyaachaa utuu jiranii, dubartiin “magaalicha keessatti cubbamtuu taʼuudhaan” beekamtuu fi hin afeeramne tokko suuta jettee ol seente. (Luqaas 7:37) Ilmaan namootaa mudaa qaban hundi cubbamoo dha; kanaaf dubartiin kun jireenya gadhiisii kan jiraattu ykn gaalamoota taʼuu hin ooltu. Afeerraa Yesuus ‘warri baʼaan isaanitti ulfaate hundi gara isaa dhufanii boqonnaa’ akka argatan dhiheessee fi barumsawwan isaa dhageesseetti taʼa. (Maatewos 11:28, 29) Yesuusiin barbaaduu kan dhufte, dubbii fi gocha isaatiin waan tuqamteef taʼuu hin oolu.

Dubartiin kun gara Yesuus dhuftee miilla isaa biratti jilbeenfattee booʼu jalqabde. Imimmaan ishiis miilla isaa irratti coccobe; rifeensa ishiitiinis ni haxoofte. Miilla isaa dhungachaas, urgooftuu fidde itti dibde. Simoon gochi ishii sirrii akka hin taane akka isatti dhagaʼame haala argisiisuun ishii ilaalaa, garaa isaatti akkana jedhe: “Namni kun dhuguma utuu raajii taʼee, silaa dubartiin isa tuqaa jirtu kun eenyuu fi nama akkamii akka taate, jechuunis cubbamtuu taʼuu ishii ni beeka ture.”—Luqaas 7:39.

Namichi liqeeffatee ture isa liqeesseef galateeffachaa jira; namni liqeeffate kan biraan immoo dhimma isaa fixee deemaa jira

Yesuus yaada Simoon waan beekeef, “Simoon, ani wantan sitti himu tokkon qaba” jedheen. Simoonis, “Barsiisaa, natti himi!” jedhe. Yesuusis akkana jedheen: “Namoonni lama nama liqii kennu tokko irraa liqeeffatan; inni tokko dinaaree 500 liqeeffate, inni tokko immoo dinaaree 50 liqeeffate. Haa taʼu malee, lamaan isaanii iyyuu wanta ittiin liqii isaanii kaffalan yommuu dhaban, namichi akkasumaan isaaniif dhiise. Kanaaf, isaan keessaa isa kamtu caalaatti namicha sana jaallata?” Simoon tarii deebisuudhaaf fedhii akka hin qabne haala argisiisuun hafuura baafachaa, “Isa namichi baayʼee dhiiseef sana natti fakkaata” jedhe.—Luqaas 7:40-43.

Yesuusis sirrii akka taʼe isatti hime. Achiis, dubartitti ilaalaa Simooniin akkana jedhe: “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee seeneera; ati garuu bishaan miillaa anaaf hin kennine. Dubartiin kun garuu imimmaan ishiitiin miilla koo jiistee, rifeensa ishiitiin haxoofte. Ati ana hin dhunganne; dubartiin kun garuu saʼaatii ani itti ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiisne. Ati mataa koo zayitii hin dibne, dubartiin kun garuu miilla koo zayitii urgaaʼu dibdeetti.” Yesuus dubartiin kun jireenya gadhiisii irraa akka yaada geddaratte argisiisaa akka jirtu hubachuu hin oolu. Kanaaf akkana jedhe: “Ani siin nan jedha, dubartiin kun jaalala guddaa waan argisiisteef, cubbuun ishii hedduu taʼus ishiidhaaf dhiifameera. Namni dhiifamni xinnoon godhamuuf garuu, jaalalli inni argisiisu xinnoo dha.”—Luqaas 7:44-47.

Yesuus jireenya gadhiisii jiraachuu akka laayyootti ilaalaa hin jiru. Kanaa mannaa, namoota cubbuu cimaa hojjetanii fi akka gaabban argisiisuudhaan boqonnaa argachuuf gara isaatti deebiʼaniif akka garaa laafuu fi akka isaan hubatu argisiisaa jira. Yesuus dubartii kanaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera. . . . Amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan deemi” yeroo jedhu boqonnaa akkamiitu ishiitti dhagaʼame laata?—Luqaas 7:48, 50.

  • Simoon, Yesuusiin haala akkamiitiin simate?

  • Dubartiin jiraattuu naannoo sanaa tokko Yesuusiin kan barbaadde maaliifi?

  • Yesuus fakkeenya akkamiitti fayyadame? Fakkeenya kanatti kan fayyadame hoo maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi