LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 65 ful. 154-ful. 155 key. 3
  • Gara Yerusaalem Utuu Deemuu Barsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gara Yerusaalem Utuu Deemuu Barsiise
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ayyaana Daasii Kabajuuf Gara Yerusaalem Deeme
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 65 ful. 154-ful. 155 key. 3
Yesuusii fi barattoonni isaa gara Yerusaalem yommuu deeman

BOQONNAA 65

Gara Yerusaalem Utuu Deemuu Barsiise

MAATEWOS 8:19-22 LUQAAS 9:51-62 YOHAANNIS 7:2-10

  • ILAALCHA OBBOLOONNI YESUUS ISAAF QABAN

  • TAJAAJILLI MOOTUMMICHAA HAMMAM BARBAACHISAA DHA?

Yesuus Yihudaa caalaa Galiilaatti buʼa qabeessa waan taʼeef, yeroo muraasaaf Galiilaa keessatti qofa tajaajilaa ture. Kana malees, Yerusaalemitti guyyaa Sanbataa yeroo inni namicha tokko fayyise, ‘Yihudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadanii’ turan.—Yohaannis 5:18; 7:1.

Yeroon isaa Dh.K.B. waqtii birraa bara 32 dha; Ayyaanni Daasii ykn Gordommaa dhihaateera. Kun guyyaa torbaaf kabajama; gaafa guyyaa saddeettaffaatti immoo walgaʼii qulqullaaʼaatu geggeeffama. Ayyaanni kun waqtiin qonnaa xumuramuu isaa argisiisuuf kabajama; yeroon kun yeroo gammachuu fi yeroo Waaqayyoof galanni itti dhihaatu dha.

Yesuus, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin

Obboloota Yesuus kan taʼan Yaaqoob, Simoon, Yoseefii fi Yihudaan Yesuusiin, “Asii kaʼiitii gara Yihudaa dhaqi” jedhan. Yerusaalem handhuura waaqeffannaa biyyichaa ti. Yeroo Ayyaanonni waggaa kabajaman kana sadanitti magaalattii keessatti namoonni ni baayʼatu. Obboloonni Yesuus, “Namni ifatti beekamuu barbaadu kam iyyuu, dhoksaatti homaa hin godhu. Wantoota kana gochaa jirta erga taʼee, addunyaatti of mulʼisi” isaan jedhan.—Yohaannis 7:3, 4.

Obboloonni isaa arfan, akka Masiihiitti “isatti hin amanne.” Taʼus, namoonni ayyaana kabajuuf walitti qabaman, yeroo inni dinqii hojjetu akka argan barbaadaniiru. Yesuus wanti kun balaa akka qabu waan hubateef akkana jedheen: “Addunyaan sababii itti isin jibbu hin qabu; ani garuu hojiin isaa hamaa akka taʼe isa irratti ragaa waanan baʼuuf na jibba. Isin gara ayyaanichaa dhaqaa; ani garuu yeroon koo amma iyyuu guutummaatti waan hin geenyeef, gara ayyaanichaa hin dhaqu.”—Yohaannis 7:5-8.

Obboloonni Yesuus namoota hedduu wajjin bakka ayyaanichi itti kabajamu erga deemanii guyyoota muraasa booda, Yesuusii fi barattoonni namoonni baayʼeen utuu isaan hin argin dhokatanii deeman. Daandii Laga Yordaanositti dhihoo jiru irra adeemuu mannaa, Samaariyaa keessa qaxxaamuranii deeman. Samaariyaa keessatti isaa fi barattoota isaatiif bakki buufataa waan barbaachisuuf, iddoo akka isaaniif qopheessaniif Yesuus dursee namoota erge. Iddoo tokkotti, namoonni, Yesuusii fi barattoonni ayyaana Yihudootaa kabajuuf deemaa waan jiraniif isaan simachuu didan; simannaa isa baramaa taʼe illee isaaniif hin goone. Yeroo kanatti Yaaqoobii fi Yohaannis aaranii, “Yaa Gooftaa, ibiddi samii irraa buʼee akka isaan balleessu akka ajajnu ni barbaaddaa?” jedhanii isa gaafatan. (Luqaas 9:54) Yesuus yaada akkasii dhiheessuu isaaniitiif isaan ifate; achiis deemsa isaanii itti fufan.

Utuu karaa irra deemaa jiranii barsiisaan seeraa tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, bakka ati dhaqxu hundumaatti si duukaa nan buʼa” jedhe. Yesuusis, “Jeedaloonni boolla qabu; simbirroonni samiis mana qabu; Ilmi namaa garuu bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu” jedhee deebiseef. (Maatewos 8:19, 20) Yeroo akkas jedhu, barsiisaan seeraa kun duuka buutuu Yesuus yoo taʼe haalli rakkisaan akka isa mudatu ibsuu isaa ti. Barsiisaan seeraa kun immoo jireenya akkasii jiraachuu waan barbaadu hin fakkaatu. Egaa, tokkoon tokkoon keenya, ‘Yesuus duukaa buʼuuf fedhii hammamiin qaba?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha.

1. Jeedala boolla keessa jiru; 2. Simbirroo manʼee ishii keessa jirtu

Yesuus nama kan biraatiin, “Duuka buutuu koo taʼi” jedhe. Namichis, “Yaa Gooftaa jalqaba dhaqee abbaa koo akkan awwaalladhu anaaf heyyami” isaan jedhe. Yesuus haala namichi keessa jiru waan bareef, “Warri duʼan, duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii bakka hundatti Mootummaa Waaqayyoo lallabi” isaan jedhe. (Luqaas 9:59, 60) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, yeroo kanatti abbaan namicha kanaa hin duune. Utuu duʼeera taʼee as dhaabatee Yesuusii wajjin hin haasaʼu ture. Namichi kun Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuuf hin qophoofne.

Daandii gara Yerusaalemitti gad buusu irra utuu deemaa jiranii, namichi tokko isaanitti dhufee Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, ani si duukaa nan buʼa; jalqaba garuu maatii kootti nagaa akkan dhaammadhu anaaf heyyami” jedhe. Yesuusis, “Namni hordaa harkaan qabatee wantoota duuba isaa jiran ilaalu, Mootummaa Waaqayyootiif kan malu miti” jedhee deebiseef.—Luqaas 9:61, 62.

Namoonni dhugumaan barattoota Yesuus taʼuu barbaadan tajaajila Mootummichaa irratti xiyyeeffachuu qabu. Namni hordaa qabatee sangaadhaan qotu, fuuldura isaa hin ilaalu taanaan, lafti inni qotaa jiru ni jajalʼata. Wanta duuba isaa jiru ilaaluuf jedhee hordaa yoo gad dhiise, hojichi hojjetamuu hin dandaʼu. Namni addunyaa moofaʼe kana ilaaluuf gara duubaatti garagalus, karaa gara jireenya bara baraatti geessu irraa jalʼachuu dandaʼa.

  • Obboloonni Yesuus arfan Yesuus maal akka hojjetu barbaadan?

  • Namoonni Samaariyaa Yesuusiin simachuu kan didan maaliifi? Yeroo kanatti Yaaqoobii fi Yohaannis maal gochuu barbaadan?

  • Mareewwan sadan Yesuus daandii irratti namootaa wajjin taasise kam faʼi? Yeroo sanatti tajaajila Waaqayyoof dhihaatu ilaalchisee maal ibse?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi