LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr22 Bitootessa ful. 1-10
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • BITOOTESSA 7-13
  • BITOOTESSA 14-20
  • BITOOTESSA 21-27
  • BITOOTESSA 28–EBLA 3
  • EBLA 4-10
  • EBLA 18-24
  • EBLA 25–CAAMSAA 1
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
mwbr22 Bitootessa ful. 1-10

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

BITOOTESSA 7-13

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 12-13

“Of Tuulummaan Salphina Geessisa”

w00-AM 8/1 13 key. 17

Of Tuulummaan Salphina Geessisa

17 Akkasumaan yommuu ilaalamu wanti Saaʼol godhe sirrii fakkaachuu dandaʼa. Kana malees, sabni Waaqayyoo haala gaddisiisaa keessa turaniin kan kaʼe ‘rakkina keessaʼ galanii, akkasumas “hollachaa turan.” (1 Saamuʼel 13:6, 7) Dhugaa dha, haalli isaa kan heyyamu yoo taʼe, ajajamuu baannus ofumaan kakaanee wanta tokko gochuun rakkina hin qabu. Taʼus Yihowaan wanta garaa keenya keessa jiruu fi kakaʼumsa keenya beekuu akka dandaʼu dagachuu hin qabnu. (1 Saamuʼel 16:7) Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan ibsuu baatus Yihowaan Saaʼol keessatti wanti arge tokko jiraachuu qaba. Fakkeenyaaf, Saaʼol obsa kan dhabe of tuulummaa isa keessatti uumameen kan kaʼe akka taʼe argee taʼuu dandaʼa. Tarii immoo raajii maanguddoo suuta jedhee dhufaa jiru eeguun isa aarsee taʼuu akka dandaʼu hubatee taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana Saamuʼel turuun isaa Saaʼol qajeelfama isaaf kenname dhiisee wanta sana ofuma isaatiin raawwachuu akka dandaʼu akka itti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa. Buʼaan isaa maal taʼe ree? Saaʼol dursa fudhatee kana gochuu isaatti Saamuʼel isa hin galateeffanne. Kanaa mannaa, ‘Ati ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef waan hin ajajamneef mootummaan kee itti hin fufuʼ jedhee isatti dheekkame. (1 Saamuʼel 13:13, 14) Seenaan kunis of tuulummaan salphina akka geessisu argisiisa.

w07 7/1 13 key. 8

Yihowaan Abboomamuu Keessaniif Bakka Guddaa Kenna

8 Seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee Saaʼol Mootichaa ibsu, abboomamuun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa kan addeessudha. Saaʼol jalqaba yeroo mootii taʼetti kan gad of qabuufi ‘akka xinnaatti kan of ilaalu ture.ʼ Yeroo booda garuu, murtoowwansaa of tuulummaafi sababii sobaarratti hundaaʼuu jalqaban. (1 Saamuʼel 10:21, 22; 15:17) Yeroo tokko Saaʼol Filisxeemotaa wajjin wal waraanuuf qophaaʼaa ture. Saamuʼel, Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuufi qajeelfama dabalataa isaaf kennuuf hamma dhufutti akka isa eegu Saaʼol Mootichatti himee ture. Haataʼu malee, Saamuʼel yeroo eegametti waan hin dhufneef, namoonni tatamsaʼuutti kaʼan. Saaʼol yeroo kana argu, “qalmicha gubamu qalee in dhiʼeesse.” Kun gocha Yihowaa gaddisiisu ture. Dhumarratti, Saamuʼel yeroo dhufu mootichi Saamuʼel waan tureef, surraa Yihowaa argachuuf ‘ija jabaatee qalma gubamu akka dhiheesse dubbachuudhaanʼ ajajamuu diduusaatiif sababii dhiheesse. Saaʼol Mootichi abboommii Saamuʼel isaaf kenneef ajajamuu caalaatti aarsaa dhiheessuudhaaf bakka guddaa kennee ture. Kanaaf Saamuʼel akkas jedheen: “Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette.” Yihowaadhaaf abboomamuu dhiisuun mootummaasaa isa dhabsiiseera.—1 Saamuʼel 10:8; 13:5-13.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w11 7/15 13 key. 15

Qajeelfama Yihowaa Isa Jaalalarratti Hundaaʼe Ni Hordoftaa?

15 Namoonni sun mootiin tokko Yihowaa caalaa hamma tokko akka isaanii dhugoomuufi itti amanamuun akka dandaʼamu yaadanii turanii? Taanaan, dhugumaan wanta waaʼee hin baafne hordofaa turan jechuudha. Soba Seexanni babalʼisu hedduu duukaa buʼuufis saaxilamanii turan. Mootonni salphaadhumatti waaqayyolii tolfamoo akka waaqeffatan isaan gochuu dandaʼu. Namoonni waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan, waaqayyoliin muka ykn dhagaarraa tolfaman, Yihowaa isa waan hundumaa uumeefi hin mulʼanne caalaa hamma tokko dhugaafi amansiisaa akka taʼanitti dogoggoraan yaadu. Haataʼu malee, Phaawulos waaqayyolii tolfamoon “jireenya akka hin qabne” dubbateera. (1 Qor. 8:4) Arguu, dhagaʼuu, dubbachuu ykn hojjechuu hin dandaʼan. Isaan arguufi harkaan qabuu kan dandeessu taʼus, kan isaan waaqeffattu yoo taʼe waan waaʼee hin baafne, jechuunis wanta soba taʼeefi badiisa sitti fidu hordofaa jirta jechuudha.—Far. 115:4-8.

BITOOTESSA 14-20

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 14-15

“Ajajamuun Aarsaa Irra ni Caala”

w07 7/1 11 key. 4

Yihowaan Abboomamuu Keessaniif Bakka Guddaa Kenna

4 Yihowaan Uumaa waan taʼeef wanti qabnu hundaa kansaati. Erga akkas taʼee, wanti isaaf kennuu dandeenyu jiraa? Eeyyee, wanta guddaa gati jabeessa taʼe isaaf kennuu dandeenya. Maalinni? Gorsa armaan gadiirraa deebii argachuu dandeenya: “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!” (Fakkeenya 27:11) Wanti Waaqayyoof kennuu dandeenyu isaaf abboomamuu keenyadha. Haalli keenyaafi akkaataan guddina keenyaa adda adda taʼuyyuu, abboomamoo taʼuudhaan hundi keenya gaaffii Seexanni ilmaan namootaa yeroo qorumsi isaanirra gaʼu Waaqayyoof amanamoo hin taʼan, jedhee kaaseef deebii kennuu dandeenya. Kun mirga guddaadha!

it-2-E 521 key. 2

Ajajamuu

Surraa Waaqayyoo argachuu yoo barbaanne ajajamuun filannaadhaaf kan dhiifame miti. Saamuʼel Saaʼoliin akkas jedheera: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti [shaamaa] gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa? Ilaa, ajajamuun [kallattiidhaan, dhaggeeffachuun] aarsaa irra, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma korbeessa hoolaa irra ni caala.” (1Sa 15:22) Utuu hin ajajamin hafuun dubbii Yihowaa fudhachuu diduu, akkasumas dubbii sanaa fi Madda dubbii sanaa irratti amanannaa fi amantii akka hin qabne argisiisuu dha. Kanaafuu utuu hin ajajamin hafuun, hooda dubbachuu ykn waaqolii tolfamoo waaqeffachuu wajjin tokko dha. (1Sa 15:23; Rom. 6:16 wajjin wal bira qabii ilaali.) Gochaan hin deggeramu taanaan akkasumaan tole jechuun qofti gatii hin qabu; hojii irra oolchuu dhiisuun madda qajeelfama sanaa irratti amantii akka hin qabne ykn akka isaaf kabaja hin qabne argisiisa. (Mat 21:28-32) Namoonni dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu fi beekuu qofaan gammadan, taʼus wanta inni jedhu hojii irra hin oolchine sababa sobaa dhiheessuudhaan of gowwoomsu, akkasumas eebba hin argatan. (Yaq 1:22-25) Ilmi Waaqayyoo namoonni dubbii Waaqayyootiif ajajaman tokko tokko illee, dubbicha karaa dogoggoraa ykn kakaʼumsa dogoggoraatiin waan raawwataniif matumaa Mootummichatti akka hin gallee fi matumaa fudhatama akka hin arganne ifa godheera.—Mat 7:15-23.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 493

Gara Laafina

Yeroo fedha Waaqayyoo wajjin wal hin simnetti gara laafina akka argisiisnu dhiibbaa nu irra gaʼuuf moʼamuun miidhaa cimaa qaba. Wanti Saaʼol Mooticha irra gaʼe kana argisiisa. Amaaleqoota irratti yeroon murtiin Waaqayyoo itti raawwatamu gaʼee ture; Amaaleqoonni yommuu Israaʼeloonni Gibxii baʼanii deemaa turan, saba lafaa kaʼanii Israaʼeloota irratti waraana banan warra jalqabaa turan. Saaʼol gara laafina akka isaanitti hin argisiisne ajajamee ture. Haa taʼu malee, dhiibbaa namoonni isa jala jiran isa irratti godhaniif moʼamuudhaan, ajaja Yihowaa karaa guutuu taʼeen utuu hin raawwatin hafeera. Kanaafuu, Yihowaan Saaʼol mootii akka hin taane isa tuffateera. (1Sa 15:2-24) Namni tokko daandii Yihowaa isa qajeelaaf dinqisiifannaa qabaachuu fi isaaf amanamaa taʼuuf iddoo guddaa kennuun isaa dogoggora akka Saaʼol akka hin raawwannee fi Waaqayyo biratti fudhatama akka hin dhabne isa eega.

BITOOTESSA 21-27

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 16-17

“Lolichi kan Yihowaa Ti”

wp16.5 11 key. 2-3

‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’

Daawit wanta leencaa fi amaakenni yeroo isa mudatanitti raawwate isatti himuudhaan Saaʼoliin amansiise. Daawit of tuuluu isaa turee? Lakki. Daawit bineensota sana akkamitti akka ajjeese beeka ture. Akkana jedhe: “Waaqayyo inni harka leencaatii fi amaaketaa na oolche, harka Filisxeemicha kanaas na oolcha.” Dhuma irrattis Saaʼol, “Egaa dhaqi! Waaqayyo sii wajjin haa taʼu!” isaan jedhe.—1 Saamuʼel 17:37.

Amantii akka Daawit qabaachuu ni barbaaddaa? Taanaan amantiin isaa hawwii irratti qofa akka hin hundoofne hubadhu. Beekumsaa fi muuxannoon inni argate Waaqa isaa irratti amantii akka qabaatu isa gargaareera. Yihowaan jaalalaan kakaʼee eegumsa akka godhuu fi waadaa gale akka raawwatu hubateera. Nutis amantii akkasii qabaachuuf, waaʼee Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu irraa barachuu keenya itti fufuu qabna. Wanta barannu hojii irra oolchuun immoo, amantii keenya nuuf cimsa.—Ibroota 11:1.

wp16.5 11-12

‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’

Deebiin Daawit kenne hanga yeroo ammaatti ibsa amantii guddaa akka taʼetti ilaalama. Dargageessi kun Goliyaadiin yommuu akkana jedhu yaadaan ilaali: “Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israaʼel isa ati itti gaʼifte sanaan sitti nan dhufa.” Daawit humni namootaa fi meeshaan waraanaa murteessaa akka hin taane hubateera. Goliyaad Yihowaa waan tuffatteef, Yihowaan tarkaanfii ni fudhata. Akkuma Daawit jedhe, ‘lolli kun kan Waaqayyoo ti.ʼ—1 Saamuʼel 17:45-47.

Daawit Goliyaad guddaa taʼuu isaa fi meeshaa waraanaa isaa argeera. Taʼus, Daawit wantoonni kun akka isa sodaachisan hin heyyamne. Dogoggora Saaʼolii fi loltoonni isaa raawwatan hin hojjenne. Daawit Goliyaadii wajjin of hin madaalle. Kanaa mannaa Yihowaa fi Goliyaadiin wal bira qabee ilaale. Goliyaad meetira 2.9 kan dheeratu siʼa taʼu, namoota kaan hunda ni caala; haa taʼu malee, Yihowaa isa uumama cufa irratti ol aantummaa qabuu wajjin yommuu ilaalamu hammam gaʼa? Eeyyee, akkuma namoota kaanii Yihowaa duratti hamma ilbiisaa gaʼa; amma immoo Yihowaan isa balleessuuf jedha!

wp16.5 12 key. 4

‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’

Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Waaqayyoo waraana irratti hin hirmaatan. Amma barri sun darbeera. (Maatewos 26:52) Taʼus, fakkeenya Daawit hordofuu qabna. Akkuma isaa Yihowaan nuuf dhugoomuu qaba; jechuunis Waaqa tokkicha tajaajiluu qabnuu fi ulfinni guddaan isaaf malu taʼuu isaa hubachuu qabna. Yeroo tokko tokko rakkinni nu mudatu humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamus, Yihowaa isa humni isaa daangaa hin qabneef garuu xinnoo dha. Yihowaan Waaqa keenya akka taʼu yoo filannee fi akkuma Daawit isatti yoo amanamne qorumsi ykn rakkoon kam iyyuu nu hin sodaachisu. Wanti kam iyyuu humna Yihowaatii ol miti!

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 871-872

Saaʼol

Hafuurri Yihowaa Saaʼol irraa kan fudhatame kana boodaa fi erga Daawit Mootii Israaʼel akka taʼu dibamee booda ture. Sana booda, ‘yaanni hamaan [hafuurri hamaan, milj.] Yihowaa biraa dhufe isa jeequu jalqabe.ʼ Yihowaan hafuura isaa Saaʼol irraa fudhachuudhaan, hafuurri hamaan akka isa toʼatu heyyame, kunis nagaa sammuu akka dhabu, miirri isaa akka jeeqamuu fi karaa dogoggoraatiin akka yaadu isa taasise. Saaʼol Yihowaaf ajajamuu diduun isaa sammuunii fi garaan isaa wanta sirrii hin taane raawwachutti akka jalʼate argisiisa; kun immoo hafuurri Waaqayyoo eegumsa akka isaaf hin goone taasisa. Yihowaan “hafuurri hamaan” hafuura isaa bakka buʼee Saaʼoliin akka dhiphisu waan heyyameef, hafuurri sun ‘hafuura hamaa Yihowaa biraa dhufeʼ jedhamuu dandaʼa; kanaafuu, tajaajiltoonni Saaʼol hafuuricha ‘hafuura hamaa Waaqayyo biraa dhufeʼ jedhaniiru. Saaʼol yaada tajaajilaan isaa tokko dhiheessee irratti hundaaʼuudhaan, yeroo “hafuurri hamaan” isa jeequtti Daawit gara isaa dhufe meeshaa muuziqaa taphachuudhaan akka isa tasgabbeessu gaafateera.”—1Sa 16:14-23; 17:15.

BITOOTESSA 28–EBLA 3

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 18-19

“Yeroo Milkaaʼina Argattan Gad Of Qabaa”

w04-AM 4/1 15 key. 4

Yommuu Jireenya Keessan Keessatti Jijjiiramni Isin Mudatu Hafuura Waaqayyootti Amanamaa

4 Mucaan tiksee taʼe kun utuma baayʼee hin turin nama biyyattii keessatti beekamtii argate taʼe. Saaʼol mooticha akka tajaajiluu fi muuziqaa akka isaaf taphatuuf gara mana mootummaatti waamame. Daawit Goliyaad isa loltuu cimaa fi baayʼee sodaachisaa taʼe, isa loltoonni Israaʼel ciccimoo taʼan illee loluu sodaatan ajjeeseera. Daawit hogganaa loltootaa taʼee yeroo muudamutti Filisxeemota injifateera. Sabichi baayʼee isa jaallata ture. Sirbaan illee isa jajaniiru. Sana dura gorsaan Saaʼol Mootichaa tokko, Daawit dargaggeessichi baganaa ‘akka gaariitti taphachuuʼ malees, ‘onnataa, loltuu jabaa, akka gaariitti dubbachuu kan dandaʼuu fi bifti isaa miidhagaaʼ akka taʼe dubbatee ture.—1 Saamuʼel 16:18; 17:23, 24, 45-51; 18:5-7.

w18.01 28 key. 6-7

Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa

6 Namoonni tokko tokko bareedina, beekamtii, dandeettii muuziqaa, cimina qaamaa ykn iddoo guddaa qabaachuu isaaniitiin koorri itti dhagaʼama. Daawit wantoota kana keessaa tokko qofa utuu hin taʼin hunda isaanii qaba ture; taʼus jireenya isaa guutuu kan gad of qabu taʼee jiraateera. Daawit, Goliyaadiin erga ajjeesee booda intalli Saaʼol Mootichaa yeroo isaaf kennamtu akkana jedhee ture: “Intala mootii kanan fuudhu, ani eenyu? Israaʼel keessaas qomoon koo, qomoon abbaa kootiis isa kam?” (1 Sam. 18:18) Daawit gad of qabee akka jiraatu kan isa gargaare maali dha? Daawit amalawwan, dandeettiiwwanii fi mirgawwan qabu kan argate, Waaqayyo xiyyeeffannaa isaaf kennuuf jecha waan ‘gadi jedheef,ʼ (NW) jechuunis waan gad of qabeef ture. (Far. 113:5-8) Daawit wantoonni gaariin inni qabu hundi Yihowaa irraa kan argaman akka taʼe beeka ture.—1 Qorontos 4:7 wajjin wal bira qabii ilaali.

7 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis akkuma Daawit kan gad of qaban taʼuuf carraaqqii godhu. Yihowaan inni uumama cufa keessatti Qaama hundaa olii taʼe kan gad of qabu taʼuun isaa baayʼee nu ajaaʼiba. (Far. 18:35) Gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi akkana jedhu hojii irra oolchina: “Gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa uffadhaa.” (Qol. 3:12) Akkasumas, jaalalli ‘akka of hin jajnee fi akka of hin bokoksineʼ beekna. (1 Qor. 13:4) Gad of qabuun keenya, namoonni gara Yihowaa akka dhufan gochuu dandaʼa. Abbootiin manaa amala haadhotii manaa isaaniitiin mooʼamuu akkuma dandaʼan, tajaajiltoonni Yihowaa gad of qabuun isaanii warra kaan gara Yihowaatti harkisuu dandaʼa.—1 Phe. 3:1.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 695-696

Raajii

Raajonni hafuura Yihowaatiin kan muudaman taʼus, yeroo hunda hafuuraan geggeeffamanii dubbatu jechuu miti. Kanaa mannaa, hafuurri Waaqayyoo, yeroo taʼe tokkotti ‘isaan irra buʼuudhaanʼ ergaa labsamu tokko isaanitti mulʼisa. (His 11:4, 5; Mik 3:8) Kunis isaan kakaasuudhaan akka dubbatan isaa taasisa. (1Sa 10:10; Er 20:9; Amo 3:8) Yeroo kanatti wanti isaan godhan adda taʼuu isaa qofa utuu hin taʼin, dubbii fi amalli isaan argisiisanis kakaʼumsaa fi miira baayʼee adda taʼe akka qaban argisiisa. Kun namoonni tokko tokko ‘akka raajii taʼanʼ yommuu jedhamu maal jechuu akka taʼe hamma tokko hubachuuf nu gargaara. (1Sa 10:6-11; 19:20-24; Er 29:24-32; HoE 2:4, 12-17; 6:15; 7:55 wajjin wal bira qabii ilaali.) Ergama isaanii raawwachuuf xiyyeeffannaa fi ija jabinni isaan qaban, namoota amala addaa bitaa namatti taʼu qaban isaan fakkeessa; raajiin tokko yeroo Yehuu dibetti dura buutonni loltootaa akkas isaanitti fakkaatee ture. Taʼus, dura buutonni loltootaa sun namichi raajii akka taʼe yommuu hubatan ergaa isaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennaniiru. (2Mo 9:1-13; HoE 26:24, 25 wajjin wal bira qabii ilaali.) Saaʼol yeroo Daawitiin ariʼachaa turetti, ‘akka raajii waan godhameefʼ uffata isaa of irraa baasee, ‘guyyaa fi halkan guutuu qullaa isaa akka ciiseʼ ibsameera; Daawit kan miliqe yeroo kanatti taʼuu hin oolu. (1Sa 19:18–20:1) Kana jechuun garuu raajonni yeroo baayʼee qullaa isaanii deemu jechuu miti, sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun wanta kana irraa faallaa taʼe dubbata. Seenaawwan raajonni qullaa isaanii akka deeman ibsan kan biraa lama irratti immoo, raajonni sun akkas kan godhan kaayyoodhaan jechuunis, raajii sana keessaa ergaa tokko tokko ifa gochuuf jedhanii ti. (Isa 20:2-4; Mik 1:8-11) Saaʼol qullaa isaa akka taʼu kan godhame, uffanni mootii yommuu isaa irraa baafamu akkuma nama kaanii akka taʼee fi Yihowaa isa aangoo fi humna guddaa qabu duratti wayittuu akka hin lakkaaʼame argisiisuuf haa taʼuu ykn kaayyoo biraatiif haa taʼuu wanti ibsame hin jiru.

EBLA 4-10

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 20-22

“Akkaataa Michuu Gaarii Taʼuun Itti Dandaʼamu”

w19.11 7 key. 18

Dhumni Dhufuu Isaa Dura Michummaa Cimaa Uumuuf Carraaqqii Godhaa

18 Yeroo harʼaatti rakkinni adda addaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼaa jira. Fakkeenyaaf obboloonni hedduun balaawwan uumamaatiin ykn nam-tolcheetiin rakkachaa jiru. Yeroo balaawwan akkasii uumaman muraasni keenya obboloota keenya kana mana keenyatti simachuu dandeenya taʼa. Warri kaan immoo qarshiidhaan gargaaruu dandaʼu. Taʼus, hundi keenya Yihowaan obboloota keenya akka gargaaru kadhachuu dandeenya. Obboleessi tokko ykn obboleettiin takka abdii akka kutatan yoo hubanne maal jechuu ykn maal gochuu akka qabnu hin beeknu taʼa. Haa taʼu malee, hundi keenya gargaarsa gochuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, michoota keenya wajjin yeroo dabarsuu dandeenya. Yeroo isaan dubbatan gaarummaadhaan isaan dhaggeeffachuu dandeenya. Akkasumas caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessuu fi jaallannu isaanitti himuu dandeenya. (Isa. 50:4) Wanti caalaatti iddoo guddaan kennamuuf yeroo michoonni keenya nu barbaadanitti isaanii wajjin taʼuu keenya dha.—Fakkeenya 17:17 dubbisi.

w08 2/15 8 key. 7

Karaa Yihowaarra Adeemi

18 Waaqayyo michoota amanamoo akka taanu barbaada. (Fak. 17:17, hiika bara 1899) Ilmi Saaʼol Mootichaa Yonaataan, michuu Daawit ture. Yonaataan, Daawit Goliyaadiin ajjeesuusaa yommuu dhagaʼe, “Yonaataan ilmi Saaʼol baayʼisee Daawititti in maxxane; akka lubbuu isaatiittis isa in jaallate.” (1 Sam. 18:1, 3) Yonaataan, yommuu abbaansaa Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf turettillee akka of eeggatu isa akeekkachiiseera. Daawit erga baqatee booda, Yonaataan isa barbaadee isaa wajjin kakuu gale. Yonaataan Daawitiin haasofsiisuusaatiin hamma xinnootti ajjeefamuurraa kan oole taʼuyyuu, michoonni lamaan yeroo lammataatiif wal argatanii walitti dhufeenyasaanii cimsataniiru. (1 Sam. 20:24-41) Yeroo dhumaatiif yommuu wal argan, Yonaataan Daawitiin “maqaa Waaqayyootiin” isa jajjabeesse.—1 Sam. 23:16-18.

w09 10/15 19 key. 11

Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu

11 Amanamoo taʼaa. Solomoon, “Michuun bara hundumaa jaallata, yeroo gidiraatti obboleessin dhalata” jechuudhaan barreessee ture. (Fak. 17:17, hiika bara 1899) Solomoon yommuu kana barreessu, michooma abbaansaa Daawit Yonaataan wajjin qabu yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa. (1 Sam. 18:1) Saaʼol Mootichi, ilmisaa Yonaataan isatti aanee mootii Israaʼel akka taʼu barbaada ture. Yonaataan garuu, Yihowaan mootii akka taʼuuf kan filate Daawitiin akka taʼe amanee fudhateera. Haala Saaʼolirraa faallaa taʼeen Yonaataan Daawititti hin hinaafne. Yonaataan ulfina Daawit argatetti hin hinaafne, akkasumas soba abbaansaa Saaʼol tamsaasu fudhachuuf hin jarjarre. Kanaa mannaa, Yonaataan amanamummaadhaan michuusaaf falmeera. (1 Sam. 20:24-34) Nutoo akka Yonaataanii? Michuuwwan keenya yommuu mirga argatan isaanii wajjin gammannaa? Yommuu rakkinni isaanirra gaʼu isaan jajjabeessinaa? Isaan deggerraa? Namni tokko waaʼee michuu keenyaa wanta gadhee tokko yoo nutti hime dafnee amannaa? Moo akkuma Yonaataan amanamummaadhaan michuu keenyaaf falmina?

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 3/15 24 key. 5

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Saamuʼel

21:12, 13. Yihowaan rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan akka gaariitti yaaduudhaan, akkasumas kennaawwan Waaqa biraa argannetti fayyadamnee akka furru barbaada. Yihowaan Dubbii isaa isa hubannaa, beekumsaa fi odeeffannoo ogummaadhaan murtoo gochuuf nu gargaaru qabate nuu kenneera. (Fakkeenya 1:4) Dabalataanis gargaarsa jaarsolii muudamanii qabna.

EBLA 18-24

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 23-24

“Obsaan Yihowaa Eeggadhu“

w04-AM 4/1 16 key. 8

Yommuu Jireenya Keessan Keessatti Jijjiiramni Isin Mudatu Hafuura Waaqayyootti Amanamaa

8 Daawit Saaʼoliin miidhuu hin barbaanne. Amantii fi obsa qabaachuudhaan dhimmicha harka Yihowaatti dhiisuuf filateera. Mootichi holqicha keessaa baʼee erga deemee booda Daawit isa waamee akkas isaan jedhe: “Yihowaan anaa fi si gidduutti murtii haa kennu; Yihowaan si irratti haaloo naaf haa baʼu malee, ani harka koo si irratti hin kaasu.” (1 Saamuʼel 24:12) Daawit Saaʼol akka dogoggore kan beeku taʼus, haaloo hin baane; akkasumas isa hin arrabsine ykn waaʼee isaa dubbii hamaa hin dubbanne. Daawit yeroo kan biraa hedduuttis ofuma isaatiin haaloo baʼuu irraa of qusateera. Kanaa mannaa Yihowaan dhimmicha akka furu isaaf dhiiseera.—1 Saamuʼel 25:32-34; 26:10, 11.

w04-AM 6/1 22-23

Haalli Keessa Jirtu Akka Si Toʼatu hin Heyyamin

Barumsi argannu inni sadaffaan haala keenya jijjiiruuf jennee wanta deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne gochuu mannaa Yihowaa eeggachuu akka qabnu dha. Yaaqoob baratichi akkas jedhee barreesseera: “Wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.” (Yaaqoob 1:4) Jabaatanii dhaabbachuun “hojii isaa fiixaan akka baasu” yoo barbaanne rakkinni keenya dafee akka dhaabbatu gochuuf wanta deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne raawwachuu mannaa hanga dhumaatti obsuu qabna. Yeroo kanatti amantiin keenya ni qorama, ni qulqulleeffama, akkasumas ciminni isaa ni mulʼata. Yoseefii fi Daawit obsa akkasii argisiisaniiru. Wanta Yihowaa gaddisiisu raawwachuudhaan rakkoo isaaniitiif furmaata argachuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, haala keessa jiranitti akka gaariitti itti fayyadamuuf yaalaniiru. Yihowaa obsaan eeggachuu isaanitti eebbaa guddaa argataniiru! Yihowaan lamaan isaanitti iyyuu saba isaa oolchuu fi geggeessuuf itti fayyadameera.—Uumama 41:39-41; 45:5; 2 Saamuʼel 5:4, 5.

Nutis furmaatawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne yaaluuf qoramuu dandeenya taʼa. Fakkeenyaaf, hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu dhabuu keetti gadditeettaa? Taanaan ajaja Yihowaan “Gooftaadhaan qofa” gaaʼela akka godhattu kenne akka cabsitu wantoota si godhan irraa fagaadhu. (1 Qorontos 7:39) Gaaʼela kee keessatti rakkinni si mudachaa jiraa? Ilaalcha addunyaa isa gargar baʼuu fi wal hiikuu jajjabeessuuf moʼamuu mannaa, hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin taʼuudhaan dhimmicha furuuf carraaqqii godhi. (Miilkiyaas 2:16; Efesoon 5:21-33) Rakkina dinagdee si mudateen kan kaʼe wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessuun sitti ulfaateeraa? Yihowaa obsaan eeggachuun maallaqa argachuuf jettee sochiiwwan seeraan ala taʼan irratti hirmaachuu dhiisuu akka dabalatu yaadadhu. (Faarfannaa 37:25; Ibroota 13:18) Eeyyee, hundi keenya iyyuu haala keessa jirutti wanta gaarii gochuu fi eebbaa Yihowaa argachuuf itti fayyadamuu qabna. Yeroo akkas goonutti Yihowaa obsaan eeggachuudhaan furmaata isa sirrii argachuuf murtoo haa goonu.—Miikiyaas 7:7.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w17.11 27 key. 11

Wanti Kam Iyyuu Badhaasicha Akka Isin Dhabsiisu hin Heyyaminaa

11 Garaa keenya keessatti jaalalaa fi gaarummaa yoo horanne, salphaatti hinaafaa hin taanu. Dubbiin Waaqayyoo, “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu” jedha. (1 Qor. 13:4) Hinaafuun garaa keenyaa keessatti akka hidda gadi hin fageeffanneef, obboloonni keenya miseensa qaama tokkoo, jechuunis miseensa gumii Kiristiyaanaa akka taʼanitti ilaaluudhaan wanta hundumaatiif ilaalcha Waaqayyo qabaachuu qabna. Kunis gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “Kutaan qaamaa tokko yoo ulfina argate, kutaawwan qaamaa kaan hundi isaa wajjin ni gammadu” jedhuu wajjin haala wal simuun isaaniif yaaduuf nu gargaara. (1 Qor. 12:16-18, 26) Kanaafuu, warri kaan eebba yommuu argatan isaanitti hinaafuu mannaa isaanii wajjin gammanna. Fakkeenya Yonaataan, ilma Saaʼol Mootichaa ilaali. Yonaataan yeroo Daawit mootummaa akka dhaaluuf muudametti isatti hin hinaafne. Kanaa mannaa, isa jajjabeesse. (1 Sam. 23:16-18) Nuti hoo akkuma Yonaataan gaarummaa fi jaalala qabnaa?

EBLA 25–CAAMSAA 1

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 25-26

“Wanta Tokko Miiraan Kakaatanii Raawwattuu?”

ia 89-90 key. 10-12

Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

10 Loltoonni ciccimoon kun tiksitoota kana akkamitti qabu turan? Waan nyaataaf isaan barbaachisu argachuuf hoolota sana yeroo yeroodhaan fudhachuu kan dandaʼan taʼus, isaan garuu akkas hin goone. Kanaa mannaa, hoolotaafi hojjettoota Naabaal akka dallaatti eegaa turan. (1 Saamuʼel 25:15, 16 dubbisi.) Hoolonniifi tiksitoonni sun balaa hedduudhaaf saaxilamu turan. Daangaa Israaʼel Kibbaa kanatti bineensonni kan baayʼatan taʼuusaarrayyuu, hattoonniifi saamtonni biyya ormaa yeroo baayʼee balaa geessisu turan.

11 Lafa onaa kana keessatti namoota sana hundaaf nyaata dhiheessuun hojii baayʼee ulfaataa taʼedha. Kanaaf, Daawit gaaf tokko gargaarsa gaafachuuf gara Naabaalitti namoota kudhan erge. Daawit yeroo kana ogummaadhaan filateera. Namoonni yommuu rifeensa hoolotasaanii murmursiisan cidha qopheessuufi kennaa kennuun baramaa ture. Daawit jecha itti fayyadamus of eeggannoodhaan filateera; akkasumas kabajaan dubbateera. Tarii Naabaal umriidhaan baayʼee akka isa caalu argisiisuuf waaʼee ofiisaa yommuu dubbatu, “Ilma kee Daawit” jedheera. Haataʼu malee, Naabaal maal godhe?—1 Sam. 25:5-8.

12 Naabaal yeroo kanatti garmalee dheekkame. Dargaggeessi seensarratti caqasame, “Gooftaan keenya garuu isaanitti in oriʼe” jechuudhaan haalasaa Abigaayilitti himeera. Naabaal nyaata, bishaaniifi foon gaggaarii isa ofiisaatiif qopheeffate mararsiifachuudhaan sagaleesaa ol fuudhee iyye. Naabaal, Daawit nama gatii hin qabneefi gooftaasaa jalaa baqate akka taʼe ibsuudhaan isa arrabse. Ilaalchi Naabaal ilaalcha Saaʼol isa Daawitiin jibbuu wajjin kan wal fakkaatu ture. Namoonni lamaanuu ilaalcha Yihowaa hin qaban turan. Haataʼu malee, Waaqayyo Daawitiin ni jaallata; akkasumas akka hojjetaa gooftaasaarratti kaʼetti utuu hin taʼin, nama gara fuulduraatti mootii Israaʼel taʼu akka taʼetti isa ilaala ture.—1 Sam. 25:10, 11, 14.

ia 92 key. 18

Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

18 Rakkina uumameef itti gaafatamummaasaa fudhachuudhaan, Daawit isheedhaaf jedhee dhiifama akka godhu gaafatte. Abigaayil abbaan manaashee akkuma maqaasaa nama gadhee akka taʼeefi Daawit nama akkasii adabuunsaa ulfinasaa akka hirʼisu isaaf ibsite. Daawit bakka buʼaa Yihowaafi “lola isa kan Waaqayyoo” akka lolu kan amantu taʼuushees ibsiteetti. Abigaayil ‘Waaqayyo geggeessituu godhee Israaʼelirra si kaaʼaʼ waan jetteef, abdii Yihowaan Daawit mootii akka taʼu isaaf kenne akka beektu argisiisteetti. Kana malees, Daawit gocha dhiiga akka dhangalaasu isa godhu ykn sana booda ‘yaada garaasaatti dhukkuba taʼu,ʼ jechuunis yaada garaasaa ceephaʼu akka hin raawwanne isa gorsiteetti. (1 Saamuʼel 25:24-31 dubbisi.) Wanti isheen gaarummaadhaan dubbattes garaasaa tuqeera.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

ia 92 key. 16

Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti

16 Kana jechuun Abigaayil matummaa abbaa manaashee mormaa turte jechuudhaa? Matumaa. Naabaal tajaajilaa Yihowaa isa dibamerratti jalʼina akka raawwateefi gochi kun miseensota maatii Naabaal qulqulluu taʼan hedduurratti duʼa akka geessisu yaadachuu qabna. Abigaayil tarkaanfii utuu hin fudhanne taʼee gocha abbaan manaashee raawwatetti itti gaafatamti turtee? Eeyyee. Yeroo kanatti, abbaa manaashee caalaa Waaqayyoof bitamuu qabdi turte.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi