LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 5
    • Maleekonni Waaqayyoo Kan Gurmaaʼan Akkamitti?

      Hogganaa maleekotaa kan taʼe Mikaaʼel, maleekaa humnaa fi aangoodhaan hunda caalu dha. Kitaabni Qulqulluun, Mikaaʼel maqaa kan biraa Yesuus ittiin beekamu akka taʼe ifatti dubbata.—1 Tasalonqee 4:16; Yihudaa 9.

      Suraafeloota mirgaa fi ulfina qabaachuu irratti maleekota gidduudhaa sadarkaa guddaa kan qaban siʼa taʼu, naannoo teessoo Waaqayyootti argamu.—Isaayaas 6:1-3.

      Kiruubeloonnis sadarkaa guddaa kan qaban siʼa taʼu, itti gaafatamummaa addaa hojii ulfina Waaqayyo isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin walitti dhufeenya guddaa qabu raawwatu. Yeroo baayʼee utuu isa tajaajilanii mulʼataniiru.—Uumama 3:24; Hisqiʼel 9:3; 11:22.

      Maleekonni kuma kudhaniin lakkaaʼaman kaan immoo fedhii Waaqayyoo raawwachuu irratti bakka buʼootaa fi gargaartota isa Hundaa Olii taʼuudhaan tajaajilu.b—Ibroota 1:7, 14.

  • Maleekaa Dhuunfaatti Si Eegu Qabdaa?
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 5
    • MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN WAAʼEE MALEEKOTAA MAAL JEDHA?

      Maleekaa Dhuunfaatti Si Eegu Qabdaa?

      Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon namaa maleekaa isa eegu akka qabu hin barsiisu. Dhugaa dha, Yesuus yeroo tokko akkana jedheera: “Dhuguman isiniin jedha, maleekonni isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii waan ilaalaniif, warra xixinnoo kana [barattoota Kiristoos] keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.” (Maatewos 18:10) Haa taʼu malee, Yesuus yeroo kana dubbatu tokkoon tokkoon namaa maleekaa isa eegu qaba jechuu isaa hin turre; kanaa mannaa maleekonni tokkoon tokkoon barattoota isaa xiyyeeffannaadhaan akka hordofan ibsuuf ture. Kanaaf, waaqeffattoonni dhugaa maleekonni Waaqayyoo akka isaan eegan yaaduudhaan tarkaanfii dogoggoraa balaadhaaf isaan saaxilu hin fudhatan.

      Kana jechuun maleekonni ilmaan namootaa hin gargaaran jechuu dhaa? Lakki. (Faarfannaa 91:11) Namoonni tokko tokko Waaqayyo maleekota isaatti fayyadamee akka isaan eegee fi qajeelfama akka isaaniif kenne cimsanii amanu. Keeneeti inni mata duree jalqabaa irratti caqasamee ture akkas isatti dhagaʼamee ture. Mirkanaaʼoo taʼuu baannus, wanti inni dubbate sirrii taʼuu dandaʼa. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa isaanii irratti yommuu hirmaatan, yeroo baayʼee gargaarsa maleekotaa akka qaban ni argu. Haa taʼu malee, maleekonni ijaan waan hin argamneef, Waaqayyo dhimmawwan gara garaa irratti namoota gargaaruuf hanga maaliitti akka isaanitti fayyadamu dubbachuu hin dandeenyu. Taʼus, gargaarsa Waaqayyo inni Hundumaa Dandaʼu nuuf godhe kamiif iyyuu isa galateeffachuun keenya dogoggora miti.—Qolosaayis 3:15; Yaaqoob 1:17, 18.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi