LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rr ful. 47
  • ‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’
  • Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • ‘Waaʼee Mana Qulqullummaa Ibsi’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • “Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
  • Yihowaan Tajaajila Keenya Akka Raawwannu Nu Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
rr ful. 47
Siidaa durii qotiyyoo mataa namaa fi qoochoo qabu argisiisu.

SAANDUQA 4A

‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’

Hisqiʼel siidaawwan guguddaa bifa qotiyyoowwan qoochoo qabanii fi leencota mataa namaa qaban masaraa mootummaa fi mana qulqullummaa dura akka eegduutti dhaabbatan argee akka beeku hin shakkisiisu. Siidaawwan akkasii Asoorii fi Baabilon durii keessatti baayʼinaan ni argamu turan. Akkuma namoota daawwatan kaanii Hisqiʼelis uumamawwan guguddoo gara meetira 6 ol dheeratan kana dinqisiifannaadhaan ilaalee taʼuu qaba. Uumamawwan kun humna guddaa kan qaban fakkaatanis lubbuu kan hin qabnee fi dhagaa irraa kan bocamani dha.

QOTIYYOO MATAA NAMAA FI QOOCHOO QABU

Dheerinni namaa (naannoo meetira 1.8) dheerina qotiyyoo mataa namaa fi qoochoo qabu (naannoo meetira 4.42) wajjin yommuu wal bira qabamu.

Siidaan qotiyyoo mataa namaa fi qoochoo qabu kun kutaa karra magaalaa Koorsaabaad ishii Asoor durii keessatti argamtuu ti. Siidaan kun wanti hamaan gara magaalattiitti akka hin seenne dhowwuuf kan hojjetame dha.

Faallaa kanaatiin uumamawwan arfan Hisqiʼel mulʼataan arge “uumamawwan jiraatoo” dha. Kun garaa garummaa guddaa dha! Hisqiʼel seensa raajii isaa irratti jechoota, “uumamawwan jiraatoo” jedhan siʼa 11 caqasuun isaa wanti arge akka isa dinqisiise argisiisa. (His. 1:5-22) Mulʼata kana keessatti uumamawwan jiraatoo arfan teessoo Waaqayyoo jala yeroo wal fakkaatutti kallattii wal fakkaatu irra deemuun isaanii, Yihowaan uumamawwan isaa hunda guutummaatti kan toʼatu taʼuu isaa Hisqiʼel akka hubatu isa taasisee taʼuu qaba. Yeroo ammaattis mulʼanni kun guddinaa fi jabina Yihowaa, akkasumas ol aantummaa isaa isa ulfina qabeessa taʼe akka dinqisiifannu nu taasisa.—1 Sen. 29:11.

Uumamawwan jiraatoo arfan fuula afur afur qaban keessaa tokko qoochoon isaa diriiree jira.

Gara boqonnaa 4, keeyyata 4tti deebiʼi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi