LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr23 Fulbaana ful. 1-14
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FULBAANA 4-10
  • FULBAANA 11-17
  • FULBAANA 18-24
  • FULBAANA 25–ONKOLOOLESSA 1
  • ONKOLOOLESSA 2-8
  • ONKOLOOLESSA 9-15
  • ONKOLOOLESSA 16-22
  • ONKOLOOLESSA 23-29
  • ONKOLOOLESSA 30–SADAASA 5
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2023
mwbr23 Fulbaana ful. 1-14

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

FULBAANA 4-10

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ASTEER 1-2

“Akka Asteer Gad Of Qabuuf Carraaqqii Godhaa”

w17.01 25 key. 11

Qorumsa Keessatti Illee Gad Of Deebisuu ni Dandeessu

11 Kana malees, namoonni yommuu garmalee nu jajan kan gad of deebisnu taʼuun keenya qoramuu dandaʼa. Mee haalawwan akka tasaa jijjiiramaniif deebii gaarii Asteer kennite haa ilaallu. Baayʼee bareedduu kan turte taʼuu ishii irra iyyuu, waggaa tokkoof dibatawwan gatii guddaa qabaniin kunuunsa argachaa turte. Shamarran hedduu guutummaa Bulchiinsa Faares keessaa dhufanii fi xiyyeeffannaa mootichaa argachuuf wal dorgoman gidduu jiraatti turte. Taʼus nama kabaja qabduu fi tasgabboofte turte. Mootichi, mootuu isaa akka taatu erga ishii filatee booda illee of hin jajne ykn of hin gurguddisne.—As. 2:9, 12, 15, 17.

ia 150 key. 15

Saba Waaqayyootiif Falmiteetti

15 Asteer mooticha duratti dhihaachuuf yeroo dabareenshee gaʼu, tarii caalaatti akka of miidhagsituuf taʼuu dandaʼa wanta miidhaginaaf ishee barbaachisu akka filattu mirgi isheedhaaf kenname. Taʼus, nama gad of deebistu waan turteef, wanta Hegaayi isheedhaaf kenne caalaa homaa hin gaafanne. (As. 2:15) Tarii miidhaginni qofti mooticha gammachiisuu akka hin dandeenye, iddoo ofii beekuufi gad of deebisuunis mana mootichaa keessa akka hin jirre hubattee taʼuu hin oolu. Ilaalchi Asteer sirrii turee?

w17.01 25 key. 12

Qorumsa Keessatti Illee Gad Of Deebisuu ni Dandeessu

12 Gad of deebisuun, namootaafis taʼe ofii keenyaaf karaa kabaja akka qabnu argisiisuun akka uffannuu fi amala gaarii akka qabaannu nu gargaara. Garaa namootaa tuquu kan dandeenyu, of jajuudhaan ykn xiyyeeffannaa isaanii gara keenyatti harkisuudhaan utuu hin taʼin, “tasgabbii fi hafuura garraamummaa” argisiisuudhaan akka taʼe beekna. (1 Pheexiros 3:3, 4 dubbisi; Er. 9:23, 24) Yaanni sirrii hin taane garaa keenya keessa yoo jiraate, oolee bulee gocha keenya irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf, mirga tajaajilaa adda taʼe akka qabnu, odeeffannoo namoonni kaan hin beekne akka beeknu ykn obboloota itti gaafatamummaa qabanii wajjin hariiroo addaa akka qabnu dubbachuudhaan kana argisiisna taʼa. Kana malees, yaanni ykn hojiin namoonni kaan irratti hirmaatan kan keenya qofa akka taʼe goonee dubbanna taʼa. Gama kanaanis Yesuus fakkeenya gaarii taʼa. Wanti inni dubbate baayʼeen isaa, kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa kan fudhatame ture. Yesuus karaa akka gad of deebisu argisiisuun kan dubbate, dhaggeeffattoonni isaa wanti inni dubbatu beekumsaa fi ogummaa ofii isaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, Yihowaa biraa kan dhufe akka taʼe akka beekan waan barbaaduuf ture.—Yoh. 8:28.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w22.11 31 key. 3-6

Kana Beektaa?

Qorattoonni barreeffama kiyuniifoormii Faarsi maqaa nama Maardukaa (Afaan Oromootiin Mordekaay) jedhamu qabate tokko argatan. Namichi kun Shushaan keessatti bulchaa taʼee hojjeteera (itti gaafatamaa maallaqaa taʼuu hin oolu). Hayyuu seenaa warra Bahaa kan taʼan Artar Unginaad yeroo sanatti Kitaaba Qulqulluudhaa alatti maqaa Mordekaay jedhu kan caqasu kiyuniifoormii kana qofa akka taʼe gabaasanii turan.

Unginaad gabaasa kana erga dhiheessanii booda hayyoonni kiyuniifoormota Faarsi kumaan lakkaaʼaman hiikaniiru. Isaan keessaa tokko gabateewwan jijjigaa magaalaa Parsapoliis keessatti argamanidha; gabateewwan kun kan argaman Mana Qabeenyaa dallaa magaalatti biratti argamu keessattidha. Gabateewwan kun kan qophaaʼan bara bulchiinsa Xaraksiis Tokkoffaattidha. Kan barreeffaman Afaan Elaamiin yeroo taʼu, maqoota kitaaba Asteer keessatti ibsaman garaa garaa qabataniiru.

Gabateewwan Parsapoliis garaa garaa maqaa Maardukaa isa bara Xaraksiis Tokkoffaatti mana mootummaa Shushaanitti argamu keessatti barreessaa mootichaa taʼee tajaajilaa turee qabataniiru. Gabateen tokko Maardukaan hojii hiikkaa akka hojjetu ibseera. Ibsi kun yaada Kitaabni Qulqulluun waaʼee Mordekaay dubbatu wajjin kan wal simudha. Mordekaay abbaa taayitaa mana mootummaa Ahaashweros Mootichaa (Xaraksiis Tokkoffaa) keessatti tajaajilaa turee fi yoo xinnaate afaan lama dubbachuu dandaʼudha. Yeroo baayʼee mana mootummaa Shushaanitti argamu keessa karra mootichaa bira taaʼa ture. (As. 2:19, 21; 3:3) Karri kun gamoo guddaa abbootiin taayitaa mana mootummaa itti hojjetanidha.

Yaanni gabateewwan sanarratti waaʼee Maardukaa ibsamee fi yaanni Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼee Mordekaay ibsame baayʼee wal fakkaata. Barri keessa jiraatanii fi bakki jiraatan wal fakkaata, akkasumas bakka hojii wal fakkaataa taʼetti abbaa taayitaa taʼanii tajaajilaniiru. Argannoowwan arkiyooloojii kun hundi namichi Maardukaa jedhamuu fi Mordekaay inni kitaaba Asteer keessatti ibsame namuma tokko akka taʼan argisiisu.

FULBAANA 11-17

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ASTEER 3-5

“Warri Kaan Wanta Isaaniif Dandaʼame Hunda Akka Godhan Gargaaraa”

it-2-E 431 key. 7

Mordekaay

Haamaaniif sagaduu dide. Sana booda Ahaashweros, Haamaan Agaagicha mummicha ministeeraa godhee muude, akkasumas namoonni karra mootichaa keessa jiran hundi iddoo guddaa waan argateef akka isaaf sagadan ajaja kenne. Mordekaay garuu ija jabinaan akkas gochuu dideera, kana kan hin goones Yihudii taʼuu isaatiin kan kaʼe akka taʼe dubbateera. (As 3:1-4) Mordekaay akkas jechuun isaa sirriidha, sababiin isaas inni Yihuudii Yihowaadhaaf of murteesse waan tureef gochi kun walitti dhufeenya inni Yihowaa wajjin qabu kan tuqudha. Mordekaay Haamaaniif sagaduun, akkuma Israaʼelonni sana dura gochaa turanitti warra aangoo guddaa qaban kabajuuf, jechuunis namoota bulchaa taʼanii mudamaniif beekamtii kennuuf jecha kan raawwatamu qofa akka hin taane hubatee ture. (2Sa 14:4; 18:28; 1Mo 1:16) Mordekaay sababii quubsaa Haamaniif itti hin saganne qaba. Haamaan nama Amaleeq taʼuu hin oolu; Yihowaanimmoo Amaleeqotaa wajjin “dhalootaa hamma dhalootaatti” waraana irra akka jiru dubbateera. (Bau 17:16; HAAMAAN [HAMAN] isa jedhu ilaali.) Kanaafuu, kun Mordekaayiif dhimma siyaasaa utuu hin taʼin dhimma Waaqayyoof amanamaa taʼuu ture.

it-2-E 431 key. 9

Mordekaay

Saba Israaʼel oolchuu irratti shoora guddaa taphateera. Yeroo Yihudoota bulchiinsicha keessa jiran hundumaa balleessuuf labsiin baʼetti, Mordekaay Asteer gara mana mootummaa kan dhufte yeroo kanatti Yihudoota oolchuuf akka taʼe amantii qabu ibseera. Akkasumas itti gaafatamummaa guddaan akka ishii irra jiru itti himeera; surraa fi gargaarsa mootichaa argachuuf akka kadhattus qajeelfama ishiidhaaf kenneera. Kun lubbuu ishii balaadhaaf kan saaxilu taʼullee, wanta inni jedhe hojiirra oolchiteetti.—As 4:7–5:2.

ia 153-154 key. 22-23

Saba Waaqayyootiif Falmiteetti

22 Asteer ergaa kana yommuu dhageessu baayʼee dhiphattee taʼuu qaba. Haalli kun amantiisheerratti qorumsa guddaa kan fidudha. Deebii Mordekaayiif deebisterraa hubachuun akkuma dandaʼamu sodaattee turte. Achiis seerri mootichaa maal akka jedhu isa yaadachiiste. Namni tokko utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaate jechuun ni ajjeefama jechuudha. Namni kun duʼa ooluu kan dandaʼu mootichi siiqqee warqeesaa yoo isatti qabe qofadha. Waashtiin ajaja mootichaa tuffattee yommuu isa duratti dhihaachuu didde waan isheerra gaʼe beekuunshee, Asteer akka sodaattu ishee godhee turee laata? Asteer mootichi guyyaa 30 darbanitti akka ishee hin waamne Mordekaayitti himte. Asteer, Mootiin yaadasaa jijijjiiru kun yeroo hammanaatiif ishee waamuu dhiisuunsaa, na jibbee yaadasaa jijjiireeraa laata jettee akka shakkitu ishee gochuu dandaʼa.—As. 4:9-11.

23 Mordekaayi deebii amantii Asteer cimsu isheedhaaf deebise. Yoo isheen tarkaanfii fudhachuu dhiiste, Yihudootaaf fayyinni bakka biraatii akka dhufu isheetti hime. Haataʼu malee, ariʼatamni sun sadarkaa guddaarra yeroo gaʼe kanatti Asteer nan oola jettee eeguu dandeessii? Mordekaayi Yihowaan sabnisaa guutummaatti akka badanis taʼe abdiinsaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne amantii cimaa akka isarratti qabu argisiiseera. (Iya. 23:14) Achiis Mordekaayi, Asteeriin “Mootuu taʼuun kee iyyuu yeroo akkasiitiif yaadame taʼa, maaltu beeka?” jedhee gaafate. (As. 4:12-14) Fakkeenya amantii Mordekaayi hordofuun keenya sirrii mitiiree? Inni Waaqasaa Yihowaatti guutummaatti amanameera. Nutoo?—Fak. 3:5, 6.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

kr 181 key. 14

Mirga Waaqeffannaatiif Qabsaaʼuu

14 Akkuma Asteeriifi Mordekaayi durii, sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis karaa inni isaan ajajeen Yihowaa waaqeffachuuf jecha mirgasaanii kabachiisuuf qabsoo godhaniiru. (As. 4:13-16) Isinoo gama kanaan gumaacha gochuu dandeessuu? Eeyyee! Obboloota keessan gama seeraatiin jalʼinni isaanirratti raawwatamaa jiruuf yeroo hunda kadhachuu ni dandeessu. Kadhannaan akkasii obboloota keenya rakkinniifi ariʼatamni isaanirra gaʼaa jiru gargaaruu dandaʼa. (Yaaqoob 5:16 dubbisi.) Yihowaan kadhannaa akkasiitiif deebii ni kennaa? Injifannoowwan mana murtiitti arganne deebii akka inni kennu kan argisiisanidha!—Ibr. 13:18, 19.

FULBAANA 18-24

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ASTEER 6-8

“Barumsa Akka Gaariitti Waliin Haasaʼuu Ilaalchisee Argannu”

ia 161 key. 15-16

Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

15 Asteer gaaffiishee mootichatti dhiheessuuf guyyaa dabalataa tokko obsaan eeggachaa yeroo turtetti, Haamaanimmoo wanta kufaatiisaatiif taʼu raawwachaa ture. Kana malees, mootichi hirriba akka dhabu kan godhe Yihowaa taʼuu dandaʼa. (Fak. 21:1) Kanaaf, dubbiin Waaqayyoo obsaan akka ‘eeggannu’ nu jajjabeessuunsaa sirriidha. (Miikiyaas 7:7 dubbisi.) Waaqayyoon kan eeggannu yoo taʼe, furmaanni inni rakkina keenyaaf kennu isa nuyi yaannurra baayʼee akka caalu hubachuu dandeenya.

Ija Jabinaan Dubbatteetti

16 Asteer kana caalaa obsa mootichaa ficcisiisuu waan hin qabneef, nyaachisa guyyaa lammataa kanarratti waan hunda itti himuu qabdi. Haataʼu malee akkamitti itti himuu dandeessi? Nyaachisa sanarratti mootichi yeroo lammataatiif maal akka barbaadde gaafachuudhaan carraa isheedhaaf kenne. (As. 7:2) Asteer ‘yeroon itti dubbachuu’ qabdu ammadha.

ia 162 key. 17

Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

17 Asteer yaada armaan gadii dubbachuushee dura garaasheetti kadhannaa akka dhiheessite tilmaamuu dandeenya. Achiis, “Yaa mootii, fuula kee duratti faara tolaadhaan ilaalamee yoon jiraadhe, si mootichatti yoo toles, anii fi qomoon koo duʼa oollee akka jiraannuuf sin kadhadha” jetteen. (As. 7:3) Asteer murtoo mootichi murteessu kamiyyuu akka fudhattu isatti himuushee hubadhu. Asteer, Waashtii haadha manaa mootichaa ishee duraanii, taʼe jettee abbaa manaashee salphisterraa baayʼee adda turte. (As. 1:10-12) Kana malees, mootichi gowwummaadhaan Haamaaniin amanuusaatiif isa hin ceephaane. Kanaa mannaa, mootichi duʼarraa akka ishee oolchu kadhatte.

ia 162-163 key. 18-19

Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti

18 Gaaffiin kun mooticha baayʼee ajaaʼibsiisee akka ture hin shakkisiisu. Namni haadha manaasaa kana ajjeesuuf ija jabaate kun eenyudha? Asteer itti dabaluudhaan, “Utuu nuyi dhiiraa fi dubartiidhaan garbummaa duwwaatti gurguramneerra taʼe, kun hammuma kanatti mooticha waan hin miineef, ani hin dubbadhun ture; amma garuu anii fi qomoon koo ajjeefamnee, balleeffamnee, akka barbadeeffamnuuf dabarfamnee gurguramneerra” jetteen. (As. 7:4) Asteer rakkinicha ifatti kan saaxilte taʼus, dhimmi kun waaʼee garbummaatti gurguramuu qofaa utuu taʼee akka hin dubbanne caqasuushee hubadhu. Haataʼu malee, ajjeechaa sanyii tokko balleessuuf yaadame kana callisee dhiisuunsaa mooticharrattiyyuu miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.

19 Fakkeenyi Asteer mala itti namoota amansiisan ilaalchisee waan hedduu nu barsiisa. Rakkina cimaa tokko, nama jaallattu ykn nama aangoo qabutti himuu yoo barbaadde, obsaafi kabaja qabaachuu, akkasumas ifatti dubbachuunkee baayʼee si gargaaruu dandaʼa.—Fak. 16:21, 23.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 3/1 11 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Asteer

7:4—Yihudoonni balleeffamuunsaanii ‘mooticha irratti miidhaa kan geessisu’ akkamitti? Asteer Yihudoonni garbummaatti gurguramuu akka dandaʼan malaan ibsuudhaan balleeffamuunsaanii mooticharratti miidhaa akka geessisu dubbateetti. Meetiin 10,000 Haamaan mana kuusaa mootichaatti galchuuf waadaa gale, utuu Haamaan Yihudoota garbummaatti gurguruuf karoorfateera taʼee buʼaa argamuu wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu wayittiyyuu kan lakkaaʼamu hin turre. Wanti Haamaan karoorfate utuu isaaf milkaaʼeera taʼee, mootichi mootuu isaallee ni dhaba ture.

FULBAANA 25–ONKOLOOLESSA 1

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ASTEER 9-10

“Aangoo Isaatti Fayyadamuudhaan Saba Isaa Gargaareera”

it-2-E 432 key. 2

Mordekaay

Mordekaay inni Haamaaniin bakka buʼee muummicha ministeeraa taʼe, qubeellaa chaappaa mootichaa waan argateef dokmantoota bulchiinsa isaa keessatti ergaman irratti chaappaa gochuu dandaʼa. Asteer mana Haamaan isa mootichi ishiidhaaf kenne irratti Mordekaayiin muudeetti. Achiis Mordekaay aangoo mootichi isaaf kennetti fayyadamee, labsii kan biraa Yihudoonni akka of irraa ittisan mirga seera qabeessa isaaniif kennu baase. Kun Yihudootaaf fayyinaa fi gammachuu argamsiiseera. Namoonni Bulchiinsa Faarsi keessa jiran hedduun Yihudoota deggeran; kanaaf gaafa Adaar 13 yeroo seerri baʼe sun hojii irra oolutti Yihudoonni qophaaʼanii turan. Mordekaay nama aangoo guddaa qabu waan tureef abbootiin taayitaas isa cinaa dhaabbatan. Shushaanitti lolli sun guyyaa dabalataa tokkoof itti fufeera. Ilmaan Haamaan kudhan dabalatee diinonni Yihudootaa 75,000 ol taʼan bulchiinsa Faarsi keessaa balleeffamaniiru. (As 8:1–9:18) Deggersa Asteeriin Mordekaay waggaa waggaadhaan jiʼa Adaar keessaa guyyaa 14​ffaa fi 15​ffaatti “guyyoota Puuriim” akka kabajan ajaje; guyyoonni kun guyyoota affeerraa fi gammachuu, akkasumas yeroo walii isaaniifis taʼe hiyyeeyyiidhaaf kennaa itti kennanidha. Yihudoonni ayyaanicha fudhachuudhaan, sanyiiwwan isaanii fi warra isaan deggeran hundumaa dirqama keessa galchan. Mordekaay bulchiinsicha keessatti nama sadarkaa lammaffaa qabu waan taʼeef, Yihudoota warra saba Waaqayyoof of murteessan taʼan biratti nama kabajamaa ture; aangoo isaatti fayyadamees nageenya isaaniitiif hojjechuu isaa itti fufeera.—As 9:19-22, 27-32; 10:2, 3.

it-2-E 716 key. 5

Puuriim

Kaayyoo isaa. Namoonni yaada kennan tokko tokko akka jedhanitti, Ayyaanni Puuriim inni Yihudoonni yeroo harʼaatti kabajan ayyaana amantaa hin fakkaatu; yeroo tokko tokkommoo akkaataan ayyaana kana itti kabajan keessa baʼaa taʼa, yeroo hundeeffameettii fi yeroo jalqaba ayyaaneffatamaa turetti garuu akkas hin turre. Mordekaayii fi Asteer tajaajiltoota Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼee waan turaniif, ayyaana kana kan hundeessan isaaf ulfina kennuuf ture. Yihudoonni yeroo sanatti ooluun isaanii maqaa Yihowaa wajjin kan walqabatu ture, amanamummaa Mordekaay irratti gaaffiin kan kaʼeyyuu, Mordekaay Yihowaa qofa waan waaqeffateefi. Haamaan nama Amaaleq taʼuu hin oolu; Amaaleqonnimmoo saba Yihowaan kallattiidhaan abaaree fi akka balleeffaman itti murteesse turan. Mordekaay murtoo Waaqayyoo kabajuudhaan Haamaaniif sagaduu dideera. (As 3:2, 5; Bau 17:14-16) Kana malees, wanti Mordekaay Asteeritti dubbate (As 4:14) fayyina Yihudootaatiif qaama humna guddaa qabutti akka amanamu argisiisa; Asteer mooticha duratti dhihaachuu ishii dura soomuun ishii fi affeerraa nyaataa qopheessuun ishii cimsitee gargaarsa Waaqayyoo akka gaafatte argisiisa.—As 4:16.

cl 121-122 key. 12-13

Humna Keessan Fayyadamuu Irratti ‘Waaqayyoon Kan Fakkaattan Taʼaa’

12 Yihowaan ilaaltota ol aanaa gumii Kiristiyaanaa dura buʼanii geggeessan kenneera. (Ibroota 13:17) Namoonni gaʼeessota taʼan kun, aangoo Waaqayyo isaaniif kennetti fayyadamanii gargaarsa barbaachisuu fi wanta nageenya hoolotaatiif gargaaru dhiheessu. Aangoon isaanii kun jaarsoliin obboloota isaanii irratti gooftaa akka taʼan isaaniif heyyamaa? Matumaa! Jaarsoliin, gaʼee gumii keessatti qabaniif ilaalcha sirrii qabaachuu qabu. (1 Pheexiros 5:2, 3) Kitaabni Qulqulluun, ‘gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite tiksee taʼaa eegaa’ jechuudhaan ilaaltota ol aanaa gorsa. (Hojii Ergamootaa 20:28) Sababiin inni guddaan jaarsoliin hoolota hunda gaarummaadhaan akka qaban isaan godhu kanadha.

13 Yaada kana fakkeenya itti aanuun ibsuu dandeenya: Michuun kee tokko miʼa gatii guddaa qabu akka isaaf eegdu si gaafate haa jennu. Michuun kee kun miʼa sana gatii guddaadhaan akka bite beekta. Miʼa sana of eeggannoo guddaadhaan hin qabduu? Waaqayyos, qabeenya gatii guddaa qabu, jechuunis gumii miseensonni isaa hoolotatti fakkeeffaman akka kunuunsan jaarsoliif itti gaafatamummaa kenneera. (Yohaannis 21:16, 17) Yihowaan, hoolota isaa dhiiga Ilma isaa Yesuus Kiristoos isa gatii guddaa qabuun waan biteef baayʼee isaan jaallata. Yihowaan hoolota isaatiif kana caalaa gatii guddaa akkamii kaffaluu dandaʼa? Jaarsoliin gad of qaban kana yaadatti qabatanii hoolota Yihowaa kunuunsu.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 3/1 11 key. 4

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Asteer

9:10, 15, 16—Labsichi boojuu fudhachuu kan isaaniif heeyyamu taʼus, Yihudoonni boojuu tokkollee fudhachuu kan hin barbaanne maaliifi? Akkas gochuu diduudhaan, kaayyoon isaanii of irraa dhowwuu malee qabeenya argachuu akka hin taane ifatti argisiisaniiru.

ONKOLOOLESSA 2-8

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 1-3

“Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Hammam Cimaa Akka Taʼe Argisiisuu Keessan Itti Fufaa”

w18.02 6 key. 16-17

Amantii Qabaachuu fi Ajajamuu Ilaalchisee Fakkeenya Noh, Daaniʼelii fi Iyoob Hordofaa

16 Rakkoowwan Iyoobiin mudatan. Iyoob jireenya isaa keessatti jijjiirama guguddaa argeera. Iyoob qoramuu isaa dura, “Namoota gara baʼa-biiftuu jiraatan hundumaa keessaa inni nama guddaa ture.” (Iyo. 1:3) Sooressa, nama beekamtii qabuu fi kabajamaa ture. (Iyo. 29:7-16) Iyoob wantoota kana hundumaa kan qabu taʼus, akka guddaatti of hin ilaalle ykn Waaqni akka isa hin barbaachisne isatti hin dhagaʼamne. Sirumaa iyyuu Yihowaan, “garbicha koo” kan isaan jedhe taʼuu isaa irra iyyuu, “Inni hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha” jedhee waaʼee isaa dubbateera.—Iyo. 1:8.

17 Yeroo gabaabaa gidduutti jireenyi Iyoob guutummaatti jijjiirame. Battalumatti waan qabu hundumaa dhabee, akkasumas abdii kutatee ture. Kun akka taʼu kan godhe Seexana isa maqaa balleessituu akka taʼe beekna; Seexanni Iyoob Waaqayyoon kan tajaajilu faayidaa isaatiifi jechuudhaan sobaan isa himatee ture. (Iyoob 1:9, 10 dubbisi.) Yihowaan himata jalʼaa kana callisee bira hin darbine! Kanaa mannaa Yihowaan, Iyoob amanamummaa isaa akka argisiisuu fi kan isa waaqeffatu ofittummaadhaan kakaʼee utuu hin taʼin garaa qulqulluudhaan taʼuu isaa akka mirkaneessu carraa isaaf kenne.

w19.02 5 key. 10

Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!

10 Seexanni tokkoon tokkoon keenya irratti himata kana fakkaatu dhiheessa. Himanni kun isiniin kan ilaallatu akkamitti? Seexanni jaalalli Yihowaadhaaf qabdan dhugaa miti, lubbuu keessan oolchuuf isa tajaajiluu ni dhaabdu; kana malees amanamummaan isin qabna jettan soba dha jedha. (Iyo. 2:4, 5; Mul. 12:10) Kun maaltu akka isinitti dhagaʼamu godha? Kun nama miidha, mitii? Haa taʼu malee kana yaadaa: Yihowaan baayʼee waan isin amanuuf carraa dinqisiisaa isin afeereera. Yihowaan Seexanni amanamummaa keessan akka qoru isaaf heyyameera. Yihowaan amanamummaa keessan eeguu akka dandeessanii fi Seexanni sobduu taʼuu isaa akka mirkaneessitan amanannaa qaba. Yeroo kana gootanittis Inni isin gargaaruuf waadaa galeera. (Ibr. 13:6) Qaama hawaa keessatti Hundumaa Ol taʼeen amanamuun mirga guddaa mitii! Amanamummaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubattaniittuu? Soba Seexanaa fashaleessuu, maqaa Abbaa keenyaa isa gaarii kabajuu fi akkaataa inni itti bulchu deggeruuf nu dandeessisa. Amala barbaachisaa kana horachuu kan dandeenyu akkamitti?

