LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu—Ogummaa Yeroon Itti hin Darbine
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2018 | Lakk. 1
    • dinqisiisu dha. Mata dureewwan itti aanan sadan akka argisiisanitti, namoonni kan biroon hedduunis rakkina jireenya keessatti isaan mudatu irratti gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun faayidaa guddaa akka qabu hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun akka siidaa seensa irratti ilaalle sanaa akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Kitaabota moofaa yeroon itti darbe hedduu irraa baayʼee adda dha. Akkana kan taʼe Kitaabni Qulqulluun wanta adda taʼe irraa kan tolfame waan taʼeefii? Dhuguma yaadni inni qabate kan namaa utuu hin taʼin kan Waaqayyoo tii?—1 Tasalonqee 2:13.

      Tarii atis jireenyi gabaabaa fi rakkinaan kan guutame akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Rakkinni sitti baayʼatee yommuu abdii si kutachiisu jajjabina, deggersaa fi gorsa amansiisaa argachuuf gara kamitti gorta?

      Mee karaawwan Kitaabni Qulqulluun jireenya kee keessatti si fayyaduu itti dandaʼu sadii haa ilaallu. Isaanis:

      1. yeroo dandaʼamutti rakkina hambisuu.

      2. rakkinni yommuu mudatu furuu.

      3. haalawwan jijjiiruu hin dandeenye dandaʼuu.

      Mata dureewwan itti aanan qabxiiwwan sadan kana ni ibsu.

  • Kan Yeroon Itti Darbe moo Bara Isaa kan Durse?
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2018 | Lakk. 1
    • YAALII FAYYAA

      KITAABNI QULQULLUUN KITAABA YAALII FAYYAA TAʼUU BAATUS, FAYYAA ILAALCHISEE BEEKUMSA GUDDAA QABATEERA.

      Namoota dhukkubsatan kophaatti baasuu.

      Seerri Musee namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kophaatti baasuu ilaalchisee qajeelfama kenneera. Haa taʼu malee, doktaroonni yaalii fayyaa hamma dhukkuboonni daddarboon jaarraa 14⁠ffaattii fi 15⁠ffaatti namoota hedduu fixanitti qajeelfama hamma harʼaatti hojjetu kana hojii irra hin oolchine.—Lewwoota boqonnaa 13 fi 14.

      Reeffa erga tuqanii booda dhiqachuu.

      Hamma dhuma jaarraa 19⁠ffaatti, yeroo baayʼee ogeeyyiin fayyaa reeffa erga tuqanii booda harka isaanii utuu hin dhiqatin dhukkubsataa lubbuudhaan jiru ni tuqu turan. Akkana gochuun isaanii namoonni hedduun akka duʼan godheera. Haa taʼu malee, Seerri Musee namni reeffa tuqe kam iyyuu akka sirna amantiitti xuraaʼaa akka taʼu dubbata. Haala akkanaa keessatti akka sirna amantiitti qulqulleessuuf bishaan akka fayyadaman ni ajaja. Sirni amantii kun karaa fayyaas faayidaa argamsiisee akka ture ifa dha.—Lakkoobsa 19:11, 19.

      Balfa of biraa fageessuu.

      Waggaa waggaadhaan daaʼimman miliyoona walakkaatii ol taʼan dhukkuba garaa kaasaatiin ni duʼu; sababiin inni guddaanis daaʼimman kun bobbaa namaa isa karaa sirrii taʼeen of biraa hin fageeffamneef saaxilamuu isaanii ti. Seerri Musee bobbaan namaa bakka namoonni jiraatan irraa fageeffamee awwaalamuu akka qabu dubbata.—Keessa Deebii 23:13.

      Yeroo dhagna qabaa.

      Seerri Waaqayyoo daaʼimni dhiira taʼe tokko guyyaa saddeettaffaatti dhagna qabamuu akka qabu ni dubbata. (Lewwoota 12:3) Qaama daaʼima reefuu dhalate keessatti dandeettiin dhiigni itituuf qabu sadarkaa sirrii irra kan gaʼu torban tokko booda akka taʼe hubatameera. Bara duriitti gama kanaan yaaliin fayyaa argamuu isaa dura, utuu dhagna hin qabamin torban tokkoo ol turuun faayidaa argamsiiseera.

      Walitti dhufeenya miira gaarii fi fayyaa qaamaa gidduu jiru.

      Qorattoonni yaalii fayyaa fi saayintiistonni miirawwan gaariin kan akka gammachuu, abdii, galateeffachuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu jiran fayyaa qaamaatiif hamma tokko faayidaa akka qaban ni dubbatu. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa” jedha.—Fakkeenya 17:22.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi