LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr22 Caamsaa ful. 1-11
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • CAAMSAA 2-8
  • CAAMSAA 9-15
  • CAAMSAA 16-22
  • CAAMSAA 23-29
  • Tajaajilaaf Of Qopheessi
  • w05-AM 10/1 23-24 key. 14-15
  • Yeroon Murtii Waan Gaʼeef “Dammaqaa Eegaa”!
  • Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu
  • jr-E 125-126 key. 23-24
  • Guyyaa Guyyaadhaan “Yihowaan Eessa Jira” Jettee Gaafachaa Jirtaa?
  • CAAMSAA 30–WAXABAJJII 5
  • WAXABAJJII 6-12
  • WAXABAJJII 13-19
  • WAXABAJJII 20-26
  • WAXABAJJII 27–ADOOLESSA 3
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
mwbr22 Caamsaa ful. 1-11

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

CAAMSAA 2-8

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 27-29

“Tooftaa Waraanaa Daawit”

it-1-E 41

Akiish

Daawit yeroo Saaʼol jalaa baqachaa turetti al lama bulchiinsa Mootii Akiishitti kooluu galeera. Yeroo jalqabatiif yommuu dhaqetti diina akka taʼetti waan isa shakkaniif, Daawit maraatuu of fakkeessee ture; kanaafuu Akiish akka nama waaʼee hin baafneetti isa ilaaluudhaan isa gadhiise. (1Sa 21:10-15; Ibsa jalqaba boqonnaa Faarfannaa 34 irra jiru; Ibsa jalqaba boqonnaa Faarfannaa 56 irra jiru) Yeroo lammataa immoo Daawit loltoota 600 fi maatii isaanii wajjin deeme, kanaafuu Akiish achi akka jiraataniif Siqlaagiin isaaniif kenne. Waggaa tokkoo fi jiʼa afur yeroo achi jiraatanitti, Akiish loltoonni Daawit magaalota Yihudaa akka weeraran amana ture; Daawit garuu kan saamu Geeshurota, Girzootaa fi Amaaleqota turan. (1Sa 27:1-12) Akiish kanaan baayʼee waan gowwoomfameef yeroo Filisxeemonni Saaʼol Mooticha irratti waraana bananitti Daawit eegduu isaa akka taʼu godhate; haa taʼu malee Daawitii fi namoonni isaa Siqlaagitti deebifaman, kunis kan taʼe bulchitoonni kaan akka isaan wajjin hin deemne cimsanii waan mormaniif ture. (1Sa 28:2; 29:1-11) Daawit yeroo Gaat irratti waraana banetti Akiish waan ajjeeffame hin fakkaatu. Akiish yeroo Solomon bulchaa tureetti lubbuudhaan jira ture.—1Mot 2:39-41; GAAT (GATH) isa jedhu ilaali.

w21.03 4 key. 8

Dargaggootaa—Amanannaa Warra Kaanii Argachuu kan Dandeessan Akkamitti?

8 Mee haala rakkisaa Daawitiin mudate kan biraa immoo haa ilaallu. Daawit mootii taʼuuf erga dibamee booda mootii Yihudaa taʼee bulchuuf waggoota hedduu eeguun isa barbaachisa ture. (1 Sam. 16:13; 2 Sam. 2:3, 4) Maarree yeroo kanatti obsaan akka eeggatu kan isa gargaare maali dha? Daawit abdii kutachuu mannaa wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. Fakkeenyaaf, baqataa taʼee biyya Filisxeemotaa yeroo jiraachaa turetti, yeroo kana diinota Israaʼel loluuf itti fayyadameera. Kana gochuudhaan, daangaa naannoo Yihudaa eegsiseera.—1 Sam. 27:1-12.

it-2-E 245 key. 6

Soba

Kitaaba Qulqulluu keessatti sobni miidhaa geessisu hundi kan balaaleffatamu akka taʼe beekamaadha; kana jechuun garuu odeeffannoo dhugaa taʼe tokko namoota isaaniif hin malletti ykn isaan hin ilaallannetti himuuf dirqama qabna jechuu miti. Yesuus akkana jechuudhaan gorsa kenneera: “Wanta qulqulluu taʼe sarootaaf hin kenninaa. Miilla isaaniitiin akka hin dhidhiinnee fi deebiʼaniis akka isin hin ciccirre callee keessan booyyee duratti hin darbatinaa.” (Mat 7:6) Yesuus haalawwan miidhaa geessisuu akka dandaʼan beeku tokko tokko irratti, gaaffii gaafatame ilaalchisee odeeffannoo guutuu taʼe kennuu irraa ykn kallattiidhaan deebii kennuu irraa kan of qusate kanaafi. (Mat 15:1-6; 21:23-27; Yoh 7:3-10) Abrahaam, Yisihaaq, Rahaabii fi Eliyaas namoota Yihowaa hin waaqeffanneef deebii sirrii kennuu dhiisuun isaanii ykn odeeffannoo guutuu taʼe kennuu dhiisuun isaaniis akkuma kanatti ilaalamuu qaba.—Uma 12:10-19; boq. 20; 26:1-10; Iya 2:1-6; Yaq 2:25; 2Mo 6:11-23.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w10-AM 1/1 20 key. 5-6

Warri Duʼan Warra Lubbuudhaan Jiran Gargaaruu ni Dandaʼuu?

Mee yaadi. Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼan ‘gara biyyootti akka deebiʼanii’ fi ‘yaanni isaanii akka badu’ dubbata. (Faarfannaa 146:4) Saaʼolis taʼe Saamuʼel Waaqayyo ekeraa dubbistoota gaafachuu akka dhowwu beeku. Saaʼol sana dura iyyuu namoota gocha hafuurota xuraaʼoo raawwatan biyyattii keessaa balleessee ture.—Leewwota 19:31.

Mee dhimma kana hubachuuf yaali. Saamuʼel inni nama amanamaa taʼe qaama hafuuraa qabaatee jiraachaa kan jiru utuu taʼee, seera Waaqayyoo cabsuudhaan karaa ekeraa dubbistuu tokkoo Saaʼolii wajjin wal arguuf tole jedha turee? Yihowaan Saaʼoliif deebii kennuu didee ture. Maarree ekeraa dubbistuun tokko Waaqni Hundumaa Dandaʼu karaa Saamuʼel isa duʼeetiin Saaʼoliin akka haasofsiisu dirqisiisuu ni dandeessi? Lakki. Inni as irratti “Saamuʼel” jedhame raajii Waaqayyoo isa amanamaa sana akka hin taane beekamaa dha. Kanaa mannaa, Saamuʼel isa duʼe fakkaatee kan dhihaate uumama hafuuraa, jechuunis jinnii hamaa taʼe tokko dha.

CAAMSAA 9-15

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SAAMUʼEL 30-31

“Waaqa Kee Yihowaatiin Of Jabeessi”

w06 8/1 28 key. 12

Yihowaa Sodaachuudhaan Gammachuu Argadhaa!

12 Daawit Yihowaa sodaachuunsaa gocha hamaarraa akka fagaatu isa gochuu caalaas waan godhe qaba. Haalawwan rakkisaa ta’an keessatti hubannaafi ogummaadhaan akka deddeebi’u isa jajjabeesseera. Daawitiifi namoonnisaa Saa’ol jalaa baqatanii waggaafi ji’a afuriif Siiqlaag biyya Filisxeemotaatti kooluu galanii turan. (1 Saamu’el 27:5-7) Daawitiifi namoonnisaa utuu bakkee jiranii, Amaaleqoonni dhufanii magaalattii gubuudhaan haadhotii manaasaanii, ijoolleesaaniifi horiisaanii fudhatanii sokkan. Daawitiifi namoonnisaa gara magaalattiitti deebi’anii wanta raawwatame yommuu argan ni boo’an. Gaddi namoota Daawit battaluma sanatti waan aariitti jijjiirameef dhagaadhaan isa rukutuu barbaadan. Daawit haalli kun isa dhiphisuyyuu abdii hin kutanne. (Fakkeenya 24:10) Waaqayyoon kan sodaatu ta’uunsaa Yihowaatti akka deebi’uufi ‘maqaa Waaqayyo gooftaatiin akka jajjabaatu’ isa gargaareera. Daawitiifi namoonnisaas gargaarsa Waaqayyootiin, Amaaleqoota dhaqqabanii wanta hundumaa deebifataniiru.—1 Saamu’el 30:1-20.

w12 4/15 30 key. 14

Yihowaan Fayyina Akka Argannuuf Nu Eega

14 Daawit jireenyasaa keessatti wantoonni nama dhiphisan hedduun isa mudatanii turan. (1 Sam. 30:3-6) Macaafni Qulqulluun Yihowaan miira Daawit kan beeku taʼuusaa ni ibsa. (Faarfannaa 34:18; 56:8 dubbisi.) Waaqayyo miira keenyas beeka. Inni yommuu ‘garaan keenya cabu’ ykn ‘yaadni keenya caccabee bullaaʼu’ nutti dhihaata. Yaanni Daawit, “Ati gadadamuu koo argiteetta, muddama lubbuu koos anaaf beekteetta; kanaaf sagalee gammachuu nan dhageessisa, gaarummaa keettis nan gammada” jechuudhaan faarfate nu jajjabeessa. (Far. 31:7) Haataʼu malee, Yihowaan dhiphina nutti dhagaʼamu hubachuurra darbee wanta godhu qaba. Jajjabina akka argannu gochuudhaan nu gargaara. Karaan inni itti kana godhu keessaa tokko walgaʼiiwwan Kiristiyaanaati.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 3/15 24 key. 8

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Saamuʼel

30:23, 24. Daawit murtoon inni Lakkoofsa 31:27 buʼuureffatee dabarse, Yihowaan warra gumii keessatti gargaartota taʼanii hojjetaniifis iddoo guddaa akka kennu argisiisa. Kanaafuu wanta hojjennu hunda ‘akka namootaaf hojjennutti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf hojjennutti lubbuu guutuudhaan haa hojjennu.’—Qolosaayis 3:23.

CAAMSAA 16-22

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUʼEL 1-3

“‘Iddaa’ Irraa Maal Baranna?”

w00-AM 6/15 13 key. 9

Namoota Isin Irratti Aangoo Qaban Kabajaa

9 Daawit yeroo ariʼatamni isa irra gaʼetti dhiphatee turee? Akkana jedhee gara Yihowaatti iyyateera: “Namoonni gara jabeeyyii taʼanis lubbuu koo balleessuu barbaadu.” (Faarfannaa 54:3) Wanta garaa isaa keessa jiru akkas jedhee Yihowaatti himateera: “Yaa Waaqa koo, diinota koo jalaa na oolchi. . . . Namoonni ciccimoonis na haleelu, Yaa Yihowaa, akkana kan godhan garuu, waanan fincileef yookiin waanan cubbuu hojjedheef miti. Dogoggora kanan hin raawwanne taʼus, isaan natti fiigan, na haleeluufis ni qophaaʼan. Yommuun si waammadhu kaʼi, wanta isaan godhanis ilaali.” (Faarfannaa 59:1-4) Atoo balleessaa kan hin raawwanne taʼus, namni aangoo qabu tokko rakkina akkasii waan si irraan gaʼeef miirri akkasii sitti dhagaʼamee beekaa? Daawit kabajni inni Saaʼoliif qabu hin hirʼanne. Yeroo Saaʼol duʼetti Daawit gammaduu mannaa faaruu gaddaa kana qindeesseera: ‘Saaʼolii fi Yonaataan yeroo lubbuudhaan turanitti jaallatamoo fi bakka guddaa kan qaban turan. Isaan risaa caalaa kan saffisan, Leenca caalaas jajjaboo turan. Yaa durboota Israaʼel, Saaʼoliif booʼaa.’ (2 Saamuʼel 1:23, 24) Daawit, Saaʼol wanta sirrii hin taane kan isa irratti raawwate taʼus, nama Yihowaan dibeef kabaja argisiisuu irratti fakkeenya gaarii taʼeera.

w12 4/15 10 key. 8

Gantummaan Milikkita Barichaati!

8 Macaafni Qulqulluun namoota amanamoo taʼan hedduus ni caqasa. Mee isaan keessaa waaʼee namoota lamaa qoruudhaan maal akka isaanirraa barannu haa ilaallu. Jalqaba waaʼee nama Daawitiif amanamaa ture tokkoo qorra. Ilma Saaʼol Mootichaa isa angafaa kan taʼe Yonaataan wanti isa dhowwu tokko utuu hin jiru taʼee, bakka abbaasaa mootii Israaʼel akka taʼu hin shakkisiisu. Yihowaan, Saaʼolitti aansee Daawit mootii Israaʼel akka taʼuuf isa filate. Yonaataan murtoo Waaqayyoo deggereera. Daawitiin akka mormituusaatti ilaaluudhaan isatti hin hinaafne. Kanaa mannaa, “baayʼisee Daawititti in maxxane,” akkasumas isaaf amanamaa taʼe. Uffata, billaa, iddaafi hidhata mudhiisaa Daawitiif, kennuudhaanillee ulfina mootii tokkoof taʼu kenneeraaf. (1 Sam. 18:1-4) Yonaataan lubbuusaa balaadhaaf saaxiluudhaan Saaʼol dura hamma dhaabatuttillee Daawitiin ‘jajjabeessuuf’ waan isaa dandaʼame hunda godheera. Yonaataan amanamummaadhaan, “Ati Israaʼel irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan taʼa” jedhee Daawititti dubbateera. (1 Sam. 20:30-34; 23:16, 17) Kanaaf, Daawit erga Yonaataan duʼee booda, gadduufi faaruu gaddaa isaaf qindeessee barreessuunsaa kan nama dinqisiisu miti.—2 Sam. 1:17, 26.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 369 key. 2

Obboleessa

Jechi “obboleessa” jedhu akkuma walii galaatti namoota kaayyoo ykn galma wal fakkaataa qaban ibsuufis itti hojjetameera. Fakkeenyaaf, Hiiraam Mootiin Xiiros Solomoon Mootichaan obboleessa koo jedheera; taʼus kana kan jedhe aangoo fi iddoo wal fakkaataa waan qabaniif hin turre; kanaa mannaa, xaawulaa fi wantoota mana qulqullummaatiif barbaachisan kan biroo dhiheessuu irratti fedhii wal fakkaataa waan qabaniif ture. (1Mo 9:13; 5:1-12) Daawit obboloota haadhoo taʼan gidduutti nagaa fi tokkummaan akka jiraatu kan godhu firummaa dhiigaa qofa akka hin taane argisiisuuf akkas jedhee barreesseera: “Ilaa, obboloonni tokkummaadhaan waliin jiraachuun isaanii akkam gaarii dha, akkam nama gammachiisas!” (Fr 133:1) Daawit, Yoonaataaniin obboleessa koo akka jedhu kan isa kakaase, firummaa dhiigaa utuu hin taʼin, jaalala guddaa fi fedhii wal fakkaataa qabaachuu isaanii ture. (2Sa 1:26) Michoonni amalaa fi fedhii wal fakkaataa qaban, wanti raawwatan hammina yoo taʼe illee obbolaa jedhamuu dandaʼu.—Fak 18:9.

CAAMSAA 23-29

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUʼEL 4-6

“Yihowaa Akka hin Gaddisiisne Sodaa Sirrii Qabaadhu”

w05-AM 5/15 17 key. 7

Yaadawwan Ijoo Kitaaaba Lammaffaa Saamu’el

6:1-7. Daawit taaboticha gaarii fardaatti fe’ee fiduuf kan yaale garaa qulqulluudhaan kaka’ee ta’us, gochi isaa rakkina geessiseera. (Baʼuu 25:13, 14; Lakkoofsa 4:15, 19; 7:7-9) Uuzaanis harka isaa diriirsee taabooticha qabuun isaa wanti tokko garaa qulquluudhaan kan godhame ta’u illee Waaqayyo seera isaa akka jijjiiru akka hin goone argisiisa.

w05-AM 2/1 27 key. 20

Yihowaan Yeroo Hunda Wanta Sirrii Raawwata

20 Uuzaan seericha nama kam iyyuu caalaa beekuun akka isa irra ture yaadachuu qabna. Taabotichi Yihowaan bakka sana akka jiru kan argisiisu ture. Seerichi namoonni isaaniif hin heyyamamne Taaboticha tuquu akka hin qabne ajaja; yoo tuqan immoo duʼaan akka adabaman akeekkachiisa. (Lakkoofsa 4:18-20; 7:89) Kanaafuu Taaboticha iddoo biraa geessuun hojii akka salphaatti ilaalamu hin turre. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Uuzaan Leewwii ture, garuu luba hin turre; kanaafuu, Seericha beekuu qaba ture. Kana malees, Taabotichi sirriitti akka eegamuuf jecha waggoota hedduu dura mana abbaa isaa kaaʼamee ture. (1 Saamuʼel 6:20–7:1) Daawit bakka sanaa fuudhuuf hamma murteessetti waggoota 70 achi tureera. Kanaafuu Uuzaan ijoollummaa isaatii kaasee seerawwan Taabotichaa wajjin wal qabatan kan beeku taʼuu hin oolu.

w05-AM 2/1 27 key. 21

Yihowaan Yeroo Hunda Wanta Sirrii Raawwata

21 Akkuma duraan ibsame Yihowaan garaa namaa ilaaluu ni dandaʼa. Dubbiin Waaqayyoo gochi Uuzaa ‘kabaja kan hin qabne’ akka taʼe waan ibsuuf, Yihowaan miira ofittummaa seenicha keessatti hin ibsamne isa keessatti argee taʼuu qaba. Tarii Uuzaan nama of tuulaa daangaa isaa hin beekne turee laata? (Fakkeenya 11:2) Taabota mana isaanii ture sana namoota duratti geggeessaa deemuun isaa koorri guddaan akka isatti dhagaʼamu godhee turee laata? (Fakkeenya 8:13) Uuzaan amantii dhabuun isaa, Yihowaan Taabota isa argama isaa mulʼisu sana akka hin kufne gochuu akka hin dandeenye itti dhagaʼamee turee laata? Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe Yihowaan wanta sirrii akka godhe mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya. Yihowaan tarkaanfii hatattamaa kan fudhate garaa Uuzaa keessatti wanta taʼe tokko waan argeef taʼuu hin oolu.—Fakkeenya 21:2.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w96-AM 4/1 29 key. 1

Yeroo Hundumaa Baʼaa Keessan Yihowaa Irratti Gataa

Daawit mootii waan taʼeef hamma tokko itti gaafatamummaa qaba. Wanti Daawit godhe namoonni Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qaban illee, yeroo tokko tokko wanta dogoggoraa raawwachuu akka dandaʼan argisiisa. Jalqaba irratti Daawit baayʼee aare. Achii immoo baayʼee sodaate. (2 Saamuʼel 6:8, 9) Hariiroon inni Yihowaa wajjin qabu baayʼee qorame. Yeroo kanatti ajaja Yihowaa waan hin eegneef baʼaa isaa Yihowaa irratti hin gatne ture. Nutoo yeroo tokko tokko haalli akkasii nu mudachuu dandaʼaa laata? Qajeelfama isaatiif utuu hin ajajamin hafuu keenyatti rakkoowwan nu irra gaʼaniif Yihowaa ni komannaa?—Fakkeenya 19:3.

Tajaajilaaf Of Qopheessi

w05-AM 10/1 23-24 key. 14-15

Yeroon Murtii Waan Gaʼeef “Dammaqaa Eegaa”!

14 Dammaqnee yommuu jiraannu maal eeguu dandeenya? Kitaabni Mulʼataa kaayyoon Waaqayyoo dhawata dhawataan akkamitti akka raawwatamu ibsa. Dammaqnee eeguu yoo barbaanne, wanta kitaabichi jedhu hojii irra oolchuun baayʼee barbaachisaa dha. Raajiin kun Kiristoos bara 1914⁠tti samii keessatti erga teessoo mootummaa irra taaʼee kaasee wantoota “guyyaa Gooftaatti” raawwataman akka gaariitti ibsa. (Mulʼata 1:10) Kitaaba Mulʼataa keessatti maleekaan tokko ‘akka labsuuf misiraachoon bara bara’ akka isatti kenname ibsameera. Maleekaan kun sagalee guddaadhaan akkas jedhee labseera: ‘Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas isaaf kennaa; saʼaatiin inni murtii itti kennu gaʼeera.’ (Mulʼata 14:6, 7) “Saʼaatii” murtii kan jedhame yeroo gababaa siʼa taʼu, yeroo murtichi itti labsamuu fi raawwatamu akka dabalatu raajicha irratti akka gaariitti ibsameera. Amma yeroo kana keessatti argamna.

15 Saʼaatiin murtii kun xumuramuu isaa dura, ‘Waaqayyoon akka sodaannuu fi ulfina akka isaaf kenninu’ gorsi nuu kennameera. Kun maal gochuu dabalata? Sodaa sirriin Waaqayyoof qabnu, wanta hamaa irraa akka fagaannu nu kakaasuu qaba. (Fakkeenya 8:13) Waaqayyoof ufina kan kenninu yoo taʼe gorsaa fi qajeelfama nuu kennamu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffanna. Wantoota kan biroodhaan qabamnee Kitaaba Qulqulluu dhaabbataadhaan dubbisuu hin dhiisnu. Gorsa walgaʼii Kiristiyaanaa irratti akka argamnu nuu kennamu salphisnee hin ilaallu. (Ibroota 10:24, 25) Mirga Mootummaa Waaqayyoo labsuuf arganneef iddoo guddaa kennina, akkasumas hinaaffadhaan hojii kana raawwanna. Yeroo hunda garaa keenya guutuudhaan Yihowaa amananna. (Faarfannaa 62:8) Yihowaan uumama cufa irratti Olaanaa akka taʼe waan beeknuuf, jireenya keenya irratti aangoo akka qabu amannee fudhachuudhaan gammachuudhaan isaaf bitamna. Dhuguma karaawwan kanaan Waaqayyoon ni sodaattaa? Ulfina hoo ni kennitaafii?

Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu

jr-E 125-126 key. 23-24

Guyyaa Guyyaadhaan “Yihowaan Eessa Jira” Jettee Gaafachaa Jirtaa?

23 Qajeelfama Yihowaa argachuuf garaadhaa kadhachuu malees, qoʼannaa dhuunfaa godhachuu keenya itti fufuu qabna; qoʼannaan dhuunfaa karaa fedha Yihowaa beekuu itti dandeenyu isa guddaa dha. Gama kanaan wanta Ermiyaas irra wayyu qabna. Kitaaba Qulqulluu guutuu taʼe qabna. Akkuma Ermiyaas seenaawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin dubbataman qindeessuuf qorannaa gadi fageenya qabu godhee, atis Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi qajeelfama isaa barbaadudhaan, “Yihowaan eessa jira?” jettee gaafachuu dandeessa. Waaʼee fedha isaa barachuudhaan isa irratti amanannaa qabaachuu dandeessa, akkasumas “akkuma muka bishaan bira dhaabamee,hiddawwan isaa gara lagaatti erguu” taʼuu dandeeessa.—Ermiyaas 17:5-8 dubbisi.

24 Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistuu fi irratti xiinxaltu, haalawwan adda addaa keessatti wanta Yihowaan akka gootu barabaadu hubachuuf carraaqi. Qajeelfamoota yaadachuu fi hojii irra oolchuu barbaaddu argachuuf carraaqqii godhi. Seenaawwan, ajajawwanii fi qajeelfamoota Waaqayyoo, akkasumas yaadawwan gaggaarii Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman yommuu dubbistu, wanti dubbiste murtoo gootu irratti dhiibbaa akkamii akka qabu hubachuuf yaali. Yihowaan rakkoowwan ciccimoo si mudachaa jiraniif Dubbii isaa keessaa qajeelfama akka argattu gochuudhaan gaaffii “Yihowaan eessa jira” jettee gaafattuuf deebii siif kenna. Akkas kan gootu yoo taʼe, Kitaaba Qulqulluu keessaa “wantoota guguddoo hubatamuu hin dandeenye” hubachuu ni dandeessa!—Er. 33:3.

CAAMSAA 30–WAXABAJJII 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUʼEL 7-8

“Yihowaan Daawitii Wajjin Kakuu Gale”

w10 4/1 20 key. 3

‘Mootummaankee Jabaatee in Jiraata’

Yihowaan fedhii Daawit argisiisetti gammadeera. Daawit nama Waaqayyoo ta’uusaa waan argisiiseefi dhimma kana ilaalchisee raajii dubbatamee wajjin haala walsimuun, Waaqayyo hidda dhalootaa Daawit keessaa mootii barabaraaf bulchu akka kaasu kakuu galeefii ture. Naataan, “Manni kee fi mootummaan kee fuula koo dura bara baraan jabaatee in jiraata, teessoon kees bara baraan jabaatee in dhaabata” jechuudhaan Waaqayyo Daawitiif kakuu galuusaa dubbateera. (Lakkoofsa 16) Dhaaltuun kakuun galameefi barabaraan bulchu kun eenyudha?—Faarfannaa 89:20, 29, 34-36.

w10 4/1 20 key. 4

‘Mootummaankee Jabaatee in Jiraata’

Yesus namni Naazireet hidda dhaloota Daawit keessaa kan dhufedha. Dhaloota Yesus ilaalchisee ergamaan tokko, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedheera. (Luqaas 1:32, 33) Kanaaf, kakuun Waaqayyo Daawwitii wajjin gale Yesus Kiristosirratti raawwatameera. Yesus kan bulchu, ilmaan namootaatiin waan filatameef utuu hin ta’in, barabaraaf akka bulchu Waaqayyo kakuu waan isaaf galeefidha. Yeroo hunda, Waaqayyo abdii kenne kan raawwatu ta’uusaa haa yaadannu.—Isaayaas 55:10, 11.

w14 10/15 10 key. 14

Mootummicharratti Amantii Cimaa Qabaadhaa

14 Kakuu Daawitii wajjin galamerratti, Yihowaan Daawit isa mootii Israaʼel durii taʼeef waadaa akkamii akka gale haa ilaallu. (2 Saamuʼel 7:12, 16 dubbisi.) Yihowaan Daawitii wajjin kakuu kana kan gale yeroo Daawit Yerusaalem keessatti bulchaa turetti siʼa taʼu, Masiihichi karaa sanyiisaa akka dhufu waadaa isaaf gale. (Luq. 1:30-33) Kanaafuu, Yihowaan karaa sanyichi itti dhufu caalaatti ifa kan godhe siʼa taʼu, dhaaltuun Daawit teessoo Mootummaa Masiihichaarra taaʼuuf ‘abbaa mirgaa’ (NW) akka taʼu dubbate. (His. 21:25-27) Mootummaan Daawit karaa Yesusiin “bara baraan jabaatee in dhaabata.” Dhugaadha, sanyiin Daawit “bara baraan in jiraata, teessoon isaas hamma biiftuun . . . jirtutti in tura.” (Far. 89:34-37) Eeyyee, bulchiinsi Masiihichaa yoomiyyuu jalʼina hin raawwatu, akkasumas wanti inni raawwatu barabaraaf kan itti fufudha!

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 206 key. 2

Guyyoota Dhumaa

Raajii Balaʼaam. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii dura Balaʼaam raajichi Baalaaq Mootii Moʼaabiin akkas jedhee ture: “Kottu wanta sabni kun [Israaʼel] gara fuulduraatti [dhuma guyyootaatti] saba kee irratti raawwatu sittan hima. . . . Urjiin tokko Yaaqoob keessaa ni baʼa, uleen mootiis Israaʼel keessaa ni kaʼa. Inni dhugumaan adda Moʼaab, buqqee mataa ilmaan jeequmsaa hundumaas ni caccabsa.” (Lak 24:14-17) Raawwii raajii kanaa isa jalqabaa irratti “urjii” kan jedhame Daawit Mooticha isa Moʼaabota injifate dha. (2Sa 8:2) Kanaafuu haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, raajiin kun yeroo jalqaba raawwatametti ‘dhuma guyyootaa’ inni jedhame kan jalqabe yeroo Daawit mootii taʼetti dha. Daawit, Yesuus isa Masiihii fi Mootii taʼeef gaaddidduu waan taʼeef, raajiin kun yeroo Yesuus diinota isaa injifatutti isa irrattis ni raawwatama.—Isa 9:7; Fr 2:8, 9.

WAXABAJJII 6-12

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUEʼL 9-10

“Daawit Jaalala Amanamaa Argisiiseera”

w06-AM 6/15 14 key. 6

Eeyyee, Gammachuu Argachuu ni Dandeessa

Daawit, “Namni rakkataadhaaf yaadu gammadaa dha” jedhee barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Yihowaan guyyaa rakkinaatti isa ni oolcha. Yihowaan isa eega, lubbuudhaanis isa jiraachisa. Inni gammadaa akka taʼe lafa irratti ni dubbatama” jedheera. (Faarfannaa 41:1, 2) Jaalalli Daawit Mefibosheet ilma michuu isaa Yoonaataan isa baayʼee jaallatu sanaa taʼetti argisiise, warra rakkataniif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu ilaalchisee fakkeenya nuu taʼa.—2 Saamuʼel 9:1-13.

w05-AM 5/15 17 key. 11

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Lammaffaa Saamuʼel

9:1, 6, 7. Daawit waadaa gale eegeera. Nutis waadaa galle eeguuf carraaquu qabna.

w02-AM 2/15 14 key. 10

Qoree Foon Isaanii Waraanu Dandamataniiru

10 Waggoota muraasa booda Daawit Mootichi jaalala guddaa Yoonaataaniif qabuun kakaʼee Mefibosheetitti jaalala amanamaa argisiiseera. Daawit qabeenya Saaʼol hundumaa erga isaaf deebisee booda tajaajilaan Saaʼol Ziibaan lafa isaa akka isaaf qotu isa ramade. Kana malees, Daawit Mefibosheetiin, ‘Ati yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaatta’ isaan jedheera. (2 Saamuʼel 9:6-10) Jaalalli amanamaan Daawit isatti argisiise, Mefibosheetiin jajjabeessee fi rakkina isaatiif hamma tokko furmaata akka argatu isa gargaaree akka ture hin shakkisiisu. Kun fakkeenya gaarii mitii! Nutis namoota qoree foon isaanii waraanuu wajjin qabsaaʼaa jiranitti gaarummaa argisiisuu qabna.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 266

Areeda

Bara duriitti Israaʼeloota dabalatee namoota Bahaa hedduu biratti areedni ulfinaa dhiirootaa akka taʼetti waan ilaalamuuf iddoo guddaan ni kennamaaf ture. Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne, ‘qarqara mataa’ isaanii, rifeensa gurraa fi ija isaanii gidduu jiru, akkasumas qarqara areeda isaanii akka hin haaddanne ni dhorka. (Lew 19:27; 21:5) Seerri kun kan kenname, namoonni waaqolii sobaa waaqeffatan tokko tokko gocha akkasii akka waaqeffannaatti waan raawwataniif taʼuu dandaʼa.

WAXABAJJII 13-19

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUʼEL 11-12

“Fedhiiwwan Dogoggoraa Akka Si Toʼatan hin Heyyamin”

w21.06 17 key. 10

Kiyyoo Seexanaa Keessaa Baʼuu ni Dandeessa!

10 Yihowaan Daawit Mootichi qabeenya, beekamtii fi diinota isaa hedduu irratti injifannoo akka argatu isa gargaareera. Taʼus sassanni wanta Yihowaan isaaf kenne akka irraanfatu isa godheera. Daawit galateeffannaadhaan kakaʼee kennaawwan Waaqayyoo “lakkoofsi isaanii gita” akka hin qabne dubbateera. (Far. 40:5) Haa taʼu malee, Daawit yeroo taʼe tokkotti wanta Yihowaan isaaf kenne irraanfatee ture. Kanaafuu, wanta Yihowaan isaaf kennetti gammaduu mannaa wanta dabalataa barbaade. Daawit haadhotii manaa hedduu utuma qabuu haadha manaa nama biraa hawwe. Dubartiin tun Baat Sheebaa haadha manaa Uuriyaa Heetichaa ti. Daawit ofittummaadhaan kakaʼee Baat Sheebaa wajjin saalquunnamtii raawwate. Ishiinis yeroo booda ni ulfoofte. Daawit Baat Sheebaa wajjin ejja raawwachuun itti xinnaatee Uuriyaan akka ajjeefamuuf haala mijeesse. (2 Sam. 11:2-15) Daawit garuu kan akkas godhe maal taʼee ti? Yihowaan akka isa argu hin beekuu? Daawit amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa ture. Taʼus, sassataa taʼuun isaa rakkina hedduudhaaf isa saaxileera. Kan nama gammachiisu garuu Daawit yeroo booda cubbuu isaa amanee yaada geddarateera. Yihowaan dhiifama isaaf gochuu isaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu.—2 Sam. 12:7-13.

w19.09 17 key. 15

Fedhiidhaan Yihowaadhaaf Bitamaa

15 Yihowaan Daawit maatii isaa irratti qofa utuu hin taʼin guutummaa saba Israaʼel irratti mataa akka taʼu isa muudeera. Daawit mootii waan taʼeef aangoo guddaa qaba ture. Yeroo tokko tokko aangoo isaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudhaan dogoggora cimaa raawwata ture. (2 Sam. 11:14, 15) Taʼus, adaba isaaf kenname fudhachuudhaan Yihowaadhaaf akka bitamu argisiiseera. Yeroo kadhannaa dhiheessetti wanta isatti dhagaʼame Yihowaatti himeera. Akkasumas qajeelfama Yihowaatiif ajajamuuf wanta dandaʼu hunda gochuuf yaaleera. (Far. 51:1-4) Kana malees, gad of qabuudhaan dhiirota irraa qofa utuu hin taʼin dubartoota irraas gorsa gaarii fudhateera. (1 Sam. 19:11, 12; 25:32, 33) Daawit dogoggora isaa irraa kan barate siʼa taʼu, jireenyi isaas Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godheera.

w18.06 17 key. 7

Seerrii fi Qajeelfamni Waaqayyoo Qalbii Keessan Akka Leenjisu Heyyamaa

7 Kan nama gammachiisu garuu, barumsa guddaa argachuuf miidhaa seera Waaqayyoo cabsuun nutti fiduun dhiphachuun nu hin barbaachisu. Dogoggora namoota seenaan isaanii Dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffame irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyi 1:5, “Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata” jedha. Yommuu seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran dubbisnuu fi irratti xiinxallu, Waaqayyo irraa qajeelfama hunda irra caalu arganna. Fakkeenyaaf, dhiphina guddaa Daawit Mootichi seera Yihowaa erga cabsee fi Baat-Sheebaa wajjin erga ejja raawwatee booda isatti dhagaʼamee ture mee yaadaa. (2 Sam. 12:7-14) Seenaa kana yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu akkana jennee of gaafanna taʼa: ‘Gadda guddaa Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwachuun isaa isa irra geessise hambisuu kan dandaʼu akkamiitti? Qorumsi wal fakkaatu yoo na mudate, qorumsicha moʼuuf jabina qabaa? Akka Yoseefin baqadha moo akka Daawitin moʼama?’ (Uma. 39:11-15) Miidhaa cubbuun geessisu irratti xiinxaluudhaan, garaan keenya ‘wanta hamaa akka jibbuuf’ jabeessuu dandeenya.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 590 key. 1

Daawit

Haa taʼu malee, Yihowaan ilaalaa waan tureef, gocha hamaa Daawit raawwate hundumaa saaxileera. Yihowaan dhimma Daawitii fi Baat Sheebaa abbootiin murtii Seera Musee jala jiran akka ilaalan utuu heyyameera taʼee, namoonni balleessaa raawwatan kun lamaanuu ajjeefamuu qabu turan; sababa ejja sanaatiin mucaan garaa keessa jiru sunis haadha wajjin ni ajjeefama ture. (Kes 5:18; 22:22) Haa taʼu malee, Yihowaan dhimmicha ofuma isaa qabuudhaan kakuu Mootummaa Daawitii wajjin galeef jedhee gara laafina isatti argisiiseera (2Sa 7:11-16), Daawit nama gara laafina argisiisu taʼuun isaas kanaaf sababa akka taʼe hin shakkisiisu (1Sa 24:4-7; Yaaqoob 2:13 wajjin wal bira qabii ilaali.) Sababiin kan biraan immoo Waaqayyo namooni balleessaa hojjetan kun yaada akka geddaratan arguu isaa ti. (Fr 51:1-4) Taʼus namoonni kun utuu hin adabamni hin hafne. Yihowaan karaa Naataan raajichaa, “Kunoo, ani manuma kee keessaa rakkina sitti nan fida” jedheera.—2Sa 12:1-12.

WAXABAJJII 20-26

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUʼEL 13-14

“Amnoon Ofittoo Taʼuun Isaa Gadda Cimaa Geessise”

it-1-E 32

Abishaalom

Amnooniin Ajjeese. Bareedinni Taamaar obboleettii Abishaaalom, Amnoon inni karaa abbaa obboleessa ishii taʼe jaalala sinsinnii akka ishiidhaaf qabaatu isa taasise. Amnoon kan dhukkubsate fakkeessuudhaan, Taamaar gara mana isaatti ergamtee nyaata akka isaaf qopheessitu erga godhee booda humnaan ishii gudeede. Achiis jaalalli sobaa Amnoon ishiif qabu tuffiitti jijjiiramee waan ishii jibbeef, daandiitti akka gad ishii baasan godhe. Taamaar uffata ishii isa buburre isa intala durbaa mootichaa taʼuu ishii argisiisu tarsaastee, daaraa mataa ishii irratti firfirsitee, Abishaalomii wajjin wal argite. Innis yeruma sana dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan, gochicha kan raawwate Amanoon akka taʼe shakkii qabu ibise; kunis obboleessi isa duruma iyyuu jaalala sinsinnii akka ishiidhaaf qabu hubachuu isaa argisiisa. Taʼus, Abishaaalom obboleettiin isaa Amnooniin akka hin himanne ishiitti himuudhaan gara mana isaatti ishii fudhate.—2Sa 13:1-20.

w17.09 5 key. 11

Amala Of Toʼachuu Horadhaa

11 Kitaabni Qulqulluun namoota saalqunnamtii wajjin haala wal qabateen of toʼachuu dadhabuudhaan akeekkachiisa taʼan ni ibsa. Kana malees, miidhaa gaddisiisaa amalli toʼannaadhaa ala taʼe kun geessise ni dubbata. Namni haalli Kiimberlii wajjin wal fakkaatu irra gaʼaa jiru kam iyyuu, haala dargaggeessa gowwaa Fakkeenya boqonnaa 7 irratti ibsame irratti xiinxaluun isaa gaarii dha. Akkasumas, wanta Amnoon raawwatee fi miidhaa guddaa gochi isaa kun geessise yaadaa. (2 Sam. 13:1, 2, 10-15, 28-32) Warri waaqeffannaa maatii isaanii irratti seenaawwan Kitaaba Qulqulluu olitti caqasamanitti fayyadamanii, ijoolleen isaanii saala faallaatti michoomuu ilaalchisee of toʼachuu fi ogummaa akka qabaatan isaan gargaaruu dandaʼu.

it-1-E 33 key. 1

Abishaaalom

Waggoonni lama ni darban. Yeroon rifeensa hoolaa itti mummuran ni gaʼe, yeroon kun yeroo afeerraa itti qopheessani dha; Kanaafuu Abishaalom, Baʼaal Hazoor ishii kallattii kaaba dhihaatiin Yerusaalem irraa kiiloo meetira 22 fagaattutti afeerraa qopheessee, ilmaan mootichaa fi Daawitiin afeere. Daawit dhaquu akka hin dandeenye yommuu isatti himu Abishaalom, Amnoon ilmi isaa inni hangafaa bakka Daawit buʼee akka deemu cimsee abbaa isa gaafate. (Fak 10:18) Afeerraa sana irratti “Amnoon daadhii wayinii dhugee yommuu itti hoʼu” Abishaalom tajaajiltoonni isaa akka Amanooniin ajjeesan isaan ajaje. Achiis ilmaan mootichaa warri hafan Yerusaalemitti deebiʼan; Abishaalom garuu baqatee gara akaakayyuu isaa isa lammii Sooriyaa fi mootii Geeshur ishii dhiha Galaana Galiilaatti argamtu taʼee bira dhaqe. (2Sa 13:23-38) “Goraadeen” Naataan raajichi raajiidhaan dubbate amma “mana” Daawit kan seene yeroo taʼu, jireenya isa hafettis itti fufeera.—2Sa 12:10.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

g05-AM 2/8 8-9

Miidhagina Iddoo Guddaa Qabu

Dhimma kana sirriitti hubachuuf, Abishaalom isa ilmaan Daawit keessaa tokko taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Abishaalom bareedina nama hinaafsisu kan qabu taʼu iyyuu nama gatii hin qabne taʼeera. Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa akkana jedha: “Guutummaa Israaʼel keessatti namni miidhagina bifa isaatiin akka Abishaalom baayʼee jajamu hin jiru ture. Faana miila isaatii jalqabee hanga rifeensa mataa isaatti hirʼina tokko illee hin qabu ture.” (2 Saamuʼel 14:25) Haa taʼu malee, hawwiin Abishaalom aangoodhaaf qabu abbaa isaa irratti akka finciluu fi aangoo isaa fudhachuuf akka yaalu isa kakaaseera. Saajjattoota abbaa isaa illee gudeedeera. Kanaan kan kaʼes, Abishaalom Waaqayyo waan isatti dheekkameef duʼa suukaneessaa duʼeera.—2 Saamuʼel 15:10-14; 16:13-22; 17:14; 18:9, 15.

Abishaalomiin ni jaallattaa? Akka isa hin jaallanne beekamaa dha. Walumaa galatti Abishaalom nama jibbisiisaa dha. Bareedinni qaamaa isaa badiisa irraa isa eeguus taʼe, oftuulaa fi gantuu akka hin taane isa gochuu hin dandeenye. Gama biraatiin Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota ogeeyyii fi jaallatamoo bareedinni qaamaa isaanii hin ibsamne hedduu qabateera. Wanti iddoo guddaan kennameef bareedina keessa isaanii akka ture ifa dha.

WAXABAJJII 27–ADOOLESSA 3

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMUʼEL 15-17

“Abishaalom Kooraan kan Kaʼe Fincileera”

it-1-E 860

Dura Fiigduu

Akka aadaa warra bahaa duriitti, dura fiigdonni saragallaa mootii dura fiiguudhaan haala mijeessu, mootichi dhufaa akka jiru beeksisu, akksumas isa ni gargaaru turan. (1Sa 8:11) Abishaalomii fi Adoniyaan kabaja isaanii dabaluuf, fincila isaanii seera qabeessa fakkeessuu fi ulfinni moototaaf kennamu akka isaaniif kennamu gochuuf namoonni 50 saragallaa isaanii dura akka fiigan godhanii turan.—2Sa 15:1; 1Mot 1:5; FIIGDOTA (RUNNERS) isa jedhu ilaali.

w12 7/15 13 key. 5

Waaqa Birmadummaa Namaa Kennu Tajaajilaa

5 Macaafni Qulqulluun namoota warra kaanirratti dhiibbaa gadhee geessisan ilaalchisee fakkeenya hedduu qabateera. Namoota akkasii keessaa tokko Abiishaalom ilma Daawit Mootichaati. Abiishaalom baayʼee bareedaa ture. Haataʼu malee yeroo booda akkuma Seexanaa, teessoo abbaasaa isa isaaf hin malle fudhachuuf garmalee hawwuu jalqabe. Abiishaalom waan isaaniif yaadu fakkeessee, Daawit Mootichi Israaʼelootaaf akka hin yaanne dubbachuudhaan, malaan mootummaa fudhachuuf yaalii godhee ture. Eeyyee, akkuma Diiyaabilos dhaaba Eeden keessatti godhe, Abiishaalom nama namaa yaadu of fakkeessuudhaan abbaasaarratti hammina yaadaa ture.—2 Sam. 15:1-5.

it-1-E 1083-1084

Kebroon

Waggoota muraasa booda Abishaalom ilmi Daawit Kebroonitti deebiʼe; achiis bakka kanatti fonqolcha mootummaa abbaa isaa eegale; taʼus fonqolchi kun yeroo gabaabaa taʼe keessatti fashalaaʼe. (2Sa 15:7-10) Abishaalom yaalii aangoo fudhachuuf godhe magaalaa kanatti kan eegale, Kebroon duraan magaalaa guddoo Yihudaa seenaa qabdu waan turteef, akkasumas bakka dhalootaa isaa waan taateef taʼuu hin oolu. Yeroo booda Rooboʼaam Mootichi inni ilma ilma Daawit taʼe magaalaa kana deebisee ijaareera. (2Se 11:5-10) Yihudaan Baabiloonotaan erga balleeffamtee boodaa, Yihudoonni boojiʼaman yommuu biyya isaanitti deebiʼanitti, Yihudoonni tokko tokko Kebroon (Qiriyaat Arbaa) keessak jiraataniiru.—Nah 11:25.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w18.08 6 key. 11

Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?

11 Waaʼee keenyas dhugaan walakkaa ykn odeeffannoon guutuu hin taane waan odeeffameef jalʼinni haqaa nu irra gaʼee taʼuu dandaʼa. Mee fakkeenyaaf waaʼee Daawit Mootichaa fi Mefii-Bosheet haa ilaallu. Daawit, lafa akaakayyuu isaa Saaʼol hunda isaaf deebisuudhaan, Mefii-Bosheetiitti arjummaa fi gaarummaa argisiiseera. (2 Sam. 9:6, 7) Yeroo booda garuu Daawit waaʼee Mefii-Bosheet gabaasa dogoggoraa dhagaʼe. Wanta dhagaʼe utuu hin qulqulleeffatin, qabeenyi Mefii-Bosheet hundi akka isa irraa fudhatamu murteesse. (2 Sam. 16:1-4) Erga isaa wajjin dubbatee booda, Daawit balleessaa isaa kan amane taʼuu isaa irra iyyuu walakkaan qabeenya Mefii-Bosheet akka isaaf deebiʼu godheera. (2 Sam. 19:24-29) Haa taʼu malee, Daawit odeeffannoo guutuu hin taane irratti hundaaʼee ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuu mannaa, yeroo fudhatee dhugaa jiru beekuuf utuu yaalii godheera taʼee jalʼina haqaa kana hambisuu ni dandaʼa ture.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi