LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Muka Harbuutti Fayyadamee Waaʼee Amantii Barsiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuusii fi barattoonni isaa mukti harbuu firii hin qabne gogdee argan

      BOQONNAA 105

      Muka Harbuutti Fayyadamee Waaʼee Amantii Barsiise

      MAATEWOS 21:19-27 MAARQOS 11:19-33 LUQAAS 20:1-8

      • MUKA HARBUU GOGDE—BARUMSA AMANTII ILAALCHISEE KENNAME

      • AANGOO YESUUS IRRATTI GAAFFIIN NI KAʼE

      Yesuus Wiixata waaree booda Yerusaalemii kaʼee Bitaaniyaa ishii kallattii bahaatiin Gaara Ejersaa irratti argamtutti deebiʼe. Halkan sana mana Alaazaar, Maariyaamii fi Maartaa warra michoota isaa taʼanii buluu hin oolu.

      Amma guyyaan isaa Niisaan 11 siʼa taʼu, yeroon isaa ganama dha. Yesuusii fi barattoonni ammas karaa irra kan jiran siʼa taʼu Yerusaalemitti deebiʼaa jiru; Yesuus Yerusaalemitti yeroo xumuraatiif gara mana qulqullummaa kan deemu yeroo kanatti dha. Guyyaan kun Ayyaana Faasikaa kabajuu, Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa hundeessuu, akkasumas himatamuu fi ajjeefamuu isaa dura guyyaa dhumaa tajaajila isaa itti raawwate dha.

      Bitaaniyaa ishii Gaara Ejersaa irra jirtuu gara Yerusaalem yeroo deeman, Pheexiros muka Yesuus kanaan dura abaare arge. Achiis, “Rabbii ilaa, mukti harbuu ati abaarte sun gogdeetti” jedhe.—Maarqos 11:21.

      Yesuus mukattiin akka gogdu kan godhe maaliifi? Yaada itti aansee dubbate keessatti sababii isaa akkana jedhee ibseera: “Dhuguman isiniin jedha, amantii yoo qabaattanii fi yoo shakkuu baattan, wanta ani muka harbuu kana irratti godhe qofa utuu hin taʼin, gaara kanaan ‘Asii buqqaʼii galaana keessatti darbatami’ yoo jettan illee akkuma isin jettan ni taʼa. Wanta amantiidhaan kadhattan hunda ni argattu.” (Maatewos 21:21, 22) Yeroo akkana jedhu amantii gaara sochoosu ilaalchisee yaada kanaan dura dubbatee ture irra deebiʼuu isaa ti.—Maatewos 17:20.

      Yesuus mukattiin akka gogdu gochuudhaan, wanta ijaan argamutti fayyadamee Waaqayyo irratti amantii qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa barsiise. Yesuus, “Wanta kadhattanii fi gaafattan hunda, akkuma argattan godhaa yaadaa; ni argattu” jedhe. (Maarqos 11:24) Kun duuka buutota Yesuus hundaaf barumsa barbaachisaa taʼe dha! Keessumaa ergamoonni isaa dhiheenyatti qorumsi cimaan waan isaan irra gaʼuuf barumsi kun isaaniif barbaachisaa dha. Walitti dhufeenya mukti harbuu sun goguu ishii fi amantii qabaachuu gidduu jiru gama biraatiinis ibsuun ni dandaʼama.

      Akkuma muka harbuu sanaa, sabni Israaʼelis haalli isaanii bakkeedhaa mulʼatu kan nama dogoggorsu dha. Waaqayyo saba kanaa wajjin kakuu kan gale siʼa taʼu, bakkeedhaa yeroo ilaalaman Seera isaa waan eegan fakkaachuu dandaʼu. Taʼus, sabichi akka walii galaatti amantii akka hin qabnee fi firii gaarii akka hin godhanne argisiiseera. Ilma Waaqayyoo illee amananii fudhachuu didaniiru! Kanaaf, Yesuus mukti harbuu firii hin qabne sun akka gogdu gochuudhaan, sabni firii hin godhannee fi amanti hin qabne kun dhumni isaa maal akka taʼe argisiiseera.

      Utuu baayʼee hin turin Yesuusii fi barattoonni isaa Yerusaalem gaʼan. Yesuus akkuma amala isaa gara mana qulqullummaa deemee barsiisuu jalqabe. Achiis, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni, “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin wantoota kana akka hojjettu aangoo kan siif kenne eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Akkana kan jedhan wanta Yesuus kanaan dura warra qarshii jijjiiran irratti raawwate sammuutti qabatanii taʼuu hin oolu.—Maarqos 11:28.

      Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin naa deebisaa, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima. Cuuphaan Yohaannis samii irraa moo nama biraa dhufe? Naa deebisaa.” Gaaffiin kun mormitoota isaa burjaajesse. Luboonnii fi maanguddoonni kun maal jedhanii akka deebisan akkana jechuudhaan mariʼatan: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha. Ijuma jabaannee ‘Nama irraa ti’ jennuu laata?” Akkana kan jedhan namoonni walitti qabaman kun “hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif” sodaatanii ti.—Maarqos 11:29-32.

      Mormitoonni kun maal jedhanii akka deebisan waan wallaalaniif, “Hin beeknu” jedhan. Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.—Maarqos 11:33.

      • Niisaan 11 guyyaa addaa kan taʼe maaliifi?

      • Yesuus muka harbuu akka gogdu godhetti fayyadamee maal barsiise?

      • Yesuus namoota aangoo maaliitiin wantoota kana akka hojjetu isa gaafatan kan burjaajesse akkamitti?

  • Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame Lama
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Qonnaan bultoonni ilma abbaa maasichaa yommuu ajjeesan

      BOQONNAA 106

      Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame Lama

      MAATEWOS 21:28-46 MAARQOS 12:1-12 LUQAAS 20:9-19

      • FAKKEENYA ILMAAN LAMA ILAALCHISEE DUBBATAME

      • FAKKEENYA QONNAAN BULTOOTA MAASII WAYINII ILAALCHISEE DUBBATAME

      Yesuus mana qulqullummaa keessatti, dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabichaa warra aangoo maaliitiin wantoota kana akka hojjetu isa gaafataniif deebii kennee ture. Deebiin Yesuus isaanii kenne afaan isaan qabsiise. Achiis, fakkeenya namoota akkamii akka taʼan saaxilu tokko dubbate.

      Akkana jedhe: “Namichi tokko ijoollee lama qaba ture. Gara ilma isaa isa jalqabaa dhaqee, ‘Ilma ko, harʼa gara maasii wayinii dhaqii hojjedhu’ jedheen. Ilmi isaa kunis, ‘Hin dhaqu’ jedhee deebiseef, booda garuu gaabbee dhaqe. Ilma isaa isa lammataa bira dhaqees akkanuma jedheen. Innis, ‘Nan dhaqa Gooftaa ko’ jedhee deebiseef; garuu utuu hin dhaqin hafe. Lamaan isaanii keessaa fedhii abbaa isaa kan raawwate isa kami?” (Maatewos 21:28-31) Deebiin isaa ifa dha; dhuma irratti fedha abbaa isaa kan raawwate mucaa isa jalqabaa ti.

      Kanaaf, Yesuus mormitoota isaatiin akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni isin dursanii Mootummaa Waaqayyootti galu.” Warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni jalqaba irratti Waaqayyoon hin tajaajilan turan. Taʼus, akkuma ilma isa jalqabaa yeroo booda yaada geddarachuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa jiru. Gama biraatiin geggeessitoonni amantii akka ilma isa lammaffaa ti; Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, hojiidhaan hin argisiisan. Yesuus akkana jedhe: “Yohaannis [Cuuphaan] daandii qajeelummaa isin barsiisaa dhufe; isin garuu isatti hin amanne. Warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni garuu isatti amananiiru; isin garuu, kanuma ilaaltanii illee gaabbitanii isatti hin amanne.”—Maatewos 21:31, 32.

      Yesuus itti aansee fakkeenya kan biraa dubbate. Yesuus yeroo kanatti wanti geggeessitoonni amantii raawwatan, Waaqayyoon tajaajiluu dhiisuu irra iyyuu kan darbu akka taʼe agarsiise. Namoonni kun hamoota dha. Yesuus akkana jedhe: “Namni tokko wayinii dhaabee naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare; sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe. Yeroon itti firii sassaaban yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa gaʼaa isaa akka isaaf fiduuf garbicha isaa tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Isaan garuu qabanii isa reeban, harka duwwaas isa ariʼan. Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan. Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isas ni ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan.”—Maarqos 12:1-5.

      Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran fakkeenyicha ni hubatuu laata? Wanta Isaayaas akkana jechuudhaan dubbate yaadatanii taʼuu dandaʼa: “Iddoon dhaabaa waynii Waaqayyo gooftaa maccaa kun mana Israaʼel; [dhaabni] waynii inni itti gammadus namoota Yihudaa ti; inni isaan keessatti firdii qajeelaa abdatee ture, kunoo, dhiiga dhangalaasuutu taʼe.” (Isaayaas 5:7) Fakkeenyi Yesuus dubbates yaada kanaa wajjin wal fakkaata. Abbaan lafaa Yihowaa, maasiin wayinichaa saba Israaʼel yommuu taʼu, akka dallaatti eegumsa kan isaaniif godhu immoo Seera Waaqayyoo ti. Yihowaan saba isaa barsiisuudhaan firii gaarii akka godhatan akka isaan gargaaraniif raajota isaa ergee ture.

      Haa taʼu malee, ‘qonnaan bultoonni’ kun ‘garboota’ gara isaaniitti ergaman sana miidhaniiru, akkasumas ajjeesaniiru. Yesuus itti aansee akkana jedhe: “Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa dha. Dhuma irrattis ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi isa kana dha. Kottaa, isa ni ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan. Kanaaf isaan qabanii isa ajjeesan.”—Maarqos 12:6-8.

      Achiis Yesuus, “Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha?” jedhee isaan gaafate. (Maarqos 12:9) Geggeessitoonni amantiis akkana jedhanii deebisan: “Hamoota waan taʼaniif badiisa guddaa isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biraa oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennaniif kireessa.”—Maatewos 21:41.

      Namoonni kun “qonnaan bultoota” “maasii wayinii” Yihowaa keessaa hojjetan, jechuunis saba Israaʼel keessaa waan taʼaniif yeroo akkana jedhan utuu hin beekin ofuma isaaniitti murteessan. Firii Yihowaan qonnaan bultoota kana irraa eegu Ilma isaatti, jechuunis Masiihichatti amanuu kan dabalatu dha. Yesuus geggeessitoota amantii sana ilaalaa akkana isaaniin jedhe: “Isin Kitaaba Qulqulluu keessaa isa akkana jedhu kana matumaa hin dubbisnee? ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu taʼe. Kunis Yihowaa biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha.’” (Maarqos 12:10, 11) Achiis, Yesuus akkana jechuudhaan yaada isaa ifa taasise: “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama kan ani isiniin jedhus kanaafi.”—Maatewos 21:43.

      Barreessitoonnii fi dura buutonni lubootaa, Yesuus “fakkeenya kana kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe” hubatan. (Luqaas 20:19) Kanaaf, yeroo kam iyyuu caalaa, Yesuusiin, jechuunis ‘dhaalticha’ isa mirga qabu ajjeesuu barbaadan. Taʼus, namoota walitti qabamanii jiranii fi Yesuusiin akka raajiitti ilaalan waan sodaataniif yeruma sana isa ajjeesuuf hin yaalle.

      • Ilmaan lamaan fakkeenya Yesuus dubbate keessatti ibsaman eenyuun agarsiisu?

      • Fakkeenya isa lammaffaa irratti ‘abbaan lafaa,’ ‘maasiin wayinii,’ ‘qonnaan bultoonni,’ ‘garboonnii’ fi “dhaaltichi” eenyuun argisiisu?

      • Wanti gara fuulduraatti “qonnaan bultoota” sana eeggatu maali dha?

  • Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman Waame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Mootichi namichi uffata cidhaa hin uffanne bakka cidhaatii gad akka darbatamu yommuu taasisu

      BOQONNAA 107

      Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman Waame

      MAATEWOS 22:1-14

      • FAKKEENYA CIDHA GAAʼELAA ILAALCHISEE DUBBATAME

      Yesuus yeroon inni tajaajila isaa itti raawwatu gara xumuraatti yommuu dhihaatu, fakkeenyota dubbachuudhaan barsiisota seeraa fi dura buutota lubootaa saaxiluu isaa itti fufe. Kanaaf, namoonni kun isa ajjeesuu barbaadan. (Luqaas 20:19) Taʼus, Yesuus isaan saaxiluu isaa hin dhiisne. Fakkeenya kan biraa dubbate.

      Akkana jedhe: “Mootummaan samii, mootii ilma isaatiif cidha gaaʼelaa qopheessee wajjin wal fakkaata. Mootichi namoota cidha gaaʼelaa sana irratti afeeraman akka waamaniif garboota isaa isaanitti erge; warri afeeraman garuu dhufuu hin barbaadne.” (Maatewos 22:2, 3) Yesuus fakkeenya isaa kan jalqabe “Mootummaan samii” jechuudhaani dha. Kanaaf, “mootichi” Yihowaa taʼuu qaba. Ilmi mootichaa fi namoonni cidha gaaʼelaa irratti afeeraman hoo eenyuun argisiisu? Ilmi mootichaa, Ilma Yihowaa isa fakkeenya kana dubbachaa jiru akka taʼe, warri afeeraman immoo warra Mootummaa samii keessatti Ilmichaa wajjin taʼan akka taʼan hubachuun ulfaataa miti.

      Jalqaba irratti kan afeeramu eenyu faʼi? Yesuusii fi ergamoonni isaa waaʼee Mootummichaa lallabaa kan turan eenyutti? Yihudootatti dha. (Maatewos 10:6, 7; 15:24) Sabni kun Dh.K.D. bara 1513 tti kakuu Seerichaa fudhachuudhaan, “Mootummaa lubootaa” (NW) taʼuuf mirga argachuudhaan warra jalqabaa taʼaniiru. (Baʼuu 19:5-8) Haa taʼu malee, gara ‘cidha gaaʼelaatti’ kan waamaman yoomi? Afeerraan kun dhihaachuu kan jalqabe Dh.K.B. bara 29 tti, yeroo Yesuus waaʼee Mootummaa samii lallabuu jalqabetti dha jechuun ni dandaʼama.

      Israaʼeloonni hedduun afeerraa kanaaf deebii akkamii kennan? Akkuma Yesuus jedhee ture, “dhufuu hin barbaadne.” Geggeessitoota amantii fi sabicha keessaa hedduun Yesuus Masiihichaa fi Mootii Waaqayyo muude taʼuu isaa hin amanne.

      Haa taʼu malee, Yesuus Yihudoonni kun carraa kan biraa akka argatan argisiiseera. Akkana jedhe: “Ammas [mootichi] ‘Warra afeeraman sanaan, “Kunoo, ani cidha qopheesseera; sangoonnii fi horiin koo warri coccoomoon qalamaniiru; wanti hundinuus qophaaʼeera. Kanaaf, gara cidha gaaʼelaatti kottaa” jedhaatii itti himaa’ jedhee garboota kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu afeerrii isaa tuffatanii, inni tokko gara qotiisa isaatti deeme; inni tokko immoo gara daldala isaatti deeme; warri kaanis garboota isaa qabanii erga isaan salphisanii booda isaan ajjeesan.” (Maatewos 22:4-6) Kun erga gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee booda wanta taʼu kan argisiisu dha. Yeroo sanatti, Yihudoonni Mootummicha dhaaluuf ammas mirga kan argatan taʼus, baayʼeen isaanii afeerraa kana kan hin fudhanne taʼuu isaa irra iyyuu, ‘garboota mootichaa’ salphisaniiru.—Hojii Ergamootaa 4:13-18; 7:54, 58.

      Kun sabicha irratti maal geessisa? Yesuus, “Mootichis akka malee waan aareef, loltoota isaa ergee namoota garboota isaa ajjeesan sana ni ajjeese; magaalaa isaaniis ni gube” jedhe. (Maatewos 22:7) Dh.K.B. bara 70 tti warri Roomaa “magaalaa isaanii” Yerusaalemiin yeroo balleessanitti kun Yihudoota irra gaʼeera.

      Yihudoonni waamicha mootichaa waan hin fudhanneef namni afeeramu kan biraa hin jiru jechuu dhaa? Fakkeenya Yesuus irraa akka hubannutti akkas jechuu miti. Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Achiis [mootichi] garboota isaatiin akkana jedhe: ‘Cidhni gaaʼelaa qophaaʼeera; warri afeeraman garuu kan isaaniif hin malle taʼaniiru. Kanaaf, gara karaa guguddaa magaalattiitti baʼaatii, nama argattan hunda gara cidha gaaʼelaa kanatti waamaa.’ Garboonni sunis akkuma jedhaman karaa guguddaatti baʼanii namoota argatan hunda, isa hamaas isa gaariis walitti qaban; galmi cidhichaas keessummootaan guutame.”—Maatewos 22:8-10.

      Pheexiros ergamaan yeroo booda Kiristiyaanota dhugaa akka taʼaniif, warra saba Waaqayyoo hin taane jechuunis, warra dhalootaan Yihudii hin taane ykn warra gara Yihuudiitti hin jijjiiramne ni gargaara. Dh.K.B. bara 36 tti, ajajaa dhibbaa warra Roomaa kan taʼe Qorneelewosii fi maatiin isaa hafuura qulqulluu kan fudhatan siʼa taʼu, Mootummaa samii Yesuus caqase dhaaluuf mirga argataniiru.—Hojii Ergamootaa 10:1, 34-48.

      Yesuus ‘mooticha’ biratti fudhatama kan argatan warra cidhicha irratti argaman hunda akka hin taane ibseera. Akkana jedhe: “Mootichi keessummoota sana ilaaluu yommuu dhufu garuu, nama uffata cidhaa hin uffanne tokko arge. Namichaanis, ‘Michuu ko, uffata cidhaa utuu hin uffatin akkamitti ol galte?’ jedheen. Namichis waan dubbatu wallaale. Yeroo kanatti mootichi tajaajiltoota isaatiin, ‘Harka isaa fi miilla isaa hidhaatii dukkana ala jirutti gad darbadhaa. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara’ jedhe. Namoonni afeeraman hedduu dha; kan filataman garuu muraasa.”—Maatewos 22:11-14.

      Geggeessitoonni amantii Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran hiika ykn ergaa wanta inni dubbachaa jiruu hin hubanne taʼa. Haa taʼu malee, namoonni kun wanta kanatti kan hin gammadne siʼa taʼu, nama qaanii isaanitti fide kana dhabamsiisuuf yeroo kam iyyuu caalaa kutatan.

      • Fakkeenya Yesuus irratti “mootichi,” ‘ilmi isaa’ fi namoonni jalqaba irratti gara cidha gaaʼelaatti afeeraman eenyu?

      • Waamichichi Yihudootaaf kan dhihaate yoomi? Yeroo booda immoo eenyutu afeerame?

      • Namoonni hedduun kan waamaman taʼus, kan filataman namoota muraasa taʼuun isaa maal argisiisa?

  • Yesuus Yaalii Kiyyootti Isa Galchuuf Taasifame Fashaleesse
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus saantima gibiraaf kaffalamu ol qabee gaaffii Fariisonni haxxummaadhaan gaafataniif yommuu deebii kennu

      BOQONNAA 108

      Yesuus Yaalii Kiyyootti Isa Galchuuf Taasifame Fashaleesse

      MAATEWOS 22:15-40 MAARQOS 12:13-34 LUQAAS 20:20-40

      • WANTA KAN QEESAAR TAʼE QEESAARIIF

      • DUʼAA KAʼUU BOODA GAAʼELLI JIRAA?

      • AJAJAWWAN HUNDA IRRA CAALAN

      Yesuus fakkeenyota hamoota taʼuu isaanii saaxilan waan dubbateef, diinonni isaa aaraniiru. Amma Fariisonni kiyyootti isa galchuuf mariʼatan. Wanta bulchaa warra Roomaa duratti isa dhiheessuuf isaan dandeessu akka inni dubbatu gochuuf kan yaalan siʼa taʼu, kiyyootti akka isa galchaniifis barattoota isaanii muraasaaf ni kaffalan.—Luqaas 6:7.

      Barattoonni isaanii kunis akkana jedhan: “Barsiisaa, ati wanta sirrii taʼe akka dubbattuu fi akka barsiistu, namootas akka wal hin caalchisne, kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistu beekna. Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?” (Luqaas 20:21, 22) Yesuus akkana kan jedhan fakkeessuudhaan akkasumas haxxummaadhaan akka taʼe waan hubateef jaja isaaniitiin hin gowwoomfamne. ‘Gibira kana kaffaluun sirrii miti’ yoo jedhe, mootummaa Roomaa irratti namoota kakaase jedhamee himatamuu dandaʼa. ‘Gibira kana kaffalaa’ yoo jedhe immoo, namoonni bittaa warra Roomaatiin hacuucaman isa irratti kaʼuu dandaʼu. Kanaaf, maal jedhee deebisa laata?

      Yesuus, “Fakkeessitoota nana, maaliif na qortu? Mee saantima gibiraaf kaffalamu sana natti argisiisaa?” jedhe. Isaanis dinaaree tokko isatti kan fidan siʼa taʼu, Yesuus “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafateen. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Achiis Yesuus, “Yoos wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa” jechuudhaan deebii ogummaa irratti hundaaʼe isaaniif kenne.—Maatewos 22:18-21.

      Namoonni kun deebii Yesuus baayʼee dinqisiifatan. Deebii inni ogummaadhaan deebise, afaan waan isaan qabsiiseef achii deeman. Haa taʼu malee, guyyaan kunis taʼe carraaqqiin isaan kiyyootti isa galchuuf taasisan hin xumuramne. Yaaliin Fariisonni taasisan erga fashalaaʼee booda, geggeessitoonni garee amantii kan biraa gara Yesuus dhufan.

      Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan, waaʼee duʼaa kaʼuu fi waaʼee obboleessa abbaa manaatti heerumuu isa gaafatan. Akkana jedhan: “Barsiisaa, Museen ‘Namni tokko utuu dhala hin godhatin yoo duʼe, obboleessi isaa haadha manaa namicha duʼe sanaa fuudhee, sanyii obboleessa isaa bakka haa buusu’ jedhee ture. Obbolaan torba nuu wajjin jiraatu turan. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu dhala hin godhatin waan duʼeef, obboleessi isaa dubartittii fuudhe. Inni lammaffaan, inni sadaffaan, hamma isa torbaffaatti ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. Kanaaf, hundi isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti torban isaanii eessaa haadha manaa isa kamii taati?—Maatewos 22:24-28.

      Yesuusis yaada Museen barreessee fi Saduuqonni itti amanan irratti hundaaʼuudhaan akkana jedhee isaaniif deebise: “Isin kan dogoggortan Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef mitii ree? Sababiin isaas yeroo duʼaa kaʼan dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman; kanaa mannaa, akka maleekota samii irraa taʼu. Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee garuu kitaaba Musee isa waaʼee tusii bobaʼuu dubbatu keessatti Waaqayyo Museedhaan akkana jechuu isaa hin dubbisnee? ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi.’ Inni Waaqa warra jiraniiti malee, Waaqa warra duʼanii miti. Isin baayʼee dogoggortaniittu.” (Maarqos 12:24-27; Baʼuu 3:1-6) Namoonni walitti qabamanii jiran deebii isaa kana baayʼee dinqisiifatan.

      Yesuus Fariisotaa fi Saduuqota afaan waan qabsiiseef, mormitoonni kun dabalataan isa qoruuf tokkummaa uumanii dhufan. Barsiisaan seeraa tokko, “Barsiisaa, Seericha keessaa ajajni hunda irra caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.—Maatewos 22:36.

      Yesuusis akkana jedhee deebiseef: “Inni duraa isa kana, ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi, Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkicha dha; Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.’ Ajajni inni lammaffaanis, ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu’ kan jedhu dha. Ajajni kana irra caalu kan biraan hin jiru.”—Maarqos 12:29-31.

      Barsiisaan seeraa sunis kana yeroo dhagaʼu akkana jedhe: “Barsiisaa, wanti ati dubbatte dhugaa dha, ‘Inni Tokkicha, isa malees kan biraan hin jiru’; garaa guutuudhaan, hubannaa guutuudhaan, humna guutuudhaan isa jaallachuun, akkasumas nama akka ofiitti jaallachuun kennaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa hundumaa irra baayʼee caala.” Yesuus barsiisaan seeraa kun hubannaadhaan akka deebise waan argeef, “Ati Mootummaa Waaqayyoo irraa kan fagaatte miti” jedheen.—Maarqos 12:32-34.

      Yesuus guyyaa sadiif (Niisaan 9, 10 fi 11) mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture. Namoonni tokko tokko akkuma barsiisaa seeraa kanaa gammachuudhaan isa dhaggeeffataniiru. Geggeessitoonni amantii garuu akkana hin goone. Isaan amma ‘gaaffii isa gaafachuuf illee ija hin jabaanne.’

      • Fariisonni Yesuusiin kiyyootti galchuuf yaalii akkamii taasisan? Buʼaan isaa hoo maal ture?

      • Yesuus Saduuqonni kiyyootti isa galchuuf yeroo yaalanitti, yaalii isaanii kan fashaleesse akkamitti?

      • Yesuus gaaffii barsiisaan seeraa tokkoo yeroo deebisetti, wanti baayʼee barbaachisaa akka taʼe caqase maali dha?

  • Mormitoota Isaa Balaaleffate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus mormitoota isaa saaxile

      BOQONNAA 109

      Mormitoota Isaa Balaaleffate

      MAATEWOS 22:41–23:24 MAARQOS 12:35-40 LUQAAS 20:41-47

      • KIRISTOOS ILMA EENYUU TI?

      • YESUUS MORMITOOTA ISAA FAKKEESSITUU TAʼAN SAAXILE

      Mormitoonni Yesuus, maqaa isaa balleessuu fi kiyyootti isa galchuudhaan warra Roomaatti dabarsanii isa kennuuf yaalii isaan taasisan hin milkoofne. (Luqaas 20:20) Ammas guyyaan isaa Niisaan 11 yommuu taʼu, Yesuus amma iyyuu mana qulqullummaa keessa jira. Yeroo kanatti Yesuus dhimmicha isaanitti kan garagalche siʼa taʼu, eenyummaa isaa isa dhugaas isaan beeksise. Dursa fudhatee, “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. (Maatewos 22:42) Kiristoos ykn Masiihichi sanyii Daawit keessaa akka dhufu namoonni sirriitti beeku. Namoonni kunis akkanuma jedhanii deebisan.—Maatewos 9:27; 12:23; Yohaannis 7:42.

      Yesuusis akkana jedhee gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ jedhee isa waama? Daawit, ‘Yihowaan Gooftaa kootiin, “Ani diinota kee miilla kee jala hamman siif godhutti ati mirga koo taaʼi” jedheera’ jedhee dubbateera. Maarree Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, akkamitti ilma isaa taʼa?”—Maatewos 22:43-45.

      Fariisonni kan eegaa turan nama sanyii Daawit keessaa dhufuu fi bittaa warra Roomaa jalaa bilisa isaan baasu waan taʼeef ni callisan. Yesuus garuu yaada Daawit isa Faarfannaa 110:1, 2 irratti galmeeffamee jiru irratti hundaaʼuudhaan, Masiihichi nama mootii taʼe tokkoo ol akka taʼe hubachiise. Inni Gooftaa Daawiti dha; mirga Waaqayyoo erga taaʼee boodas, aangoon isaaf kennama. Deebiin Yesuus kenne mormitoota isaa afaan qabsiise.

      Barattoonnii fi namoonni hedduun dhaggeeffachaa turan. Amma Yesuus isaanitti kan dubbate siʼa taʼu, waaʼee barsiisota seeraa fi Fariisotaa isaan akeekkachiise. Geggeessitoonni kun Seera Waaqayyoo barsiisuuf, “barcuma Musee irra of kaaʼaniiru.” Yesuus dhaggeeffattootaan akkana jedhe: “Wanta isaan isinitti himan hunda hojii irra oolchaa, akkasumas eegaa; garuu isaan wanta dubbatan hojii irra waan hin oolchineef, akka isaan godhan hin godhinaa.”—Maatewos 23:2, 3.

      Achiis Yesuus wantoota fakkeessitummaa isaanii argisiisan tokko tokko caqase. “Kudhaama guguddaa kaaʼatu” jedhe. Yihudoonni tokko tokko addaa fi harka isaanii irratti kudhaama xinnoo caqasni Seericha irraa fudhatame keessa jiru ni hidhatu. Fariisonni garuu Seerichaaf waan hinaafan fakkeessuuf kudhaama guddaa hidhatu. “Foʼaa fiixee uffata isaaniis ni dheereffatu.” Israaʼeloonni fiixee uffata isaanii irratti shaashara baafachuu qabu turan. Fariisonni garuu shaashara kana garmalee dheeressu. (Lakkoobsa 15:38-40) Kana hunda kan godhan “namootatti of argisiisuuf” jedhanii ti.—Maatewos 23:5.

      Barattoonni Yesuus illee fedhiin iddoo guddaa argachuu isaan keessatti uumamuu waan dandaʼuuf akkana jedhee isaan gorse: “Barsiisaan keessan tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha. Kana malees Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa.” Erga akkas taʼee barattoonni ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qabu, akkasumas gochi isaanii kan akkamii taʼuu qaba? Yesuus, “Inni hunda keessan irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol ol of qabu hundi gad ni deebisama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol ni qabama” isaaniin jedhe.—Maatewos 23:8-12.

      Achiis Yesuus barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessituu taʼan kanatti yaada jabaa dubbate. Akkana jedhe: “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana isiniif wayyoo! Isin balbala Mootummaa samii namootatti cuftu; ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuu dhufanis ni dhowwitu!”—Maatewos 23:13.

      Yesuus, Fariisonni wanta Yihowaa duratti caalaatti barbaachisaa taʼeef xiyyeeffannaa waan hin kennineef isaan balaaleffate. Fakkeenyaaf, “Namni tokko mana qulqullummaatiin yoo kakate homaa miti; warqii mana qulqullummaa keessa jiruun yoo kakate garuu waadaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira” jedhu. Kan isaan xiyyeeffatan manni qulqullummaa bakka Waaqa isaanii Yihowaa itti waaqeffatanii fi isatti itti dhihaatan taʼuu isaa irratti utuu hin taʼin, warqii achi keessa jiru irratti taʼuun isaa karaa hafuuraa jaamota akka taʼan argisiisa. Akkasumas, namoonni kun “wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti” ilaalu.—Maatewos 23:16, 23; Luqaas 11:42.

      Yesuus Fariisonni kun, ‘jaamota jaamotatti karaa argisiisanii fi warra bookee calalanii baasan, garuu immoo warra gaala liqimsan!’ akka taʼan dubbate. (Maatewos 23:24) Bookeen akka sirna amantiitti xurooftuu waan taateef wayinii keessaa calalanii baasu. Haa taʼu malee, wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman akka laayyootti kan ilaalan taʼuun isaanii, gaala isa bookee irra baayʼee guddaa fi akka sirna amantiitti xuraaʼaa taʼe liqimsuu wajjin tokko dha.—Lewwoota 11:4, 21-24.

      • Yesuus yaada Daawit dubbatee fi Faarfannaa 110 irratti galmeeffamee jiru ilaalchisee Fariisota gaaffii yeroo gaafatetti kan callisan maaliifi?

      • Fariisonni kudhaama guddaa kan hidhatanii fi foʼaa fiixee uffata isaanii kan dheeressan maaliifi?

      • Yesuus barattoota isaatiif gorsa akkamii kenne?

  • Guyyaa Xumuraa Yesuus Mana Qulqullummaatti Dabarse
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko, qodaa buusii mana qulqullummaa keessa saantima xixinnoo lama ennaa buustu ilaalaa jira

      BOQONNAA 110

      Guyyaa Xumuraa Yesuus Mana Qulqullummaatti Dabarse

      MAATEWOS 23:25–24:2 MAARQOS 12:41–13:2 LUQAAS 21:1-6

      • YESUUS AMMAS GEGGEESSITOOTA AMANTII BALAALEFFATE

      • MANNI QULQULLUMMAA NI BALLEEFFAMA

      • DUBARTII HIYYEETTIIN ABBAAN MANAA IRRAA DUʼE TOKKO SAANTIMA XIXINNOO LAMA BUUSII GOOTE

      Yesuus yeroo xumuraatiif mana qulqullummaa yeroo deemettis, ifatti fakkeessitoota isaaniin jechuudhaan fakkeessitummaa barsiisota seeraa fi Fariisotaa saaxiluu isaa itti fufe. Akkana isaaniin jedhe: “Isin kubbaayyaa fi saanii ala isaanii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu sassataa fi ofittummaadhaan kan guutame dha. Fariisicha jaamaa nana, dura keessa kubbaayyaa fi saanii sanaa qulqulleessi; sana booda alli isaas qulqulluu ni taʼa.” (Maatewos 23:25, 26) Fariisonni akka sirna amantiitti qulqulluu taʼuu fi qaama isaanii isa alaa ilaalchisee of eeggannoo guddaa kan godhan taʼus, keessa namummaa isaaniitiif xiyyeeffannaa hin kennan; garaa isaaniis hin qulqulleessan.

      Raajotaaf iddoo awwaalaa ijaaruu fi miidhagsuuf fedhii qabaachuun isaanis fakkeessitummaa isaanii argisiisa. Akkuma Yesuus jedhe, isaan “ilmaan warra raajota ajjeesan sanaa” ti. (Maatewos 23:31) Yesuusiin ajjeesuuf carraaqqii gochuudhaan, ilmaan isaanii akka taʼan mirkaneessaniiru.—Yohaannis 5:18; 7:1, 25.

      Achiis Yesuus, “Bofootaa fi ilmaan buutii nana, murtii Gahaannam irraa akkamitti ooluu dandeessu?” jechuudhaan geggeessitoonni kun yaada geddarachuu yoo baatan wanta isaan eeggatu dubbate. (Maatewos 23:33) Gahaannam jechuun ‘Sulula Heenom’ jechuu dha. Sululli kun kosii gubuuf tajaajilaa ture; badiisa bara baraa barsiisota seeraa fi Fariisota hamoo taʼan eeggatu argisiisa.

      Barattoonni Yesuus “raajota, namoota ogeeyyii fi barsiisota sabaa” taʼuudhaan isa bakka buʼu. Namoonni akkamitti isaan qabu laata? Yesuus geggeessitoota amantiitiin akkana jedhe: “[Barattoota koo] keessaa tokko tokko ni ajjeestu; tokko tokko muka irratti fanniftu; tokko tokko immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; akkasumas magaalaa isa tokkoo gara magaalaa isa kan biraatti ariʼattu; kanaaf, dhiiga Abeel nama qajeelaa sana irraa jalqabee, hamma dhiiga Zakkaariyaas . . . isa . . . ajjeestaniitti, dhiiga namoota qajeeloo lafa irratti dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatamtu.” Itti fufees, “Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi dhaloota kana irra ni gaʼu” jedhee akeekkachiise. (Maatewos 23:34-36) Dh.K.B. bara 70 tti loltoonni Roomaa Yerusaalemiin yeroo balleessanitti, akkasumas Yihudoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman yeroo dhumanitti kun taʼeera.

      Yesuus haala sodaachisaa taʼe kana irratti yeroo yaadu ni dhiphate. Gaddaas akkana jedhe: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu, akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo ishii jalatti walitti qabdu siʼa meeqan ijoollee kee sassaabuu barbaade! Isin garuu hin barbaadne. Kunoo, manni keessan isiniif kan dhiifame taʼa.” (Maatewos 23:37, 38) Namoonni isa dhagaʼan waaʼee ‘mana’ isa kamii akka dubbatu bitaa isaanitti taʼee taʼuu qaba. Tarii waaʼee mana qulqullummaa ajaaʼibsiisaa Yerusaalemitti argamuu fi Waaqayyo eegumsa ni godhaaf jedhamee yaadamuu dubbachuu isaa tii?

      Yesuus itti fufee, “Ani isiniin nan jedha, ‘Inni maqaa Yihowaatiin dhufu eebbifamaa dha’ hanga jettanitti, ammaa jalqabee matumaa ana hin argitan” jedhe. (Maatewos 23:39) Kana kan dubbate raajii Faarfannaa 118:26 irra jiruu fi “Maqaa Waaqayyootiin inni dhufu eebbifamaa haa taʼu! Nuyi mana Waaqayyoo keessaa isin in eebbifna” jedhu irraa caqasee ti. Eeyyee, manni qulqullummaa kun erga balleeffamee booda, maqaa Waaqayyootiin kan achi dhaqu hin jiru.

      Yesuus amma mana qulqullummaa keessa gara iddoo qodaawwan ykn saanduqawwan buusii kaaʼaman dhaqe. Namoonni uraawwan xixinnoo irra keessa jiraniin buusii godhu. Yesuus Yihudoonni hedduun yeroo akkana godhan kan arge siʼa taʼu, namoonni sooreyyii taʼan “qarshii baayʼee keessa buusu.” Sana booda Yesuus dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko, “saantima xixinnoo gatii baayʼee xinnoo qaban lama” achi keessa yeroo buustu arge. (Maarqos 12:41, 42) Yesuus, Waaqayyo kennaa ishiitti hammam akka gammadu akka beeku hin shakkisiisu.

      Barattoota isaa waamee, “Dhuguman isiniin jedha, warra saanduqawwan buusii keessa buusan kaan hunda caalaa kan buuse, dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼe kana dha” jedheen. Kun akkamitti taʼuu dandaʼa? Yesuus, “Isaan hundi wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatee utuu jirtuu wanta qabdu hunda, jechuunis wanta ittiin jiraattu hunda buuste” jechuudhaan ibse. (Maarqos 12:43, 44) Yaadni ishii fi gochi ishii kan geggeessitoota amantii irraa adda dha!

      Niisaan 11 yeroon yommuu deemu, Yesuus yeroo dhumaatiif mana qulqullummaatii baʼee sokke. Barattoota keessaa tokko, “Barsiisaa, dhagaawwanii fi gamoowwan ajaaʼibsiisoo kana ilaali!” jedhe. (Maarqos 13:1) Eeyyee, dhagaawwan keenyan mana qulqullummaa tokko tokko garmalee guguddaa siʼa taʼan, manichi cimina akka qabaatuu fi yeroo dheeraadhaaf akka turu taasisaniiru. Kanaaf wanti Yesuus, “Gamoowwan guguddaa kana ni argitaa? Matumaa dhagaan kun utuu hin jigiin akka wal irra kaaʼametti hin hafu” jechuudhaan dubbate bitaa kan namatti taʼu dha.—Maarqos 13:2.

      Erga kana dubbatee booda, Yesuusii fi ergamoonni isaa Sulula Qedroon keessa qaxxaamuranii iddoo Gaara Ejersaa irra jirtu tokkotti ol baʼan. Yesuus ergamoota isaa afur, jechuunis Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin bakka tokko jira. Bakka kana taʼanii mana qulqullummaa ajaaʼibsiisaa taʼe sana asii gad arguu ni dandaʼu.

      • Yesuus yeroo xumuraatiif gara mana qulqullummaa yeroo deemetti maal godhe?

      • Yesuus mana qulqullummaa sana ilaalchisee raajii akkamii dubbate?

      • Yesuus dubartiin abbaan manaa irraa duʼe sooreyyii caalaa buusii akka goote kan dubbate maaliifi?

  • Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus gaaffilee ergamoonni isaa arfan gaafataniif yommuu deebii kennu

      BOQONNAA 111

      Ergamoonni Mallattoo Isa Gaafatan

      MAATEWOS 24:3-51 MAARQOS 13:3-37 LUQAAS 21:7-38

      • BARATTOONNI AFUR MALLATTOO ISA GAAFATAN

      • WANTOOTA JAARRAA TOKKOFFAATTII FI SANA BOODA RAAWWII ISAANII ARGATAN

      • DAMMAQOO TAʼUU QABNA

      Yeroon isaa Kibxata waaree booda siʼa taʼu, Niisaan 11 xumuramuuf jedha. Yeroon Yesuus lafa irratti hojii guddaa itti hojjechaa tures xumuramuufi dha. Guyyaa mana qulqullummaa keessatti tajaajilaa kan oole siʼa taʼu, halkan immoo magaalaadhaa ala buufate. Namoonni fedhii guddaa waan qabaniif, “mana qulqullummaa keessatti isa dhaggeeffachuuf ganama bariidhaan gara isaa dhufu turan.” (Luqaas 21:37, 38) Amma garuu Yesuus ergamoota isaa afur, jechuunis Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin Gaara Ejersaa irra jira.

      Arfanuu kophaatti gara Yesuus dhufan. Yesuus dhagaan mana qulqullummaa akka wal irra kaaʼametti akka hin hafne dubbatee waan tureef, waaʼeen manichaa isaan yaaddesseera. Wanti isaan yaaddesse kan biraanis jira. Yesuus kanaan dura, “Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa” jechuudhaan isaan gorseera. (Luqaas 12:40) “Guyyaa Ilmi namaa itti mulʼatu” ilaalchisees dubbateera. (Luqaas 17:30) Yaadawwan kun wanta inni mana qulqullummaa ilaalchisee dubbatee wajjin walitti dhufeenya qabuu? Ergamoonni waaʼee kanaa beekuu waan hawwaniif, “Wantoonni kun yoom akka raawwataman, akkasumas mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maal akka taʼe nutti himi?” jedhanii isa gaafatan.—Maatewos 24:3.

      Akkana kan jedhan, badiisa mana qulqullummaa dhihoodhaa isaanitti mulʼatuu yaadatti qabatanii taʼuu dandaʼa. Yeroo Ilmi namaa itti mulʼatu ilaalchisees isa gaafatan. Fakkeenya Yesuus ‘namicha sanyii mootii taʼee’ fi “aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼuuf gara biyya fagoo tokko dhaqe” ilaalchisee dubbate ni yaadatu taʼa. (Luqaas 19:11, 12) Xumura irrattis ‘dhumni sirna kanaa’ maal akka dabalatu isa gaafatan.

      Yesuus ibsa balʼaa kenne irratti mallattoo yeroo manni qulqullummaa, akkasumas sirni Yihudootaa itti badu argisiisu dubbate. Ibsa kan biraas kenneera. Mallattoon kun gara fuulduraattis Kiristiyaanonni yeroo Yesuus itti ‘argamu’ keessa jiraachuu isaanii fi dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa akka beekan isaan gargaara.

      Waggoonni darbaa yeroo deeman, ergamoonni raajiin Yesuus dubbate raawwii isaa yommuu argatu arganiiru. Eeyyee, wantoonni Yesuus dubbate hedduun utuu isaan lubbuudhaan jiranii raawwataman. Kiristiyaanonni dammaqoo taʼanii fi waggaa 37 booda jechuunis, Dh.K.B. bara 70 tti turan, manni qulqullummaa fi sirni Yihudootaa yeroo badetti qophaaʼoo turan. Haa taʼu malee Dh.K.B. bara 70 tti, akkasumas waggoota sana dura turan keessatti kan raawwataman raajiiwwan Yesuus dubbate hunda miti. Kanaaf, wanti aangoo Mootummaa isaatiin argamuu isaa argisiisu maali dha? Yesuus kana ilaalchisee ergamoota isaatiif deebii kenneera.

      Yesuus, ‘waraanaa fi oduun waraanaa’ akka jiraatu, ‘sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti akka kaʼu’ dubbate. (Maatewos 24:6, 7) Akkasumas, ‘kirkirri lafaa guguddaan akka taʼu, bakka garaa garaattis hanqinni nyaataa fi golfaan akka uumamu’ dubbate. (Luqaas 21:11) Yesuus, “Namoonni isin qabu, akkasumas isin ariʼatu” jechuudhaan barattoota isaa akeekkachiise. (Luqaas 21:12) Raajonni sobduun kaʼanii namoota hedduu dogoggorsu. Hamminni ni babalʼata, jaalalli namoota hedduus ni qabbanaaʼa. Kana malees, ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa guutummaa lafaa irratti akka lallabamu, sana boodas dhumni akka dhufu’ dubbate.—Maatewos 24:14.

      Raajiin Yesuus dubbate warri Roomaa Yerusaalemiin yeroo balleessanitti, akkasumas sana dura hamma tokko raawwii isaa argateera. Haa taʼu malee, raajiin kun wanta sana booda raawwatamus kan dabalatu dhaa? Ragaa raajiin iddoo guddaa qabuu fi Yesuus dubbate kun yeroo harʼaatti raawwii isaa isa guddaa argachaa akka jiru argisiisu hubatteettaa?

      Yesuus, mallattoowwan argamuu isaa argisiisan keessaa tokko ‘wanta jibbisiisaa badiisa fidu’ akka taʼe dubbateera. (Maatewos 24:15) Dh.K.B. bara 66 tti ‘loltoonni’ Roomaa asxaa isaanii isa waaqayyolii sobaa argisiisu qabatanii yeroo ‘marsanitti’ wanti ciiggaasisaan sun mulʼateera. Warri Roomaa Yerusaalemiin kan marsan siʼa taʼu, dallaa ishii muraasas ni diigan. (Luqaas 21:20) Haala kanaan, “wanti jibbisiisaan” bakka isaaf hin malle jechuunis, iddoo Yihudoonni “bakka qulqullaaʼaa” akka taʼetti ilaalan dhaabate.

      Yesuus itti dabaluudhaan, “Yeroo sanatti rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga harʼaatti taʼee hin beeknee fi gara fuulduraattis hin taane ni dhufa” jedhee dubbate. Dh.K.B. bara 70 tti warri Roomaa Yerusaalemiin ni balleessan. ‘Magaalaa qulqulluu’ Yihudootaa dabalatee manni qulqullummaa yeroo balleeffamee fi namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman yeroo duʼanitti rakkinni guddaan kun gaʼeera. (Maatewos 4:5; 24:21) Badiisni kun, badiisa Yihudootaa fi magaalaa isaanii irra kanaan dura gaʼee ture kam irra iyyuu kan caalu dha; akkasumas sirni waaqeffannaa Yihudoonni jaarraa hedduudhaaf hordofaa turan akka badu taasiseera. Kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, raajii Yesuus dubbate gara fuulduraatti raawwii isaa isa guddaa yeroo argatu wanti sodaachisaa taʼe ni raawwatama.

      GUYYOOTA RAAJIIDHAAN DUBBATAMAN SANATTI AMANTII QABAACHUU

      Wanti Yesuus mallattoowwan aangoo Mootummaa isaatiin argamuu isaa fi dhuma sirnichaa argisiisan ilaalchisee ergamoota isaatti dubbate kana qofa miti. Itti fufees, ‘Kiristoosota sobaa fi raajota sobaa’ duukaa buʼuu ilaalchisee isaan akeekkachiise. Yesuus namoonni kun “yoo isaaniif dandaʼame warra filataman illee dogoggorsuuf” akka yaalan dubbate. (Maatewos 24:24) Warri filataman kun garuu hin dogoggorfaman. Kiristoosonni sobaa ijaan ni argamu. Argamni Yesuus garuu ijaan kan mulʼatu miti.

      Yesuus rakkina guddaa dhuma sirna kanaa irratti dhufu ilaalchisee akkana jedhe: “Rakkina guyyoota sanaa booda battaluma sanatti, aduun ni dukkanoofti; addeessis ifa ishii hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.” (Maatewos 24:29) Ergamoonni waaʼee badiisa sodaachisaa dhufuuf jiru kanaa dhagaʼan wanta raawwatamu sirriitti beekuu baatanis, sodaachisaa akka taʼu beekamaa dha.

      Wanti sodaachisaan kun ilmaan namootaa irratti dhiibbaa akkamii geessisa? Yesuus akkana jedhe: “Humnoonni samii waan raafamaniif, namoonni wantoota addunyaatti dhufuuf jiran sodaachuu fi eeguudhaan kan kaʼe ni gaggabu.” (Luqaas 21:26) Yesuus seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroon sodaachisaa taʼe sun maal akka fakkaatu ibsuu isaa ti.

      Yesuus, ‘Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan yommuu dhufu’ kan gaddan namoota hunda akka hin taane ergamoota isaatiif ifa gochuun isaa kan nama jajjabeessu dha. (Maatewos 24:30) Yesuus, Waaqayyo “warra filatamaniif” jecha gidduu akka galu dubbateera. (Maatewos 24:22) Haa taʼu malee, barattoonni Yesuus amanamoo taʼan wantoonni sodaachisoon inni dubbate yommuu raawwatamanitti maal gochuu qabu? Yesuus, “Wantoonni kun yommuu taʼuu jalqaban, fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa” jechuudhaan duuka buutota isaa jajjabeesse.—Luqaas 21:28.

      Haa taʼu malee, barattoonni Yesuus yeroo inni raajiidhaan dubbate kana keessa jiraatan, dhumni dhihaachuu isaa beekuu kan dandaʼan akkamitti? Yesuus muka harbuutti fayyadamee fakkeenya dubbate. Akkana jedhe: “Yeroo dameen isaa latee baala baafatu, bonni akka dhihaate ni beektu. Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoota kana hunda yommuu argitan, Ilmi namaa balbalatti akka dhihaate beekaa. Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu.”—Maatewos 24:32-34.

      Kanaaf, barattoonni Yesuus mallattoowwan garaa garaa yommuu raawwataman yeroo argan, dhumni akka dhihaate hubachuu qabu. Barattoota isaa gara fuulduraatti yeroo adda taʼe sana keessa jiraatan akkana jedhee gorse:

      “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan. Akkuma bara Nohitti ture, argamuun Ilma namaas akkuma kana taʼa. Namoonni sun bara sanatti Bishaan Badiisaa dura hanga guyyaa Noh dooniitti galetti, nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan; isaan hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti akkuma hin hubanne, argamuun Ilma namaas akkanuma ni taʼa.” (Maatewos 24:36-39) Yesuus Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼee fi addunyaa mara irratti miidhaa geessise dhaggeeffattoota yaadachiisuu isaa ti.

      Ergamoonni Gaara Ejersaa irratti Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran, dammaqoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe hubatanii taʼuu qaba. Yesuus akkana jedhe: “Akka malee nyaachuu fi akka malee dhuguudhaan, yaaddoo jireenyaatiinis garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne ofii keessaniif of eeggadhaa; kun taʼuu baannaan garuu, guyyaan sun akka tasaa utuu isin hin yaadin isinitti dhufa; jechuunis akka kiyyootti isinitti dhufa. Sababiin isaas, guyyaan kun namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti ni dhufa. Kanaaf, dammaqaa eegaa, akkasumas wantoota taʼuun isaanii hin oolle kana hunda jalaa baʼuu fi Ilma namaa dura dhaabachuu akka dandeessaniif yeroo hunda wawwaannaa dhiheessaa.”—Luqaas 21:34-36.

      Yesuus ammas raajii inni dubbate yeroo fi bakka murtaaʼe tokko qofatti kan raawwatamu akka hin taane ibse. Waaʼee wantoota waggoota muraasa keessatti raawwatamanii fi magaalaa Yerusaalem ykn Yihudoota qofa irratti miidhaa geessisanii dubbachuu isaa miti. Wanta ‘namoota guutummaa lafaa irra jiraatan irratti dhufu’ dubbachuu isaa ti.

      Yesuus barattoonni isaa dammaqoo fi qophaaʼoo taʼuu akka qaban dubbate. Akeekkachiisa kana fakkeenya dabalataa dubbachuudhaan jabeesse. Akkana jedhe: “Wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti akka dhufu utuu beekee, dammaqee eeguudhaan manni isaa cabsamee akka hin saamamne godha ture. Kanaaf, isinis Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa.”—Maatewos 24:43, 44.

      Yesuus itti fufee yaada barattoota isaa jajjabeessu dubbate. Yeroo raajii inni dubbate raawwii isaa argatutti, “garbichi” dammaqaa taʼe akka jiraatu isaaniif mirkaneesse. Yesuus haala ergamoonni isaa salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadamee akkana jedhee dubbate: “Garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu? Garbichi gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu isa argu sun gammadaa dha! Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda.” “Garbichi” kun hamaa taʼuudhaan warra kaan miidhuu yoo jalqabe garuu, gooftaan isaa “adaba guddaa isa adaba.”—Maatewos 24:45-51; Luqaas 12:45, 46 waliin ilaali.

      Haa taʼu malee, Yesuus duuka buutota isaa keessaa gareen hamaa taʼu jira jechuu isaa miti. Maarree, Yesuus barattoota isaatiif barumsa akkamii dabarsuu barbaade? Fakkeenya kan biraa irratti akkuma ifa godhe, dammaqoo akka taʼan barbaade.

      • Ergamoonni wanta gara fuulduraatti raawwatamu ilaalchisee akka gaafatan kan isaan kakaase maali dha? Wanta kan biraas maal yaadatti qabatanii taʼuu dandaʼa?

      • Raajiin Yesuus dubbate raawwii isaa argachuu kan jalqabe yoomi? Akkamitti?

      • Wantoonni argamuu Kiristoos argisiisan tokko tokko maalfaʼi?

      • “Wanti jibbisiisaan” kan mulʼate akkamitti? Erga mulʼatee booda hoo maaltu taʼe?

      • Namoonni raajiin Yesuus dubbate yommuu raawwatamu yeroo arganitti maaltu isaanitti dhagaʼama?

      • Yesuus barattoonni isaa dhumni akka dhihaate akka hubatan isaan gargaaruuf fakkeenya akkamii dubbate?

      • Raajiin Yesuus dubbate addunyaa maratti kan raawwatamu taʼuu isaa kan argisiisu maali dha?

      • Yesuus barattoota isaa naannoo dhuma sirna kanaa keessa jiraataniif gorsa akkamii kenne?

  • Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Durboonni abshaala taʼan shanan ibsaa isaanii bobeessanii qabatanii jiru

      BOQONNAA 112

      Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname—Durboota

      MAATEWOS 25:1-13

      • YESUUS FAKKEENYA WAAʼEE DURBOOTA KUDHANII DUBBATE

      Yesuus gaaffii ergamoonni isaa waaʼee argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee gaafataniif deebii kennee ture. Amma immoo dhimma kana yaadatti qabachuudhaan fakkeenya kan biraatti fayyadamee gorsa ogummaa irratti hundaaʼe isaaniif kenne. Raawwii fakkeenya kanaa kan argan warra yeroo inni argamutti jiraatani dha.

      Yesuus fakkeenyicha akkana jechuudhaan jalqabe: “Mootummaan samii durboota kudhan dhirsa misirroo simachuuf ibsaa isaanii fudhatanii gad baʼanii wajjin wal fakkaata. Isaan keessaa shan gowwoota, shan immoo abshaalota turan.”—Maatewos 25:1, 2.

      Yesuus barattoota isaa Mootummaa samii dhaalan keessaa walakkaan abshaalota, walakkaan immoo gowwoota akka taʼan dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, Mootummichaa wajjin haala wal qabateen, tokkoon tokkoon barattoota isaa dammaqoo taʼuu ykn yaadni isaanii akka hihhiramu heyyamuuf filachuu akka dandaʼan ibsuu isaa ti. Taʼus, Yesuus tajaajiltoonni isaa hamma dhumaatti amanamoo akka taʼanii fi eebba Abbaa isaa akka argatan shakkii hin qabu.

      Fakkeenyicha irratti durboonni kurnan dhirsa misirroo simachuu fi cidhicha irratti argamuuf eegaa turan. Durboonni kun dhirsi misirroo misirrottii gara mana ishiidhaaf qophaaʼetti yommuu fidu ibsaa isaaniitiin daandichi akka ifu gochuudhaan kabajaan isa simatu. Haa taʼu malee haalli isaa akkam taʼe laata?

      Yesuus akkana jedhe: “Warri gowwoonni ibsaa isaanii kan qabatan taʼus, zayitii dabalataa garuu hin qabanne turan. Warri abshaalonni garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii dabalataa qodaatti qabatanii turan. Taʼus misirrichi turraan, hundi isaanii muganii rafan.” (Maatewos 25:3-5) Misirrichi akka eegametti dafee hin dhufne. Durboonni kun rafuun isaanii baayʼee turuu isaa kan argisiisu taʼuu hin oolu. Ergamoonni, wanta Yesuus namicha sanyii mootii taʼee fi biyya fagoo deemee ‘yeroo booda aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼe’ ilaalchisee dubbate yaadatanii taʼuu dandaʼa.—Luqaas 19:11-15.

      Yesuus fakkeenya waaʼee durboota kudhanii dubbatu kana irratti misirrichi dhuma irratti yeroo dhufu wanta taʼe akkana jechuudhaan ibse: “Halkan walakkaa sagalee guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufaa jira! Gad baʼaa isa simadhaa’ jedhu ni dhagaʼame.” (Maatewos 25:6) Durboonni kun qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuu wajjin haala wal qabateen haala akkamii irra jiru?

      Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Yeroo kanatti durboonni sun hundi kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. Warri gowwoonni warra abshaalota sanaan, ‘Ibsaan keenya dhaamuuf waan jedhuuf, zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhaniin. Warri abshaalonni sun garuu, ‘Tarii nuufis taʼe isiniif gaʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, dhaqaa warra zayitii gurguran biraa ofii keessaniif bitadhaa’ jedhanii isaaniif deebisan.”—Maatewos 25:7-9.

      Kanaaf, durboonni gowwaa taʼan shanan dhufaatii misirrichaa dammaqoo fi qophaaʼoo taʼanii eegaa hin turre. Ibsaa isaaniitiif zayitii gaʼaa waan hin qabneef zayitii dabalataa barbaaduu qabu. Yesuus akkana jedhe: “Haa taʼu malee, yommuu isaan bitachuu dhaqanitti, dhirsi misirroo sun ni dhufe. Durboonni qophaaʼoo turanis isaa wajjin gara cidha gaaʼelaa sanatti seenan; balballis ni cufame. Sana booda durboonni warri kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa nuu bani!’ jedhan. Innis, ‘Dhuguman isiniin jedha, ani isin hin beeku’ jedhee deebiseef.” (Maatewos 25:10-12) Qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuu dhiisuun isaanii haalli gaddisiisaa taʼe akka isaan mudatu taasise.

      Ergamoonni, misirrichi Yesuus caqase eenyuun akka argisiisu hubachuu ni dandaʼu. Yesuus kanaan dura dhirsa misirrootti of fakkeessee ture. (Luqaas 5:34, 35) Durboonni abshaala taʼan hoo eenyuun argisiisu? Yesuus “tuuta xinnoo” Mootummaan isaaf kennamu ilaalchisee, “Uffata keessan uffadhaa qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsaa” jedhee ture. (Luqaas 12:32, 35) Kanaaf, ergamoonni, Yesuus fakkeenya durboota kanaa dubbachaa kan jiru barattoota amanamoo akka isaaniitiif akka taʼe hubachuu ni dandaʼu. Barumsi Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee dabarsuu barbaade maali dha?

      Yesuus dhimma kana utuu hin ibsin hin dhiisne. “Egaa isinis, guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa” jechuudhaan fakkeenya isaa xumure.—Maatewos 25:13.

      Yesuus argamuu isaa wajjin haala wal qabateen ‘dammaqanii akka eegan’ duuka buutota isaa amanamoo taʼan gorsaa jira. Gara fuulduraatti waan dhufuuf, abdii isaanii isa dinqisiisaa irratti akka xiyyeeffatanii fi badhaasa isaaniif qophaaʼe akka hin dhabneef, akkuma durboota abshaala taʼan shananii qophaaʼoo fi dammaqoo taʼuun isaan barbaachisa.

      • Dammaqoo fi qophaaʼoo taʼuu wajjin haala wal qabateen, durboonni abshaala taʼan warra gowwaa irraa adda kan taʼan akkamitti?

      • Misirrichii fi durboonni eenyuun argisiisu?

      • Yesuus fakkeenya durboota kurnaniitti fayyadamee barumsa akkamii dabarse?

  • Taalaantii—Barumsa Cimanii Hojjechuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Garbichichi maallaqa sana yommuu awwaalu

      BOQONNAA 113

      Barumsa Cimanii Hojjechuu Ilaalchisee Kenname—Taalaantii

      MAATEWOS 25:14-30

      • YESUUS FAKKEENYA WAAʼEE TAALAANTII DUBBATE

      Yesuus amma iyyuu ergamoota isaa arfanii wajjini Gaara Ejersaa irra kan jiru siʼa taʼu, fakkeenya kan biraa isaanitti himuuf jedha. Guyyoota muraasa dura Yerikoo yeroo turetti, Mootummichi kan dhufu gara fuulduraatti yeroo dheeraa booda akka taʼe isaan hubachiisuuf fakkeenya waaʼee miinaa isaanitti himee ture. Fakkeenyi inni amma isaanitti himu, fakkeenya kanaa wajjin wanta wal fakkaatu hedduu qaba. Fakkeenya kana kan dubbate gaaffii argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee isa gaafataniif yommuu deebii kennu dha. Fakkeenyichi wanta inni imaanaadhaan isaanitti kennee wajjin haala wal qabateen barattoonni isaa cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisa.

      Yesuus, “Mootummaan samii nama biyya fagoo dhaquuf jedhee, garboota isaa ofitti waamee qabeenya isaa imaanaadhaan isaanitti kennee wajjin wal fakkaata” jechuudhaan jalqabe. (Maatewos 25:14) Kanaan dura namicha “aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼuuf” biyya fagoo dhaqetti of fakkeessee waan tureef, ergamoonni ‘namichi’ fakkeenya kana irratti caqasame Yesuus akka taʼe salphaatti hubachuu dandaʼu.—Luqaas 19:12.

      Namichi fakkeenya kana irratti ibsame gara biyya fagoo deemuu isaa dura qabeenya isaa gatii guddaa qabu garboota isaatti kenne. Yesuus waggoota sadii fi walakkaa tajaajila irratti dabarse keessatti, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, hojii kana akka hojjetaniifis barattoota leenjiseera. Amma isaan biraa deemuuf kan jedhu siʼa taʼu, wanta akka hojjetaniif isaan leenjise hojjechuu isaanii akka itti fufan amantii qaba.—Maatewos 10:7; Luqaas 10:1, 8, 9; Yohaannis 4:38 fi 14:12 waliin ilaali.

      Fakkeenyicha irratti namichi qabeenya isaa kan qoqqoode haala akkamiitiini? Yesuus akkana jedhe: “Innis akkuma dandeettii isaaniitti isa tokkoof taalaantii shan, isa tokkoof taalaantii lama, isa tokkoof immoo taalaantii tokko kennee gara biyya fagoo dhaqe.” (Maatewos 25:15) Garboonni kun wanta imaanaadhaan isaanitti kennameen maal godhu laata? Wanta gooftaan isaanii barbaadu raawwachuuf cimanii itti fayyadamuu? Yesuus ergamoota isaatiin akkana jedhe:

      “Inni taalaantii shan fudhate, yeruma sana ittiin daldalee taalaantii dabalataa shan irraa buufate. Haaluma wal fakkaatuun inni taalaantii lama fudhates, taalaantii lama irraa buufate. Garbichi inni taalaantii tokko qofa fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa awwaale.” (Maatewos 25:16-18) Yeroo gooftichi deebiʼee dhufu maaltu taʼa?

      Yesuus itti fufee, “Yeroo dheeraa boodas, gooftaan garboota sanaa dhufee maallaqa isaanitti kenne sana herregate” jedhe. (Maatewos 25:19) Garboonni jalqabaa lamaan “akkuma dandeettii isaaniitti” wanta dandaʼan hunda godhaniiru. Garboonni lamaan iyyuu cimanii kan hojjetan siʼa taʼu, wanta imaanaa isaanitti kennameen buʼaa argataniiru. Inni taalaantiin shan itti kennames taʼe inni taalaantiin lama itti kenname taalaanticha irraa dachaadhaan buufataniiru. (Yeroo sanatti hojjetaan tokko taalaantii tokko argachuuf gara waggaa 19 hojjechuu qaba ture.) Gooftichi garboota lamaaniin iyyuu, “Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote! Ati wantoota xixinnoo irratti amanamaa taateetta. Ani immoo wantoota hedduu irratti sin muuda. Gara gammachuu gooftaa keetti seeni” jedhe.—Maatewos 25:21.

      1. Garbichichi maallaqa sana yommuu awwaalu; 2. Garbichi kun gara dukkana ala jiruutti yommuu darbatamu

      Garbichi inni taalaantiin tokko itti kenname garuu wanti inni godhe adda dha. Akkana jedhe: “Yaa Gooftaa, ati nama gara jabeessa, bakka itti hin facaafnee haammattu, bakka itti hin bittinneessinees sassaabbattu taʼuu kee beeka. Kanaaf, sodaadheen dhaqee taalaantii kee lafa keessa awwaale. Taalaantiin kee kunoo ti.” (Maatewos 25:24, 25) Gooftaa isaatiif buʼaa muraasa argamsiisuuf illee maallaqa isatti kenname mana baankii hin keenye. Kanaaf, wanta gooftaan isaa isa irraa barbaadu hin raawwanne.

      Gooftichi namicha kanaan, “Garbicha hamaa fi dhibaaʼaa” jechuun isaa sirrii dha. Wanti inni qabu isa irraa fudhatamee garbicha ciminaan hojjechuuf fedhii qabuuf kenname. Achiis gooftichi akkana jechuudhaan ulaagaa isaa beeksise: “Isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; innis irraa hafaa qabaata. Isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu illee isa irraa fudhatama.”—Maatewos 25:26, 29.

      Barattoonni Yesuus hojii lallabaa irratti yommuu hirmaatan

      Barattoonni Yesuus fakkeenya kanaa wajjin haala wal qabateen wanta hedduu yaadu. Wanti Yesuus imaanaa isaanitti kenne, jechuunis mirgi barattoota gochuu gatii guddaa akka qabu hubachuu ni dandaʼu. Yesuus mirga isaanii kanatti cimanii akka fayyadaman isaan irraa eega. Yesuus hundumti isaanii hojii lallabaa isaanitti kenne qixxee hojjechuu akka qaban hin yaadu. Akka fakkeenyicha irratti ibsametti hundumtuu “akkuma dandeettii isaatti” hamma dandaʼe hojjechuu qaba. Kana jechuun garuu, Yesuus namni tokko “dhibaaʼaa” taʼuudhaan qabeenyi Gooftaa isaa akka dabalu gochuu irratti hamma dandaʼe hojjechuu yoo dhiise ni gammada jechuu miti.

      Haa taʼu malee, yaadni “isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama” jedhu ergamoota baayʼee gammachiisee taʼuu qaba.

      • Fakkeenya waaʼee taalaantii irratti gooftichi, akkasumas garboonni eenyuun argisiisu?

      • Yesuus barattoota isaa barumsa akkamii barsiise?

  • Kiristoos Yommuu Dhufu Hoolotaa Fi Reʼootatti Murteessa
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Namoonni saba hunda keessaa dhufanii fi murtii Yesuus kennu eeggatan gara samii yommuu ilaalan

      BOQONNAA 114

      Kiristoos Yommuu Dhufu Hoolotaa Fi Reʼootatti Murteessa

      MAATEWOS 25:31-46

      • YESUUS HOOLOTAA FI REʼOOTA ILAALCHISEE FAKKEENYA DUBBATE

      Yesuus Gaara Ejersaa irratti durboota kudhanii fi taalaantii ilaalchisee fakkeenya dubbatee ture. Gaaffii ergamoonni isaa argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee isa gaafataniif deebii kenne kan xumure akkamitti? Yesuus fakkeenya xumuraa waaʼee hoolotaa fi reʼootaa ibsu dubbate.

      Yesuus akkana jechuudhaan wanta yeroo sanatti taʼu isaanitti himuu jalqabe: “Ilmi namaa maleekota isaa hundumaa wajjin ulfina isaatiin yommuu dhufu, teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra ni taaʼa.” (Maatewos 25:31) Yesuus yeroo baayʼee ‘Ilma namaa’ jedhee waan of waamuuf, fakkeenya kana keessatti gaʼee guddaa kan qabaatu isa akka taʼe ifa dha.—Maatewos 8:20; 9:6; 20:18, 28.

      Yesuus teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra taaʼee namoota hoolotatti fakkeeffamanii fi amanamoo taʼaniif yommuu murteessu

      Fakkeenyi kun raawwii isaa kan argatu yoomi? Yesuus yommuu maleekotaa wajjin ‘ulfina isaatiin dhufee’ “teessoo isaa isa ulfina qabeessa irra” taʼutti dha. Yesuus kanaan dura, ‘Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin akka dhufu’ dubbatee ture. Kun kan taʼu yoomi? “Rakkina . . . sana booda battaluma sanatti” taʼa. (Maatewos 24:29-31; Maarqos 13:26, 27; Luqaas 21:27) Kanaaf, fakkeenyi kun kan raawwatamu gara fuulduraatti yommuu Yesuus ulfina isaatiin dhufutti dha. Yeroo sanatti maal godha?

      Yesuus akkana jedhe: “Ilmi namaa . . . yommuu dhufu, . . . Saboonni hundinuu isa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolota reʼoota irraa gargar foʼu, namoota gargar foʼa. Hoolota karaa mirga isaa, reʼoota garuu karaa bitaa isaa dhaabachiisa.”—Maatewos 25:31-33.

      Yesuus hoolota karaa mirga isaa jiranii fi fudhatama argatan ilaalchisee akkana jedhe: “Achiis Mootichi warra karaa mirga isaa jiraniin akkana jedha: ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa; Mootummaa isa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee isiniif qophaaʼe sana dhaalaa.’” (Maatewos 25:34) Hoolonni Mooticha biratti fudhatama kan argatan maaliifi?

      Mootichi akkana jedhee ibse: “Ani beelaʼee na nyaachistaniittu; dheebodhee na obaastaniittu. Keessummaa taʼee na simattaniittu; ani daaree daara na baastaniittu. Dhukkubsadhee na kunuunsitaniittu. Hidhamees na gaafattaniittu.” Hoolonni kun jechuunis “qajeelonni,” wantoota gaarii kana kan godhan akkamitti akka taʼe yommuu isa gaafatan, “Wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof gootan, akka anaaf gootanitti lakkaaʼama” isaaniin jedhe. (Maatewos 25:35, 36, 40, 46) Namoonni dhukkubsatanii fi beelaʼan samii irra waan hin jirreef, wantoota kana kan godhan samii irratti miti. Wantoonni kun wantoota lafa irratti obboloota Kiristoosiif godhaman taʼuu qabu.

      Garee namoota amanamoo hin taanee fi reʼootatti fakkeeffamanitti yommuu murteeffamu

      Reʼoota warra karaa bitaa isaa jiran ilaalchisee hoo maal jechuu dandeenya? Yesuus akkana jedhe: “Achiis mootichi warra karaa bitaa isaa jiraniin akkana jedha: ‘Isin abaaramoo nana, gara ibidda bara baraa isa Diyaabilosii fi maleekota isaatiif qophaaʼetti ana irraa deemaa. Sababiin isaas, ani beelaʼee na hin nyaachisne; dheebodhee na hin obaasne. Keessummaa taʼee na hin simanne; daaree daara na hin baasne; dhukkubsadhee akkasumas hidhamee na hin gaafanne.’” (Maatewos 25:41-43) Murtiin kun kan isaan irratti murteeffame, reʼoonni kun wanta isaan irraa eegamu, jechuunis obboloota Kiristoos warra lafa irra jiranitti gaarummaa waan hin argisiisneefi dha.

      Ergamoonni murtiin gara fuulduraatti raawwatamu kun badiisa hin jijjiiramne, jechuunis badiisa bara baraa kan geessisu taʼuu isaa hubatan. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Mootichis, ‘Dhuguman isiniin jedha, wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof utuu hin godhin haftan, anaaf utuu hin godhin akka haftanitti lakkaaʼama’ jedhee isaaniif deebisa. Warri kun gara badiisa bara baraatti, qajeelonni garuu gara jireenya bara baraatti deemu.”—Maatewos 25:45, 46.

      Deebiin Yesuus gaaffii ergamoonni isaa gaafataniif kenne duuka buutonni isaa wantoota hedduu irratti akka yaadan kan isaan taasise siʼa taʼu, kunis ilaalchaa fi gocha isaanii akka qoran isaan gargaara.

      • Fakkeenya Yesuus hoolotaa fi reʼoota ilaalchisee dubbate irratti “Mootichi” eenyu dha? Fakkeenyichi kan raawwatamu hoo yoomi?

      • Hoolonni Yesuus duratti fudhatama akka argatanitti kan isaaniif murteeffamu maaliifi?

      • Wanti namoonni tokko tokko reʼoota akka taʼan isaanitti murteeffamuuf buʼuura taʼu maali dha? Hoolonni fi reʼoonni gara fuulduraatti maaltu isaan eeggata?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi