LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 17
  • Yesuus Nama Akkamiiti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Nama Akkamiiti?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Yesuus Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • ‘Ilmi Abbaa Mulʼisuu Barbaada’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yesuus Yeroo Lafa Irra Turetti Maal Raawwate?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 17
Barumsa 17. Yesuus harka isaa diriirsee nama dhukkubsate tokko dinqiidhaan yommuu fayyisu.

BARUMSA 17

Yesuus Nama Akkamiiti?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Waaʼee wantoota Yesuus yeroo lafa irra turetti dubbatee fi raawwate yommuu barannu, amaloota isattii fi Yihowaa isa Abbaa isaa taʼetti caalaatti akka dhihaannu nu taasisan hubanna. Amaloota nama hawwatan kanneen keessaa tokko tokko kam faʼi? Jireenya keenya keessatti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

1. Yesuus Abbaa isaa kan fakkaatu karaawwan kamiini?

Yesuus samii irra yeroo turetti waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif wanta Abbaan isaa inni jaalala qabeessa taʼe raawwachaa ture ilaalaa fi isa irraa barachaa tureera. Kanaan kan kaʼes, ilaalchi, miirrii fi gochi isaa kan Abbaa isaa wajjin wal fakkaata. (Yohaannis 5:19 dubbisi.) Yesuus amaloota Abbaa isaa guutummaatti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedheera. (Yohaannis 14:9) Waaʼee amaloota Yesuus barachaa yommuu deemtu, caalaatti Yihowaa beekaa deemta. Fakkeenyaaf, gara laafinni Yesuus namootatti argisiise Yihowaan hangam akka siif yaadu argisiisa.

2. Yesuus Yihowaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

Yesuus, “Ani Abbaa akkan jaalladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan na ajajettan hojjedha” jedheera. (Yohaannis 14:31) Yesuus yeroo lafa irra turetti, yeroo ulfaataa taʼutti illee Abbaa isaatiif ajajamuudhaan baayʼee akka isa jaallatu argisiiseera. Kana malees, Yesuus waaʼee abbaa isaa dubbachuunii fi namoonni Abbaa isaa wajjin michummaa akka qabaatan gargaaruun isa gammachiisa ture.—Yohaannis 14:23.

3. Yesuus namoota akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun, Yesuus, ‘keessumaa ilmaan namootaa akka jaallatu’ ibsa. (Fakkeenya 8:31) Jaalala isaa kanas namoota jajjabeessuu fi karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen isaan gargaaruudhaan argisiiseera. Dinqiiwwan humna isaa qofa utuu hin taʼin gara laafina isaa argisiisan raawwateera. (Maarqos 1:40-42) Namoota hundumaatti gaarummaa argisiiseera; akkasumas eenyuuf iyyuu hin loogne. Dubbiin isaa namoota garaa qajeeloo isa dhaggeeffachaa turan hundaaf jajjabinaa fi abdii kenneera. Guutummaa ilmaan namootaatiif jaalala waan qabuuf, isaaniif jedhee dhiphachuu fi duʼuuf fedhii qaba ture. Keessumaa immoo namoota barumsawwan isaa hordofan ni jaallata.—Yohaannis 15:13, 14 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Waaʼee amaloota Yesuus caalaatti baradhu. Akkasumas akkuma isaa jaalalaa fi arjummaa argisiisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubadhu.

4. Yesuus Abbaa isaa ni jaallata

Fakkeenyi Yesuus jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. Luqaas 6:12 fi Yohaannis 15:10; 17:26 dubbisaa. Caqasa hunda erga dubbistanii booda gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Yesuus kadhachaa jira.

Yesuus Abbaa isaa isa samii ni jaallata, yeroo baayʼees isatti kadhannaa ni dhiheessa ture

5. Yesuus namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf ni yaada

Yesuus fedhii ofii isaa caalaa fedhii namoota kaaniitiif dursa kenna. Yeroo dadhabee turetti illee yeroo fi humna isaa namoota gargaaruuf itti fayyadameera. Maarqos 6:30-44 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Seenaa kana keessatti karaawwan Yesuus namootaaf akka yaadu argisiise kam faʼi?—Lakkoofsa 31, 34, 41 fi 42 ilaali.

  • Yesuus namoota akka gargaaru kan isa kakaase maali dha?—Lakkoofsa 34 ilaali.

  • Yesuus haala kanaan amaloota Yihowaa calaqqisiisuun isaa, waaʼee Yihowaa maal si barsiisa?

  • Namootaaf yaaduu ilaalchisee fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

Yesuus daabboo shanii fi qurxummii xixinnoo lama dinqiidhaan baayʼisee namoota kumaan lakkaaʼaman nyaachiseera. Barattoonni isaas dhiirota, dubartootaa fi ijoolleedhaaf hiraniiru.

6. Yesuus arjaa dha

Yesuus qabeenya hedduu qabaachuu baatus arjaa ture; nutis arjoota akka taanu nu jajjabeesseera. Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Akka Yesuus dubbatetti gammadoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: “Kennuutu Caalaatti Nama Gammachiisa”—Gabaabfamee kan Fudhatame (4:00)

  • Qabeenya hedduu qabaachuu baannus, karaawwan kennuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi?

Kana beektaa?

Kitaabni Qulqulluun maqaa Yesuusiin Yihowaa akka kadhannu nu barsiisa. (Yohaannis 16:23, 24 dubbisi.) Haala kanaan kadhachuun keenya, wanta Yesuus michoota Yihowaa akka taanu nu gargaaruuf raawwateef akka galateeffannu argisiisa.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namoonni kan rakkatan Waaqayyo waan isaan qoraa jiruufi.”

  • Yesuus amala Abbaa isaa waan calaqqisiisuuf, gochi isaa Yihowaan akka rakkannu kan hin goone taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?

MAAL BARATTE?

Yesuus Yihowaa ni jaallata, namootas ni jaallata. Yesuus Abbaa isaa waan fakkaatuuf waaʼee isaa caalaatti beekaa yommuu deemtu, waaʼee Yihowaas caalaatti beekaa deemta.

Irra Deebii

  • Akkuma Yesuus jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Akkuma Yesuus jaalala namootaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Amaloota Yesuus keessaa isa kamtu caalaatti si hawwata?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Amaloota Yesuus qabuu fi argisiisuu dandeenyu tokko tokko ilaali.

“Fakkeenya Yesuus Hordofuuf Amalawwan Armaan Gadii Argisiisi” (Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya, fuula 317)

Gaʼee guddaa Yesuus kadhannaa irratti qabu qoradhu.

“Maqaa Yesusiin Kan Kadhannu Maaliifi?” (Masaraa Eegumsaa, Eblaa-Waxabajjii 2008)

Kitaabni Qulqulluun bifa Yesuus ilaalchisee wanta ibsu qabaa?

“Yesuus Maal Fakkaata Ture?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Ilaalcha Yesuus dubartootaaf qabu irraa maal baranna?

“Waaqayyo Dubartoonni Kabaja Akka Argatan Barbaada” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi