Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2022 Christian Congregation of Jehovah’s Witnesses
AMAJJII 2-8
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 22-23
“Gad Of Qabuu kan Qabnu Maaliifi?”
w00-AM 9/15 29-30
Yosiyaas Inni Gad Of Qabu Surraa Yihowaa Argateera
Hojjettoonni mana qulqullummaa suphan, bariidhaa eegalanii hojii isaanii jabaatanii hojjechaa jiru. Yosiyaas hojjettoonni kun mana qulqullummaa abbootiin isaa warri hamoo turan balleessan deebisanii waan haaressaniif kana akka oolmaa Yihowaatti akka ilaale homaa hin shakkisiisu. Hojicha ariitiidhaan utuma hojjechaa jiranii, Saafaan gabaasa dhiheessuu dhufe. Maarree harka isaatti maal qabateera? Maraa kitaabaa tokko qabate. Saafaan Hilqiyaa inni luba olaanaa taʼe “kitaaba Seera Yihowaa isa karaa Musee kenname” akka argate Yosiyaasitti hime. (2 Seenaa Baraa 34:12-18) Baayʼee nama ajaaʼiba—kitaabni argame kitaaba Seeraa isa jalqaba Museen barreesse akka taʼe hin shakkisiisu.
Yosiyaas kitaabichi waaʼee maalii akka dubbatu dhagaʼuuf baayʼee hawwe. Shaafaan yeroo isaaf dubbisu, mootichi, innis taʼe sabichi ajaja hunda akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan yaaduu jalqabe. Kitaabichi keessumaa waaʼee waaqeffannaa qulqulluu jabeessee waan dubbatuuf, akkasumas sabichi waaqeffannaa sobaa yoo hordofe dhahichi akka isatti dhufuu fi boojuudhaan akka fudhatamu raajii akka dubbatu yommuu hubatu baayʼee dinqisiifame. Yosiyaas sabichi seericha guutummaatti akka hin hordofne yeroo hubatu uffata isaa tarsaase; achiis Hilqiyaa, Shaafaanii fi warra kaan akkana jedhee ajaje: “Abbootiin keenya dubbii kitaaba kana keessatti waaʼee keenya barreeffame hundumaa eeguudhaan waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti bobaʼe guddaa dha; kanaafuu, dhaqaa, dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee . . . Yihowaa gaafadhaa.”—2 Mootota 22:11-13; 2 Seenaa Baraa 34:19-21.
w00-AM 9/15 30 key. 2
Yosiyaas Inni Gad Of Qabu Surraa Yihowaa Argateera
Namoonni Yosiyaas erge, gara raajittii Huldaa ishii Yerusaalem jiraattuu dhaqanii deebii fidanii dhufan. Raajittii Huldaan dhahichi kitaaba haaraa argame irratti ibsame saba gantuu taʼe sanarra akka gaʼu dubbachuudhaan ergaa Yihowaa biraa dhufe dabarsite. Yosiyaas garuu Yihowaa duratti waan gad of qabeef dhahichi kun isa irra hin gaʼu. Nagaadhaan gara abbootii isaatti walitti qabama.—2 Mootota 22:14-20; 2 Seenaa Baraa 34:22-28.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w01-AM 4/15 26 key. 3-4
Haalli Guddinaa Kee Maali Iyyuu Yoo Taʼe Milkaaʼina Argachuu ni Dandeessa
Yosiyaas haalawwan sirrii hin taane keessatti yoo guddate iyyuu, wanta ija Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuu isaa itti fufe. Barri bulchiinsa isaa milkaaʼina kan qabu waan tureef, Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa akkana jechuudhaan dubbata: “Isa dura mootiin akka Seera Musee keessatti ibsametti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuudhaan, akkasumas humna isaa guutuudhaan gara Yihowaatti deebiʼe kan biraan hin turre; isa boodas mootiin akka isaa hin kaane.”—2 Mootota 23:19-25.
Namoonni haala sirrii hin taane keessatti guddatan fakkeenya Yosiyaas irraa jajjabina guddaa argatu. Fakkeenya isaa irraa maal baranna? Yosiyaas daandii sirrii akka filatuu fi daandii sana irra deemuu isaa akka itti fufu wanti isa gargaare maalidha?
AMAJJII 9-15
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 MOOTOTA 24-25
“Miira Ariitii Qabaadhaa Itti Fufaa”
w01-AM 2/15 12 key. 2
Guyyaan Murtii Yihowaa Dhihaateera!
2 Raajiin raajichi Sefaaniyaan ija jabinaan dubbate, Yosiyaas waaqeffannaa sobaa biyya Yihudaa keessaa qulqulleessuun isaa baayʼee barbaachisaa akka taʼe isa hubachiisuun isaa hin oolle. Haa taʼu malee, tarkaanfiin mootichi biyyattii waaqeffannaa sobaa irraa qulqulleessuuf fudhate, sabicha gidduudhaa hammina guutummaatti balleessuus taʼe, cubbuu akaakayyuun isaa Minaasee Mootichi inni “dhiiga qulqulluudhaan Yerusaalemiin guute” raawwateef dhiifama argamsiisuu hin dandeenye. (2 Mootota 24:3, 4; 2 Seenaa Baraa 34:3) Kanaaf, guyyaan murtii Yihowaa dhufuun isaa waan hin oolle ture.
w07-AM 3/15 11 key. 10
Yaada Ijoo Kitaaba Ermiyaas
Yeroon isaa Dh.K.D. bara 607 yommuu taʼu, Zedeeqiyaan Mootichi bulchuu erga jalqabee waggaa 11ffaa dha. Nebukadnezaar inni mootii Baabilon taʼe waggaa tokkoof walakkaadhaaf Yerusaalemitti marsee jira. Nebukadnezaar mootii taʼee waggaa 19ffaa, jiʼa shanaffaa, jiʼicha keessaa immoo guyyaa torbaffaa isaatti Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe, gara Yerusaalem “ni dhufe.” (2 Mootota 25:8) Tarii Nebuzaradaan buufata waraanaa dallaa magaalichaa ala jiru keessa buufatee haala jiru qoʼachuu fi tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabu karoora baafachuu hin oolu. Guyyaa sadii booda, jechuunis jiʼichi seenee guyyaa kurnaffaa isaatti gara Yerusaalem “ni dhufe” ykn ni seene. Achiis magaalattii ibiddaan gube.—Ermiyaas 52:12, 13.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 8/1 12 key. 1
Yaada Ijoo Kitaaba Mootota Lammaffaa
24:3, 4. Minaaseen dhiiga waan dhangalaaseef, Yihowaan Yihudaadhaaf “dhiifama gochuuf fedhii hin qabu ture.” Waaqayyo dhiiga qulqullootaatiif iddoo guddaa kenna. Yihowaan namoota dhiiga dhangalaasan balleessuudhaan dhiiga namoota qulqulluutiif haaloo akka baʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Faarfannaa 37:9-11; 145:20.
AMAJJII 16-22
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 1-3
“Kitaabni Qulqulluun Seenaa Dhugaa kan Qabatedha Malee Asoosama Miti”
w09-AM 9/1 14 key. 1
Addaamii fi Hewaan Namoota Dhugumaan Jiraatanidhaa?
Hidda dhaloota Yihudootaa isa Kitaaba Seenaa Baraa Tokkoffaa boqonnaa 1 hanga 9 fi Wangeela Luqaas boqonnaa 3 irratti argamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Seenaa Baraa Tokkoffaa irratti dhaloonni 48, gabaasa Luqaas galmeesse irratti immoo dhaloonni 75 tarreeffamaniiru. Gabaasni luqaas hidda dhalootaa Yesuus Kiristoos irratti kan xiyyeeffate yommuu taʼu, gabaasni Seenaa Baraa irratti argamu immoo, hidda dhalootaa namoota saba Israaʼel gidduutti moototaa fi luboota taʼanii tajaajilan irratti xiyyeeffata. Hidda dhalootaa lamaan irratti iyyuu Addaamiin dabalatee namoonni beekamoon kan akka Solomoon, Daawit, Yaaqoob, Yisihaaq, Abrahaamii fi Noh jiran caqasamaniiru. Namoonni hidda dhalootaa lamaan isaa irratti caqasaman hundi namoota dhugumaan jiraatani dha. Addaam inni namoonni kun hundi irraa argamanis nama dhugumaan jiraate dha.
Seenaan Waaʼee Nohiifi Bishaan Badiisaa Dubbatu Afoola Utuu hin Taʼin Dhugaa Dha
Seenaan hidda dhalootaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame lama, Nohi nama lubbuudhaan jiraate taʼuusaa nuu mirkaneessa. (1 Seenaa 1:4; Luqaas 3:36) Seenaa dhalootaa kana kan barreessan Izraaniifi Luqaas, namoota ofeeggannoodhaan qorannaa godhan turan. Luqaas, Yesus Kiristos karaa hidda dhalootaa Nohi akka dhufe caqaseera.
w09-AM 9/1 14-15
Addaamii fi Hewaan Namoota Dhugumaan Jiraatanidhaa?
Barumsa Kitaaba Qulqulluu waaʼee furii ibsuu fi namoonni gara mana waaqeffannaa isaanii yeroo baayʼee dhaqan baayʼee barbaachisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Barumsi Kitaaba Qulqulluu kun, Yesuus Kiristoos ilmaan namootaa cubbuu irraa qulqulleessuuf lubbuu isaa furii godhee akka kenne dubbata. (Maatewos 20:28; Yohaannis 3:16) Akkuma hundi keenya beeknu, furiin gatii wal gituu fi namni tokko wanta isa jalaa bade ykn wanta dhabe tokko deebisee argachuuf ykn bituuf kaffalu argisiisa. Kitaabni Qulqulluun, Yesuusiin “furii wal gitu” jedhee kan ibsu kanaafi. (1 Ximotewos 2:6) ‘Yesuus kan wal gitu maalii wajjini?’ jennee gaafanna taʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Akkuma hundi isaanii karaa Addaam duʼan, hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu” jechuudhaan deebii kenna. (1 Qorontos 15:22) Jireenyi mudaa hin qabnee fi Yesuus ilmaan namootaa cubbuurraa bilisa gochuuf kaffale, jireenya mudaa hin qabnee fi Addaam yeroo iddoo biqiltuu Eeden keessatti cubbuu hojjetetti dhabee wajjin wal qixadha. (Roomaa 5:12) Addaam nama dhugumaan jiraate miti utuu taʼee, aarsaan furii Yesuus, hiika kan hin qabne akka taʼu beekamaadha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 911 key. 3-4
Hidda Dhalootaa
Maqaawwan Dubartootaa. Darbee darbee sababni seena qabeessa taʼe jiraannaan, hidda dhalootaa keessatti maqaan dubartootaas ni caqasama ture. Uumama 11:29, 30 irratti Saaraay (Saaraan) kan caqasamte, sanyichi abdachiifame kan dhufu karaa haadha manaa Abrahaam ishii kan biraa utuu hin taʼin, karaa ishii waan taʼeefi. Miilkaanis, akkoo Ribqaa ishii haadha manaa Yisihaaq turtee waan taateef, caqasa kana irratti maqaan ishiis galmaaʼeera. Kun immoo Yisihaaq saboota kaan keessaa haadha manaa fuudhuu waan hin qabneef, hiddi dhalootaa Ribqaa firoota Abrahaam keessaa akka taʼe argisiisuufi. (Uma 22:20-23; 24:2-4) Uumama 25:1 irratti immoo, Keexuraa ishiin yeroo booda haadha manaa Abrahaam taate ibsamteetti. Kun immoo, Abrahaam erga Saaraan duutee booda akka fuudhee turee fi Yihowaan dandeettii inni dhala godhachuuf qabu erga isaaf haaressee waggaa 40 booda illee amma iyyuu dhala godhachuu akka dandaʼu argisiisa. (Rom 4:19; Uma 24:67; 25:20) Akkasumas, hariiroo warri Miidiyaanii fi gosoonni Arabootaa kaan saba Israaʼelii wajjin qaban argisiisa.
Liyaa, Raahelii fi saajjatoonni Yaaqoob ilmaan isaanii wajjin caqasamaniiru. (Uma 35:21-26) Kun immoo Waaqayyo yeroo booda ilmaan isaaniitti kan fayyadame maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Hidda dhalootaa galmeeffamee jiru keessattis maqaan dubartoota kaanii galmeeffamee kan arginu sababuma wal fakkaatuunidha. Yeroo dhaala argatanis maqaan isaanii caqasameera. (Lak 26:33) Haalli Taamaar, Rahaabii fi Ruut garuu adda ture. Seenaa tokkoon tokkoon isaanii yeroo ilaallu, dubartoonni kun amala adda taʼe qabaachuun isaanii hidda sanyii dhalootaa Masihichaa keessa akka seenan isaan taasiseera. (Uma 38; Rut 1:3-5; 4:13-15; Mat 1:1-5) Bakkawwan kan biroo dubartoonni hidda dhalootaa keessatti itti caqasaman immoo, 1 Seenaa Baraa 2:35, 48, 49; 3:1-3, 5 irraa argachuun ni dandaʼama.
AMAJJII 23-29
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 4-6
“Kadhannaan Koo Waaʼee Koo Maal Ibsa?”
w10-AM 10/1 23 key. 3-7
‘Isa Kadhannaa Namaa Dhagaʼu’
Yaabeez nama Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan beekamu ture. Kadhannaa isaa kan jalqabe Waaqayyo akka isa eebbisu gaafachuudhaan ture. Achiis, gaaffiiwwan Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qabu argisiisan sadii gaafate.
Jalqaba irratti, Yaabeez ‘daangaa koo naaf balʼisi’ jechuudhaan kadhateera. (Lakkoofsa 10) Namni kabajamaa taʼe kun, nama lafa namoota kan biroo hawwu hin turre. Kadhannaan inni garaadhaa dhiheesse kun daangaa utuu hin taane, namoota kan ilaallatu ture. Tarii kan inni gaafachaa jiru, qabiyyee balʼaa namoota Waaqayyoon waaqeffatan of keessatti qabachuu dandaʼu akka qabaatuuf, Waaqayyo daangaa bulchiinsa isaa karaa naga qabeessa taʼeen akka isaaf balʼisu taʼuu dandaʼa.
Lammaffaa irratti immoo, “harki” Waaqayyoo isaa wajjin akka taʼu kadhateera. Harki Waaqayyoo humna isaa isa hojii irra jiru argisiisa; Yihowaan tajaajiltoota isaa gargaaruuf humna kanatti fayyadama. (1 Seenaa Baraa 29:12) Yaabeez wanta kadhate argachuuf gara Waaqayyootti kan garagale yommuu taʼu, harki Yihowaas fedhii namoota isa irratti amantii qabanii guutuuf gabaabaa miti.—Isaayyaas 59:1.
Sadaffaa, Yaabeez, “Wanti hamaan akka na irra hin geenyeefis balaa irraa na oolchi!” jechuudhaan kadhateera. Ibsi, “Wanti hamaan akka na irra hin geenyeefis” jedhu, Yaabeez kan kadhate rakkinni akka isa irra hin geenyeef utuu hin taʼin, miidhaa hamminni geessisuun akka hin gaddine ykn akka hin moʼamneef Yihowaan akka isa gargaaru gaafachaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kadhannaan Yaabeez dhiheesse, wantoonni waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabatan akka isa yaaddessanii fi Waaqa isa kadhannaa dhagaʼu irratti amantii akka qabu ifatti argisiisa. Yihowaan deebii akkamii isaaf kenneree? Seenaan gabaabaan kun, “Waaqayyos wanta inni kadhate isaaf ni raawwate” jechuudhaan xumurama.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 10/1 9 key. 7
Yaada Ijoo Kitaaba Seenaa Baraa Tokkoffaa
5:10, 18-22. Bara bulchiinsa Saaʼol Mootichaatti, baayʼinni gosoota baha Yordaanositti argamanii baayʼina Haggaarotaa irra walakkaadhaan kan xiqqaatu taʼus injifannoo argatanii turan. Kun kan taʼe, namoonni ija jabeeyyiin gosa kana keessatti argaman Yihowaatti kan amanamanii fi gargaarsa argachuuf isa eeggachaa waan turaniifi dha. Nutis karaa hafuuraa diinota lakkoofsaan baayʼee nu caalanii wajjin lola irra waan jirruuf, guutummaatti Yihowaatti haa amanamnu.—Efesoon 6:10-17.
AMAJJII 30–GURAANDHALA 5
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 7-9
“Gargaarsa Yihowaatiin Hojii Ulfaataa Siif Kennamu Hojjechuu ni Dandeessa”
w05-AM 10/1 9 key. 8
Yaada Ijoo Kitaaba Seenaa Baraa Tokkoffaa
9:26, 27. Leewwota karra eegdota taʼanitti itti gaafatamummaa guddaatu kennamee ture. Furtuun balbala mana qulqullummaa bakkawwan qulqulluu taʼanitti ol galchu isaanitti kennamee ture. Balbaloota sana guyyaa guyyaadhaan banuudhaan amanamoo taʼuu isaanii mirkaneessaniiru. Nutis itti gaafatamummaan namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif lallabuu fi Yihowaa waaqeffachuu akka jalqaban gargaaruu imaanaadhaan nutti kennameera. Maarree nutoo akkuma Leewwota karra eegdota taʼan sanaa amanamoo taʼuu hin qabnuu?
Haalli Rakkisaan Yeroo Uumamu Akkuma Fiinehaas Gochuu Dandeessuu?
Fiinehaas Israaʼel durii keessatti itti gaafatamummaa guddaan kan isarra ture taʼus, ija jabinaan, hubannaadhaan, akkasumas Waaqayyotti amanamuudhaan rakkoowwan isa mudatan hunda karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuu dandaʼeera. Fiinehaas gumii Waaqayyootiif carraaqqii guddaa gochuunsaas Yihowaa duratti fudhatama isaaf argamsiiseera. Gara waggaa 1,000 booda, Izraan geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Fiinehaas ilmi Eleʼazaar dur bulchaa karra-eegdotaa ti, Waaqayyos isaa wajjin ture” jedhee barreesseera. (1 Sen. 9:20) Yihowaan, yeroo harʼaatti obboloota dura buʼuudhaan saba Waaqayyoo tajaajilaa jiraniifi Kiristiyaanota amanamummaadhaan isa tajaajilan hundaa wajjin akka taʼu hawwii keenyadha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Yihowaa Faarfadhaa!
6 Eeyyee, Yihowaan karaa raajotasaa namoonni isa waaqeffatan faarfannaadhaan akka isa jajatan qajeelfama kenneera. Faarfattoonni gosa lubaa taʼan, muuziqaa qindeessuufi shaakaluuf yeroo gaʼaa akka argatanitti hojii Lewwoonni kaan hojjechuu qaban akka hin hojjenne godhamu turan.—1 Sen. 9:33.
GURAANDHALA 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 10-12
“Fedhii Fedha Yihowaa Raawwachuuf Qabdan Cimsadhaa”
“Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”
12 Daawit seera buʼuuraa Seerri Musee irratti hundaaʼe kan beeku waan tureef, fedhii inni seera buʼuuraa kana eegee jiraachuuf qabu hordofuun keenyas barbaachisaadha. Wanta yeroo Daawit “boolla karra kellaa Betlihem bukkee jiru keessaa bishaan dhugaatii” argachuu hawwetti raawwatame hubadhaa. Namoonni Daawit sadii mandara Filisxeemotaan qabamtee jirtu keessa darbuudhaan bishaan isaaf fidanii dhufan. “Daawit garuu bishaanicha akka kennaatti Waaqayyoof dhangalaase malee, dhuguu hin barbaanne.” Maaliif? Daawit, “Waaqayyoon koo kana gochuu ana irraa haa fageessu! Jarri kun lubbuu isaanii gurguranii waan fidaniif, ani immoo dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii bishaan kana fidanii dhuguu ree?” jechuudhaan sababiisaa ibseera.—1 Sen. 11:15-19.
13 Daawit, dhiigni Yihowaadhaaf lafarratti dhangalaʼuu akka qabu malee nyaatamuu akka hin qabne Seericharraa baratee ture. Sababii kun itti taʼuu qabus hubateera. Daawit “lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa” akka jiru beeka ture. Taʼus kun bishaan malee dhiiga hin turre. Maarree Daawit dhuguu kan dide maaliifi? Seera buʼuuraa Seerichi irratti hundaaʼe waan hubateefidha. Bishaanichi Daawitiif akka dhiiga namoota sadan sanaa, iddoo guddaa kan qabu ture. Kanaaf, isaaf bishaanicha dhuguun waan hin yaadamnedha. Daawit bishaanicha dhuguu mannaa lafarratti dhangalaasuuf murteesseera.—Lak. 17:11; Kes. 12:23, 24.
Seerrii fi Qajeelfamni Waaqayyoo Qalbii Keessan Akka Leenjisu Heyyamaa
5 Seerri Waaqayyoo akka nu gargaaru kan barbaannu yoo taʼe, dubbisuu ykn maal akka taʼan beekuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Seera Waaqayyoo jaallachuu fi kabajuu keenya itti fufuu qabna. Dubbiin Waaqayyoo, “Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa!” jedha. (Amo. 5:15) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Inni guddaan wantootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu barachuu dha. Fakkeenyaaf, rakkinni hirriba dhabuu akka isin mudate godhaa yaadaa. Ogeessi fayyaa keessan nyaata nyaattan, sochii qaamaa gootanii fi akkaataa jireenyaa keessan akka jijjiirtan isin gorse. Gorsa isiniif kenname erga hojii irra oolchitanii booda gaarii taʼuu isaa hubattan! Ogeessi fayyaa keessan jireenyi keessan akka fooyyaʼu waan isin gargaareef guddaa akka dinqisiifattan beekamaa dha.
6 Haaluma wal fakkaatuun, Uumaan keenya seera miidhaa cubbuu irraa nu eeguu fi akkaataa jireenyaa keenya fooyyessuu dandaʼu nuuf kenneera. Seera Kitaaba Qulqulluu sobuu, gowwoomsuu, hatuu, halalummaa, hammeenyaa fi gocha hafuurota xuraaʼoo irraa akka fagaannu ilaalchisee nuuf kenname hordofuudhaan faayidaa arganne yaadaa. (Fakkeenya 6:16-19 dubbisi; Mul. 21:8) Eebba hedduu waan hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun argamsiisu yommuu argannu, jaalallii fi dinqisiifannaan Yihowaafis taʼe seera isaatiif qabnu guddachaa deema.
Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu
it-1-E 1058 key. 5-6
Garaa
‘Garaa Guutuudhaan’ Tajaajiluu. Garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame iddoo adda addaatti hihiramuu dandaʼa. Daawit, “Maqaa kee akkan sodaadhuuf, garaa koo tokko naaf godhi” jechuudhaan wanta jaallatuu fi wanta sodaatu irratti hundaaʼuudhaan garaan nama tokkoo hihiramuu akka dandaʼu dubbateera. (Far 86:11) Namni akkasii “garaa walakkaa” kan qabu yommuu taʼu, waaqeffannaan isaa laphii taʼa. (Far 119:113; Mul 3:16) Namni tokko gooftolii lama tajaajiluuf yaaluudhaan ykn garaa isaatti waan kan biraa yaadaa afaaniin immoo gowwoomsuudhaan “garaa lamaa” (kallattiidhaan, garaa tokkoo fi garaa tokkoo) qabaachuu dandaʼa. (1Se 12:33; Far 12:2, milj) Yesuus fakkeessitummaa garaa lamaan raawwatamu akkasii cimsee balaaleffateera.—Mat 15:7, 8.
Namni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadu tokko garaa walakkaadhaan ykn garaa lamaan utuu hin taʼin, garaa guutuudhaan isa tajaajiluu qaba. (1Se 28:9) Garaan keenya gantuu fi hamaa waan taʼeef kana gochuun carraaqqii cimaa gaafata. (Er 17:9, 10; Uma 8:21) Wantoonni garaa guutuu qabaachuuf nu gargaaran, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu (Far 119:145; Fru 3:41), Dubbii Waaqayyoo yeroo hundumaa qoʼachuu (Iz 7:10; Fak 15:28), misiraachoo lallabuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu (Er 20:9 wajjin wal bira qabii ilaali), akkasumas namoota garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaniitti michoomuu dha.—2Mo 10:15, 16 wajjin wal bira qabii ilaali.
GURAANDHALA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 13-16
“Qajeelfama Hordofuun Milkaaʼina Argamsiisa”
w03-AM 5/1 10-11
“Yihowaan Eessa Jira?” Jettee ni Gaafattaa?
12 Taabonni kakuu gara Israaʼelitti deebiʼee Qiriyaat Yeʼariim keessa waggoota hedduudhaaf erga turee booda, Daawit Mootichi gara Yerusaalemitti fiduu barbaadee ture. Ajjajjootaa wajjin erga mariʼatee booda, ‘gaarii taʼee yoo isaanitti mulʼatee fi Yihowaa duratti fudhatama yoo argate’ Taaboticha akka fidu dubbate. Haa taʼu malee, dhimma kana ilaalchisee fedhiin Yihowaa maal akka taʼe beekuuf qorannaa gaʼaa hin goone. Utuu akkas godheera taʼee, Tabonni sun matumaa saragallaa irratti hin feʼamu ture. Kanaa mannaa, Waaqayyo qajeelfama ifa taʼe kennee waan tureef, Leewwota gosa Qehaat taʼantu baata ture. Daawit yeroo baayʼee Yihowaa gaafachaa kan ture taʼus, yeroo kanatti garuu karaa sirrii taʼeen isa hin gaafanne. Dhumni isaas kan nama gaddisiisu ture. Daawit yeroo booda, “Dheekkamsi Waaqa keenya Yihowaa nu irratti bobaʼee ture; kunis kan taʼe nuti qajeelfama isaa waan hin hordofneefi” jedheera.—1 Seenaa Baraa 13:1-3; 15:11-13; Lakkoofsa 4:4-6, 15; 7:1-9.
w03-AM 5/1 11 key. 13
“Yihowaan Eessa Jira?” Jettee ni Gaafattaa?
13 Leewwonni Taaboticha mana Obeed Edoomii baatanii gara Yerusaalem yommuu fidanitti, faarfannaan Daawit qindeesse ni faarfatame. Faarfannaan garaadhaa madde kun yaadachiisa akkana jedhu kan dabalatu ture: “Yihowaa fi jabina isaa barbaaddadhaa. Yeroo hunda fuula isaa barbaaddadhaa. Hojiiwwan dinqisiisoo inni raawwate, dinqiiwwan isaa fi murtiiwwan inni dabarse yaadadhaa.”—1 Seenaa Baraa 16:11, 12.
Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu
Yihowaa Isa Mootii Bara Baraa Taʼe Waaqeffadhaa
14 Daawit saanduqa kakuu gara Yerusaalemitti geessee ture. Yeroo gammachiisaa taʼe kanatti, Lewwoonni faarfannaa galataa bakka guddaa qabu, 1 Seenaa 16:31rra jiruufi “Isaan saba lafa irraa keessatti, ‘Waaqayyo mootii dha!’ haa jedhan!” jedhu faarfataniiru. Tarii namni tokko, ‘Yihowaan Mootii barabaraa erga taʼee, yeroo sanatti Mootii taʼe kan jedhamu akkamitti?’ jedhee gaafata taʼa. Yihowaan yeroo aangoosaatti fayyadamutti ykn yeroo waan tokko raawwachuuf nama bakka buufate hundatti Mootii akka taʼe argisiiseera. Akkaataan Yihowaan itti bulchu kun faayidaa guddaa kan qabudha. Yihowaan, Daawit duʼuusaa dura, mootummaan Daawit barabaraaf kan itti fufu taʼuusaa, “Sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha; innis warra ati dhalchite keessaa tokko in taʼa; mootummaa isaas nan jabeessa” jechuudhaan itti himee ture. (2 Sam. 7:12) Abdiin kenname kun raawwiisaa kan argate waggaa 1,000 ol booda, jechuunis “sanyiin” ykn ilmi Daawit erga mulʼatee booda ture. Mootiin kun eenyu? Mootii kan taʼuhoo yoomi?
GURAANDHALA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 17-19
“Wantoonni Isin Gaddisiisan Jiraatanis Gammachuu Keessan Eeggadhaa”
Wanta Gaarii Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Argamurratti Xiyyeeffadhaa
NAMOOTA beekamoo Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti ibsaman keessaa Daawit isa tokko ture. Namni tiksee, weellisaa, raajiifi mootii ture kun guutummaatti Yihowaatti kan amanamu ture. Walitti dhufeenyi gaariin Daawit Yihowaa wajjin qabu mana qulqullummaa akka ijaaru isa kakaaseera. Manni qulqullummaa kunimmoo Israaʼel keessatti bakka waaqeffanna dhugaa taʼee tajaajila. Daawit manni qulqullummichaas taʼe wanti achi keessatti raawwatamu saba Waaqayyootiif eebbaafi gammachuu akka argamsiisu beeka ture. Kanaaf, akkas jechuudhaan waaʼee Yihowaa faarfateera: “Namni ati foʼatte oobdii mana kee keessa akka buufatuufis inni ati ofitti buttu haa gammadu! Wanta gaarii isa mana kee mana qulqullummaa keessatti argamuun in quufna.”—Faarfannaa 65:4.
Mirga Qabdutti Gammadi
11 Haaluma wal fakkaatun, nutis hojii tajaajila Yihowaa keessatti nuuf kennamu kam iyyuu ciminaan hojjechuudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu ni dandeenya. Hojii lallabaatti ‘guutummaatti qabami,’ sochiiwwan gumii irrattis hirmaannaa guutuu godhi. (HoE. 18:5; Ibr. 10:24, 25) Walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuu akka dandeessuuf wanta qoʼatamu akka gaariitti qophaaʼi. Kutaa barataa siif kennamu kam iyyuu akka gaariitti qophaaʼi. Gumii keessatti hojii tokko irratti gargaarsa akka gootu yoo gaafatamte hojii siif kenname yeroo isaatti xumuri, akkasumas amanamaa taʼi. Hojii siif kennamu kam iyyuu hin tuffatin. Dandeettii kee guddifachuuf carraaqqii godhi. (Fak. 22:29) Sochiiwwan hafuuraa irratti akka gaariitti kan hirmaattuu fi hojiiwwan siif kennaman ciminaan kan hojjettu yoo taʼe, saffisaan guddina hafuuraa goota, gammachuun kees ni dabala. (Gal. 6:4) Yeroo warri kaan mirga ati argachuu barbaaddu argatanitti isaanii wajjin gammaduunis sitti hin ulfaatu.—Rom. 12:15; Gal. 5:26.
Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu
w20.02 12, saanduqa
Abbaa Keenya Yihowaa Baayʼee Jaallanna
Yihowaan Xiyyeeffannaa Naa Kennaa?
‘Namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi lafa irra jiraatan keessaa Yihowaan xiyyeeffannaa kan naa kennu maaliifi?’ jettee of gaafattee beektaa? Namoonni gaariin gaaffii akkasii gaafatan hedduun jiru. Daawit Mootichi akkana jechuudhaan barreesseera: “Yaa Waaqayyo, ati akka waaʼee isaa yaadduuf namni maali? Ati akka yaadaan isa qabduufis ilmi namaa maali?” (Far. 144:3) Daawit Yihowaan sirriitti akka isa beeku mirkanaaʼaa ture. (1 Sen. 17:16-18) Yihowaan jaalala ati isatti argisiistuufis xiyyeeffannaa akka kennu karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa siif mirkaneessa. Yaadawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanii fi waaʼee dhugaa kanaa mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaaran tokko tokko ilaali:
• Yihowaan dhalachuu kee dura iyyuu si beeka.—Far. 139:16.
• Yihowaan wanta garaa kee keessa jiruu fi wanta yaadaa jirtu beeka.—1 Sen. 28:9.
• Yihowaan kadhannaa kee hunda ni dhagaʼa.—Far. 65:2.
• Gochi kee miira Yihowaa irratti dhiibbaa ni godha.—Fak. 27:11.
• Yihowaan dhuunfaatti ofitti si harkiseera.—Yoh. 6:44.
• Yoo duute Yihowaan sirriitti waan si beekuuf duʼaa si kaasuu dandaʼa. Qaama haaraa fi sammuu haaraa amma qabdu wajjin baayʼee wal fakkaatu sii kenna. Yaadannoo fi eenyummaa isa ammaa wajjin wal fakkaatu qabaatta.—Yohaannis 11:21-26, 39-44; Hojii Ergamootaa 24:15.
GURAANDHALA 27–BITOOTESSA 5
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 SEENAA BARAA 20-22
“Dargaggoonni Milkaaʼina Akka Argatan Isaan Gargaaraa”
‘Wantoota Sana Namoota Amanamoo Taʼaniitti Imaanaadhaan Kenni’
8 Seenaa Isa Duraa 22:5 dubbisi. Daawit, Solomoon hojii guddaa kana toʼachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee yaaduu dandaʼa ture. Manni qulqullummaa sun “baayʼee guddaa” siʼa taʼu, Solomoon immoo yeroo sanatti “mucaa wallaalaa” ture. Taʼus, Daawit Yihowaan hojii isaaf kenname geggeessuuf gaʼumsa akka qabaatu Solomooniin gargaaruu akka dandaʼu beeka ture. Kanaaf, Daawit miʼa hojichaaf barbaachisu hedduu qopheessuudhaan, hojii kana deggeruuf wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera.
‘Wantoota Sana Namoota Amanamoo Taʼaniitti Imaanaadhaan Kenni’
7 Daawit, mana qulqullummaa sana kan ijaaru isa waan hin taaneef gadduudhaan deggersa gochuu irraa duubatti hin jenne. Manni qulqullummaan ijaarame sunis, mana qulqullummaa Solomoon jedhame malee kan Daawit hin jedhamne. Daawit waan hawwe utuu hin raawwatin hafuu isaatti gadduu mannaa, hojii ijaarsaa sana guutummaatti deggereera. Namoota hojii kana hojjetan gareedhaan qindeesseera; sibiila, sibiila boorrajjii, meetii fi warqee, akkasumas saanqaa muka gaattiraa irraa hojjetame walitti qabeera. Kana malees akkana jedhee Solomooniin jajjabeesseera: “Egaa yaa ilma ko, Waaqayyo sii wajjin haa taʼu! Waaqayyo gooftaan kee mana qulqullummaa akka isaaf ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni siif haa qajeelchu!”—1 Sen. 22:11, 14-16.
Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Guddina Argisiisanii Akka Cuuphaman Gargaaraa Jirtuu?
14 Jaarsoliin gumii karaa hafuuraa tiksitoota waan taʼaniif, waaʼee galmawwan hafuuraa yaada nama jajjabeessu dubbachuudhaan carraaqqii warri godhan cimsuu dandaʼu. Obboleettiin waggaa 70 oliif qajeelchituu taatee tajaajilaa turte tokko, yommuu umuriin ishii waggaa jaʼa qofa turetti maree obboleessa keenya Chaarlis Raasil wajjin goote ishii jajjabeessee akka ture ni yaadatti. “Daqiiqaa 15f waaʼee galmawwan hafuuraa koo irratti na haasofsiisee ture” jetteetti. Eeyyee, yaanni gaarii fi nama jajjabeessu buʼaa yeroo dheeraadhaaf turu argamsiisuu dandaʼa. (Fak. 25:11) Kana malees, jaarsoliin warrii fi ijoolleen isaanii hojii ijaarsa Galma Walgaʼii irratti waliin akka hirmaatan gochuuf, dargaggootaaf umurii fi dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan hojii isaaniif kennuu dandaʼu.
15 Miseensonni gumii kaanis ijoolleedhaaf xiyyeeffannaa sirrii kennuudhaan isaan gargaaruu dandaʼu. Kun immoo wantoota guddina isaan karaa hafuuraa gochaa jiran argisiisan dammaqinaan hordofuu dabalata. Dargaggeessi tokko gumii irratti yaada gaarii kan itti yaadame kennaa? Yookiin kutaawwan sagantaa walgaʼii torban gidduutti godhaman irratti ni hirmaataa? Qorumsa amanamummaa isaa wajjin wal qabatee isa mudatu akka gaariitti damdamachaa jiraa? Yookiin mana barumsaatti carraa dhugaa baʼuuf argatu hundatti fayyadamaa jiraa? Taanaan garaadhaa galateeffachuuf dursa fudhadhaa. Garaadhaa akka isaaf yaaddan argisiisuuf, walgaʼii dura ykn booda dargaggeessa tokko wajjin mariʼachuuf maaliif carraaqqii hin gootan? Karaawwan kanaa fi kan birootiin, dargaggoonni kutaa “waldaa guddaa” taʼuu isaanii akka hubatan gargaaruun ni dandaʼama.—Far. 35:18.
Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu
w05-AM 10/1 11 key. 6
Yaada Ijoo Kitaaba Seenaa Baraa Tokkoffaa
21:13-15. Yihowaan dhaʼichicha akka dhaabuuf maleekaa sanaaf ajaja kan kenne, dhiphinni saba isaa waan isatti dhagaʼameef ture. Dhuguma iyyuu, “gara laafinni [Yihowaa] baayʼee guddaa” dha.