FAARFANNAA 63
Nuti Dhugaa Baatota Yihowaa Ti!
- 1. Namoonnʼ waaqa tolfatu, - Dhagaa fi muka irraa. - Waaqa dhugaaʼn beekan, - Uumaa waa maraa. - Waaqoliin kaan hin beekan - Waaʼee gara fuulduraa. - Waaqummaasaanii hin mulʼisne, - Kanaaf gatii hin qabaanne. - (BUUSAA) - Nuti Dhugaa Baatota; - Dhugaa Baatuu Yihowaa. - Inni raajii dhugaa dubbata; - Waan jedhe ni raawwata. 
- 2. Maqaa Waaqayyoo himna, - Boonnee isa beeksisna. - Waaʼee Mootummaasaa - Cimnee lallabna. - Dhugaan bilisa baasa - Kana namatti himna. - Karaa hafuuraa yoo jabaatan - Ni faarfatu gammachuudhaan. - (BUUSAA) - Nuti Dhugaa Baatota; - Dhugaa Baatuu Yihowaa. - Inni raajii dhugaa dubbata; - Waan jedhe ni raawwata. 
- 3. Dhugaa baʼuufiin keenya, - Maqaa Waaqaa guddisa. - Kan isa arrabsan - Akeekkachiisa. - Kan qalbii jijjiiraniif, - Dhiifama argamsiisa. - Waaqaaf buluun gammachuu fida; - Bara baraaf jiraachisa. - (BUUSAA) - Nuti Dhugaa Baatota; - Dhugaa Baatuu Yihowaa. - Inni raajii dhugaa dubbata; - Waan jedhe ni raawwata. 
(Dabalataan, Isa. 37:19; 55:11; His. 3:19 ilaali.)