Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Caamsaa 2021
CAAMSAA 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 27-29
“Wal Caalchisu Irraa Fagaachuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa”
Amalawwan Yihowaatiif Dinqisiifannaa Guddaa Qabaadhaa
14 Obboleettonni shanan kun Musee bira dhaquudhaan, “Obboloota abbaa keenyaa gidduudhaa dhaala nuuf kennaa malee, egaa maaliif sababiidhuma ilma hin godhatiniif, maqaan abbaa keenyaa qomoo isaa keessaa balleeffama?” jedhanii kadhatan. Yeroo kanatti Museen, ‘Kana akkan godhu seerri naa hin heyyamu’ jedhee deebisee? Lakki, kanaa mannaa, “dubbii isaanii Waaqayyo duratti in dhiʼeesse.” (Lak. 27:2-5) Deebiin Yihowaa maal ture? “Dubbiin intaloota Zelofehaad kun qajeelaa dha; ati obboloota abbaa isaanii gidduudhaa gaʼaa dhaalaa kenniif, dhaalli abbaa isaaniis isaaniif akka darbu godhi!” jechuudhaan Museetti dubbate. Yihowaan wanta dabalataas raawwateera. “Namni tokko ilma utuu hin godhatin yoo duʼe, dhaalli isaa intala isaaf akka darbu godhaa!” jedhee Musee ajajuudhaan wanti kun seera taʼee akka itti fufu godheera. (Lak. 27:6-8; Iya. 17:1-6) Sana booda, dubartoonni Israaʼel haalli akkasii isaan mudate hundi eegumsa argataniiru.
Amalawwan Yihowaatiif Dinqisiifannaa Guddaa Qabaadhaa
15 Murtoon kun gaarummaarratti kan hundaaʼeefi loogiirraa walaba ture. Yihowaan shamarran rakkina cimaa keessa turan kana akkuma Israaʼeloota haala gaarii keessa jiranii kabajaan qabeera. (Far. 68:5) Kun, seenaawwan Yihowaan tajaajiltootasaa akka wal hin caalchifne ibsaniifi Macaafa Qulqulluu keessa jiran hedduu keessaa tokko qofadha.—1 Sam. 16:1-13; HoE. 10:30-35, 44-48.
Amalawwan Yihowaatiif Dinqisiifannaa Guddaa Qabaadhaa
16 Nama kan wal hin caalchifne taʼuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nama wal caalchisuu dhiisuun kallattii lamaan kan argisiifamu taʼuusaa yaadadhaa. Namoota karaa loogiirraa walaba taʼeen qabuu kan dandeenyu, nama kan wal hin caalchifne yoo taane qofadha. Hundi keenya ilaalcha balʼaa qabaachuufi namoota kan wal hin caalchifne taanee argamuu akka barbaannu beekamaadha. Haataʼu malee, miira keenya sirriitti madaaluun yeroo hundaa salphaa akka hin taanes ni hubanna taʼa. Kanaaf, nama kan wal hin caalchifne taʼuufi dhiisuu keenya beekuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yesus namoonni waaʼeesaa maal akka jedhan beekuu yommuu barbaadetti, michootasaa amanamoo taʼan, “Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?” jechuudhaan gaafatee ture. (Mat. 16:13, 14) Nuyis haaluma kanaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. Nama kan wal caalchifnu taʼuufi dhiisuu keenya beekuuf michoota keenya amanamoo taʼan gaafachuu dandeenya. Gama qomoo, hawaasummaa ykn dinagdeetiin hamma tokko akka nama wal caalchifnu yoo isaanitti dhagaʼame maal gochuu qabna? Yihowaan ilaalcha keenya sirreessinee, guutummaatti ilaalchasaa qabaachuuf akka nu gargaaru, cimsinee isa kadhachuun keenya barbaachisaadha.—Mat. 7:7; Qol. 3:10, 11.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 528 key. 5
Aarsaawwan
Aarsaawwan dhugaatii. Aarsaawwan dhugaatii keessumaa Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda aarsaawwan kan biroo wajjin dhihaatu turan. (Lak 15:2, 5, 8-10) Dhugaatiin kun wayinii (“dhugaatii alkoolii”) kan of keessatti qabatee fi iddoo aarsaa irratti kan dhangalaʼu dha. (Lak 28:7, 14; Bau 30:9; Lak 15:10 wajjin wal bira qabii ilaali.) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Filiphisiyusiif akkana jedhee barreesseera: “Aarsaa fi tajaajila qulqulluu amantiidhaan kakaatanii dhiheessitan irratti akka aarsaa dhugaatiitti yoon dhangalaafame illee ani nan gammada.” As irratti Kiristiyaanota hidhata isaa taʼaniif dabarsee of kennuuf fedhii akka qabu ibsuuf, fakkeenya aarsaa dhugaatiitti fayyadameera. (Flp 2:17) Duʼuu isaa yeroo muraasa dura, “Ani amma iyyuu akka aarsaa dhugaatiitti dhangalaafamaan jira; yeroon itti gadhiifamus baayʼee dhihoodha” jedhee Ximotewosiif barreesseera.—2Xi 4:6.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w07-AM 4/1 17-18
Aarsaawwan Waaqayyoon Gammachiisan Dhiheessuu
Yommuu sabni Israaʼel hundeeffameetti, Yihowaan akkamitti isa waaqeffachuu akka qaban ilaalchisee qajeelfama balʼaa Israaʼelotaaf kennee ture; qajeelfama kana keessaa tokko qajeelfama waaʼee kennaawwanii fi aarsaawwanii dubbatu dha. (Lakkoofsa, boqonnaa 28 fi 29) Kennaawwan dhiheessan tokko tokko firiiwwan lafti argamsiistu turan; kaan immoo bineeldota kan akka qotiyyoowwan, hoolota, reʼoota, gugeewwanii fi gugeewwan bosonaa turan. (Leewwota 1:3, 5, 10, 14; 23:10-18; Lakkoofsa 15:1-7; 28:7) Aarsaawwan guutummaa guutuutti ibiddaan gubamanis ni dhiheessu. (Baʼuu 29:38-42) Kana malees aarsaa gamtaa ni dhiheessu turan; namoonni aarsaa kana dhiheessan aarsaa Waaqayyoof dhihaatu irraa nyaachuudhaan aarsicha irraa ni hirmaatu.—Leewwota 19:5-8.
Kennaawwanii fi aarsaawwan Seera Musee jalatti Waaqayyoof akka dhihaatan ibsamanitti fayyadamuudhaan Israaʼelonni Yihowaadhaaf waaqeffannaa dhiheessu turan; akkasumas Yihowaan uumama cufa irratti Ol Aantummaa qabachuu isaa amananii akka fudhatan argisiisu. Aarsaawwan kanatti fayyadamuudhaan, Yihowaan waan isaan eebbiseef, eegee fi cubbuu isaaniitiif dhiifama godheef isa galateeffatu turan. Israaʼelonni waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessan irratti wanta inni isaan irraa barbaadu hamma guutanitti eebba guddaa argatu turan.—Fakkeenya 3:9, 10.
Yihowaan amala namoonni aarsaa dhiheessan sun argisiisaniif iddoo guddaa kenna. Yihowaan Hoseʼaa raajichaatti fayyadamee, “Ani aarsaatti utuu hin taʼin, jaalala amanamaattan gammada, Aarsaa guutummaatti gubamu mannaa beekumsa Waaqayyoottan gammada.” jedheera. (Hoseʼaa 6:6) Kanaafuu, Israaʼelonni waaqeffannaa dhugaa irraa garagalanii yommuu gochawwan gadhee raawwatanii fi dhiiga namoota balleessaa hin qabne dhangalaasanitti aarsaan iddoo aarsaa irratti Yihowaadhaaf dhiheessan gatii hin qabu ture. Yihowaan Isaayyaas raajichatti fayyadamee saba Israaʼelitti akkana jedhee kan dubbate kanaafi: “Baayʼinni aarsaawwan keessanii maal na fayyada? Ani aarsaawwan korbeeyyii hoolaa, cooma horiiwwan keessan warra gabbatoos quufeera, Dhiigni jibootaa, dhiigni hoolota xobbaallaa fi dhiigni reʼootaa na hin gammachiisu.”—Isaayyaas 1:11.
CAAMSAA 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 30-31
‘Wareega Kee Raawwadhu’
it-2-E 1162
Wareega
Fedhiidhaan wareegama, garuu immoo dirqama raawwatamuu qaba. Wareegni wanta fedhiidhaan raawwatamu dha. Haa taʼu malee, namni tokko wareega erga wareegee booda, seerri Waaqayyoo wareega sana akka raawwatu isa dirqisiisa. Kanaafuu, yeroo wareega wareegutti ‘lubbuu isaa dirqama keessa galcha’; kun immoo lubbuun isaa wanta dubbate akka raawwatu wabii taʼuu isaa argisiisa. (Lak 30:2, milj.; akkasumas Rom 1:31, 32 ilaali.) Dhimmi kun lubbuu wajjin kan wal qabatu waan taʼeef, Kitaabni Qulqulluun wareega wareeguu keenya dura dirqama akkamii keessa akka nu galchu of eeggannoodhaan akka irratti yaannu nu akeekkachiisuun isaa sirrii dha. Seerichi akkana jedha: “Waaqa kee Yihowaadhaaf wareega yoo wareegde . . . , Yihowaan dhugumaan wareega sana si irraa ni barbaada; kana gochuu baannaan garuu cubbuu sitti taʼa. Haa taʼu malee, wareega wareeguu irraa yoo of qusatte, cubbuudhaan itti hin gaafatamtu.”—Kes 23:21, 22.
it-2-E 1162
Wareega
Wanta tokko raawwachuuf, aarsaa dhiheessuuf ykn kennaa kennuuf, tajaajila ykn haala tokko keessa galuuf ykn seeraan kan hin dhorkamne taʼus wanta tokko tokko irraa of qusachuuf waadaa cimaa Waaqayyoof galamu dha. Wareegni wanta namni tokko fedhii isaatiin galu dha. Wareegni waadaa cimaa waan taʼeef, akkuma kakachuutti ilaalama; yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni kun lamaan wal faana caqasamu. (Lak 30:2; Mat 5:33) “Wareeguun” wanta tokko raawwachuuf murteessuu kan argisiisu dha, “kakaan” garuu wanti dubbatamu tokko dhugaa taʼuu isaa namoota aangoo guddaa qabaniif mirkaneessuuf ykn wanti tokko dirqama raawwatamuu akka qabu argisiisuuf kan raawwatamu dha. Kakaan yeroo baayʼee waadaa galan akka raawwatan mirkaneessuu wajjin ibsama.—Uma 26:28; 31:44, 53.
w04-AM 8/1 27 key. 4
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Lakkoofsaa
30:6-8—Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko wareega haadha manaa isaa hambisuu ni dandaʼaa? Yeroo harʼaatti Yihowaan wareega tajaajiltoonni isaa wareegan kan ilaalu dhuunfaatti dha. Fakkeenyaaf, Yihowaadhaaf of murteessuun wareega namni tokko dhuunfaatti godhu dha. (Galaatiyaa 6:5) Abbaan manaa tokko wareega akkasii dhowwuuf aangoo hin qabu. Haati manaa tokkos wareega Dubbii Waaqayyoo wajjin ykn wanta abbaa manaa ishiitiif gochuu qabdu wajjin wal faallessu wareeguu hin qabdu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 28 key. 1
Yiftaa
Namoonni tajaajila mana qulqullummaa keessatti raawwatamuuf of murteessuu dandaʼu turan. Warri ijoolleen isaanii tajaajila kana irratti akka hirmaatan gochuuf mirga qabu. Namoota akkasii keessaa tokko Saamuʼel dha, haati isaa Haannaan utuu inni hin dhalatin dura tajaajila godoo qulqulluutiif akka isa kennitu wareega wareegdee turte. Wareega ishiin wareegde irratti abbaan manaa ishii Elqaanaan walii galeera. Saamuʼel akkuma harma guʼeen, Haannaan gara mana qulqullummaatti isa fidde. Isaa wajjinis horii aarsaa taʼu fiddee dhufteetti. (1Sa 1:11, 22-28; 2:11) Saamsonis mucaa kan biraa Naazricha taʼuudhaan tajaajila Waaqayyootiif kenname ture.—Abo 13:2-5, 11-14; aangoo abbaan tokko intala isaa irratti qabu ilaalchisee yaada Lak 30:3-5, 16 irra jiru ilaali.
CAAMSAA 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 32-33
“Jiraattota Biyyattii Hundumaa Of Duraa Ariʼaa”
Kana Beektaa?
“Iddoowwan ol kaʼoo” Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti yeroo baayʼee caqasaman maalidha?
Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf yeroo jedhan, Yihowaan bakkawwan waaqeffannaa Kanaʼaanotaa achi jiraachaa turanii hunda akka balleessan isaanitti himee ture. Waaqayyo akkas jedhee isaan abboomee ture: “Dhagaa isaanii warra bifni itti baafaman hundumaa, waaqayyolii isaan wanta baqfamaa irraa tolfatan hundumaas balleessaa! Iddoo sagadaa isaanii warra ol kaʼoo hundumaa balleessaa!” (Lakkoobsa 33:52) Bakkawwan waaqeffannaan sobaa itti geggeeffamu sun, gubbee tulluurratti ykn waltajjiiwwan iddoowwan kan biraa, kan akka muka jalaa ykn mandara keessatti ijaaraman taʼuu dandaʼu. (1 Mootota 14:23; 2 Mootota 17:29; Hisqiʼel 6:3) Isaanis bakkawwan aarsaa, utubaawwan dhagaa akka qulqullaaʼootti ilaalaman, mukeetii qiqqirixamanii dhaabaman, bifa fakkeenyaa, miʼoota ixaana itti aarsaaniifi miʼoota waaqeffannaa kaaniin kan guutaman taʼuu dandaʼu.
Dogoggora Israaʼelootaarraa Barachuu
Yeroo harʼaattis, qorumsa Israaʼelootarra ga’ee wajjin walfakkaatu numudata. Hawaasni yeroo ammaa jirus wantoota akka waaqaatti ilaalu baayʼee qaba. Isaanis qarshii, namoota bashannanaafi ispoortiitti beekamoo taʼan, sirna siyaasaa, geggeessitoota amantiifi miseensota maatii kan dabalatanidha. Isaan kana keessa tokko jireenya keenya keessatti bakka guddaa kan qabate taʼuu dandaʼa. Namoota Yihowaa hin jaallanne wajjin michoomuun hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasuu danda’a.
Saalqunnamtiin seeraa ala taʼe waaqeffannaa Baʼaal keessaa isa guddaa yommuu taʼu, Israaʼeloota baayʼees karaarraa maqseera. Yeroo harʼaattis, saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko kiyyoo walfakkaatuun qabamaniiru. Fakkeenyaaf, namni waa beekuu hawwu ykn dammaqina hin qabne tokko qofaasaa taʼee karaa Intarneetii wanta gadhee yaada garaasaa xureessu ilaaluu dandaʼa. Kiristiyaanni tokko karaa Intarneetii kiyyoo fakkiiwwan safuu dhabuu argisiisan ilaaluudhaan yoo qabame baayʼee nama gaddisiisa!
it-1-E 404 key. 2
Kanaʼaan
Iyyaasuun ogummaa argisiisuudhaan qajeelfama Kanaʼaanonni akka balleeffaman kenname wajjin haala wal qabateen “wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa keessaa waan tokko illee utuu hin raawwatin hin dhiisne.” (Iya 11:15) Haa taʼu malee, sabni Israaʼel qajeelfama gaarii inni isaaniif kenne waan hin hordofneef wanta biyyattiin akka mancaatu godhu guutummaatti utuu hin balleessin dhiisaniiru. Kanaʼaanonni Israaʼelota gidduu jiraachuu isaanii itti fufuun isaanii, biyyattiin akka faalamtu godha; kun immoo duʼa namoota hedduutiif sababa taʼa (dabalataanis yakki, halalummaanii fi waaqolii tolfamoo waaqeffachuun akka babalʼatu godha); labsii Kanaʼaanota hundumaa akka balleessan kenname amanamummaadhaan raawwataniiru utuu taʼe namoonni hammanaa hin duʼan ture. (Lak 33:55, 56; Abo 2:1-3, 11-23; Fr 106:34-43) Yihowaan haqaa fi murtii isaa raawwachiisuu irratti nama akka wal hin caalchisne, akkasumas Israaʼelonni Kanaʼaanotaa wajjin saalqunnamtii kan raawwatan, gaaʼelaan kan isaanitti firooman, amantii isaanii kan walitti makan, duudhaawwan amantii isaanii fi gochawwan isaanii warra mancaʼoo taʼan kan hordofan yoo taʼe, isaanis labsii badiisaa akka ofitti fidanii fi ‘biyyattiin akka isaan tuftu’ isaan akeekkachiiseera.—Bau 23:32, 33; 34:12-17; Lew 18:26-30; Kes 7:2-5, 25, 26.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 359 key. 2
Daangaa
Carraa buusuudhaan kallattii gosti tokko itti ramadamu erga adda baafatanii booda, naannoon isaa hanga eessaatti balʼachuu akka qabu murteessuuf baayʼina namootaa gosichi qabu ilaaluun barbaachisaa dha. “Maatiiwwan keessaniif lafattii dhaala godhaatii carraadhaan hiraa. Gareewwan guguddaa taʼaniif dhaala hedduu, gareewwan xixinnoo taʼaniif immoo dhaala xinnoo kennaa. Namni hundi bakka carraan isaa irra buʼe ni dhaala.” (Lak 33:54) Iddoon dhaalan carraadhaan kan murteeffamu taʼus, balʼinni dhaala isaanii garuu akkuma haala isaatti sirreeffamuu dandaʼa ture. Akka kanaan, lafti gosa Yihudaatiif kenname baayʼee balʼaa akka taʼe yeroo beekametti, lafa isaa irraa hammi tokko hirʼifamee gosa Simiʼooniif kennameera.—Iya 19:9.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w09-AM 10/1 30
Kiristiyaanummaan Waraana ni Deggeraa?
Kiristiyaanummaan hundeeffamuu isaa jaarraawwan hedduu dura, Israaʼeloonni warri Waaqayyoof saba filatamoo taʼan yeroo tokko tokko raayyaa waraanaa akka gurmeessanii fi waraana irratti akka hirmaatan ajajamanii turan. Israaʼelonni Kanaʼaan ishii biyyattii Abrahaamiif waadaa galamte seenuu isaanii dura ajajni akkas jedhu isaaniif kennamee ture: “Waaqni kee Yihowaan sitti dabarsee [saboota torba] ni kenna; atis isaan ni injifatta. Ati mamii tokko malee haxaaʼii isaan balleessi. Isaanii wajjin kakuu akkamii iyyuu hin galin yookiin gara laafina tokko illee isaanitti hin argisiisin.” (Keessa Deebii 7:1, 2) Kanaafuu, Iyyaasuun inni Ajajaa Raayyaa Waraanaa ture “akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel ajajee turetti” saboota diinoota taʼan kana injifateera.—Iyyaasuu 10:40.
Waraanni kun waraana Israaʼelonni gara jabinaan kakaʼanii saboota kaan saamuudhaaf geggeessan turee? Matumaa. Saboonni sun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, dhiiga dhangalaasuu fi saalqunnamtii seeraan ala taʼeen kan guutaman turan. Ijoollee xixinnoo illee gubanii aarsaa dhiheessu turan. (Lakkoofsa 33:52; Ermiyaas 7:31) Waaqayyo qulqullummaan isaa, haqni isaa fi jaalalli saba isaatiif qabu wantoota qulqulluu hin taane hundumaa biyyattii keessaa balleessuuf isa kakaaseera. Haa taʼu malee, Yihowaan ajajaa raayyaa waraanaa yeroo harʼa jiru kam irraa iyyuu haala adda taʼeen namoota gocha isaanii isa gadhee irraa deebiʼanii fi isa tajaajiluu barbaadan badiisa irraa oolcheera.
CAAMSAA 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 34-36
“Yihowaatti Kooluu Galaa”
Yihowaatti Kooluu Galtaniittuu?
4 Haa taʼu malee, Israaʼeloonni nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaase maal godhu turan? Gochi isaa dogoggoraan kan raawwatame taʼu iyyuu, namni utuu hin beekin nama ajjeese dhiiga qulqulluu waan dhangalaaseef itti gaafatama. (Uma. 9:5) Taʼus, nama gumaa baasu jalaa ooluuf magaalota kooluu itti galan jaʼaan keessaa isa tokkotti baqachuun isaaf heyyamama ture. Bakka kanatti eegumsa argachuu dandaʼa. Namni utuu hin beekin nama ajjeese hamma lubni ol aanaan duʼutti magaalaa kooluu itti galan sana keessa jiraachuu qaba.—Lak. 35:15, 28.
Yihowaatti Kooluu Galtaniittuu?
6 Namni tokko utuu hin beekin erga nama ajjeese booda, jalqaba karra magaalaa kooluu itti galuuf itti baqate sana biratti ‘dhimma isaa jaarsolii mandara sanaatti himachuu’ qaba. Jaarsoliin sunis isa simachuu qabu. (Iya. 20:4) Isaaniis yeroo muraasa booda gara jaarsolii magaalaa inni ajjeechaa raawwate sana keessa jiraniitti deebisanii kan isa ergan siʼa taʼu, jaarsoliin sunis dhimmicha irratti murtii kennu. (Lakkoobsa 35:24, 25 dubbisi.) Namni kun gara magaalaa kooluu itti galan sanatti deebiʼuu kan dandaʼu, jaarsoliin sun ajjeechaa sana kan raawwate utuu hin beekin taʼuu isaa yoo mirkaneessan qofa dha.
Yihowaatti Kooluu Galtaniittuu?
13 Namni baqatu takkaa magaalaa kooluu itti galan tokko keessa erga seene booda miidhaan isa irra hin gaʼu. Magaalota sana ilaalchisee Yihowaan, ‘achitti kooluu galaa’ jedheera. (Iya. 20:2, 3) Yihowaan namni nama ajjeese sun ammas dhimmuma sanaaf lammata akka itti murteeffamu ykn namni gumaa baasu magaalattii seenee nama baqate sana akka ajjeesu akka isaaf heyyamamu hin ajajne. Kanaaf, namni baqate sun na ajjeesu jedhee matumaa sodaachuu hin qabu. Hamma magaalaa sana keessa jirutti, eegumsa Yihowaa jala waan jiruuf miidhaan isa irra hin gaʼu. Iddoon kooluu itti galan kun mana hidhaa miti. Magaalattii keessatti hojii hojjechuu, warra kaan gargaaruu fi nagaadhaan Yihowaa tajaajiluu ni dandaʼa. Eeyyee, jireenya gammachuu fi milkaaʼina qabu jiraachuu dandaʼa!
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w91-E 2/15 13 key. 13
Nama Hundumaaf Furii Wal Gitu
13 Haa taʼu malee Addaamis taʼe Hewaan furicha irraa hin fayyadaman. Seerri Musee dhugaa buʼuuraa, “Lubbuu nama duʼuu qabu kanaatiif furii hin fudhatiinaa” jedhu qabateera. (Lakkoofsa 35:31) Addaam hin gowwoofmane; kanaaf cubbuu kan raawwate taʼe jedhee ti. (1 Ximotewos 2:14) Gochi isaa kun sanyiiwwan isaa cubbuu dhaalaniin kan kaʼe duuti akka isaan irratti murteeffamu waan godheef, duʼaaf isaan saaxileera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Addaam inni nama mudaa hin qabne ture, taʼe jedhee seera Waaqayyootiif ajajamuu waan dideef duuti isatti murteeffamuun isaa sirrii ture. Furichi Addaamiif akka hojjetu gochuun dhugaawwan buʼuuraa Yihowaa warra qajeeloo taʼan wajjin kan wal faalleessu dha. Haa taʼu malee, cubbuu Addaamiif gatiin kaffalamuun isaa murtii duʼaa sanyiiwwan isaa irratti dabarfame hambisuuf karaa baneera! (Roomaa 5:16) Kana jechuun, humni cubbuun balleessuuf qabu hundee isaatii kutameera jechuu dha. Namni furii taʼee dhihaate ijoollee Addaam hundumaatiif jedhee miidhaa cubbuun geessisu dandaʼuudhaan ‘tokkoon tokkoon namaatiif duʼa dhandhameera.’—Ibroota 2:9; 2 Qorontos 5:21; 1 Pheexiros 2:24.
CAAMSAA 31–WAXABAJJII 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 1-2
“Murtiin kan Waaqayyoo Ti”
w96-AM 3/15 23 key. 1
Yihowaan Qajeelummaa fi Haqa ni Jaallata
Namoonni jaarsolii gumii taʼanii muudaman nama cubbuu cimaa raawwate irratti murtii akka kennan itti gaafatamummaan isaaniif kennameera. (1 Qorontos 5:12, 13) Yeroo kana godhanitti, Waaqni inni haqa qabeessa taʼe yeroo dandaʼamu hundumaatti dhiifama akka godhan akka isaan irraa eegu yaadachuu qabu. Wanti kana gochuuf buʼuura taʼu hin jiru taanaan, jechuunis namni cubbuu raawwate sun yaada hin geddaranne taanaan dhiifama isaaf gochuun hin dandaʼamu. Taʼus jaarsoliin waan itti aaraniif qofa nama balleessaa raawwate tokko gumiidhaa hin baasan. Tarkaanfiin gumiidhaa baasuun qofti illee gara qalbii isaatti deebiʼuuf akka isa gargaaru abdatu. (Hisqiʼel 18:23 wajjin wal bira qabii ilaali.) Jaarsoliin Kiristoos isa mataa isaanii taʼe jalatti haqa raawwachiisu; kunis “bakka bubbee jalaa itti dhokata” taʼuu dabalata. (Isaayyaas 32:1, 2) Kanaafuu, looguu fi yaada ofiitti cichuu irraa fagaachuu qabu.—Keessa Deebii 1:16, 17.
w02-AM 8/1 10 key. 4
Aangoo Waaqayyootiif Amanamummaadhaan Bitamaa
4 Haa taʼu malee, abbaa murtii taʼuun Seericha beekuu caalaa wanta dabalatu qaba. Jaarsoliin sabichaa cubbamoota waan taʼaniif amalawwan dogoggoraa kan akka ofittummaa, loogii fi sassataa jiran akka isaan hin toʼanne of eeggachuu qabu; amalawwan kun murtii kennan jalʼisuu dandaʼu. Museen, “Murtii kennuu irratti hin looginaa. Akkuma isa guddaa dhageessanitti isa xinnaas dhagaʼaa. Murtiin kan Waaqayyoo waan taʼeef, nama hin sodaatinaa” isaaniin jedhee ture. Eeyyee, abbootiin murtii Israaʼel bakka Waaqayyoo buʼanii murteessu turan. Kun mirga baayʼee sodaachisaa taʼe dha!—Keessa Deebii 1:16, 17.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha
9 Israaʼeloonni waggaa 40f “lafa onaa guddaadhaa fi sodaachisaa” taʼe keessa yommuu deeman, Yihowaan akkamitti akka isaan qajeelchu, isaan eeguufi isaan kunuunsu tokko tokkoon ibsa hin kennineef. Taʼus, isattis taʼe qajeelfamasaatti amanamuu akka dandaʼan irra deddeebiʼee isaanitti argisiiseera. Yihowaan guyyaa guyyaa utubaa duumessaa, galgala galgalammoo utubaa ibiddaatti fayyadamee naannoo rakkisaa taʼe keessa isaan geggeessuudhaan akka isaanii wajjin jiru isaan yaadachiiseera. (Kes. 1:19; Bau. 40:36-38) Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ni dhiheessaaf ture. “Uffanni isaanii isaan irratti hin dhumne, miilli isaaniis hin iitofne.” Dhugumayyuu, “homtuu isaanitti hin hir’anne.”—Nah. 9:19-21.
WAXABAJJII 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 3-4
“Seerawwan Yihowaa Ogummaa kan Qabanii fi Haqa Qabeeyyii Dha”
it-2-E 1140 key. 5
Hubannaa
Namni tokko Dubbii Waaqayyoo fi ajajawwan isaa akka gaariitti qoʼachuu fi hojii irra oolchuun isaa barsiisota isaa fi maanguddoota caalaa hubannaa qabaachuuf isa dandeessisa. (Fr 119:99, 100, 130; Luq 2:46, 47 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kunis kan taʼe ogummaanii fi hubannaan dambiiwwanii fi heerawwan Waaqayyoo irratti kan hundaaʼan waan taʼaniifi; Israaʼelonni amanamummaadhaan wantoota kana hordofuun isaanii saboonni naannoo isaanii jiran akka isaan “saba ogeessaa fi hubannaa qabu” taʼanitti akka isaan ilaalan godheera. (Kes 4:5-8; Fr 111:7, 8, 10; 1Mo 2:3 wajjin wal bira qabii ilaali.) Namni hubannaa qabu tokko ajaja Waaqayyoo cabsuu akka hin qabne ni hubata, gochi isaa ajaja isaa wajjin kan wal simu akka taʼu gochuu barbaada, akkas gochuufis gargaarsa isaa gaafata. (Fr 119:169) Namni akkasii Dubbiin Waaqayyoo garaa isaa akka tuqu godha (Mat 13:19-23), gabatee garaa isaa irratti barreeffata (Fak 3:3-6; 7:1-4), akkasumas “daandii sobaa kam iyyuu” ni jibba. (Fr 119:104). Ilmi Waaqayyoo yeroo lafa irra turetti hubannaa akkasii akka qabu argisiiseera; muka dhiphinaa irratti fannifamee ajjeefamuu jalaa karaa itti miliqu hin barbaanne; sababiin isaas raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamaniif karaa kanaan duʼuu qaba ture.—Mat 26:51-54.
w99-AM 11/1 20 key. 6-7
Arjummaa Guddaa
Mootittiin wanta dhageessee fi argiteetti ajaʼibsiifamuudhaan, “Tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!” jetteetti. (1 Mootota 10:4-8) Tajaajiltoonni Solomoon badhaadhinaan kan marfaman taʼus gammadoo akka taʼa kan dubbatte haala akkasii keessatti waan argamaniif hin turre. Kanaa mannaa, yeroo hundumaa ogummaa Solomoon Waaqayyoo biraa argate dhagaʼuu waan dandaʼaniif ture. Mootuun Sheebaa saba Yihowaa yeroo harʼaatti argamanii fi ogummaa Uumaa isaanii fi Ilma isaa Yesuus Kiristoositti gammadaniif fakkeenya gaarii taati!
Wanti mootittiin itti aansuudhaan Solomooniin jettes xiyyeeffannaa kan harkisuu dha; “Waaqni kee Yihowaan . . . haa jajamu” isaan jetteetti. (1 Mootota 10:9) Ogummaa fi badhaadhina Solomoon irra harki Yihowaa akka jiru argiteetti. Kunis waadaa Yihowaan sana dura Israaʼelotaaf galee wajjin wal sima. Waaqayyo akkana jedheera: “[Heerawwan koo yoo hordoftan] saboota waaʼee dambiiwwan kana hundumaa dhagaʼan duratti isin ogummaa fi hubannaa akka qabdan argisiisa; isaanis, ‘Sabni guddaan kun dhugumaan saba ogeessaa fi hubannaa qabu dha’ jedhu.”—Keessa Deebii 4:5-7.
‘Waaqayyo Biratti Badhaadhotadhaa’?
13 Yihowaan sabasaa yommuu eebbisu, isa hunda caalu kennaaf. (Yaaqoob 1:17) Fakkeenyaaf bakki jireenyaa Yihowaan Israaʼelootaaf kenne, “biyya aannanii fi damma baasu” ture. Biyyi Gibxiis haala kanaan kan ibsamte taʼuyyuu, biyyi Yihowaan Israaʼelootaaf kenne yoo xinnaate karaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokkoon adda turte. Museen Israaʼelootaan, “Biyyichi biyya Waaqayyo gooftaan kee ilaaluu dha” jedheera. Kana jechuunis, Yihowaan waan isaan ilaaluuf ykn kunuunsuuf badhaadhina argatu jechuudha. Israaʼeloonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii yoo jiraatan, isa biraa eebba guddaa argachuu, akkasumas jireenya saboota naannoosaanii jiranirra baayʼee caalu jiraachuu danda’u turan. Eeyyee, ‘badhaadhummaa kan argamsiisu’ eebba Waaqayyooti!—Lakkoobsa 16:13; Keessa Deebii 4:5-8; 11:8-15.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w04-AM 9/15 25 key. 3
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Keessa Deebii
4:15-20, 23, 24—Fakkii bocame akka hin tolfanne dhowwamuun isaanii miʼa faayaaf taʼu hojjechuun dogoggora akka taʼe argisiisaa? Lakki. Wanti as irratti dhowwame fakkii waaqeffannaadhaaf oolu hojjetanii waaqolii tolfamoo kanaaf ‘sagaduu fi isaan tajaajiluu dha.’ Kitaabonni Qulqulluun miʼa ykn fakkii faayaaf taʼu hojjechuu hin dhowwu.—1 Mootota 7:18, 25.
WAXABAJJII 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 5-6
“Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa”
w05-AM 6/15 20 key. 11
Warra kan Taatan, Wanta Maatii Keessaniif Barbaachisu Dhiheessaa
11 Dhimma kana ilaalchisee caqasni hamma Keessa Deebii 6:5-7 caqasame hin jiru jechuun ni dandaʼama. Kitaaba Qulqulluu keessan baasaatii caqasa kana dubbisaa. Warri jalqaba irratti karaa hafuuraa akka of sooran, Yihowaadhaaf jaalala cimaa akka qabaatanii fi dubbii isaa garaa isaanii keessa akka kaaʼatan jajjabeeffamuu isaanii hubadhaa. Eeyyee, daandiiwwan, dhugaa buʼuuraa fi seerawwan Yihowaa hubachuu fi jaallachuu yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isa taʼe akka gaariitti qoʼachuu fi irratti xiinxaluu qabdu. Kunis garaan keessan dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu akka gammaddan, akkasumas Yihowaadhaaf kabaja guddaa fi jaalala akka qabatan godhaniin akka guutamu godha. Akkas yoo gootan wantoota gaggaarii ijoollee keessanitti himtan hedduu qabaattu.—Luqaas 6:45.
w07-AM 5/15 15-16
Ijoolleen Koo Akka Gaariitti kan Barattan Akka Taʼan Gargaaruu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Hawwiin kee, qajeelfamoonni ittiin geggeeffamtu, wantoonni iddoo guddaa kennituuf, akkasumas fedhiiwwan kee wanta dubbatuun qofa utuu hin taʼin wanta raawwattuunis ni mulʼatu. (Roomaa 2:21, 22) Ijoolleen xinnummaa isaaniitii jalqabee, gocha warra isaanii xiyyeeffannaadhaan hordofuudhaan barumsa argatu. Ijoolleen warri isaanii wantoota akkamiitiif iddoo guddaa akka kennan ni hubatu; yeroo baayʼee isaaniis wantoota sanaaf iddoo guddaa kennu. Garaadhaa Yihowaa kan jaallattan yoo taʼe, ijoolleen keessan kana ni hubatu. Fakkeenyaaf, dubbisaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif iddoo guddaa akka kennitan ni ilaalu. Jireenya keessan keessatti hojiiwwan Mootummichaatiif dursa akka kennitanis ni hubatu. (Maatewos 6:33) Walgaʼiiwwan gumii irrattii fi waaʼee Mootummichaa lallabuu irratti yeroo hunda hirmaachuun keessan waan hundumaa caalaa tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessitaniif iddoo guddaa akka kennitan hubachuuf isaan gargaara.—Maatewos 28:19, 20; Ibroota 10:24, 25.
w05-AM 6/15 21 key. 14
Warra kan Taatan, Wanta Maatii Keessaniif Barbaachisu Dhiheessaa
14 Keessa Deebiin 6:7 akka agarsiisutti, isin warri haalawwan ijoollee keessan wajjin wantoota hafuuraa irratti mariʼachuu itti dandeessan hedduun jiru. Yommuu wajjin karaa deemtan, yommuu hojii manaa waliin hojjetan ykn yommuu wajjin bashannantan, carraa fedhii hafuuraa ijoollee keessanii guutu itti dandeessan argachuu dandeessu. Kana jechuun yeroo hunda waaʼee dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu “haasaa” isaaniif kennitu jechuu miti. Kanaa mannaa, mariin keessan kan nama jajjabeessuu fi wantoota hafuuraa irratti kan xiyyeeffate akka taʼu gochuuf carraaqaa. Fakkeenyaaf, barruun Dammaqaa! mata dureewwan waaʼee dhimmoota adda addaa dubbatan qabateera. Mata dureewwan kun waaʼee bineeldota Yihowaan uumee, iddoowwan babbareedoo addunyaa irratti bakka adda addaatti argamanii, akkasumas waaʼee aadaawwanii fi akkaataa jireenyaa garaa garaa irratti mariʼachuuf karaa isiniif banu. Mariiwwan akkasii barreeffamoota garbichi amanamaa fi ogeessi qopheessu kan biroos akka dubbisan ijoolleen keessan kakaasuu dandaʼu.—Maatewos 24:45-47.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Jaalalaa fi Haqa Israaʼel Durii Keessatti
11 Barumsa argannu: Yihowaan bifa nama tokkoo isa alaan mulʼatu irra darbee ni ilaala. Keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane jechuunis, wanta garaa keenya keessa jiru ni ilaala. (1 Sam. 16:7) Yaada, miiraa fi gocha kam iyyuu isa jalaa dhoksuun hin dandaʼamu. Wantoota gaarii nu keessa jiran ni ilaalaa akkasumas ni jajjabeessa. Haa taʼu malee, yaadni dogoggoraa, gocha dogoggora taʼe akka raawwannu nu gochuu isaa dura, adda baasnee akka beeknuu fi akka toʼannu ni barbaada.—2 Sen. 16:9; Mat. 5:27-30.
WAXABAJJII 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 7-8
“Gaaʼelaan Isaanitti hin Firoomin”
Yihowaan, Waaqeffattoonnisaa Hidhata Amantiisaanii Wajjin Qofa Gaaʼela Akka Godhatan kan Ajaje Maaliifi?
Tokkoffaa Yihowaan, Seexanni sabni Waaqayyoo, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuudhaan akka mancaʼan kan barbaadu taʼuusaa beeka. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo namoota isa hin beekne ilaalchisee, “Isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu” jedheera. Kanaafuu, namoonni kun balaa guddaa Israaʼelootarra geessisuu dandaʼu jechuudha. Sabni Israaʼel, waaqayyolii tolfamoof yoo hojjetan surraa Waaqayyoofi eegumsasaa waan dhabaniif salphaatti diinotasaaniirraa miidhaan irra gaʼuu dandaʼa. Maarree sabichi Masiihicha abdachiifame argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti? Seexanni, Israaʼeloonni namoota Waaqayyoon hin beeknee wajjin gaaʼela akka dhaabbatan gochuuf sababii akka qabu ifadha.
“Nama Amane” Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Godhachuu Yeroo Ammaattis Ni Hojjetaa?
Taʼu iyyuu Yihowaan Dubbii isaa keessatti nama amane qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu akka qabnu qajeelfama kenneera. Maaliif? Wanta saba isaatiif gaarii taʼe waan beekuufi dha. Yihowaan saba isaa rakkina karaa sirrii hin taane hordofuun geessisu irraa eeguu qofa utuu hin taʼin, akka isaan gammadoo taʼanis ni barbaada. Bara Nahimiyaatti yeroo Yihudoonni hedduun namoota biyya biraa Yihowaa hin waaqeffannee wajjin gaaʼela godhatanitti, Nahimiyaan fakkeenya Solomoon isa gaarii hin taane caqasee ture. Solomoon “Waaqayyo isa jaallatee” kan ture taʼus, “intaloonni ormaa warri inni fuudhe isuma iyyuu cubbuu in hojjechiisan.” (Nah. 13:23-26) Kanaafuu, Waaqayyo nama dhugumaan isa waaqeffatu qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhannu qajeelfama kan nuu kenne faayidaa keenyaaf jedhee ti. (Far. 19:7-10; Isa. 48:17, 18) Kiristiyaanonni dhugaan kunuunsa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼe ni dinqisiifatu; qajeelfama isaattis ni amanamu. Karaa kanaan, akka Bulchaa isaaniitti isaaf bitamuudhaan uumama cufa irratti olaantummaa akka qabu hubachuu isaanii argisiisu.—Fak. 1:5.
Hiriyummaa Guyyoota Dhumaa Kanatti Qabdan Irratti Of Eeggadhaa
12 Keessumaa Kiristiyaanonni qeenxeen gaaʼela godhachuu barbaadan hiriyummaa irratti of eeggannoo gochuun isaanii barbaachisaa dha. Dubbiin Waaqayyoo, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jalʼinni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?” jechuudhaan gorsa ifa taʼe kenna. (2 Qor. 6:14) Macaafni Qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼela godhachuu barbaadan “nama amane,” jechuunis tajaajilaa Yihowaa of murteessee cuuphamee fi akka barumsa Caaffata Qulqullaaʼootti jiraatu qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhatan gorsa. (1 Qor. 7:39) Kiristiyaanonni namoota hidhattoota amantii isaanii taʼan hiriyaa gaaʼelaa godhachuudhaan, hiriyoota Yihowaadhaaf of murteessanii fi amanamummaa isaaf qaban eeganii akka jiraatan isaan gargaaran argachuu ni dandaʼu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w04-AM 2/1 13 key. 4
Yihowaan Wanta Guyyaa Guyyaadhaan Nu Barbaachisu Nuuf Kenna
4 Kadhannaan nyaata guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu argachuuf dhiheessinu guyyaa guyyaadhaan nyaata hafuuraa soorachuu akka qabnus nu yaadachiisa. Yesuus guyyoota hedduudhaaf soomuu isaatiin kan kaʼe baayʼee beelaʼee kan ture taʼus, yeroo Seexanni dhagaa gara daabbootti akka jijjiiru isa qoretti isa mormuudhaan, “‘Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu’ kan jedhu barreeffameera” isaan jedheera. (Maatewos 4:4) Yeroo kanatti Yesuus wanta Museen raajichi akkana jechuudhaan Israaʼelotatti hime caqase: “[Yihowaan] namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu akka hin dandeenye akka beektu gochuuf, gad si qabee akka beeloftu ni godhe; akkasumas mannaa atis taate abbootiin kee hin beekne si soore.” (Keessa Deebii 8:3) Karaa Yihowaan Israaʼelonni mannaa akka argatan itti godhe wanta sooratan isaaniif argamsiisu qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas barumsa akka argatan isaan gargaareera. Sabichi qajeelfamni, “Tokkoon tokkoon isaanii gad baʼanii guyyaa guyyaadhaaf hamma isaan gaʼu walitti haa qabatan” jedhu isaaniif kennamee ture. Yommuu hamma guyyaa tokkoof isaan barbaachisu caalaa walitti qabatanitti, inni irraa hafe ni ajaaʼa, akkasumas ni raammaʼa ture. (Baʼuu 16:4, 20) Haa taʼu malee, guyyaa jaʼaffaatti yommuu wanta guyyaa Sanbataatiif isaan barbaachisu dabalanii walitti qabatanitti haalli akkasii hin uumamu ture. (Baʼuu 16:5, 23, 24) Kanaafuu, mannaan ajajamuu akka qabanii fi jireenyi isaanii nyaata irratti qofa utuu hin taʼin “dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaa” irratti kan hundaaʼe akka taʼe barumsa guddaa isaaniif kenneera.
WAXABAJJII 28–ADOOLESSA 4
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 9-10
“Waaqni Kee Yihowaan Maal Si Irraa Barbaada?”
w09-AM 10/1 10 key. 3-4
Yihowaan Maal Nu Irraa Barbaada?
Fedhiidhaan Yihowaadhaaf ajajamuuf wanti nu kakaasu maali dha? Museen sababa isa tokko yeroo caqasu, ‘Waaqa kee Yihowaa sodaadhu’ jedheera. (Lakkoofsa 12) Wanti hamaan na irra gaʼa jedhanii garmalee sodaachuu utuu hin taʼin, sodaa sirrii qabachuu, jechuunis Waaqayyoo fi daandiiwwan isaatiif kabaja guddaa qabaachuu argisiisa. Garaadhaa Waaqayyoon kan sodaannu yoo taʼe, matumaa isa gaddisiisuu hin barbaannu.
Maarree, wanti hundumaa caalaa Waaqayyoof ajajamuuf nu kakaasu maal taʼuu qaba? Museen, ‘Yihowaa jaalladhu, garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan Waaqa kee Yihowaa tajaajili’ jedheera. (Lakkoofsa 12) Waaqayyoon jaallachuun wanta miira qofaan ibsamu miti. Barreeffamni qorannaadhaaf gargaaru tokko, “Gochamni Afaan Ibrootaa miira argisiisuuf galu yeroo tokko tokko tarkaanfii miira sanaan kakaʼuudhaan fudhatamus argisiisuu dandaʼa” jedheera. Barreeffamni kun Waaqayyoon jaallachuun hiika “jaalala isaaf qabaniin kakaʼanii tarkaanfii fudhachuu” jedhu akka qabu dubbateera. Jecha biraatiin, garaadhaa Waaqayyoon kan jaallannu yoo taʼe, karaa isa gammachiisuun jiraanna jechuu dha.—Fakkeenya 27:11.
w09-AM 10/1 10 key. 6
Yihowaan Maal Nu Irraa Barbaada?
Fedhiidhaan kakaanee Yihowaadhaaf ajajamuun keenya eebba nuuf argamsiisa. Museen, “Ajajawwan . . . Yihowaa warra ani faayidaa keetiif harʼa si ajaju kana akka eegdu qofa dha” jechuudhaan barreesseera. (Lakkoofsa 13) Eeyyee, wanta Yihowaan nu ajaju hundi, wanti inni nu irraa barbaadu hundi faayidaa keenyaafi. Kan biraa maal taʼuu dandaʼa ree? Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan ajajawwan akkasii kan nuuf kennu faayidaa bara baraa akka argannu jedhee qofa dha. (Isaayyaas 48:17) Wanta Yihowaan nu irra barbaadu hunda raawwachuun keenya yeroo ammatti wantoota abdii nama kutachiisan irraa nu eega, gara fuulduraatti yommuu Mootummichi bulchutti immoo eebba bara baraa nuuf argamsiisa.
Dhuguma ‘Waaqayyotti Dhihaachuu’ Ni Dandeessaa?
2 Abrahaam inni bara durii, namoota michuu Yihowaa turan keessaa tokkodha. Yihowaan Abrahaamiin “michuukoo” jedhee waameera. (Isaayaas 41:8, hiika bara 1899) Eeyyee, Yihowaan Abrahaamiin akka michuusaatti ilaaleera. Abrahaam michuu Yihowaa taʼuu kan dandaʼe, ‘Waaqayyoon waan amanateef’ ture. (Yaaqoob 2:23) Yeroo harʼaattis Yihowaan, namoota jaalalaan kakaʼanii isa tajaajilan ‘jaallachuuf’ carraa barbaada. (Keessa Deebii 10:15) Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jechuudhaan nu jajjabeessa. (Yaaqoob 4:8) Caqasni kun afeerrii kan nuu dhiheessu taʼuusaarrayyuu, abdiis nuu kenna.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 103
Anaaqim
Sanyii namoota baayʼee guguddaa taʼanii fi naannoo garootaa Kanaʼaan, akkasumas naannoowwan qarqara galaanaatti, keessumaa naannoowwan kallattii kibbaatiin argaman tokko tokko keessa jiraatani dha. Yeroo taʼe tokkootti namoonni Anaaqim beekamoo taʼan sadii, jechuunis Ahimaan, Sheshaayii fi Taalmaay Kebroon keessa jiraatu turan. (Lak 13:22) Basaastonni Ibrootaa 12n jalqaba namoota Anaaqim kan argan asitti ture; isaan keessaa basaastonni 10 haala argan ilaalchisee gabaasa sodaachisaa dhiheessanii turan; namoonni kun sanyii Nefiliim Bishaan Badiisaa dura turanii akka taʼanii fi Ibroonni yommuu isaan wajjin wal bira qabaman akka “kuruphisaa” akka taʼan dubbataniiru. (Lak 13:28-33; Kes 1:28) Namoonni kun baayʼee dhedheeroo taʼuu isaaniitiin kan kaʼe namoota Eemiimii fi Refaayim warra baayʼee guguddaa taʼan ibsuuf illee caqasamaniiru. Baayʼee ciccimoo taʼuu isaaniitiin kan kaʼe waaʼee isaanii “Eenyutu ilmaan Anaaqiim dura dhaabbachuu dandaʼa?” jedhamee dubbatama ture.—Kes 2:10, 11, 20, 21; 9:1-3.