FAARFANNAA 65
Gaʼeessummaatti Guddadhu!
- 1. Saffisaan guddadhu gaʼeessummaatti! - Ifa dhugaa haa argan namoonni salphaatti. - Fooyyessuuf carraaqi tajaajila kee; - Si eebbisa Waaqni kee. - Atis lallabuu ni dandeessa. - Beekta Yesuus kana gochuusaa. - Waaqa amanadhu gargaarsa ʼrgachuuf, - Dhaabbadhu qajeelummaaf. 
- 2. Sodaa hin qabaatin dubbicha labsi! - Misiraachicha nama hundatti beeksisi. - Manaa gara manaa dhaqii barsiisi, - Nuu wajjin Waaqa faarsi. - Nu doorsisanis mormitoonni, - Lallabi duubattiʼn jedhini. - Mootummaan Waaqayyoo dhufuusaa labsi. - Dhugaa hunda barsiisi. 
- 3. Jabaadhu, yoomiyyuu miira kee cimsi, - Hojii baayʼeen jira - Dandeettii kee fooyyessi. - Hafuura Waaqayyootiin geggeeffami. - Gammachuusaa dhandhami. - Namoota argattu jaalladhu. - Garaa tuquuf dhaqii gaafadhu. - Isaan gargaari guddina ʼkka godhan, - Sirriitʼ haa ifu dhugaan. 
(Dabalataan, Filp. 1:27; 3:16; Ibr. 10:39 ilaali.)