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w21.04 11 key. 9

Jechoota Dhumaa Yesuus Dubbate Irraa Maal Baranna?

9 Yesuus maal jedhe? Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?” jedhee ture. (Mat. 27:46) Kitaabni Qulqulluun sababii itti Yesuus akkas jedhe hin ibsu. Taʼus jechoota kana irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Tokkoffaa, Yesuus jechoota kana dubbachuudhaan raajiin Faarfannaa 22:1 irratti ibsame akka raawwatamu godheera. Lammaffaa, jechoonni kun Yihowaan Ilma isaatti ‘naannessee dallaa eegumsaa’ akka hin ijaarre argisiisu. (Iyo. 1:10) Yesuus Abbaan isaa warri isa jibban amantii isaa hamma duʼaatti akka qoran heyyamuu isaa hubateera; namni hamma Yesuus qoramee beeku hin jiru. Kana malees, jechoonni kun Yesuus yakka duuti akka itti murteeffamu godhu akka hin raawwanne mirkaneessu.

ONKOLOOLESSA 9-15

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 4-5

“Odeeffannoo Sobaa Irraa Of Eeggadhaa”

it-1-E 713 key. 11

Eliifaaz

2. Michoota Iyyoob sadan keessaa isa tokkodha. (Iyo 2:11) Eliifaaz Temaanichi, sanyii ilma Esaawu isa angafaa taʼuu hin oolu; kanaaf sanyii Abrahaamii fi fira fagoo Iyyoobi. Innis taʼe sanyiiwwan isaa ogummaa isaaniitiin jajamaniiru. (Er 49:7) Eliifaaz “jajjabeessitoota” Iyyoob sadan keessaa isa iddoo guddaa qabuu fi dhiibbaa gochuu dandaʼu akka taʼetti waan ibsameef, umuriidhaan hunda isaanii irra kan caalu taʼuu hin oolu. Falmii marsaa sadiin geggeessan irratti jalqaba kan dubbatee fi wanta dheeraa kan dubbate isadha.

w05-AM 9/15 26 key. 2

Yaada Hamaa Mormaa!

Eliifaaz dhiibbaa hafuuraa yeroo tokko isa irra gaʼee ture yaadachuudhaan akkana jedhe: “Hafuurri tokko fuula koo dura darbe; rifeensi qaama kootiis ni dhaabbate. Innis bakkuma jiru dhaabbate, ani garuu wanta inni fakkaatu hin hubanne. Wanti tokko ija koo dura ture; sagaleen hin dhagaʼamu ture, achiis sagalee tokko nan dhagaʼe.” (Iyyoob 4:15, 16) Hafuura akkamiitu akkataa Eliifaaz itti yaadurratti dhiibbaa geessise? Dubbii ceephoon inni sana booda dubbate, hafuurri kun maleekaa Yihowaa amanamaa taʼe tokko akka hin taane ifatti argisisa. (Iyyoob 4:17, 18) Kanaa mannaa uumama hafuuraa hamaa taʼedha. Utuu kun taʼuu baatee, Yihowaan soba dubbachuu isaaniitiin Eliifaazii fi michoota isaa lamaan ni ifata turee? (Iyyoob 42:7) Eeyyee, Eliifaaz wanta kana kan dubbate dhiibbaa jiinniiwwaniitiini. Wanti inni dubbate yaada Waaqayyoo kan calaqqisu hin turre.

w10 2/15 19 key. 5-6

Olola Seexanaarraa Of Eegaa!

Seexanni, michoota Iyoob sadan keessaa Eliifaazitti fayyadamee, namoonni baayʼee dadhaboo waan taʼaniif Waaqayyoof amanamoo taʼuu hin dandaʼan jedhee mormii kaaseera. Ilmaan namootaa akka ‘manneen suphee irraa hojjetaman keessa taaʼaniitti’ ibsuudhaan Iyoobiin akkas jedhe: “[“Hundeensaanii biyyoo keessa kan jiru,” hiika bara 1899] warri bilii caalaa salphaatti caccaban hammam caalaa haa taʼan ree? Isaan barii ganamaatii hamma galgalaatti caccabanii in hurraaʼu, utuu namni itti hin yaadin raawwatanii in badu.”—Iyo. 4:19, 20.

Caqasa kanarratti “qodaa suphee” cabutti fakkeeffamneerra. (2 Qor. 4:7) Cubbuu dhaalleen kan kaʼe mudaa waan qabnuuf dadhaboodha. (Rom. 5:12) Miidhaa Seexanaatiif saaxilamneerra. Haataʼu malee, Kiristiyaanota waan taaneef gargaarsa Yihowaa qabna. Humni keenya kan daangeffame taʼus, Waaqayyo duratti bakka guddaa qabna. (Isa. 43:4) Kana malees, Yihowaan warra isa gaafataniif hafuura qulqulluu ni kenna. (Luq. 11:13) Hafuurrisaa rakkina Seexanni nurraan gaʼu kamiyyuu akka dandamannu nu gargaaruudhaan, ‘humna humna gararraa jiru’ nuu kennuu dandaʼa. (2 Qor. 4:7; Filp. 4:13) ‘Warra amantiitti jabaanne taʼuudhaan’ Diiyaabilosiin kan morminu taanaan, Waaqayyo nu jabeessa. (1 Phe. 5:8-10) Kanaaf, sababii Seexana itti sodaannuuf hin qabnu.

mrt 32 key. 13-17

Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eegi

● Madda isaa fi ergaa isaa gamaaggami

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa.”—1 Tasalonqee 5:21.

Seenaa tokko amanuu ykn namoota kaaniif dabarsuu kee dura, seenaan sun balʼinaan kan tamsaafame ykn oduu irratti deddeebiʼamee kan ibsame yoo taʼe illee dhuga taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Maarree akkas gochuu kan dandeessu akkamitti?

Maddi isaa kan amanamu taʼuu isaa gamaaggami. Kaampaaniiwwan ykn jaarmiyaawwan kan biroon oduu qopheessan karaa daldalaa ykn siyaasaa buʼaa irraa argachuuf jecha seenaa tokko jalʼisanii dhiheessuu dandaʼu. Maddawwan oduu irraa dhageesse maddawwan kan biroo wajjin wal bira qabii ilaali. Yeroo tokko tokko michoonni kee illee utuu hin beekin karaa iimeelii ykn weeb saayitii hawaasaa odeeffannoo dogoggoraa babalʼisu dandaʼu. Kanaafuu, madda isaa irraa mirkaneeffachuu kan dandeessu yoo taʼe malee oduu dabarfamu tokko hin amanin.

Qabiyyeen isaa sirrii fi kan ammaa taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Guyyaa isaa, dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamuu kan dandaʼu taʼuu isaa fi wanti dubbatame sun dhugaa taʼuu isaa ilaalchisee ragaa qabatamaatiin kan deggeramu taʼuu isaa qulqulleeffadhu. Keessumaa immoo odeeffannoon wal xaxaa fakkaatu karaa garmalee salphaa taʼeen kan dhihaatee yoo taʼe ykn gabaasni sun miira kee irratti jijjiirama kan fidu yoo taʼe of eeggachuu qabda.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w03-AM 5/15 22 key. 5-6

Jabaadhaa Dhaabbadhaa, Fiigicha Jireenyaa Irrattis Injifannoo Argadhaa

Kutaa jaarmiyaa addunyaa maraa tajaajiltoota Yihowaa of keessatti qabate taʼuun keenya jabaannee dhaabbachuuf gumaacha guddaa nuuf godha. Miseensa kutaa obbolummaa addunyaa maraa baayʼee wal jaallatu kanaa taʼuun eebba guddaadha! (1 Pheexiros 2:17) Obboloonni keenya kan biroonis amantii isaaniitti jabaatanii akka dhaabbatan isaan gargaaruu dandeenya.

Iyyoob inni nama qajeelaa ture gargaarsa inni warra kaaniif godhe ilaali. Eliifaaz inni jajjabeessituu sobaa turellee, “Dubbiin kee nama gufate kam iyyuu ni kaasa ture, atis warra jilbi isaanii hollatu ni jabeessita turte” jechuuf dirqamee ture. (Iyyoob 4:4) Nutoo gama kanaan maal gochaa jirra? Dhuunfaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya Waaqayyoon tajaajiluu irratti jabaatanii akka dhaabbatan gargaaruuf itti gaafatamummaan nu irra jira. Isaanii wajjin yeroo taanutti, gorsa, “Harka laafe jabeessaa, jilba hollatus cimsaa” jedhu hojii irra oolchuuf carraaqqii gochuu qabna. (Isaayyaas 35:3) Kanaafuu obboloota kee wajjin yeroo wal argitu hundatti carraa kanatti fayyadamtee isaan jajjabeessuu fi cimsuuf maaliif carraaqqii hin gootu? (Ibroota 10:24, 25) Yihowaa gammachisuuf carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu isaanii dinqisiifachuuf jechoonni ati garaadhaa dubbattu, fiigicha jireenyaa jalqaban injifachuu irratti jabaatanii akka itti fufan isaan gargaaruu dandaʼa.

ONKOLOOLESSA 16-22

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 6-7

“Yeroo Jireenyi Humna Keetii Ol Akka Taʼe Sitti Dhagaʼamutti”

w06-AM 3/15 14 key. 9

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Iyyoob

7:1; 14:14—Iyyoob “hojii dirqamaa” ykn “tajaajila dirqamaa” yeroo jedhu maal jechuu isaati? Iyyoob dhiphinni isaa isatti cimuu isaatiin kan kaʼe, jireenyi ulfaataa fi hojii dirqamaa dadhabsiisaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture. (Iyyoob 10:17) Namni tokko erga duʼee booda hamma yeroo duʼaa kaafamutti Siiʼol keessa kan turu jaallatee utuu hin taʼin dirqamaan waan taʼeef, Iyyoob yeroo kana tajaajila dirqamaa wajjin wal fakkeesseera.

w20.12 16 key. 1

“Yihowaan Warra Abdii Kutatan ni Oolcha”

YEROO tokko tokko umuriin keenya gabaabaa akka taʼee fi jireenyi keenya “rakkinaan kan guutame” akka taʼe yaaduu dandeenya. (Iyo. 14:1) Kanaafuu, darbee darbee abdii kutachuun keenya nama hin dinqisiisu. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii jiraatan hedduun akkas isaanitti dhagaʼameera. Tokko tokko duʼuu illee barbaadaniiru. (1 Mo. 19:2-4; Iyo. 3:1-3, 11; 7:15, 16) Taʼus, Waaqni isaanii Yihowaan inni isaan amanatan yeroo hundumaa isaan jajjabeesseera, isaan cimseeras. Seenaan isaanii nu jajjabeessuu fi nu barsiisuuf galmeeffameera.—Rom. 15:4.

g-AM 1/12 16-17

Lubbuudhaan Jiraachuun Yommuu Si Nuffisiisu

Haalli keessa jirtu abdii kan nama kutachiisu fakkaatullee, haala akkasii keessa kan jiru si qofa akka hin taane yaadadhu; kan nama gaddisiisu yeroo ammaatti namni hundi jechuun ni dandaʼamaa, rakkina taʼe tokkoo wajjin walʼaansoo gochaa jira. Kitaabni Qulquluun, “uumamni hundi hanga ammaatti walii wajjin aadaa fi dhiphachaa akka jiru” ibsa. (Roomaa 8:22) Haalli keessa jirtu yeroo gabaabaa keessatti furmaata kan argatu fakkaachuu baatullee, yeroo baayʼee haalli isaa yeroo booda fooyyaʼuun isaa hin oolu. Hammasitti garuu maaltu si gargaaruu dandaʼa?

Wanta sitti dhagaʼamu michuu gaʼeessaa fi amanuu dandeessutti himadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha” jedha. (Fakkeenya 17:17) Iyyoob inni nama qajeelaa taʼee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, yeroo rakkinni guddaan isa irra gaʼetti wanta isatti dhagaʼame namoota kaanitti himeera. Wanta isatti dhagaʼame yommuu ibsu, “Ani jireenya koo baayʼeen jibba. Gadda koo nan dhangalaasa. Dhiphina koo isa hadhaaʼaa irraa kan kaʼes nan dubbadha” jedheera. (Iyyoob 10:1) Wanta sitti dhagaʼamu warra kaanitti himuun kee dhiphina sitti dhagaʼame kan hirʼisu taʼuu isaa irrayyuu, ilaalchi haala sanaaf qabdu akka jijjiiramu gochuu dandaʼa.

Wanta garaa kee keessa jiru kadhannaadhaan Waaqayyo duratti dhangalaasi. Namoonni tokko tokko kadhannaan dhiphina namatti dhagaʼamu hirʼisuun alatti faayidaa tokkollee akka hin qabne isaanitti dhagaʼama; Kitaabni Qulqulluun garuu wanta kana irraa adda taʼe dubbata. Faarfannaa 65:2 irratti Yihowaan “isa kadhannaa namaa dhageessu” kan jedhame yommuu taʼu, 1 Pheexiros 5:7 irrattimmoo, ‘Inni isiniif yaada’ jedhameera. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyotti amanamuun barbaachisaa taʼuu isaa irra deddeebiʼee ibsa. Fakkeenyaaf:

“Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin. Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi, innis daandii kee wal siif qixxeessa.”—FAKKEENYA 3:5, 6.

“[Yihowaan] fedhii warra isa sodaatanii ni quubsa; iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa, isaan ni oolchas.”—FAARFANNAA 145:19.

“Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha, wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 YOHAANNIS 5:14.

“Yihowaan hamoota irraa fagoo dha, kadhannaa qajeelotaa garuu ni dhagaʼa.”—FAKKEENYA 15:29.

Rakkoowwan si irra gaʼaa jiran Waaqayyotti kan himtu yoo taʼe inni si gargaara. Kitaabni Qulqulluun, “Yeroo hundumaa isatti amanamaa. Garaa keessan isa duratti dhangalaasaa” jedhee kan nu jajjabeessu sababii quubsaa waan qabuufi.—Faarfannaa 62:8, miiljalee.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w20.04 16 key. 10

Dhaggeeffadhaa, Hubadhaa, Gara Laafinas Argisiisaa

10 Nutis wal hubachuuf yaaluudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keessan caalaatti beekaa. Walgaʼii duraa fi booda isaanii wajjin haasaʼaa, waliin tajaajilaa, akkasumas kan dandaʼamu taanaan nyaata isaan afeeraa. Akkana yoo gootan, obboleettiin namatti hin dhihaanne fakkaattu takka ija laafettii taʼuu ishii, obboleessi qabeenya akka jaallatu gootanii yaaddan tokko nama keessummaa simatu taʼuu isaa ykn maatiin barfatee gara gumii dhufu tokko mormiin irra gaʼaa kan jiru taʼuu isaa ni hubattu taʼa. (Iyo. 6:29) Dhugaa dha, ‘dhimma namoota kaanii keessa galuu’ hin qabnu. (1 Xim. 5:13) Haa taʼu malee, waaʼee obboloota keenyaa wantoota tokko tokko beekuu fi haalawwan amala isaanii irratti dhiibbaa godhan hubachuun keenya gaarii dha.

ONKOLOOLESSA 23-29

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 8-10

“Jaalalli Waaqayyoo Inni Amanamaan Sobawwan Seexanaa Irraa Nu Eega”

w15-AM 7/1 12 key. 3

Waaqayyoon Gammachiisuu ni Dandeenyaa?

Iyyoob walitti aansuudhaan rakkinni hedduun isa irra gaʼeera; rakkinni isa irra gaʼees sirrii akka hin taane isatti dhagaʼameera. Waaqayyoof amanamaa taʼuu fi dhiisuun isaa Waaqayyo duratti jijjiirama akka hin fidne yaadee ture. (Iyyoob 9:20-22) Iyyoob waaʼee qajeelummaa isaa baayʼee mirkanaaʼaa taʼuun isaa, warri kaan Waaqayyo caalaa qajeelaa akka of godhetti akka yaadan godheera.—Iyyoob 32:1, 2; 35:1, 2.

w21.11 6 key. 14

Jaalalli Yihowaa Inni Amanamaan Siif Hiika Akkamii Qaba?

14 Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan eegumsa hafuuraa nuuf godha. Daawit kadhannaa isaa irratti akkana jedheera: “Ati anaaf iddoo dhokannaa ti; dhiphina irraas na eegda. Ililcha fayyinaatiin na marsita. . . . Namni Yihowaatti amanamu . . . jaalala isaa isa amanamaadhaan marfameera.” (Far. 32:7, 10) Bara duriitti dallaan magaalaa tokkotti marsee jiru jiraattota magaalattiitiif eegumsa godha ture. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaa inni amanamaan nutti marsee jirus, wantoota amanamummaa keenya balaadhaaf saaxilan irraa eegumsa hafuuraa nuuf godha. Kana malees, jaalalli Yihowaa inni amanamaan ofitti nu dhiheessuuf isa kakaasa.—Er. 31:3.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w10 10/15 6-7 key. 19-20

“Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?”

19 Waaʼee “yaada Waaqayyoo” maal baranneerra? Dubbiin Waaqayyoo yaada Yihowaa akka nu hubachiisu heyyamuu nu barbaachisa. Yihowaan yaada keenya isa daangeffamaa akka fudhatu dirqisiisuu, akkasumas ulaagaafi yaada keenyarratti hundoofnee matumaa isa madaaluu hin qabnu. Iyoob, “Akka walii wajjin firdiitti dhiʼaannee, deebii isaaf hin kennineef, [Waaqayyo] akka koo nama foon uffate miti” jechuudhaan dubbateera. (Iyo. 9:32) Akkuma Iyoob, yaada Yihowaa hubachuu yeroo jalqabnu nutis, “Kunoo, isaan kun fiixee hojii isaa ti, isa nuyi waaʼee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha; qaqawwee humna isaa garuu eenyutu hubata ree?” jechuuf dirqamna.—Iyo. 26:14.

20 Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo dubbisnu, keessumaa haala yaada Yihowaa wajjin wal qabateen kutaan hubachuuf ulfaataa taʼe yoo nu mudate maal gochuu qabna? Dhimma sana ilaalchisee qorannaa erga goonee booda, deebii ifa ykn quubsaa taʼe hin arganne taanaan, kana akka wanta amanannaa Yihowaarratti qabnu qoruuf dhihaatetti ilaaluu dandeenya. Al tokko tokko, yaadawwan tokko tokko amanannaa karaa amalawwan Yihowaa itti ibsaman hundumaarratti qabnu ibsuuf carraa nuu banu. Wanta Yihowaan hubachuu dandaʼu hunda hubachuu akka hin dandeenye gad of deebisuudhaan amannee haa fudhannu. (Lal. 11:5) Kana yoo goone, wanta Phaawulos akkas jechuudhaan dubbatee wajjin akka walii gallu argisiisna: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin gaʼu! Karaa isaas namni faana dhaʼee hin hubatu! Caaffata keessatti iyyuu, ‘Eenyutu takkaa yaada garaa Waaqayyoo beeka ree? Yookiis eenyutu gorsa kennuufii dandaʼe ree? Eenyutu waa isaaf kennee beeka ree? Eenyutus waa isa dubbifata ree?’ kan jedhu caafameera. Wanta hundumaa Waaqayyotu uume; wanti hundumtuu isaan in jiraata; wanti hundumtuu isaaf in jiraata; bara baraan isaaf galanni haa taʼu! Ameen!”—Rom. 11:33-36.

ONKOLOOLESSA 30–SADAASA 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYYOOB 11-12

“Karaawwan Ogummaa Argachuu fi Irraa Fayyadamuu Itti Dandeenyu Sadii”

w09 4/15 6 key. 17

Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera

17 Wanti Iyoob amanamummaasaa akka eegu isa gargaare maalidha? Rakkinni utuu isarra hin gaʼin dura Yihowaa wajjin hariiroo gaarii uumee akka ture beekamaadha. Iyoob, Seexanni Yihowaarratti mormii kaasuusaa akka beeku ragaa qabaachuu baannus, amanamaa taʼuuf garaa kutatee akka ture beekna. “Ani immoo hamman duʼutti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebiʼu” jedheera. (Iyo. 27:5) Iyoob hariiroo cimaa akkasii uumuu kan dandaʼe akkamitti? Iyoob michooma Waaqayyo firootasaa fagoo kan taʼan Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob wajjin qabu dhagaʼee akka tureefi kanaafis bakka guddaa akka kenne hin shakkisiisu. Iyoob uumama ilaaluudhaan, amalawwan Yihowaa baayʼee beekuu dandaʼeera.—Iyoob 12:7-9, 13, 16 dubbisi.

w21.06 10-11 key. 10-12

Yihowaan Yeroo Hundumaa Sii Wajjin Waan Jiruuf, Matumaa Kophaa Kee hin Taatu

10 Kiristiyaanota amanamoo michoota godhadhu. Gumii keessaa michoota irraa barachuu dandeessu barbaaddadhu; tarii umuriin ykn aadaan isaanii kan kee irraa adda taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun “ogummaan warra dullooman gidduutti” akka argamu dubbata. (Iyo. 12:12) Maanguddoonnis dargaggoota amanamoo taʼan irraa wanta hedduu barachuu dandaʼu. Yonaataan umuriidhaan Daawit irra baayʼee caala; taʼus haalli kun michummaa cimaa akka hin uumne isaan hin daangessine. (1 Sam. 18:1) Daawitii fi Yonaataan haala rakkisaa hedduu keessatti wal gargaaranii Yihowaa tajaajilaniiru. (1 Sam. 23:16-18) Irinaan yeroo ammaatti maatii ishii keessaa Dhugaa Baatuun Yihowaa ishii qofa dha; akkana jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya dhugumaan warraa fi obbolaa nuuf taʼuu dandaʼu. Yihowaan isaanitti fayyadamee gargaarsa nu barbaachisu nuuf gochuu dandaʼa.”

11 Keessumaa nama ija laafessa taʼeef michoota haaraa horachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Ratnaa ishiin ija laafettii taatee fi utuma mormiin irra gaʼu dhugaa baratte, “Gargaarsii fi deggersi obbolootaa fi obboleettotaa akka na barbaachisu amanee fudhachuun qaba ture” jechuudhaan ifatti dubbatteetti. Wanta nutti dhagaʼamu warra kaaniif ibsuun salphaa taʼuu baatus, michummaa cimaa uumuuf miira keenya ifatti dubbachuun keenya barbaachisaa dha. Michoonni kee si jajjabeessuu fi si deggeruu barbaadu; taʼus kana kan godhan akkamitti akka taʼe akka isaanitti himtu barbaadu.

12 Karaawwan gaggaarii michoota horachuuf si gargaaran keessaa tokko obbolootaa wajjin tajaajila irratti hirmaachuu dha. Kaarol ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Tajaajilaa fi sochiiwwan tiʼookraasii kaan irratti obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuudhaan michoota gaggaarii hedduu argadheera. Yihowaan waggoota hedduudhaaf michoota koo kanatti fayyadamee na deggereera.” Kiristiyaanota amanamoo taʼan michoota godhachuun keenya baayʼee nu fayyada. Yihowaan yeroo dhiphinni ykn kophummaan sitti dhagaʼamu michoota akkasiitti fayyadamee si gargaara.—Fak. 17:17.

it-2-E 1190 key. 2

Ogummaa

Ogummaa Waaqayyoo. Guutummaa guutuutti ogeessa jedhamuu kan dandaʼu, Yihowaa isa “kophaa isaa ogeessa taʼe” qofadha. (Rom 16:27; Mul 7:12) Beekumsi, dhugaa jiru beekuu wajjin wal qabata; Yihowaanimmoo Uumaa “bara baraa hamma bara baraatti” (Fr 90:1, 2) jiraatu waan taʼeef, waaʼee uumama cufaa wanta hunda, jechuunis akkaataa itti hojjetamee fi wantoota keessa jiran, akkasumas seenaa isaa isa hanga yoonaatti jiru beeka. Seerawwan uumamaa, marsaawwanii fi ulaagaalee namoonni qorannoo gochuu fi wantoota tokko tokko kalaquuf itti fayyadaman hunda kan uume isadha; wantoonni kun utuu jiraachuu baatanii ragaa amansiisaa qabaachuus taʼe wanta tokkollee gochuu hin dandaʼan turan. (Iyo 38:34-38; Fr 104:24; Fak 3:19; Er 10:12, 13) Ulaagaaleen naamusaa inni baasu namoonni akka tasgabbaaʼan, murtoo gaarii akka godhanii fi jireenya milkaaʼina qabu akka jiraatan gochuuf caalaatti barbaachisoo akka taʼan ifadha. (Kes 32:4-6; mata duree JEHOVAH [A God of moral standards] jedhu ilaali.) Wanti hubannaa isaatii ol taʼe hin jiru. (Isa 40:13, 14) Waaqayyo wantoonni qajeelummaa isaa wajjin wal faallessan akka jiraatanii fi yeroodhaaf akka babalʼatanillee heyyamuu dandaʼa; haa taʼu malee, yeroon gara fuulduraa toʼannaa isaa jala jira, wanti hundis fedha isaa wajjin haala wal simuun akka raawwatamu godha, wanti itti dubbate hundis ‘fiixaan ni baaʼa.’—Isa 55:8-11; 46:9-11.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w08 10/1 23 key. 5

Dargaggootaa Wajjin Haasaʼuu

▪ ‘Wanta inni dubbate qofa utuu hin taʼin, maal jechuu akka barbaade nan hubadhaa?’ Iyoob 12:11, “Akkuma arrabni nyaata miyeeffatu, gurris immoo dubbii gargar hin baasuu ree?” jedha. Yeroo kamiyyuu caalaa, amma waan ilmikee ykn intallikee dubbatan “gargar . . . baasuu” qabda. Dargaggoonni yeroo baayʼee wanta tokko arbeessanii dubbatu. Fakkeenyaaf, ilmi ykn intallikee, “Yeroo hundumaa akka daaʼima xinnootti na ilaalta!” ykn “Matumaa na hin dhaggeeffattu!” jedhu taʼa. Mucaankee jechoota, “yeroo hundumaa” akkasumas “matumaa” jedhaniin fayyadamuusaarratti xiyyeeffachuu mannaa, tarii kallattiidhaan akkas jechuusaa akka hin taane hubadhu. Fakkeenyaaf, “Yeroo hundumaa akka daaʼima xinnootti na ilaalta” yommuu jedhu, “Akka ati na hin amanne natti dhagaʼama” jechuusaa taʼuu dandaʼa. “Matumaa na hin dhaggeeffattu” yeroo jedhummoo, “Waan natti dhagaʼamu sitti himuun barbaada” jechuusaa taʼuu dandaʼa. Wanta dubbate qofa utuu hin taʼin, maal jechuu akka barbaade hubachuuf yaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi