LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus waaʼee gad of qabuu isaan barsiisuudhaaf miilla ergamoota isaa yommuu dhiqu

      BOQONNAA 116

      Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise

      MAATEWOS 26:20 MAARQOS 14:17 LUQAAS 22:14-18 YOHAANNIS 13:1-17

      • YESUUS ERGAMOOTA ISAA WAJJIN FAASIKAA ISA XUMURAA NYAATE

      • MIILLA ERGAMOOTA ISAA DHIQUUDHAAN ISAAN BARSIISE

      Ajaja Yesuusiin, Pheexirosii fi Yohaannis Faasikaadhaaf qophii gochuuf Yerusaalem gaʼaniiru. Yeroo booda, Yesuusii fi ergamoonni isaa kurnan achi deemuu jalqaban. Yeroon isaa waaree booda siʼa taʼu aduun kallattii dhihaatiin lixaa jirti, Yesuusii fi ergamoonni Gaara Ejersaa irraa buʼaa jiru. Yesuus duʼuu isaa dura, guyyaadhaan bakka kanatti kan argame yeroo xumuraatiifi dha.

      Yeroo muraasa booda Yesuusii fi ergamoonni isaa magaalattii kan gaʼan siʼa taʼu, gara mana itti Faasikaa nyaatan dhaqaa jiru. Yaabbannoodhaan ol baʼanii kutaa balʼaa fooqii irra jirutti seenan. Achitti nyaata Faasikaa akka nyaataniif dhuunfaatti qophiin isaaniif taasifamee argan. Yesuus, “Dhiphinni ana irra gaʼuu isaa dura, Faasikaa kana isinii wajjin nyaachuuf baayʼee hawwaan ture” waan jedheef, yeroo kana hawwiidhaan eegaa ture jechuun ni dandaʼama.—Luqaas 22:15.

      Aadaan xoofoowwan wayinii namoota Faasikaa irratti argamaniif naannessuu, waggoota hedduu dura jalqabame. Amma Yesuus xoofoo fuudhee erga galateeffatee booda akkana jedhe: “Kana fudhadhaa, hundi keessan wal harkaa fuudhaa dhugaa; ani isinitti nan hima, ammaa jalqabee hamma Mootummaan Waaqayyoo dhufutti firii wayinii irraa hin dhugu.” (Luqaas 22:17, 18) Akkana jechuun isaa yeroo inni itti duʼu akka dhihaate argisiisa.

      Utuma Faasikaa nyaachaa jiranii wanti adda taʼe tokko ni uumame. Yesuus kaʼee, uffata isa irra keessatti uffatu of irraa fuudhee, fooxaa fudhate. Achiis qodaa dhiqannaa naannoo sana jiru fuudhee bishaan itti naqe. Namni keessummaa simatu, keessummoonni isaa miilla akka dhiqatan gochuun isaa baramaa ture; miilla keessummootaa kan dhiqu garba taʼuu hin oolu. (Luqaas 7:44) Yeroo kanatti garuu namni isaan simate waan hin jirreef, Yesuustu isaan tajaajile. Ergamoonni isaa carraa kanatti fayyadamanii akkana gochuu kan dandaʼan taʼus, isaan keessaa namni akkana godhe hin jiru. Tarii amma iyyuu morkiin isaan gidduu waan jiruufii laata? Sababni isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus miilla isaanii dhiquun isaa isaan qaanesse.

      Yesuus gara isaa ennaa dhufu, Pheexiros, “Ati matumaa miilla koo anaaf hin dhiqxu” jedhe. Yesuusis deebisee, “Miilla kee yoon sii dhiqe malee, ati ana biraa qooda hin qabaattu” jedheen. Achiis Pheexiros, “Yaa Gooftaa, yoos immoo miilla koo qofa utuu hin taʼin, harka koo fi mataa koos anaaf dhiqi” jedhe. Yeroo kanatti deebii Yesuus isaa kenne isa dinqisiisee taʼuu qaba. Akkana isaan jedhe: “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, miilla isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa. Isin qulqulluu dha, garuu hunda keessan miti.”—Yohaannis 13:8-10.

      Yesuus Yihudaa Asqorotuu dabalatee, miilla ergamoota isaa 12 dhiqe. Achiis uffata isa irra keessatti uffatu deebisee erga uffatee booda, gara maaddiitti deebiʼee akkana jedhe: “Wanta ani isiniif godhe hubattaniittuu? Isin ‘Barsiisaa’ fi ‘Gooftaa’ jettanii na waamtu; anis akkuma sana waanan taʼeef kana jechuun keessan sirrii dha. Kanaaf, ani Gooftaa fi Barsiisaa taʼee utuun jiruu miilla keessan ergan dhiqee, isinis miilla keessan waliif dhiquu qabdu. Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, garbichi gooftaa isaa irra hin caalu, inni ergames isa isa erge irra hin caalu. Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha.”—Yohaannis 13:12-17.

      Kun gad of qabanii warra kaan tajaajiluu ilaalchisee barumsa iddoo guddaa qabu dha! Duuka buutonni Yesuus warra kaan akka caalanii fi tajaajilamuu akka qaban yaaduudhaan iddoo guddaa hin barbaadan. Kanaa mannaa, akka sirna amantiitti ilaaluudhaan miilla namaa dhiquu utuu hin taʼin, namoota utuu wal hin caalchisin gad of qabanii tajaajiluudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu qabu.

      • Yesuus utuu Faasikaa nyaachaa jiranii wanta duuti isaa dhihaachuu isaa argisiisu akkamii ergamoota isaatti hime?

      • Yesuus miilla ergamoota isaa dhiquun isaa wanta baramaa hin taane dha kan jennu maaliifi?

      • Yesuus hojii gad aanaa hojjechuudhaan, jechuunis miilla ergamoota isaa dhiquudhaan barumsa akkamii barsiise?

  • Irbaata Gooftaa
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼan kudha tokkoo wajjin Irbaata Gooftaa yommuu hundeessu

      BOQONNAA 117

      Irbaata Gooftaa

      MAATEWOS 26:21-29 MAARQOS 14:18-25 LUQAAS 22:19-23 YOHAANNIS 13:18-30

      • YIHUDAAN GANTUU TAʼUUN ISAA IFA TAʼE

      • YESUUS IRBAATA YAADANNOO HUNDEESSE

      Galgala kana yeroo muraasa dura Yesuus miilla isaanii dhiquudhaan ergamoota isaa waaʼee gad of qabuu barsiisee ture. Amma immoo tarii Faasikaa erga nyaatanii booda, yaada Daawit isa raajii of keessaa qabuu fi “Namni garaa kootii, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate illee ana dhiituuf miilla ol fudhate” jedhu caqase. Achiis, “Isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhe.—Faarfannaa 41:9; Yohaannis 13:18, 21.

      Ergamoonnis wal ilaalanii, tokkoon tokkoon isaanii, “Yaa Gooftaa inni eenyu?” jedhanii gaafatan. Yihudaa Asqorotuun illee akkuma warra kaanii jedhe. Pheexiros, Yohaannis inni Yesuus bira taaʼee jiru eenyu akka taʼe akka mirkaneeffatu isa gaafate. Kanaaf, Yohaannis Yesuusitti jedhee, “Yaa Gooftaa inni eenyu?” jedhee isa gaafate.—Maatewos 26:22; Yohaannis 13:25.

      Yesuusis, “Inni, isa ani daabboo cabaa cuuphe kana kennuuf sana dha” jedhee deebise. Achiis daabboo sahaanii minjaala irra jiru keessa erga cuubee booda Yihudaatti kennee akkana jedhe: “Ilmi namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame ni deema; isa Ilma namaa dabarsee kennu sanaaf garuu wayyoo! Namni sun utuu hin dhalanne taʼee isaaf wayya ture.” (Yohaannis 13:26; Maatewos 26:24) Achiis, Seexanni Yihudaatti gale. Namichi duraan iyyuu amala gaarii hin qabne kun fedha Diyaabilosiif dabarsee of kennuudhaan, “ilma badiisaa” taʼe.—Yohaannis 6:64, 70; 12:4; 17:12.

      Yesuus Yihudaadhaan, “Wanta gochaa jirtu, dafii godhi” jedhe. Ergamoonni kaan Yihudaa isa saanduqa qarshii isaanii qabuun, “‘Wanta ayyaanichaaf nu barbaachisu biti’ kan jedheen yookiin inni hiyyeeyyiidhaaf waa akka kennu isatti himaa kan jiru” isaanitti fakkaatee ture. (Yohaannis 13:27-30) Yihudaan garuu Yesuusiin dabarsee kennuuf deeme.

      Yesuus halkanuma Faasikaa nyaatanitti, irbaata haaraa kan biraa tokko hundeesse. Maxinoo fuudhee erga galateeffatee booda, caccabsee akka nyaataniif ergamoota isaatiif kenne. Achiis, “Kun foon koo isa isiniif kennamu argisiisa. Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedhe. (Luqaas 22:19) Daabboon caccabe kan naanneffame siʼa taʼu, ergamoonnis irraa nyaatan.

      Amma immoo, xoofoo wayinii fuudhee erga galateeffatee booda, ergamoota isaatiif kenne. Kanas ilaalchisee, “Xoofoon kun kakuu haaraa dhiiga koo isa isiniif dhangalaʼuun hundeeffamu argisiisa” jedhe; hundi isaaniis wayinicha irraa dhugan.—Luqaas 22:20.

      Yesuus haala kanaan yaadannoo duʼa isaa duuka buutonni isaa waggaa waggaatti gaafa Niisaan 14 kabajuu qaban hundeesse. Guyyaan kun wanta Yesuusii fi Abbaan isaa namoota amantii qaban duʼaa fi cubbuu jalaa bilisa baasuuf godhan kan yaadachiisu dha. Wanti guyyaa kanatti taʼu wanta guyyaa Faasikaatti Yihudootaaf godhame irra illee kan caalu siʼa taʼu, ilmaan namootaa amantii qabaniif bilisummaa dhugaa argamsiisa.

      Yesuus dhiigni isaa, ‘namoota hedduudhaaf dhiifama cubbuu argamsiisuuf akka dhangalaʼu’ dubbate. Namoota dhiifama argatan hedduu keessaa tokko tokko ergamoota isaa amanamoo taʼanii fi barattoota isaa amanamoo taʼan kaani dha. Isaan kun Mootummaa Abbaa isaa keessatti isaa wajjin taʼu.—Maatewos 26:28, 29.

      • Yesuus nama isaa wajjin jiru ilaalchisee raajii Kitaaba Qulqulluu kam caqase? Yaada kana kan caqase hoo maaliifi?

      • Yesuus, Yihudaan maal akka godhu isatti hime? Ergamoonni kaan wanta Yesuus dubbate akkamitti hubatan?

      • Yesuus qophii haaraa akkamii hundeesse? Kaayyoon qophii kanaa hoo maali dha?

  • Hunda Irra Kan Caalu Eenyu Akka Taʼe Ilaalchisee Falmiitu Kaʼe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Ergamoonni Yesuus isaan keessaa hunda irra kan caalu eenyu akka taʼe yommuu wal falman

      BOQONNAA 118

      Hunda Irra Kan Caalu Eenyu Akka Taʼe Ilaalchisee Falmiitu Kaʼe

      MAATEWOS 26:31-35 MAARQOS 14:27-31 LUQAAS 22:24-38 YOHAANNIS 13:31-38

      • YESUUS AANGOO ILAALCHISEE GORSA KENNE

      • PHEEXIROS YESUUSIIN AKKA GANU DURSEE DUBBATAME

      • DUUKA BUUTONNI YESUUS JAALALA WALIIF QABANIIN BEEKAMU

      Yesuus galgala xumuraa ergamoota isaa wajjin dabarse irratti miilla isaanii dhiquudhaan gad of qabuu ilaalchisee barumsa guddaa isaan barsiiseera. Akkana gochuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi? Ergamoonni isaa kun dadhabina tokko waan qabaniifi dha. Waaqayyoof kan bulan taʼanis, amma iyyuu isaan keessaa eenyu hunda irra akka caalu isaan yaaddessa. (Maarqos 9:33, 34; 10:35-37) Dadhabinni isaanii kun galgala kanas ni mulʼate.

      Ergamoonni, “isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmii guddaan” ni kaʼe. (Luqaas 22:24) Yesuus ammas wanta hin taane irratti yommuu wal falman yeroo argu baayʼee gaddee taʼuu qaba. Maarree maal godhe?

      Yesuus, amala ergamoonni isaa argisiisan kanaaf isaanitti dheekkamuu mannaa, obsaan akkana isaaniin jedhe: “Mootonni sabootaa gooftaa isaan irratti taʼu; warri isaan irratti aangoo qabanis Gargaartota Sabaa jedhamu. Isin garuu akkana hin taʼinaa. . . . Isa kamtu caala? Isa maaddiitti dhihaatee jiru moo isa tajaajilu?” Achiis wanta hanga yoonaatti fakkeenya isaaniif taʼuudhaan raawwate isaan yaadachiisuuf, “Ani garuu isin gidduutti akka isa tajaajilu sanaa ti” isaaniin jedhe.—Luqaas 22:25-27.

      Ergamoonni kun dadhabina qabaatanis, haalawwan rakkisaa taʼan garaa garaa keessatti Yesuus cinaa dhaabataniiru. Kanaaf, “Akkuma Abbaan koo mootummaadhaaf anaa wajjin kakuu godhe, anis isinii wajjin kakuu mootummaa nan godha” isaaniin jedhe. (Luqaas 22:29) Namoonni kun duuka buutota Yesuus warra amanamoo taʼani dha. Kakuun isaanii fi isa gidduutti galame kun, Mootummaa isaa keessatti isaa wajjin akka taʼanii fi akka bulchan akka isaan dandeessisu isaaniif mirkaneesse.

      Ergamoonni kun abdii dinqisiisaa taʼe akkasii qabaatanis amma iyyuu namoota mudaa qabani dha. Yesuus, “Seexanni hunda keessan akka qamadiitti gingilchuuf gaafateera” isaaniin jedhe. Qamadiin yommuu gingilchamu ni bittinnaaʼa. (Luqaas 22:31) Itti dabalees, “‘Ani tiksee sana nan rukuta, tuutni hoolotaas ni bittinnaaʼu’ jedhamee waan barreeffameef, halkan kana hundi keessan sababii kootti ni gufattu” jechuudhaan isaan akeekkachiise.—Maatewos 26:31; Zakaariyaas 13:7.

      Pheexiros ofitti amanamuudhaan, “Warri kaan hundi sababii keetiin yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu!” isaan jedhe. (Maatewos 26:33) Yesuusis, galgala kanatti kormaan indaaqqoo siʼa lama iyyuu isaa dura akka isa ganu Pheexirositti hime. Taʼus Yesuus itti fufee, “Amantiin kee akka hin badne siif wawwaadheera; atis yommuu deebitu obboloota kee jajjabeessi” isaan jedhe. (Luqaas 22:32) Pheexiros garuu ammas, “Sii wajjin duʼuun yoo ana irra jiraate illee, ani matumaa si hin ganu” jechuudhaan cimsee dubbate. (Maatewos 26:35) Ergamoonni kaanis akkanuma jedhan.

      Yesuus barattootaan akkana jedhe: “Ani yeroo gabaabaadhaaf isinii wajjin jira. Isin na barbaaddu; akkuma ani Yihudootatti, ‘Isin bakka ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jedhee dubbadhe, amma immoo isinittis nan dubbadha.” Itti fufees akkana isaaniin jedhe: “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yohaannis 13:33-35.

      Yesuus ergamoota isaa wajjin kan turu yeroo muraasaaf qofa akka taʼe yommuu isaanitti himu Pheexiros, “Yaa Gooftaa eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Bakka ani dhaqutti ati amma na duukaa buʼuu hin dandeessu, booda garuu na duukaa buuta” isaan jedhe. Pheexiros wanti Yesuus dubbate bitaa waan isatti taʼeef, “Yaa Gooftaa, ani amma maaliifan si duukaa buʼuu hin dandaʼu? Ani siif jedhee lubbuu koo illee dabarsee nan kenna” jedhe.—Yohaannis 13:36, 37.

      Amma immoo Yesuus waaʼee yeroo korojoo nyaataa utuu hin qabatin, akkasumas sabbata isaaniitti qarshii utuu hin hidhatin Galiilaa keessa naannaʼanii akka lallaban itti isaan ergee turee dubbate. (Maatewos 10:5, 9, 10) Yesuus, “Wanti isinitti hirʼate jira turee?” isaaniin jedhe. Ergamoonnis, “Homtuu nutti hin hirʼanne!” jedhan. Haa taʼu malee gara fuulduraatti maal gochuu qabu? Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Amma garuu inni boorsaa qarshii qabu, inni korojoo nyaataa qabus haa fudhatu, inni goraadee hin qabne uffata isaa gurguree goraadee haa bitatu. Ani isinitti nan hima, ‘Inni hamootaa wajjin lakkaaʼame’ jedhamee wanti barreeffame ana irratti raawwatamuu qaba. Sababiin isaas wanti waaʼee koo dubbatame kun amma iyyuu raawwatamaa jira.”—Luqaas 22:35-37.

      Yesuus yommuu akkana jedhu hamoota ykn yakkamtootaa wajjin yeroo itti fannifamu ilaalchisee dubbachuu isaa ti. Sana booda duuka buutota isaa irra ariʼatama cimaatu gaʼa. Ergamoonni wanta dhufuuf jiruuf qophaaʼoo akka taʼan waan isaanitti dhagaʼameef, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadeen lama jira” isaan jedhan. Yesuusis, “Gaʼaa dha” isaaniin jedhe. (Luqaas 22:38) Goraadee lama qabachuun isaanii yeroo muraasa booda barumsa barbaachisaa taʼe kan biraa isaan barsiisuuf Yesuusiif carraa ni bana.

      • Ergamoonni kan wal falman maaliifi? Yesuus yeroo kanatti maal godhe?

      • Kakuun Yesuus barattoota isaa amanamoo taʼanii wajjin gale maaltu akka raawwatamu godha?

      • Yesuus, yaada Pheexiros ofitti amanamuudhaan dubbateef deebii akkamii kenne?

  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus ergamoota isaa 11 wajjin kutaa fooqii irra jiru keessa utuu jiruu

      BOQONNAA 119

      Yesuus—karaa, Dhugaa, Jireenya

      YOHAANNIS 14:1-31

      • YESUUS IDDOO QOPHEESSUUF DEEMUUF JEDHA

      • GARGAARAA AKKA ERGU DUUKA BUUTOTA ISAATIIF WAADAA GALE

      • ABBAAN YESUUSIIN NI CAALA

      Yesuus amma iyyuu irbaata yaadannoo erga nyaatanii booda ergamoota wajjin achuma kutaa fooqii irra jiru keessa jira; “Garaan keessan hin raafamin. Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa” jedhee isaan jajjabeesse.—Yohaannis 13:36; 14:1.

      Yesuus, isaan biraa deemus garaan isaanii raafamuu kan hin qabne maaliif akka taʼe akkana jedhee isaanitti hime: “Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenyaa hedduun jira. . . . Anis dhaqee ergan iddoo isiniif qopheessee booda, isinis iddoo ani jiru akka taataniif deebiʼee dhufeen iddoo ani jirutti isin fudhadha.” Taʼus, ergamoonni waaʼee gara samii deemuu akka inni dubbachaa jiru hin hubanne. Toomaas, “Yaa Gooftaa ati eessa akka dhaqxu hin beeknu. Karaa isaa akkamitti beekuu dandeenya ree?” jedhee gaafate.—Yohaannis 14:2-5.

      Yesuusis, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” jedhee deebiseef. Namni tokko gara mana Abbaa isaa isa samii irra jiruutti galuu kan dandaʼu isaa fi barsiisa isaatti yoo amane, akkasumas akkaataa jireenyaa isaa yoo hordofe qofa dha. Yesuus, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedhe.—Yohaannis 14:6.

      Filiphoos inni sirriitti dhaggeeffachaa jiru, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kunumti nu gaʼa” jedhee gaafate. Filiphoos akkuma Musee, Eliyaasii fi Isaayyaas mulʼataan Waaqayyoon arguu waan barbaade fakkaata. Haa taʼu malee, ergamoonni wanta mulʼata akkasii irra caalu qabu. Yesuus deebii isaanii kenne irratti yaada kana ifa taasiseera. Akkana jedhe: “Yaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na hin beeknee? Namni ana arge hundi Abbaas argeera.” Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiisa. Kanaaf, Yesuusii wajjin jiraachuu fi isa arguun Abbaa arguu wajjin tokko dha. Taʼus, Yesuus, “wantoota ani isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne” waan jedheef Abbaan Ilma ni caala. (Yohaannis 14:8-10) Ergamoonni, Yesuus barsiisni isaa hundi kan dhufe Abbaa isaa biraa akka taʼe dubbachuu isaa hubachuu ni dandaʼu.

      Ergamoonni Yesuus, yeroo inni wantoota dinqisiisoo taʼan hojjetu arganiiru; akkasumas misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yommuu labsu dhagaʼaniiru. Amma Yesuus, “Namni anatti amanu hundi hojii ani hojjedhus ni hojjeta; ani gara Abbaa waanan dhaquuf, inni hojii kana irra caalus ni hojjeta” isaaniin jedhe. (Yohaannis 14:12) Yesuus akkana yeroo jedhu dinqii inni hojjete irra caalu akka hojjetan dubbachuu isaa miti. Haa taʼu malee, tajaajila isaanii yeroo dheeraadhaaf raawwatu; akkasumas iddoo balʼaattii fi namoota hedduudhaaf lallabu.

      Yesuus, “Wanta akkamii iyyuu maqaa kootiin yoo kadhattan ani nan raawwadha” waan jedheef, yeroo inni isaan biraa deemu kophaatti hin hafan. Kana malees, “Ani Abbaa nan kadhadha; Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf gargaaraa kan biraa isiniif ni kenna; innis hafuura dhugaa [ti]” jedheera. (Yohaannis 14:14, 16, 17) Gargaaraa kan biraa, jechuunis hafuura qulqulluu akka argatan waadaa isaanii gale. Kunis guyyaa Phenxeqosteetti raawwatameera.

      Yesuus, “Yeroo gabaabduu booda addunyaan siʼachi ana hin argu; isin garuu ani waanan jiraadhuu fi isinis waan jiraattaniif ana ni argitu” jedhe. (Yohaannis 14:19) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda qaamaan isaanitti ni mulʼata; yeroo booda immoo duʼaa isaan kaasuudhaan qaama hafuuraa taʼanii isaa wajjin samii irra akka taʼan ni taasisa.

      Yesuus itti fufee dhugaa hubachuuf salphaa taʼe tokko akkana jedhee dubbate: “Namni ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu hunda Abbaan koo ni jaallata, anis isa nan jaalladha, isattis ifatti of nan mulʼisa.” Yeroo kanatti Yihudaa ergamaan inni Taadewos jedhamees waamamu, “Yaa Gooftaa, ati addunyaatti utuu hin taʼin nutti ifatti mulʼachuu kan yaadde maaliifi?” jedhee gaafate. Yesuusis, “Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega, Abbaan koos isa jaallata, . . . Namni na hin jaallanne hundi, dubbii koo hin eegu” jedhee deebiseef. (Yohaannis 14:21-24) Duuka buutota isaa irraa haala adda taʼeen addunyaan, Yesuus karaa, dhugaa fi jireenya akka taʼe hin hubanne.

      Yesuus isaan biraa deemuuf jedha; maarree barattoonni isaa wanta inni isaan barsiise hunda yaadachuu kan dandaʼan akkamitti? Akkana jedhe: “Gargaaraan, jechuunis hafuurri qulqulluun inni Abbaan maqaa kootiin ergu sun garuu wanta hunda isin barsiisa; wantoota ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.” Ergamoonni, hafuurri qulqulluun humna guddaa akka qabu waan arganiif, yaadni kun kan isaan jajjabeessu dha. Yesuus itti dabaluudhaan, “Ani nagaa isin biratti nan hambisa; ani nagaa koo isiniif nan kenna. . . . Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa” jedhe. (Yohaannis 14:26, 27) Barattoonni kun Abbaa Yesuus irraa qajeelfamaa fi eegumsa waan argataniif, sababii garaan isaanii akka hin raafamne taasisu qabu.

      Ragaan Waaqayyo eegumsa isaaniif gochaa akka jiru argisiisu dhiheenyatti ni mulʼata. Yesuus, ‘bulchaan addunyaa kanaa dhufaa akka jiruu fi inni isa [Yesuus] irratti aangoo akka hin qabne’ dubbate. (Yohaannis 14:30) Diyaabilos, Yihudaatti galuu fi isa toʼachuu dandaʼeera. Yesuus garuu dadhabina cubbuu Waaqayyoon akka mormu isa gochuuf Seexanni itti fayyadamuu dandaʼu hin qabu. Akkasumas, Diyaabilos Yesuus duʼee akka hafu gochuu hin dandaʼu. Maaliif? Yesuus, “Akkuma Abbaan ana ajajetti nan hojjedha” jedhe. Yesuus Abbaan isaa duʼaa akka isa kaasu mirkanaaʼaa dha.—Yohaannis 14:31.

      • Yesuus eessa deemuuf jedha? Karaa achi geessu ilaalchisee Toomaasiif maaltu mirkaneeffame?

      • Filiphoos, Yesuus maal akka isaanitti argisiisu barbaadee taʼuu dandaʼa?

      • Duuka buutonni Yesuus hojii, hojii inni hojjete irra caalu kan hojjetan akkamitti?

      • Abbaan Yesuusiin kan caalu taʼuun isaa maal mirkaneessa?

  • Akka Dameewwaniitti Firii Godhachuu Fi Michuu Yesuus Taʼuu
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Kutaa fooqii irra jiru keessaa utuu baʼuuf jedhanii Yesuus ergamoota isaa wajjin yommuu dubbatu

      BOQONNAA 120

      Akka Dameewwaniitti Firii Godhachuu Fi Michuu Yesuus Taʼuu

      YOHAANNIS 15:1-27

      • WAYINII DHUGAA FI DAMEEWWAN ISAA

      • JAALALA YESUUS KEESSA JIRAACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

      Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼan akka michuu isaatti haasofsiisuudhaan jajjabeessaa ture. Saʼaatiin kan deeme siʼa taʼu, halkan walakkaa darbuu hin oolu. Yesuus, amma fakkeenya nama jajjabeessu dubbate.

      “Ani muka wayinii isa dhugaa ti, kan dhaabe immoo Abbaa koo ti” jechuudhaan jalqabe. (Yohaannis 15:1) Fakkeenyi isaa wanta jaarraawwan hedduu dura saba Israaʼel warra muka wayinii Yihowaa jedhamanii waamaman ilaalchisee dubbatamee wajjin kan wal fakkaatu dha. (Ermiyaas 2:21; Hoseʼaa 10:1, 2) Haa taʼu malee, Yihowaan saba kana dhiisaa jira. (Maatewos 23:37, 38) Kanaaf, wanti Yesuus dubbachaa jiru yaada haaraa dha. Inni Dh.K.B. bara 29⁠tti Abbaan isaa hafuura qulqulluudhaan erga isa dibee booda, muka wayinii Abbaan isaa dhaabe taʼeera. Taʼus, Yesuus mukti wayinii kun wanta argisiisu kan biraas akka qabu ibseera.

      Akkana jedhe: “Abbaan, damee ana irra jiruu fi firii hin godhanne hunda ni mura; damee firii godhatu hunda immoo firii hedduu akka godhatuuf ni qulqulleessa. . . . Akkuma dameen tokko muka wayiniitti maxxanee yoo jiraate malee ofuma isaatiin firii godhachuu hin dandeenye, isinis anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattan malee firii godhachuu hin dandeessan. Ani muka wayinii ti; isin immoo dameewwan isaa ti.”—Yohaannis 15:2-5.

      Yesuus erga isaan biraa deemee booda gargaaraa, jechuunis hafuura qulqulluu akka isaaniif ergu barattoota isaa amanamoo taʼaniif waadaa galee ture. Guyyaa 51 booda ergamoonnii fi namoonni kaan hafuura kana yommuu fudhatanitti damee muka wayinichaa taʼaniiru. “Dameewwan” kun hundi Yesuusii wajjin tokkummaadhaan jiraachuu qabu. Maal raawwachuuf?

      Yesuus akkana jechuudhaan ibse: “Namni anaa wajjin tokkummaadhaan jiraatuu fi anis isaa wajjin tokkummaa qabu hundi firii hedduu ni godhata; sababiin isaas isin ana irraa gargar baatanii matumaa homaa gochuu hin dandeessan.” “Dameewwan” kun, jechuunis duuka buutonni isaa amanamoo taʼan fakkeenya amala Yesuus hordofuu, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuu, akkasumas namoota barattoota gochuudhaan firii godhachuu ni dandaʼu. Namni tokko Yesuusii wajjin tokkummaadhaan jiraachuu fi firii godhachuu yoo baate hoo? Yesuus, “Namni tokko anaa wajjin tokkummaadhaan hin jiraatu taanaan . . . gad gatama” jechuudhaan ibse. Karaa biraatiin immoo, “Anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattanii fi dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, wanta barbaaddan kadhadhaa, innis isiniif ni raawwatama” jedhe.—Yohaannis 15:5-7.

      Amma immoo Yesuus wanta kanaan dura siʼa lama dubbate, jechuunis waaʼee ajaja isaa eeguu dubbate. (Yohaannis 14:15, 21) Karaa barattoonni akkana gochaa akka jiran argisiisuu itti dandaʼan isaanitti hime. Akkana jedhe: “Akkuma ani ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.” Haa taʼu malee, kun Yihowaa fi Ilma isaa jaallachuudhaan alattis waan dabalatu qaba. Yesuus akkana jedhe: “Ajajni koo kana dha: Akkuma ani isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa. Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu illee jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu. Wanta ani isin ajaju yoo hojjettan, isin michoota koo ti.”—Yohaannis 15:10-14.

      Saʼaatii muraasa booda, Yesuus namoota isatti amanan hundaaf lubbuu isaa dabarsee kennuudhaan jaalala isaa ni argisiisa. Fakkeenyi isaa kun duuka buutonni isaas jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu gaafatu akkasii akka waliif qabaatan isaan kakaasuu qaba. Akkuma Yesuus kanaan dura, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jechuudhaan dubbate, jaalala akkasiitiin beekamu.—Yohaannis 13:35.

      Ergamoonni kun, Yesuus “michoota” jedhee akka isaan waame hubatanii taʼuu qaba. Yesuus itti fufee akkana kan isaaniin jedhe maaliif akka taʼe dubbate. “Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera” jedhe. Michoota Yesuus taʼuunii fi wanta Abbaan isatti hime beekuun mirga guddaa dha! Hariiroo kana qabaatanii jiraachuuf garuu, ‘firii godhachuu isaanii itti fufuu’ qabu. Yesuus akkana yoo godhan, ‘wanta maqaa isaatiin Abbaa kadhatan hunda inni akka isaaniif kennu’ dubbate.—Yohaannis 15:15, 16.

      Jaalalli “dameewwan,” jechuunis barattoonni isaa waliif qaban wanta gara fuulduraatti isaan mudatu dandaʼuuf isaan gargaara. Addunyaan akka isaan jibbu kan isaan akeekkachiise taʼus, akkana jechuudhaan isaan jajjabeesse: “Addunyaan yoo isin jibbe, inni isin jibbuu isaa dura akka na jibbe beektu. Isin kutaa addunyaa utuu taatanii, addunyaan wanta kan ofii isaa taʼe ni jaallata ture. . . . isin kutaa addunyaa waan hin taaneef, addunyaan isin jibba.”—Yohaannis 15:18, 19.

      Yesuus addunyaan kan isaan jibbu maaliif akka taʼe itti fufee yommuu ibsu akkana jedhe: “Isaan isa na erge Sana waan hin beekneef, sababii maqaa kootiin wantoota kana hunda isin irratti ni raawwatu.” Hojiiwwan dinqisiisoon inni hojjete, warra isa jibbanitti akka murteessu dubbate. Akkana jedhe: “Ani hojiiwwan namni kan biraan hojjetee hin beekne isaan gidduutti utuun hin hojjenne taʼee, silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture; amma garuu anaan arganii na jibbaniiru, Abbaa koos jibbaniiru.” Jibbi isaanii kun raajiin Kitaabota Qulqulluu akka raawwatamu taasisa.—Yohaannis 15:21, 24, 25; Faarfannaa 35:19; 69:4.

      Yesuus, ammas gargaaraa jechuunis, hafuura qulqulluu erguuf waadaa gale. Duuka buutonni isaa hundi hafuura humna guddaa qabu kana argachuu dandaʼu; hafuurri kun firii godhachuu, jechuunis ‘dhugaa baʼuuf’ isaan gargaara.—Yohaannis 15:27.

      • Fakkeenya Yesuus dubbate irratti muka wayinii kan dhaabe, mukti wayinii, akkasumas dameewwan eenyu?

      • Waaqayyo dameewwan firii akkamii akka godhatan barbaada?

      • Barattoonni Yesuus michoota isaa taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Jibba addunyaan isaaniif qabu dandaʼuuf kan isaan gargaaru maali dha?

  • “Jabaadhaa! Ani Addunyaa Moʼeera”
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Ergamoonni, Yesuus yeroo isaan akeekkachiisu ni naʼan

      BOQONNAA 121

      “JABAADHAA! ANI ADDUNYAA MOʼEERA”

      YOHAANNIS 16:1-33

      • YEROO GABAABAA BOODA ERGAMOONNI YESUUSIIN HIN ARGAN

      • GADDI ERGAMOOTAA GAMMACHUUTTI JIJJIIRAMA

      Yesuusii fi ergamoonni isaa kutaa fooqii irra jiruu fi irbaata Faasikaa itti nyaatan keessaa baʼuuf qophaaʼaniiru. Yesuus gorsa garaa garaa erga isaanii kennee booda, “Ani akka isin hin gufanneef, wantoota kana isinitti himeera” isaaniin jedhe. Akeekkachiisni akkanaa kan barbaachise maaliifi? Akkana jedhe: “Namoonni mana sagadaa keessaa isin baasu. Dhuguma iyyuu, saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessu isatti dhagaʼamu ni dhufa.”—Yohaannis 16:1, 2.

      Yaadni kun ergamoota naasisee taʼuu dandaʼa. Yesuus kanaan dura addunyaan akka isaan jibbu kan isaanitti hime taʼus, ajjeefamuu akka dandaʼan kallattiidhaan isaanitti hin himne. Maaliif? Yesuus, “Ani isinii wajjin waanan tureef, jalqaba irratti wantoota kana isinitti hin himne” jedhe. (Yohaannis 16:4) Yeroo kanatti isaan biraa deemuu isaa dura isaan akeekkachiisaa jira. Kunis yeroo booda akka isaan hin gufanne isaan gargaaruu dandaʼa.

      Yesuus itti fufee, “Amma garuu gara isa na erge Sanaa nan dhaqa; haa taʼu malee isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu hin jiru” jedhe. Galgaluma kana yeroo muraasa dura eessa akka dhaqu isa gaafatanii turan. (Yohaannis 13:36; 14:5; 16:5) Amma garuu ariʼatama ilaalchisee wanti inni dubbate waan isaan naasiseef, gaddaan liqimfamaniiru. Kanaaf, waaʼee ulfina isa eeggatuu ykn kun waaqeffattoota dhugaatiif maal akka argamsiisu isa hin gaafanne. Yesuus haala isaanii waan hubateef, “Ani wantoota kana waanan isinitti himeef, garaan keessan gaddaan guutameera” jedhe.—Yohaannis 16:6.

      Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Ani deemuun koo isiniif faayidaa qaba. Sababiin isaas, ani yoon deeme malee gargaaraan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa gara keessanitti nan erga.” (Yohaannis 16:7) Barattoonni, hafuura qulqulluu, jechuunis gargaaraa isa inni saba isaa lafa irra jiraniif ergu argachuu kan dandaʼan yoo Yesuus duʼee fi gara samii deeme qofa dha.

      Hafuurri qulqulluun, “waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaa fi waaʼee murtii ragaa amansiisaa addunyaatti dhiheessa.” (Yohaannis 16:8) Eeyyee, addunyaan Ilma Waaqayyootti kan hin amanne taʼuun isaa ni saaxilama. Yesuus gara samii kan deemu taʼuun isaa akka inni qajeelaa taʼe ragaa amansiisaa dhiheessa. Akkasumas, Seexanni ‘inni bulchaa addunyaa kanaa’ taʼe murtiin kan isaaf malu maaliif akka taʼe hubachiisa.—Yohaannis 16:11.

      Yesuus itti fufee, “Ani amma iyyuu wantootan isinitti himu hedduun qaba, isin garuu amma isaan baachuu hin dandeessan” jedhe. Yeroo hafuura qulqulluu dhangalaasutti, “dhugaa hundatti” kan isaan qajeelchu siʼa taʼu, dhugaa sanaan jiraachuu ni dandaʼu.—Yohaannis 16:12, 13.

      Yaadni Yesuus itti fufuudhaan, “Yeroo gabaabduu booda ana hin argitan, ammas yeroo gabaabduu booda na argitu” jedhee dubbate, ergamootatti bitaa waan taʼeef maal jechuu isaa akka taʼe wal gaafatan. Yesuus waaʼee dhimma kanaa isa gaafachuu akka barbaadan waan hubateef, akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin ni boossu, wayyoo wayyoos ni jettu, addunyaan garuu ni gammada; isin ni gadditu gaddi keessan garuu gara gammachuutti ni jijjiirama.” (Yohaannis 16:16, 20) Yesuus guyyaa itti aanutti yeroo ajjeefamu geggeessitoonni amantii ni gammadu, barattoonni isaa garuu ni gaddu. Yeroo duʼaa kaafamutti gaddi isaanii gammachuutti jijjiirama! Yeroo inni hafuura Waaqayyoo isaan irratti dhangalaasu immoo gammachuun isaanii itti fufa.

      Yesuus haala ergamootaa dubartii ciniinsuun qabetti fakkeessuudhaan akkana jedhe: “Dubartiin tokko yommuu daʼuuf jettu saʼaatiin ishii waan gaʼeef ni gadditi, erga mucaa deessee booda garuu namni tokko gara addunyaa waan dhufeef, gammachuu ishii irraa kan kaʼe sana booda dhiphina ishii hin yaadattu.” Achiis, akkana jechuudhaan isaan jajjabeesse: “Isinis amma gadditaniittu; haa taʼu malee ani lammata waanan isin arguuf garaan keessan ni gammada; gammachuu keessanis eenyu illee isin jalaa hin fudhatu.”—Yohaannis 16:21, 22.

      Hanga yeroo kanaatti ergamoonni maqaa Yesuusiin kadhatanii hin beekan. Amma garuu Yesuus, “Guyyaa sanatti isin maqaa kootiin Abbaa ni kadhattu” jedhe. Akkana kan godhan maaliifi? Abbaan isaaniif deebisuu waan hin barbaadneef miti. Yesuus, “Isin waan na jaallattanii fi Waaqayyoon bakka buʼee akkan dhufe waan amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata” jedhe.—Yohaannis 16:26, 27.

      Yaadni jajjabinaa Yesuus ergamoota isaatti dubbate, ija jabinaan ‘Kanaan ati Waaqayyo biraa akka dhufte amanneerra’ jedhanii akka dubbatan isaan taasisee taʼuu hin oolu. Amantiin isaanii kun dhiheenyatti ni qorama. Yesuus akka armaan gadii jechuudhaan wanta gara fuulduraatti isaan eeggattu dubbate: “Kunoo saʼaatiin hundi keessan kophaatti na dhiistanii gara mana mana keessaniitti itti faffacaatan dhufaa jira.” Taʼus akkana jedhee isaan jajjabeesse: “Isin karaa koo nagaa akka argattaniif, ani wantoota kana isinitti himeera. Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.” (Yohaannis 16:30-33) Yesuus matumaa kophaatti isaan hin dhiisu. Yesuus, Seexannii fi addunyaan isaa ejjennoo isaanii akka laaffisan gochuuf yaalanis, ergamoonni isaa amanamummaadhaan fedhii Waaqayyoo raawwachuudhaan akkuma isaa addunyaa moʼuu akka dandaʼan mirkanaaʼaa dha.

      • Ergamoonni kan naʼan Yesuus akeekkachiisa akkamii yeroo isaanii kennetti dha?

      • Ergamoonni Yesuusiin gaaffii dabalataa kan hin gaafanne maaliifi?

      • Yesuus gaddi ergamoota isaa gammachuutti akka jijjiiramu fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

  • Kadhannaa Xumuraa Yesuus Kutaa Fooqii Irraa Keessatti Dhiheesse
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus gara samii ilaalaa ergamoota isaa duratti yommuu kadhatu

      BOQONNAA 122

      Kadhannaa Xumuraa Yesuus Kutaa Fooqii Irraa keessatti Dhiheesse

      YOHAANNIS 17:1-26

      • FAAYIDAA WAAQAYYOO FI ILMA ISAA BEEKUUN QABU

      • TOKKUMMAA YIHOWAA, YESUUSII FI BARATTOOTAA

      Yesuus jaalala guddaa isaaniif qabuun kakaʼee, yeroo muraasa booda isaan biraa deemuuf ergamoota qopheessaa ture. Amma immoo gara samii ilaalaa akkana jedhee Abbaa isaa kadhate: “Ilmi kee ulfina akka sii kennuuf, ilma keetiif ulfina kenni; kunis akkuma ati namoota hunda irratti aangoo isaaf kennite, innis warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa akka kennuufi.”—Yohaannis 17:1, 2.

      Yesuus, wanti hunda caalaa barbaachisu Waaqayyoof ulfina kennuu akka taʼe beeka. Abdii jireenya bara baraa ilaalchisee wanti inni dubbate baayʼee nama jajjabeessa! Yesuus ‘namoota hunda irratti aangoon’ waan isaaf kennameef, ilmaan namootaa furii isaa irraa akka fayyadaman gochuu ni dandaʼa. Eebba kana kan argatan garuu namoota muraasa dha. Maaliif?Yesuus furicha irraa akka fayyadaman kan godhu namoota yaada inni armaan gaditti dubbatee wajjin haala wal simuun jiraatan waan taʼeefi dha. Akkana jedhe: “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.”—Yohaannis 17:3.

      Namni tokko Abbaa fi Ilma akka gaariitti beekuu fi walitti dhufeenya cimaa isaanii wajjin qabaachuu qaba. Dhimma hundaaf miira akka isaanii qabaachuu qaba. Hariiroo warra kaanii wajjin qabu irrattis fakkeenya amala isaanii hordofuuf carraaquu qaba. Akkasumas, wanti hunda caalaa dursi kennamuufii qabu Waaqayyo ulfina argachuu isaa akka taʼee fi ilmaan namootaa jireenya bara baraa argachuun isaanii wanta sana booda dhufu akka taʼe hubachuu qaba. Yesuus amma yaada ijoo armaan gadii dubbachuu jalqabe.

      Akkana jedhe: “Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree, lafa irratti ulfina sii kenneera. Kanaaf, yaa Abbaa ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni.” (Yohaannis 17:4, 5) Eeyyee, Yesuus duʼaa kaafamee gara ulfina samii irratti qabu turetti akka deebiʼu gaafate.

      Haa taʼu malee, Yesuus wanta tajaajila isaa irratti hojjete hin irraanfanne. “Ani namoota ati addunyaa keessaa anaaf kennitetti maqaa kee mulʼiseera. Isaan kan kee turan; ati anaaf isaan kenniteetta; isaanis dubbii kee eeganiiru” jedhee kadhate. (Yohaannis 17:6) Yesuus tajaajila isaa irratti maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu beeksisuun alattis wanta kan biraa hojjeteera. Ergamoonni wanta maqaan kun bakka buʼu, jechuunis amala Waaqayyoo fi namoota akkamitti akka inni qabu akka hubatan gargaareera.

      Ergamoonni kun Yihowaa, akkasumas gaʼee Ilmi isaa qabuu fi wanta Yesuus barsiise beekaniiru. Yesuus gad of qabuudhaan akkana jedhe: “Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneera; isaanis kana fudhataniiru; ani siin bakka buʼee akkan dhufes sirriitti beekaniiru; akkasumas akka ati na ergite amananiiru.”—Yohaannis 17:8.

      Achiis, Yesuus garaa garummaa duuka buutota isaa fi namoota addunyaa gidduu jiru dubbate. Akkana jedhe: “Ani waaʼee isaanii sin kadhadha; kan ani si kadhadhu waaʼee addunyaa utuu hin taʼin, waaʼee warra ati anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas isaan kan kee ti; . . . Abbaa Qulqullu, akkuma nuti tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee isa anaaf kennite sanaaf jedhii isaan eegi. . . . ani isaan eegeera; . . . ilma badiisaa sana malee isaan keessaa tokko illee hin badne.” Ilma badiisaa kan jedhame Yihudaa isa Yesuusiin dabarsee kennuuf yaalaa jiru dha.—Yohaannis 17:9-12.

      Yesuus akkana jechuudhaan kadhannaa isaa itti fufe: “Addunyaan isaan jibbe. Ani isa hamaa sana irraa akka isaan eegduuf malee, addunyaa keessaa akka isaan baastu si hin kadhadhu. Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.” (Yohaannis 17:14-16) Ergamoonnii fi barattoonni kaan addunyaa keessa, jechuunis hawaasa ilmaan namootaa Seexanni bulchu keessa jiraatu; taʼus addunyaa fi hammeenya isaa irraa adda of baasanii jiraachuu qabu. Akkamitti?

      Dhugaawwan Kitaabota Qulqulluu afaan Ibrootaa keessa jiranii fi dhugaawwan Yesuus barsiise hojii irra oolchuudhaan, qulqulluu, akkasumas Waaqayyoon tajaajiluuf kan adda baʼan of taasisuu qabu. Yesuus, “Dhugaa sanaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha” jedhee kadhate. (Yohaannis 17:17) Yeroo booda ergamoonni tokko tokko kitaabota kutaa “dhugaa sanaa” taʼaanii fi nama qulqulleessuuf gargaaran barreessu.

      Booda immoo namoonni “dhugaa sana” fudhatan kan biraanis ni jiraatu. Kanaaf, Yesuus ‘warra wanta isaan dubbataniin kan kaʼe isatti amananiifis malee, warra kanaaf [warra isa bira jiraniif] qofa’ hin kadhanne. Yesuus hunda isaaniitiif kadhannaa akkamii dhiheesse? Akkana jedhe: “Hundi isaanii tokko akka taʼaniifi; yaa Abbaa akkuma ati anaa wajjin tokkummaa qabduu fi anis sii wajjin tokkummaa qabu, isaanis nuu wajjin tokkummaa akka qabaatanii fi addunyaan ati ana erguu kee akka amanuufi.” (Yohaannis 17:20, 21) Yesuusii fi Abbaan isaa qaama tokko miti. Kan isaan tokko taʼan wanta hunda irratti walii galtee waan qabaniifi dha. Yesuus duuka buutonni isaas tokkummaa akkanaa akka qabaatan kadhate.

      Kun taʼuu isaa yeroo muraasa dura, Yesuus samii irratti iddoo isaaniif qopheessuuf deemuuf akka jedhu Pheexirosii fi warra kaanitti himee ture. (Yohaannis 14:2, 3) Yesuus ammas kadhannaa isaa irratti yaada kana caqase. Akkana jedhe: “Yaa Abbaa, ani warri ati anaaf kennite bakka ani jiru anaa wajjin akka taʼan nan barbaada; sababiin isaas addunyaan uumamuu isaa dura waan na jaallatteef ulfina anaaf kennite akka arganiifi.” (Yohaannis 17:24) Akkana yommuu jedhetti, yeroo dheeraa dura, jechuunis Addaamii fi Hewwaan ijoollee godhachuu isaanii dura Waaqayyo Ilma isaa tokkicha isa yeroo booda Yesuus Kiristoos taʼe jaallatee akka ture mirkaneesse.

      Yesuus kadhannaa isaa yommuu xumuru, waaʼee maqaa Abbaa isaa fi jaalala Waaqayyo ergamoota, akkasumas namoota gara fuulduraatti “dhugaa sana” fudhataniif qabaatuu dubbate. Akkana jedhe: “Jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka taʼuu fi anis isaanii wajjin tokkummaa akkan qabaadhuuf, ani maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa.”—Yohaannis 17:26.

      • Waaqayyoo fi Ilma isaa beekuu jechuun maal jechuu dha?

      • Yesuus maqaa Waaqayyoo karaawwan kamiin beeksise?

      • Waaqayyo, Ilmi isaa fi waaqeffattoonni dhugaa hundi tokkummaa kan qabaatan akkamitti?

  • Baayʼee Gaddee Utuu Jiruu Kadhate
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus bakka ashaakiltii Getesemaaneetti yommuu kadhatu, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis ni rafan

      BOQONNAA 123

      Baayʼee Gaddee Utuu Jiruu Kadhate

      MAATEWOS 26:30, 36-46 MAARQOS 14:26, 32-42 LUQAAS 22:39-46 YOHAANNIS 18:1

      • YESUUS BAKKA ASHAAKILTII GETESEMAANEETTI

      • DAFQI ISAA AKKA COCCOPHA DHIIGAA TAʼE

      Yesuus ergamoota amanamoo taʼanii wajjin kadhatee xumure. Achiis, “faarfannaa galataa erga faarfatanii booda gara Gaara Ejersaa deeman.” (Maarqos 14:26) Kallattii bahaatiin gara bakka ashaakiltii Getesemaanee jedhamuu dhufan. Yesuus bakka kana yeroo baayʼee dhufa ture.

      Bakka namatti toluu fi mukkeen ejersaatiin marfamee jiru kana yommuu gaʼan, Yesuus ergamoota saddeet dhiisee deeme. “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin asuma taaʼaa” waan isaaniin jedheef, tarii balbaluma bakka ashaakiltii kanaatti hafanii taʼuu dandaʼa. Ergamoota sadii, jechuunis Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee bakka ashaakiltii kana keessa fagaatee deeme. Bakka kanatti akka malee kan jeeqame siʼa taʼu, ergamoota sadaniin, “Ani hamma duʼaatti baayʼee gaddeera. Asuma turaatii anaa wajjin dammaqaa eegaa” jedhe.—Maatewos 26:36-38.

      Yesuus xinnoo isaan irraa fagaatee, “lafatti gombifamee . . . kadhachuu jalqabe.” Yeroo ulfaataa kanatti waaʼee maalii Waaqayyoon kadhachaa jira? “Aabbaa, wanti hundi siif ni dandaʼama; xoofoo kana ana irraa fageessi. Taʼus akka ani barbaadu utuu hin taʼin, akka ati barbaaddu haa taʼu” jedhee kadhate. (Maarqos 14:35, 36) Maal jechuu isaa ti? Gaʼee furii taʼuudhaan qabu irraa baqachaa jiraa? Matumaa!

      Yesuus, namoonni warra Roomaatiin ajjeefaman garmalee yeroo dhiphatan samii irra taaʼee ni arga ture. Amma akka nama miira qabuu fi dhukkubbiin itti dhagaʼamu tokkootti, wanta isa irra gaʼuuf jedhu hawwiidhaan akka hin eegne beekamaa dha. Caalaatti kan isa dhiphise garuu akka yakkamaa hamaa tokkootti duʼuun isaa maqaa Abbaa isaa arrabsiisuu kan dandaʼu taʼuu isaa ti. Saʼaatii muraasa booda, Waaqayyoon arrabsiteetta jedhamee muka irratti fannifama.

      Yesuus kadhannaa dheeraa dhiheessee yeroo deebiʼu, ergamoonni sadan rafanii arge. Achiis Pheexirosiin, “Saʼaatii tokkoof illee anaa wajjin dammaqxanii eeguu hin dandeenyee? Qorumsatti akka hin galleef dammaqaa eegaa; yeroo hundas kadhadhaa” jedhe. Yesuus ergamoonni isaas dhiphina keessa akka turanii fi saʼaatiin isaas baayʼee akka deeme hubateera. Kanaaf, “Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha” jedhe.—Maatewos 26:40, 41.

      Yesuus yeroo lammaffaadhaaf isaan biraa deemee Waaqayyo “xoofoo kana” akka isa irraa fageessu kadhate. Ammas yeroo deebiʼu ergamoonni sadan rafanii arge. Yeroo kanatti qorumsatti akka hin galle kadhachuu qabu turan. Yesuus yeroo isaanitti dubbatu, “deebii isaaf kennan wallaalan.” (Maarqos 14:40) Achiis, yeroo sadaffaadhaaf isaan biraa deemee kadhachuudhaaf jilbeenfate.

      Yesuus akka yakkamaatti duʼuun isaa, maqaa Abbaa isaa irratti arrabsoo waan fiduuf baayʼee isa yaaddesseera. Haa taʼu malee, Yihowaan kadhannaa Ilma isaa dhagaʼaa jira. Akka isa jajjabeessuufis maleekaa tokko isaaf erge. Taʼus, Yesuus Abbaa isaatti wawwaachuu hin dhiisne; kanaa mannaa, “caalaatti kadhachuu” isaa itti fufe. Dhiphinni isatti dhagaʼamaa jiru baayʼee ulfaataa dha. Baʼaa guddaatu isa irra jira! Abdiin jireenya bara baraa isaa fi kan ilmaan namootaa isatti amananii balaadhaaf saaxilameera. “Dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafa irratti coccophe.”—Luqaas 22:44.

      Yesuus yeroo sadaffaadhaaf gara ergamootaatti yommuu deebiʼu, ammas rafanii isaan arge. Akkana jedheen: “Yeroon kun yeroo itti raftanii fi yeroo itti boqottan miti! Kunoo, saʼaatiin Ilmi namaa harka cubbamootaatti dabarfamee itti kennamu dhihaateera. Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera.”—Maatewos 26:45, 46.

      DAFQI ISAA AKKA COCCOPHA DHIIGAA TAʼE

      Luqaas inni ogeessa fayyaa taʼe, dafqi Yesuus “akka coccopha dhiigaa” kan taʼe akkamitti akka taʼe hin ibsine. (Luqaas 22:44) Luqaas dafqi isaa dhiiga qaama murame irraa coccophu akka fakkaate fakkeenyaan dubbachuu isaa taʼuu dandaʼa. Doktoor Wiiliyaam Ediwaardi barruu The Journal of the American Medical Association (Barruu Waldaa Fayyaa Ameerikaa) jedhamu irratti, wanta yaadni kun argisiisuu dandaʼu kan biraa ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, haalli kun yeroo baayʼee kan nama hin mudanne taʼus, namni tokko dhiiga dafquu dandaʼa. Namni tokko haala rakkisaa keessa yoo seene baayʼee dhiphachuu isaa irraa kan kaʼe hiddi dhiigaa warri xixinnoo ciccitanii, dhiigni dafqatti makamuu dandaʼa; kun immoo waan inni dhiiga dafqe fakkeessuu dandaʼa.

      • Yesuus kutaa fooqii irra jiru keessaa erga baʼee booda ergamootaa wajjin eessa dhaqe?

      • Yesuus yeroo kadhatutti ergamoonni sadan maal gochaa turan?

      • Dafqi Yesuus akka dhiigaa coccophuun isaa waaʼee miira isaa maal nu hubachiisa?

  • Kiristoos Dabarfamee Kenname, Akkasumas Ni Qabame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Pheexiros goraadeedhaan gurra Maalkos waan kuteef Yesuus isatti dheekkame; loltoonni Yesuusiin qabuuf qophaaʼan

      BOQONNAA 124

      Kiristoos Dabarfamee Kenname, Akkasumas Ni Qabame

      MAATEWOS 26:47-56 MAARQOS 14:43-52 LUQAAS 22:47-53 YOHAANNIS 18:2-12

      • YIHUDAAN BAKKA ASHAAKILTIITTI YESUUSIIN DABARSEE KENNE

      • PHEEXIROS GURRA NAMA TOKKOO KUTE

      • YESUUS NI QABAME

      Amma saʼaatiin isaa halkan walakkaa darbeera. Luboonni Yihudaan, Yesuusiin dabarsee yoo isaanitti kenne saantima meetii 30 akka kennaniif isaa wajjin walii galaniiru. Yihudaan dura buutota lubootaa fi Fariisota dura buʼee Yesuusiin barbaadaa jiru. Gareen loltoota Roomaa meeshaa hidhatee fi ajajaa loltootaatiin geggeeffamus isaan duukaa jira.

      Yesuus, Yihudaan irbaata Faasikaa irraa akka deemu yommuu isatti hime, gara dura buutota lubootaa akka dhaqe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. (Yohaannis 13:27) Namoonni kun eegdota mana qulqullummaa fi garee loltootaa walitti qaban. Yihudaan jalqaba gara kutaa Yesuusii fi ergamoonni Faasikaa itti kabajanitti isaan geessee taʼuu dandaʼa. Amma garuu tuutni kun Sulula Qedroon keessa ceʼuudhaan bakka ashaakiltichaa dhaqaa jira. Namoonni Yesuusiin qabuuf kutatanii kaʼan kun, meeshaa waraanaa malees, gucaa fi ibsaa qabataniiru.

      Yihudaan namoota kana gara Gaara Ejersaatti yommuu geessu Yesuusiin eessatti argachuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa dha. Torban darbe Yesuusii fi ergamoonni Bitaaniyaa fi Yerusaalem gidduu yommuu deddeebiʼan, yeroo baayʼee bakka ashaakiltii Getesemaaneetti ni boqotu turan. Amma garuu halkan waan taʼeef, Yesuus mukkeen ejersaa iddoo ashaakiltii kanaa jala boqotee taʼuu hin oolu. Kanaaf, loltoonni tarii Yesuusiin arganii hin beekne, isa taʼuu isaa adda baasuu kan dandaʼan akkamitti? Yihudaan, Yesuus isa kam akka taʼe mallattoo isaanitti argisiisa. “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii, of eeggannoodhaan isa geessaa” isaaniin jedhe.—Maarqos 14:44.

      Yihudaan namoota kana gara bakka ashaakiltiitti erga geessee booda Yesuusii fi ergamoota isaa argee kallattiidhaan gara Yesuus dhaqe. Yihudaan, Yesuusiin, “Rabbii, nagaan siif haa taʼu!” jedhee isa dhungate. Yesuus garuu, “Yaa michuu ko, kaayyoo maaliitiif dhufte?” jedheen. (Maatewos 26:49, 50) Yesuus gaaffii ofuma isaatii gaafate kanaaf, “Yaa Yihudaa, Ilma namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” jedhee deebii kenne. (Luqaas 22:48) Yesuus namicha dabarsee isa kennuuf jedhu kana, kana caalaa hin haasofsiisne.

      Yesuus gara ifa gucaa fi ibsaatti baʼee, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee gaafate. Namoonni kunis, “Yesuus nama Naazireet” jedhanii deebisan. Yesuusis ija jabinaan, “Inni ana dha” isaaniin jedhe. (Yohaannis 18:4, 5) Namoonni kun wanta taʼaa jiru wallaalanii lafa irratti kukkufan.

      Yesuus carraa kanatti fayyadamee dukkanicha keessa jalaa miliquu mannaa, ammas eenyuun akka barbaadan isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhan. Achiis Yesuus tasgabbiidhaan, “Inni ana dha isiniin jedheeraam. Kanaaf isin ana barbaaddu yoo taʼe, namoonni kun haa deeman dhiisaa” isaaniin jedhe. Yesuus, yeroo rakkisaa taʼe kanatti illee wanta kanaan dura namni tokkittiin akka hin badne dubbatee ture ni yaadata. (Yohaannis 6:39; 17:12) Yesuus, Yihudaa isa “ilma badiisaa” taʼe irraa kan hafe, ergamoota isaa amanamoo taʼan keessaa tokko illee akka hin badne eegeera. (Yohaannis 18:7-9) Kanaaf, duuka buutonni isaa amanamoo taʼan kun akka deeman gaafate.

      Loltoonni bakka kukkufanii kaʼanii gara Yesuusitti yommuu deeman ergamoonni wanta taʼaa jiru hubatan. Achiis, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?” jedhanii gaafatan. (Luqaas 22:49) Yesuus deebii isaanii kennuu isaa dura Pheexiros goraadee ergamoonni qabatanii turan lamaan keessaa tokko luqqifate. Achiis gurra mirgaa Maalkos isa garbicha luba ol aanaa taʼee kute.

      Yesuus gurra Maalkos qaqqabee isaaf fayyise. Achiis, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jedhee Pheexirosiin ajajuudhaan barumsa barbaachisaa taʼe barsiise. Yesuus, “Wanti Kitaabonni Qulqulluun akkana taʼuu akka qabu dubbatan akkamitti raawwatama ree?” jechuun isaa, qabamuuf fedhii akka qabu kan argisiisu dha. (Maatewos 26:52, 54) Itti dabalees, “Xoofoo Abbaan anaaf kenne dhuguu hin qabuu?” jedhe. (Yohaannis 18:11) Yesuus hamma duʼaatti illee taanaan fedhii Abbaan isaa isaaf qabu ni raawwata.

      Yesuus namoota kanaan akkana jedhe: “Akka nama saamtuu qabuutti goraadee fi ulee qabattanii ana qabuu dhuftanii? Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isin garuu na hin qabne. Haa taʼu malee, kun hundi kan taʼe, wanti raajonni barreessan akka raawwatamuufi.”—Maatewos 26:55, 56.

      Gareen loltootaa, ajajaan loltootaa fi eegdonni mana qulqullummaa Yihudootaa Yesuusiin qabanii hidhan. Ergamoonni kana yommuu argan ni baqatan. Haa taʼu malee, “dargaggeessi” tokko Yesuusiin hordofuuf namoota sanatti makamee hafe. Dargaggeessi kun Maarqos isa barataa Yesuus taʼe taʼuu hin oolu. (Maarqos 14:51) Namoonni kun eenyummaa dargaggeessa kanaa baranii isa qabuuf yaallaan, uffata quncee talbaa irraa hojjetamee fi marxifate gatee baqate.

      • Yihudaan, Yesuusiin barbaaduuf bakka ashaakiltii Getesemaanee kan deeme maaliifi?

      • Pheexiros Yesuus irraa faccisuuf maal godhe? Yesuus garuu maal jedhe?

      • Yesuus fedhii Waaqayyoo gochuu akka barbaadu kan argisiise akkamitti?

      • Ergamoonni Yesuusiin dhiisanii yeroo baqatan isa biratti kan hafe eenyu dha? Achii hoo maaltu taʼe?

  • Yesuus Haannaasitti, Achii Immoo Qayyaafaatti Geeffame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Qayyaafaan uffata isaa tarsaase; warri kaan Yesuusiin kabalan, isatti qoosan, akkasumas abootteedhaan isa rukutan

      BOQONNAA 125

      Yesuus Haannaasitti, Achii Immoo Qayyaafaatti Geeffame

      MAATEWOS 26:57-68 MAARQOS 14:53-65 LUQAAS 22:54, 63-65 YOHAANNIS 18:13, 14, 19-24

      • YESUUS HAANNAAS ISA KANAAN DURA, LUBA OL AANAA TURETTI GEEFFAME

      • SAANHEDIRIIN DHADDACHA SEERAAN ALAA TAAʼE

      Yesuus akka yakkamaatti qabamee hidhamuudhaan gara mana Haannaas isa luba ol aanaa turee fi yommuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti barsiisota dinqisiise turetti geeffamaa jira. (Luqaas 2:42, 47) Ilmaan Haannaas tokko tokko yeroo booda luba ol aanaa taʼanii tajaajilaniiru; amma garuu luba ol aanaa taʼee tajaajilaa kan jiru Qayyaafaa isa soddaa isaa taʼe dha.

      Yeroo kanatti Haannaas Yesuusiin gaaffii gaafachuu jalqabe; Qayyaafaan immoo miseensota Saanhediriin walitti qabuuf yeroo argate. Yaaʼichi luba ol aanaa fi namoota aangoo ol aanaa akkasii qaban dabalatee miseensota 71 qaba.

      Haannaas “waaʼee barattoota isaa fi waaʼee barumsa isaa” Yesuusiin gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebiseef: “Ani ifatti addunyaatti dubbadheera. Ani yeroo hunda mana sagadaa fi mana qulqullummaa bakka Yihudoonni hundi itti wal gaʼan keessatti barsiisaan ture; ani waan tokko illee iccitiidhaan hin dubbanne. Maaliif ana gaafatta? Namoota wanta ani itti hime dhagaʼan gaafadhu.”—Yohaannis 18:19-21.

      Eegdota mana qulqullummaa achi dhaabatan keessaa tokko Yesuusiin kabalee, “Dura buʼaa lubootaatiif akkasitti deebistaa?” isaan jedhe. Yesuus garuu dogoggora akka hin raawwanne waan beekuuf akkana jedhe: “Ani wanta dogoggora taʼe dubbadheera yoon taʼe, dogoggora ani dubbadhe natti himi; wanti ani dubbadhe sirrii yoo taʼe garuu maaliif na rukutta?” (Yohaannis 18:22, 23) Achiis Haannaas, Yesuusiin gara soddaa isaa gara Qayyaafaatti akka geessan taasise.

      Amma miseensonni Saanhediriin, jechuunis Qayyaafaa inni luba ol aanaa taʼee tajaajilaa jiru, maanguddoonni sabichaa fi barsiisonni seeraa walitti qabaman. Kan walitti qabamanis mana Qayyaafaatti dha. Halkan Faasikaatti dhaddacha akkasii taaʼuun seeraan ala taʼus, kun kaayyoo isaanii isa jalʼaa taʼe raawwachuu isaan hin dhowwine.

      Dhaddachi kun loogii irraa walaba kan taʼe miti. Yesuus, Alaazaariin erga duʼaa kaasee booda miseensonni Saanhediriin Yesuus ajjeefamuu akka qabu murteessanii turan. (Yohaannis 11:47-53) Guyyoota muraasa dura geggeessitoonni amantii Yesuusiin qabuu fi isa ajjeesuuf mariʼatanii turan. (Maatewos 26:3, 4) Dhaddachi kun dhimma Yesuus ilaaluuf taaʼuu isaa dura iyyuu, akka inni ajjeefamu murteesseera.

      Dhaddacha seeraan alaa taaʼuu malees, dura buutonni lubootaa fi miseensonni Saanhediriin himata Yesuus irratti dhiheessaniif namoota ragaa sobaa dubbatan barbaadaa jiru. Namoota hedduu kan argatan taʼus, ragaan isaan dhiheessan wal hin simne. Xumura irratti namoonni lama dhihaatanii akkana jedhan: “Inni, ‘Ani mana qulqullummaa harkaan ijaarame kana diigee, guyyaa sadiitti isa harkaan hin ijaaramne kan biraa nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.” (Maarqos 14:58) Haa taʼu malee, ragaan namoota kanaas guutummaatti wal hin simne.

      Qayyaafaan, “Deebii tokko illee hin kennituu? Wanta namoonni kun si irratti ragaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee Yesuusiin gaafate. (Maarqos 14:60) Yesuus namoonni ragaa wal faallessu dubbatan kun himata sobaa yommuu isa irratti dhiheessan ni callise. Kanaaf, Qayyaafaa inni Luba Ol Aanaa taʼe mala gara biraatti fayyadame.

      Qayyaafaan, namni tokko Ilma Waaqayyoo yoo ofiin jedhe, kun Yihudoota akka aarsu beeka. Yesuus kanaan dura, Waaqayyo Abbaa isaa akka taʼe yommuu dubbate, Yihudoonni ‘Waaqayyoo wajjin of qixxeesseera’ jechuudhaan isa ajjeesuu barbaadanii turan. (Yohaannis 5:17, 18; 10:31-39) Qayyaafaan kana waan hubateef haxxummaadhaan, “Ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo taʼuu fi dhiisuu kee akka nutti himtu, ani Waaqayyo isa jiraataadhaan sin kaksiisa!” jedheen. (Maatewos 26:63) Yesuus Ilma Waaqayyoo akka taʼe beeksisee ture. (Yohaannis 3:18; 5:25; 11:4) Amma Yesuus kana hin mirkaneessu taanaan, Ilma Waaqayyoo fi Kiristoos taʼuu isaa akka ganetti fudhatamuu dandaʼa. Kanaaf Yesuus, “Eeyyee ana dha; Ilmi namaa mirga isa humna qabeessa sanaa taaʼee, duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argitu” jedhe.—Maarqos 14:62.

      Yeroo kanatti Qayyaafaan haala xiyyeeffannaa namootaa harkisuun uffata isaa tarsaasee, “Waaqayyoon arrabseera! Kana caalaa ragaa baatota dabalataa maaliitu nu barbaachisa? Kunoo, Waaqayyoon arrabsuu isaa isin iyyuu dhageessaniittu. Maarree maal isinitti fakkaata?” jedhe. Miseensonni Saanhediriin, “Duʼuu qaba” jechuudhaan murtoo jalʼaa isa irratti dabarsan.—Maatewos 26:65, 66.

      Achiis Yesuusitti qoosuu fi abootteedhaan isa rukutuu jalqaban. Warri kaan immoo isa kabalan, akkasumas isatti tufan. Fuula isaa haguuganii erga isa kakkabalanii booda, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isatti qoosan. (Luqaas 22:64) Ilmi Waaqayyoo, dhaddacha seeraan alaa halkaniin taaʼameen jalʼinni isa irratti raawwatame!

      • Yesuus jalqaba eessatti geeffame? Achitti hoo maaltu isa mudate?

      • Yesuus itti aansee eessatti geeffame? Qayyaafaan, miseensonni Saanhediriin Yesuus akka ajjeefamu akka murteessan gochuuf mala akkamiitti fayyadame?

      • Dhaddacha sana irratti gocha gara jabinaa akkamiitu raawwatame?

  • Mana Qayyaafaatti Ganame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus barandaa irra dhaabatee Pheexiros isa isa gane ilaale; kormaan indaaqqoo duuba isaaniitiin ni mulʼata

      BOQONNAA 126

      Mana Qayyaafaatti Ganame

      MAATEWOS 26:69-75 MAARQOS 14:66-72 LUQAAS 22:54-62 YOHAANNIS 18:15-18, 25-27

      • PHEEXIROS YESUUSIIN GANE

      Yesuus bakka ashaakiltii Getesemaaneetti yommuu qabame ergamoonni waan sodaataniif isa dhiisanii baqatanii turan. Isaan keessaa namoonni lama baqachuu dhiisanii deebiʼan. Namoonni kun, Pheexirosii fi ‘barataa kan biraa tokko’ dha. Barataan kun tarii Yohaannis ergamaa taʼuu hin oolu. (Yohaannis 18:15; 19:35; 21:24) Yesuus gara Haannaasitti yommuu geeffamu isa duukaa buʼanii taʼuu dandaʼa. Haannaas, Yesuusiin gara Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaatti yommuu ergu, Pheexirosii fi Yohaannis xinnoo irraa fagaatanii isa hordofaa turan. Lubbuu isaaniitiif kan sodaatan taʼus, wanti Gooftaa isaanii irra gaʼus isaan yaaddessee taʼa.

      Yohaannis luba ol aanaa biratti waan beekamuuf mooraa mana Qayyaafaatti ol gale. Pheexiros garuu hamma Yohaannis deebiʼee shamarree balbala sana eegdutti dubbatutti mooraadhaa ala ture. Achiis Pheexiros akka ol seenu heyyamameef.

      Halkanichi waan qorruuf namoonni mooraa kana keessa jiran cilee qabsiisanii qaqqaammachaa jiru. Pheexirosis ibiddicha qaqqaammachaa wanta Yesuus irratti raawwatamu “ilaaluuf” isaanii wajjin taaʼe. (Maatewos 26:58) Amma, shamarreen balbala eegduu fi Pheexirosiin ol galchite kun ifa ibiddichaatiin akka gaariitti isa arguu dandeessi. “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jetteen. (Yohaannis 18:17) Pheexiros, Yesuus duukaa akka ture kan isa irratti bare ishii qofa miti.—Maatewos 26:69, 71-73; Maarqos 14:70.

      Haalli kun Pheexirosiin baayʼee naasise. Akka isa irratti hin beekamne gochuuf kan yaale siʼa taʼu, suuta jedhee karaa karra mooraa gad baʼe. Pheexiros, Yesuusii wajjin akka hin turre dubbate. “Ani nama kana hin beeku; wanti ati dubbachaa jirtus naaf hin galu” jedhee gane. (Maarqos 14:67, 68) Kana malees, Pheexiros “of abaaruu fi kakachuu” jalqabe. Jechuunis wanti inni dubbate dhugaa taʼuu isaa, soba yoo taʼe garuu wanta isa irra gaʼu akka fudhatu mirkaneesse.—Maatewos 26:74.

      Yeroo kanatti dhaddachi Yesuusiin ilaalchisee taaʼe, mana Qayyaafaa isa mooricha keessa jiru keessatti geggeeffamaa jira. Pheexirosii fi warri kaan namoota garaa garaa Yesuus irratti ragaa baʼuuf seenanii baʼan arguu dandaʼu.

      Pheexiros akka warra Galiilaatti kan dubbatu taʼuun isaa, wanti inni dubbate soba akka taʼe kan saaxilu dha. Kana malees, namoota sana keessaa tokko fira Maalkos isa Pheexiros gurra isaa kutee ti. Namichi kun, “Ani bakka ashaakiltii sana keessatti isaa wajjin si hin arginee?” kan jedhe yommuu taʼu, kunis dhimmichi Pheexirositti akka cimu taasise. Pheexiros yeroo sadaffaadhaaf Yesuusiin yommuu ganu, akkuma dursee dubbatame kormaan indaaqqoo ni iyye.—Yohaannis 13:38; 18:26, 27.

      Yesuus tarii yeroo kanatti barandaa irra dhaabatee jira. Gooftaan garagalee Pheexirosiin hubatee ilaale; yeroo kanatti Pheexiros baayʼee isatti dhagaʼamee taʼuu qaba. Wanta Yesuus saʼaatii muraasa dura kutaa fooqii irraa keessatti dubbate yaadate. Pheexiros wanta hojjete yommuu hubatu miirri isaa hammam miidhamuu akka dandaʼu mee yaadi! Pheexiros gad baʼee hirqinfatee booʼe.—Luqaas 22:61, 62.

      Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Pheexiros inni karaa hafuuraa cimaa fi amanamaa akka taʼe mirkanaaʼaa ture akkamitti Gooftaa isaa ganuu dandaʼa? Haqni jalʼateera, Yesuus akka yakkamaa hamaatti itti murteeffameera. Pheexiros nama balleessaa tokko illee hin qabnee fi ‘dubbii jireenya bara baraa qabu’ kana cinaa dhaabachuu mannaa isa gane.—Yohaannis 6:68.

      Haalli gaddisiisaan Pheexirosiin mudate kun, namni Waaqayyoof bulee fi amantii cimaa qabu akkamii iyyuu qorumsa ykn rakkina akka tasaa isa irra gaʼuuf sirriitti of hin qopheessine taanaan kufuu akka dandaʼu kan argisiisu dha. Wanti Pheexiros irra gaʼe tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf akka akeekkachiisaatti kan tajaajilu dha.

      • Pheexirosii fi Yohaannis mooraa mana Qayyaafaa seenuu kan dandaʼan akkamitti?

      • Pheexirosii fi Yohaannis mooraa keessa yommuu turan, mana keessatti maaltu geggeeffamaa ture?

      • Pheexiros of abaaruu fi kakachuun isaa maal argisiisa?

      • Wanta Pheexiros irra gaʼe irraa barumsa akkamii arganna?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi