Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
SADAASA 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 5-6
“Warra Isaanii Wajjin Jiran Irra Warra Nuu Wajjin Jirantu Caala”
it-1-E 716 key. 4
Eelsaaʼi
Israaʼel Haleellaa Sooriyaa Irraa Oolte. Yeroo Yooraam Mootichi Israaʼeliin bulchaa turetti warri Sooriyaa Israaʼel irratti haleellaa hin eegamne banuuf yaadanii turan. Eelsaaʼi tooftaa Benhadaad Lammaffaan haleellaa banuuf qopheessee fi sochii warri Sooriyaa godhan hundumaa Yooraam Mootichatti himuudhaan irra deddeebiʼee waan saaxileef Benhadaad baayʼee aaree ture. Jalqaba irratti Benhadaad namootuma isaa keessaa namni isa gane akka jiru isatti dhagaʼamee ture. Yeroo dhugaa jiru hubatu garuu, raayyaa waraanaa isaa gara Dootaanitti erguudhaan, Eelsaaʼiin qabachuuf fardeenii fi gaariiwwan fardaatiin magaalattii akka marsan godhe. (FAKKII, Jildii 1, ful. 950) Yeroo kanatti tajaajilaan Eelsaaʼi baayʼee sodaate, haa taʼu malee Eelsaaʼi Waaqayyo ija tajaajilaa isaa akka banu kadhate; yeroo kanatti ‘fardeenii fi gaariiwwan fardaa ibiddaa Eelsaaʼitti marsanii naannoo gaarotaa sana guutanii jiru turan.’ Yeroo warri Sooriyaa isaanitti dhihaatanitti immoo, Eelsaaʼi “Maaloo, saba kana jaamsi” jechuudhaan dinqiin faallaa isa jalqabaa taʼe akka raawwatamu kadhate. Eelsaaʼi warra Sooriyaadhaan, “Ana duukaa buʼaa” isaaniin jedhe malee harka isaanii qabee isaan geggeessuun isa hin barbaachisne, kunis kan jaame ija isaanii utuu hin taʼin sammuu isaanii akka taʼe argisiisa. Namoonni kun Eelsaaʼi isa isaan geggeessaa jirus taʼe, eessatti isaan geessaa akka jiru hin hubanne.—2Mo 6:8-19.
Elsaaʼi Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?
Dootaanitti diinonni kan isa marsan taʼus, Elsaaʼi hin naane. Maaliifi? Amantii Yihowaarratti qabu cimsatee waan tureefidha. Nutis amantii akkasii qabaachuun nu barbaachisa. Kanaaf, amantiifi ija hojii hafuuraa kaan argisiisuu akka dandeenyuuf hafuura qulqulluu argachuuf haa kadhannu.—Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23.
it-1-E 343 key. 1
Jaamummaa
Wanta Eelsaaʼi dubbateen kan kaʼe loltoonni Sooriyaa sammuun isaanii akka jaame haala isaarraa hubachuun ni dandaʼama. Loltoonni kun hundi ijji isaanii jaameera utuu taʼee namni harka isaanii qabee isaan geggeessu isaan barbaachisa ture. Haa taʼu malee, seenaan isaa Eelsaaʼi, “Karichi kana miti; magaalattiinis kana miti. Ana duukaa buʼaa” akka isaaniin jedhe dubbata. Kanaafuu, ijji isaanii kan argu taʼus wanta argan hubachuu hin dandaʼan turan.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 8/1 9 key. 2
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Mootota Lammaffaa
5:15, 16—Eelsaaʼi kennaa Naʼamaan kan hin fudhanne maaliifi? Eelsaaʼi kennaa kana fudhachuu kan dide dinqii sana kan raawwate humna isaatiin odoo hin taʼin humna Yihowaatiin akka taʼe waan hubateefi. Itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaf kenne faayidaa ofii isaatiif itti fayyadamuu hin barbaanne. Tajaajiltoonni dhugaa yeroo harʼaa jiranis tajaajila Yihowaa irraa faayidaa dhuunfaa argachuuf hin yaalan. Gorsa Yesuus, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” jechuudhaan kenne hojii irra oolchu.—Maatewos 10:8.
SADAASA 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 7-8
“Yihowaan Wanti hin Eegamne Akka Taʼu Godheera”
it-1-E 716-717
Eelsaaʼi
Haa taʼu malee, yeroo booda Benhadaad Lammaffaan, magaalaa Samaariyaa tuuta weerartootaatiin weeraruu odoo hin taʼin, magaalattii humnaan itti marsee qabachuu barbaade. Yeroo kanatti dubartiin takka ilma ishii akka nyaatte Yooraam Mootichatti gabaafamee waan tureef yeroon magaalattii marsanii itti turan baayʼee ulfaataa ture. Yooraam Mootichi inni sanyii Ahaab taʼee fi ‘Ilma nama nama ajjeesu sanaa’ jedhame Eelsaaʼiin ajjeesuuf kakate. Haa taʼu malee, kakuu ariifatee gale kana hin raawwanne. Yooraam ajajaa waraanaa isaa wajjin yommuu mana raajichaa gaʼu, sana booda Yihowaa biraa gargaarsa nan argadha jedhee akka hin abdanne dubbate. Taʼus, Eelsaaʼi guyyaa itti aanutti nyaanni irraa hafaan akka jiraatu mootichaaf mirkaneesse. Ajajaan waraanaa mootichaa wanta Eelsaaʼi dubbatetti yeroo qoosu Eelsaaʼi akkana jedheen: “Ati ija keetiin kana ni argita; garuu isa irraa hin nyaattu.” Yihowaan buufata isaanii keessatti sagaleen tokko akka dhagaʼamu gochuun isaa warri Sooriyaa raayyaan saboota gamtaa uumanii nutti dhufaa jira jedhanii akka yaadan godheera; kanaan kan kaʼes nyaata isaanii hunda buufaticha keessatti dhiisanii baqatan. Yommuu mootichi warri Sooriyaa baqachuu isaanii dhagaʼu, ajajaan waraanaa isaa karra Samaariyaa akka eegu godhe, karricha irrattis Israaʼelonni beelaʼanii fi buufata sana saamuuf jarjaran isa dhidhiitanii isa ajjeesan. Nyaaticha ija isaatiin argeera, garuu isa irraa hin nyaanne.—2Mo 6:24–7:20.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 195 key. 7
Ibsaa
Mootota Sanyii Daawit Taʼan. Yihowaan Daawit Mootichi teessoo mootummaa Israaʼel irra akka taaʼu godheera; Daawitis geggeessaa fi bulchaa sabichaa ogummaa qabuu fi qajeelfama Waaqaatiin hojjetu taʼuusaa argisiiseera. Kanaan kan kaʼes “Ibsaa Israaʼel” jedhameera. (2Sa 21:17) Yihowaan kakuu mootummaa Daawitii wajjin gale irratti waadaa akkana jedhu galeera: ‘Teessoon kee bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.’ (2Sa 7:11-16) Kanaafuu, bulchitoonni hidda dhalootaa Daawit karaa ilma isaa Solomooniin dhufan Israaʼeliif “ibsaa” taʼaniiru.—1Mo 11:36; 15:4; 2Mo 8:19; 2Se 21:7.
SADAASA 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 9-10
“Ija Jabina, Kutannoo fi Hinaaffadhaan Tarkaanfii Fudhateera”
Yehuun Waaqeffannaa Dhugaa Hinaaffaadhaan Deggereera
Yehuun itti gaafatamummaan kan isaaf kenname ennaa sabni Israaʼel haala gadhee keessa turettidha. Yeroo kanatti biyyattiin dhiibbaa Iizaabel ishee hamtuu abbaan manaashee Ahaab irraa duʼeefi haadha Yoraam isa yommus mootii taʼee bulchaa ture jala turte. Iizaabel namoonni Yihowaa akka waaqeffatan gochuu mannaa, waaqeffannaan Baʼaal akka babalʼatu gooteetti; raajota Waaqayyoo ajjeesisteetti; akkasumas ‘ejjaafi qoricha namatti gochuu’ babalʼisuudhaan biyyattii mancaasteetti. (2 Mot. 9:22; 1 Mot. 18:4, 13) Yihowaan, Yoraamiifi Iizaabeliin dabalatee guutummaan mana Ahaab akka balleeffamu ajajee ture. Tarkaanfii kanas adda durummaadhaan kan fudhatu Yehuu ture.
Yehuun Waaqeffannaa Dhugaa Hinaaffaadhaan Deggereera
Yehuun namoota lamaan isatti ergamaniif deebii tokkollee utuu hin kennin, Yoraam Mootichaafi Ahaaziyaa mootiin Yihudaa inni isa deggeru konkolaataasaaniirra taaʼanii isaanitti dhufe. Yoraam, “‘Yehuu! Yaada nagaatiif dhufte moo?’ jedhee isa in gaafate; Yehuunis deebisee, ‘Ejjuunii fi qoricha namatti gochuun inni haati kee Iizaabel, jalqabde baayʼachaa utuu jiruu nagaa maaliitu jira?ʼ” jedhe. Yoraam deebii kanatti waan naʼeef, ofirra garagalee baqate. Yehuun garuu isa caalaa saffisa waan qabuuf, hiddaasaa harkisee xiyya onnee Yoraam keessa kan baase yommuu taʼu, mootichis konkolaataasaa keessatti kufee duʼe. Ahaaziyaan yeroodhaaf miliquu dandaʼus, Yehuun isa duukaa buʼee dhaqqabee isa ajjeeseera.—2 Mot. 9:22-24, 27.
Miseensa mana Ahaab keessaa ittaansee ajjeefamuu kan qabu Iizaabel Mootittii hamtuudha. Yehuun “abaaramtuun kun” isheedhaan jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Yehuun konkolaataa oofaa Yizreʼel akkuma gaʼeen, Iizaabel mana mootummaa keessa teessee karaa foddaa ennaa gad ilaaltu arge. Innis yerosuma warri mana mootummaa keessaa hojjetan Iizaabeliin karaa foddaa akka gad ishee darbatan ajaje. Achiis Yehuun dubartii guutummaa Israaʼel mancaaste kana fardasaatiin lafatti irra ejjete. Sana booda, Yehuun namoota miseensa mana Ahaab isa hamoota taʼan hedduu balleessuusaa ittuma fufe.—2 Mot. 9:30-34; 10:1-14.
Yehuun Waaqeffannaa Dhugaa Hinaaffaadhaan Deggereera
Yehuun dhiiga baayʼee akka dhangalaase beekamaadha. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon Yehuun nama ija jabeessa hacuuccaa Iizaabeliifi maatiishee jalaa Israaʼeliin bilisa baase akka ture ibsa. Namni Israaʼeliin geggeessuufi akkas gochuudhaan milkaaʼina argachuu barbaadu kamiyyuu ija jabeessa, gara kuteessaafi hinaaffaa kan qabu taʼuu qaba ture. Galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko akkas jedheera: “Kun hojii ulfaataa utuu gargar hin kutin guutummaatti raawwatamudha. Tarkaanfii cimaan utuu hin fudhatamne taʼee, waaqeffannaan Baʼaal Israaʼel keessaa hin badu ture.”
Haalawwan Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran mudatanis, amalawwan Yehuun argisiise akka horatan kan isaan gaafatu taʼuusaa hubachuunkee hin oolu. Fakkeenyaaf, sochii Yihowaa duratti fudhatama hin qabne tokkorratti hirmaachuuf yoo qoramne tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna? Battalumaan, ija jabinaafi hinaaffaa akka qabnu argisiisuudhaan wanta sanarraa fagaachuu qabna. Namoota Waaqayyoof bulle waan taaneef, wanta Yihowaan jibbu callisnee ilaaluun nurra hin jiru.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Yehuun Waaqeffannaa Dhugaa Hinaaffaadhaan Deggereera
Yehuun, mootummaan Israaʼeliifi Yihudaa warri gargar baʼan amantiidhaanis gargar taʼuu akka qaban itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kanaaf, akkuma mootota Israaʼel isa dura turanii, waaqeffannaan dibichaa akka itti fufu gochuudhaan warra kaanirraa adda isaan baasuuf yaaleera. Akkas gochuunsaa garuu Yihowaa isa mootii godhee isa muuderratti amantii akka hin qabne argisiisa.
Yihowaan, Yehuun ‘isa duratti wanta qajeelaa taʼe hojjechuusaa’ dubbatee ture. Haataʼu malee Yehuun, “garaa isaa guutuudhaan seera Waaqayyo goofticha Israaʼel itti yaadee hin eegne.” (2 Mot. 10:30, 31) Wanta Yehuun sanaan dura raawwate hunda yeroo hubattu gaaffii sitti kaasuufi gaddi sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus kanarraa wanta barannu qabna. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, xiinxaluufi Abbaa keenya isa samiitti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan amanamummaa Waaqayyoof qabnu guddifachuu qabna. Kanaaf, garaa keenya guutuudhaan seera Yihowaa itti yaannee eeguuf of eeggannoo haa goonu.—1 Qor. 10:12.
SADAASA 28–MUDDEE 4
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 11-12
“Dubartii Hamtuun Aangoo Argachuuf Hawwitu ni Adabamte”
it-1-E 209
Ataaliyaa
Ataaliyaan akkuma haadha ishii Iizaabel abbaan manaa ishii Yooraam bara bulchiinsa isaa waggaa saddeetiif ture keessatti wanta Yihowaa duratti jibbisiisaa taʼe akka raawwatu dhiibbaa isarratti gooteetti. (1Mo 21:25; 2Se 21:4-6) Akkuma haadha ishii taʼe jettee dhiiga namoota balleessaa hin qabnee dhangalaasteetti. Ilmi ishii Akaaziyaan inni hamaa taʼe waggaa tokkoof erga bulchee booda yeroo duʼetti, Yoʼaas isa daaʼima turerraan kan hafe warra sanyii mootii taʼan hunda ajjeesteetti; Yoʼaas kan oole lubni olaanaanii fi haati manaa isaa ishiin adaadaa isaa taate waan isa dhoksaniifi. Achiis Ataaliyaan Dh.K.D. naannoo bara 905-899tti mootuu taatee waggaa jaʼaaf bulchite. (2Se 22:11, 12) Ilmaan ishii wantoota qulqulluu mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiran saamuudhaan waaqeffannaa Baʼaaliif itti fayyadamaniiru.—2Se 24:7.
it-1-E 209
Ataaliyaa
Yoʼaas umuriin isaa waggaa torba yeroo guutu Luba Olaanaa Waaqa sodaatu kan taʼe Yehoyaadaan mucicha bakka dhoksee turee fuudhee teessoo mootummaarra isa kaaʼe. Ataaliyaan waca namootaa yeroo dhageessu gara mana qulqullummaa dhufte; wanta taʼaa jiru yeroo argitu, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. Yehoyaadaan inni Luba Olaanaa taʼe mana qulqullummaa keessaa ishii baasanii Karra Fardaa isa mana mootichaatti ittiin galan biratti akka ajjeefamtu ajaje; mana Ahaab isa jibbisiisaa taʼe keessaa dhumarratti kan ajjeefamte ishii taʼuu hin ooltu. (2Mo 11:1-20; 2Se 22:1–23:21) “Dubbii Yihowaa isa Yihowaan mana Ahaab irratti dubbate keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin . . . hin hafne.”—2Mo 10:10, 11; 1Mo 21:20-24.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 1265-1266
Yoʼaas
Mootiin dargaggeessi kun yeroo Yehoyaadaan inni Luba Olaanaa taʼe akka abbaa fi gorsaatti isa barsiisaa ture hundatti milkaaʼina argateera. Yoʼaas umuriin isaa waggaa 21 yeroo guutu ni fuudhe; haadhotii manaa lama kan qabu yeroo taʼu, ishiin tokko Yehoʼaadaan jedhamti, haadhotii manaa isaa kanarraas ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa godhateera. Akka kanaan sanyiin Daawit inni gara Masiihichaatti geessuu fi baduu jala gaʼee ture deebiʼee cimaa taʼuu dandaʼeera.—2Mo 12:1-3; 2Se 24:1-3; 25:1.
MUDDEE 5-11
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 13-15
“Garaa Guutuudhaan Carraaqqii Gochuun Eebba Hedduu Argamsiisa”
Guutummaatti Kiristos Duukaa Buʼaa Jirtuu?
11 Hinaaffaadhaan Waaqayyoon tajaajiluun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee, wanta Yehoʼaash Mootii Israaʼeliin mudate haa ilaallu. Yehoʼaash, Sooriyaan Israaʼeliin weeraruu akka yaadde yommuu dhagaʼe Elsaaʼi bira dhaqee itti booʼe. Elsaaʼi raajichis, mootichi karaa foddaa manichaa kallattii biyya Sooriyaatiin xiyyasaa akka darbatu kan isa ajaje yommuu taʼu, kunis mootichi gargaarsa Yihowaatiin Sooriyaa akka moʼu kan argisiisu ture. Kun mooticha akka jajjabeesse beekamaadha. Elsaaʼi itti aansuudhaan Yehoʼaash xiyyawwansaatiin lafa akka tuttumatu itti hime. Yehoʼaash al sadii qofa tumatee dhiise. Yehoʼaash irra deddeebiʼee al shan ykn al jaʼa laficha tuttumateera utuu taʼee, ‘Sooriyaan hamma badduu baatutti akka ishee tumu’ kan argisiisu waan tureef, mootichi kana gochuu dhiisuusaatti Elsaaʼi baayʼee aare. Amma garuu Yehoʼaash al sadii qofa Sooriyaa moʼa. Yehoʼaash hinaaffaadhaan kana waan hin gooneef, hamma dhumaatti moʼicha utuu hin argatin hafeera. (2 Mot. 13:14-19) Seenaa kanarraa maal baranna? Hojii Yihowaan nuu kenne garaa guutuufi hinaaffaadhaan yoo hojjenne, eebba guddaa argachuu dandeenya.
w13-AM 11/1 11 key. 5-6
‘Warra Cimsanii Isa Barbaaddatan kan Badhaasu’
Yihowaan eenyufaa badhaasa? Phaawulos “Warra cimsanii isa barbaaddatan” jedheera. Barreeffamni hiiktota Kitaaba Qulqulluutiif qophaaʼe tokko akka ibsetti jechi Afaan Giriikii ‘cimsanii barbaaduu’ jedhamee hiikame waaʼee Waaqayyoo beekuuf carraaqqii gochuu qofa utuu hin taʼin, isa waaqeffachuuf tarkaanfii fudhachuu argisiisa. Barreeffamni kan biraan akka ibsetti immoo akkaataan jechi Afaan Giriikii kun itti hojjetame carraaqqii guddaa gochuu argisiisa. Eeyyee, Yihowaan namoota amantii isarratti qabaniin kan kaʼe jaalalaa fi hinaaffaa garaadhaa maddeen isa waaqeffatan ni badhaasa.—Maatewos 22:37.
Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo kan badhaasu akkamitti? Gara fuulduraatti badhaasa gatiidhaan hin shallagamne, jechuunis lafa Jannata taaturratti jireenya bara baraa isaaniif kennuuf waadaa galeera; kunis arjummaa fi jaalalli isaa guddaa akka taʼe argisiisa. (Mulʼata 21:3, 4) Ammumallee warri cimsanii Yihowaa barbaaddatan eebba hedduu argachaa jiru. Gargaarsa hafuura qulqulluu fi ogummaa Dubbii isaarraa argataniin jireenya gammachiisaa fi kaayyoo qabu jiraachaa jiru.—Faarfannaa 144:15; Maatewos 5:3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 8/1 11 key. 3
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Mootota Lammaffaa
13:20, 21—Dinqiin kun hambaalee amantii akka qulqulluutti ilaalaman kabajuun sirrii akka taʼe argisiisaa? Lakki, hin argisiisu. Kitaabni Qulqulluun lafee Eelsaaʼiif kabajni kennamee akka ture hin dubbatu. Akkuma dinqiiwwan Eelsaaʼi yeroo lubbuudhaan turetti raawwate kaanii dinqiin kunis humna Waaqayyootiin raawwatame.
MUDDEE 12-18
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 16-17
“Obsi Yihowaa Daangaa Qaba”
it-2-E 908 key. 5
Shaalmaanesar
Bitamuu Israaʼel. Bara Hosheʼaan Israaʼeliin bulchaa turetti (Dh.K.D. naannoo 758-740) Shaalmaanesar 5ffaan bulchiinsa isaa gara Filisxeemitti babalʼise; Hosheʼaanis waggaa waggaadhaan gibira isaaf kaffaluu jalqabe. (2Mo 17:1-3) Haa taʼu malee, yeroo booda Hosheʼaan gibira kaffaluu dhaabe, akkasumas mootii Gibxii Soo jedhamu wajjin isarratti mariʼate. (SO kan jedhu ilaali.) Kanaan kan kaʼes, Shaalmaanesar qabee erga isa hidhee booda waggoota sadiif Samaariyaatti marse; dhumarrattis magaalaa cimtuun kun waan kufteef Israaʼelonni boojuudhaan fudhataman.—2Mo 17:4-6; 18:9-12; Hos 7:11 wajjin wal bira qabii ilaali; His 23:4-10.
it-1-E 414-415
Boojuu
Sababiin mootummaan Israaʼel kaabaa inni gosoota kurnan of keessatti qabates taʼe mootummaan Yihudaa inni kibbaa gosoota lama of keessatti qabate boojuudhaan itti fudhataman wal fakkaata; waaqeffannaa dhugaa Yihowaa dhiisanii waaqeffannaa waaqolii sobaarratti waan hirmaataniifi. (Kes 28:15, 62-68; 2Mo 17:7-18; 21:10-15) Yihowaan raajota isaa erguudhaan mootummoota kana lamaan irra deddeebiʼee kan akeekkachiise taʼus isaan garuu hin dhageenye. (2Mo 17:13) Mootota Israaʼel isa gosoota kurnan of keessatti qabate keessaa tokkollee waaqeffannaa sobaa mootiin inni jalqabaa Yeroboʼaam hundeesse guutummaatti balleessuu hin dandeenye. Mootummaan Yihudaa inni kibbaas akeekkachiisa Yihowaa fudhachuus taʼe boojiʼamuu Israaʼelirraa barachuu hin dandeenye. (Er 3:6-10) Yeroo booda jiraattonni mootummoota kana lamaanii boojuudhaan fudhatamaniiru; lamaan isaaniis bakka garaa garaatti geeffamaniiru.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 847
Warra Samaariyaa
Jechi ‘warra Samaariyaa’ jedhu yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu keessatti kan caqasame mootummaan Samaariyaa inni gosoota kurnan of keessatti qabate Dh.K.D. bara 740tti erga injifatamee boodadha; jechi kun warra mootummaan inni kaabaa injifatamuu isaa dura achi jiraachaa turanii fi saboota biyya ormaa Bulchiinsa Asoor garaa garaa keessaa achitti geeffamanirraa adda taʼan argisiisa. (2Mo 17:29) Seenaan 2 Seenaa Baraa 34:6-9 (2Mo 23:19, 20 wajjin wal bira qabii ilaali) irratti argamu bara bulchiinsa Yosiyaas Mootichaatti Israaʼelonni biyyattii keessa jiraatan akka jiran waan dubbatuuf warri Asoor Israaʼelota hunda achi keessaa waan balleessan hin fakkaatu. Yeroo booda jechi ‘warra Samaariyaa’ jedhu sanyii warra Samaariyaa keessatti hafanii fi warra Asooriin achitti geeffaman argisiisuu jalqabe. Kanaafuu isaan keessaa tokko tokko ijoollee saboota kana lamaanirraa dhalatan akka taʼan hin shakkisiisu. Yeroo boodammoo maqaan kun sanyii ykn sirna siyaasaa tokko utuu hin taʼin garee amantaa argisiisuuf itti hojjetamuu jalqabe. Maqaan ‘warra Samaariyaa’ jedhu miseensota garee amantaa naannoo Sheekemii fi Samaariyaa duriitti babalʼatee jiruu fi barumsa amantaa Yudiizimii irraa adda taʼe hordofan argisiisa.—Yoh 4:9.
MUDDEE 19-25
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 18-19
“Mormitoonni Keenya Nu Dadhabsiisuuf kan Yaalan Akkamitti?”
w05-AM 8/1 11 key. 5
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Mootota Lammaffaa
18:19-21, 25—Hisqiyaas warra Gibxii wajjin walii galtee uumeeraa? Lakki. Raabshaaqichi “heyyama Yihowaa” akka argate yeroo dubbatetti akkuma sobe himanni yeroo kanatti dhiheesses soba ture. Hisqiyaas Mootichi inni amanamaa taʼe guutummaatti kan amaname Yihowaarratti qofadha.
“Hin Sodaatin! Ani Sin Gargaaraʼo”
Rabshaaqeen shakkii uumuuf dubbii haxxummaatti fayyadamee ture. Akkas jedhe: “Waaqayyo kun isa atumti iddoo ol kaʼootti sagaduudhaaf jettee, iddoo aarsaa isaa achii balleessite . . . sana mitii? . . . Waaqayyotu ‘Biyya kanatti duuliitii isa balleessi!’ jedhee na abboome.” (2 Mot. 18:22, 25) Kanaaf, Rabshaaqeen Yihowaan sabasaatti waan hin gammanneef isaaniif hin lolu jedhee falmeera. Kun garuu soba ture. Yihowaan Hisqiyaasiifi Yihudoota waaqeffannaa dhugaatti deebiʼanitti ni gammada ture.—2 Mot. 18:3-7.
Geggeessituu Torbaafi Gurguddaa Namaa Saddeet—Nuuf Hiika Maalii Qabu?
14 Mootiin Asor, kibba bahaa Yerusaalem, jechuunis Laakiishitti buufata waraanaa ijaare. Bakka buufatasaa kana taaʼee jiraattonni magaalattii harka akka kennan akka itti himan namoota sadii erge. Rabshaaqeen inni adda duree ergamoota kanaa taʼe, mala addaddaatti fayyadamuudhaan sabicha haasofsiise. Sabichi mootiisaanii ganuudhaan Asorotaaf yoo abboomaman, biyya jireenya qananii itti jiraatanitti akka isaan geessu afaan Ibrootaatiin dubbachuudhaan abdii sobaa isaaniif kenne. (2 Mootota 18:31, 32 dubbisi.) Achiis, Rabshaaqeen waaqayyolii kan biraan waaqeffattootasaanii oolchuu akkuma hin dandeenye, Yihowaanis harka Asorotaa jalaa Yihudoota oolchuu akka hin dandeenye dubbate. Sabni sun garuu, wanta inni isaan gowwoomsuuf dubbate kanaaf deebii hin kennine. Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis yeroo baayʼee fakkeenya kana hordofu.—2 Mootota 18:35, 36 dubbisi.
yb74-E 177 key. 1
Kutaa 2—Jarman
Kan nama dinqisiisu yeroo baayʼee loltoonni SS mala garaa garaatti fayyadamanii namni tokko amantii isaa akka gane akka mallatteessu erga godhanii booda isatti garagalanii isa duraa caalaa miidhaa isarraan geessisu turan. Kaarl Kirisht akkana jedheera: “Kaampiiwwan hojiin humnaa itti hojjetaman keessatti warra kaan caalaa Dhugaa Baatonni Yihowaa gowwoomsaa akkasiitiif saaxilamu. Haala kanaan amantii isaanii akka ganan isaan amansiisuun akka dandaʼamu yaadama ture. Akkas akka goonu irra deddeebiʼanii nu gaafatu. Tokko tokko mallatteessaniiru; taʼus yeroo baayʼee hamma gadhiifamanitti waggaa tokkoo ol eeguun isaan barbaachisa ture. Yeroo kanatti loltoonni SS fakkeessitootaa fi sodaattota akka taʼan dubbachuudhaan namoota duratti isaan arrabsu; akkasumas kaampicha gadhiisanii deemuu isaanii dura obboloota isaanii dura akka naannaʼan isaan dirqisiisu turan.”
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 155 key. 4
Arkiyooloojii
Fakkeenyaaf, seenaan Kitaaba Qulqulluu mootii Asoor kan taʼe Senaaheriib ijoollee isaa lamaan Adraamelekii fi Shaarezer jedhamaniin akka ajjeefamee fi ilmi isaa kan biraan Eesaar Hadoon jedhamu bakka isaa mootii akka taʼe dubbata. (2Mo 19:36, 37) Taʼus, seenaan Baabilonotaa Senaaheriib jiʼa Teebeet gaafa guyyaa 20ffaatti fincila kaʼee tureen ilma isaatiin akka ajjeefame dubbata. Lubni Baabilon Biraasas jedhamuu fi Dh.K.D. jaarraa sadaffaatti jiraatee fi Naabooniidas inni Dh.K.D. jaarraa jaʼaffaatti mootii Baabilon ture Senaaheriib ilma isaa isa tokkoon qofa akka ajjeefame dubbataniiru. Haa taʼu malee, caccabaa Piriizimii Eesaar Hadoon isa dhiheenyatti argamerratti Eesaar Hadoon ilmi Senaaheriib inni bakka isaa mootii taʼe obboloonni isaa fincilanii abbaa isaanii akka ajjeesanii fi akka baqatan ifatti barreesseera. Filiippi Baayiberfeeldi kitaaba Universal Jewish History (1948, Jildii 1, ful. 27) jedhamurratti akkana jedheera: “Seenaan Baabilonotaas taʼe wanti Naabooniidasii fi Biraasas dubbatan dogoggoradha; wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu qofatu dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼe. Wanti Eesaar Hadoon seenaa Baabilonotaa fi Asoorotaa kana ilaalchisee gadi fageenyaan barreesse hundi maddeen Baabilonotaa caalaa dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Seenaawwan yeroo wal fakkaataatti barreeffamanii fi seenaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne yeroo qorrutti kana tilmaama keessa galchuun keenya baayʼee barbaachisaadha.”
MUDDEE 26–AMAJJII 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 20-21
“Kadhannaan Yihowaan Tarkaanfii Akka Fudhatu Isa Kakaasa”
ip-1-AM 394 key. 23
Mootichi Amantii Qabaachuu Isaatiin Eebba Argateera
23 Senaaheriib jalqaba gara Yihudaa yeroo dhufetti Hisqiyaas baayʼee dhukkubsatee ture. Isaayyaasis akka inni duʼu isatti hime. (Isaayyaas 38:1) Mootiin waggaa 39 kun baayʼee gadde. Kan isa yaaddesse waaʼee nageenya isaa qofa utuu hin taʼin, sabichi gara fuulduraatti maal akka taʼus isa yaaddesseera. Yerusaalemii fi Yihudaan warra Asooriin weeraramuu dandaʼu. Hisqiyaas yoo duʼe waraanicha kan geggeessu eenyu? Yeroo sanatti ilma bakka isaa buʼee bulchu hin qabu. Hisqiyaas Yihowaan gara laafina akka isatti argisiisu cimsee kadhateera.—Isaayyaas 38:2, 3.
Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!
16 Hisqiyaas yeroo booda hamma duʼa jala gaʼutti dhukkubsate. Achiis kanaan dura isa duratti akkamitti akka deddeebiʼe akka yaadatuuf Yihowaa kadhate. (2 Mootota 20:1-3 dubbisi.) Yeroo harʼaatti, Waaqayyo dinqiidhaan akka nu fayyisu ykn umurii keenya akka dheeressu Kitaabni Qulqulluun hin ibsu. Taʼus, akkuma Hisqiyaas godhe, hundi keenya iyyuu, ‘Bara jireenya kootti amanamummaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura deddeebiʼaan ture’ jennee Yihowaa kadhachuu dandeenya. Yihowaan yeroo ati dhukkubsattee ciistutti illee si deggeruuf, dandeettiis taʼe fedhii isaa akka qabu ni amantaa?—Far. 41:3.
g01-AM 7/22 13 key. 4
Kadhannaan Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?
Bara duriitti namoonni amantii qaban tokko tokko kadhannaan isaanii kallattiidhaan, darbees dinqiidhaan deebii argateera. Fakkeenyaaf, Hisqiyaas Mootichi dhukkuba hin fayyineen akka qabame yeroo beeku Waaqayyo akka isa fayyisu kadhateera. Waaqayyos, “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera. Kunoo, sin fayyisa” jechuudhaan isaaf deebiseera. (2 Mootota 20:1-6) Haaluma wal fakkaatuun, dhiironnii fi dubartoonni Waaqa sodaatan Waaqayyo gidduu galee tarkaanfii yeroo fudhatu arganiiru.—1 Saamuʼel 1:1-20; Daaniʼel 10:2-12; Hojii Ergamootaa 4:24-31; 10:1-7.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 240 key. 1
Tumbii
Tumbiin gamoo tokko sirriitti ijaaruuf ykn gamoon sun yeroo dheeraadhaaf kan turu taʼuu isaa qoruuf hojiirra oola. Yihowaan Yerusaalem ishii hin ajajamne ilaalchisee, “Safartuu wadaroo Samaariyaa ittiin safareen Yerusaalemiin nan safara; tumbii isan mana Ahaab ittiin ilaaletti nan fayyadama” jedheera. Waaqayyo Samaariyaa fi mana Ahaab safaree karaa naamusaa baayʼee akka mancaʼan hubate; kunis badiisa isaanitti fideera. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo hammina isaanii saaxiluu fi magaalattiin akka baddu gochuudhaan Yerusaalemii fi bulchitoota ishiirratti murtii dabarsa. Kunis Dh.K.D. bara 607tti raawwatameera. (2Mo 21:10-13; 10:11) Yihowaan Isaayyaas raajichatti fayyadamee namoota hamoo fi bulchitoota Yerusaalem irratti badiisa akka fidu akkana jechuudhaan akeekkachiiseera: “Haqni wadaroo safaraa, qajeelummaanis tumbii akka taʼu nan godha.” Ulaagaan haqa dhugaa fi qajeelummaa sirrii dhugumaan Waaqa kan tajaajilanii fi kan hin tajaajille eenyufaa akka taʼan ifa godha; kunimmoo fayyina ykn badiisa geessisa.—Isa 28:14-19.