BOQONNAA 93
Ilmi Namaa Ni Mulʼata
MOOTUMMICHI ISAAN GIDDUU JIRA
YESUUS YEROO MULʼATU HAALLI ISAA MAAL FAKKAATA?
Yesuus amma iyyuu Samaariyaa ykn Galiilaa keessa jira. Fariisonni waaʼee dhufaatii Mootummichaa isa gaafatan; namoonni kun Mootummichi sirna kabajaa addaatiin dhufa jedhanii yaadu. Yesuus garuu akkana jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo karaa nama hundumaatti mulʼatuun hin dhufu; namoonnis, ‘Kunoo as jira!’ yookiin ‘Achi jira!’ hin jedhan. Kunoo, Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jira.”—Luqaas 17:20, 21.
Namoonni tokko tokko, Yesuus Mootummichi garaa tajaajiltoota Waaqayyoo keessatti bulcha waan jedhe isaanitti fakkaata. Haa taʼu malee, Mootummichi garaa Fariisota Yesuus isaanitti dubbachaa jiruu keessa waan hin jirreef, akkas taʼuu hin dandaʼu. Mootummichi gidduu isaanii jira kan jedhame, Yesuus inni Mootummaa Waaqayyoo irratti Mootii akka taʼuuf filatame isaan gidduu waan jiruufi dha.—Maatewos 21:5.
Yesuus waaʼee dhufaatii Mootummichaa ibsa dabalataa barattootaaf kenne; kan akkas godhe erga Fariisonni sun deemanii booda taʼuu hin oolu. Mootummicha irratti bulchaa taʼee yeroo itti dhufu ilaalchisee, “Yeroon isin guyyoota Ilma namaa keessaa isa tokko arguu itti hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan” jedhee isaan akeekkachiise. (Luqaas 17:22) Yeroo akkas jedhu, Ilmi namaa Mootummicha irratti kan bulchu gara fuulduraatti akka taʼe hubachiisaa jira. Yeroon kun gaʼuu isaa dura barattoonni tokko tokko hawwiidhaan kakaʼanii yerichi waan gaʼe isaanitti fakkaachuu dandaʼa; taʼus dhufaatii Ilma namaa ilaalchisee yeroon Waaqayyo murteesse hamma gaʼutti eeguu isaanii itti fufuu qabu.
Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Namoonnis, ‘Kunoo achi jira!’ yookiin ‘Kunoo as jira!’ isiniin jedhu. Isin garuu hin dhaqinaa yookiin isaan duukaa hin buʼinaa. Akkuma bakakkaan kutaa samii isa tokkoo hamma kutaa samii isa kan biraatti ibsu, guyyaa Ilmi namaa itti mulʼatus akkasuma ni taʼa.” (Luqaas 17:23, 24) Barattoota kana masiihota sobduu faana buʼuu irraa maaltu isaan eega laata? Yesuus dhufaatiin Masiihicha isa dhugaa akkuma bakakkaa iddoo balʼaa irratti mulʼatuu akka taʼe dubbate. Ragaan bulchaa Mootummichaa taʼee argamuu isaa mirkaneessu, namoota xiyyeeffannaadhaan ilaalan hundatti ifatti mulʼata.
Achiis Yesuus amala namoonni yeroo sanatti argisiisan ibsuuf wanta bara duriitti taʼe tokkoo wajjin wal bira qabee ibse. Akkana jedhe: “Akkuma bara Nohitti taʼee ture, bara Ilma namaattis akkasuma ni taʼa. . . . Haaluma wal fakkaatuun akkuma bara Looxitti tures ni taʼa: Namoonni bara sanaa nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, dhaabaa fi ijaaraa turan. Guyyaa Loox Sodoomii baʼetti garuu, ibiddii fi dhagaan bobaʼu samii irraa roobee hunda isaanii balleesse. Guyyaa Ilmi namaa itti mulʼatu sanattis akkasuma ni taʼa.”—Luqaas 17:26-30.
Yesuus, namoonni bara Nohii fi bara Looxitti turan kan badan wantoota baramaa taʼan kan akka nyaachuu, dhuguu, bituu, gurguruu, dhaabuu fi ijaaruu irratti waan hirmaataniif akka taʼe dubbachuu isaa miti. Nohii fi Loox, akkasumas maatiin isaanii yoo xinnaate wantoota kana keessaa muraasa isaanii raawwataniiru. Namoonni kaan garuu akkas gochaa kan turan fedhii Waaqayyoo fi yeroo keessa jiraachaa jiraniif xiyyeeffannaa utuu hin kennini dha. Kanaaf, Yesuus barattoonni isaa fedhii Waaqayyootiif xiyyeeffannaa akka kennan, akkasumas fedhii isaa raawwachuu irratti ciminaan akka hirmaatan isaan gorsaa jira. Badiisa Waaqayyo gara fuulduraatti fidu irraa karaa itti ooluu dandaʼan, jechuunis karaa jiraachuu isaanii itti fufuu dandaʼan isaan hubachiisaa jira.
Barattoonni isaa wantoonni addunyaa kana keessa jiran, jechuunis ‘wantoonni duuba’ jiran xiyyeeffanna isaanii akka hin hihhirre of eeggachuu qabu. Yesuus akkana jedhe: “Guyyaa sanatti namni bantii manaa irra jiruu fi mana keessaa miʼa qabu, miʼa isaa fudhachuuf achi irraa hin buʼin; haaluma wal fakkaatuun, namni maasii keessa jiru wantoota duuba isaatti dhiise fudhachuuf hin deebiʼin. Haadha manaa Loox yaadadhaa.” (Luqaas 17:31, 32) Ishiin utubaa soogiddaa taate.
Yesuus itti fufee, “Halkan sana namoonni lama siree tokko irra ciisu; inni tokko ni fudhatama, inni tokko garuu ni dhiifama” jechuudhaan haala yeroo Ilmi namaa Mootii taʼee bulchu jiraatu barattootatti hime. (Luqaas 17:34) Kanaaf, tokko tokko fayyina argatu, warri tokko tokko garuu ni dhiifamu, jechuunis lubbuu isaanii dhabu.
Barattoonni isaa “Yaa Gooftaa eessatti?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Bakka raqni jirutti risaan achitti walgaʼa” jedhee deebiseef. (Luqaas 17:37) Eeyyee tokko tokko akkuma risaawwanii fageessanii ilaalu. Barattoonni kun Ilma namaa isa Kiristoos isa dhugaa taʼee wajjin walgaʼu. Yeroo sanatti Yesuus barattoota isaa amantii qaban dhugaa lubbuu baraaru beeksisa.