LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr22 Adoolessa ful. 1-10
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walga’ii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walga’ii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • ADOOLESSA 4-10
  • ADOOLESSA 11-17
  • ADOOLESSA 18-24
  • ADOOLESSA 25-31
  • HAGAYYA 1-7
  • HAGAYYA 8-14
  • HAGAYYA 15-21
  • HAGAYYA 22-28
  • HAGAYYA 29–FULBAANA 4
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
mwbr22 Adoolessa ful. 1-10

Barreeffamoota Qorannaa, Walga’ii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

ADOOLESSA 4-10

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMU’EL 18-19

“Baarzilaay—Nama Humna Ofii Beekuu Irratti Fakkeenya Ta’u”

w07-AM 7/15 14 key. 5

Baarzilaay—Nama Humna Isaa Beeku

Daawit gargaarsa Baarzilaay isaaf godheef dinqisiifannaa guddaa akka qabu beekamaa dha. Ta’us Daawit, Baarzilaay isaa wajjin akka deemu kan isa gaafate gargaarsa inni isaaf godheef, wanta jireenyaaf barbaachisu isaaf gochuudhaan oolmaa isaa isaaf deebisuu waan barbaadeef qofa hin fakkaatu. Baarzilaay dureessa waan ta’eef gargaarsi akkasii isa hin barbaachisu. Daawit amalli gaariin maanguddoon kun qabu waan isa hawwateef mana mootummaa keessa isaa wajjin akka jiraatu barbaadee ta’uu hin oolu. Baarzilaay mana mootummaa keessa jiraachuun isaa michuu mootichaa ta’uuf waan isa dandeessisuuf mirga guddaa dha.

w07-AM 7/15 14 key. 7

Baarzilaay—Nama Humna Isaa Beeku

Baarzilaay kana kan godhe waan dulloomee fi rakkina dullumaa wajjin wal qabate tokko tokko waan qabuuf ta’uu danda’a. Baarzilaay lubbuudhaan kan turu yeroo dheeraa akka hin taane itti dhaga’amee ta’uu danda’a. (Faarfannaa 90:10) Daawitiin gargaaruuf wanta isaaf danda’ame hunda godheera; ta’us daangaa umuriin isaa isatti fides hubateera. Baarzilaay ulfinaa fi beekamtii argachuun dhugaa jiru akka hin hubanne akka isa taasisu hin heyyamne. Abishaalom isa aangoo barbaadu irraa haala faallaa ta’een, Baarzilaay humna isaa kan beeku, kan gad of qabuu fi ogeessa akka ta’e argisiiseera.—Fakkeenya 11:2.

w07-AM 7/15 15 key. 1-2

Baarzilaay—Nama Humna Isaa Beeku

Seenaan Baarzilaay madaallii ofii eeggachuun barbaachisaa ta’uu isaa addeessa. Jireenya qananii jiraachuu waan barbaannuu fi itti gaafatamummaa baachuu akka hin dandeenye waan nutti dhaga’amuuf qofa mirga addaa tokko fudhachuu diduu ykn mirga akkasii fudhachuuf carraaquu dhiisuu hin qabnu. Waaqayyo jabinaa fi ogummaa akka nuu kennu yoo isatti amanamne hir’ina keenya nuuf guuta.— Filiphisiyus 4:13; Yaaqoob 4:17; 1 Pheexiros 4:11.

Gama biraatiin immoo humni qabnu xinnoo ta’uu isaa amanannee fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf Kiristiyaanni tokko sochii Kiristiyaanaatiin kan qabame ta’uu danda’a. Kanaafuu itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuun isaa fedhii hafuuraa fi fedhii foonii maatii isaa guutuu dabalatee itti gaafatamummaa kan biroo qabu akka hin baane isa gochuu akka danda’u hubata ta’a. Yeroo akkasiitti mirga isaaf kennamu fudhachuu diduun isaa humna isaa akka beekuu fi sababa qabeessa akka ta’e kan argisiisu mitii?—Filiphisiyus 4:5; 1 Ximotewos 5:8.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w20.04 30 key. 19

‘Dorgommicha Hamma Dhumaatti Fiigaa’

19 Humni keessan kan daangeffame yoo ta’ee fi namoonni karaa sirrii hin taaneen akka isin hubatan yoo isinitti dhaga’ame, fakkeenya Mefii-Bosheet irraa jajjabina argachuu dandeessu. (2 Sam. 4:4) Inni nama humni isaa daangeffamee fi Daawit Mootichi karaa dogoggoraan hubate ture. Mefii-Bosheet wanti kun kan isa irra ga’e dogoggora isaatiin hin turre. Haa ta’u malee, kun ilaalcha sirrii hin taane akka qabaatu isa hin goone; kanaa mannaa, wantoota gaggaarii jireenya isaa keessatti argate dinqisiifateera. Gaarummaa Daawit kanaan dura isatti argisiiseef galateeffateera. (2 Sam. 9:6-10) Kanaafuu, yeroo Daawit karaa dogoggora ta’een isa qabetti, Mefii-Bosheet wanta ta’e hundumaa tilmaama keessa galcheera. Dogoggorri Daawit akka isa mufachiisu hin heyyamne. Wanta Daawit raawwateefis Yihowaa hin komanne. Mefii-Bosheet mootii Yihowaan muude gargaaruuf wanta gochuu danda’u irratti xiyyeeffateera. (2 Sam. 16:1-4; 19:24-30) Yihowaanis fakkeenyi gaariin Mefii-Bosheet kaa’e faayidaa keenyaaf jecha Dubbii Isaa keessatti akka galmeeffamu godheera.—Rom. 15:4.

ADOOLESSA 11-17

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMU’EL 20-21

“Yihowaan Waaqa Haqaa ti”

it-1-E 932 key. 1

Gibe’on

Saa’ol Mootichi isaan balleessuuf kan yaale ta’us Gibe’ononni akka sabaatti jaarraawwan hedduuf jiraachuu isaanii itti fufaniiru. Haa ta’u malee, Gibe’ononni hamma Yihowaan haqa isaaniif raawwatutti obsaan eeganiiru. Yihowaan bara Bulchiinsa Daawititti waggaa sadiif beelli akka ga’u gochuudhaan haqa akka argatan godheera. Daawiti Yihowaa erga gaafatee fi yakki dhiiga dhangalaasuu akka raawwatame erga hubatee booda araara buusuuf wanta godhamuu qabu Gibe’onota gaafate. Gibe’ononni “nuti meetiis ta’e warqii hin barbaannu” jechuudhaan deebii sirrii deebisaniiru; sababiin isaas akka Seerichaatti nama lubbuu balleesse tokkoof furiin hin dhihaatu ture. (Lak 35:30, 31) Kana malees seerri utuu isaaniif hin heyyamin nama tokko ajjeesuu akka hin qabne hubataniiru. Kanaafuu “ilmaan” Saa’ol torba dabarfamanii akka isaaniif kennaman kan gaafatan erga Daawit gaaffii dabalataa isaan gaafatee booda ture. Saa’olii fi maatiin isaa yakka dhiiga dhangalaasuu kanaan itti gaafatamuun isaanii, Saa’ol gochaa ajjeechaa kana irratti dursa fudhatee ta’u akka danda’uu fi ilmaan isaa immoo kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan irratti hirmaatanii ta’uu akka hin oolle argisiisa. (2Sa 21:1-9) Kanaafuu dhimmi kun cubbuu abbootiif ilmaan isaanii ajjeesuu wajjin kan walqabatu miti. (Kes 24:16) Kanaa mannaa seera “bakka lubbuu lubbuu” jedhuu wajjin haala walsimuun haqa raawwachuu wajjin kan walqabate dha.—Kes 19:21.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w13 1/15 31 key. 14

Jaarsoliin Gumii ‘Nu Gammachiisuuf Nu Wajjin Hojjetu’

14 Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argamnu, Seexanniifi bakka buutonnisaa karaa keenyarra gufuu yoo kaa’aniyyuu tajaajila keenya raawwachaa jirra. Nu keessaa tokko tokko rakkoowwan gurguddaan kan nurra ga’an yoo ta’eyyuu, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan rakkinoota kana mo’uu dandeenyeerra. Ta’us qabsoon yeroo hunda dhiibbaa biyya lafaa kanaa wajjin goonu yeroo tokko tokko nu dadhabsiisa, akkasumas abdii nu kutachiisa. Yeroo akkasiitti, rakkinni yeroo kaan mo’uu dandeenyu abdii nu kutachiisuu danda’a. Deggersi jaarsi gumii tokko yeroo akkasiitti nuu godhu, akkuma obboloota hedduu gargaare gammachuufi jabina keenya deebisnee akka argannu nu gargaaruu danda’a. Qajeelchituun umrii waggoota 60mmanii keessatti argamtu tokko akkas jetteetti: “Dhiheenya kana, fayyaa akkan ta’e natti hin dhaga’amu; tajaajillis na nuffisiisuu jalqabee ture. Jaarsi gumii tokko akkan abdii kutadhe hubachuudhaan na haasofsiise. Maree Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi nama jajjabeessu goonee turre. Gorsa inni naa kenne hojiirra oolchuudhaan faayidaa guddaa argadheera.” Itti dabaluudhaanis, “Haala rakkisaa ani keessa jiru hubachuudhaan gargaarsi jaarsi kun naa godhe jaalala guddaa akka qabu kan argisiisudha” jetteetti. Eeyyee, jaarsolii jaalala nuuf qabaniifi akkuma Abiishaayi durii ‘nu gargaaruuf’ qophaa’oo ta’an argachuun kan nama jajjabeessudha.

ADOOLESSA 18-24

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMU’EL 22

“Gargaarsa Yihowaatti Amanami”

cl 22 key. 11

Dhuguma ‘Waaqayyotti Dhihaachuu’ ni Dandeessaa?

11 Waaqayyo “humna-qabeessa” ta’uusaa dubbisuun waan tokkodha. (Isaayaas 40:26) Israa’eloota, akkamitti Galaana Diimaa akka ceesiseefi waggoota 40af lafa onaa keessatti akkamitti akka isaan kunuunse dubbisuunimmoo waan garabiraadha. Galaanichi yommuu gargar hiramu yaadaan ilaaluu dandeessa. Sabni tarii lakkoofsisaa 3,000,000 ta’u bishaan bitaaf mirgaan akka keenyan guddaatti dhaabate gidduu lafa gogaarra yommuu deeman yaadaan ilaali. (Ba’uu 14:21; 15:8) Ragaawwan Waaqayyo lafa onaa keessatti eegumsa akka isaanii godhe argisiisan ilaaluu dandeessa. Kattaa keessaa bishaan isaaniif yaaseera. Nyaata adii lafarratti isaanii roobseera. (Ba’uu 16:31; Lakkoobsa 20:11) Yeroo kanatti Yihowaan humna akka qabu qofa utuu hin ta’in, humnasaa kana sabasaa gargaaruuf akka itti fayyadamus argisiiseera. Kadhannaan keenya, Waaqa humna qabeessa ‘kooluu itti gallu, humna keenya ta’eefi rakkina keessatti gargaaraa keenya ta’e’ bira akka dhaqu beekuun nama hin jajjabeessuu?—Faarfannaa 46:1.

w10-AM 6/1 26 key. 4-6

“Amanamaa Ta’uu Kee ni Argisiista”

Mee yaada Daawit dubbate tokko tokkoon haa ilaallu. Jechi afaan Ibrootaa “amanamaa ta’uu” jedhamee hiikame, “gaarummaa jaalala irratti hundaa’e argisiisuu” jedhamee hiikamuus ni danda’a. Amanamummaa dhugaan jaalala irratti hundaa’a. Yihowaan namoota isaaf amanamoo ta’anitti jaalalaan of maxxansa.

Amanamummaan miira qofa utuu hin ta’in, gochaan kan argisiifamu ta’uu isaa hubadhu. Akkuma Daawit muuxannoo ofii isaa irraa hubate Yihowaan amanamaa ta’uu isaa ni argisiisa. Daawit yeroo jireenya isaa keessatti wanti hundi itti dukkanaa’etti, Yihowaan mootii amanamaa kana gargaareera. Daawit inni wanta isaaf godhame hin irraanfanne, “harka diinota isaa hundumaa jalaa” kan isa oolche Yihowaa akka ta’e hubateera.—2 Saamu’el 22:1.

Maarree yaada Daawit dubbate irraa maal baranna? Yihowaan hin jijjiiramu. (Yaaqoob 1:17) Qajeelfama baaseef amanama dha, akkasumas waadaa gale ni raawwata. Daawit faarfannaa isaa isa kan biraa irratti ‘Yihowaan, Warra isaaf amanamoo ta’an hin gatu’ jedhee barreesseera.—Faarfannaa 37:28.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w12 11/15 17 key. 7

Hundumaarra Kan Xinnaattan Ta’uuf Carraaqaa

7 Fakkeenyi Waaqayyo gad of deebisuudhaan ta’e, Daawit faarfaticharratti dhiibbaa gaarii godheera. “Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, anatti gad dhi’aachuun kees na guddise” jechuudhaan Yihowaadhaaf faarfateera. (2 Sam. 22:36) Daawit Israa’el keessatti iddoo guddaa argachuu kan danda’e, Yihowaan gad of deebisuudhaan xiyyeeffannaa waan isaa kenneef akka ta’e ibseera. (Far. 113:5-7) Nuhoo haalli keenya kanarraa addadhaa? Amala, dandeettiifi mirga qabnu dabalatee wanti Yihowaan ‘nuuf hin kennine’ maalidha? (1 Qor. 4:7) Namni hundumaarra akka xinnaatti of ilaalu Yihowaa biratti bakka guddaa in qabaata; jechuunis “guddaa” in ta’a. (Luq. 9:48) Mee kun akkamitti ta’uu akka danda’u haa ilaallu.

ADOOLESSA 25-31

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 SAAMU’EL 23-24

“Kennaan Dhiheessaa Jirtu Aarsaadhaa?”

it-1-E 146

Arawunaa

Haalli isaa akka argisiisutti Arawunaan iddoo aarsaa, beelada aarsaa ta’uu fi qoraan aarsichaaf barbaachisuuf mi’a loonii tola kennuuf kan gaafate ta’us, Daawit gatii isaaf kaffaluu akka qabu cimsee gaafate. Seenaan Lammaffaa Saamu’el 24:24 irratti argamu akka argisiisutti Daawit oobdii sanaa fi loon sana meetii sheeqelii 50n (Doolaara 110) biteera. Haa ta’u malee gabaasni Tokkoffaa Seenaa Baraa 21:25 irra jiru bakka sanaaf warqii sheeqelii 600 (Doolaara 77,000) akka kaffale dubbata. Barreessaan Lammaffaa Saamu’el kan ibse waa’ee bittaa iddoo aarsaa fi mi’oota aarsichaa wajjin walqabatan qofa dha; kanaafuu gatiin bittaa inni ibse wantoota kanaaf qofa kan kaffalaman ta’uu hin oolu. Gama biraatiin garuu barreessaan Tokkoffaa Seenaa Baraa kan ibse waa’ee mana qulqullummaa yeroo booda iddoo kana irratti ijaaramee waan ta’eef gatiin bittaa as irratti ibsame ijaarsa mana qulqullummaa wajjin kan walqabate dha. (1Se 22:1-6; 2Se 3:1). Kanaafuu iddoon manni qulqullummaa irratti ijaarame baay’ee guddaa waan ta’eef warqiin sheeqelii 600 kan kaffalame iddoo aarsaa xinnoo Daawit ijaareef qofa utuu hin ta’in iddoo bal’aa kanaaf akka ta’e haala isaa irraa hubachuun ni danda’ama.

w12 1/15 18 key. 8

‘Dhugaa Isa Bifa Macaafaatti Qophaa’erraa’ Baradhaa

8 Namni Israa’el tokko galateeffanna Yihowaadhaaf qabu argisiisuuf fedhasaatiin aarsaa ykn isa duratti fudhatama argachuuf qalma gubamu dhiheessuu yoo barbaade, horii sirrii ta’e filachuun akka isa hin rakkisne beekamaadha. Namni waaqeffatu sun waan hundumaarra isaaf caalu Yihowaadhaaf gammachuudhaan kenna. Yeroo har’aa Kiristiyaanonni aarsaa Seerri Musee ajaju dhiheessuu baatanis, yeroo, humnaafi qabeenyasaanii Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuudhaan aarsaa dhiheessu jechuun ni danda’ama. Phaawulos abdii Kiristiyaanaa “maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba’u,” akkasumas “wanta gaarii gochuu, waan qab[nu] warra kaaniin ga’uu,” aarsaa Waaqayyoon gammachiisu akka ta’etti ibseera. (Ibr. 13:15, 16) Ilaalchi sabni Yihowaa sochiiwwan akkasiirratti akka hirmaatan isaan kakaasu, wanta Waaqayyo isaanii kenne hundaaf galateeffannaa guddaa akka qabaniifi akka dinqisiifatan kan argisiisudha. Kanaafuu, namoonni yeroo har’aa tajaajila Kiristiyaanaarratti hirmaataniifi namoonni bara duriitti fedhasaaniitiin aarsaa dhiheessan ilaalchaafi kaka’umsa wal fakkaatu qabu.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 5/15 19 key. 5

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Lammaffaa Saamu’el

23:15-17. Daawit seera Waaqayyo dhiigaa fi lubbuu ilaalchisee baaseef kabaja guddaa waan qabuuf akkuma caqasa kana irratti ibsame wanta seericha akka cabse isa fakkeessuu danda’u yommuu isa mudatetti gocha sana raawwachuu irraa of qusateera. Nutis seera Waaqayyoo hundumaa eeguu ilaalchisee ilaalcha akka isaa horachuu qabna.

HAGAYYA 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 1-2

“Dogoggora Kee Irraa ni Barattaa?”

it-2-E 987 key. 4

Solomoon

Adoniyaa fi deggertoonni isaa sagalee muuziqaa, akkasumas iyya namoonni “Solomoon Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jechuudhaan Giyoonitti dhageessisan yommuu dhaga’an sodaatanii fi burjaaja’anii baqatan. Solomoon akkuma aangoo qabateen haaloo ba’uu dhiisuun isaa bulchiinsi isaa nagaa qabaachuudhaan akka beekamu kan barbaadu ta’u isaa argisiisa. Shirri sun utuu hin fashaloofne ta’ee Solomoon lubbuu isaa dhabuu danda’a ture. Achiis Adoniyaan eegumsa argachuuf mana qulqullummaatti kan baqate yommuu ta’u, Solomoon ajaja kennuudhaan Adoniyaan isa biratti akka dhihaatu godhe. Achiis balleessaa hin raawwatu taanaan akka hin ajjeefamne itti hime; sana booda gara mana isaatti akka galu isa ajaje.—1Mo 1:41-53.

it-1-E 49

Adoniyaa

Haa ta’u malee Daawit erga du’e booda, Adoniyaan Baat Sheebaa bira dhaquudhaan Solomoon duratti dhihaattee, Abishaag ishiin Daawitiin kunuunsaa turte haadha manaa isaa akka taatuuf akka isaaf gaafattu ishiitti hime. Adoniyaan Solomoon deggersa Waaqayyoo akka qabu akka amanu kan dubbate ta’us, “Mootummichi kan koo ta’uuf akka ture, Israa’elonni hundi ani mootii akkan ta’u eegaa akka turan” jechuun isaa mirgi isaa akka jalaa fudhatame akka isatti dhaga’ame argisiisa. (1Mo 2:13-21) Gaaffiin isaa kun mootii utuu hin ta’in hafuu isaatti kiifamuu akka barbaadu kan argisiisu fakkaata ture; ta’us akka seera warra bahaa duriitti haadhotiin manaa fi saajjattoonni mootii tokkoo kan nama itti aanee mootii ta’u sanaa qofa waan ta’aniif, gaaffiin isaa kun Adoniyaan amma iyyuu aangoo qabachuuf fedhii cimaa akka qabu kan argisiisu dha. (2Sa 3:7; 16:21 wajjin wal bira qabii ilaali.) Solomoon gaaffii karaa haadhaa isaa dhihaate kana karaa kanaan waan ilaaleef Adoniyaan akka ajjeefamu ajaje; ajajni kunis yeruma sana Benaayaadhaan raawwatameera.—1Mo 2:22-25.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 7/1 30 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Moototaa

2:37, 41-46. Seera Yihowaa cabsaa adaba irraa nan oola jedhanii yaaduun balaa cimaa qaba! Namoonni ta’e jedhanii ‘daandii qal’oo gara jireenyaatti geessu’ irraa goran rakkina murtoon isaanii kun isaanitti fidu irraa ooluu hin danda’an.—Maatewos 7:14.

HAGAYYA 8-14

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 3-4

“Faayidaa Ogummaan Qabu”

w11 12/15 8 key. 4-6

Fakkeenya Gaariimoo Akeekkachiisa Siif Ta’a?

4 Solomoon akkuma mootii ta’een, Waaqayyo abjuudhaan isatti mul’atee wanta barbaadu akka kadhatu isatti hime. Solomoonis muuxannoo akka hin qabne waan hubateef ogummaa akka isaaf kennu kadhate. (1 Mootota 3:5-9 dubbisi.) Waaqayyo, mootichi qabeenyaafi ulfina kadhachuu mannaa ogummaa gaafachuusaatti waan gammadeef, “ogummaa fi hubannaa,” akkasumas badhaadhummaa isaaf kenneera. (1 Mot. 3:10-14) Akkuma Yesus caqase ogummaan Solomoon baay’ee guddaa waan tureef, mootuun biyya Sheebaa oduu dhageesse ofumasheetiin mirkaneessuuf karaa dheeraa deemtee garasaa dhaqxeetti.—1 Mot. 10:1, 4-9.

5 Nuyi dinqiidhaan ogummaa arganna jennee hin eegnu. Solomoon “Ogummaa Waaqayyotu kenna” kan jedhe ta’us, ‘gurrakee gara ogummaatti qabi, yaadakee gara hubannaatti deebisi’ jechuudhaanis ogummaa kana argachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu barreesseera. Kana malees, jechoota ogummaa argachuuf, “yoo iyyite,” akkasumas “yoo barbaadde” jedhanitti fayyadameera. (Fak. 2:1-6) Kanaaf, ogummaa argachuu akka dandeenyu ifadha.

6 ‘Fakkeenya Solomoon isa ogummaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kennee hubadheeraa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Haalli dinagdee jeeqamuunsaa, namoonni baay’een hojiifi qarshiirratti akka xiyyeeffatan godheera ykn gosa barumsaafi hammam barachuu akka qaban ilaalchisee murtoo godhanirratti dhiibbaa geessiseera. Isiniifi maatiin keessanoo? Murtoon gootan, ogummaa Waaqayyootiif iddoo guddaa akka kennitaniifi akka barbaaddan kan argisiisudhaa? Wanta irratti xiyyeeffattan ykn galma keessanirratti sirreeffama gochuun, ogummaa dabalataa argachuuf isin gargaaraa? Ogummaa argachuufi hojiirra oolchuun keessan faayidaa guddaa akka isiniif argamsiisu beekamaadha. Solomoon, “Yommus ati wanta qajeelaa ta’ee fi firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta ba’eessa ta’e hundumas in hubatta” jedhee barreesseera.—Fak. 2:9.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w98-AM 2/1 11 key. 15

Yihowaan Waaqa Waadaa Gale Eegudha

15 Yihowaan waadaa Abrahaam isa abbaa amantii ta’eef gale irratti hundaa’uudhaan sanyii isaa warra karaa Seerichaa akka sabaatti gurmaa’an eebbiseera. Israa’elonni Dh.K.D. bara 1473​tti geggeessaa Iyyaasuu isa bakka Musee bu’eetiin geggeeffamaa Kana’aanitti galaniiru. Sana booda lafichi gosoota Israa’eliif hihhiramuun isaa waadaan Yihowaan laficha sanyii Abrahaamiif kennuuf gale akka raawwatame argisiisa. Israa’elonni amanamoo ta’anii yommuu jiraatan hundatti Yihowaanis diinoota isaanii irratti injifannoo akka isaaniif kennu waadaa gale ni eega ture. Keessumaa bara bulchiinsa Daawititti kana godheera. Bara bulchiinsa ilma Daawit Solomoonitti immoo waadaan inni Abrahaamiif gale inni sadaffaan raawwii isaa argateera. “Namoonni Yihudaa fi namoonni Israa’el akka cirracha qarqara galaanaa baay’atu turan; isaan nyaachaa, dhugaa fi gammadaa turan.”—1 Mootota 4:20.

HAGAYYA 15-21

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 5-6

“Jaalala Yihowaaf Qabaniin Kaka’anii Ijaaraniiru”

w11-AM 2/1 15

Kana Beektaa?

Gaattiraan Libaanon jabina, bareedinaa fi urgaa isaatiin beekama ture, kana malees rirmaan salphaatti hin nyaatamu. Kanaaf Solomoon mana qulqullummaa muka filatamaa ta’een ijaaruu barbaadee ture. Mukeetiin Gaattiraa bara duriitti gaarreen Libaanon uwwisanii turan amma baay’ee xiqqaataniiru.

it-1-E 424

Gaattiraa

Muka Gaattiraa bal’inaan itti fayyadamuuf hojjettoonni kumaan lakkaa’aman ni barbaachisu turan; hojjetoonni kun mukicha ni muru, qarqara galaana Meditiraaniyaa irra gara Xiiroos ykn Sidoonitti geessu, achittis walitti hidhanii galaanaa irra deemuudhaan gara qarqara galaanaatti gadi buusu turan, iddoon kun Yoophee ta’uu hin oolu. Sana booda lafarra harkisanii Yerusaalemitti geessu. Hojiin kun walii galtee Solomoonii fi Hiiraam gidduutti godhameen raawwatame. (1Mo 5:6-18; 2Se 2:3-10) Sana boodas mukti sun baay’inaan dhufuu isaa waan itti fufeef Solomoon bara bulchiinsa isaatti ‘mukti gaattiraa akkuma muka harbuu baay’inaan akka argamu godhe’ jedhameera.—1Mo 10:27; Isa 9:9, 10 wajjin wal bira qabii ilaali.

it-2-E 1077 key. 1

Mana Qulqullummaa

Solomoon hojicha gurmeessuuf Israa’el keessaa dhiirota 30,000 filate; achiis namoonni 10,000 dabareedhaan ji’a tokkoof Libaanon akka dhaqan, sana booda immoo hamma dabareen isaanii ga’utti ji’a lamaaf mana isaanii akka turan godhe. (1Mo 5:13, 14) Ba’aa akka baataniif “namoota biyya ormaa” biyyicha jiraatan keessaa 70,000 filate; akkasumas namoota dhagaa muran 80,000 filate. (1Mo 5:15; 9:20, 21; 2Se 2:2) Hojicha akka to’ataniif immoo namoota 550 kan muude yoo ta’u, tarii 3,300 immoo gargaartota akka ta’an godhee ta’uu hin oolu. (1Mo 5:16; 9:22, 23) Namoota kana keessaa 250 Israa’eloota, 3,600 immoo “namoota biyya ormaa” ta’uu hin oolan.—2Se 2:17, 18.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

g-AM 5/12 17, saanduqa

Kitaaba Qulqulluu—Kitaaba Raajii Dhugaa Qabate, Kutaa 1

SIRRIITTI YEROO KAN EEGU

Seenaan 1 Mootota 6:1 irra jiruu fi Solomoon Mootichi Yerusaalemitti ijaarsa mana qulqulluummaa akka eegale ibsu, wantoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman yeroo isaaniif murtaa’etti sirriitti akka raawwataman argisiisa. Caqasichi akkas jedha: “Israa’elonni biyya Gibxiitii ba’anii waggaa 480​ffaa isaatti [waggaa 479 guutuu ta’e jechuu dha], Solomoon Israa’el irratti mootii ta’ee waggaa arfaffaa isaatti, ji’a Ziifitti (jechuunis ji’a lammaffaatti) Solomoon mana Yihowaa ijaaruu jalqabe.”

Akka lakkoofsa baraa Kitaaba Qulqulluutti waggaa arfaffaan bulchiinsa Solomoon Dh.K.D. bara 1034 ta’a. Waggaa kanaa kaasnee gara boodaatti waggaa 479 yommuu lakkoofnu, yeroo Israa’elonni Gibxiidhaa ba’an, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 irra geenya.

HAGAYYA 22-28

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 7

“Wanta Utubaawwan Lamaan Irraa Barannu”

w13-AM 12/1 13 key. 3

‘Gaarota Ishii Keessaa Sibiila Diimaa Baafatta’

Solomoon Mootichi manni qulqullummaa Yerusaalem yeroo ijaarametti sibiila diimaa hedduu fayyadameera. Sibiilli diimaan kun baay’een isaa kan argame yeroo abbaan isaa Daawit Sooriyaa wajjin wal loletti boojuudhaan ture. (1 Seenaa Baraa 18:6-8) ‘Galaanni’ sibiila diimaa baqfame irraa hojjetamee fi luboonni dhiqachuuf itti fayyadaman liitira 66,000 qabachuu fi kiilogiraama 30,000 kan ulfaatu ta’uu hin oolu. (1 Mootota 7:23-26, 44-46) Akkasumas utubaawwan guguddaan balbala mana qulqullummaa dura dhaabaman jiru turan. Utubaawwan kun meetira 8 kan dheeratan yoo ta’u, mataa isaanii irratti gubbee gara meetira 2.2 dheeratu qabu turan. Utubaawwan kun keessi isaanii banaa si’a ta’u, furdinni isaanii seentii meetira 7.5 diyaameetirri isaanii immoo meetira 1.7 turan. (1 Mootota 7:15, 16; 2 Seenaa 4:17) Wantoota kana hojjechuuf qofa sibiilli diimaan hangamii akka barbaachise yaaduun ulfaataa dha.

it-1-E 348

Bo’aaz, II

Utubaan sibiila diimaa guddaan inni kallattii kaabaatiin barandaa mana qulqullummaa Solomoon dura dhaabate Bo’aaz kan jedhamu yoo ta’u, tarii hiikni isaa “Jabinaan” jechuu ta’uu danda’a. Inni kallattii kibbaatiin jiru immoo Yaakiin jedhama, hiikni isaa “Yihowaan jabeessee haa dhaabu” jechuu dha. Kanaafuu, yaada lamaan kana walitti dabaluudhaan gara bahaatti garagallee mirgaa gara bitaatti yeroo dubbisnu, ‘Yihowaan mana qulqullummaa jabinaan cimsee haa dhaabu’ yaada jedhu arganna.—1Mo 7:15-21; GUBBEE (CAPITAL) isa jedhu ilaali.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 263

Dhiqachuu

Yihowaan namoonni isa waaqeffatan qulqullina qaamaa isaanii akka eeggatan isaan irraa barbaada. Kunis qophii godoo qulqullummaaf godhame irratti, booda immoo tajaajila mana qulqullummaa irratti mul’ateera. Yeroo sirni lubummaa hundeeffametti Aaron inni Luba Ol Aanaa ta’ee fi ilmaan isaa uffata lubummaa uffachuu isaanii dura qaama isaanii dhiqatanii turan. (Bau 29:4-9; 40:12-15; Lew 8:6, 7) Luboonni harka isaanii fi miilla isaanii dhiqachuuf bishaan mi’a sibiila diimaa mooraa godoo qulqullummaa keessa jirutti fayyadamu turan, yeroo booda mana qulqullummaa Solomoon keessaatti immoo bishaan mi’a guddaa sibiilaa baqfame irraa hojjetame keessa jiru fayyadamu turan. (Bau 30:18-21; 40:30-32; 2Se 4:2-6.) Guyyaa Araaraatti lubni ol aanaan si’a lama qaama isaa dhiqata ture. (Lew 16:4, 23, 24) Namoonni reettii Azaazeeliif dhihaate geessan, namoonni wantoota beelada aarsaa ta’e irraa hafan gatanii fi namoonni sa’a diimtuu buufatichaa alatti geessan gara buufataatti deebi’uu isaanii dura qaama isaanii dhiqachuu fi uffata isaanii miiccachuu qabu turan.—Lew 16:26-28; Lak 19:2-10.

HAGAYYA 29–FULBAANA 4

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 8

“Kadhannaa Solomoon Gad of Qabuudhaan Garaadhaa Uummata Duratti Dhiheesse”

w09 11/15 9 key. 9-10

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuudhaan Kadhannaakee Fooyyeffadhu

9 Kadhannaan akka dhaga’amu barbaadamnaan, garaadhaa kan dhihaate ta’uu qaba. Akkuma 1 Mootota boqonnaa 8​rratti galmeeffamee argamu, Solomoon Dh.K.D. bara 1026​tti manni qulqullummaa Yihowaa yommuu eebbifame, saba baay’ee Yerusaalemitti walitti qabame duratti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessee ture. Saanduqni kakuu Iddoo Hunda Caalaa Qulqullaa’aatti yommuu geeffameefi duumessi Yihowaa mana qulqullummaa sana keessa yommuu guutu, Solomoon Waaqayyoon jajeera.

10 Kadhannaa Solomoon dhiheesse hubannaadhaan yommuu qo’attu waa’ee garaa, irra deddeebi’ee akka caqase qalbeeffachuu dandeessa. Solomoon garaa namootaa qoruu kan danda’u Yihowaa qofa ta’uusa ifatti amaneera. (1 Mot. 8:38, 39) Kadhannaadhuma kanarratti namni cubbuu raawwate, ‘garaasaafi yaadasaa guutuudhaan gara Waaqayyootti yoo deebi’e’ Yihowaan akka isa simatu ibsameera. Diinni saba Waaqayyoo booji’ee yoo isaan fudhateefi garaan saba kanaa Waaqayyo duratti yoo tokko ta’e kadhannaansaanii ni dhaga’ama. (1 Mot. 8:48, 58, 61) Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti kadhannaankee garaadhaa kan dhihaate ta’uu qaba.

w99-AM 1/15 17 key. 7-8

Harka Amanamaa ol Kaasaatii Kadhadhaa

7 Namoota durattis ta’e dhuunfaatti yommuu kadhannu, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu kadhannaan keenya akka gad of qabnu kan argisiisu ta’uu akka qabu ibsu yaadatti qabachuu qabna. (2 Seenaa Baraa 7:13, 14) Solomoon Mootichi kadhannaa yeroo manni qulqullummaa Yihowaa Yerusaalemitti ijaarame murteeffametti dhiheesse irratti, akka gad of qabu argisiiseera. Solomoon gamoowwan dinqisiisoo lafa irratti ijaaraman keessaa isa tokko ijaaree ture. Ta’us gad of qabuudhaan akkas jedhee kadhateera: “Waaqni dhuguma lafa irra ni jiraataa? Kunoo, samiin, eeyyee samiin samiiwwanii si baachuu hin danda’an; manni ani ijaare kun immoo hammam haa xinnaatu ree!”—1 Mootota 8:27.

8 Yeroo warra kaan bakka buunee kadhannaa dhiheessinu akkuma Solomoon gad of qabuu qabna. Fakkeessaa akka jirru karaa argisiisuun kadhachuu baannus, sagaleen keenya akka gad of qabnu argisiisuu qaba. Kadhannaan gad of qabuudhaan dhihaatu, jechoota adda ta’aniin ykn arbeeffamaniin kan dhihaatu miti. Kadhannaan akkasii xiyyeeffannaa namootaa gara nama dhiheessu sanaatti utuu hin ta’in, gara qaama kadhannaan isaaf dhihaatu sanaatti harkisa. (Maatewos 6:5) Kana malees, gad of qabuun yaada kadhannaa keenya irratti dhiheessinu irratti ni mul’ata. Kan gad of qabnu yoo ta’e, Waaqayyo wantoota tokko tokko karaa nuti barbaannuun akka nuuf raawwatu gaafachaa akka jirru karaa argisiisuun hin kadhannu. Kanaa mannaa, Yihowaan fedha isaa wajjin karaa wal simuun tarkaanfii akka fudhatu kadhanna. Faarfatichi, “Yaa Yihowaa, si kadhanna, maaloo nu oolchi! Yaa Yihowaa, maaloo injifannoo nuuf kenni!” jedhee yommuu kadhatu ilaalcha sirrii ta’e argisiiseera.—Faarfannaa 118:25; Luqaas 18:9-14.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 1060 key. 4

Samii

Solomoon inni Yerusaalemitti mana qulqullummaa ijaare, “samiin, eeyyee samiin samiiwwanii” Waaqayyoon baachuu akka hin dandeenye dubbateera. (1Mo 8:27) Yihowaan Uumaa samiiwwanii waan ta’eef, iddoon jireenyaa isaa hunda isaanii ni caala, akkasumas “Maqaan isaa qofti matumaa kan bira hin ga’amne waan ta’eef . . . Ulfinni isaa lafaa fi samiidhaa oli.” (Fr 148:13) Akkuma namni tokko taakkuudhaan wanta tokko safaru, Yihowaanis salphaatti samiiwwan warra ijaan mul’atan ni safara. (Isa 40:12) Solomoon yommuu akkas jedhu Waaqayyo iddoo jireenyaa murtaa’e hin qabu jechuu isaa miti. Yookiin inni bakka hundattii fi waan hundumaa keessatti ni argama jechuu isaa miti. Kanas yaada Solomoon, “samii isa bakka jireenyaa kee ta’e keessaa,” jechuunis samii addunyaa hafuuraa keessaa dhaga’i jechuudhaan dubbate irraa hubachuun ni danda’ama.—1Mo 8:30, 39.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi