LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Manni Qulqullummaa Ammas Ni Qulqulleeffame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus minjaala warra qarshii jijjiiranii gaggaragalche

      CHAPTER 103

      Manni Qulqullummaa Ammas Ni Qulqulleeffame

      MAATEWOS 21:12, 13, 18, 19 MAARQOS 11:12-18 LUQAAS 19:45-48 YOHAANNIS 12:20-27

      • YESUUS MUKA HARBUU ABAARE; MANA QULQULLUMMAAS NI QULQULLEESSE

      • NAMOONNI HEDDUUN JIREENYA AKKA ARGATANIIF YESUUS DUʼUU QABA

      Yesuusii fi barattoonni Yerikoodhaa erga dhufanii booda Bitaaniyaa keessa guyyaa sadii bulaniiru. Amma immoo, Wiixata ganama Niisaan 10 yommuu taʼu gara Yerusaalem dhaqaa jiru. Yesuus beelaʼeera. Kanaaf, muka harbuu tokko argee gara mukichaa dhaqe. Harbuun kun firii qabaa laata?

      Yeroon isaa xumura jiʼa Bitootessaa ti; harbuun immoo hanga jiʼa Waxabajjiitti firii hin godhatu. Taʼus, baalli isaa yeroo malee laliseera. Kanaaf, Yesuus firiin irraa argadha jedhee akka yaadu isa taasise. Taʼus, firii irraa hin arganne. Baalli kun yeroo malee lalisuun isaa kan nama dogoggorsiisu dha. Achiis Yesuus, “Namni tokko iyyuu kana booda firii si irraa hin nyaatin” jedhe. (Maarqos 11:14) Mukichi yeruma sana goguu jalqabe; barattoonni hiika wanta kanaa guyyaa itti aanu ganama kan baratan taʼa.

      Yesuusii fi barattoonni baayʼee utuu hin turin Yerusaalemiin gaʼan. Gara mana qulqullummaa kaleessa waaree booda qulqulleessee deeme. Amma tarkaanfii kana caalu fudhata; tarkaanfii waggaa sadii dura, jechuunis Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30 tti kabajame irratti fudhatee wajjin wal fakkaatu fudhata. (Yohaannis 2:14-16) Yesuus yeroo kanatti “warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi gurguran” gad ariʼe. Akkasumas, “minjaala warra qarshii jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguranii” ni gaggaragalche. (Maarqos 11:15) Namoonni miʼa baatanii oobdii mana qulqullummaa keessa qaxxaamuranii gara kutaa magaalichaa isa kaaniitti akka darban illee hin heyyamne.

      Yesuus namoota mana qulqullummaa keessatti qarshii jijjiiranii fi beeyiladoota gurguran irratti tarkaanfii cimaa kan fudhate maaliifi? Akkana jedhe: “‘Manni koo saboota hundaatiif mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera. Isin garuu holqa saamtotaa gootan.” (Maarqos 11:17) Namoota kanaan saamtota kan jedhe, warra aarsaa dhiheessuuf beeyiladoota isaan irraa bitanitti kaffaltii baayʼisuudhaan buʼaa sirrii hin taane waan isaan irraa argataniifi dha. Yesuus gocha isaanii kana humnaan fudhachuu ykn saamicha akka taʼetti ilaale.

      Dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi guguddoonni sabichaa, wanta Yesuus hojjete waan dhagaʼaniif, isa ajjeesuuf carraaqqii cimaa gochuu jalqaban. Taʼus kana gochuu hin dandeenye. Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachuuf gara isaatti yaaʼaa waan jiraniif karaa itti isa ajjeesan dhaban.

      Yihudoota qofa utuu hin taʼin, namoonni amantii Yihudii fudhatanis Faasikaa kana kabajuuf dhufaniiru. Namoota waaqeffannaadhaaf gara ayyaanichaa dhufan keessatti Giriikonnis ni argamu. Isaanis, tarii Filiphoos inni maqaa Giriikiitiin waamamu xiyyeeffannaa isaanii waan harkiseef isa bira dhaqanii Yesuusiin arguu akka barbaadan isa gaafatan. Filiphoos gaaffii akkasii keessumsiisuun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa mirkanaaʼaa waan hin taaneef Indiriyaasii wajjin mariʼate. Lamaan isaanii dhimmicha Yesuusitti himan; yeroo kanatti Yesuus mana qulqullummaa keessa jiraachuu hin oolu.

      Yesuus guyyoota muraasa booda akka duʼu beeka; kanaaf, wanta namoonni gaafataniif deebii kennuu ykn beekamummaa argachuuf carraaqqii gochuun yeroo isaa miti. Ergamoota lamaanitti fakkeenya tokko himuudhaan akkana jedhee deebii kenne: “Saʼaatiin Ilmi namaa ulfina itti argatu gaʼeera. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, firiin qamadii tokko lafa buutee yoo duʼuu baatte, firii tokkittii taatee hafti; yoo duute garuu, sana booda firii hedduu godhatti.”—Yohaannis 12:23, 24.

      Firiin qamadii tokko faayidaa waan hin qabne fakkaachuu dandeessi. Taʼus, lafa buutee erga ‘duutee’ booda yommuu biqiltuu fi yommuu guddattu firii hedduu kenniti. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus nama mudaa hin qabne tokko dha. Haa taʼu malee, hamma duʼaatti Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan, namoonni akka isaa fedhii isaanii aarsaa godhan hedduun jireenya bara baraa akka argatan karaa bana. Kanaaf, Yesuus, “Namni lubbuu isaa jaallatu hundi ishii balleessa, namni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa jibbu garuu jireenya bara baraatiif ishii eeggata” jedhe.—Yohaannis 12:25.

      Yaada Yesuus itti aansee dubbate waaʼee mataa isaa qofa akka inni hin yaadne nu hubachiisa. Akkana jedhe: “Namni na tajaajiluu barbaadu hundi ana duukaa haa buʼu, bakka ani jiru tajaajilaan koos achi ni taʼa. Nama na tajaajiluu barbaadu hundaaf, Abbaan ulfina ni kenna.” (Yohaannis 12:26) Kun eebba guddaa mitii? Namoonni Abbaa biratti ulfina argatan Mootummicha keessatti Kiristoosii wajjin bulchu.

      Yesuus dhiphina guddaa fi duʼa suukanneessaa isa irra gaʼu yaaduudhaan, “Amma ani dhiphadheera, maal jechuun dandaʼa? Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi” jedhe. Taʼus, fedhii Waaqayyoo galmaan gaʼuu irraa duubatti jechuu hin barbaanne. Kanaaf itti fufee, “Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe” jedhe. (Yohaannis 12:27) Yesuus lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheessuu dabalatee, kaayyoo Waaqayyoo hunda galmaan gaʼuuf of kenneera.

      • Waqtii isaa taʼuu baatus, Yesus harbuu irraa firiin argadha jedhee kan yaade maaliifi?

      • Yesuus warra mana qulqullummaa keessatti daldalan, “saamtota” jedhee waamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

      • Yesuusii fi firii qamadii wal fakkeessuun kan dandaʼamu akkamiiti? Dhiphinaa fi duʼa isa irra gaʼuuf jiru ilaalchisee hoo maaltu isatti dhagaʼame?

  • Yihudoonni Sagalee Waaqayyoo Dhagaʼan—Isatti Ni Amanuu Laata?
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhe; yeroo kanatti Yihudoonni naannoo sana dhaabatanii jiran sagalee Waaqayyoo dhagaʼan

      BOQONNAA 104

      Yihudoonni Sagalee Waaqayyoo Dhagaʼan —Isatti Ni Amanuu Laata?

      YOHAANNIS 12:28-50

      • NAMOONNI HEDDUUN SAGALEE WAAQAYYOO DHAGAʼAN

      • WANTA MURTIIDHAAF BUʼUURA TAʼU

      Guyyaan isaa Wiixata, Niisaan 10 siʼa taʼu, Yesuus mana qulqullummaa keessatti waaʼee duʼa isaa isa dhihaachaa jiruu dubbachaa jira. Waaʼeen maqaa Waaqayyoo waan isa yaaddesseef, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhe. Yeroo kanatti, sagalee guddaan tokko samii irraa, “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf” jedhee deebise.—Yohaannis 12:27, 28.

      Namoonni naannoo sana jiran wanti uumame isaaniif hin galle. Isaan keessaa tokko tokko kakawwee waan dhagaʼan isaanitti fakkaate. Kaan immoo, “Maleekaa tokkotu isatti dubbate” jedhan. (Yohaannis 12:29) Kan isaan dhagaʼan garuu sagalee Yihowaa ti! Yesuusii wajjin haala wal qabateen namoonni sagalee Waaqayyoo yommuu dhagaʼan kun isa jalqabaa miti.

      Waggaa sadii fi walakkaa dura yeroo Yesuus cuuphametti, Yohaannis Cuuphaan, Waaqayyo Yesuusiin ilaalchisee, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” yeroo jedhu dhagaʼee ture. Sana boodas, Yesuus Dh.K.B. bara 32 Ayyaana Faasikaa booda Yaaqoob, Yohaannisii fi Pheexiros duratti haala dinqisiisaa taʼeen jijjiiramee ture. Namoonni kun sadan Waaqayyo, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhee yeroo dubbatu dhagaʼaniiru. (Maatewos 3:17; 17:5) Amma garuu Yihowaan yeroo sadaffaadhaaf namoonni baayʼeen dhagaʼuu akka dandaʼanitti dubbate!

      Yesuus, “Sagaleen kun kan dhagaʼame isiniif malee anaaf miti” jedhe. (Yohaannis 12:30) Taʼeen kun, Yesuus dhuguma Ilma Waaqayyoo fi Masiihicha isa abdachiifame akka taʼe kan mirkaneessu dha.

      Kana malees, jireenyi Yesuus amanamummaadhaan dabarse namoonni akkamitti jiraachuu akka qaban fakkeenya taʼa; akkasumas Seexanni ykn Diyaabilos inni bulchaa addunyaa kanaa taʼe akka balleeffamu mirkaneessa. Yesuus, “Yeroon addunyaa kanatti murteeffamu amma; yeroon bulchaan addunyaa kanaa alatti itti gatamu amma” jedhe. Yeroon Yesuus itti ajjeefamu dhihaachuun isaa, injifachuu isaa malee moʼamuu isaa kan argisiisu miti. Akkamitti? Yesuus, “Ani garuu lafa irraa yoon ol kaafame, akaakuu namootaa hunda ofitti nan harkisa” jedhe. (Yohaannis 12:31, 32) Yesuus muka irratti fannifamee yeroo duʼu, namootaaf karaa jireenya bara baraatti geessu banuudhaan ofitti isaan harkisa.

      Namoonni walitti qabaman sun yaada Yesuus ‘ol kaafamuu’ isaa ilaalchisee dubbate yeroo dhagaʼan akkana jedhan: “Nuti Kiristoos bara baraan akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra. Maarree ati akkamitti Ilmi namaa ol kaafamuu qaba jetta? Ilmi namaa kun hoo eenyu?” (Yohaannis 12:34) Baayʼeen isaanii sagalee Waaqayyoo dhagaʼuu dabalatee, ragaawwan hedduu kan argan taʼus Yesuus Ilma namaa isa dhugaa fi Masiihicha abdachiifame taʼuu isaa hin amanne.

      Yesuus akkuma kanaan dura godhe, inni “ifa” taʼuu isaa dubbate. (Yohaannis 8:12; 9:5) Namoota walitti qabaman kana akkana jedhee gorse: “Ifni sun yeroo gabaabaadhaaf isin bira ni tura. Kanaaf, dukkanni sun akka isin hin liqimsine, yeroo ifa qabdanitti deemaa; . . . Isin ilmaan ifaa akka taataniif, yeroo ifa qabdan kanatti ifichatti amanaa.” (Yohaannis 12:35, 36) Achiis, Yesuus Niisaan 10 guyyaa inni itti duʼu waan hin taaneef bakka kanaa deeme. Kan inni ‘ol kaafamu,’ jechuunis muka irratti kan fannifamu Niisaan 14 gaafa Ayyaana Faasikaatti dha.—Galaatiyaa 3:13.

      Tajaajila Yesuus dabarse duubatti deebinee yommuu ilaallu, Yihudoonni isatti amanuu diduun isaanii raajiin dubbatamee ture akka raawwatamu gochuu isaa hubanna. Isaayaas namoonni fayyuudhaaf akka hin deebinetti, iji isaanii akka jaamu, garaan isaaniis akka jabaatu dursee dubbatee ture. (Isaayaas 6:10; Yohaannis 12:40) Eeyyee, Yihudoonni baayʼeen ragaa Yesuus fayyisaa isaanii isa abdachiifamee fi karaa jireenyaa taʼuu isaa argisiisu mata jabinaan fudhachuu didaniiru.

      Niqodimoos Yoseef inni biyya Armaatiyaa fi bulchitoonni hedduun Yesuusitti ‘amananiiru.’ Haa taʼu malee, amantiidhaan tarkaanfii ni fudhatuu? Moo mana sagadaatii ariʼamna jedhanii sodaachuudhaan ykn ‘ulfina namoota biraa argamu jaallachuudhaan’ duubatti jedhu?—Yohaannis 12:42, 43.

      Yesuus isatti amanuun maal akka dabalatu, “Namni anatti amanu hundi, anatti qofa utuu hin taʼin isa na ergettis ni amana; namni na argu hundi, isa na erge Sanas ni arga” jechuudhaan ibse. Dhugaan Waaqayyo, Yesuus akka barsiisuuf isatti himee fi inni lallabaa jiru barbaachisaa waan taʼeef, akka armaan gadii jechuun isaa sirrii dha: “Nama ana tuffatuu fi dubbii koo hin fudhannetti kan murteessu tokko jira. Dubbii ani dubbadhetu guyyaa dhumaatti isatti murteessa.”—Yohaannis 12:44, 45, 48.

      Achiis, Yesuus yaada isaa akkana jechuudhaan xumure: “Wanta ani jedhuu fi wanta ani dubbadhu Abbaa isa ana erge sanatu na ajaje malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne. Ajajni isaas jireenya bara baraa akka taʼe ani beeka.” (Yohaannis 12:49, 50) Yesuus dhihootti ilmaan namootaa isatti amanan hundaaf dhiiga isaa aarsaa godhee akka dhangalaasu beeka.—Roomaa 5:8, 9.

      • Yesuusii wajjin haala wal qabateen sagaleen Waaqayyoo siʼa sadii kan dhagaʼame haalawwan akkamiitiini dha?

      • Bulchitoota kamfaatu Yesuusitti amane? Taʼus, isatti akka amanan ifatti kan hin beeksisne maaliif taʼuu dandaʼa?

      • “Guyyaa dhumaatti” namootatti kan murteeffamu maal irratti hundaaʼuudhaani dha?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi