LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr22 Fulbaana ful. 1-14
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FULBAANA 5-11
  • FULBAANA 12-18
  • FULBAANA 19-25
  • FULBAANA 26–ONKOLOOLESSA 2
  • ONKOLOOLESSA 3-9
  • ONKOLOOLESSA 10-16
  • ONKOLOOLESSA 17-23
  • ONKOLOOLESSA 24-30
  • ONKOLOOLESSA 31–SADAASA 6
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2022
mwbr22 Fulbaana ful. 1-14

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

FULBAANA 5-11

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 9-10

“Ogummaa Isaatiif Yihowaa Jajadhaa”

w99-AM 7/1 30 key. 6

Daawwannaa Eebba Guddaa Argamsiise

Mootuun kun yommuu Solomoonii wajjin wal argitu “gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin” isa qoruu jalqabde. (1 Mootota 10:1) Jechi Afaan Ibrootaa iddoo kanatti gale “hibboo” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Kana jechuun garuu mootuun kun qoosaawwan faayidaa hin qabneen mooticha qortetti jechuu miti. Faarfannaa 49:4 irratti gaaffiiwwan barbaachisoo cubbuu, duʼaa fi furii ilaallatan ibsuuf jechi Afaan Ibrootaa kun faayidaa irra ooluun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisuu dha. Kanaafuu mootuun Sheebaa gadi fageenya ogummaa isaa qoruuf dhimmoota ciccimoo taʼan irratti Solomoonii wajjin kan mariʼatte fakkaata. Kitaabni Qulqulluun mootuun kun “waan garaa ishii hunda isatti himte” jechuudhaan dubbata. Solomoonis, “gaaffiiwwan ishii hunda ni deebiseef. Wanti mootichi ishiidhaaf ibsuun isa rakkise tokko illee hin turre.”—1 Mootota 10:2b, 3.

w99-AM 11/1 20 key. 6

Arjummaa Guddaa

Mootuun kun wanta dhageessee fi argiteen dinqisiifamtee gad of qabuudhaan, “Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!” jetteetti. (1 Mootota 10:4-8) Tajaajiltoonni Solomoon qabeenyaan marfamanii kan jiran taʼus, gammadoo kan isaaniin jette haala akkasii keessa waan jiraniif hin turre. Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Solomoon ogummaa Waaqayyo isaaf kenne yeroo hundumaa dhagaʼuu waan dandaʼaniif eebbifamaniiru. Mootuun Sheebaa saba Yihowaa yeroo harʼaatti ogummaa Uumaa isaanii fi Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin gammadaniif fakkeenya guddaa taati!

w99-AM 7/1 30-31

Daawwannaa Eebba Guddaa Argamsiise

Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoonii fi badhaadhina mootummaa isaatiin baayʼee dinqisiifamuu ishiitiin kan kaʼe “wanta jettu wallaalte.” (1 Mootota 10:4, 5) Namoonni tokko tokko gaalee kana “hafuurri ishii keessatti hin hafne” jechuu akka taʼetti fudhatu. Kana malees hayyuun tokko of wallaaltee kuftee taʼuu akka dandaʼu dubbateera! Sanas taʼe kana mootuun kun wanta argitee fi wanta dhageesseen baayʼee dinqisiifamteetti. Tajaajiltoonni Solomoon ogummaa mootichaa dhagaʼuu waan dandaʼaniif gammadoo akka taʼan dubbatteetti, akkasumas Solomooniin mootii godhe waan muudeef Yihowaa jajatteetti. Achiis mootuun kun kennaawwan gatii guddaa qaban isaaf kennite, warqiin ishiin isaaf kennite qofti gatii yeroo harʼaatiin yommuu shallagamu Doolaara Ameerikaa 40,000,000 taʼa. Solomoonis “wanta mootuun Sheebaa barbaaddee fi isa gaafatte akkamii iyyuu ishiidhaaf ni kenne.”—1 Mootota 10:6-13.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w08-AM 11/1 22 key. 4-6

Kana Beektuu?

Solomoon Mootichi warqii hammamii qaba ture?

Kitaabni Qulqulluun Hiiraam mootiin Xiiros Solomooniif warqii kiilogiraama 4,000 akka erge, mootuun Sheebaas hammasuma akka ergitee fi dooniiwwan daldalaa Solomoon Ofiirii irraa warqii kiilogiraama 15,000 akka isaaf fidan dubbata. Akkasumas ‘warqiin waggaa waggaadhaan Solomooniif dhufu ulfaatinni isaa taalaantii 666 (kiilogiraama 25 ol) akka taʼe’ dubbata. (1 Mootota 9:14, 28; 10:10, 14) Yaadni kun dhugaa dhaa? Bara sanatti warqiin mootonni walitti qaban hammam baayʼachuu dandaʼa ture?

Barreeffamni bara durii hayyoonni dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffatan tokko, mootiin Gibxii Tutumos Sadaffaan (Dh.K.D. jaarraa 16​ffaatti) mana qulqullummaa Amuun-Raa isa Kaarnaak keessatti argamuuf warqii gara kiilogiraama 13,500 taʼu kennaa godhee akka dhiheesse dubbata. Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa 8​ffaatti mootiin Asoor Tiglaat Pileseer Sadaffaan mootii Xiiroos irraa gibira warqii kiilogiraama 4,000 taʼuu fudhateera; Saargon Lammaffaan warqii hammasuma gaʼu waaqolii Baabilonotaatiif kennaa godhee dhiheesseera. Mootiin Maqedooniyaa Filiiph Lammaffaan (Dh.K.D. 359-336) Tirees keessa naannoo Paangeyam bakkaa albuuda itti baasan keessaa waggaa waggaadhaan warqii kiilogiraama 28,000 ol baasaa akka ture gabaafameera.

Ilmi Filiiph Aleeksaandar Guddichi (Dh.K.D. 336-323) Susaa ishii magaalaa Faarsotaa taate yeroo toʼatetti, Susaa keessaa warqii kiilogiraama 1,000,000 ol taʼu, guutummaa bulchiinsa Faarsi keessaa immoo warqii kiilogiraama 7,000,000​tti siqu akka fudhate dubbatama. Kanaafuu gabaasawwan kanaa wajjin yommuu wal bira qabnu wanti Kitaabni Qulqulluun baayʼina warqii Solomoon ilaalchisee dubbatu kan arbeeffame akka hin taane hubanna.

FULBAANA 12-18

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 11-12

“Hiriyaa Gaaʼelaa Ogummaadhaan Filadhaa”

w18.07 18 key. 7

“Yihowaa Cinaa kan Dhaabbatu Eenyu?”

7 Fakkeenya Solomoon Mooticha irraa wanta hedduu barachuu dandeenya. Solomoon dargaggummaa isaatti Yihowaan qajeelfama akka isaaf kennu barbaadee ture. Waaqayyos ogummaa guddaa fi Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe akka ijaaruu itti gaafatamummaa isaaf kennee ture. Solomoon garuu michummaa Yihowaa wajjin qabu dhabee ture. (1 Mot. 3:12; 11:1, 2) Seerri Waaqayyoo kallattiidhaan mootii Ibrootaa tokko yommuu ajaju, “yaadni isaa karaa irraa akka hin jalʼannetti, dubartoota hin baayʼifatin” jedha. (Kes. 17:17) Solomoon ajaja kana cabsuudhaan, suutuma suuta haadhotii manaa 700 fuudheera. Dabalataanis saajjatoota 300 gara mana isaatti fideera. (1 Mot. 11:3) Haadhotii manaa isaa keessa hedduun isaanii Israaʼeloota hin turre; akkasumas waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Kana malees, Solomoon seera Waaqayyo dubartoota ormaa akka hin fuune kenne cabseera.—Kes. 7:3, 4.

w19.01 15 key. 6

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

6 Seexanni akkuma isaa akka taanu, jechuunis finciluudhaan ulaagaa Yihowaa akka cabsinuu fi ofittummaadhaan akka geggeeffamnu barbaada. Seexanni akka isaatti akka yaadnuu fi akka hojjennu nu dirqisiisuu hin dandaʼu. Kanaafuu karaawwan kan biraatiin kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf yaalii godha. Fakkeenyaaf, namoota isaan faalamaniin akka marfamnu godha. (1 Yoh. 5:19) Hiriyummaan gadheen akkaataa itti yaadnuu fi waa hojjennu akka ‘mancaasu’ kan beeknu taʼus, isaanii wajjin yeroo dabarsuuf filachuu akka dandeenyu ni abdata. (1 Qor. 15:33) Malli kun Solomoon Mooticha irratti hojjeteera. Inni dubartoota Yihowaa hin waaqeffanne hedduu kan fuudhe siʼa taʼu, isaanis dhiibbaa guddaa isa irraan geessisuudhaan ‘suutuma suuta garaa isaa’ Yihowaa ‘irraa jalʼisaniiru.’—1 Mot. 11:3, NW.

w18.07 19 key. 9

“Yihowaa Cinaa kan Dhaabbatu Eenyu?”

9 Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora raawwatame matumaa cal jedhee irra hin darbu. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Solomoon sababii Waaqayyo . . . isa siʼa lama isatti mulʼatee ture irraa yaada isaa deebiseef, Waaqayyo isatti in dheekkame. Inni waaqayyolii kan biraa duukaa akka hin buuneef, Waaqayyo isa abboomee ture; inni garuu wanta Waaqayyo isa abboome hin eegne.” Kanaan kan kaʼes, fudhatama Waaqayyo duratti qabuu fi deggersa isaa dhabeera. Sana booda sanyiiwwan Solomoon guutummaa saba Israaʼel hin bulchine; waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniifis rakkinni cimaan hedduun isaan mudateera.—1 Mot. 11:9-13.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w18.06 14 key. 1-4

Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuu Dandaʼa Ture

Jeequmsa kaʼee ture dhaabsisuuf Rehobiyaam loltoota isaa walitti qabate. Taʼus, Yihowaan gidduu seenuudhaan karaa Shemaaʼiyaa akkana jedhe: “Wanti taʼe kun fedhuma kootiin waan raawwatameef, isin Israaʼeloota obboloota keessan loluudhaaf ol hin baʼinaa! Hundumti keessan gara mana mana keessaniitti deebiʼaa!”—1 Mot. 12:21-24.

Lola kaasuu illee hin qabu jechuu dhaa? Kun Rehobiyaamiin hammam akka isa dhiphise tilmaamuu dandeessu! Mootiin saba isaa “qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun” adabuuf doorsisee ture kun, booda garuu fincila sabaaf harka kenne ilaalchisee namootatti maaltu dhagaʼama? (2 Seenaa 13:7 waliin ilaali.) Kanas taʼe sana, mootichii fi loltoonni isaa, “sagalee Waaqayyoof abboomamanii akkuma dubbii isaatti deebiʼanii gara mana mana isaaniitti in galan.”

Kana irraa barumsa maalii arganna? Kan nutti qoosamu taʼu illee, Waaqayyoof ajajamuun ogummaa dha. Waaqayyoof ajajamuun, isa duratti fudhatamaa fi eebba argamsiisa.—Kes. 28:2.

Dhumni Rehobiyaam maal taʼe ree? Karoora saba haaraa hundeeffame sana loluuf qabu akka dhiisu isatti himameef ajajamuudhaan, naannoowwan gosoota Yihudaa fi Beniyaamin bulchaa jirutti mandaroota ijaaruu irratti xiyyeeffate. Mandaroonni hedduun akka “baayʼee” jabaatan godheera. (2 Sen. 11:5-12) Hunda caalaa garuu, yeroo muraasaaf seerawwan Yihowaa hordofeera. Mootummaan Israaʼel gosoota kurnanii Yerobiʼaam bulchu waaqolii tolfamoo yommuu waaqeffatanitti, namoonni achi jiran hedduun waaqeffanna dhugaa cinaa dhaabachuuf gara Yerusaalem dhaqanii ‘Rehobiyaam akka jabaatu godhaniiru.’ (2 Sen. 11:16, 17) Kanaaf, Rehobiyaam ajajamuun isaa mootummaan isaa akka jabaatu godheera.

FULBAANA 19-25

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOTOOTA 13-14

“Wanta Qabnutti Gammaduu fi Gad Of Qabuu kan Qabnu Maaliifi?”

w08 8/15 8 key. 4

Garaa Tokkichaan Amanamoo Taʼaa

4 Sana booda Yerobiʼaam nama Waaqayyoo sanaan, “Ana duukaa galiitii waa nyaadhu, anis kennaa siif nan kenna” jedheen. (1 Mot. 13:7) Yeroo kanatti raajichi maal godha laata? Yakkamaa taʼuusaa erga itti himee booda, afeerrii mootichi isaa dhiheesse fudhachuu qabaa? (Far. 119:113) Moo, mootichi kan gaabbe fakkaatus afeerrii kana diduu qaba ture? Yerobiʼaam sooressa waan taʼeef, michootasaatiif kennaa gati jabeessa kennuu danda’a ture. Raajiin Waaqayyoo sun, qabeenyaaf hawwii dhokataa taʼe utuu qabaatee, afeerriin mootichaa qorumsa guddaa isatti taʼuu danda’a ture. Haata’u malee, Yihowaan, raajichi ‘wanta tokkollee akka hin nyaanne, wanta tokkollees akka hin dhugne, karaa irra dhuferras deebiʼee akka hin galle’ isa ajajee ture. Kanaafuu raajichi, “Walakkaa qabeenya keetii utuma anaaf kennitee iyyuu ani si duukaa hin dhaqu, addanattis buddeena hin nyaadhu, bishaanis hin dhugu” jechuudhaan deebii asiifi achi hin jenne isaa deebise. Sana booda raajichi karaa biraatiin Bet’elii deeme. (1 Mot. 13:8-10) Garaa guutuudhaan amanamoo taʼuu ilaalchisee, murtoo raajiin kun godherraa barumsa akkamii arganna?—Rom. 15:4.

w08 8/15 11 key. 15

Garaa Tokkichaan Amanamoo Taʼaa

15 Dogoggora raajichi Yihudaadhaa dhufe raawwaterraa barumsa kan biraa akkamii arganna? Fakkeenyi 3:5, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. Raajiin Yihudaadhaa dhufe kun akkuma sanaan duraa Yihowaatti amanamuu mannaa, ilaalcha ofiisaatti hirkateera. Dogoggorrisaa, lubbuusaafi maqaa gaarii Waaqayyo biratti qabu isa dhabsiiseera. Muuxannoonsaa kun, gad of deebisuufi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluun baayʼee barbaachisaa akka taʼe kan argisiisu mitii?

w08 8/15 9 key. 10

Garaa Tokkichaan Amanamoo Taʼaa

10 Raajiin Yihudaadhaa dhufe sun, haxxummaa raajii dulloome sanaa hubachuu qaba ture. ‘Yihowaan ergaa haaraa anatti himuuf jecha ergamaasaa nama biraatti kan erge maaliifi?’ jedhee of gaafachuu danda’a ture. Raajiin kun, Yihowaan qajeelfamasaa ifa akka isaa godhu gaafachuu danda’a ture; Caaffanni Qulqullaaʼoon garuu akkas gochuusaa hin dubbatan. Raajiin kun, “[namicha dulloome sanaa] wajjin deebiʼee, mana isaatii buddeena nyaatee, bishaanis in dhuge.” Yihowaan gochasaa kanatti hin gammanne. Raajiin gowwoomfame kun dhumarratti gara Yihudaatti ennaa deebiʼu, leenci karaarratti argatee isa ajjeese. Dhumni raajii kanaa kan nama gaddisiisu mitii?—1 Mot. 13:19-25.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w10 10/1 9 key. 5

Waaqayyo Waan Gaarii Garaa Namootaa Keessa Jiru Ilaala

Hunda caalaa garuu yaanni 1 Mootota 14:13​rra jiru, waaʼee Yihowaafi wanta inni garaa keenya keessaa ilaalu waan nu barsiisu qaba. Wanti gaariin Abiiyaa “irraa” argamuusaa yaadadhu. Yihowaan wanti gaarii xinnoon hamma argamutti garaasaa qoraa kan ture fakkaata. Abiiyaan haala maatiisaa wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu, akkuma hayyuun tokko ibsanitti, dhagaa gati jabeessa tokkicha “tuullaa dhagaa keessa” jiru ture. Yihowaan, nama maatii hamaa taʼe kana keessaa baʼetti ooʼa guddaa itti argisiisuudhaan, gaarummaasaa kanaaf bakka guddaa kenneera; akkasumas isa kiiseera.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

g-AM 1/10 8-9, saanduqoota

Jireenya Salphaa fi Madaallii Isaa Eeggate Jiraachuu

HOJII MANAA ALATTI HOJJETAMU UUMUU DANDEESSAA?

Namni tokko yommuu hojii dhabutti yaadawwan armaan gadii biyyoota tokko tokkotti hojii irra ooluu dandaʼu:

● Mana eeguu (yommuu namoonni hojiidhaaf ykn boqonnaadhaaf iddoo biraa deemanitti nama mana isaanii isaaniif eegu ni barbaadu)

● Qulqulleessuu: suuqiiwwan; biiroowwan; manneen jireenyaa erga ijaaramanii xumuramanii booda, balaa ibiddaa booda, yeroo namoonni mana gadhiisan; hojii mana keessaa (mana namoota biraa keessatti); foddaawwan (kan waajjiraa fi kan mana jireenyaa)

● Hojii suphaa: biskileetii suphuu; miʼoota garaa garaa suphuu (Kitaabota wanta tokko akkamitti salphaatti suphuun akka dandaʼamu ibsan Mana Kitaabaatii argachuun ni dandaʼama)

● Ogummaa harkaa: hojii boombaa, hojii elektiriikii, madardaraa miʼootaa hojjechuu, hojii balbalaa, hojii barandaa, halluu dibuu, dallaa ijaaruu, baaxii ijaaruu

● Hojii qonnaa: biqiltoota dhaabuu, muduraa funaanuu, hojii haamaa

● Hojii mana bareechuu fi biqiltoota kunuunsuu: waajjiroota keessatti, baankiilee keessatti, bakka keessummoonni itti turan keessatti, gamoowwan gabaa guguddaa keessatti

● Gamoo qulqulleessuu fi wantoota gamoo sana keessatti raawwataman tokko tokko hordofuu (yeroo tokko tokko namni hojii kana hojjetu kaffaltii malee achuma jiraachuu ni dandaʼa)

● Afataa fi walalii mukaa galchuu fi qulqulleessuu

● Gaazexaa naannessuu (ijoolleenis taʼan namni guddaan hojjechuu dandaʼa) miʼa namaaf geessuu, beeksisa tamsaasuu fi nagahee kaffaltii geessuu

● Miʼa iddoo tokkoo iddoo biraatti geessuu, bakka miʼa itti kaaʼan kireessuu

● Mooraa bareechuu, biqiltoota bareechanii muruu, marga haamuu, qoraan falaxuu

● Atoobisii mana barumsaa oofuu, ijoollee mana barumsaatti deddeebisuu

● Suuraa kaasuu (namoota dhuunfaas taʼe qophiiwwan guguddaa irratti)

● Nyaata qurxummii qabdoonni qurxummii qabuuf itti fayyadaman gurguruu

● Maallaqa malee ogummaadhaan wal gargaaruu: namoonni dandeettii konkolaataa suphuu qaban, hojii elektirikii hojjatan, uffata hodhanii fi hojii boombaa hojjatan maallaqa utuu hin kaffalin ogummaa isaaniitiin wal gargaaruu

Odeeffannoo dabalataa argachuuf Dammaqaa! Bitootessa 8, 1996, (Ingiliffa) fuula 3-11 ilaali.

HOJIIWWAN MANA KEESSATTI HOJJECHUUN DANDAʼAMU

Naannoo keetti wanti caalaatti barbaachisu maal akka taʼe adda baafachuuf yaali. Ollaawwan kee gaafadhu. Hojiiwwan haaraa kalaqi.

● Daaʼimman eeguu fi kunuunsuu

● Kuduraawwanii fi abaaboowwan mana keessatti guddisanii gurguruu; cuunfaa muduraawwan garaa garaa gurguruu

● Uffata hodhuu fi suphuu

● Miʼawwan garaa garaa qopheessanii oomishtootaaf dhiheessuu

● Daabboo tolchuu fi nyaata qopheessuu

● Afata siree hojjechuu, xilfii hojjechuu, uffata harkaan dhahuu, zanbiilii hojjechuu, suphee dhahuu, faayyaalee manaa adda addaa hojjechuu

● Soofaa fi barcuma haaressuu

● Galmee herregaa qabachuu, kompiitaraan barreessuu, mana keessatti tajaajila kompiitaraa kennuu

● Bilbila maamiltootaa keessummeessuu

● Rifeensa dhahuu fi sirreessuu

● Mana kireessuu

● Namoota hojii beeksisaa hojjetaniif poostaa irratti teessoo barreessanii saamsanii erguu

● Konkolaataa dhiquu (maamilichi konkolaataa isaa mana kee fida)

● Saree fi adurree dhiquu fi mooraa ala fuudhanii deemuu

● Furtuu suphuu fi bocuu (mana keessatti hojjechuun ni dandaʼama)

Yaadachiisa: Hojiiwwan oliitti caqasnee hedduu isaanii ilaalchisee bakka gabaatti ykn gabateewwan beeksisaa irratti tolaan ykn kaffaltii xinnoodhaan beeksisa maxxansuun ni dandaʼama.

FULBAANA 26–ONKOLOOLESSA 2

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 15-16

“Aasaan Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhateera—Ati Hoo?”

w12 8/15 8 key. 4

“Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu”

Israaʼel bulchiinsa mootummaa lamatti erga hihhiramtee booda waggoottan 20 ittaananitti, Yihudaan waaqeffannaa waaqayyolii tolfamootiin guutummaatti mancaatee turte. Dh.K.D. bara 977 yeroo Aasaan mootii taʼetti, manni mootummaallee waaqeffannaa waaqayyolii hormaataa Kanaʼaaniin xuraaʼee ture. Taʼus Macaafni Qulqulluun bulchiinsa bara Aasaa ilaalchisee, “Wanta Waaqayyo gooftaa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe in hojjete” jechuudhaan ibsa. Aasaan “iddoo aarsaa isa kan waaqayyolii ormaa fi iddoowwan sagadaa warra ol kaʼoo in diigsise, utuboota dhagaa qulqullaaʼootti ilaalaman in caccabse, mukkeetii qiqqirixamanii waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabamanis in jijjigse.” (2 Sen. 14:2, 3) Aasaan “dhiirota galma keessatti ejjaaf qophaaʼanii” fi maqaa amantiitiin warra saala wal fakkaatu qabanii wajjin saalqunnamtii raawwatan bulchiinsa mootummaa Yihudaa keessaa ni balleesse. Aasaan kana malees wanta godhe qaba. Sabichi “Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii yaadaan akka barbaaddatan,” ‘seeraafi abboommii’ Waaqayyoo akka eeganis isaan gorseera.—1 Mot. 15:12, 13; 2 Sen. 14:4.

w17.03 19 key. 7

Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!

7 Tokkoon tokkoon keenya guutummaatti Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya beekuuf of qoruu qabna. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaa gammachiisuuf, waaqeffannaa dhugaa deggeruu fi saba isaa dhiibbaa gadhee irraa eeguuf murteesseeraa?’ Aasaan Maʼakaa ishii biyyattii keessatti “haadha mootii” turte aangoo ishii irraa buusuuf ija jabinni hammamii isa barbaachisee akka ture yaadi! Tarii nama wantuma ishiin raawwatte godhu hin beektu taʼa; taʼus atis akkuma Aasaa hinaaffaa akka qabdu argisiisuu dandeessa. Fakkeenyaaf, miseensi maatii kee ykn michuun kee tokko cubbuu hojjetee qalbii jijjiirrachuu waan dideef yoo gumiidhaa baafame maal goota? Nama sanaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu dhiisuudhaan tarkaanfii ni fudhattaa? Garaan kee maal gochuuf si kakaasa?

it-1-E 184-185

Aasaa

Aasaan yeroo tokko tokko hirʼina ogummaa fi hubannaa hafuuraa akka qabu kan isa irratti mulʼate taʼus, amalawwan gaggaarii qabaachuun isaa fi gantummaa irraa fagaachuun isaa balleessaa isaa irra caalee akka argame ifa dha; kanaan kan kaʼes mootota amanamoo Yihuudaa keessaa tokko akka taʼeetti ilaalameera. (2Se 15:17) Bara bulchiinsa Aasaa waggaa 41 ture keessatti Israaʼel keessatti mootonni saddeet bulchaniiru: Isaanis Yeroboʼaam, Naadaab, Baʼaashaa, Eelaa, Zimrii, Omrii, Tiibnii (Omrii mormuudhaan kutaa Israaʼel tokko kan bulche dha) fi Ahaab dha. (1Mo 15:9, 25, 33; 16:8, 15, 16, 21, 23, 29) Yommuu Aasaan duʼetti ilmi isaa Yoshaafaax mootii taʼe.—1Mo 15:24.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w98-AM 9/15 21-22

Waaqayyo Siif Dhugoomeeraa?

Fakkeenyaaf, raajii waaʼee adaba Yerikoo deebisanii ijaaruun geessisuu fi waaʼee raawwii isaa dubbatu dubbisi. Iyyaasuun 6:26 akkana jedha: “Yeroo sanatti Iyyaasuun kakaa kana ni labse: ‘Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru Yihowaa duratti abaaramaa haa taʼu. Yeroo inni buʼuura magaalattii kaaʼutti ilmi isaa inni angafaa ni duʼa; yeroo inni balbaloota ishii dhaabutti immoo ilmi isaa inni quxisuun ni duʼa.’” Raajiin kun waggaa 500 booda raawwii isaa argateera; 1 Mootonni 16:34 akkana jedha: “Bara Ahaabitti Hiʼeel Beeteltichi Yerikoo deebisee ni ijaare. Akkuma dubbii Yihowaan karaa Iyyaasuu ilma Nuun dubbatetti, yeroo inni buʼuura magaalattii kaaʼetti ilmi isaa inni angafaa Abiraam ni duʼe; yeroo inni balbaloota ishii dhaabetti immoo ilmi isaa inni quxisuun Seguub ni duʼe.” Raajii akkasii dubbachuu fi raawwii isaa arguu kan dandaʼu Waaqa dhugumaan jiru qofa dha.

ONKOLOOLESSA 3-9

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 17-18

“Hamma Yoomiitti Yaada Lamaan Okkoltu?”

w17.03 14 key. 6

Amantii Qabaachuudhaan Murtoo Ogummaa Irratti Hundaaʼe Godhaa!

6 Israaʼeloonni durii Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, Yihowaa waaqeffachuu ykn waaqa (waaqayyolii) kan biraa waaqeffachuu ilaalchisee filannoo barbaachisaa taʼe tokko gochuu qabu turan. (Iyaasuu 24:15 dubbisi.) Kun murtoo salphaa fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, murtoon isaanii kun dhimma duʼaa fi jireenyaa ture. Israaʼeloonni bara abbootii firdiitti turan, irra deddeebiʼuudhaan filannoo ogummaa irratti hin hundoofne godhaniiru. Yihowaa irraa garagalanii waaqolii sobaa waaqeffataniiru. (Abo. 2:3, 11-23) Akkasumas yeroo sabni Waaqayyoo murtoo gochuuf itti dirqame kan biraanis jira. Eliyaas raajichi filannoo qaban ifatti dubbatee ture: Yihowaa tajaajiluu ykn waaqa sobaa kan taʼe Baʼaaliin tajaajiluu. (1 Mot. 18:21) Eliyaas kutannoo qabaachuu dhiisuu isaaniitiin kan kaʼe sabicha ceephaʼee ture. Yihowaa tajaajiluun yeroo hundumaa faayidaa kan qabuu fi gaarii waan taʼeef, filannoon kun salphaa akka taʼe isinitti dhagaʼama taʼa. Kana malees, namni ogeessa taʼe waaqa tolfamaa lubbuu hin qabne waaqeffachuu hin barbaadu. Taʼus, Israaʼeloonni ‘yaadni isaanii walaallammii taʼee’ ture. Kanaaf Eliyaas, ogummaa irratti hundaaʼee waaqeffannaa hunda caalu, jechuunis waaqeffannaa Yihowaa akka filatan isaan jajjabeesse.

ia 102 key. 15

Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera

15 Luboonni Baʼaalis caalaatti aaranii, “sagalee guddaadhaan iyyanii, akkuma amala isaanii dhiigni isaanii hamma lolaʼutti billaadhaa fi eeboodhaan of in murmuran.” Taʼus faayidaa tokkollee hin arganne. Seenaansaa, “Sagaleen kan biraa hin turre, kan isaaniif deebii kenne hin argamne, namni yaadaan isaan qabes hin turre” jedha. (1 Mot. 18:28, 29) Waaqni Baʼaal jedhamu hin jiru. Baʼaal wanta Seexanni namoota Yihowaarraa fageessuuf uume qofadha. Dhugumayyuu, Yihowaadhaan alatti gooftaa akkamiiyyuu filachuun abdii kutachuufi qaaniitti nama geessa.—Faarfannaa 25:3; 115:4-8 dubbisi.

ia 104 key. 18

Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera

18 Eliyaas kadhannaa dhiheessuusaa dura, namoonni achitti walitti qabaman sun ‘Yihowaanis akkuma Baʼaal deebii kennuu hin dandaʼuu laata?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Kadhannaa sana booda garuu akkas jedhanii yaaduuf yeroo hin arganne. Seenaansaa, “Yommus ibiddi waaqa irraa buʼee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse” jedha. (1 Mot. 18:38) Dhugumayyuu deebii ajaaʼibsiisaa ture! Sana booda namoonni sun maal jedhan?

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w08 7/1 27, saanduqa

Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera

Ongeen Bara Eliyaas Yeroo Hammamiitiif Ture?

Eliyaas raajichi, ongeen yeroo dheeraadhaaf ture yeroo dhihootti akka dhaabatu Ahaab Mootichatti himee ture. Kun kan taʼe, guyyaa Eliyaas ongeen akka dhufu itti dubbatee kaasee “waggaa sadaffaatti” akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (1 Mootota 18:1) Eliyaas bokkaan akka roobu erga dubbatee baayʼee utuu hin turin, Yihowaan bokkaa roobse. Namoonni tokko tokko, ongeen kun waggaa sadaffaasaatti waan dhaabateef, waggaa sadi hin guunne jedhanii yaadu taʼa. Haata’u malee, Yesusiifi Yaaqoob ongeen sun “waggaa sadii fi jiʼa jaʼa” akka ture dubbataniiru. (Luqaas 4:25; Yaaqoob 5:17) Yaanni kun wal faallessaa?

Matumaa wal hin faallessu. Israaʼel durii keessatti bonni hamma jiʼa jaʼaa ni dheerata ture. Eliyaas waa’ee ongee Ahaabitti himuu kan dhufe, yommuu bonni cimaafi yeroo dheeraadhaaf ture jalqabettidha. Kanaafuu, ongeen sun yeroo ni jalqaba jedhamerra jiʼa jaʼa dursee jalqabe. Eliyaas, ongeen akka jalqabu erga dubbatee booda “waggaa sadaffaatti” akka dhaabatu dubbate. Akka kanaan, yeroo Eliyaas kana dubbatetti, ongeen sun walumatti gara waggaa sadiifi jiʼa jaʼaa tureera. Yeroo namoonni hundi Waaqni dhugaan eenyu akka taʼe arguuf Gaara Qarmelosirratti wal gaʼan, ‘waggaan sadiifi jiini jaʼaan sun’ darbee ture.

Yeroo Eliyaas jalqaba waa’ee ongee Ahaabitti hime wanta taʼe ilaali. Sabichi, Baʼaal inni “duumessa gulufu,” waaqa bokkaa fidee ongee balleessudha jedhanii amanu turan. Yeroon ongee garmalee yoo dheerate, ‘Baʼaal eessa jira? Bokkaa kan fidu yoomi?’ jedhanii yaaduunsaanii hin oolu. Eliyaas, hamma inni bokkaan ni dhufa jedhutti bokkaanis taʼe fixeensi akka hin jiraanne dubbachuunsaa, waaqeffattoota Baʼaal baayʼee naasisee taʼuu qaba.—1 Mootota 17:1.

ONKOLOOLESSA 10-16

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 19-20

“Jajjabina Argachuuf Gara Yihowaa Ilaalaa”

w19.06 15 key. 5

Yeroo Dhiphinni Isin Irra Gaʼu Yihowaatti Amanamaa

5 Tokkoffaa Mootota 19:1-4 dubbisi. Haa taʼu malee, Eliyaas yeroo Iizaabel Mootittiin akka isa ajjeestu isa doorsistetti ni sodaate. Kanaafuu, gara naannoo Bersheebaatti baqate. Yeroo kanatti baayʼee waan abdii kutateef, ‘yaa Waaqayyo na ajjeesi jedhee kadhate.’ Akkas akka isatti dhagaʼamu kan godhe maali dha? Eliyaas cubbuu kan dhaalee fi “namuma miira akka keenyaa qabu ture.” (Yaq. 5:17) Tarii dhiphinnii fi dadhabbiin qaamaa cimaan waan isatti dhagaʼameef taʼuu dandaʼa. Eliyaas carraaqqiin inni Israaʼel keessatti waaqeffannaa dhugaa cimsuuf godhe gatii akka dhabe, wanti fooyyaʼe tokko illee akka hin jirree fi Yihowaa tajaajilaa kan jiru isa qofa akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. (1 Mot. 18:3, 4, 13; 19:10, 14) Raajii amanamaan kun akkas isatti dhagaʼamuun isaa nu dinqisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan miira Eliyaas isaaf hubateera.

ia 118 key. 13

Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera

13 Yihowaan raajiinsaa inni jaallatamaan muka lafa onaa keessa jiru tokko jala taaʼee duʼuuf yommuu kadhatu arguusaatti maaltu kan isatti dhagaʼame sitti fakkaata? Deebii kanaa tilmaamuun nu hin barbaachisu. Eliyaas erga hirribni isa fudhatee booda, Yihowaan ergamaasaa tokko garasaatti erge. Ergamichi suuta jedhee tuttuqee Eliyaasiin dammaqsuudhaan, “Kaʼiitii nyaadhu” jedheen. Eliyaas bixxillee hoʼaafi bishaan ergamaan kun gaarummaadhaan isaaf kenne nyaatee dhugeera. Eliyaas ergamaa kana galateeffateeraa? Seenaansaa raajichi nyaatee dhugee deebiʼee akka rafe qofa ibsa. Kana kan godhe baayʼee dallanee waan tureefidhaa laata? Sanas taʼe kana ergamichi tarii ganama barii lammata isa dammaqse. Ammas “Kaʼiitii nyaadhu” jechuudhaan Eliyaasitti dubbate; itti dabaluudhaanis, ‘Karaa fagoo adeemta’ jedheen.—1 Mot. 19:5-7.

ia 120 key. 21

Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera

21 Seenaansaa, yeroo kana hundatti Yihowaan humnoota uumamaa dinqisiisaa taʼan kana keessa akka hin turre ibsa. Eliyaas Yihowaan waaqa uumamaa akka Baʼaal isa waaqeffattoonnisaa ‘duumessa gulufa’ ykn bokkaa roobsa jedhanii amanuudhaan gowwoomfamanii akka hin taane beeka. Yihowaan humna gurguddaa uumamaa keessa jiru hunda kan uume taʼus, wantoota uume hundarra baayʼee caala. Samiin inni mulʼatullee isa baachuu hin dandaʼu. (1 Mot. 8:27) Kun hundi Eliyaasiin kan gargaare akkamitti? Fakkeenyaaf, Eliyaas sodaatee akka ture yaadadhu. Haataʼu malee, Waaqni akka Yihowaa, inni humna guddaa qabu utuu isa cina jiruu, Eliyaas Ahaabiifi Iizaabeliin sababii itti sodaatuuf qabaa?—Faarfannaa 118:6 dubbisi.

ia 122 key. 22

Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera

22 Ibiddichi erga darbee booda, gabii guddaan kan taʼe siʼa taʼu, Eliyaas ‘sagalee hasaasu’ dhagaʼe. Sagalichi Eliyaas wanta isa yaaddesse akka dubbatu yeroo lammataatiif kan isa gaafate siʼa taʼu, innis dubbateera. Kana gochuunsaa boqonnaa dabalataa isaaf argamsiisee taʼuu dandaʼa. Yaanni ‘sagaleen hasaasu’ sun ittaansuudhaan dubbate Eliyaas caalaatti akka tasgabbaaʼu godhee taʼuu hin oolu. Yihowaan, Eliyaasiif bakka guddaa akka kennu isaaf mirkaneesse. Akkamitti? Waaqayyo waraana waaqeffannaa Baʼaal Israaʼel keessa jirurratti geggeeffamu ilaalchisee kaayyoo qabu balʼinaan isaaf ibse. Waaqayyo waaqeffannaa Baʼaalirratti tarkaanfii waan fudhatuuf hojiin Eliyaas gatii dhabee akka hin hafne ifadha. Kana malees, Yihowaan kaayyoosaa wajjin haala wal qabateen hojicha akka hojjetu qajeelfama tokko tokko isaaf kennuudhaan deebisee waan isa ergeef, Eliyaas kaayyoo Waaqayyoo kana keessatti iddoo guddaa qaba.—1 Mot. 19:12-17.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w97-AM 11/1 31 key. 1

Fakkeenya Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu fi Amanamummaa

Haaluma wal fakkaatuun tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼa jiran hedduun fedhii ofii isaanii aarsaa gochaa jiru. Obboloonni tokko tokko bakka fagoo taʼe deemanii tajaajiluuf ykn miseensota maatii Betʼel taʼanii tajaajiluuf “maasii” isaanii, jechuunis wanta ittiin jiraatan dhiisaniiru. Kaan immoo piroojektii ijaarsaa jaarmiyichi raawwatu irratti hirmaachuuf jecha biyyaa kan biraa deemaniiru. Hedduun immoo hojii akka gad aanaatti ilaalamuu dandaʼu hojjechuuf fedhii qabaataniiru. Haa taʼu malee, hojiin tajaajilaan Yihowaa raawwatu matuma hin tuffatamu. Yihowaan namoota fedhiidhaan isa tajaajilan hundumaa ni dinqisiifata; akkasumas fedhii ofii isaanii aarsaa waan godhaniif isaan ni eebbisa.—Maarqos 10:29, 30.

ONKOLOOLESSA 17-23

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 MOOTOTA 21-22

“Akkaataa Yihowaan Aangoo Isaa Itti Fayyadamu Hordofaa”

it-2-E 21

Raayyaa Yihowaa

Iyyaasuun naannoo Yerikootti yommuu maleekaa tokkoo wajjin wal argeetti ‘ati Israaʼelota deggerta moo diinota keenya deggerta’ jedhee maleekaa sana gaafate; innis akkana jedhee deebiseef: “Lakki, ani bulchaa raayyaa Yihowaa taʼeen dhufe.” (Iya 5:13-15) Yommuu Mikaayaa raajichi waaʼee ilmaan hafuuraa Yihowaa Ahaab Mootichaa fi Yoshaafaax Mootichaatti dubbatu, “Ani, Yihowaan teessoo isaa irra taaʼee, guutummaan raayyaa samiis karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii nan arge” jedheera. (1Mo 22:19-21) Yihowaan “raayyaawwan” maleekotaa qaba; raayyaawwan maleekotaa kunneen kiruubelota, suraafelootaa fi maleekota jedhamanii qoqqoodamuu isaanii qofa utuu hin taʼin, (Isa 6:2; Uma 3:24; Mul 5:11; 19:14) gareewwan gurmaaʼina qabaniin kan qoqqoodaman akka taʼan hubanna; fakkeenyaaf Yesuus Kiristoos “leegewoonii maleekotaa 12 ol” akka isaaf ergamu gaafachuu akka dandaʼu dubbateera. (Mat 26:53) Hisqiʼel gargaarsaaf yommuu gara Yihowaa kadhatu “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, . . . isa kiruubelotaa olitti teessoo irra teessu” jedheera; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti akkas kan jedhe Taabota kakuu fi fakkiiwwan kiruubelotaa isa taaboticha irra jiranii fi teessoo Yihowaa samii irratti argamu bakka buʼu argisiisuufi. (Isa 37:16; 1Sa 4:4 wajjin wal bira qabii ilaali; 2Sa 6:2.) Tajaajilaan Eelsaaʼi inni sodaan itti dhagaʼamee ture gaarota magaalaa Eelsaaʼi itti jiraatuu fi ishii weeraramtee jirtu irratti maleekonni Yihowaa ‘fardeenii fi gaariiwwan fardaa ibiddaatiin’ marsanii akka jiran yommuu arguu baayʼee jajjabaateera.—2Mo 6:15-17.

w21.02 4 key. 9

“Mataan Dhiira Hundumaa Kiristoosi Dha”

9 Gad of qabuu. Yihowaan hundumaa caalaa ogeessa dha. Taʼus yaada tajaajiltoota isaa ni dhaggeeffata. (Uma. 18:23, 24, 32) Warri aangoo isaa jala jiran yaada akka kennan isaan afeeree ture. (1 Mot. 22:19-22) Yihowaan gonka qabeessa taʼus, nuti yeroo ammaatti gonka qabeeyyii akka taanu nu irraa hin eegu. Kanaa mannaa, ilmaan namootaa mudaa qabanii fi isa tajaajilan milkaaʼina akka argatan isaan gargaara. (Far. 113:6, 7) Siruma iyyuu Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “gargaaraa” akka taʼe ibsa. (Far. 27:9; Ibr. 13:6) Daawit Mootichi hojii guddaa isaaf kenname raawwachuu kan dandaʼe Yihowaan kan gad of qabu waan taʼeef akka taʼe ibseera.—2 Sam. 22:36.

it-2-E 245

Soba

Yihowaan namoonni misiraachoo waaʼee Yesuus Kiristoos ibsu amanuu mannaa ‘soba amanuuf’ filatan, ‘gowwoomsaa nama dogoggorsuun’ akka dogoggoran heyyameera. (2Ta 2:9-12) Dhugaa buʼuuraa kana jaarraawwan hedduu dura yeroo Ahaab mootii Israaʼel turetti wanta raawwatameen ibsuun ni dandaʼama. Mikaayaa inni raajii Yihowaa ture waraana Raamoot-Giilʼaad wajjin godhamu irratti badiisni akka isatti dhufu himaa yeroo turetti, raajonni sobduun garuu Ahaab akka injifatu dubbachaa turan. Mulʼata Mikaayaan arge irratti Yihowaan uumamni hafuuraa tokko afaan raajota Ahaab keessatti “hafuura sobaa” akka taʼu heyyamee ture. Kana jechuun uumamni hafuuraa kun wanta dhugaa taʼe utuu hin taʼin, wanta isaan dubbachuu barbaadanii fi wanta Ahaab isaan irraa dhagaʼuu barbaadu akka dubbatan gochuudhaan humna isaa isaan irratti fayyadameera jechuu dha. Ahaab akeekkachiisni kan isaaf kenname taʼus soba isaaniitiin gowwoomfameera, kunis lubbuu isaa isa dhabsiiseera.—1Mo 22:1-38; 2Se 18.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w21.10 3 key. 4-6

Garaadhaa Yaada Geddarachuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

4 Dhuma irratti Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf murteesse. Murtii isaan irratti dabarse akka isaanitti himuufis Eeliyaasiin gara Ahaabii fi Iizaabelitti erge. Eeliyaasis maatiin isaanii guutummaatti haxaaʼamee akka balleeffamu isaanitti hime. Ahaab kana yeroo dhagaʼu baayʼee gadde! Kan nama dinqisiisu, namichi baayʼee of tuultuu taʼe kun “gad of qabe.”—1 Mot. 21:19-29.

5 Ahaab yeroo sanatti kan gad of qabe taʼus, wanti inni sana booda godhe garaadhaa akka yaada hin geddaranne argisiisa. Mootummaa isaa keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleessuuf carraaqqii hin goone. Waaqeffannaa Yihowaas hin babalʼisne. Ahaab yaada isaa akka hin geddaranne karaawwan kan birootiinis argisiiseera.

6 Yeroo booda, Ahaab waraana Sooriyaa wajjin godhu irratti akka isa gargaaruuf Yoshaafaax mootii Yihudaa gaafatee ture; mootiin gaarii taʼe kun jalqaba raajii Yihowaa akka mariisisan yaada dhiheesse. Ahaab jalqaba irratti, “Karaa isaa Yihowaa gaafachuu kan dandeenyu namni hafe tokko jira; garuu inni waaʼee koo wanta hamaa malee takkaa raajii gaarii waan hin dubbanneef ani isa nan jibba” jechuudhaan yaada kana fudhachuu akka hin barbaanne argisiisee ture. Booda garuu, Mikaayaa raajicha mariisisan. Akkuma Ahaab jedhe, raajiin kun waaʼee isaa wanta nama gaddisiisu dubbate! Ahaab inni hamaa taʼe yaada isaa geddaratee Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu kadhachuu mannaa, raajii kana mana hidhaa galche. (1 Mot. 22:7-9, 23, 27) Mootiin kun raajii Yihowaa kan hidhe taʼus, wanti inni dubbate akka hin raawwatamne gochuu hin dandaʼu. Waraana sana irratti Ahaab ni ajjeefame.—1 Mot. 22:34-38.

ONKOLOOLESSA 24-30

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 1-2

“Leenjii Buʼa Qabeessa Taʼe”

w15 4/15 13 key. 15

Jaarsoliin Warri Kaan Gaʼumsa Akka Qabaatan Leenjisuu kan Dandaʼan Akkamitti?

15 Seenaan waaʼee Elsaaʼi isa bakka buʼaa Eliyaas taʼee dubbatu, obboloonni jaarsolii muuxannoo qabaniif kabaja argisiisu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes nu hubachiisa. Eliyaasii fi Elsaaʼi raajota Yerikoo jiran erga daawwatanii booda, gara Laga Yordaanos miilaan deeman. Achitti, “Eliyaas wayyaa isaa of irraa fuudhee, dadachaasee ittiin bishaanicha in rukute; bishaanichis garasii fi garanatti [hirame].” Lafa gogaa irra deemanii lagicha erga ceʼanii booda, “walii wajjin haasaʼaa adeemuu” itti fufan. Elsaaʼi yeroo kanatti wanta beekuu qabu hunda akka beeke akka isatti hin dhagaʼamne ifa dha. Elsaaʼi hamma Eliyaas isa biraa deemetti, wanta barsiisaan isaa dubbatu hunda garaatti qabachaa ture. Sana booda Eliyaas qilleensaan fudhatame. Achii Elsaaʼi gara Yordaanos yeroo deebiʼetti, “Gooftichi meerre ree? Waaqayyo inni kan Eliyaas meerre ree?” jedhee wayyaa Eliyaasiin bishaanicha rukute. Yeroo kanattis bishaanichi gargar hirame.—2 Mot. 2:8-14.

w15 4/15 13 key. 16

Jaarsoliin Warri Kaan Gaʼumsa Akka Qabaatan Leenjisuu kan Dandaʼan Akkamitti?

16 Dinqiin Elsaaʼi raawwate inni jalqabaa, dinqii Eliyaas raawwate isa dhumaa wajjin tokko akka taʼe hubattaniittuu? Kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? Elsaaʼi amma aangoo waan qabuuf, karaa dhimma tokko itti raawwatu yeruma sana jijjiiruu akka qabu akka isatti hin dhagaʼamne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaa mannaa, karaa Eliyaas tajaajila isaa itti raawwachaa ture hordofuudhaan barsiisaa isaatiif kabaja argisiiseera; kun immoo raajota kaan biratti fudhatama akka argatu isa godheera. (2 Mot. 2:15) Haa taʼu malee, yeroo booda Yihowaan waggoota 60 Elsaaʼi tajaajila irratti dabarse keessatti, dinqiiwwan Eliyaas raawwate irra baayʼatan akka raawwatu isa gargaareera. Kun barattoota yeroo harʼaa jirtaniif barumsa akkamii dabarsa?

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w05-AM 8/1 9 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Tokkoffaa Moototaa

2:11—‘Eeliyaas obomboleettii keessaan gara samiitti ol baʼe’ yeroo jedhamu gara “samii” isa kamitti ol baʼe? Iddoon kun iddoo uumama cufaa keessatti fagaatee argamu ykn bakka Waaqayyoo fi maleekonni isaa itti jiraatan kan argisiisu miti. (Keessa Deebii 4:19; Faarfannaa 11:4; Maatewos 6:9; 18:10) ‘Samiin’ Eeliyaas ol itti fudhatame samii ija keenyaan arginu dha. (Faarfannaa 78:26; Maatewos 6:26) Eeliyaas gaarii fardaa ibiddaatiin qilleensa irraan gara kutaa lafaa kan biraatti geeffamee yeroo muraasaaf achi jiraachuu isaa itti fufeera. Waggoota muraasa booda Eeliyaas Yooraam mootii Yihudaatiif xalayaa barreesseera.—2 Seenaa Baraa 21:1, 12-15.

ONKOLOOLESSA 31–SADAASA 6

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 3-4

“Ilma Kee Fudhadhu”

w17.12 4 key. 7

“Akka Inni Kaʼu Beeka”

7 Duʼaa kaʼuu inni lammaffaan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame immoo, Elsaaʼi isa Eliyaasitti aanee raajii taʼeen kan raawwatame dha. Dubartii beekamtuun lammii Israaʼel taatee fi Shuneem keessa jiraattu takka Elsaaʼiif simannaa adda taʼe gooteef. Waaqayyo Elsaaʼitti fayyadamuudhaan, dubartii mucaa hin qabne kanaa fi abbaa manaa ishii maanguddoo taʼeef ilma kennuudhaan isaan kiise. Waggoota muraasa booda mucichi ni duʼe. Haati isaa hammam akka gaddite yaadi. Heyyama abbaa manaa ishiitiin karaa gara kiilomeetira 30 taʼu deemuudhaan, Tulluu Qarmelositti Elsaaʼiin argatte. Raajichi kun hojjetaa isaa Gehaaziin of dura gara Shuneemitti erge. Gehaaz mucicha duʼaa kaasuu hin dandeenye. Achiis haati mucichaa ishiin baayʼee gaddite Elsaaʼi wajjin achi geesse.—2 Mot. 4:8-31.

w17.12 5 key. 8

“Akka Inni Kaʼu Beeka”

8 Achitti Elsaaʼi reeffa mucichaa maddiitti kadhannaa dhiheesse. Mucichis haala dinqii taʼeen duʼaa kaʼee haadha isaa wajjin kan wal arge siʼa taʼu, ishiinis baayʼee gammadde! (2 Mootota 4:32-37 dubbisi.) Dubartiin tun, Haannaan ishiin kanaan dura maseena turte Saamuʼeliin godoo qulqulluu keessa akka inni tajaajilu yeroo geessitetti kadhannaa ishiin dhiheessite yaadattee taʼuu dandaʼa. Haannaan “Waaqayyo . . . gara iddoo lafa jalaatti gad in buusa, achi keessaas ol in baasa” jettee turte. (1 Sam. 2:6) Waaqayyo mucaa Shuneem keessa ture kallattiidhaan duʼaa kaasuun isaa, duʼaa kaasuuf dandeettii akka qabu ifatti kan mulʼise dha.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 697 key. 2

Raajii

“Ilmaan Raajotaa.” Kitaabni Gesenius’ Hebrew Grammar (Ooksifoord, 1952, ful. 418) akka ibsetti, jechi Afaan Ibrootaa ben (ilma kan) ykn benehʹ (ilmaan kan) jedhu “miseensa waldaa ykn hawaasa (ykn qomoo, ykn garee taʼe tokko) taʼuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.” (Nahimiyaa 3:8 wajjin wal bira qabi ilaali, achi irratti “inni warra dibata qopheessan keessaa tokko” kan jedhu kallattiidhumaan “ilma warra dibata qopheessan keessaa tokko” kan argisiisu dha.) Kanaafuu, “ilmaan raajotaa” inni jedhu mana barumsaa namoonni hojii kana hojjatan ykn namoonni raajotaa wajjin waltaʼiinsaan hojjatan qajeelfama itti argatan kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Gareen raajotaa akkasii kun Beetel, Yerikoo fi Gilgaal akka turan caqasameera. (2Mo 2:3, 5; 4:38; 1Sa 10:5, 10 wajjin wal bira qabii ilaali.) Saamuʼel garee Raamaatti argamu tokko gaggeessaa ture, (1Sa 19:19, 20) Eelsaaʼis bara isaatti itti gaafatamummaa akkasii kan fudhate fakkaata. (2Mo 4:38; 6:1-3; 1Mo 18:13 wajjin wal bira qabii ilaali.) Gabaasichi mana itti jiraatan akka ijaarratanii fi meeshaalee ergifataniin fayyadamaa akka turan dubbata, kunis jireenya salphaa jiraachaa akka turan kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee mana jireenyaa fi nyaata kan qoodatan taʼus, ergaa raajii akka dabarsan dhuunfaatti hojiin isaaniif kennamuu dandaʼa.—1Mo 20:35-42; 2Mo 4:1, 2, 39; 6:1-7; 9:1, 2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi